xiinxala qulqullina barreeffama afaan oromoo · pdf file1 xiinxala qulqullina barreeffama...

53
1 Xiinxala qulqullina barreeffama Afaan Oromoo Muummee Afaan Oromoofi Ogbarruu, Kolleejjii Saaynsii Hawaasaafi Namummaa Yunivarsiitii Amboo, Oromiyaa Beekan Gulummaa Irranaa ([email protected] )- +251911074437 -12/05/2014 Axeraara Qorannoon kun xiinxala qulqullina barreeffama Afaan Oromoo Taappellaafi Beeksisootaa magaalota naannoo Finfinnee jedhurratti kan xiyyeeffatuudha. Hanga qorataan kun beekutti hanqinoonni gama qulqullina barreeffama Afaan Oromootiin mul'ataa jiran kun guddina Afaanichaa irratti warreen dhiibbaa fidaa jiranidha. Keessumattuu wantoonni akka beeksisaatti taappeellaarratti dogoggoraan barreeffamanii jiran kunneen namoota Afaan Oromoo hinbeekne biratti akka waan sirrii ta’aniitti fudhatamuun dogoggorichi akka babal’atu gochaa jiru. Gama guddina barreeffama Afaan Oromootiin yoo ilaalles gufuu ta’uun beekamaadha. Kanaafuu, qoratichi muuxannoo qaburraa ka’uun jalqa ba rakkooleen gama qulqullinaafi fayyadama afaaniitiin mul’atan maal maal akka ta’an addaan baasuuf akkasumas, ka’umsi rakkoolee kanneenii maal akka ta’e bira ga’uuf qorannoo geggeessee jira. Haaluma kanaan, kaayyoon qorannichaa qulqullina barreeffama Afaan Oromoo Taappellootaafi beeksisoota magaalota naannoo Finfinnee keessatti mul’atu xiinxaluudha. Kana raawwachuuf ammoo qoratichi mala qorannoo qulqulleeffataatti dhimma ba’e. Odeeffannoos daawwannaafi af-gaaffiitti gargaaramuun walitti qabateera. Odeeffannoon guuramanis haala walitti dhufeenya qabaniin qindaa’uun xiinxalaman.Bifuma kanaan, rakkoon caasaa (duraa duuba jechootaa eeguu dhabuu, walqabsiistuu ‘fi’ akka of danda’aatti fayyadamuu), dogoggora qubee (qubee guddaafi qubee xiqqaa iddoo malee fayyadamuu, dubbifamaa iddoo malee jabeessuufi laaffisuu, dubbachiistuus dheeressuufi gabaabsuu, dogoggora irrabutaa, dogoggora hudhaa, dogoggora qubee Afaan Oromoo addaan baasuu dhabuufi) hanqinni jijjiirraa (hanqina jijjiirraa maqaa, fayyadama jechoota mijatoo hintaane, dhaabbii dhabuu jechootaa, fayyadama jechoota ifa hintaaneefi yaada hanquu kan dabarsan fayyadamuun) irratti xiyyeeffannoon nikennama. Maddi dogoggora kanneeniis Afaan Oromoorratti beekumsa dhabuu, dhiibbaa beekumsa caasaa afaan biroo (Afaan Amaaraafi Afaan Ingilizii), dhiibbaa beekumsa caasaa Afaan Oromoo duraaniifi xiyyeeffannaa kennuufii dhabuu ta’uun sakatta'amee xiinxalameeras. Rakkoolee kana furuuf, ga’umsa Afaan Oromoo barreessitoota beeksisaa cimsuu, waajjiroota dhimmi kun isaan ilaallatuuf muuxannoo hawaasa taappeellaa kana dhhabbatan sanaa gama Afaan Oromoon cimsuu. Ogeeyyiin afaanii keessumattuu Afaan Oromoon leenji'an gita kana irratti bobba'uun hojjechuu qabu. Jechoota Ijoo: Qulqullina, Taappeellaa, Beeksisoota, Dogoggora, Finfinnee, Oromiyaa. SEENSA: Duubee Qorannichaa 1.1 Seensa Afaan Oromoo uummata bal’aa, shawaa, Arsii, Baalee, Wallagga, Harargee, Iluu Abbaaboora, Walloo, Jimmaaf afaan dhalootaa yeroo ta’u, Oromoota Gamuugoofaa, Sidaamoo, Goojjamiifi Keeniyaa keessa

Upload: buianh

Post on 01-Feb-2018

2.148 views

Category:

Documents


205 download

TRANSCRIPT

Page 1: XIINXALA QULQULLINA BARREEFFAMA AFAAN OROMOO · PDF file1 Xiinxala qulqullina barreeffama Afaan Oromoo Muummee Afaan Oromoofi Ogbarruu, Kolleejjii Saaynsii Hawaasaafi Namummaa Yunivarsiitii

1

Xiinxala qulqullina barreeffama Afaan Oromoo

Muummee Afaan Oromoofi Ogbarruu, Kolleejjii Saaynsii Hawaasaafi Namummaa

Yunivarsiitii Amboo, Oromiyaa

Beekan Gulummaa Irranaa ([email protected])- +251911074437 -12/05/2014

Axeraara

Qorannoon kun xiinxala qulqullina barreeffama Afaan Oromoo Taappellaafi Beeksisootaa magaalota

naannoo Finfinnee jedhurratti kan xiyyeeffatuudha. Hanga qorataan kun beekutti hanqinoonni gama

qulqullina barreeffama Afaan Oromootiin mul'ataa jiran kun guddina Afaanichaa irratti warreen dhiibbaa

fidaa jiranidha. Keessumattuu wantoonni akka beeksisaatti taappeellaarratti dogoggoraan barreeffamanii

jiran kunneen namoota Afaan Oromoo hinbeekne biratti akka waan sirrii ta’aniitti fudhatamuun

dogoggorichi akka babal’atu gochaa jiru. Gama guddina barreeffama Afaan Oromootiin yoo ilaalles gufuu

ta’uun beekamaadha. Kanaafuu, qoratichi muuxannoo qaburraa ka’uun jalqaba rakkooleen gama

qulqullinaafi fayyadama afaaniitiin mul’atan maal maal akka ta’an addaan baasuuf akkasumas, ka’umsi

rakkoolee kanneenii maal akka ta’e bira ga’uuf qorannoo geggeessee jira. Haaluma kanaan, kaayyoon

qorannichaa qulqullina barreeffama Afaan Oromoo Taappellootaafi beeksisoota magaalota naannoo

Finfinnee keessatti mul’atu xiinxaluudha. Kana raawwachuuf ammoo qoratichi mala qorannoo

qulqulleeffataatti dhimma ba’e. Odeeffannoos daawwannaafi af-gaaffiitti gargaaramuun walitti qabateera.

Odeeffannoon guuramanis haala walitti dhufeenya qabaniin qindaa’uun xiinxalaman.Bifuma kanaan,

rakkoon caasaa (duraa duuba jechootaa eeguu dhabuu, walqabsiistuu ‘fi’ akka of danda’aatti

fayyadamuu), dogoggora qubee (qubee guddaafi qubee xiqqaa iddoo malee fayyadamuu, dubbifamaa

iddoo malee jabeessuufi laaffisuu, dubbachiistuus dheeressuufi gabaabsuu, dogoggora irrabutaa,

dogoggora hudhaa, dogoggora qubee Afaan Oromoo addaan baasuu dhabuufi) hanqinni jijjiirraa

(hanqina jijjiirraa maqaa, fayyadama jechoota mijatoo hintaane, dhaabbii dhabuu jechootaa, fayyadama

jechoota ifa hintaaneefi yaada hanquu kan dabarsan fayyadamuun) irratti xiyyeeffannoon nikennama.

Maddi dogoggora kanneeniis Afaan Oromoorratti beekumsa dhabuu, dhiibbaa beekumsa caasaa afaan

biroo (Afaan Amaaraafi Afaan Ingilizii), dhiibbaa beekumsa caasaa Afaan Oromoo duraaniifi

xiyyeeffannaa kennuufii dhabuu ta’uun sakatta'amee xiinxalameeras. Rakkoolee kana furuuf, ga’umsa

Afaan Oromoo barreessitoota beeksisaa cimsuu, waajjiroota dhimmi kun isaan ilaallatuuf muuxannoo

hawaasa taappeellaa kana dhhabbatan sanaa gama Afaan Oromoon cimsuu. Ogeeyyiin afaanii

keessumattuu Afaan Oromoon leenji'an gita kana irratti bobba'uun hojjechuu qabu.

Jechoota Ijoo: Qulqullina, Taappeellaa, Beeksisoota, Dogoggora, Finfinnee, Oromiyaa.

SEENSA: Duubee Qorannichaa

1.1 Seensa

Afaan Oromoo uummata bal’aa, shawaa, Arsii, Baalee, Wallagga, Harargee, Iluu Abbaaboora, Walloo,

Jimmaaf afaan dhalootaa yeroo ta’u, Oromoota Gamuugoofaa, Sidaamoo, Goojjamiifi Keeniyaa keessa

Page 2: XIINXALA QULQULLINA BARREEFFAMA AFAAN OROMOO · PDF file1 Xiinxala qulqullina barreeffama Afaan Oromoo Muummee Afaan Oromoofi Ogbarruu, Kolleejjii Saaynsii Hawaasaafi Namummaa Yunivarsiitii

2

jiraataniin akka Afaan dhalootaatti dubbatama (Madda walaabuu (2005). Kana malees, Afaan Oromoo

Impaayera Itoophiyaa keessatti bal’inaan akka dubbatamu Gragg (1976:166).

The Oromoo language is spoken over a large area extending from wello in the North to north Kenya in south, and from Wellegga in the west to Harar in the east, with Addis Ababa in the intersection of two axes. jechuudhaan ni ibsa.

Afaan oromoo namoota Miliyoona 40 oliin kan dubbatamu, ardii Afriikaa keessatti afaan dhalootaan

dubbataman keessaa sadarkaa 2ffaarratti kan argamu, uummata Afaan kushii dubbatan harka sadii

keessaa harka lamaa oliin kan dubbatamu, akkasumas, addunyaa keessatti damee Afaan Afiroo

Eeshiyaa keessa bal’inaan dubbatamuurratti sadarkaa 3ffaa rratti ni argama (Mekuria Bulcha (1995:36).

Haaluma wal-fakkaatuun Gadaa Malbaa (1988:15) Afaan Oromoo Afaanota Afriikaa keesssatti

dubbataman tilmaamaan 1000 ta’an keessaa kanneen bal’inaan dubbataman shanan keessatti akka

argamu addeesseera.

Afaan kun Carraa barruun dagaaguu utuu hin argatiin hanga jaarraa 19ffaatti turuu isaa Makura Bulcha

(1995:36) nidubbata. Jaarraa jedhame kanaa eegalee beektotaan (Jarosseau 1922, Andrzejewski

(1957,1966, 1972), Webster 1960, Borello(1945, 1946, 1948, 1970) Abdurahman (1969, 1972) Afaan

Oromoorratti barreeffamuu isaa Gragg, Bender (1976:168) keessatti ni ibsa. Kana malees dhalootee

Oromoo kan ta’an Onesmos Nasiibiifi Aster Gannoo kitaabolee addaddaa Arfii saabaatiin gara Afaan

Oromootti kan hiikaniifi ofiis barreessanii maxxansiisuu isaaanii (ibid) ragaa baha. Haaluma kana

cimsuun Gadaa malbaa (1988:16) Namoota biyya alaa Oromiyaa do’ataniin wanti hedduun waa’een

Afaan Oromoo kan barreeffame keessumaayyuu Misiyoononni Awrooppaa hojii baay’ee arfii Roomaa,

Saabaa fi kan Arabaa fayyadamuu dhaan Afaan Oromoon kan barreessan yeroo ta’u, meeshaaleen

maxxaafaman kitaaba qulqullu dabalatee faaruu amantaa fi miti-amantaa, Galmee jechootaa,

mammaaksa, walaloo, Kitaabolee mana barumsaa, seeluga K.K.f akka barreeffaman ni addeessa.

Afaan Oromootiin barreessuf arfii tajaajilaa turan kan Roomaa, Arabaafi saabaa hunduumtuu afaanichaaf

halagaadha. Ta’us kan Roomaa barreeffama Afaan oromootiif hamma tokko mijataadha. Namni arfii

saabaafi Roomaa fayyadamuudhaa afaan Oromootiin barreessuuf yaale hayyuun xaaliyaanii, Cerulli

(1922) tokko rakkoo arfii saabaatiin fayyadamuun qabu (ibid) yeroo ibsu

… to express the sounds of Oromo language with letters of the Ethiopic (sabean) alphabet, which express very imperfectly even the sounds of the Ethiopian language written in Ethiopic alphabet is very like deciphering a secret writing.

Jechuudhaan jeroo ibsu rakkoo kana maqsuufis gareen siyaasaa, aadaafi xinqooqa Oromoo hedduun

fooyaa’insa barbaachisu itti dabaluudhaan arfiin Roomaa faayidaarra akka oolu tattaafachaa turaniiru.

Jijjiiruama Mootummaa Impaayera Itiyoophiyaa keessatti bara 1974 taasifame keessatti Afaan Oromoo

mootummaafi meeshaa sabqunnamtii biratti beekamtummaa kan argate (Arfii Saabaatiin) (Gragg

1982:xiii) yeroo ta’u itti fufinsaan jijjiirama mootummaa biyyattii keessatti bara 1991 A.L.A adeemsifame

keessatti Chaarterii mootummaa Ce’umsa Itoophiyaatiin Afaan Oromoo Afaan mootummaa naannoo

Oromiyaa ta’ee bara 1991 eegalee hojiirra akka oolu heeraan mirga kenneefii jira. Kanarratti

hundaa’uunis bara 1993 eegalee Afaan Oromoo manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa keessatti Afaan

Page 3: XIINXALA QULQULLINA BARREEFFAMA AFAAN OROMOO · PDF file1 Xiinxala qulqullina barreeffama Afaan Oromoo Muummee Afaan Oromoofi Ogbarruu, Kolleejjii Saaynsii Hawaasaafi Namummaa Yunivarsiitii

3

barnootaa, sadarkaa 2ffaa keessattimmoo akka gosa barnoota tokkootti akka kennamu ta’uudhaan yeroo

ammaa kollejjiifi Yunivarsiitii addaddaatti (bakka muraasarra kan hafe) sadarkaa dippiloomaadhaa hanga

digirii 1ffaatti kan baratamaa jiruufi kanneen baratanis kan ittiin eebbifaman yeroo ta’u, yunvarsitiin

Finfinnee, Yunivarsiitii Wallaggaa keessatti digirii lammaaffaatiin kennamaa jira.

Afaan Oromoo barreeffamuu kan eegale bara 1842tti akka ta’e ibsu (Gragg, 1976; Mahaadi, 1995).

Yeroo sanarraa eegalee Afaan Oromootiin barreeffamoonni garaagaraa bal’inaan barreeffamaa turan;

ammas barreeffamaa jiru. Barreeffamoota Afaan Oromootiin barreeffaman keessaa tokko barreeffama

taappeellaa magaalota keessatti argamaniifi kanneen waajjiraalee mootummaa naannoo Oromiyaa mara

keessatti dhimma itti ba'amanidha.

Barreeffamni taappeellaa gosoota beeksisaa keessaa tokko ta’ee baay’inaan magaalota keessatti

odeeffannoo garaagaraa kennuuf kan ooludha (Wellsfi warra biroo, 2000). Barreeffamni kun Afaan

Oromootiin duraan kan hinturreefi bara 1984 as jijjiirama sirna mootummaa wajjin walqabatee naannoo

Oromiyaa keessatti Afaan Oromootiin akka barreeffamu ta’ee jira (Samuel, 2010). Ta’us, barreeffamoota

Afaan Oromoo beeksisa taappeellaa kana keessaafi waajjiroolee mootummaa keessatti hanqinoonni kun

nimullatu. Kanneen keessaa tokko fayyadama afaaniiti. Kunis, fayyadama caasaa, fayyadama qubeefi

jijjiirraati. Kanumarraa ka’uun, qoratichi dhimmoota kana qorachuufi madda jaraas addaan baasuuf

qorannoon kun gaggeeffamuuf jira.

1.2. Seenaa Barreeffama Afaan Oromoo

Bara 1970 dura Afaan Oromoo barreessuun kan danda’amu qubee Afaan Gi’iizii yookaan qubee Afaan

Arabaa qofa fayyadamuun akka ta’e ibsu (Gadaa, 1988; Gragg, 1976). Haata’u malee, jalqaba 1970 Addi

Bilisummaa Oromoo qubeen Laatinii Afaan Oromoo barreessuuf akka oolu filate (Tilahun, 1992;

Mohammed, 2010). Bara 1974-1991 Afaan Oromoo qubee Gi’iiziitiin akka barreeffamuufi tajaajila

walqunnamtiif oolu, sirni abbaa irree murteessee ture (Gragg, 1976; Mohammed, 2010). Haaluma

kanaan, Sadaasa 3,1991 walga’ii beektota Oromoo, Adda Bilisummaa Oromoon adeemsifameen qubeen

Laatinii madaqfamee akka hojiirra oolu murtaa’e (Samuel, 2010).

Walumaagalatti, Afaan Oromoo barreessuuf qubeewwan Laatinii, Gi’iiziifi Arabaa tajaajilaa turaniiru.

Yaada kana Gadaa (1988:9) akkas jechuun ibsa, “Several works have been in Oromiffa using Roman,

Sabean and Arabic scripts. Printed materials in Oromiffa include the bible, religious and non religious

songs, dictionaries, short stories, proverbs, poems, school books, grammar, etc.” Yaada kanarraa

barreeffamoonni Afaan Oromoo afaanota sadeen ibsamaniin dhiyaataa turuu hubanna.

Kanamalees, qubee Sheek Bakrii Saphaloo uumanis Afaan Oromoo barreessuuf kan oolan keessaa

arfaffaadha. Ibsa arfan isaanii bifa armaan gadiitiin haalaallu. Sheek Bakrii Saphaloo yookiin Sheek

Abubakar Usmaan Odaa jedhamee kan beekamu, waloofi dursaa (scholar) amantii ture (Mohammed,

2010). Innis, birsagarratti kan hundaa’e dubbifamaa jabeessuufi dubbachiistuu dheeressuu kan ibsu

uume (Samuel, 2010; Haywardfi warra biroo, 1981) wabeffatee akka ibsetti. Haata’u malee, Gadaa

(1988) birsageessuu sanaafi hanqina isaa ibsee jira. Innis, unkaan adda adda haata’an malee mallattoo

qubeewwan Afaan Gi’iizii hordofaniin tokko ture. Qubeewwan isaa Afaan Oromoo barreessuuf rakkoo

haaqabaataniyyuu malee, 1950 dura Oromiyaa bahaatti hojiin isaa uummata biratti fudhatama guddaa

argatee akka ture ibsama (Mohammed, 2010).

Page 4: XIINXALA QULQULLINA BARREEFFAMA AFAAN OROMOO · PDF file1 Xiinxala qulqullina barreeffama Afaan Oromoo Muummee Afaan Oromoofi Ogbarruu, Kolleejjii Saaynsii Hawaasaafi Namummaa Yunivarsiitii

4

Inni lammaffaa, hojii Oneesmos Nasiibidha. Onesmoos Nasiib (Abbaan Gammachiis) bara 1885-1898

waggoota 13 gidduutti kitaabota 7 gara Afaan Oromootti jijjiiruu isaati. Isaan keessaa 2 Asteer Gannoo

kan jedhamtu waliin akka barreesse ibsama (Mohammed, isuma). Kan biroon, Kitaaba Qulqulluu dhuma

jaarraa 18ffaa keessa yookiin bara 1899 qubee Saabaa fayyadamuun gara Afaan Oromootti hiike (Graag,

1976). Kun, seenaa barreeffama Afaan Oromoo keessatti iddoo guddaa qaba.

Sadaffaan, hojii Sheek Mohaammad Rashiid Abdulleeti. Innis, jaarraa 18ffaa keessa qubee Afaan Arabaa

fayyadamuun Quraanaafi kitaabuma amantaa musilimaa kan biroo gara Afaan Oromootti jijjiiree ture

(Samuel, 2010).

Inni arfaffaan, madaqfamuu qubee Laatiniiti. Inni kun yeroo ammaa Afaan Oromoo ittiin barreessuuf

beekkamtii argatee tajaajila kennaa kan jirudha. Madaqfamuun qubee Laatinii gama xinqooqaatiin, gama

barumsaafi sababa hojiirra oolmaa isaatiif fudhatama guddaa argachuu danda'aeera.

Sababa madaqfamuun qubee Laatinii gama xinqooqaatiin fudhatama qabaateef keessaa tokko,

qubeewwan dubbifamaafi dubbachiistuun addaan ba’anii jiraachuudha. Qubee saabaa yoo ilaalle garuu

qubee dubbifamaafi dubbachiistuu addaan baasee hinkaa’u (Tilahun, 1988). Sababni biroon

heeddummachuu qubeewwan saabaati. Kunis, mallattoolee naannoo 250 ta’an gara Afaan Oromootti

madaqsuun rakkisaa akka ta’e ibsa (Gadaa, 1988). Kanamalees, dubbachiistuu dheeressuufi dubbifamaa

gabaabsuuf rakkoo qabaachuunsaa waan ifa jirudha. Dabalataan, qubee dhootuu mallattoon ittiin bakka

buusan dhibuun rakkoo biroo akka tures niheera. Haaluma wal-fakkaatuun, (Mohammed, 2010:146)

sababoota kanniin deeggaruun akka itti aanutti dhiheessa.

The Ethiopic script has three major shortcomings when used for the Oromo language. First,

the script has only seven vowels as oppossed to ten vowels of the Oromo language. What is

more, vowels of the Ethiopic script do not have sound representation for the Oromo

language. Second, there is a difference in consonants and glottal stops. Finally, there is the

problem of germination.

Gabaabumatti, sababoonni dhiyaatan kunniin hanqina qubee Saabaa kan mul’isanidha. Kanaafuu,

madaqfamuun qubee Laatinii barbaaachisaa ta’uu mirkaneessu.

Sababni lammataa, faayidaa qubee Laatinii madaqsuu, baratamuu ilaallata. Kunis, qubeewwan muraasa

barachuu, hubachuufi fayyadamuun salphaa ta’uudha. Qubeewwan 32n jiranitti dabalataan namni Afaan

Oromoo baru tokko qajeelfamoota muraasa beekuu qaba. Kunis, waa’ee duraa duuba dubbachiistotaafi

dubbifamtootaa, tajaajila qubee dachaafaadha (Tilahun, 1992). Sadarkaa jalqabaatti odeeffannoo kana

qofa argachuun barbaachisaadha. Achiin booda, namni Afaan Oromoo baratu sun barreeffamoota Afaan

Oromootiin qophaa’an dubbisuuf gahumsa niqabaata.

Sababni sadaffaan, tajaajilarra oolmaa isaati. Qubeen Laatinii sadarkaa ol-aanaatti tajaajila kennaa jira.

Fakkeenyaaf, barataan qubee Afaan Oromoo beeku tokko qubee Afaan Ingilizii yeroo gabaabaa keessatti

barachuu danda’a. Gama birootiin, tajaajila takinooloojii kompiitaraa keessatti dhimma ba’uuf salphaa

ta’uu hubanna (Samuel, 2010). Mohammed (2010:163) yaada kana deeggaruun faayidaa filatamuu

qubee Laatinii Afaan Oromootiif akkanatti ibsa, “The choice of the latin alphabet not only facilitates the

Page 5: XIINXALA QULQULLINA BARREEFFAMA AFAAN OROMOO · PDF file1 Xiinxala qulqullina barreeffama Afaan Oromoo Muummee Afaan Oromoofi Ogbarruu, Kolleejjii Saaynsii Hawaasaafi Namummaa Yunivarsiitii

5

teaching learning process, and guarantees the steady growth of the language, but also contributes to the

psychological liberation of the Oromo people.”

Walumaagalatti, qubeen Laatinii Afaan Oromootiif madaqfamee tajaajila kennuun isaa gama

xinqooqaatiin, gama barumsaatiinis ta’e gama hojiirra oolmaa isaatiin bu’aa ol-aanaa kan qabu ta’uu nutti

mul’isa.

1.3. Afaan Oromootiin Barreessuu Yeroo Ammaa

Yeroo ammaa Afaan Oromoo afaanota qubee Laatinii fayyadamuun barreeffaman keessaa tokkodha.

Qubee Laatinii gara Afaan Oromootti madaqsanii gargaaramuurratti jijjiiramni mul’atan nijiru. Isaanis,

sagalee hudhaa /’/ dabaluu, jijjiirama sagaleessuu qubeewwan /c/, /q/fi /x/, sagaleewwan dhootuu, laagaa

[c], harsassee [k]fi irga [t] bakka bu’anii jiru. Jijjiiramni kan biroon qubeewwan dachaa fayyadamuudha.

Isaanis, /ch/, /dh/, /ny/, /sh/fi /ph/ dha. Kunis, sagaleewwan laagee rigduu [ch], irgee dhowaa [dh], laagee

funyee [ny], laagee lootuu [sh], hidhlamee dhootuu [ph] kanneen bakka bu’anidha. Kanumaan

walqabatee, jijjiiramni jiru bakka barbaachisutti dubbachiisaa dheeressuufi dubbifamaa jabeessuudha

(Samuel, 2010).

1.4. Ka’umsa Qorannichaa

Mata-duree “xiinxala qulqullina barreeffama Afaan Oromoo beeksisootaafi taappeellaa magaalota

naannoo Oromiyaa'' jedhu kanarratti qorannoo akka geggeessuuf qoratichaaf ka’umsa kan ta’e, yeroo

Afaan Oromoo daran guddachaa jiru kanatti dogoggora qubee, caasaafi jijjiirraa Afaan Oromoo

beeksisoota taappeellaa garaa garaa argaa turuudha. Dogoggorri uumaman kunniin ammoo ala waan

jiraniif ija nama hundaa seenu. Namoota fayyadama Afaan Oromoo hinbeekne birattis akka sirrii ta’anitti

fudhatamuu malu. Gama guddina barreeffama Afaan Oromootiin yoo ilaalles gufuu ta’uun beekamaadha.

Kanaafuu, qoratichi dhimmootiin qorannoofi muuxannoosaas dhimma afaaniifi aadaarratti waan ta'eef,

jalqaba rakkooleen mul’atan maal maal akka ta’an addaan baasuuf; akkasumas, ka’umsi rakkoolee

kanneenii maal akka ta’e beekee furmaata atattamaa barbaaduuf qorannoo geggeessee jira.

Kanumaan walqabatee, qorannichi gaaffilee armaan gadiitiif deebii barbaadamuuf jira.

Qulqullinni barreeffama Afaan Oromoo magaalaawwan naannoo Oromiyaatti argamanii maal fakkaata?

Fayydamni caasaa afaan Oromoofi dogoggora qubee taappeellaafi beeksisoota magaalota keessatti mul'ataa jiranii maal fakkaatu.

Qulqullinni barreeffamaa Afaan Oromoo beeksisoota taappeellaa magaalota naannoo Finfinneetiif sababoonni maalidha?

Rakkoon gama afaan biroorraa jijjiiruuf jecha uumamu maal maal fa'i?

Rakkooleen mul’atan kanaaf maddi maal ta'uu danda'a?

Page 6: XIINXALA QULQULLINA BARREEFFAMA AFAAN OROMOO · PDF file1 Xiinxala qulqullina barreeffama Afaan Oromoo Muummee Afaan Oromoofi Ogbarruu, Kolleejjii Saaynsii Hawaasaafi Namummaa Yunivarsiitii

6

1.2 Kaayyoo Qorannichaa

1.2.1 Kaayyoo Gooroo

Kaayyoon gooroo qorannoo akka waliigalaatti qulqullina barreeffama Afaan Oromoo magaalota naannoo

Finfinnee Adaamaa, buraayyuufi Amboo irratti mul'atan xiinxaluudha.

1.2.2 Kaayyoo Gooree

Kaayyoon gooree qorannoo kanaa:

Fayyadama caasaa Afaan Oromoo magaalota naannoo Finfinnee keessatti mul'atan adda

baasuu.

Qulqullina sakatta'a qubee Afaan Oromoo magaalota naannoo Finfinnee keessaa ifa gochuu.

Fayyadama dogoggora qubee Afaan Oromoo beeksisoota taappeellaa magaalota naannoo

Finfinnee keessatti mul’atanii addaan baasuu.

Beeksisoota taappeellaa magaalota naannoo Finfinnee keessatti mul’atan addaan baasuu.

Rakkoo jijjiirraa Afaan Oromoo beeksisoota taappeellaa magaalaa Oromiyaa keessatti mul’atu ifa

gochuu.

Rakkoolee mul’ataniif qabata kan ta’e bira ga’uufi furmaata barbaachisaa dhiyeessuu.

1.3 Faayidaa Qorannichaa

Qorannichi faayidaalee armaan gadii niqabaata.

Danqaaleen Afaan Oromoo akka hinguddanne taasisu gaafa duraa ka'u, waajjirooleen

mootummaa naannoo Oromiyaa saaynisii Afaan Oromoo sirriitiin tajaajila kennuu eegalu.

Hanqinoonni jiran yoo maqan, namoonni odeeffannoo kallattii kanaan darbu rakkoo tokko malee

salphaatti hubachuu danda’u.

Yaadni furmaataa kaayaman yoo hojiirra oolan, namoonni Afaan Oromootiin beeksisoota

taappeellaa barreessaniifi barreessisan hubannoo ni’argatu.

Bu’aansaa hojiirra yoo oole yookiin dogoggorri jiran yoo maqan, guddina barreeffama Afaan

Oromootiif gahee mataasaa niqabaata.

Qaama dhimma kanarratti qorannoo bal’aa geggeessuu barbaaduuf, odeeffannoon qorannoo

kanaa yaada ka’umsaa ta’uun (kennuun) nitajaajila.

1.4 Daangaa Qorannichaa

Qorannoon kun xiinxala qulqullina barreeffama Afaan Oromoo magaalota naannoo Finfinnee jedhurratti

kan xiyyeeffatuudha. Xiinxala qulqullina Afaan Oromoo kan jedhameefis akkaataa Afaan Oromoo yeroo

ammaa maxxansaalee addaddaa, manneen hojii garaagaraa fakkeenyaaf manneen barnootaa,

waajjiraalee mootummaafi wkf keessatti barreeffamee tajaajila kennaa jiru bu’uureffata. Kunis,

fayyadama caasaa Afaan Oromoo (Fkn, duraaduuba jechootaa), qubeessuu (dubbachiistuu dheeressuufi

gabaabsuu, dubbifamaa jabeessuufi laaffisuu)fi jijjiirraafaadha. Kanaafuu, xiinxala qulqullina qubee

barreeffamaatiin ala dhimma biroo fakkeenyaaf, fakkiiwwan taappeellaarratti argaman, halluu ittiin

barreeffaman, duraaduuba fayyadama afaanota ittiin barreeffamanii hinhaammatu. Beeksisoota

taappeellaa kan jedhaman beeksisoota daandiiwwan cinaa dhaabbataniifi kanneen manneen

daldalaarratti maxxanfamanii tajaajila maalii akka kennan beeksisan haammata.

Page 7: XIINXALA QULQULLINA BARREEFFAMA AFAAN OROMOO · PDF file1 Xiinxala qulqullina barreeffama Afaan Oromoo Muummee Afaan Oromoofi Ogbarruu, Kolleejjii Saaynsii Hawaasaafi Namummaa Yunivarsiitii

7

Kanaafuu, qorannoon kun magaalota naannoo Magaalaa guddittii Oromiyaa Finfinneetti marsanii jiran

keessaa Ambo, Adaamaafi sabbataa qofa xiyyeeffata. Sababiin magaalonni kunneen filamaniifis

magaalota Oromiyaa biroo caalaa giddu gala konfiraansiifi daldalaa taatee tajaajilaa kan jirtuufi

uummanni baay'inaan keessatti argamu jedhamee waan yaadameefidha. Akkasumas akka iddattootti

magaalota Oromiyaa biroof bakka bu'uu danda'u jedhamanii waan yaadamniifidha. Haaluma kanaan

yaadni mata duree xiinxala qulqullina barreeffama Afaan Oromoo magaalota naannoo Finfinnee tokko

tokko jedhuun ala dhufu qorannoo kana hin ilaallatu.

1.5. Mala Qorannichaa

Kaayyoon qorannoo kanaa akkuma duraan ibsame xiinxala qulqullina barreeffama Afaan Oromoo

beeksisootaafi taappeellaawwan magaalota naannoo Finfinnee jedhurratti. Kana gochuufimmoo, qoratichi

gosa qorannoo akkamtaa (qualitative research) fayyadamee jira. Sababnisaa, qorannoo kana keessatti

odeeffannoon guurame lakkoofsaan osoo hintaane ibsaan hiika kan argate waan ta’eefidha. Kanarratti,

Abiyfi warri biroo (2009:36) yoo ibsanu, “Qualitative research involves studies that do not attempt to

quantify their results through statistical summary or analysis,” jedhu. Dabalataan, Dastaa (2002:20)

“Qorannoon mala kanaan (akkamtaan) geggeeffamu odeeffannoo argate mala addeessaatiin ykn mala

ibsaatiin dhiheessa,” jedha. Qorannoo kana keessattis kanumatu dhimma bahame. Gama birootiin,

qorannoo kana keessatti odeeffannoon argame gadifageenyaan ragaan deeggeramee kan xiinxalame

waan ta’eefidha. Addunyaa (2011:12) yaada kana yoo cimsu, “Ciminni qorannoo kanaa (akkamtaa)

gaaffiiwwan akkam? maaliif? jedhan kaasuun gadifageenyaan xiinxaluurratti humna waan qabuuf,

amanuufi hubannoo bal’isuuf haala mijeessuu isaati,” jedha. Yaada kanarraa malli kun gadifageenyaan

xiinxaluurratti humna qabaachuufi gama amanuufi hubannoo bal’isuufis haala kan mijeessu ta’uu

hubanna. Kanaafuu, kaayyoon qorannoo kanaas xiinxala qulqullina barreeffama Afaan Oromoo

biiroolee, beeksisootaafi taappeellaa magaalota Oromiyaa jedhurratti kan xiyyeeffatu waan ta’eef,

qoratichi mala kanatti dhimma ba’uuf jira.

1.6. Madda Odeeffannoo

Maddi odeeffannoo qorannoo kanaa madda tokkoffaafi lammaffaadha. Qabannisaa, maddi tokkoffaa

odeeffannoo qorannichaa beeksisootaafi taappeellaawwan lafa Oromoo naannoo magaalaa guddittii

Oromiyaa Finfinneeti argaman, namoota beeksisoota taappeellaa barreessuurratti bobba’an kallattumaan

argachuudhaani. Maddi lammaffaa odeeffannoo qorannoo kanaa, waajjira Aadaafi Turiizimii Naannoo

magaalaa Finfinnee keessa jiran keessaa qaama dhimmi kun ilaallatudha. Keessumattuu waajjirri kun

ammoo dhimmichaaf odeeffannoo kennuurratti akka madda tokkoffaafi lammaffaatti ilaalamu danda'u.

1.7. Iddattoo

Akkuma daangaa qorannichaa jalatti ibsamuuf yaalame, kanneen qorannoon kun ilaallatu hundarraa

odeeffannoo guuruun bu’a qabeessummaa isaa daran akka cimsu beekamaadha. Haata’umalee, humna

qorannoo kanaatii ol ta’a. Kunis, yeroo, baajataafi meeshaalee barbaachisan gahaatti argachuu waan

gaafatuufidha. Kanaafuu, iddattoo gargaaramuun barbaachisaadha. Gosa qorannoo qulqulleeffataa

keessatti baay’inaan haalota, gochoota, yookiin dhimmoota ibsuurratti waan xiyyeeffatuuf dhimmi

iddattoo xiyyeeffannaa guddaa akka hinqabne Kumar (2005:165) akkanatti ibsa, “In qualitative research

Page 8: XIINXALA QULQULLINA BARREEFFAMA AFAAN OROMOO · PDF file1 Xiinxala qulqullina barreeffama Afaan Oromoo Muummee Afaan Oromoofi Ogbarruu, Kolleejjii Saaynsii Hawaasaafi Namummaa Yunivarsiitii

8

the issue of sampling has little significance as the main aim of most qualitative inquires is either to

explore or describe the diversity in a situation, phenomenon, or issue.”

Qoratichi qorannoo kana geggeessuu keessatti iddattoon dhimma itti bahe gosa iddatteessuu keessaa

mit-carraadha. Kun kan ta’eef, jamaa filataman keessaa iddattoo filachuuf carraan waan

hinfayyadamneefidha. Kana ilaalchisee Kothari (2010:59) akkanatti ibsa, “Non probability sampling is that

sampling procedure which does not afford any bases for estimating the probability that each item in the

population has of being included in the sample.” Kanaafuu, gosa iddatteessuu mit-carraa keessatti,

qoratichi ta’e jedhee carraadhaan ala ofiisaatii iddattoo kan filatu ta’uu hubanna. Dabalataan,

iddatteessuun mit-carraa yeroo baay’inni jamaa hinbeekamne yookiin tokkoo tokkoon addaan baasuufis

rakkisaa ta’u kan fayyadamnu ta’uu Kumar (2005:177) akkanatti dhiheessa, “Non probability sampling

designs are used when the number of elements in a population is either unknown or can not be

individually identified.”

Kanumaan wal-qabatee, qoratichi gosa iddatteessuu mit-carraa kana keessaammoo gosa tokko kan ta’e

iddatteessuu akkayyoo (purpossive sampling) dhimma ba’ee jira. Sababnisaa, iddattoon filataman

qabiyyee qorannichaafi kaayyoo qoratichaarratti waan hundaa’aniifidha. “Akkayyoo kan jedhames ‘akka

kaayyoo’ qorannichaatti ykn qoratichaatti odeeffataa ykn deebistoota filachuu waan ta’eefi,” (Addunyaa,

2011:67). Yaada kana cimsuun Sarantakos (2005:164) akkanatti ibsa, “In this (purpossive sampling)

technique the researchers purposely choose subjects who in their opinion, are relevant to the project. The

choice of respondents is guided by the judgement of the investigator.” Yaada kanarraa, qorataan tokko

odeef-kennitoota dhimma sana itti dhiheenyaan nibeeku jedhee itti amanu ofiin murteessee kan filatu

ta’uu hubanna.

Kanumaan wal-qabatee, Jupp (2006) akka armaan gadiitti ibsa.

Purpossive sampling is a form of non probability sampling in which decisions concerning the individuals to be included in the sample are taken by the researcher, based up on a variety of criteria which may include specialist knowledge of the research issues or capacity and willingness to participate in the research.

Yaada kanarraas iddatteessuun akkayyoo gosa iddatteessuu mit-carraa keessaa tokko akka ta’eefi

kanneen qorannicharratti hirmaachuu qaban qabiyyee garaagaraarratti fakkeenyaaf, dhimmicha

beekuurratti, gahumsaafi fedhiin hirmaachuurratti hundaa’uun qoratichaan kan murtaa’an ta’uu hubanna.

Gamabirootiin, baay’ina iddattoo ilaalchisee qorannoo qulqulleeffataa keessatti xiyyeeffannaa ijoon haala,

dhimma, adeemsa yookiin raawwii ibsuu waan ta’eef, barbaachisummaan isaa xiqqaa ta’uu Kumar

(2005:181) akkanatti ibsa, “In qualitative research, as the main focus is to explore or describe a situation,

issue, process or phenomenon, the question of sample size is less important.” Kanaafuu, yaada kanarraa

gaaffiin baay’ina iddattoo ilaallatu barbaachisaa akka hintaane hubanna. Kanaafuu, qorannoo kanarratti

qoratichi gosa iddatteessuu keessaa mit-carraafi achi jalattimmoo iddatteessuu akkayyoo dhimma ba’uun

odeeffannoo guuree jira.

Haaluma kanaan, milkaayina qorannoo kanaatiif odeeffannoon kan irraa funaanaman beeksisoota

taappeellaa magaalota naannoo Finfinnee jiraataniirraati. Gamabirootiin, odeeffannoo argaman cimsuuf,

Waajjira Aadaafi Turiizimii magaalaawwan kana keessa jiran keessaa qaama dhimmichi ilaallatu

namoota lamafi namoota magaalicha keessatti beeksisa taappeellaa barreessaa jiran nama lamaaf

gaafannoon afaanii dhiyaateeraaf. Kunis, muuxannoo barreessitoonni beeksisaa sun hojii sanarratti

Page 9: XIINXALA QULQULLINA BARREEFFAMA AFAAN OROMOO · PDF file1 Xiinxala qulqullina barreeffama Afaan Oromoo Muummee Afaan Oromoofi Ogbarruu, Kolleejjii Saaynsii Hawaasaafi Namummaa Yunivarsiitii

9

qaban bu’uureffachuun iddatteessuu darbaa dabarsaafi iddatteessuu akkayyootti (snowball sampling and

purpossive sampling) fayyadamuudhaan filataman. Iddatteessuun darbaa dabarsaa adeemsa walitti

hidhatiinsa qabuun iddattoo filachuu ta’uu Kumar (2005:179) yoo ibsu “Snowball Sampling is the process

of selecting a sample using a networks,” jedha. Kanumaan wal-qabsiisee, malli iddatteessuu kun waa’ee

iddattoo odeeffannoo irraa guurrannuu yoo baay’inaan hinbeekne yookiin iddattoo muraasa qofa

qunnamuu yoo barbaanne, kan itti fayyadamnu ta’uu ibsa. Kanaafuu, qoratichis odeef-kennitoota kana

sababa hinbeekneef; akkasumas, iddattoo muraasa waan fayyadameef, gosa iddatteessuu kanattis

dhimma bahee jira.

1.8. Meeshaalee Funaansa Odeeffannoo

Meeshaaleen funaansa odeeffannoo kamiyyuu dhibbaa dhibbatti odeeffannoo sirriifi fudhatamaa

argamsiisuuf ga’aa ta’e akka hinjirre Kumar (2005:119) yoo ibsu “None of the methods of data collection

provides 100 percent accurate and reliable information,” jedha. Yaada kanarraa meeshaaleen

odeeffannoo funaanuu kamiyyuu hanqina qabaachuu akka danda’an hubanna. Haata’u malee, qorannoo

kana geggeessuuf qoratichi meeshaalee mijatoofi odeeffannoo gahaa ni’argamsiisu jedhee kan filate

daawwannaafi af-gaaffiitti dhimma ba’a.

1.8.1. Daawwannaa

Daawwannaan meeshaalee odeeffannoo jalqabaa funaanuuf oolan keessaa tokko akka ta’eefi karaa

gochaa tokko ittiin daawwachuun yookiin dhaggeeffachuun odeeffannoo funaannu ta’uu Kumar (isuma)

yoo ibsu “Observation is one way to collect primary data. (It) is a purposeful, systematic and selective

way of watching and listening to an interaction or phenomenon as it takes place,” jedha.

Kanaafuu, meeshaa kanatti fayyadamuun qoratichi beeksisoota taappeellaa magaalaawwan Oromiyaa

naannoo Finfinneetti argaman keessaa Adaamaa, Sabbataafi Amboon daawwateera. Yeroo daawwatus

iddoo tokko tokkotti yaadannoo barbaachisaa ta’e qabachuudhaan; akkasumas, suuraa kaasuudhaan

ragaaleen barbaachisoo ta'an qabatmaatti walitti qabamaniiru.

1.8.2. Af-gaaffii

Af-gaaffiin namoonni lama yookiin isaa ol walitti dhufuun yaada sammuudhaa qaban tokkorratti kan waliin

dubbatan ta’uu Kumar (2005:123) yoo ibsu “Any person-to-person interaction between two or more

individuals with specific purpose in mind is called an interview,” jedha. Kanumaan walqabsiisee, Kothari

(2010) meeshaan odeeffannoo funaanuu kun gaaffii afaaniin dhiheessuufi afaaniin deebii kennuurratti

kan hundaa’eefi caalmaadhaan qorannoo gadi fageenya barbaaduuf kan oolu ta’uu ibsa.

Haaluma kanaan, qoratichi af-gaaffii caaseffamaarratti hundaa’uun gaaffilee dursa qopheeffachuudhaan,

jechoota wal-fakkaataafi duraa duuba wal-fakkaataadhaan odeef-kennitootaaf dhiheessuudhaan

odeeffannoo guurrateera. Kana ilaalchisee, Kumar (2005:126) haala kanaan ibsa “In a structured

interview the researcher asks a pre determined set of questions, using the same wording and order of

questions as specified in the interview schedule.”

Walumaagala, meeshaan kun kan namoota dhimmichi ilaallatuuf qoratichi eenyummaafi kaayyoo ofii

ibsuun odeeffannoo irraa funaannatudha. Kanaafuu, meeshaa funaansa odeeffannoo kanatti

gargaaramuun qoratichi gaaffilee daanga’oofi banaa Afaan Oromootiin qopheessuun namoota beeksisa

taappeellaa magaalaaawwan kana keessatti barreessuurratti bobba'an, dura bu'aawwan waajjiroolee

Page 10: XIINXALA QULQULLINA BARREEFFAMA AFAAN OROMOO · PDF file1 Xiinxala qulqullina barreeffama Afaan Oromoo Muummee Afaan Oromoofi Ogbarruu, Kolleejjii Saaynsii Hawaasaafi Namummaa Yunivarsiitii

10

magaalota naannoo kanaa keessa jiraniifi biiroolee godinaa aadaafi turizimii Oromiyaa magaalwwan

kana keessa jiraniif hanga tokko raabsuun odeeffannoo waliti qabateera.

1.9. Qindeeffamaafi mala qaacceessa Ragaale

Qorannoo kana keessatti odeeffannoon mala daawwannaafi af-gaaffiifiitiin walitti qabaman muuxannoo

qoratichaafi qorannoo mana kitaabaa bu’uureffachuun qindaa’aniiru. Haaluma kanaan; Beeksisoonni

taappeellaa dogoggora qubee, caasaafi jijjiirraa Afaan Oromoo qabaniifi ragaaleen waajjiroolee

mootummaa keessaa argaman haala walitti dhiheenya qabaniin qindaa’anii qaacceeffaman.

Odeeffannoon af-gaaffiin argamanis walkeessa nyaachifamuun qaacceeffaman. Haaluma kanaan

qoratichi odeeffannoo karaalee daawwannaafi af-gaaffiidhaan argaman fakkeenyaafi ragaadhaan

deeggeruun qaaccesse. Dhumarrattis odeeffannoon guuraman karaa ibsaatiin yookiin mala

qulqulleeffataatiin hiika argatanii argannoo barbaachisaarra ga'anii jiru.

1.10. Xiinxalaafi Qaaccessa Odeeffannoo

Rakkoo Fayyadama Caasaa

Gosoota barreeffamaa keessaa tokko kan ta’e barreeffama beeksisa taappeellaa magaalota Oromiyaa

guddittii naannoo Finfinnee keessatti mul'ataniiru. Dogoggora fayyadama caasaa Afaan Oromoo

keessatti kanneen hammatamuu danda’an dogoggora qubee, dogoggora dhamjechoota hirkataa akka of

danda’aatti fayyadamuu, dogoggora duraa duuba jechaa hordofuu dhabuu maqaa dhahuun

nidanda’ama. Kan armaan gadii kana ilaaluun danda'ama.

Fayyadama Dogoggora Qubee

Dogoggorri qubee beeksisoota taappeellaa magaalaa Adaamaa keessatti bal’inaan mul’ata (odeeffannoo

guuramanirraa hubachuun nidanda’ama). Kanneen dogoggora qubee jalatti hammataman qubee

guddaafi qubee xiqqaa iddoo malee fayyadamuu, dubbachiistuu iddoo malee dheeressuu yookiin

gabaabsuu, dubbifamaa bakka jabaachuu hinqabnetti jabeessuu; bakka jabaachuu qabuttimmoo

laaffisuu, irrabuta iddoo malee fayyadamuu, qubee Afaan Oromoo ittiin barreessuuf madaqfameen ala

fayyadamuu, hudhaa bakka barbaachisutti gargaaramuurratti hanqinni jiraachuufaadha.

Qubee Xiqqaafi Qubee Guddaa Iddoo Malee Fayyadamuu

Dogoggora qubee guddaafi qubee xiqqaa; akkasumas, dogoggora kanneen biroo dabalatee mee

odeeffannoo itti aanu kana fudhannee haalaallu.

1. Waggootaann 50aaf Dandii Carra Irratii kan ture Bullchinsa lottarii Lottarii Biyoolless

Hundeffama Wagga 50ffa Amajii 20, 2004 ni kabajjaa Mamiilttoota hundaaf Bagga Gamadan

jadha. Birri miiniyoon shan kan badhaassisu Lottariin Waggaa 50fa Gabbarra jirraa.

Odeeffannoon olitti dhiyaate (1) kun magaalaa Adaamaa naannoo ‘Mabiraat Hayil’ jedhamuun beekamuu

kan fudhatamedha. Akkuma beeksisa kanarraa hubachuun danda’amu fayyadama caasaa qubee Afaan

Oromoo osoo hineegiin jechoonni dogoggoraan tajaajila akka kennan ta’anii jiru. Dogoggorri kunniin

qubee guddaafi xiqqaa iddoo malee fayyadamuu, dubbachiistuu iddoo malee dheeressuufi gabaabsuu,

Page 11: XIINXALA QULQULLINA BARREEFFAMA AFAAN OROMOO · PDF file1 Xiinxala qulqullina barreeffama Afaan Oromoo Muummee Afaan Oromoofi Ogbarruu, Kolleejjii Saaynsii Hawaasaafi Namummaa Yunivarsiitii

11

dubbifamaa jabeessuufi laaffisuu, dhamjechoota hirkataa akka of danda’aatti gargaaramuu, irradeebii

hinbarbaachifnefaadha. Mee kanniin tokko tokkoon haalaallu.

Jechi Waggootaann jedhu caasaa jecha Afaan Oromoo eegee hinbarreeffamne. Sababnisaa, Afaan

Oromoo keessatti dubbifamaan jalqabaafi dhumarratti hinjabaatu yookiin lamaafi isaa ol ta’ee

hinbarreeffamu (Abarraafi warra biroo, 1995:5; Addunyaa, 2010:72) ilaaluun nidanda’ama. Akkasumas,

jechuma san keessatti qubeen dubbifamaa /t/ jabaachuun, qubeen dubbachiistuu /a/ birsaga dhumaa

gabaabbachuu qabdi. Sirraa’ee yoo barreeffamu Waggoottan ta’uutu irra ture. Jechi Dandii jedhus

tokkoffaa qubee guddaa fayyadame. Gamabirootiin, qubeen dubbachiistuu /a/ gabaabbachuu hinqabdu.

Kanaafuu, lamaanuu sirraa’uun daandii ta’uu danda’a. Jechi Carra jedhus dubbachiistuun dhumarra jirtu

dheerachuun, qubeen /C/ xiqqaachuun carraa ta’uu danda’a.

Jecha Irratii jedhu keessatti qubeen dubbachiistuu jalqabaa /I/n garmalee guddattee jirti. Akkasumas,

yaada duubaan jiru ‘kan ture’ yaada jedhu wajjin wal hinsimanne. Kanaafuu, maxxantuun /-tii/ haqamtee

jecha duraan jiru carraa kan jedhutti maxxanuun carraarra ta’uu qaba (Askale, 1998:334). Bullchinsa kan

jedhus caasaa fayyadama Afaan Oromoo kan hordofe miti. Sababnisaa, akkuma duraan tuqamuuf

yaalame caasaan Afaan Oromoo dubbifamaa garaagaraa lamaafi isaa ol ijaarsa jechootaa keessatti

hinayyamu (Addunyaa, 2010). Kanaafuu, qubeen dubbifamaa /l/ laafuun barreeffamuu qaba.

Kanamalees, qubeen dubbachiistuu /i/ dheerachuun; akkasumas, galumsarratti hundaa’uun; qubeen

dubbachiistuu /a/ dhumarra jirtu matim-mul’istuu /i/tti jijjiiramuun Bulchiinsi jedhamuutu irra jira.

Jechi lottarii jedhu xiyyeeffannaa kennuu dhabuurraa kan ka’e faayidaa tokko malee irra deebi’amee

argama. Kunis, isa lammataa keessatti qubee dubbachiistuu /L/ qofti qubee guddaa ta’uun garaagara

ta’an. Kanaafuu, inni jalqabaa haqamuun isa lammataa keessatti qubeen dubbifamaa /L/ akkuma jirutti

ta’ee, qubeen dubbifamaa /t/ kan jabaatee jirus hafuun Lotarii jedhamee barreeffamuu danda’a.

Biyoolless kan jedhu keessattis caasaa Afaan Oromootiin ala qubee dubbifamaa jabeessuufi laaffisuu

argina. Jecha kana keessatti qubeen /y/ jabaachuun, qubeen /l/ ammoo laafuutu ture. Akkasumas,

dhumarratti qubeen dubbachiistuu /a/ dheeraa itti dabalamuun Biyyoolessaa ta’uun sirraa’a. Hundeffama

jecha jedhu keessatti qubeen /h/ guddaa ta’eetu argama. Akkasumas, qubeen dubbachiistuu /e/

gabaabbatee waan jiruuf, lamaanuu sirraa’uun hundeeffama ta’uutu irra jira. Jecha Wagga jedhu

keessattis qubeen dubbachiistuu /a/ dhumarra jiru gabaabbachuu hinqabu. Kanaafuu, qubee

dubbachiistuu /a/ dabalachuun jechi sun Waggaa ta’uu qaba. 50ffa kan jedhu keessattis qubeen

dubbachiistuu /a/ dheerachuun 50ffaa ta’uun sirrata. Amajii kan jedhus dubbifamaa /j/ jabeessuun

Amajjiitti; dhamjechi /ni-/ jedhu of danda’ee kan dhaabbatu osoo hintaane jecha mirgaan jirutti

maxxanuutu irra jira. Jecha kabajjaa jedhu keessatti qubeen dubbifamaa /j/ jabaatee jiru laafuun; qubeen

dubbachiistuu /a/ dhumarra jirus gabaabbachuun nikabaja jedhamuun himichi tuqaan xumuramuu

danda’a.

Mamiilttoota kan jedhu keessattis qubeen dubbachiistuu /a/ birsaga jalqabaa dheerachuun, qubeen

dubbachiistuu /i/ birsaga lammaffaa jabaachuun; akkasumas, caasaan Afaan Oromoo dubbifamaa sadii

walfaana waan hinayyamneef qubeen /t/ laafuun maamiltoota jedhamuu danda’a. Bagga kan jedhu

keessattis qubeen /g/ laafuu qaba. Gamadan kan jedhu barreeffamicha keessatti qubeen /m/fi /d/

laafuurraa kan ka’e tokkummaa yaadichaa dhabamsiisee jira. Sababnisaa, beeksisichi ramaddii

lammaffaadhaan barreeffamaa dhufee achirratti garuu ramaddii sadaffaatti jijjiirame. Kanaafuu,

tokkummaa faallessee jira waan ta’eef, qubeen /m/fi /d/ jabaatanii gammaddan jedhamuun gara ramaddii

lammaffaatti deebi’uun sirrata. Jecha jadha jedhu keessattis qubeen dubbachiistuu /a/ birsaga

Page 12: XIINXALA QULQULLINA BARREEFFAMA AFAAN OROMOO · PDF file1 Xiinxala qulqullina barreeffama Afaan Oromoo Muummee Afaan Oromoofi Ogbarruu, Kolleejjii Saaynsii Hawaasaafi Namummaa Yunivarsiitii

12

jalqabaarra jiru /e/tti jijjiiramuun jedha ta’uu danda’a. Kun yoo taa’es garaagarummaa loogaatti waan

ilaalamuuf, dhiibbaa waan qabu miti. Garuu, yaada barreeffamaa wajjin wal-simsiisuuf tuqaadhaan

xummuramuun hafee akka itti fufiinsa agarsiisutti geeddaramuun jechaa yoo ta’e gaariidha.

Afaan Oromoo keessatti jechi qarshii jedhu bakka jecha Birri jedhuu bu’ee bal’inaan tajaajila kennaa

waan jiruuf, yoo jijjiirame filatamaadha. Innumtiyyuu dogoggora waan qabuuf qubee dubbachiistuu /i/

dhumarra jiru dheeressuun birrii ta’uu qaba. Jechi miiniyoon jedhus hiika dhabeessadha. Kan jedhamuu

qabu miliyoona/kitila waan ta’eef, qubeen dubbachiistuu /i/ birsaga jalqabaa gabaabbachuun, qubeen /n/

faayidaa waan hinqabneef /l/tti jijjiiramee dhumarratti qubeen /a/ dabalamuun miliyoona ta’uutu irra jira.

Badhaassisu kan jedhu keessatti qubeen /b/ jalqabarra jiru xiqqaa ta’uun, qubeen /s/ laafuun badhaasisu

jedhamuu danda’a. Lottariin kan jedhu bifuma duraatiin dubbifamaan /t/ laafee sirraa’uu qaba. Gabbarra

jechi jedhus dogoggora addaddaa waan qabuuf, sirraa’uutu irra jira. Tokkoffaa, qubeen /g/ xiqqaachuu

qaba. Lammaffaa, qubeen /b/ laafuu qaba. Akkasumas, qubeen /a/ birsaga lammaffaarra jiru

dheerachuun gabaarra jedhamuun sirrata. Jirraa kan jedhu keessattis, qubeen dubbifamaa /r/

jabaachuun tokkummaa yaadichaa diigee argama. Innis, kan ramaddii lammaffaan ibsamaa ture gara

ramaddii tokkoffaatti waan deebiseef, qubeen dubbifamaa /r/ laafuun; qubeen dubbachiistuu /a/ dhumarra

jiru ammoo gabaabbachuun jira ta’ee sirraa’uu danda’a. Yookiin jechichi jijjiiramuun oolcheera kan

jedhuun bakka bu’uu danda’a.

Walumaagala, akka filannoo tokkootti bifa itti aanuun sirraa’ee barreeffamuu danda’a yookiin bifa

birootiin, qubee hundasaa guddaatti jijjiiruun; akkasumas, yaadicha irradeebi’anii qindeessuun

barreessuunis nidanda’ama.

Waggoottan 50aaf daandii carraarra kan ture Bulchiinsi Lotarii Biyyoolessaa hundeeffama Waggaa 50ffaa

Amajjii 20, 2004 nikabaja. Maamiltoota hundaan baga gammaddan jechaa, qarshii miliyoona shan kan

badhaasisu Lotarii Waggaa 50ffaa gabaarra oolcheera.

Dogoggora Dubbachiistuu Dheeressuufi Gabaabsuu

Hanqina fayyadama afaanii keessaa tokko kan ta’e, dogoggoraan dubbachiistuu dheeressuufi

gabaabsuun beeksisoota Afaan Oromoo taappeellaa magaalaa Adaamaarratti nimul’ata. Barreeffamoota

Afaan Oromoo taappeellaan jiran harka caalu keessa yoo xiqqaate qubeen tokko yookiin lama bifa

garaagaraatiin itti dabalamuun yookiin keessaa hir’achuun bal’inaan mul’ata (akkan argettidha).

Odeeffannoon armaan gaditti argaman kunniinis kanuma nuuf mirkaneessu.

2. a. Hootela Janbar

b. Hooteela Baqqala Molla

c. Hooteelaa Karaamaraa

d. Hoteelaa Birhanee Tsahaay

e. Hootella Kooneell

f. Hoteella Miraaklli / Baga Nagaan Dhuuftaan

g. Hotelaa Yohaanaa

h. Hoteela Geexee Adamaa

Fayyadama Afaan Oromoo beeksisoota taappeellaa 2a-htti argaman keessatti hanqinoota garaagaraatu

mul’ata. Kanneen keessaa tokko jechi Hoteela jedhu bifa addaddaa saddeetiin barreeffamee argamuu

Page 13: XIINXALA QULQULLINA BARREEFFAMA AFAAN OROMOO · PDF file1 Xiinxala qulqullina barreeffama Afaan Oromoo Muummee Afaan Oromoofi Ogbarruu, Kolleejjii Saaynsii Hawaasaafi Namummaa Yunivarsiitii

13

isaati. Kunis, h)rra kan jiruun ala kanneen a-gtti argaman hundinuu dogoggora qabu. Kana dabalatee

dogoggorri biroos bifa itti aanuun xiinxalamanii jiru.

a) Hooteela Janbar kan jedhu keessatti qubeen dubbachiistuu /o/ seeraan ala dheeratee mul’ata. Qubeen

/e/ ammoo dheerachuu osoo qabuu hindheeranne. Kan barreeffamuun irra tures Hoteela Janbar(i).

Dubbachiistuu /i/n qorannoo kana keessatti dhumarratti hammattuun taa’uun, dabalamuun ishee filannoo

ta’uu mul’isa.

b) Hooteela Baqqala Molla kan jedhu keessattimmoo qubeen dubbachiistuu /o/ ammas dheerachuun irra

hinturre. Baqqala Molla kan jedhurrattis dogoggorri qubee nimul’ata. Innis, Baqqalaa Mollaa jedhamuun

dhuma maqaa lamaanirratti dubbachiistuun /a/ dheerachuun sirraa’uu qaba. Walumaagalatti, sirratee kan

barreeffamuu qabu, Hoteela Baqqalaa Mollaa bifa jedhuunidha.

c) Hooteelaa Karaamaraa kan jedhu keessattimmoo qubeen dubbachiistuu jecha Hooteelaa keessatti

argaman hundi dheeratee barreeffamee argina. Kunis dogoggora. Kanaafuu, qubeen /o/ dheerachuu

hinqabu. Bifuma walfakkaatuun, qubeen /a/ dhumarra jirus dheerachuu hinqabu. Sirratee yoo

barreeffamu, Hoteela Karaamaraa ta’uu qaba.

d) Hoteelaa Birhanee Tsahaay kan jedhu keessattis dogoggorri nimul’ata. Dogoggorri mul’atus, jecha

Hoteelaa jedhu keessatti qubeen dubbachiistuu /a/ dhumarratti argamu dheerachuu isaati. Akkasumas,

Birhanee kan jedhu keessatti dubbachiistuun /a/ birsaga lammaffaarra jirutti dabalamee dheerachuun

Birhaanee ta’uu danda’a. Walumaagala, kan sirraa’uu qabus Hoteela Birhaanee Tsahaay(i) kan

jedhuttidha.

e) Hootella Kooneell kan jedhu keessattis jecha Hootella jedhurratti dogoggorri garaagaraa nimul’atu.

Isaanis, dheerachuu qubee dubbachiistuu /o/, gabaabbachuu qubee dubbachiistuu /e/fi jabaachuu qubee

dubbifamaa /l/dha. Jecha Kooneell jedhu keessatti dubbifamaan dhumarratti hinjabaatu ibsa dabalataatiif

4.1.1.1.3 jala ilaaluun nidanda’ama. Kan ta’uu qabus, bifuma walfakkaatuun Hoteela Kooneel(i)dha.

f) Hoteella Miraaklli/ Baga Nagaan Dhuuftaan/ kan jedhu keessatti dogoggorri garaagaraa nimul’atu.

Isaanis, jecha Hoteella jedhu keessatti dubbifamaan /l/ jabaachuu hinqabu. Jechi Miraaklli jedhu ammoo

Miraakil(i) kan jedhutti sirraa’ee barreeffamuu danda’a. Dheerinniifi gabaabinni dubbachiistuu jijjiirama

hiikaa akka fidu ni’ibsu (Abarraafi warri biroo, 1995).

Baga Nagaan Dhuuftaan kan jedhu keessatti jechi dhuuftaan jedhus kanuma nuuf mirkaneessa. Qubeen

dubbachiistuu /u/fi /a/ achi keessatti faayidaan ala dheeratanii argamu. Kunimmoo ergaa darbuu

barbaadame sana dhufaatii hawwachuurraa gara arrabsootti jijjiiruu nutti agarsiisa. Kanaafuu, qubeen

dubbachiistuu lamaanuu gabaabbachuun dhuftan ta’uun sirrata.

g) Hotelaa Yohaanaa kan jedhu keessattimmoo qubeen /e/ jecha Hotelaa jedhu keessatti

gabaabbachuufi qubeen /a/ dheerachuun dogoggora. Kanaafuu, kan ta’uun irra jiru Hoteela Yohaanaati.

h) Hoteela Geexee Adamaa kan jedhu keessatti jechoonni Geexeefi Hoteela jedhan sirriitti

barreeffamaniiru. Haata’umalee, jecha Adamaa jedhu keessatti birsagni lammaffaa waan gabaabbateef

jechichi Afaan Oromoo keessatti hiikaan ala. Kanaafuu, Adaamaa kan jedhutti sirraa’uu qaba.

Waliigalattis, Hoteela Geexee Adaamaa jedhamee barreeffamuu danda’a.

Gamabirootiin, qubee barreeffama Afaan Oromoo beeksisa taappeellaarraa gabaabsuun dogoggorri

yommuu uumamu nimul’ata. Kana kan nuuf mirkaneessu odeeffannoo itti aanan kanadha.

3. a. Mana Bashananaa fi Kitfoo Adaa Keerood

Page 14: XIINXALA QULQULLINA BARREEFFAMA AFAAN OROMOO · PDF file1 Xiinxala qulqullina barreeffama Afaan Oromoo Muummee Afaan Oromoofi Ogbarruu, Kolleejjii Saaynsii Hawaasaafi Namummaa Yunivarsiitii

14

b. Dukkana Qorichaa Dhinsaa c. Foto fi Vidiyo Jiji

Gaaleen odeeffannoo a) keessatti Kitfoo Adaa jedhu Afaan Oromootiin dogoggora. Innis, dogoggora

jijjiirraa hiikaati. Kanaaf sababa kan ta’e, qubeen dubbachiistuu /a/ birsaga jalqabaa jecha adaa jedhu

keessatti gabaabbachuurraa madde. Kanaafuu, kitfoo adaa yommuu jedhu Afaan Oromootiin adaan

biqiltuu birraa daraaruun abaaboon isaa nama hawwatutti beekama. Biqiltuun kunimmoo nyaata

kitifoodhaaf kanoolu miti. Haata’u malee, beeksisa taappeellaa kanarratti akka waan kitifoon isaa

qophaa’uutti taa’ee jira. Kan jedhamuu barbaadame aadaa waan ta’eef, kitifoo aadaa jedhamuun

sirraa’uutu ture.

Odeeffannoo b) keessatti jechi dukkana jedhu waan ifa hintaanetti hiikama. Kan jedhamuu barbaadame

iddoo qorichi itti gurguramu malee qorichi dukkana hinqabu. Jecha kana keessatti jijjiirama hiikaa kana

kan geessise qubee dubbachiistuu /a/ birsaga lammaffaarratti argamu gabaabsuudha. Kanaafuu,

dukkaana jedhamee barreeffamuun sirraa’uu danda’a.

Odeeffannoo c) keessatti fayyadamni qubee Afaan Oromoo caasaan ala. Kunis, jechi Foto jedhu kan

barreeffamuu qabu dubbachiistuun /o/ iddoo lamaanuu dheerachuun Footoo ta’uu qaba ture.

Haata’umalee, Afaan Oromootiin jechi suura jedhu osoo jiruu jecha afaan biroorraa waan ergifatameef

isaan fayyadamuutu itti ture. Akkasumas, jecha Vidiyo jedhu keessatti qubeen /i/ jalqaba birsagaarratti

argamuufi qubeen /o/ dhuma birsagaarratti argamu dheerachuutu itti ture. Kanaafuu, Viidiyoo kan

jedhuun barreeffamuu qaba. Jechi Jiji jedhus Afaan Oromootiin yoo barreeffamu qubeen dubbachiistuu /i/

iddoo lamaanuu jiru dheerachuun Jiijii jedhamee barreeffamuu qaba. Walumaagala, bifa armaan gadiitiin

sirraa’anii barreeffamuu danda’u.

a) Mana Bashannanaafi Kitifoo Aadaa Keerood

b) Dukkaana Qorichaa Dhinsaa

c) Suuraafi Viidiyoo Jiijii

4. a. Mobaayiili Guudaataa

b. Kiiliinika Olaana Adaamaa

Odeeffannoon 4ffaa kunis caasaa Afaan Oromoo kan hordofe miti. Jecha mobaayiili jedhu keessatti

qubeen /i/ birsaga dhumaatti aanee jiru gabaabbachuun, kan dhumarra jirummoo dheerachuun mobaayilii

jedhamee barreeffamuu danda’a. Jechi Guudaataa jedhu Afaan Oromoo keessatti haala kanaan waan

hinfayyadamneef, qubeen /u/ gabaabbachuun, qubeen /d/ jabaachuun; akkasumas, qubeen /a/ birsaga

dhumaatti aanee jiru gabaabbachuun Guddataa ta’uu qaba. Walumaagala, Mobaayilii Guddataa

jedhamuutu irra jira.

Odeeffannoo b) yoo ilaalle jecha Kiiliinika jedhu keessatti qubeen dubbachiistuu /i/ birsaga tokkoffaafi

lammaffaarratti argamu dheerachuu hinqabu. Kan ta’uun irra ture kilinikadha. Jecha Olaana jedhu

keessattis qubeen dubbachiistuu /a/ dhuma birsagaarratti argamu dheerachuu qaba. Akkasumas,

mallattoon hudhaa durduubee ol jedhutti aanee galuu danda’a. Haaluma kanaan, Kilinika Ol’aanaa

Adaamaa jedhamuun sirratee barreeffamuu danda’a.

5. a. Kusa Mesha Barrefammaa Tesfaa

b. Kusaa Meeshalee bu’aa spoonjii Harar

c. Meeshaalla Gurgurtaa Farnichaara fii Eleektiironikssii Akiiyaa

Page 15: XIINXALA QULQULLINA BARREEFFAMA AFAAN OROMOO · PDF file1 Xiinxala qulqullina barreeffama Afaan Oromoo Muummee Afaan Oromoofi Ogbarruu, Kolleejjii Saaynsii Hawaasaafi Namummaa Yunivarsiitii

15

d. Meeshaale Jijjiiraa Konkolaataa Tasiffaa

Beeksisoota afi b keessatti jechoonni Kusafi Kusaa jedhan lamaanuu Afaan Oromoo keessatti hiika

hinqaban. Hiika qabaachuuf qubeen dubbachiistuu /u/fi /a/ dheerachuun Kuusaa ta’uutu irra jira. Ammas

kanneen a-dtti argaman keessatti jechoonni mesha(a), meeshalee(b), meeshaalla(c)fi meeshaale(d)

jedhaman hunduu dogoggora qabu. Kan a) keessatti argamu Kuusaa kan jedhu waan hedduuf kan oolu

waan ta’eef, jechi mesha galumsarratti hundaa’uun dhamjecha heddumina mul’istu dabalatee

meeshaaleetti, b), c)fi d) keessattis dogoggorri qubee hunduu sirratanii meeshaalee jedhamuu qabu ture.

Odeeffannoo a) keessatti Barrefammaa kan jedhu keessatti qubeen /e/ dheerachuu, qubeen /f/

jabaachuufi qubeen /m/ laafuu qabu. Kanamalees, a) keessatti jechi Tesfaa jedhuufi d) keessatti jechi

Tasiffaa jedhu lamaanuu caasaa sirrii miti. Kan ta’uu qabus Tasfaadha. Abarraafi warri biroo (1995) akka

jedhanitti, caasaan Afaan Oromoo dubbifamaa gosa addaddaa (irrabuta) jalqabaafi dhumarratti waan

hinayyamneef, odeeffannoo b) keessatti jechi spoonjii dogoggora. Kanaafuu, dubbachiistuun /i/

jalqabarratti dabalamuun Ispoonjii ta’uutu irra ture. Odeeffannoo c) keessatti walqabsiistuun /fii/ jedhu

seeraan ala qubeen dubbachiistuu /i/ dheerachuufi ofdanda’ee dhaabbachuutu mul’ata. Kanaafuu,

qubeen dubbachiistuu /i/ gabaabbachuun; akkasumas, jecha duubaan jirutti maxxanuun sirraa’uu qaba

ture.

Walumaagala, dogoggora hinibsamiin kanneen biroo dabalatee akka itti aanutti barreeffamuu danda’u.

a) Kuusaa Meeshaalee Barreeffamaa Tasfaa

b) Kuusaa Meeshaalee Bu’aa Ispoonjii Harar

c) Meeshaalee Gurgurtaa Farniicharaafi Elektirooniksii Akiiyaa

d) Meeshaalee Jijjiirraa Konkolaataa Tasfaa

6. a) Mana Ciiree Siif

b) Maanaa Bereeduuma Maaffii

c) Manaa Gurguurtaa Gomma Fii Baatrii Hard

Akkuma odeeffannoo beeksisoota taappeellaa a), b)fi c)rraa hubannu jechoonni mana(a), maanaa(b)fi

manaa(c) keessatti argaman iddoo walfakkaataatti argamaniyyuu bifa tokkoon barreeffamanii

hinmul’atan. Kan a)rratti barreeffame sirriidha. Jechi b) keessatti maanaa jedhu fayyadama Afaan

Oromoo keessatti hiika dhabeessadha. Jechi manaa jedhu c)rratti argamu akka raawwatamaatti hiika

qabaatuyyuu iddoo amma jirutti sirrii miti. Kanaafuu, kanneen b)fi c)rratti barreeffaman bifa isa a)rra

jiruutiin barreeffamuun sirraa’a. Jechi a) keessatti Ciiree jedhus sirrii miti. Dubbachiistuun /i/

gabaabbachuun Ciree ta’uu danda’a. Bereeduuma kan jedhu b) keessatti kan argamus Afaan Oromoo

keessatti bifa kanaan tajaajila waan hinkennineef bareedina kan jedhuun yoo barreeffame yookiin

miidhagina kan jedhuun yoo taa’e gaarii ta’a. Maaffii kan jedhu keessattis /f/n laafuun sirrata. Jecha

gurguurtaa jedhu c) keessattimmoo dubbachiistuun /u/ birsaga lammaffaarraa gabaabbachuu sirrata.

Gomma kan jedhu keessatti dubbachiistuun /a/ dheerachuufi walqabsiistuun /fi/ akkuma duratti 5c) jalatti

ibsameen sirraa’uu danda’a. Hard kan jedhus haaluma duraan ibsameen qubee dubbachiistuu /i/

dhumarratti dabalachuun; akkasumas, dubbachiistuun /a/ dheerachuun Haardi ta’uutu irra ture.

Dogoggora Dubbifamaa Jabeessuufi Laaffisuu

Odeeffannoo tokko tokko keessatti kanaan dura Afaan Oromoo keessatti haala hinbaratamneen qubeen

iddoo malee jabaatanii mul’atu. Mee kanneen armaan gadii haalaallu.

Page 16: XIINXALA QULQULLINA BARREEFFAMA AFAAN OROMOO · PDF file1 Xiinxala qulqullina barreeffama Afaan Oromoo Muummee Afaan Oromoofi Ogbarruu, Kolleejjii Saaynsii Hawaasaafi Namummaa Yunivarsiitii

16

7. a) Istteshiinaari haarg

b) Wirttu Barraadiinna Rroom

c) Mana Nyaataa Biqilttuu

Tolemariam (2011:24) dubbifamtoota jabeessuu ilaalchisee akkana jedha. “Afaan Oromoo keessatti

dubbifamtoonni lamaa ol ta’anii walitti aananii dhufuu nidanda’u yoo gosa tokko ta’an.” Yaada isaa kanaaf

fakkeenya yoo kennu jecha cabse jedhu cabsse jennee barreessuu akka dandeenyu dhiheessa.

Odeffannoo armaan olitti argaman keessatti Istteshiinaari (a), Wirttu (b)fi Biqilttu (c) kanneen jedhan bifa

wal-fakkaatuun fayyadamanii jiru. Akka qoratichaatti haala kanaan fayyadamuun tokkoffaa, seera

qindeeffama dhamsagoota Afaan Oromoo keessatti kan baratame miti. Fakkeenyaaf, kanaan dura

barreeffamoota adda addaa Afaan Oromootiin maxxanfaman- kitaaba barataa, barruulee, asoosama,

gaazexaafi wkf keessattis akkanatti fayyadamaa hinturre; hinjiranis. Lammaffaa, caasaan birsaga Afaan

Oromoo kana waan hinkeessumsiisneef fudhatama waan qabu hinfakkaatu. Akkasumas, gama hiikaatiin

yoo ilaalle qubeen dabalamuun ala hiika jechaarratti jijjiirama tokkollee hingeessisu. Kanaafuu, haaluma

kanaan dura baratameen barreeffamuu wayya. Kunis, a) Isteeshinarii, b) Wirtuufi c) Biqiltuu jedhamuun

tajaajila yoo kennan gaarii ta’a. Haata’u malee, jechi Isteeshinarii jedhu Afaan Oromootiin meeshaalee

barreeffamaatiin waan beekamuuf, isaan bakka bu’uutu ture. Akkasumas, jechi wirtuu jedhu galumsarratti

fayyadama sirrii waan hintaaneef, gola jedhamee sirraa’uu danda’a. Jechi haarg jedhu a) keessatti kan

argamu maqaa waan ta’eef, qubeen /h/ guddaa ta’uu qaba. Dhumarratti dubbifamaan gosti addaddaa

lamaafi isaa ol Afaan Oromoo keessatti waan hinayyamamneef Haarag(i) jedhamuun sirraa’uu danda’u

(Abarraafi warra biroo, 1995).

Gamabirootiin, Barraadiinna kan jedhu Afaan Oromoo keessatti hiika waan hinqabneef, qubeen /r/

laafuun, qubeen dubbachiistuu birsaga lammaffaa /a/, gara /e/tti jijjiiramuun, qubeen /i/ gabaabbachuun;

akkasumas, qubeen dubbifamaa /n/ laafuun, dubbachiistuun /a/ dhumarra jirtu galumsarratti hundaa’uun

dheeratee Bareedinaa ta’uun sirrata. Akkuma duratti ibsamuuf yaalame caasaan Afaan Oromoo

dubbifamaa lama jalqabaafi dhumarratti waan hinayyamneef Rroom kan jedhus dogoggora.

Hindubbifamus; hiikas hinqabu. Kanaafuu, qubeen dubbifamaa /r/n tokko haqamuun Room ta’uutu

sirriida.

Walumaagalatti, gama qubee ilaallatuun sirraa’anii kan barreeffamuu qaban akka itti aanuttidha.

a. Isteeshinarii Haarag(i)/ Meeshaalee Barreeffamaa Haaragi

b. Wirtuu Bareedinaa Room(i)

c. Mana Nyaataa Biqiltuu

Fayyadama Afaan Oromoo keessatti dubbifamaa iddoo malee jabeessuun hiika jechaarratti jijjiirama

fiduu akka danda’u ni’ibsu (Abarraafi warra biroo, 1995:27). Haluma kanaan, mee odeeffannoo armaan

gadii haalaallu.

8. Baankii Intarnaashinaalii Bunna Dammee Adaama

Akkuma beeksisa kanarraa hubachuun danda’amu jechi Bunnafi Dammee jedhan beeksisa kana

keessatti fayyadama sirrii waan hintaaneef, hiika yaadichaa jijjiiranii jiru. Bunna kan jedhu qubeen

dubbifamaa /n/ waan jabaateef hiika waan tokko butuutti geeddare. Dammee kan jedhus sababa qubeen

/m/ jabaateef waan ibsuu barbaadame dhiisee maqaa namaatti jijjiiramee mul’ata. Kanaafuu, inni

jalqabaa Bunaa (Afaan Oromootiin) yookiin Bunnaa (Afaan Amaaraatiin) jechuun qubeen dubbachiistuu

Page 17: XIINXALA QULQULLINA BARREEFFAMA AFAAN OROMOO · PDF file1 Xiinxala qulqullina barreeffama Afaan Oromoo Muummee Afaan Oromoofi Ogbarruu, Kolleejjii Saaynsii Hawaasaafi Namummaa Yunivarsiitii

17

/a/s galumsarratti hundaa’uun jecha dura jiru waan ibsuuf itti dabalamee, inni itti aanus Damee jedhamee

barreeffamuu qaba. Gamabirootiin, Adaama kan jedhus, akkuma duraan ibsame qubeen /a/ dhumarra

jiru dheerachuun Adaamaa ta’uutu irra ture. Walumaagala, Baankii Intarnaashinaalii Bunaa Damee

Adaamaa jedhamuun sirrata.

9. a) Faxirraa Fii cirree

b) Kaafiteeriyyhaa Naahoom

c) Mana Fonnii Keeri Yihuun

d) Mana Barrediina B.K

Beeksisa a) keessatti jechi Faxirraa jedhamee barreeffame jecha Afaan Arabaati (odeeffannoo namaa).

Akki itti barreeffamuu qabu dubbachiistuun /i/ dheerachuun, dubbifamaan /r/ laafuun Faxiiraa ta’a.

Walqabsiistuu /fii/ ilaalchisee 5c jalatti ibsi kennamee jira. Jechi cirree jedhus dogoggoradha. Dogoggorri

mul’atus jijjiirama hiikaati. Kan jedhamuu barbaadame gosa nyaata ganama nyaatamu ta’ee osoo jiruu,

qubeen /r/ jabaachuu isaatiin gara waan tokko baay’atanii ciruutti yookiin haamuutti jijjiire. Kanaafuu,

ciree kan jedhutti sirraa’uutu ture. Jechi kunis hiika lama qaba. Tokko, hiika namni ramaddii tokkoffaa

gocha ciruu raawwatu yoo bakka bu’u; inni lammataa, nyaata ganamaa san bakka bu’a. Ta’us

galumsarraa waan hubatamuuf kun dhiibbaa waan qabu miti.

Odeeffannoo b) keessatti jechi Kaafiteeriyyhaa jedhu hanqina fayyadama qubeewwanii qaba. Kunis,

qubee dubbifamaa /f/fi /t/ gidduu irrabuta ta’ee osoo jiruu qubeen dubbachiistuu /i/ dabalamuu, qubeen

dubbifamaa /y/ jabaachuufi qubeen /h/ dabalamuudha. Kanaafuu, kunniin sirraa’uun Kaafteeriyaa

jedhamuutu irra ture.

Odeeffannoo c) keessatti jechi Fonnii jedhu Afaan Oromoo keessatti hiika dhabeessadha. Sababnisaa,

namni Afaan Oromoo beeku kamiyyuu akkanatti waan hinfayyadamneefidha. Kanaafuu, qubeen

dubbachiistuu /o/ dheerachuun, dubbifamaan /n/ tokko haqamuun laafee galumsarratti hundaa’uun

dhumarrattis qubeen dubbachiistuu /i/ dheeratee Foonii ta’uutu irra ture.

Odeeffannoo d) keessattis, barrediina jechi jedhu waan jedhamuu barbaadameen ala. Sababnisaa

tokkoffaa, qubee dubbifamaan /r/ jabaachuu hinqabu. Lammaffaa, qubeen dubbachiistuu /e/

gabaabbachuu hinqabu. Sadaffaa, qubeen dubbachiistuu /i/ dheerachuu hinqabu. Akkasumas,

dhumarratti qubeen /a/ galumsarratti hundaa’uun gabaabbachuu hinqabu. Kun kan ta’uuf, beeksisa kana

keessatti manichi tajaajila bareedinaatiif ooluu ibsuu barbaadameeti malee, bakka namni B.K jedhamu itti

bareedu waan hintaaneefidha.

Kanaafuu, kan sirraa’uu qabu akka itti aanuttidha.

a. Faxiiraafi Ciree

b. Kaafteeriyaa Naahoom(i)

c. Mana Foonii Keeri Yihuun(i)

d. Mana Bareedinaa B.K

Yeroo tokko tokko caasaa Afaan Oromootiin ala dubbifamaa gosa lama walitti aansanii jabeessuunis

beeksisoota taappeellaa magaalaa Adaamaa keessatti nimul’ata. Akka fakkeenyaatti odeeffannoo itti

aanu haalaallu.

10. Hojii Beekkssisaa

Akkuma odeeffannoo olii kanarraa hubachuun danda’amu jecha Beekkssisaa jedhu keessatti qubeen

dubbachiistuu /k/fi /s/ faayidaan ala jabaatanii mul’atu. Afaan Oromoo keessatti fayyadamni yookiin

Page 18: XIINXALA QULQULLINA BARREEFFAMA AFAAN OROMOO · PDF file1 Xiinxala qulqullina barreeffama Afaan Oromoo Muummee Afaan Oromoofi Ogbarruu, Kolleejjii Saaynsii Hawaasaafi Namummaa Yunivarsiitii

18

caasaan akkasii hinjiru. Kanaafuu, akkanattis hindubbatamu; hinbarreeffamus. Kun gama tokkoon

sirrummaa deebii odeef-kennitootaa mirkaneessa. Kunis, qoratichi akka af-gaaffii barreessitoota

beeksisaatiif qopheessee dhiheesseefirraa deebii argatetti baay’een isaanii Afaan Oromoo kan

hinbaranne ta’uudha. Gabaabumatti, beekumsa dhabuu caasaa Afaan Oromoo barreessitoota beeksisaa

taappeellaa magaalaa Adaamaa nuuf mirkaneessa. Odeeffannichis, Hojii Beeksisaa kan jedhuun

sirraa’uu qaba.

Fayyadama Dogoggora Irrabuta Ilaallatu

Afaan Oromoo keessatti cimdoominni dhamsagoota lamaa jalqabaafi dhumarratti hinhojjetu. Akka seera

walfaanommii Afaan Oromootti dubbifamaan tokkoo ol jalqabaafi dhumarratti waliin argamuu

hindanda’ani (Addunyaa, 2012:72). Haata’uyyuumalee, beeksisoota taappeellaa naannoo magaalaa

Finfinnee keessatti caasaan fayyadama Afaan Oromoo kun cabee yoo mul’atu argina.

Odeeffannoon gaditti argamanis kanuma nuuf mirkaneessu.

11. a) Klabii Graandee Sitii

b) Truu Koossmootikss

c) Treedingii Beelam

d) Hoteela Fraank

e) Freesh Juusii Yitam

f) Mana pulii Fkee

g) Mobaayilii Bluu Priintii

Akkuma odeeffannoo oliirraa hubachuun danda’amu jechoonni a) keessatti Klabiifi Graandee, b) Truufi

Koossmootikss, c) Treedingii, d) Fraank, e) Freesh, f) Fkee, g) Bluufi Priintii jedhan hundi caasaa Afaan

Oromoorraa maqanii kan argamanidha. Hanqinni mul’atus kan irrabutaati. Kunis, jalqabaafi dhuma

jechaarratti dubbifamaan gosti garaagaraa akka walhinfaanne hubannaa dhabuun kan fayyadamanidha

(Abarraafi warra biroo, 1995). Akkuma jirutti caasaa Afaan Ingilizii Afaan Oromootiif oolchuun yookiin

fayyadamuun kan hindanda’amne ta’uu hubannoo dhabuun akka jirus nuhubachiisa.

Kanaafuu, jechoonni kunniin qubee dubbachiistuu /i/ gidduu seensuun a) Kilabii Giraandeetti sirraa’uu

danda’u. Truu (b) kan jedhu dogoggora qubee Afaan Oromoo wallaaluus nutti mul’isa. Kunis, qubeen /t/

qubee /x/ bakka bu’uu dhabuudha. Kanaafuu, qubeen /t/s jijjiiramuun qubeen dubbachiistuu /i/ gidduu

seentee Xiruu ta’uun sirraa’a. Achuma keessatti koossmootikss kan jedhus iddoo lamaanittuu qubeen /s/

jabaatee argamu laafaa ta’uun, dhumarratti qubee /i/ dheeraa dabalatee Kosmootiksii ta’uun sirrata. Kan

c)rra jirus Tireedingii ta’uun qubeen dubbachiistuu /i/ gidduu seenee sirrata. Odeeffannoon d)rraa

Firaanki, qubeen /i/ dubbifamaa /f/fi /r/ gidduu seenuun; akkasumas, dhumarrattis dabalamuun sirraa’a.

Kanamalees, e)n Fireesh, f)n Fiqee ta’uun qubeen /k/ gara /q/tti jijjiiramuun, dubbachiistuun /i/s ammoo

qubee dubbifamaa /f/fi /q/ gidduu seenuun sirraa’uutu irra ture. Gamabirootiin, kan /g/ keessaa Biluufi

Piriintii ta’uun lamaanuu qubee dubbachiistuu /i/ dubbifamtoota jalqabaarratti aanee seenuun sirrata.

Walumaagalatti, bifa armaan gadiitiin sirraa’anii barreeffamuu danda’u.

a) Kilabii Giraandee Siitii

b) Kosmootiksii Xiruu

Page 19: XIINXALA QULQULLINA BARREEFFAMA AFAAN OROMOO · PDF file1 Xiinxala qulqullina barreeffama Afaan Oromoo Muummee Afaan Oromoofi Ogbarruu, Kolleejjii Saaynsii Hawaasaafi Namummaa Yunivarsiitii

19

c) Tireediingii Beelam(i)

d) Hoteela Firaanki

e) Fireesh Juusii Yitaam(i)

f) Mana Puulii Fiqee

g) Mobaayilii Biluu Piriintii

Dubbifamaa Lama Jalqabaafi Dhuma Jechaarratti Fayyadamuu

12. a) Maaya Turssiisaa Daaimmann

b) Kiliniika NiwYoork

c) Gast Haawusii Aalfaa

d) Hoteela Galf Filaawar Inttarnaashinaal Adaamaa

Odeeffannoo oliirraa akkuma hubatamu a) keessatti jechi Turssiisaa jedhu Tursiisa jedhamee sirraa’uu

qaba ture. Daaimmann kan jedhu keessatti garuu dogoggora hudhaatti fayyadamuu dhabuufi dubbifamaa

/n/ dhumarratti jabeessuutu mul’ata. Inni jalqabaa mata-duree dogoggora fayyadama hudhaa ilaallatu

jalatti ibsamee jira. Inni lammataas haaluma xiinxala odeeffannoo tokko (1) jalatti ibsameen qubeen

dubbifamaa dhumarra jiru laafuun Daa’imman kan jedhutti sirraa’uutu irra ture.

Odeeffannoo b) NiwYoork kan jedhu keessatti hanqinni jiru dubbachiistuu /u/ qubee /w/tti aanee dhufuu

dhabuufi dhumarratti qubeen dubbifamaa addaddaa waan walfaananiif qubee dubbachiistuu /i/

dabalachuu dhabuudha. Yommuu sirraa’ee barreeffamus, Niwu Yoorki ta’a.

Odeeffannoo c) keessatti Gast kan jedhuufi d) keessatti Galf kan jedhu dhumarratti ammas qubee

dubbifamaa lamaan waan xummuramaniif Afaan Oromoo keessatti fayyadama caasaa sirrii miti.

Kanaafuu, dhumarratti qubee dubbachiistuu /i/ dabalachuun Gastifi Galfi jedhamuun sirraa’uu danda’u.

Walumaagalatti, dogoggora gosa biroo achi keessatti mul’atan dabalatee akkanatti sirraa’anii

barreeffamuutu irra ture.

a. Tursiisa Daa’immanii Maayaa

b. Kilinika Niwu Yoorki

c. Gasti Haawusii Aalfaa

d. Hoteela Galfi Filaawar Intarnaashinaal Adaamaa

13. a) Footoo Stuudiyoo Tizii

b) Footoo Stuudiyoo Amraani

c) Studiyoo Suuraa Waligalaa Taayim

d) Maarketii Starii

e) Akaadaamii Deey Staar

Odeeffannoo dhiyaatanirraa hubachuun akkuma danda’amu dogoggorri fayyadama caasaa Afaan

Oromoo nimul’atu. Isaanis, a), b)fi c) keessatti jecha Stuudiyoo jedhuufi d)fi e) keessatti jecha Stariifi

Staar jedhanirrattidha. Gabaabumatti, dogoggorri kunniin ammas caasaa Afaan Ingilizii hordofuudhaan

dogoggora uumame ta’uu hubachuun nidanda’ama. Kanaafuu, hunda isaaniirrattuu qubee dubbachiistuu

Page 20: XIINXALA QULQULLINA BARREEFFAMA AFAAN OROMOO · PDF file1 Xiinxala qulqullina barreeffama Afaan Oromoo Muummee Afaan Oromoofi Ogbarruu, Kolleejjii Saaynsii Hawaasaafi Namummaa Yunivarsiitii

20

/i/ jalqaba jechoota kanaarratti dabaluudhaan gara caasaa Afaan Oromootti deebisuun barbaachisaadha.

Kunis, a), b)fi c) keessatti Istuudiyoo, d)fi e keessatti Istaar(i) jedhamanii sirraa’uu qabu. Dogoggora

keessatti mul’atan kanneen biroo dabalatee haala itti aanuun barreeffamuu danda’u.

a. Istuudiyoo Suuraa Tizzii

b. Istuudiyoo Suuraa Amraan(i)

c. Istuudiyoo Ogummaa Suuraa Taayim(i)

d. Maarketii Istaar(i)

e. Akkaadaamii Deey Istaar(i)

Fayyadama Dogoggora Qubee Afaan Oromoo Addaan Baasuu Dhabuun

Uumaman

Qubeen afaan tokko keessatti fayyadu afaan biroo keessatti akkuma jiruun fayyaduu dhiisuu danda’a.

Fakkeenyaaf, qubeewwan Laatinii Afaan Ingilizii keessatti tajaajila kennan Afaan Oromoo keessatti

bifuma walfakkaatuun tajaajila kennaa hinjiran. Qubeewwan tokko tokkorratti bifa Afaan Oromootiif

mijatuun madaqfamanii faayidaa kennaa jiru. Kanniin keessaa fakkeenyaaf, sagalee hudhaa (’) Afaan

Oromootti dabaluu, jijjiiramni sagaleessuu qubeewwan /c/, /q/fi /x/irratti mul’achuu; akkasumas,

qubeewwan dachaa /ch/, /dh/, /ny/, /sh/fi /ph/faa fayyadamuudha. Kanumaan walqabatee, bakka

barbaachisutti dubbachiisaa dheeressuufi dubbifamaa jabeessuu maqaa dha’uun nidanda’ama.

Haata’umalee, beeksisoota taappeellaa tokko tokko keessatti qubeen dubbifamaa Afaan Oromoo /c/

sagalee kamiin akka bakka bu’u hubachuu dhabuudhaan akkuma caasaa Afaan Ingilizii keessatti tajaajila

kennutti fayyadamuun dogoggorri yeroo uumamu nimul’ata. Kanas, odeeffannoo itti aanurraa hubachuu

dandeenya.

14. a) Caafee Entarneetii Fah

b) Caaffee Fi Restooraantii Sodaree

c) Castlee Kaaffee Fi Reestoraantii

d) Wirtuu lenjii Compiiteraa

e) Mana Maxansa Fi Computera Yes Imx

f) Hojii Maxansa Kiiyaa-Co

g) Mana Suuraa Cilic

Akkuma beeksisoota dhiyaatan kanarraa hubachuun danda’amu a) Caafeefi b) Caaffee, c) Castleefi, d)fi

e) Compiiteraafi Computera duraa duubaan, f) Co, g) Cilic jedhamanii Afaan Oromoo keessatti ergaa

dabarsuu haala hindandeenyeen barreeffamanii argamu. Jechoota kanniin hunda keessatti qubeen

dubbifamaa /c/ gara /k/tti jijjiiramuun caasaa Afaan Oromoo hordofuun barbaachisaadha. Kunis, a)fi b)

Kaaffee, qubeen /f/s a) keessatti jabaachuun, c) Castlee kan jedhu qubeen /c/ gara /k/tti; akkasumas,

dubbifamaa gosti addaddaa sadii walfaana jecha gidduutti waan argamaniif, dubbachiistuu /i/ gidduutti

dabaluun Kastiliitti, d)fi e) Kompiitara yookiin Kompuutara qubeen /c/ gara /k/tti jijjiiramuun, f) keessatti

Koo, g) keessatti Kiliiki jechuun hundisaaniiyyuu Afaan Oromoo keessatti hiika akka qabaatan gochuun

nidanda’ama.

Walumaagalatti, dogoggora biroo dabalatee bifa armaan gadiitiin sirraa’uutu irra ture.

a. Kaaffee Intarneetii Fah

b. Kaaffeefi Restooraantii Soodaree

Page 21: XIINXALA QULQULLINA BARREEFFAMA AFAAN OROMOO · PDF file1 Xiinxala qulqullina barreeffama Afaan Oromoo Muummee Afaan Oromoofi Ogbarruu, Kolleejjii Saaynsii Hawaasaafi Namummaa Yunivarsiitii

21

c. Kaaffeefi Restooraantii Kastil(i)

d. Wirtuu Leenjii Kompiitaraa

e. Mana Maxxansaafi Kompiitaraa Yees IMX

f. Hojii Maxxansaa Kiyyaa-Koo

g. Mana Suuraa Kiliik(i)

Haaluma walfakkaatuun, beeksisoota taappeellaa magaalaa Adaamaa keessatti fayyadama qubee

dubbifamaa /g/fi /j/ addaan baasuu dhabuun dogoggoruunis nimul’ata.

15. a) Dhaabbata Leengii Miidhaginaa Saaraa

b) Wiirtuu Leengii Teekaandoo Intarnaashinaal Abbaba

Akkuma olitti ibsamuuf yaalame odeeffannoo kanniin keessattimmoo qubee dubbifamaa /g/ Afaan

Oromoo keessatti fayyadama qubee /j/ waliin addaan baasuu dhabuutu mul’ata. Kunis, a)fi b) keessatti

jechi leengii jedhu Afaan Oromoo keessa waan hinjirreef, hiika dhabeessadha. Kanaaf sababa kan ta’e,

qubee dubbifamaa /g/dha. Kanaafuu, qubeen /g/ gara /j/tti jijjiiramee leenjii jedhamuun sirraa’uu danda’a.

Haaluma walfakkaatuun, beeksisoota taappeellaa tokko tokko keessatti qubeen /x/ Afaan Oromoo

keessatti sagalee kam akka bakka bu’u hubannoo dhabuudhaan dogoggorri yoo uumamu argina.

16. a) Hoteela Exsikutiv

b) Mana Puulii Aleex

c) Expiressii Qaraan Qarshii Dabarsuu Damee Adaama

Akkuma olitti tuqamuuf yaalame jechoonni odeeffannoo armaan olii keessatti a) Exsikutiv b) Aleex, c)

Expiressii jedhaman jechoota afaan birooti. Afaan Oromoo keessatti ergaa tokkollee dabarsuu

hindanda’an. Sababnisaa, jechoonni kunniin kan afaan biroo ta’uurra darbanii fayyadamni qubee /x/

jechoota kanniin keessatti sirrii waan hintaaneefidha. Kanaafuu, haaluma afaan biroo keessatti

beekamaniin ergaa akka qabaatan gochuun barbaachisaadha. Kunis, qubee /x/ gara /k/tti jijjiiruun (a)

Eksikutiivi jedhamuutu irra ture. Odeeffannoo Aleex(b)fi Expiressii(c) jedhan keessattis, qubee /x/ gara

/k/tti jijjiiruun; akkasumas, dhamjecha /-si/ dhuma jecha b)tti dabaluun Aleeksi, kan c) keessattis gidduutti

dabaluun Eksipireesii jedhamanii sirraa’uu danda’u. Jecha Eksipireesii jedhu keessatti qubeen /e/

dabalamuufi qubeen /s/ haqamuu ilaalchisee duratti waa’ee dheeraafi gabaabaa; akkasumas, jabaafi

laafaa jalatti waan ilaalleef as jalatti kan sirrii ta’e qofatu kaa’amee darbe.

Odeeffannoo armaan gadii keessattimmoo fayyadama qubee Afaan Oromoo /y/fi /u/ addaan baasuu

dhabuurraa dogoggorri yeroo uumamu argina.

17. a) Paastariifi Fudii Uniik

b) Omisha Gasiiy Universalii

c) Uniiveersaal Isteeshinarii

Odeeffannoo kanniin keessatti jechoonni Uniik(a), Universalii(b), Uniiveersaal(c) jedhaman fayyadama

Afaan Oromoo keessatti dogoggora. Dogoggorichis, jalqaba jechoota kanaatti qubee /u/ fayyadamuurraa

madde. Kanaafuu, qubee /y/ jalqaba jechoota kanaatti fayyadamuun sirraa’uu danda’u. Gara caasaa

Afaan Oromootti deebi’anii yoo barreeffaman a) Yuunik(i), b)fi c) Yuunivarsaal(i) ta’uutu irra ture.

Page 22: XIINXALA QULQULLINA BARREEFFAMA AFAAN OROMOO · PDF file1 Xiinxala qulqullina barreeffama Afaan Oromoo Muummee Afaan Oromoofi Ogbarruu, Kolleejjii Saaynsii Hawaasaafi Namummaa Yunivarsiitii

22

Walumaagala, dogoggorra odeeffannoo kana keessatti mul’atan kanneen biroo dabalatee bifa armaan

gadiitiin sirraa’uu danda’u.

a. Paastariifi Fuuddii Yuunik(i)

b. Omisha Gaasii Yuunivarsaal(i)

c. Isteeshinarii Yuunivarsaal(i)/ Meeshaalee Barreeffamaa Yuunivarsaali

Odeeffannoo armaan gadii keessattimmoo qubee dachaa Afaan Oromoo keessatti ergisaan fayyadu

dogoggoraan fayyadamuutu mul’ata.

18. a) Mana Barumsaa Vizhiin Lakk.2

b) Kiingdoom Viizhinii Internaashinalii

Akkuma olitti tuqamuuf yaalame qubeen /zy/ Afaan Oromoo keessatti qubeewwan lamarraa yookiin /z/fi

/y/rraa walitti dhufuun akka qubee tokkootti tajaajila kenniti. Haata’umalee, odeeffannoo olii keessatti

qubee /z/fi /h/ walitti fiduun /zh/ godhanii kan kanaan dura Afaan Oromoo keessatti hinbeekamne

fayyadamuu argina. Kanaafuu, qubeen /h/ qubee dachaa /zh/ a)fi b) keessatti jecha Vizhiinfi Viizhinii

jedhaman keessatti argamu qubee /zy/tti geeddaramee Viizyinii ta’uun sirraa’a. Sababnisaa, qubeen kun

barreeffama Afaan Oromoo keessatti /zy/dhaan beekama malee, /zh/dhaan miti (Askale, 1998:323).

Fayyadama Hudhaarratti Hanqinoota Mul’atan

Hudhaan (’) qubee Afaan Oromoo keessaa akka dubbifamaa tokkootti kan ilaalamu ta’uu nimirkaneessu

(Askale, 1998; Abarraa, 1995; Addunyaa, 2010). Kanumaan walqabsiisuun, hudhaan Afaan Oromoo

keessatti iddoo garaagaraatti tajaajilaaf kan ooluu danda’u ta’uu lafa kaa’u. Kanniin keessaa

dubbachiistuu gosti tokko lamaa ol ta’anii yoo walitti aananii dhufan, dubbachiistuu gosa addaddaa

gidduufi dubbifamaafi dubbachiistuu gidduu galuun tajaajila. Gabaabumatti, bakka hafuurri sombaa bahu

qoonqoorratti addaan citu galuun tajaajila kenna. Haata’umalee, odeeffannoo armaan gadii keessatti

fayyadamni hudhaa yeroo dhabamu argina.

19. a) Maaya Turssiisaa Daaimmann

b) Aimroo Ginddugaleessa Bashanana fi Gabaa

c) Gurupii Biiznasii Iquaatoriiyaal

d) Deddebisaa Feumsaa Fiqiruu Gaaradaw

Odeeffannoo a-d jiran keessaa Daaimmann, Aimroo, Iquaatoriyaaliifi feumsaa kanneen jedhan keessatti

hanqinni dubbachiistuu gosa addaddaa gidduutti hudhaa fayyadamuu nimul’ata. Kanaafuu, kan jalqabaa

Daa’immanii kan jedhutti, kan lammataa A’imiroo yookiin Ayimiroo kan jedhutti, sadaffaan

Ikkuwaatooriyaal(i) yookiin Ikku’aatooriyaal(i); akkasumas, afraffaan Fe’umsaa kan jedhutti;

walumaagala, dogoggora caasaa kanneen biroo achi keessatti argaman fakkeenyaaf, duraaduuba

jechootaa dabalatee bifa gadiitiin sirraa’uu danda’u.

a. Tursiisa Daa’immanii Maayaa

b. Wirtuu Bashannanaafi Gabaa Ayimiroo

c. Biizinasi Giruuppii Ikkuwaatooriyaal(i)

d. Deddeebisaa Fe’umsaa Fiqiruu Gaarradaawu

Page 23: XIINXALA QULQULLINA BARREEFFAMA AFAAN OROMOO · PDF file1 Xiinxala qulqullina barreeffama Afaan Oromoo Muummee Afaan Oromoofi Ogbarruu, Kolleejjii Saaynsii Hawaasaafi Namummaa Yunivarsiitii

23

Dogoggora Fayyadama Jechaa

Beeksisoota taappeellaa magaalota naannoo Finfinnee keessatti akkuma rakkoo caasaa jalatti

dogoggorri qubee bifa garaa garaatiin mul’atu rakkoo fayyadma jechaa jalattis dogoggorri addaddaa

ni’argamu. Rakkoo fayyadama jechaatti kanneen ilaalaman walqabsiistuu ‘fi’ akka ofdanda’aatti

fayyadamuu, duraaduuba jechaa eeguu dhabuufi irradeebii hinbarbaachifne maqaa dhahuun

nidanda’ama. Mee kanneen haala itti aanuun haalaallu.

Walqabsiistuu ‘fi’ Akka Ofdanda’aatti Fayyadamuu

Akkuma mata-duree rakkoo daangaa jechootaa jalatti ibsame walqabsiistuun ‘fi’ ulaagaalee hiikaa,

caasaafi xinsagaa waan hinguunneef, kophaa dhaabbattee barreeffamuu hindandeessu (Askale,

1998:335). Haata’umalee, odeeffannoo gadii keessatti walqabsiistuun kun kophaa ofdandeessee yoo

dhaabbattu argina. Odeeffannoo gadii keessatti qofa osoo hintaane kanneen duraan ibsi itti kennamee

darbe tokko tokko keessattis dogoggorri kun ni’argama.

20. a) Dhaabbata Raadiyoo Fi TV Oromiyaa

b) Waajjiraa Aadaa Fi Tuurizimii Godina Shawaa Bahaa

c) Kolleejjii Barnoota Fi Leenjii Teekinikaa Fi Ogummaa Adaamaa

Walumaagalatti, akkuma Askale (ishuma) ibsitu walqabsiistuun ‘fi’ ulaagaalee ibsamanirratti hundaa’uun

kophaa dhaabbachuun sirrii waan hintaaneef, jecha duubaan jirutti maxxanee barreeffamuu qaba.

Haaluma kanaan, dogoggora kanneen biroo dabalatee akkanatti sirraa’uu danda’u.

a. Dhaabbata Raadiyoofi TV Oromiyaa

b. Waajjira Aadaafi Tuurizimii Godina Shawaa Bahaa

c. Kolleejjii Barnootaafi Leenjii Teekinikaafi Ogummaa Adaamaa

Hanqina Fayyadama Duraaduuba Jechaa

Dogoggora beeksisoota taappeellaa magaalaa Adaamaa keessatti mul’atan keessaa tokko duraa duuba

jechootaadha. Jechoota bakka isaanii malee galchuun dogoggoraaf qabata akka ta’e ibsa (Addunyaa,

2010). Akkasumas, duraaduubni jechootaa afaan addaddaa keessatti akkaataa tajaajila kennuun

ilaalamuu qaba (Crystal, 1997). Haata’umalee, odeeffannoo gadii keessatti duraa duubni jechootaa

caasaa gaalee Afaan Oromoo yoo faallessan argina.

21. a) Liyuu Hojii Bu’aa Ananeii

b) Mana Hoteela Fi Fooni Yordaanos

c) Abbaay Baankii W.A Damee Adamaa

d) Dashen Baankii Naannoo Naazreet Araadaa

e) Kuusaa Mana Kitaaba Meeggaa Damee Adaamaa

f) Siinaa Wirtuu Tursiisaa fi Kunuunsa Daa’immanii

g) Dame Kaaba Waldaa Amantaa Kiristaana Hawariyatii

h) Shawa Warshaa Daaboo Fi Daakuu Waldaa Dhuunfaa I/G Isaa kan Murtaa’e

Page 24: XIINXALA QULQULLINA BARREEFFAMA AFAAN OROMOO · PDF file1 Xiinxala qulqullina barreeffama Afaan Oromoo Muummee Afaan Oromoofi Ogbarruu, Kolleejjii Saaynsii Hawaasaafi Namummaa Yunivarsiitii

24

Odeeffannoo a) keessatti kan ibsamuu barbaade waa’ee jecha Liyuu jedhamee osoo hintaane, hojii bu’aa

aannaniiti. Kanaafuu, Hojii Bu’aa Aannanii Liyyuu ta’uun jechi Liyyuu jedhu dhumarra oolee barreeffamuu

danda’a.

Odeeffannoo b) keessatti mana kan jedhu hoteela kan jedhu wajjin dhaabbatee waan buusu hinqabu.

Akkanumatti Mana Qorichaa, Mana Foonii, Mana Barumsaafi wkf wajjin walfakkeessanii ilaaluun

fayyadamani. Afaan Oromoo keessatti Mana Hospitaalaa, Mana Hoteelaa, Mana Kilinikaafi wkf jechuun

hinbarbaachisu. Jechootuma Hospitaala, Hoteela, Kilinika jedhaman qofaatu gahaadha. Kanaafuu, mana

kan jedhu jecha foonii jedhu wajjin tokko ta’ee osoo barreeffamee sirrii ta’a. Kunis, bifa lamaan sirraa’uu

danda’a. Inni jalqabaa, jecha foonii jedhu gara jecha mana jedhuutti dabarsuun Mana Fooniifi Hoteela

Yordaanos jechuun; inni lammataa, jecha Mana jedhu gara jecha foonii jedhutti dabarsuun Hoteelaafi

Mana Foonii Yordaanos kanneen jedhan ta’u.

Odeeffannoo c)fi d) keessatti dhimmichi kan xiyyeeffatu Baankiirratti malee Abbaayiifi Dashenirratti miti.

Kanaafuu, fayyadama caasaa Afaan Oromoo keessatti maqaan ibsa maqaa dursee dhufuu waan qabuuf,

maqaan Baankii jedhu Abbaayiifi Dashen dursuun, Baankii Abbaay W.A Damee Adaamaa; akkasumas,

Baankii Daashen Naannoo Araadaa Naazreet ta’uun sirrata.

Odeeffannoo e) keessatti jechi kuusaa jedhu dura dhufuun mana kan jedhu itti aanee kuusaa mana

jedhamuun ammas fayyadama caasaa Afaan Oromoorraa maqee jira. Kanaafuu, bakka waljijjiiruun

Mankuusa Kitaaba Meeggaa Damee Adaamaa jedhamee sirraa’uu danda’a.

Odeeffannoo f) keessatti jechi Siinaa jedhu ibsa dabalataadha. Kanaafuu, kan beeksifamuu barbaadame

Wirtuu Tursiisaafi Kunuunsa Daa’immanii kan jedhu waan ta’eef, jechi Siinaa jedhu dhumarra dhufee

Wirtuu Tursiisaafi Kunuunsa Daa’immanii Siinaa kan jedhutti sirraa’uu danda’a.

Odeeffannoo g) keessattis dogoggorri duraa duuba jechootaa nimul’ata. Kunis, kan ibsamuu barbaadame

waa’ee damee kaabaa osoo hintaane waa’ee waldaa Amantaa Hawaariyaatidha. Kanaafuu, gaaleen

damee kaabaa jedhu dhumarra dhufuudhaan Waldaa Amantaa Kiristaanaa Hawaariyaati Damee Kaabaa

ta’uun caasaa gaalee Afaan Oromoo eegee barreeffamuutu irra ture.

Haaluma walfakkaatuun, odeeffannoo h) keessatti xiyyeeffannaan jecha Shawaa jedhu waan hintaaneef,

jechi Shawaa jedhu jecha Daakuu jedhutti aanee dhufuun Warshaa Daabboofi Daakuu Shawaa Waldaa

Dhuunfaa I/G/ Isaa Murtaa’e kan jedhutti sirraa’uu danda’a.

Walumaagala, caasaa gaalee Afaan Oromoo eeganii bifa armaan gadiitiin barreeffamuutu irra ture.

a. Hojii Bu’aa Aannanii Liyyuu

b. Hoteelaafi Mana Foonii Yordaanos/ Mana Fooniifi Hoteela Yordaanos/

c. Baankii Abbaay W.A Damee Adaamaa

d. Baankii Daashen Naannoo Naazreet Araadaa

e. Mankuusa Kitaaba Meeggaa Damee Adaamaa

f. Wirtuu Tursiisaafi Kunuunsa Daa’immanii Siinaa

g. Waldaa Amantaa Kiristaanaa Hawaariyaati Damee Kaabaa

h. Warshaa Daabboofi Daakuu Shawaa Waldaa Dhuunfaa I/G Isaa Murtaa’e

Page 25: XIINXALA QULQULLINA BARREEFFAMA AFAAN OROMOO · PDF file1 Xiinxala qulqullina barreeffama Afaan Oromoo Muummee Afaan Oromoofi Ogbarruu, Kolleejjii Saaynsii Hawaasaafi Namummaa Yunivarsiitii

25

Fayyadama Dogoggora Jijjiirraa

Dogoggorri jijjiirraa beeksisoota Afaan Oromoo taappeellaa magaalaa Adaamaa keessatti mul’atan

hanqina jijjiirraa maqaa, jechoota mijatoo hintaane fayyadamuu, dhaabbii dhabuu jechoota faayidaa

kennanii, jechoota ifa hintaane fayyadamuufaadha. Kanneen odeeffannoo argame wajjin walsimsiisuun

bifa armaan gadiitiin haalaallu.

Fayyadama Hanqina Jijjiirraa Maqaa

22. a) Kiiliinika Yaala Ilkanii Haadha Adaamaa

እናት አዳማ ልዩ የ ጥርስ ክሊኒክ

Enat Adama Dental Clinc

b) Mana Siree Ijaa Adaamaa

አይን አዳማ የ እንግዳ ማረፊያ

Ayin Adama Guest House

c)Mana Barnoota Biftu Adaamaa Oolmaa daaimanii-10ffaa

የ አዳማ ፀሐይ ት/ቤት ከአፀደ ሕፃ ናት -10ኛ ክፍል

Biftu Adama School KG_10th

Grade

Odeeffannoo sadan olitti argaman keessatti hanqinni jijjiirraa maqaa nimul’ata. Kunis, a)

keessatti jechi Afaan Amaaraafi Afaan Ingiliziitiin duraa duubaan እናትfi Enat jedhamanii

tajaajila kennan, Afaan Oromootiin Haadha kan jedhu bakka bu’anii jiru. Haata’umalee,

maqaaleen dhaabbilee dhuunfaa, manneen barnootaa, hospitaalotaafi wkf Afaan maddaa wajjin

hidhata waan qabaniif, jijjiiramuu kan hinqabne ta’uu boqonnaa lama 2.5.2 jalatti ibsamee jira

(Newmark, 1988). Kanaafuu, jechi Afaan Amaaraafi Afaan Ingiliziitiin እናትfi Enat jedhu

Afaan Oromootiinis Innaat jedhamee barreeffamuu qaba. Sababnisaa, yoo addadda ta’e waan

garaa garaa bakka bu’a malee, beeksisa tokko ibsuu waan hindandeenyeefidha.

Odeeffannoo b) keessattis jechi Afaan Oromootiin Ijaa jedhu Afaan Amaaraafi Afaan

Ingiliziidhaan, አይን fi Ayin jedhamanii argina. Bifuma walfakkaatuun, as keessattis addadda

ta’uunsaa waan tokko osoo hintaane waan garaagaraa akka bakka bu’utti sababa ilaalamuuf

sirrii miti. Kanaafuu, fedhii abbichaarratti hundaa’uun Afaan Oromootiin kan barreeffame kan

Afaan Amaaraafi Afaan Ingiliziitiin barreeffamee wajjin walfakkaachuudhaan Ayin

jedhamuutu irra ture. Yookiin kan Afaan Amaaraafi Afaan Ingiliziidhaan barreeffaman gara

kan Afaan Oromootti deebi’uudhaan walsimuu qabu.

Odeeffannoo c)rraa hubachuun akkuma danda’amu jechi Afaan Oromoofi Afaan Ingiliziitiin

Biftu (iddoo lamaanittuu haala tokkoon barreeffame) jedhu Afaan Amaaraatiin ፀሐይ kan

jedhutti jijjiiramee argama. As keessattis, akkuma duraanii maqaan jijjiiramuun waan

garaagaraa bakka bu’uu sababa ibsuuf gartokkotti deebi’uun barbaachisaadha. Kanaafuu,

Afaan Amaaraatiin kan adda ta’e kan Afaan Oromoofi Afaan Ingiliziidhaan walfakkaachuu

qaba. Yookiin kan Afaan lachuun tokko ta’e, kan Afaan Amaaraatiinis tokko ta’ee

barreeffamuu qaba. Haaluma kanaan, akka filannoo tokkootti bifa armaan gadiitiin sirraa’uu

danda’u.

Page 26: XIINXALA QULQULLINA BARREEFFAMA AFAAN OROMOO · PDF file1 Xiinxala qulqullina barreeffama Afaan Oromoo Muummee Afaan Oromoofi Ogbarruu, Kolleejjii Saaynsii Hawaasaafi Namummaa Yunivarsiitii

26

a. Kilinika Yaala Ilkaanii Innaat Adaamaa

እናት አዳማ ልዩ የ ጥርስ ክሊኒክ

Enat Adama Dental Clinc

b. Mana Siree Ayin Adaamaa/Mana Keessummaa Ayin Adaamaa

አይን አዳማ የ እንግዳ ማረፊያ

Ayin Adama Guest House

c. Mana Barnootaa Biiftuu Adaamaa Oolmaa daa’immanii-10ffaa

የ አዳማ ፀሐይ ት/ቤት ከአፀደ ሕፃ ናት -10ኛ ክፍል

Biftu Adama School KG_10th

Grade

Fayyadama Jechoota Mijatoo Hintaane

Odeeffannoon mata-duree kana jalatti ilaalaman Afaan Amaaraa yookiin Afaan Ingiliziitiin

jechoonni ergaa dabarsuuf oolan, Afaan Oromoo keessatti bifa walfakkaatuun ergaa guutuu

kan hindabarsine ta’uudha. Odeeffannoon kunniin kanneen armaan gadiiti.

23. a) Studiyoo Suuraa Waligalaa Taayim

ታይም ፕሮፈሽናል ፎቶ ስቱዲዮ

Time Professional Photo Studio

b) Outoo Esprii Taammiruu

ታምሩ የ መኪና እቃ መለዋወጫ

c) Mana Qoricha Qaxaamura Dimaa Adaamaa

አዳማ ቀይ መስቀል መድኃኒት ቤት

Adama Redcross Pharmacy

d) Kuusaa Meeshaalee Bareesaa Seentraal

ሴንትራል የ ፅሕፈት መሣሪያ መደብር

Sentral Stationery

e) Mana Qorriichaa Dukkaanaa

Drug Store

f) Meeshaalla Gurgurtaa Farnichaara Fii Eleektiironikssii Akiiyaa

አኪያ ጠቅላላ የ ስፕሪንግ ፍራሽና የ ፈርኒቸር ዉጤቶች መሸጫ ኃ.የ ተ

Odeeffannoo jalqabaa keessatti Afaan Oromootiin jechi waliigalaa jedhamee taa’e, Afaan

Amaaraafi Afaan Ingiliziitiin ፕሮፈሽናልfi Professional jedhamuun duraaduubaan bakka bu’ee

jira. Haata’umalee, jechoonni kunniin bakka walbu’uuf mijatoo miti. Jechi waliigalaa jedhu

baay’ina hojichaa ibsa. Jechi professional jedhu ammoo, ogummaa hojichaa wajjin walqabata.

Kanaafuu, Afaan Oromootiin kan barreeffames gara isa afaanota lachuutiin ibsametti deebi’uun

Piroofeeshinaal(i) jedhamee barreeffamuutu gaariidha.

Bifuma walfakkaatuun, odeeffannoo lammataa keessattis outoo Esprii kan jedhu gaalee Afaan

Oromoo miti. Beeksisoota tokko tokko keessatti meeshaalee jijjiirraa konkolaataa jedhamuun

Page 27: XIINXALA QULQULLINA BARREEFFAMA AFAAN OROMOO · PDF file1 Xiinxala qulqullina barreeffama Afaan Oromoo Muummee Afaan Oromoofi Ogbarruu, Kolleejjii Saaynsii Hawaasaafi Namummaa Yunivarsiitii

27

Afaan Oromootti jijjiiramee faayidaa kennaa jira. Fakkeenyaaf, odeeffannoo 5d ilaaluun

nidanda’ama. Jecha kanaan bakka bu’uun isaas ergaa dabarsuuf mijataadha. Kanaafuu,

odeeffannoo kana keessatti ergaa barbaachisu dabarsuu waan hindandeenyeef, akkuma

kanneen biroo keessatti ibsameen tokko ta’uun Meeshaalee Jijjiirraa Konkolaataa Taammiruu

jedhamee barreeffamuu danda’a.

Odeeffannoo sadaffaa keessatti gaaleen Qaxaamura Dimaa jedhu ergaa barbaadame dabarsuuf

mijaawaa miti. Sababnisaa, Afaan Oromoo keessatti jechi qaxxaamura jedhu waan tokko waan

biroo qaxxaamuruu (darbuu) mul’isa. Qaxxaamura Diimaa yeroo jedhamus waan diimaan

tokko qaxxaamuruu ibsa. Afaan Ingilizii keessatti jechi cross jedhu hiika qaxxaamuruufi

fannoo jedhaman lamaaniif oola. Afaan Oromoo keessatti garuu qaxxaamuraafi fannoon

garaagara. Afaan Amaaraatiin መስቀል kan jedhus Afaan Oromootiin fannoo kan jedhuun bakka

bu’a. Kanaafuu, yaanni darbuu barbaadames kanaa wajjin walqabata; akkasumas, fannoo

diimaa kan jedhu asxaa beeksisicharra jiru salphumatti waan bakka bu’uuf, Mana Qorichaa

Fannoo Diimaa Adaamaa yoo jedhame dhaamsa sana dabarsuuf irra caalaa mijaawaa ta’a.

Odeeffannoo afraffaa keessatti yaanni Afaan Oromootiin Meeshaalee Bareesaa jedhu kan

Afaan Amaaraatiin የ ፅሕፈት መሣሪያ jedhuufi kan Afaan Ingiliziitiin Stationery jedhu bakka

hinbu’u. Kan ibsamuu barbaadame meeshaalee barreeffamaaf oolanidha. Kanaafuu, Kuusaa

Meeshaalee Barreeffamaa Senteraal(i) yoo jedhame gaarii ta’a.

Odeeffannoo shanaffaa keessatti Mana Qorriichaa Dukkaanaa kan jedhu Afaan Ingiliziitiin

Drug Store kan jedhuun bakka bu’ee jira. Haata’umalee, odeeffannoo kana keessatti jechi

mana jedhuufi dukkaana jedhu lamaanuu dhimmuma tokko ibsuuf oolu. Mana Qorichaa

yookiin Dukkaana Qorichaa jedhamuu danda’a. Kanaafuu, jechi mana jedhuufi dukkaana

jedhu beeksisa kana keessatti irradeebii hinbarbaachifne waan ta’eef, bifa lamaan olitti ibsaman

keessaa tokkotti yoo sirrate gaarii ta’a. Haaluma walfakkaatuun, odeeffannoo lakkoofsa tokko

(1) yookiin beeksisa waa’ee lotorii ilaallatu keessatti irradeebii hinbarbaachifnerratti ibsi waan

kennameef isa ilaaluunis nidanda’ama.

Odeeffannoo ja’affaa keessatti jechi Eleektiironikssii jedhu tajaajila tokko malee taa’ee jira.

Sababnisaa, akka qoratichi argettis manicha keessatti tajaajilli kennamaa jiru Firaashaafi

meeshaa mukarraa tolfaman gurguruudha. Afaan Amaaraatiin kan barreeffame keessattis yaada

Elektirooniksii wanti ibsu tokko hinjiru. Kanaafuu, Meeshaalee Gurgurtaa Farniicharaafi

Firaasha Ispiriingii Akiiyaa ta’ee yoo barreeffame gaarii ta’a.

Dhaabbii Dhabuu Jechootaa

Beeksisoota Afaan Oromoo taappeellaa magaalaa Adaamaa keessatti garaagarummaan jijjiirraa

yaada walfakkaataa tokkoof yeroo kennamu argina. Fakkeenyaaf, odeeffannoo armaan gadii

haalaallu.

24. a) Gast Haawusii Aalfaa

b) Matikoof Kaaffeefi Gasti Haawos

c) Mana Kessummaa Adaamaa Boruu

Page 28: XIINXALA QULQULLINA BARREEFFAMA AFAAN OROMOO · PDF file1 Xiinxala qulqullina barreeffama Afaan Oromoo Muummee Afaan Oromoofi Ogbarruu, Kolleejjii Saaynsii Hawaasaafi Namummaa Yunivarsiitii

28

Odeeffannoo tokkoffaafi lammaffaa keessatti Gast Haawusii kan jedhu odeeffannoo sadaffaa

keessatti mana keessummaa kan jedhuun bakka bu’amee argina. Kanneen bifa walfakkaatuun

gara Afaan Oromootti deebisnee yoo keenye dhiibbaa waan qabu miti. Inumaayyuu ergaa isaa

caalmaatti ifa godha waan ta’eef, Mana Keessummaa Aalfaa, Kaaffeefi Mana Keessummaa

Maatiikoof jedhamanii yoo taa’an gaarii ta’a.

Bifuma wal-fakkaatuun, odeeffannoo armaan gadiis haalaallu.

25. a) Outoo Esprii Taammiruu

b) Meeshaale Jijjiiraa Konkolaataa Tasiffaa

Odeeffannoo jalqabaa keessatti gaaleen Outoo Esprii jedhu gaalee Afaan Oromoo waan

hintaaneef, namni Afaan Oromoo qofa beeku tokko jecha Taammiruu jedhu maqaa namaa

ta’uu qofarraan kan hafe homaa tokko hubachuu hindanda’u. Haata’umalee, akkuma

odeeffannoo lammaffaa keessaatti jijjiiramuun Meeshaalee Jijjiirraa konkolaataa Taammiruu

yoo jedhame ergaan isaa ifa ta’a. Akkasumas, dhaabbii qabaata.

Fayyadama Jechoota Ifa Hintaane

Jechoonni ifa hintaane sababoota garaa garaatiin kanneen uumamanidha. Mee odeeffannoo

gadii haalaallu.

26. a) Mana Fooni Miliiyeem

ሚሊኒየ ም ሥጋ ቤት

b) Hoteela Initree.Sisaay

ሲሳይ ኢንተርናሽናል ሆቴል

Sisay International Hotel

c) T.House Kaffee Fi Restoorantii

ቲ ሀዉስ ካፌና ፋስት ፉድ

d) Shurrabbaa Masii

መሲ ሹሩባ

e) Barii Fi Reestooraantii Qulbii

ቁልቢ ሬስቶራንት

Odeeffannoo jalqabaa keessatti jechi Miliiyeem jedhu ifa miti. Jechi kun maddisaa Afaan

Oromoo ta’uu haabaatuyyuu malee qubeen isaa akkaataa jecha sana bakka bu’uu danda’uun

barreeffamuu qaba. Kanaafuu, Mana Foonii Miliiniyeemii jedhamee yoo barreeffame ifa ta’a.

Odeeffannoo lammataa keessatti jechi Initree jedhu guutee waan hinbarreeffamneef, ergaa

yaadame hindabarsu. Kanaafuu, akka ifa ta’uuf jechi sun guutuu ta’ee barreeffamuu qaba.

Page 29: XIINXALA QULQULLINA BARREEFFAMA AFAAN OROMOO · PDF file1 Xiinxala qulqullina barreeffama Afaan Oromoo Muummee Afaan Oromoofi Ogbarruu, Kolleejjii Saaynsii Hawaasaafi Namummaa Yunivarsiitii

29

Kunis, akkuma Afaan Amaaraafi Afaan Ingilizii keessaatti Afaan Oromootiinis Hoteela

Internaashinaalii Sisaay jedhamee ifa ta’uutu irra ture.

Odeeffannoo sadaffaa keessatti T.House kan jedhu caasaa Afaan Oromoo hordofee

hinbarreeffamne. Akkuma jirutti caasaa Afaan Ingilizii waan hordofeef, ifa miti. Kanaafuu,

gara caasaa Afaan Oromootti deebi’uun T. Haawusii jedhamee barreeffamuun ifa ta’uu

danda’a. Walumaagalatti, duraa duuba jechootaa dabalatee sirraa’uun Kaaffeefi Restooraantii

T. Haawusii yoo jedhame gaarii ta’a.

Odeeffannoo afraffaa keessatti dhaamsi darbuu barbaade ifa hintaane. Jechi Shurrabbaa jedhu

Shurrubbaa rifeensa mataa haata’u, shurraaba kan uffatamu haata’u waan ibsuu barbaade

addaan hinbaasu. Kanaafuu, qubeen isaa sirraa’uun akkaataa hawaasni fayyadamuun ifa ta’uu

barbaachisa. Kunis, tajaajila miidhagina rifeensaa achitti waan kennaniif, Mana Miidhaginaa

Masii yoo jedhame irra caalaa ifa ta’uu danda’a. Akkuma jirutti ergaa dabarsuun yoo

barbaachise ammoo Mana Shurrubbaa Masii ta’uu danda’a.

Odeeffannoo shanaffaa keessattis jechoonni Bariifi Qulbii jedhan ifa miti. Kunis, sababa

dogoggora qubeerraa kan ka’edha. Jechi barii jedhu Afaan Oromoo keessatti yeroo ibsa. Kunis,

ganama jechuudha. Jechi kunimmoo as keessatti faayidaa hinqabu. Jechi qulbii jedhummoo

homaa hiika hinkennu. Kanaafuu, qubeen isaanii sirraa’uun Baariifi Reestooraantii Qullubbii

jedhamee barreeffamuutu irra ture.

Yaada Hanquu Kandabarsan Fayyadamuu

Beeksisoonni taappeellaa Afaan Oromoo magaalaa Adaamaa tokko tokko ergaan isaanii yaada

Afaan Amaaraatiin yookiin dhaamsa Afaan Ingiliziitiin darbuu barbaade wajjin tokko miti.

Hanqinni yaadaa keessatti nimul’ata. Kunis, dogoggora jijjiirraa keessaa tokkotti fudhatamuu

danda’a. Odeeffannoo hanqina kana qaban kanneen armaan gadii haalaallu.

27. a) Wirtuu Leenjii Compiiteraa

Net Com Technology

b) ልዩ ፈጢራና ቁርስ

Faxirraa Fii Cirree

c) Mana Suuraa Cilic

Digital Studia

ክሊክ ዲጂታል ስቱድዮ እና ቪዲዮ

d) Mana Fonnii Keeri Yihuun

ኬር ይሁን ቁርጥና ክትፎ ቤት

f) Gurgurataa Dibata fi Zeyitaa

ሙሴ የ ተለያዩ የ መኪና ዘይትና ቅባቶች

g) Akaadaamii Deeystaar

Daystar International Academy

h) Mana Nyaataa Nigaattii

ንጋት ምግብ ቤት እና ካፌ

Page 30: XIINXALA QULQULLINA BARREEFFAMA AFAAN OROMOO · PDF file1 Xiinxala qulqullina barreeffama Afaan Oromoo Muummee Afaan Oromoofi Ogbarruu, Kolleejjii Saaynsii Hawaasaafi Namummaa Yunivarsiitii

30

Akkuma odeeffannoo armaan olitti tarreeffaman kanniinirraa hubachuun danda’amu sababa hanqina

jijjiirraa garaagarummaan dhaamsa darbuu barbaadamee, afaan tokkoo kan biroo gidduutti nimul’ata.

Fakkeenyaaf, odeeffannoo jalqabaa keessatti Afaan Oromootiin wirtuun sun kan leenjiin kompuutaraa itti

kennamu ta’uu ibsa. Afaan Ingiliziitiin kan barreeffame garuu waa’ee leenjii kompuutaraa waan kaasu

hinqabu. Waa’ee teeknooloojii dubbata. Kanaafuu, dhaamsa Afaanota lamaaniin darbuu barbaade

gidduu garaagarummaan jira. Innis, garaagarummaa waan ibsamuu barbaadameeti. Kanaafuu, dhaamsa

walmadaalu afaanota lamaaniinuu dabarsuun barbaachisaa ta’a.

Odeeffannoo lammaffaa keessatti kan Afaan Amaaraatiin ibsame keessa jechi ል ዩ jedhu kan Afaan

Oromoo keessatti hinmul’anne. Kunis, hanqina yaadaa mul’isa. Kanaafuu, Faxiiraafi Ciree Addaa

jedhamee yoo barreeffame walmadaaluu danda’a.

Odeeffannoo sadaffaa keessatti Afaan Oromootiin Mana Suuraa Kiliik ta’uutu hubatama. Innuu qubeen

achi keessa jiru rakkoo waan qabuuf, sirraa’uun ta’a. Kan Afaan Ingiliziitiin ibsame keessattimmoo,

Istuudiyoo Dijiitaalaa akka ta’etti hubatama. Kan Afaan Amaaratiin ibsame keessatti garuu, Istuudiyoo

Dijiitaalaafi Viidiyoo Kiliik ta’uu dabarsa. Kunimmoo sababa hanqina jijjiirraa, garaagarummaan

dhaamsaa afaanota sadan gidduutti mul’achuu agarsiisa. Kanaafuu, ergaan walfakkaataa jijjiirraa

keessatti murteessaa waan ta’eef, akka walsimatu taasisuun barbaachisaadha.

Odeeffannoo afraffaa keessatti, Afaan Oromootiin Mana Foonii Keeri Yihuun ta’uutu ibsame. Afaan

Amaaraatiin garuu, Mana Foonii Murataafi Kitifoo ta’uu addaan baasee kaa’a. Kunis, garaagarummaa

waan qabuuf, gartokkotti dhufuun barbaachisaa ta’a.

Odeeffannoo shanaffaa keessatti Afaan Oromootiin gurgurtaa dibataafi zayitaa qofatu ibsame. Afaan

Amaaraatiin garuu dibataafi zayita addaddaa konkolaataaf oolu qabeenyummaan isaas kan Musee ta’uu

addaan baasee ibsuu hubanna. Akkuma yaadolee lamaanirraa agarru Afaan Oromootiin

fayyadamuurratti zayitaafi dibanni sun tajaajila kamiif akka oolu hinibsamne. Gamabirootiin, abbaan

qabeenyichaa kan Afaan Amaaraa keessatti ibsame Afaan Oromoo keessatti hinmul’atu. Kunis, hanqina.

Kanaafuu, kanniin hundi sirraa’uun Gurgurtaa Dibataafi Zayita Addaddaa Konkolaataa Musee yoo jenne

wal-simuu danda’a. As keessatti jechi gurgurtaa jedhu kan Afaan Amaaraa keessattis ida’amuutu irra

ture.

Odeeffannoo ja’affaa keessatti Afaan Oromootiin Akaadaamii Deey Istaar qofatu ibsamuuf yaalame.

Haata’umalee, Afaan Ingiliziitiin Akkaadaamii Deey Istaar Internaashinaalii ta’eetu ibsame. Akka

beeksisaatti jechi kun keessaa hafuun sirrii waan hintaaneef, guutuu ta’ee jijjiiramuun barbaachisaadha.

Odeeffannoo xumuraa keessatti Afaan Oromootiin Mana nyaataa Nigaati ta’uu qofa ibsa. Afaan

Amaaraatiin garuu mana nyaataa qofa osoo hintaane, tajaajila kaaffees dabalataan kan kennu ta’uu ibsa.

Kanaafuu, kunis dhaamsa wal-fakkaatutti sirraa’uun barbaachisaa ture.

Dhimma kana ilaalchisee akkan barreessitoota beeksisaa tokko tokkorraa hubachuu danda’etti, qubee

Afaan Oromootti fayyadamanii barreessuun iddoo baay’ee waan fudhatuuf, jechoota kan keessaa

hambisan ta’uu ibsu. Gama birootiin, odeefkennitoonni tokko tokkommoo baay’achuun qubee Afaan

Oromoo beeksisa barreessuu keessatti kan isaan fayyadu ta’uu ibsu. Sababnisaa, kanfaltiin yeroo tokko

tokko kan raawwatamu baay’ina qubee barreeffamuurratti waan hundaa’uuf akka ta’e kaasu. Namoonni

tokko tokkos hanga fedhe yoo baay’ateyyuu keessaa hafuu akka hinqabneefi yoo keessaa hafes, ergaa

darbu miidhuu kan danda’u ta’uu dhiheessu. Kanaafuu, waan fedheyyuu ta’u beeksisa keessatti

Page 31: XIINXALA QULQULLINA BARREEFFAMA AFAAN OROMOO · PDF file1 Xiinxala qulqullina barreeffama Afaan Oromoo Muummee Afaan Oromoofi Ogbarruu, Kolleejjii Saaynsii Hawaasaafi Namummaa Yunivarsiitii

31

dhaamsa barbaadame haala gaariitiin dabarfachuuf, jechootas ta’e qubee, keessaa hambisuun gaarii

waan hintaaneef, qulqullinaan eeggatanii barreessuun yookiin fayyadamuun barbaachisaadha.

Madda Dogoggora Fayyadama Afaanii Beeksisoota Taappeellaa

Magaalota Naannoo magaalaa guddittii Oromiyaa Finfinnee.

Armaan olitti rakkooleen fayyadama afaanii beeksisoota taappeellaa garaa garaafi deebiin af-gaaffii

qaamolee garaagaraarraa argaman xiinxalamanii jiru. Kana jalattimmoo madda rakkoolee kanneeniitu

ibsama. Maddi dogoggora fayyadama afaanii hedduu ta’anis muraasi asii gaditi ibsamaniiru.

Isaanis:Afaan Oromoorratti beekumsa dhabuu, dhiibbaa beekumsa afaan biroo (Afaan Amaaraafi Afaan

Ingilizii), Xiyyeeffannaa kennuufii dhabuufi sababa Oromoon lafasaarraa dhiibamuun sabni biraan

Finfinnee qabachuutiindha.

Afaan Oromoorratti Beekumsa Dhabuu

Odeeffannoo daawwannaafi af-gaaffiidhaan argamanirraa akkuma hubachuun danda’ametti,

barreessitoonni beeksisaa Afaan Oromoorratti barreessan dhalataa Oromoo kan hintaaneefi beekumsa

Afaan Oromoo warreen hinqabne garuu beeksisa barreessuudhaan galii guyyuu argatanidha. Akka

barreessitoonni beeksisaa deebii kennanitti sadarkaan barumsaa isaanii kutaa 12ffaa kan xummuraniifi

gosa barumsa birootiin Dippiloomaas kan baratan akka jiranidha. Haata’u malee, Afaan Oromootiin

barreessuurratti beekumsa kan hinqabne ta’uu mirkaneessanii jiru. Gamabiraatiin, beeksisoota

taappeellaa daawwatamanirraa mirkaneeffachuunis nidanda’ama.

Dhiibbaa Beekumsa Caasaa Afaan Biroo (Afaan Amaaraafi Afaan Ingilizii)

Beekumsi caasaa afaan tokkoo afaan birootiif ooluu dhiisuu danda’a. Afaan kamiyyuu seeraafi caasaa

mataasaa danda’e waan qabuuf. Barreessitoota beeksisaatiinis ta’u kanneen isaan gargaaraniin caasaan

Afaan Ingiliziifi caasaan Afaan Amaaraa barreeffama Afaan Oromootiif yeroo oolu argina. Kun ammoo

maddisaa beekumsa Saaynsii xiinqooqa Afaan Oromoo wallaaluurraa kan maddedha.

Dhiibbaa Beekumsa Caasaa Afaan Oromoo Duraanii

Afaan Oromoo duraan (qorannoon osoo irratti hingeggeeffamiin) haala garaagaraatiin barreeffamaa ture.

Fakkeenyaaf, akka Afaan Oromoo tajaajila garaagaraa kennuu eegaleen dhamjechoonni hirkatoon irraa,

dha, hin-,… jedhaniifi walqabsiistuun ‘fi’ barreeffamoota Afaan Oromoo garaagaraa keessatti ofdanda’anii

tajaajila kennaa turan. Ammas darbee darbee barreeffamoota Afaan Oromoo tokko tokko keessatti

muuxannoo duraaniirraa kan ka’e mul’ataa jira. Beeksisoota taappeellaa magaalota naannoo Finfinnee

keessattis kanuma argina. Gabaabumatti, walqabsiistuun ‘fi’ jecharraa siqee yookiin ofdanda’ee

barreeffamuu isaatiif sababa kan ta’e dhiibbaa muuxannoo duraanii ta’uu hubanna.

Xiyyeeffannaa Kennuufii Dhabuurraa

Madda dogoggora fayyadama afaanii beeksisoota taappeellaa naannoo Magaalota Finfineef sababa kan

ta’e inni biraan xiyyeeffannaa kennuufii dhabuudha. Gabaabumatti, barreessitoonni beeksisaafi

maamiltoonni waan barreeffameef xiyyeeffannoo kennuun irra deebi’anii ilaaluufi qaama dhimmi ilaallatu

leenjii garaagaraa kennuun ga’umsa isaanii cimsuurratti xiyyeeffannaan jiru laafaa ta’uu nutti agarsiisa.

Ogummaa leenji'aniin hojjechuu dhabuu

Yeroo ammaa kanatti kan baay'inaan mul'ataa jiru namni gita leenjii fudhateerratti ramadamee hojjechuu

dhabuun bal'inaan mul'ataa jira. Keessumattuu namootiin Yunivarsiitii Oromiyaa hedduurraa Ogummaa

Page 32: XIINXALA QULQULLINA BARREEFFAMA AFAAN OROMOO · PDF file1 Xiinxala qulqullina barreeffama Afaan Oromoo Muummee Afaan Oromoofi Ogbarruu, Kolleejjii Saaynsii Hawaasaafi Namummaa Yunivarsiitii

32

saaynsii XinqooqaAfaan Oromootiin leenji'anii bahan utuu jiranii namni tasumayyuu afaan sanaan

muuxannoo hinqabneefi lammiidhumaanuu Oromoo kan hintaaneetu beeksisoota kana barreessuun galii

ittiin argataa jira.

Sababa baay'achuu sabaaf sablammii Biroofi dhiibamuu Oromoo

Yeroo ammaa kana Finfinneefi naannoo Finfinnee irra caalaatti kan qabatee jiru saba Oromoon ala

ta'edha. Sabni dhufee as qubate kun ammoo abbaa biyyaa kan ta'e Oromoorraa lafa bituun manneen

daldalaa garaagaraafi wantoota biroo gaafa ijaaru jaalala Afaan Oromootiin barreessuu waan hinqabneef

afaanichi ittuu akka badurratti hojetaa jira. Kun yeroo ammaa kana Afaan Oromoo quucarsuudhaaf

madda isa hamaa ta'ee argameera.

CUUNFAAFI YAADA FURMAATAA

Kutaa kana jalatti qabxiileen ijoon armaan duratti ka’an cuunfamanii jiru. Akkasumas, argannoorratti

hundaa’uun yaada furmaataa ta’uu danda’a kan jedhames dhiyaatee jira.

Cuunfaa

Kaayyoon qorannoo kanaa xiinxala qulqullina barreeffama Afaan Oromoo; beeksisoota taappeellaa

magaalota naannoo Finfinnee keessaarratti kan xiyyeeffatedha. Kaayyoo kana galmaan ga’uuf

barreeffamoonni Afaan Oromoo taappeellaa magaalta naannoo Finfinnee daandiiwwan gurguddoorratti

argaman xiyyeeffatamaniiru. Haaluma kanaan, jalqaba rakkooleen addaan ba’anii daawwatamanii jiru;

akkasumas, odeeffannoon barbaachisu funaanamaniiru. Kunis, daawwannaafi af-gaaffii qophaa’eenidha.

Achiinbooda, odeeffannoon funaanaman qindaa’anii jiru. Dhumarratti, odeeffannoon qindaa’an

xiinxalamuun; akkasumas, mala akkamtaatti fayyadamuun qaacceffamanii jiru.

Haaluma kanaan, beeksisoota taappeellaa magaalota naannoo Finfinnee keessatti hanqinoonni

fayyadama Afaanii mul’atan addaan ba’anii jiru. Rakkooleen kunniinis, kan caasaa (duraa duuba

jechootaa eeguu dhabuu, walqabsiistuu ‘fi’ akka of danda’aatti fayyadamuu), dogoggora qubee (qubee

guddaafi qubee xiqqaa iddoo malee fayyadamuu, dubbifamaa iddoo malee jabeessuufi laaffisuu,

dubbachiistuus dheeressuufi gabaabsuu, dogoggora irrabutaa, dogoggora hudhaa, dogoggora qubee

Afaan Oromoo addaan baasuu dhabuufi) hanqina jijjiirraa (hanqina jijjiirraa maqaa, fayyadama jechoota

mijatoo hintaane, dhaabbii dhabuu jechootaa, fayyadama jechoota ifa hintaaneefi yaada hanquu kan

dabarsan fayyadamuufaadha).

Kanumaan wal-qabatee, maddi rakkoolee kanneeniis bira ga’amanii jiru. Kunis, Afaan Oromoorratti

beekumsa dhabuu, dhiibbaa beekumsa caasaa Afaan biroo (Afaan Oromoofi Afaan Ingilizii), dhiibbaa

beekumsa caasaa Afaan Oromoo duraanii, ogummaa saaynsii Afaan Oromoo kan hinbaratiin hoii kanatti

bobba'uu, xiyyeeffannaa kennuu dhabuufi Oromoon irraa jalaan naannoo Finfinneerraa dhiibamuudha.

Walumaagalatti, barreeffamaan ergaa barbaadamu tokko dabarfachuuf, fayyadama Afaanii

dogoggorarraa bilisa ta’etti dhimma ba’uun barbaachisaa ta’uun isaa beekamaadha. Kanaafuu,

fayyadama dogoggora qubee Afaan Oromootiin jiru qubee iddoo sirrii ta’etti dheeressuufi gabaabsuun,

jabeessuufi laaffisuun; akkasumas, irrabutaafi hudhaa haalaafi iddoo barbaachisu qofatti fayyadamuun

barbaachisaadha. Dhamjechoonni hirkataas jechootatti maxxanuun, kanneen ofdanda’animmoo

ofdanda’anii kophaa dhaabbachuun barreeffamuu qabu. Jijjiirraa ilaalchisees, akkaataa ergaa guutuu

Page 33: XIINXALA QULQULLINA BARREEFFAMA AFAAN OROMOO · PDF file1 Xiinxala qulqullina barreeffama Afaan Oromoo Muummee Afaan Oromoofi Ogbarruu, Kolleejjii Saaynsii Hawaasaafi Namummaa Yunivarsiitii

33

dabarsuu danda’uun raawwatamuu qaba. Kanneen jijjiiramuu hinqabnes qajeelfama jijjiirraa hordofuun

hafuu qabu. Kana ta’uu baannaan, beeksisa keesatti ergaan darbuu barbaadame haala barbaadameen

darbuun hafee nijijjiirama. Hubatamuufis rakkoo ta’a. Kun ammoo adeemsa keessa afaan guddaa biyya

kanarratti hangafummaasaa mirkaneeffataa jiru kana miidhuu danda'a waan ta'eef furmaanni ataattamaa

kennamuudha qaba. Yaada furmaataa ta'a jedhamee kan yaadames kan armaa gadii kana ta'a.

Yaada Furmaataa

Dogoggora fayyadama Afaan Oromoo taappeellaa magaalota naannoo Finfinnee keessaa furuuf

gumaachi qaamolee garaagaraa murteessaadha. Kanneen keessaa kallattiidhaan barreessitoota

beeksisaafi qaama mootummaa dhimma kana ilaallatu; akkasumas, al-kallattiidhaan hojjettoota

miidiyaalee Afaan Oromoorraa, koree waaltina Afaan Oromoofi ogeeyyii afaanii maqaa dhahuun

nidanda’ama.

Barreessitoonni beeksisaa kallattiidhaan namoota hojii kanarratti bobba’anii jiran waan ta’aniif, amma

danda’ametti beekumsa Afaan Oromoo gonfachuun barbaachisaadha. Yoo ofiisaanii Afaan Oromoo

hinbeeknes qaama dhimmichi ilaallaturraa waan mirkanaa’ee sirriidha jedhamee itti kenname qofa

barreessuu qabu. Guutummaattis qaamni Oromoo hintaane tokko dhimma Afaan Oromoofi Oromoorraa

of qusachuudha qaba. Kanaaf ammoo Oromoon wantoota afaansaa quucarsan kanarratti qabsaa'uu

qaba.

Bifuma wal-fakkaatuun, qaamni mootummaa kallattidhaan dhimma kana ilaallatu sirreessuuf ga’ee

ol’aanaa qaba. Qaamni kun namoota ogummaa afaaniitiin leenji’an ta’uu qabu. Kunis, Afaan Oromoo

dubbachuu danda’uu qofaan osoo hintaane ittifayyadama caasaarratti gahumsa qabaachuu qabu.

Hordoffiin cimaa dhimma kanarratti kan godhamuu qabus qaama kanaanidha. Kanaafuu, fayyadama

Afaan Oromoorratti rakkoolee mul’atan maqsuuf qaamni kun iddoo guddaa qaba jechuudha.

Kana malees, hojjettoota miidiyaalee Afaan Oromoorraa hojjetanirraas gumaachi barbaadamu salphaa

miti. Sababnisaa, gama tokkoon, jechoota waaltawanitti fayyadamuun qilleensarra yoo oolchan namoonni

hedduun barachuu waan danda’aniifidha. Akkasumas, dogoggora fayyadama afaanii barreeffama

taappeellaa keessatti mul’atu beeksisuun, irrattis mariisisuun akka sirraa’u gochuufis ga’ee qabu.

Dabalataan, qaamni waaltina Afaan Oromoorratti hojjetus rakkoo kana furuuf ga’een isaanii laayyoo miti.

Jechoota haarawaa Afaan Oromootiin moggaasuun, yeroo yerootti dhiheessuun itti fufuu qaba. Hojii

isaanii keessatti kanneen taappeellaarratti barreeffamaniif xiyyeeffannaa kennuunis irraa eegama.

Kanneen moggaafamanitti fayyadamuun ammoo qaama hundarraa kan eegamu ta’a.

Gamabirootiin, ogeeyyiin afaanii addaddaa qorannoo geggeessuudhaan, galmee jechootaa

qopheessuudhaan, qajeelfamoota dogoggora uumaman ittiin madaalan qopheessanii gumaachuun

barbaachisaadha. Kanumaan wal-qabatee, hawaasni fayyadama Afaan Oromoorratti hubannoo karaa

ittiin argatan babal’isuun muteessaadha.

Gabaabumatti, qoratichi ibsa olii kanaan walqabsiisee yaada furmaataa ta’uu kanneen danda’an

qabxiilee armaan gadii lafa kaa’a.

Ga’umsa Afaan Oromoo namoota hojii beeksisaa barreessuurratti bobba’anii cimsuu. Kunis, yoo

xiqqaate dandeettii barreessuufi dubbisuu akka horataniif haala mijeessuu. Fakkeenyaaf, leenjii

kennuu, barnoota ga’eessotaa keessatti hirmaachisuufaadha.

Page 34: XIINXALA QULQULLINA BARREEFFAMA AFAAN OROMOO · PDF file1 Xiinxala qulqullina barreeffama Afaan Oromoo Muummee Afaan Oromoofi Ogbarruu, Kolleejjii Saaynsii Hawaasaafi Namummaa Yunivarsiitii

34

Qaama mootummaarraa xiyyeeffannaan kennameefii, namoota hojii kanarratti IMXn ijaaramanii jiran

keessaa namni tokko fayyadama Afaan Oromoo kan beeku jiraachuu akka qabu mirkaneessuudha.

Yookiin hojii kanarratti namoota bobba’aniif eeyyamni yeroo kennamu nama caasaa Afaan Oromoo

beeku qabaachuu isaanii akka ulaagaa tokkootti hammachiisuun gaariidha.

Ogeeyyiin afaanii hojii beeksisaarratti akka hojjetaniif, qaamni ilaallatu hirmaachisuun

barbaachisaadha. Haaluma kanaan, namoonni kunniin akkaataa fayyadama Afaan Oromootiin

qindeessuun yookiin gulaaluun barreessitoota beeksisaa giddu galeessaan tajaajiluu akka danda’an

gochuudha. Kun gama tokkoon carraa hojiillee banuun madda galii waan uumuuf, itti

gaafatamummaa fudhatanii akka hojjetan taasisuun rakkoolee jiran furuuf ooluu danda’a.

Manneen barnootaa Afaan Oromootiin sadarkaa tokkoffaa hanga sadarkaa olaanaatti Finfinnee

keessatti yoo xiqqaate iddoo 20 olitti ijaaramuun barnoonni bilchina qabu hayyoota Oromoon

kennamuu qaba.

Sabni Oromoo Finfinneen isaaf magaalaa gudditttisaa waan ta'eef irraa dhiibamuu utuu hintaane itti

dhiibamuun abbaa biyyummaasaa mirkaneeffachuu qaba

Wabii

Abarraa Nafaa (gul.). (1995). Caasluga Afaan Oromoo. Jildii 1. Finfinnee: Komishinii Aadaafi Turiizimii Oromiyaatti Gumii Qormaata Afaan Oromoo.

Abiy Zegeye, and (et al.). (2009). Introduction to Research Methods: Preparatory Module for Addis Ababa University Graduate Programmes, Graduate Studies, and Research office AAU.

Addunyaa Barkeessaa. (2010). Natoo: Yaadrimee Caasluga Afaan Oromoo. Finfinnee: Mega Printing Press.

Adugna Barkessa. (2009). Terminology Related Problems in Teaching Afaan Oromoo. German: Vdm Publishing House.

Ann, Raimes (1985). Expolring through Writing. New york

Askale Lemma. (1998). Some Points on Oromo Orthography. In Interdisciplinary Seminar of Ethiopia Studies 1st Nazareth, pp. 323-337.

Bagga, B. (2007). Encyclopedia of Mass Media. India: Animol publications Pvt, ltd.

Baker, R. and Phillips, B. (1986). The sampler Patterns for composition. Lexington. D.C .health and company.

Baker, R. and Phillips, B. (1986) The sampler. Patterns for composition. Lexington. D.C health and company.

Bonn Byrne (1988). Teaching Writing skills :London and new work.

Bovee, C. and Arens, W. (1989). Contemporary Advertising. Chicago: Irwin home wood, Illinois.

Byrone, D (1988) Teaching writing skills. London & New York: Longman

Clark, L., Zimmer, K. and Tinervia, J. (1994). Business English and Communication, 8th ed. New York: Glencoe Mc Graw, Hill.

Page 35: XIINXALA QULQULLINA BARREEFFAMA AFAAN OROMOO · PDF file1 Xiinxala qulqullina barreeffama Afaan Oromoo Muummee Afaan Oromoofi Ogbarruu, Kolleejjii Saaynsii Hawaasaafi Namummaa Yunivarsiitii

35

Crystal, D. (1997). The Cambridge Encyclopaedia of language. Cambridge: Cambridge University Press.

Cunningham, P.M.(2000) Phonics They use: Words for Reading and Writing. Third Edition Longman: Addison- Wesley Educational Publishers Inc.

Cushman, R. and Pitman, A. (1993). Kleppner’s Advertising Procedure, 12th ed. New York: Prentice Hall, Englewood Cliffs, New Jersey.

Daniel, J.P. (2000). Translation. University of cd. Del Carmen, Campeche, Mexico. Retrived on November 18, 2011, http://translationdirectory.com/article414.htm

Dastaa Dassaalany. (2002). Bu’uura Qorannoo. Addis Ababaa: Dhaabbata Maxxansaa Boolee.

Diyanni, R. and Hoyll, P. (1998). The Scribner Handbook for Writers, 2nd ed. Boston: Allyn and Bacon.

Dodds.J and Rink, H. (1998). the Ready Reference Hand Book Allyn and Bacon. William Rainey Harper college.

Ezor Edwin and Lewis Jill. (1984). From paragraph to Essay. Aprocess Approch for Beginning college writing. NewYork.Mc Graw- Hill,Inc.

Fowler, R. (1978). Understanding Language: London: Routledge and Kegan Paul Publishers.

Gadaa Melbaa. (1988). Oromia: An Introduction. Khartoum, Sudan.

Gallo, J and Rink, H (1973) Newyork sharping college writing paragraph and Essay. Harcourt Brace Jovanovich, inc.

Garman, M. (1990). Psycho Linguistics. New York: Cambridge University Press.

Geremew Lemu. (1999). A study of the Requirments in writing for Academic purposes at Addis Ababa University. Four Departments in Focus: Addis Ababa; Addis Ababa University.Unpublished PhD. Dessertation.

Getnet Tezazu. (1993). The Responding behaviour of Sophomore English instructors of Addis Ababa University to students writing. Addis Ababa: Addis Ababa University, un published MA Thesis.

Glencoe.(1996). Writer’s Choice. Grammar and Composition. Printed in USA.

Gorell, M.R. and Laird. (1967). Modern English Hand Book, 4th ed. London: Prentice Hall Inc.

Goshgarian, G. (ed.). (2001). Exploring Language, 9th ed. New York: Addison Wesley Educational Publishers, Inc.

Gragg, G. (1976). “Oromo of Wollega.” In The Non Semantic Language of Ethiopia, ed. M.L. Bender, pp. 166-195. East Lansing. Michigan: Michigan State University Press.

Grundy Peter (1991): Writing for study Purposes. Combridge

Guth,H.P . (1989). The Writer’s Agenda. San Jose state University: Wadsworth Publishing Componey California: USA.

Harid, C. (1996). Careers in Marketing Advertising and Public Relations. London: Logan Page Ltd.

Harmer, (1991). The practice of English Language Teaching. Longman, New edition , Printed in Malsyia.

Page 36: XIINXALA QULQULLINA BARREEFFAMA AFAAN OROMOO · PDF file1 Xiinxala qulqullina barreeffama Afaan Oromoo Muummee Afaan Oromoofi Ogbarruu, Kolleejjii Saaynsii Hawaasaafi Namummaa Yunivarsiitii

36

Hawariat Petros. (2006). “The Portrayal of women in Billboard Advertising.” Addis Ababa University (Unpublished MA Thesis).

Hedge, T,(2000). Teaching and Learning English. Londen : Long man UK Group Ltd.

Hillocks George.(1986). Research on Written Compoistion. New Direction for Teaching: Printed in USA.

Hjelmslev Lous. (1970). Language An Introduction. New York: George Banta Company, Inc.

Hyward, R. and Mohammed Hassen. (1981). The Oromo Orthography of Sheik Bakri Sapalo. Bulletin of the School of Oriental and African Studies Vol.xliv part 3 University of London.

J. Ralion.Nelson (1952): Writing Thecnical Report. New York

Jupp, Victor. (2006). The Sage-Dictionary Of Social Research Methods. London: Pine Forge press.

Michael, c.and etal.(2002). Teaching Through Text: Reading and Writing in the content Areas. A pearson Education Company. Boston: USA.

Misgaanuu Gulummaa (2011b). SANYII:Ogummaa Dubbisuu. Subi Printing press. Finfinnee.

Misgaanuu Gulummaa .(2012). KATTAA: Ogummaa Barreessuu.

Raimes Ann. (1983). Techniques in Teaching writing. Oxford: Oxford university press.

Richard veit and etal.(1990). Writing,Reading and Research. Second Edition. Printed in USA.

Susan Day,(1979): The Writing Work Book. New York

Thomes E. Tyrne (1987): College Writing Basics. Work worth Publishing Company.

Thornbury scott (2002): How to teach vocabulary: Long man.

Ur, P. (1996). A Course in Language Teaching. Cambridge: Cambridge University Press.

White,R.V.(1980). Teachers Written English. London:Heineman Educational Books Ltd.

Wiener, S. Harvey. Creating Compositions. 1984. New York. Toronto

Page 37: XIINXALA QULQULLINA BARREEFFAMA AFAAN OROMOO · PDF file1 Xiinxala qulqullina barreeffama Afaan Oromoo Muummee Afaan Oromoofi Ogbarruu, Kolleejjii Saaynsii Hawaasaafi Namummaa Yunivarsiitii

37

ODEEFFANNOO SUURAA QINDAA’E

1. DOGOGGORA CAASAA AFAAN OROMOO

1.1. Dogoggora Qubee

1.1.1. Qubee Xiqqaafi Qubee Guddaa Iddoo Malee Fayyadamuu

1.1.2. Dogoggora Dubbachiistuu Dheeressuufi Gabaabsuu

Page 38: XIINXALA QULQULLINA BARREEFFAMA AFAAN OROMOO · PDF file1 Xiinxala qulqullina barreeffama Afaan Oromoo Muummee Afaan Oromoofi Ogbarruu, Kolleejjii Saaynsii Hawaasaafi Namummaa Yunivarsiitii

38

Page 39: XIINXALA QULQULLINA BARREEFFAMA AFAAN OROMOO · PDF file1 Xiinxala qulqullina barreeffama Afaan Oromoo Muummee Afaan Oromoofi Ogbarruu, Kolleejjii Saaynsii Hawaasaafi Namummaa Yunivarsiitii

39

Page 40: XIINXALA QULQULLINA BARREEFFAMA AFAAN OROMOO · PDF file1 Xiinxala qulqullina barreeffama Afaan Oromoo Muummee Afaan Oromoofi Ogbarruu, Kolleejjii Saaynsii Hawaasaafi Namummaa Yunivarsiitii

40

1.1.3. Dogoggora Dubbifamaa Jabeessuufi Laaffisuu

Page 41: XIINXALA QULQULLINA BARREEFFAMA AFAAN OROMOO · PDF file1 Xiinxala qulqullina barreeffama Afaan Oromoo Muummee Afaan Oromoofi Ogbarruu, Kolleejjii Saaynsii Hawaasaafi Namummaa Yunivarsiitii

41

1.1.4. Dogoggora Irrabuta Ilaallatu

Page 42: XIINXALA QULQULLINA BARREEFFAMA AFAAN OROMOO · PDF file1 Xiinxala qulqullina barreeffama Afaan Oromoo Muummee Afaan Oromoofi Ogbarruu, Kolleejjii Saaynsii Hawaasaafi Namummaa Yunivarsiitii

42

Page 43: XIINXALA QULQULLINA BARREEFFAMA AFAAN OROMOO · PDF file1 Xiinxala qulqullina barreeffama Afaan Oromoo Muummee Afaan Oromoofi Ogbarruu, Kolleejjii Saaynsii Hawaasaafi Namummaa Yunivarsiitii

43

1.1.5. Dubbifamaa Lama Jalqabaafi Dhuma Jechaarratti Fayyadamuu

Page 44: XIINXALA QULQULLINA BARREEFFAMA AFAAN OROMOO · PDF file1 Xiinxala qulqullina barreeffama Afaan Oromoo Muummee Afaan Oromoofi Ogbarruu, Kolleejjii Saaynsii Hawaasaafi Namummaa Yunivarsiitii

44

1.1.6. Dogoggora Qubee Afaan Oromoo Addaan Baasuu Dhabuu

Page 45: XIINXALA QULQULLINA BARREEFFAMA AFAAN OROMOO · PDF file1 Xiinxala qulqullina barreeffama Afaan Oromoo Muummee Afaan Oromoofi Ogbarruu, Kolleejjii Saaynsii Hawaasaafi Namummaa Yunivarsiitii

45

Page 46: XIINXALA QULQULLINA BARREEFFAMA AFAAN OROMOO · PDF file1 Xiinxala qulqullina barreeffama Afaan Oromoo Muummee Afaan Oromoofi Ogbarruu, Kolleejjii Saaynsii Hawaasaafi Namummaa Yunivarsiitii

46

Page 47: XIINXALA QULQULLINA BARREEFFAMA AFAAN OROMOO · PDF file1 Xiinxala qulqullina barreeffama Afaan Oromoo Muummee Afaan Oromoofi Ogbarruu, Kolleejjii Saaynsii Hawaasaafi Namummaa Yunivarsiitii

47

1.1.7. Fayyadama Hudhaarratti Hanqinoota Mul’atan

1.2. Dogoggora Fayyadama Jechaa

1.2.1. Walqabsiistuu ‘fi’ Akka Ofdanda’aatti Fayyadamuu

Page 48: XIINXALA QULQULLINA BARREEFFAMA AFAAN OROMOO · PDF file1 Xiinxala qulqullina barreeffama Afaan Oromoo Muummee Afaan Oromoofi Ogbarruu, Kolleejjii Saaynsii Hawaasaafi Namummaa Yunivarsiitii

48

1.2.2. Hanqina Duraaduuba Jechaa

Page 49: XIINXALA QULQULLINA BARREEFFAMA AFAAN OROMOO · PDF file1 Xiinxala qulqullina barreeffama Afaan Oromoo Muummee Afaan Oromoofi Ogbarruu, Kolleejjii Saaynsii Hawaasaafi Namummaa Yunivarsiitii

49

2. Dogoggora Jijjiirraa

2.1. Hanqina Jijjiirraa Maqaa

Page 50: XIINXALA QULQULLINA BARREEFFAMA AFAAN OROMOO · PDF file1 Xiinxala qulqullina barreeffama Afaan Oromoo Muummee Afaan Oromoofi Ogbarruu, Kolleejjii Saaynsii Hawaasaafi Namummaa Yunivarsiitii

50

2.2. Jechoota Mijatoo Hintaane

Page 51: XIINXALA QULQULLINA BARREEFFAMA AFAAN OROMOO · PDF file1 Xiinxala qulqullina barreeffama Afaan Oromoo Muummee Afaan Oromoofi Ogbarruu, Kolleejjii Saaynsii Hawaasaafi Namummaa Yunivarsiitii

51

2.3. Dhaabbii Dhabuu

2.4. Jechoota Ifa Hintaane

Page 52: XIINXALA QULQULLINA BARREEFFAMA AFAAN OROMOO · PDF file1 Xiinxala qulqullina barreeffama Afaan Oromoo Muummee Afaan Oromoofi Ogbarruu, Kolleejjii Saaynsii Hawaasaafi Namummaa Yunivarsiitii

52

2.5. Yaada Hanquu Kan dabarsan

Page 53: XIINXALA QULQULLINA BARREEFFAMA AFAAN OROMOO · PDF file1 Xiinxala qulqullina barreeffama Afaan Oromoo Muummee Afaan Oromoofi Ogbarruu, Kolleejjii Saaynsii Hawaasaafi Namummaa Yunivarsiitii

53

*Hub. Suuraawwan armaan olii kun ta'e jedhamee duula afaan Oromoo quucarsuuf hojjetamaa jiru ta'uu

Oromoon akka hubatuu qorannoon kun ifatti agarsiisa!