qajeelfama haammachiisummaa qaama midhamtootaacowash · barruun gorsi pirojektii cowash kuni qoodha...

80
0 Dhiheessa Bishaani, Qulqullina Dhunfaa fi Eegumsa Naannoo Saffisaan Hawaasaan Hogganamu (COWASH) Qajeelfama Haammachiisummaa Qaama MidhamtootaaCOWASH Muddee 2010 Finfinnee

Upload: others

Post on 15-Sep-2019

353 views

Category:

Documents


17 download

TRANSCRIPT

Page 1: Qajeelfama Haammachiisummaa Qaama MidhamtootaaCOWASH · Barruun gorsi pirojektii COWASH kuni qoodha fudhattoota sadarkaa hundaa jiraniif kan barreeffame dha. Hubannoo dhimma qaama

0

Dhiheessa Bishaani, Qulqullina

Dhunfaa fi Eegumsa Naannoo

Saffisaan Hawaasaan Hogganamu

(COWASH)

Qajeelfama Haammachiisummaa Qaama MidhamtootaaCOWASH

Muddee 2010

Finfinnee

Page 2: Qajeelfama Haammachiisummaa Qaama MidhamtootaaCOWASH · Barruun gorsi pirojektii COWASH kuni qoodha fudhattoota sadarkaa hundaa jiraniif kan barreeffame dha. Hubannoo dhimma qaama

1

Baafata

GABAAJEE .................................................................................................................... 0

GALATA ........................................................................................................................ 1

KUTAA A: HAAMMACHIISUMMAA QAAMA MIDHAMTOOTAA PIROJEKTII COWASH MARSAA

IIIffaa .......................................................................................................................... 2

1. SEENSA ................................................................................................................. 2

2. QAAMA MIDHAMUMMAA HUBACHU ............................................................................ 4

2.1 HIIKA QAAMA MIIDHAMUMMAA ............................................................................................. 4

2.2. QAAMA MIIDHAMTOOTA HAMMACHIISUU IRRATTIHUDHAALEE QUNNAMAN . 6

2.2.1 HUDHAALEE ILAALCHAA FI WALIIN JIREENYAA ..................................................... 6

2.2.2 HUDHAALEE NAANNOO FI TEEKNIKAA ....................................................................... 7

2.2.3 HUDHAALEE DHAABBILEE ................................................................................................ 7

2.2.4 WALITTI DHUFEENYA MIIDHAMAA FI HUDHAALEE GIDDUU JIRAN ................ 8

2.3 AKKATAA HUBANNOO QAAMA MIIDHAMUMMAA ................................................................. 9

3. QAAMA MIIDHAMUMMAA WALTAJJII ADUNYAA FI ITIYOOPHIYAA KEESSATTI ................ 11

3.1 GALMOOTA MISOOMA ITTIFUFIINSAA .............................................................................. 11

3.2 WALII GALTEE MIRGOOTA NAMOOTA QAAMA MIIDHAMAA QABAN ...................... 11

3.3 KAROORA HOJII BIYYOOLESSA ITIYOOPHIYAA NAMOOTA MIIDHAMA QAAMA

QABAN(2012 -2021) ............................................................................................................................ 12

3.4 IMAAMMATA kan BIROO KANA WAJJIN QUUNNAMTII QABAN ................................ 13

3.5 ITIYOOPHIYAA KEESSATTI QOODA FUDHATTOOTA IJOO SOCHII NAMOOTA

MIIDHAMA QAAMAA QABANII .......................................................................................................... 15

4. BARBAACHISUMMAA TAJAAILA WASH FI FAAYIDAA FAASILITOONI QAAMA

HUNDAAFKENNAN ........................................................................................................ 17

5. HAMMACHIISUMMAA NAMOOTA MIIDHAMA QAAMAa QABAN COWASH KEESSATTI ......... 19

5.1 QAAMa MIIDHAMummaa IDILEESSUU .............................................................................. 19

5.2 QAJEELTOOWWAN HAMMACHIISUMMAA COWASH KEESSATTI ............................. 20

5.3 QAAMaA MIIDHAMA ADDA BAASUU FI sadarkaa isaa SAFARUU ............................ 20

5.4 NAMOOTA MIIDHAMA QAAMA QABAN WAJJIN WL-QUUNNAMUU (AFAANII FI

AMALA) ...................................................................................................................................................... 22

5.5 KAROORA FI BAAJATA NAMOOTA MIIDHAMA QAAMAA QABAN haammatu

NAANOOLEE FI AANAALEE irratti qophessuu .............................................................................. 25

5.6 HORDOFFII FI GABAASA DHIMMA HAAMMACHISUMMAA QAAMA

MIDHAMTOOTAA .................................................................................................................................... 26

6. GAHEE FI ITTI GAAFATAMUMMAA QOODA FUDHATOOTA HAMMACHIISUMMAA QAAMA

MIIDHAMTOOTAA COWASH KEESSATTI .......................................................................... 26

Page 3: Qajeelfama Haammachiisummaa Qaama MidhamtootaaCOWASH · Barruun gorsi pirojektii COWASH kuni qoodha fudhattoota sadarkaa hundaa jiraniif kan barreeffame dha. Hubannoo dhimma qaama

2

6.1 SADARKAA FEDERAALAA ........................................................................................................ 26

6.2 SADARKAA NAANNOO .............................................................................................................. 28

6.3 SADARKAA Godninaa ............................................................................................................... 29

6.4 SADARKAA AANAA .................................................................................................................... 30

6.5 SADARKAA HAWAASAA ........................................................................................................... 31

7. LEENJIIWWAN COWASH .......................................................................................... 34

7.1 LEENJII HIRMAACHISUMMA QAAMA MIDHAMTOOTA .................................................. 34

7.2 BARBAACHISSUMMAA LEENJIIWWAN COWASH HUNDAAF WALIIN GAHU ......... 37

8. MIDHAAMTOOTA QAAMAA MARSAA PIROJEKTII HAWAASAAN HOGGANAMU (CMP PROJECT

CYCLE) KESSATTI HAMMACHU ...................................................................................... 38

8.1 MIDHAMTOOTA QAAMAARRATTI KOREE WASH AKKASUMAS OGEESOTA

GODINAA FI AANAALEEF LEENJII HUBANNO KENNU .............................................................. 38

8.2 LEENJII HAMMACHISUMMAA MIDHAMTOOTA QAAMAA OGEESSOTA GODINAA

FI AANNA WASH TIIF KENNAMU ..................................................................................................... 38

8.3 HOJII BEEKSIISA (PROMOTION) IRRATTI NAMOOTA MIDHAMTOOTA QAAMAA

HAMMACHU .............................................................................................................................................. 39

8.4 NAMOOTA MIDHAMTOOTA QAAMAA HUNDEEFFFAMA FI FILANNOO KOREE

WASHCO KEESSATTII NIRMAACHISU ........................................................................................... 39

8.5 LEENJII KOREE WASHCO FI ARTIZHAANII (OGEESSOTA HOJII HARKAA) ......... 40

8.6 ODEEFFANNOO IYYANNOO PIROJEKTII MIDHAMTOOTA QAAMAA DABALUU .... 40

8.7 MIDHAMTOOTA QAAMAA PIROJEEKTII KEESSATTI HAMMATAMU ISAANI

QULQULLEESSUU ................................................................................................................................... 40

8.8 PIROJEKTII RAGGAASISUU FI WALIIGALTEE DEGGARSA MAALLAQAA GOCHUU

41

8.9 IJAARSA HAMMATU, TO’ANNOO FI GUMAACHA HAAWAASAA ................................. 41

8.10 SIRNA EEBBA PIROJEKTII HUNDA HAMMATE............................................................. 41

8.11 GAGGEESSUUMMAA IJAARSA BOODAA FI HORDOFFII MIDHAMTOOTA

QAAMAA DABALU ................................................................................................................................... 42

9. MIDHAMTOOTA QAAMAA ADEEMSA QULQULLINA DHUNFAA FI NAANNOO MARAA

HAWAASAAN HOGGANAMU (CLTSH) KEESSATTI HIRMAACHISU ......................................... 42

9.1 QOOPHII FI SOCHII DURAA .................................................................................................. 43

9.2 HAWAASA KAKAASU FI QOPHAA’INA KAROORA GOCHAA ........................................ 43

9.3 MIRKANEEFFANNAA FI PIROTOKOLII BEEKAMTII BOBBAATII BAKKEERRA

BILISA TA’UUF ........................................................................................................................................ 44

10. MISOOMA INTARPIRAAYZII MAAYKIROO FI XIXIQQAA (IMX) KEESSATTI MIDHAMTOOTA

QAAMAA HAMMACHU .................................................................................................... 44

MIILTOO 1 : UNKAA RAGAAN NAMOOTA MIDHAMTOOTA QAAMAA ITTIIN FUNAANAMU ......... 45

KUTAA B: FURMAATAWWAN TEKNIKAA WASH HUNDA DABALATAA .................................... 47

1. TAJAAJILOOTA HUNDA DHAQQABUU ........................................................................ 48

Page 4: Qajeelfama Haammachiisummaa Qaama MidhamtootaaCOWASH · Barruun gorsi pirojektii COWASH kuni qoodha fudhattoota sadarkaa hundaa jiraniif kan barreeffame dha. Hubannoo dhimma qaama

3

2. QULQULLINA MAATII, DHUNFAA FI DHIYEESSII BIISHAANII ........................................ 54

3. EEGUMSA QULQULLIN (SAANITESHINII) DHAABBILEE FI DHIHEESSII BISHAANII .......... 60

3.1. KEELLAAWWANI FI BUUFATAALEE FAYYAA ................................................................. 60

3.2. MANNEEN BARNOOTAA ....................................................................................................... 62

3.3. DHAABBILEE GARA GARAA KANBIRAA FI IDDOOWWAN HAWAASNI ITTI

BAAY’INAAN ARGAMU .......................................................................................................................... 64

4. TAJAAJILOTA BISHAN HAWAASAA ............................................................................ 65

KUTAA C :LEENJII QAJEELFAMA IDILEFFAMU (HAMACHISUMMAA) QAAMA MIDHAAMTOOTAA 68

1. QAJEELFAMA RAAWWII LEENJII LEENJISTOOTAA OGEESSOTA NAANNOO

MIDHAAMTOONNI QAAMMAA ITTIN HAMMATAMU ............................................................. 68

2. QAJEELFAMA RAAWWII LEENJII LEENJISTOOTAA OGEESSOTA NAANNOO

MIDHAAMTOONNI QAAMMAA ITTIN HAMMATAMU (KUTAA 2FFAA) ...................................... 69

3. MISEENSOOTA GAREELE WASH AANAALEE FI GODINAA HUNDAA FI AKKASUMAS

EEKISPARTOOTAWASH AANAA FI GODINALEE TARREEFAMOTA LEENJII: ............................. 71

4. LEENJII LEENJISTOOTAA OGEESSOTA GODINAAFI AANAA ITTI FAYYADAMA QAJEELFAMA

MIDHAAMTOONNI QAAMMAA ITTIN HAMMATAMAN IRRATTI ............................................ 72

5. HAALA WASH SADARKAA AANAATTI MIDHAAMTOTA QAAMMAA ITTIN HAMMATAMURRATTI

HUBANNOO CIMSUU ..................................................................................................... 73

6. LEENJII QOODA FUDHATOOTA SADARKAA GANDAA WASH MIDHAAMTOTA QAAMMAA

HAMMACHUU/DABALUU IRRATTI .................................................................................... 74

Page 5: Qajeelfama Haammachiisummaa Qaama MidhamtootaaCOWASH · Barruun gorsi pirojektii COWASH kuni qoodha fudhattoota sadarkaa hundaa jiraniif kan barreeffame dha. Hubannoo dhimma qaama

0

GABAAJEE

CLTSH -Qulqullina dhunfaa fi naannoo Maraa Hawaasan Hogganamu

CMP- Pirojektii Hawaasaan Hogganamu

COWASH – Dhiheessa bishaani, qulqullina dhunfaa fi eegumsa naannoo saffisaan

hawaasaan hogganamu

CRPD - Waliigaltee Mirgota Namoota Midhamtoota Qaamaa Mootumoota

Gamtoomanii

DPO - Dhaabbata Midhamtoota Qaamaa

ECDD - Giddugala Midhamtoota Qaamaa fi Misoomaa

Itophiyaa

ENAD -Waldaa Biyyooleessa Dhageettii Dhabeessotaa

Itophiyaa

ENADB - Waldaa Biyyooleessa Dhageettii-Qaroo Dhabeessotaa Itophiyaa

ENAID -Waldaa Biyyooleessa Namota Miidhaa Sammuu QabanItophiyaa

ENAPAL Ethiopian National Association of Persons Affected by Leprosy

ENDAN- Akshiin Networkii Biyyooleessa Midhamtoota Qaamaa Itophiyaa

EWDNA – Waldaa Biyyooleessa Dubartoota Midhamtoota Qaamaa Itophiyaa

FENAPD-Federeshinii Biyyooleessa Waldaalee Namoota Midhamtoota Qaamaa

Itophiyaa

FTAT- Garee Deggarsa teeknikaa Federaalaa

GTP II –Karoora Guddinaa fi Tiraansformeshinii IIffaa

HEW Hoojjataa Ekstenshinii Fayyaa

MoE – Ministeera Barnootaa

MoH- Ministeera Eegumsa Fayyaa

MoLSA- Ministeera Dhimma Hoojjataa fi Hawaasummaa

MoWIE- Ministeera Bishaan, Jallisii fi Ibsaa

MSEs –Interpiraayizoota Maayikiroo fi Xixiqqaa

NGOs – Dhaabbilee Miti mootummaa

NPA- Karoora Biyyooleessa Gochaalee Namoota Midhamtoota Qaamaa

NWCO Waajjiira Qindeessaa Biyyooleessa WASH

ODF- Bobbaatii Bakkeerraa Bilisa tahuu

PTAs – Waldaalee Maatii Barattootaa

RSUs – Gareewwan Deggarsa naannoo

SDG – Galmoota Misooma Itifufinsaa

TVET- Barnoota Leenjii Teeknikaa fi Ogummaa

Page 6: Qajeelfama Haammachiisummaa Qaama MidhamtootaaCOWASH · Barruun gorsi pirojektii COWASH kuni qoodha fudhattoota sadarkaa hundaa jiraniif kan barreeffame dha. Hubannoo dhimma qaama

1

WASH-Bishaan, Saaniteeshinii fi Haayijiinii

WASHCO- Koree Bishaan, Qulqullina dhunfaa fi naannoo

WEDC Giddugala Bishaan, Injineeriingii fi misoomaa

WIF –QabataHojjirra Oolmaa WASH

GALATA

Qajeelfamni raawwii kun deggarsaa fi waltahiinsa Giddugala Midhamtoota

Qaamaa fi Misooma Itophiyaatiin godhameen barreeffame. Qajeelfamichi raawwii

kun qajeelfama raawwii ogeessota biyya Finilaandii fi Dhaabbilee Miti

Mootummaatiin bareeffameerratti hundaa’un qophaa’e:

Guzman, Huuhtanen, Katsui, Kilpelä, Koistinen, Pesola and Tuure (2016)

InclusiveWASH activities in the Global South.

https://www.vammaiskumppanuus.fi/wp-

content/uploads/2016/05/Inclusive_WASH_Activities_in_the_Global_South.pdf

Kana malees, Qajeelfamichi raawwii barreeffamoota ‘WaterAid Ethiopia’

qopheessee fi maxxansaalee itti aanan bu’uura gochuun kan qophaa’edha.

Brujin, Regeer, Cornielje, Wolting, van Veen and Maharaj (2012) Count Me In.

Apractical guide for organisations in North and South. Light for the World.

Coe and Wapling (2010) Traveling Together. How to include disabled people on

themain road to development. World Vision UK.

Jones and Wilbur (2014) Compendium of accesssible WASH technologies. WEDC,

WaterAid and Share.

UNRWA (2017) Disability Inclusion Guidelines.

Page 7: Qajeelfama Haammachiisummaa Qaama MidhamtootaaCOWASH · Barruun gorsi pirojektii COWASH kuni qoodha fudhattoota sadarkaa hundaa jiraniif kan barreeffame dha. Hubannoo dhimma qaama

2

KUTAA A: HAAMMACHIISUMMAA QAAMA MIDHAMTOOTAA PIROJEKTII

COWASH MARSAA IIIFFAA

1. SEENSA

Pirojektiin COWASH marsaa III faan Hagayyabara 2016 jalqabame. Pirojektiin kun waggaa

sadiif hojii irra kan turu yommuu ta’uu, aanaalee 76 naannolee shan (Amaaraa, Tigiraay,

SNNP, Oromiyaa fi Beenishaangul Gumuuz) argaman keessatti hojii irra oola.Kaayyoon

pirojeektii kanaa galma gahinsa karoora Guddinaa fi Tiranisfoormeshinii (KGT II) uwwisa

waliin gahinsa hojii dhiheessa bishaanii, qulqullinaa dhunfaa fi eegumsa qulqullina naannoo

baadiyyaa Itiyoophiyaa keessatti kallattii pirojektii bulchiinsa hirmaannaa uummataa

hordofuudhaan hanga bara 2019 tti hojjetamu keessatti gumaachuu dha.

Pirojektiin COWASH marsaa III ffaa itti fufiinsa marsaa I ffaa fi II ffaa (2011-2016) ti.

Marsaan IIIffaan kun kan adda isa goodhu keessaa tokkoqabiyyee haaraa kan akka dhimma

qaama miidhamtoota hammachiisuu dabalataan qaba. COWASH dammaqina, hubannoo fi

dandeettii qooda fudhattootaa dhimma qaama miidhamtoota hojii waliin gahinsa dhiheessa

bishaanii, qulqullinaa dhunfaa fi eegumsa qulqullina naannoo keessatti gahee qaban hundaa

cimsuuf kaayyefate dha. Hojiin waliin gahinsa bishanii fi haalli qulqullinaa mijeessuuf

hojjetamu hundi nama hundaa fi qaama miidhamtoota hundaaf yaada keessa

galchuudhaanqaqabamaa fi hammataa akka ta’uuf gochuu barbaachisa.

Bu’aan duraa (output) 4.3 bu’aan boodaa (outcome) 4 keessaa argamuu fi pirojektiin

qaama miidhamtootaaf xiyyeeffannaa kennee hammatu kaayyoo ijoo pirojektichaa tokko

dha.

Bu’aa boodaa (outcome) 4: Bara 2019 tti Naannoolee shanan hojiiwwan pirojektii waliin

gahinsa dhiheessa bishaanii, qulqullina dhunfaa fi eegumsa qulqullina naannoo waliin walitti

Page 8: Qajeelfama Haammachiisummaa Qaama MidhamtootaaCOWASH · Barruun gorsi pirojektii COWASH kuni qoodha fudhattoota sadarkaa hundaa jiraniif kan barreeffame dha. Hubannoo dhimma qaama

3

dhufeenya qaban hojjetaman keessatti dubartoota gahoomsuu, gaggeessummaa fi namoota

qaama miidhamtoota hammachiisuun galma gaha.

Bu’aa duraa (output) 4.3: Idileessuu saalaa fi qaama miidhamtootaa Pirojektii waliin

gahinsa dhiheessa bishaanii, qulqullina dhunfaafi eegumsa qulqullina naannoo keessatti

dandeettii karoorsuu fi raawwachuu qooda fudhattootaa cimsuu.

Xiyyeeffannaan barruu-gorsa kanaa hojii dhiheessa bishaani, qulqullina dhunfaa fi eegumsa

qulqullina naannoo (WASH) akka waliigalaa keessatti namoota qaama midhamtoota

hammachiisuu fi akka addaatti ammo hojiiwwan COWASH marsaa III ffaa kana keessatti

hammachiisuu ta’ee, garuu hudhaawwan adda bahanii fi furmaanni kennaman sagantaalee

walfakkaataa fiixeetti dagataman biroofis hojii irra ooluu ni danda’a. Hojiiwwan dhiheessa

dhiyeessa bishaanii, qulqullina dhunfaa fi eegumsa qulqullina naannoo caalaatti

dhaqqabamaa taasisuun nama naannoo san jiraatan hundaa, daa’imman, dubartoota ulfaa,

namoota dhukubsatoo ykn jaarsolii warra fagoo deemuu hin dandeenyef faayidaa guddaa

qaba. Bishaan dhugaatii qulqulluu fi tajaajila qulqullinaa dhaqabamaa argachuu akkasumas

hirmaannaa fi qooda fudhatummaa jiraattota naannoo hundaa mirkanaa’e qabaachuun

jireenya ofitti amanamummaa fi kabajaa jiraachuu dha. Mirga argannaa bishaanii fi tajaajila

qulqullina nama hundaaf guutame (galma guddina misoomaa itti fufiinsaa 6 dhaqabuu)

fiduuf warra fiixeetti dagatamanii fi fayyadamoo hin taane irratti xiyyeeffannaa gadi

fagootiin hojjechuu gaafataAkka ragaan dhimma qaama midhamtoota akka addunyaati jiru

agarsiisuutti, baay’ina uummata Itiyoophiyaa keessaa tilmaamni %17 ta’an qaama

miidhamtoota dha.

Barruun gorsi pirojektii COWASH kuni qoodha fudhattoota sadarkaa hundaa jiraniif kan

barreeffame dha. Hubannoo dhimma qaama miidhamtoota irratti jiru cimsuu fi odeeffannoo

qabatamaa haala itti mirgii fi fedhiin namoota qaama miidhamtoota ta’an hojii pirojektii

COWASH keessatti hojii irra oolu fi itti deebi’u dha. Barruun kun kutaa sadiitti kan

qoodamee dhiyaate yommuu ta’u, akka waliigalaatti bakka tokkotti ykn kutaa tokko tokkoon

isaa of danda’ee hojii irra ooluu ni danda’a.

Kutaa tokkoffaan barruu gorsa kanaa haala walii gala qaama miidhamtootaa akkasumas

hojii COWASH marsaa III ffaa keessatti qooda fudhattoonni sadarkaa federaalaa, naannoo,

godina, aanaa fi gandaatti raawwatan keessatti akkamitti qaama miidhamtoota

hammachiisuu akka danda’amu ibsa.

Kutaa lammaffaan barruu gorsa kanaa hojii furmaata teeknikaa hammachiisuu WASH

keessatti sadarkaa abbaa warraa, hawwasa naannoo fi sekteraatti hojjetamu ibsa.

Kutaa sadaffaan maanuwaalii leenjii leenjistootaa akkasumas leenjii sadarkaa hawaasa

naannootti kennamu qaamota hojii COWASH keessatti qaama miidhamtoota hammachiisuuf

qooda fudhatan ykn gahee qaban(actors) ibsa.

Page 9: Qajeelfama Haammachiisummaa Qaama MidhamtootaaCOWASH · Barruun gorsi pirojektii COWASH kuni qoodha fudhattoota sadarkaa hundaa jiraniif kan barreeffame dha. Hubannoo dhimma qaama

4

2. QAAMA MIDHAMUMMAA HUBACHU

2.1 HIIKA QAAMA MIIDHAMUMMAA

Qaama miidhamummaa hiikuuf/ibsuuf fi hubachuuf hiika yaada ijoo lamaa impairment

/miidhamaa fi qaama miidhamummaa adda baasani baruun barbaachisaa dha. Yeroo

baay’ee jechoota kana lamaan waljala daddabarsuunkan fayyadamnu ta’us garuu

addadummaa kan qaban dha.

Impairment / Miidhama jechuun rakkoo tajaajila kennuu diduu naafaykn qaamaa sababa

haala dhukkuba cimaan (fkf kan akka dhibee sukkaaraa), hanqina nyaataa, dhukkuba (fkf

pooliyoo ykn laamshessaa, ykn busaa), ykn miidhama (fkf balaa mana keessaa, balaa

konkolaataa, walitti bu’insa jeequmsaa, sigigaachoo lafa albuudaa) qaqqabu dha. Takka

takka miidhamni sababa hin beekamneen kan qaqqabu dha. Haalli rakkoo fayyummaa gara

qaama miidhamummaatti namageessan keessaayeroo baay’ee sababoota dhiibbaa qilleensa

naannoo kan akka hanqina qulqullina bishaanii fi qulqullina eegumsa naannoo, nyaata

madaalawaa dhabuu, hiyyummaa, haala hojii, qilleensaa faalamaa, ykn dhabamu

dhaqabamummaa fayyaa ta’uu ni mala. miidhamni dhalootaan ykn booda jireenya keessatti

kan uumamuu danda’u dha.

Haala tajaajila kennuu diduu naafaykn qaamaa namaa irratti hundaa’udhaan miidhamni

gosa babal’aa afur itti hiramuu danda’a.

Miidhama qaamaa /Physical impairment jechuun rakkoo socho’uu fi demuu

dadhabuu (fkf deemuu, sadarkaa ol yaabuu); socho’uu qaamaa (fkf hiixatanii

qaqqabuu, gadi gugguufuu); fi harka fayyadamuu (fkf daa’imuu ykn foqoquu).

Namoonni miidhama qaamaa qaban meeshaalee deeggaraman kan akka ulee ittiin

deeman, kiraanchii ykn teessoo abbaa gommaa fayyadamu.

Miidhama qaama miiraa /Sensary impairment rakkoo qaroo, dhageettii fi

dubbachuu of-keessatti dabalata.

o Miidhama qaroo /Visual Impairment: namoota qaroo dhabeeyyii fi

namoota sirriitti hin argine dabalata

o Miidhama dhageettii /Hearing Impairment:namoota dhagahuu hin

dandeenyee fi rakkoo dhageettii qaban dabalata. Haala qabatamaa keessa

jiran irratti hundaa’udhaan namoonni rakkoo akkasii qaban haala dubbiitiin

ykn qooqa mallattootiin waliigalu.

o Miidhama dubbachuu /communication impairment: namoota rakkoo

dubbachuu ykn jechootaan dubbachuu rakkatan dabalata.

Miidhama Qaroomu /Intellectual impairment namoota waan haaraa ykn

odeeffannoo walxaxaa ta’aan hubachuu, barachuu fi hojii irra oolchuuf dandeettii

murta’aa qaban dha. Dhimmi kun dandeettii gahumsa dubbachuu fi yaadachuu;

Page 10: Qajeelfama Haammachiisummaa Qaama MidhamtootaaCOWASH · Barruun gorsi pirojektii COWASH kuni qoodha fudhattoota sadarkaa hundaa jiraniif kan barreeffame dha. Hubannoo dhimma qaama

5

gahumsa waliin jireenyaa; ykn hojii dhuunfaa isaanii fi gahee hojii isaanii irratti

dhiibbaa geesisa.

Miidhama Xiin-Sammuurakkoo haamaa fi dhibee sammuu cimaa haala fayyummaa

wajjin kan walqabatu, rakkoo amala rakkisaa, of-eeggannoo ofiif gochuu dhabuu,

barsiifata burjaaja’uu fi cinqamuu wajjin walqabatu dha. Rakkoon akkasii karaa biraa

gahumsa waliin jireenyaa fi hirmaanaa isaanii irratti dhiibbaa fida.

Qaama miidhamummaa: qaama miidhamummaan laamsha’ummaa /impairment caalaa

hiika bal’aa qaba. Qaama miidhamummaa jechuun miidhama /impairment, hir’ina

sosocho’uu (fkf mana fincaaniitti fayyadamuu dhabuu) fi hirmaannaa keessatti murtaa’uu

(fkf mana barumsaa dhaquu dadhabuu ykn hojii qacaramuu dhabuu) sababa miidhama

qofaan otuu hin taane hudhaalee hawaasa keessatti isaan quunnamuun kan ta’u dha.

Miidhama kan inni qaama miidhamummaa ta’u yeroo namoonni sababa dhiibbaa waliin

jireenyaa, siyaasaa, diinagdee, naannoo jireenyaa ykn aadaatiin hawaasa keessatti akka hin

hirmaanne guutumaan dhowwaman dha. “Qaama miidhamummaan waan namoonni qaban

miti. Waan namoonni qaban miidhama /impairment dha. Qaama miidhamummaan waan

namoota miidhama qaama qaban quunnamu irraa waan namoota miidhaa qaama hin qabne

wajjin walbira qabamee hawaasa keessatti isaan irratti uumamu dha.” Kanaafuu qaama

miidhamummaan dhiibbaa bu’aa gahee nama dhuunfaa otuu hin taane hariiroo walitti

dhufeenya namichaa fi haala naannoo /environment inni ykn isheen keessa jiraatu ti.

Akka walii galtee mirgaa namoota qaama miidhamtootaa UN tti hiika armaan gadii ni

qabaata:

Namoota qaama miidhamtoota jechuun namoota warra miidhama qaamaa yeroo

dheeraa irra ture qaban, miidhama sammuu, miidhama qalbeeffachuu

(intellectual) ykn miidhama miiraa qabatanii hudhaalee walitti dhufeenya

ilaalchaa, naannoo jireenyaa (environmental) ykn dhaabbileewajjin qaban akka

isaan guutummaa guutuutti fi karaa gahumsa qabuun hawaasa keessatti bu’uura

walqixee ta’een warra kaan wajjin hin hirmaanne isaan taasisu dha (CRPD, Article

1, 2008).

Itoophiyaa keessatti namoonni qaama miidhamtoota ta’an gosa adda addaa

(heterogeneous) fi heddummina kan qaban dha. Hiikkoon qabatamaa hin taaneen

(stereotypical views) qaama miidhamummaan namoota barcuma–Golollee (Weelchair)

qabuun fayyadamanii fi warren biro akka waan addaatti fudhatanii ilaalaman (classic) kan

akka namoota jaamaa fi namoota duudaa jechuudhaan qaama miidhamummaan akka waan

addaa ta’eetti namoota qaama miidhamtoota hin taane bira qabanii hubatan dha. Namoonni

qaama miidhamummaa qaban sababoota dhuunfaa irratti hundaa’udhaan garaagarummaa

saala, umurii, sadarkaa waliin jireenyaa fi dinagdeen qomoo ykn hambaalee aadaa gidduu

jiruun garaagarummaa ni qabaatu. Tokko tokkoon qaama miidhamaa hiikkoo mataa isaa

ykn ishee ni qabaatu. Qaama miidhamummaan fayyadamummaa dhabuu wajjin walitti

hidhaminsa qabaatus, garuu namoonni qaama miidhamaa ta’an hundi walqixa

miidhamootadha jechuu miti. Dubartoonni qaama midhamtoota ta’an rakkoo

fayyadamummaa dhabuu karaa qaama miidhamummaa qofaa otuu hin taane rakkoo saalaa

wajjin walqabatuunis, qolifannaa saalaairratti hunda’uu fi qaama miidhamummaa irratti

hunda’uun qolifannaa fi dhiibbaa isaan irra gahuun miidhamoodha. Namoonni miidhama

Page 11: Qajeelfama Haammachiisummaa Qaama MidhamtootaaCOWASH · Barruun gorsi pirojektii COWASH kuni qoodha fudhattoota sadarkaa hundaa jiraniif kan barreeffame dha. Hubannoo dhimma qaama

6

qaama cimaa qaban irra caalaa miidhamoodha. Haata’u malee, deeggarsi maatii fi

hawaasaa, barnootaa, galii fi qabeenyaa godhamuuf hanqina hirmaannaa fi sochii isaan

godhani irratti isaan quunnamu jalaa isaan baraaruu ni danda’a.

Kanaafuu, hojiin qaama miidhamtoota irratti kaayyeffatee fi xiyyeeffatee kallattii jireenya

isaanii hundaa irratti hirmaachisuudhaan of dandeesisuuf hojjetamu hojii deebisanii

dhaabuu fi hojii manneen fayyaa keessatti yaaluu bira darbee hojjetamu ta’uu qaba.

Uummata hojiiwwan waliin jireenyaa keessatti akka hirmaatu gochuuf irra caalaa kan

dand’amu qaama miidhamtoota hojii jireenya isaanii guyyaa guyyaa keessatti hudhaalee

isaan quunnamu maqasuudhaan dha. Hudhaaleen kun yeroo baay’ee haala hawaasnii fi

naannoo ittiin ijaarame fi ittiin gurmaa’ee dha.

2.2. QAAMA MIIDHAMTOOTA HAMMACHIISUU IRRATTIHUDHAALEE

QUNNAMAN

Namoota qaama miidhamtoota ta’an fi warren fiixeetti dhiibamanii hafan hojii WASH

keessatti akka isaan hin hirmaannee fi hin hammatamne kan isaan taasisu sababoota

hedduutu jira. Rakkoo baay’een isaa kan uumamu hudhaalee karaa alaa kan akka

hudhaalee waliin jireenyaa, naannoo jireenyaa fi hudhaa dhaabbilee /institutional keessa

jiranii dha. Hojiilee karoorsuu, hojii irra oolchuu fi hoogganuu hojiiwwan dhiheessa bishaani,

qulqullina dhunfaa fi eegumsa qulqullina naannoo (WASH) keessatti hojjetamu hunduma

hammachiisuun akka tajaajilu gochuun hojjechuu fi milkeessuuf hudhaaleen hunda

hammachiisuu beekamuu fi hubatamuu qabu.

2.2.1 HUDHAALEE ILAALCHAA FI WALIIN JIREENYAA

Hudhaaleen ilaalchaa, jibbiinsa sababa malee fi nama qooduu rakkoo guddaa namoota

qaama miidhamtoota ta’an irra gahu dha. Itoophiyaa keessatti qaama miidhamummaan

akka qaaniitti, sodaafi ykn akka safuu cabsuutti waan ilaalamuuf salphaatti gara qophaatti

baasuu ykn dhoksuutti geessa. Qaama miidhamummaan akka salphitaatis ni ilaalama.

Qaaddii gahu qaama miidhamtoota irraa hambisuuf maatiin mana keessa dhoksuun ni jira.

Namoonni qaama midhamaa ta’an bishaanii fi biyyoo maatiin ykn hawwasni naannoo itti

fayyadaman faaluu danda’u jechuutiin akka issan itti hin fayyadamne yeroon dhorkatamanis

ni jira. Hudhaan ilaalchaa fi waliin jireenyaa akkasii kan jiru hawaasa naannoo keessatti

qofaa otuu hin taane ilaalcha dhaabbilee WASH keessatti qooda fudhatan sadarkaa hundaa

irra jiran keessattis mul’atu dha.

“maatiin kiyya obbolaakoo shamarranii fi dhiiraa mana barumsaa galchanii anaan garuu

waan nattiqaana’aniif mana keessatti na hambisan. Isaanis “Isheen obboleettii kiyya”

jechuu hin barbaadan, abbaan kiyyaas shamarrre qaama miidhamtuun qaba jechuu hin

brabaadu. Yeroo ijoolleen bakkee taphatan ani isaan wajjin hin taphadhu. Anis ofin dhoksa.”

(yaada dubartiin tokko haala jireenya isheen maatii fi hawaasa naannoo ishee jiru keessatti

jiraattu itti ibsite dha. Buttaajiraa, SNNPR.)

Hudhaalee waliin jireenya keessatti uumamu yeroo walgahii hawaasni dhimma WASH irratti

mari’atanii fi murtii dabarsan namoonni qaama miidhamaa ta’an keessatti hirmaachuu

dadhaban, sababa iddoon /bakki walgahichaa dhaqabamaa ta’uu hafeef, dhabiinsa

meeshaalee ittiin ykn dhabiinsa deeggarsa namaa bakka walgahii geessuu, dhabiinsa

Page 12: Qajeelfama Haammachiisummaa Qaama MidhamtootaaCOWASH · Barruun gorsi pirojektii COWASH kuni qoodha fudhattoota sadarkaa hundaa jiraniif kan barreeffame dha. Hubannoo dhimma qaama

7

hubannoo sababa maaliif namoonni qaama miidhamaa ta’an walgahii kan irratti hirmaachuu

akka qabanii, dhabiinsa qaabeenyaa /maallaqaa walgahii kana irratti hirmaachuuf isaan

mudatuu, fi /ykn dhabiinsa dhaqabamummaa geejibaa fi odeeffannoo irraa kan ka’e dha.

2.2.2 HUDHAALEE NAANNOO FI TEEKNIKAA

Hudhaaleen naannoo /Environmental ta’anii fi hirmaannaa qaama miidhamtootaa irratti

gufuu ta’an rakkoo uumamaa fi rakkoo teeknikaa kan dabalatu dha. Hudhaaleen kun rakkoo

dhaqabamummaa fasilitii WASH fi rakkoo hirmaannaa walgahii, taateewwanii fi hojiiwwan

WASH keessatti godhamuutiin dha.

Hudhaleen uumamaa kanneen akka lafa bu’aa bayii, daandii walcaalaa fi irranolee dhoqqee

ta’ee fi /ykn lafa mucucaatu dha. Bakka hedduutti immoo lafa gutummaa guututti daandii

hin qabne dha. Bakka baay’eetti lafa fagoo walgahii fi madda bishaanii akkasumas faasilitii

qulqullinaa hin qabne dha.

Hudhaaleen teeknikaa sadarkaa ol-dheeraa fi konkiriitii olka’aa, daandii seens dhiphaa,

dhabiinsa ykn cufaa garmalee ulfaataa, kutaalee dhidhiphaa, dhabiinsa ifaa /ibsaa fi

qabannaa sadarkaa itti olbahan kan hammatu dha. Daa’imman hedduun qaama miidhamaa

ta’an sababa dhabiinsa fi dhaqqabamummaa bishaanii fi faasiliitii qulqullinaan kan ka’e

manneen barnootaa irraa hafaniiru. Fakkeenyaaf, rakkoon ykn dhabiinsa faasiliitii

qulqullinaa akka walii galaatti rakkoo mana fincaanii, mijataa ta’uu dhabuu daandii gara

mana fincaanii, dhabiinsa gargaarsa deeggarsaa fi hanqina bakkaa ykn lafaa ti. Manneen

barnootaa keessatti manni fincaanii fooyya’aa fi itti fayyadamuuf mijataa ta’e qabaachuun

daa’immaniif haala mijataa naannoo uumuudhaan barnoota isaanii akka barataniif bu’aa

guddaa ni buusa.

“Ani mana barumsaa dhaquuf gara Buttaajiraa dhaqe. Mana kireeffatame keessan

ture. Mana fincaanii nama hedduutu itti fayyadama, haalli ijaarsa mana fincaanichaa

anaaf mijataa hin turre. Ani teessoo barcuma-golollee (wheelchair) qabun

fayyadama, garuu sababa hulaan seensa mana fincaanichaa sadarkaa qabuuf,

teessoo gommaakoo irraa bu’ee lafa mana ficaanichaa qulqullina hin qabne irra

foqoqeen seena. Bakki boola fincaanichaa olka’aa waan ta’eef, itti fayyadamuuf

caalaa na rakkisa.” (Aleka, umurii 18)

2.2.3 HUDHAALEE DHAABBILEE

Seeronni, imaammanni fi sagantaan raawwii karooraa dhimma garee fiixeetti dagatamanii

wajjin walqabatee qajeelfama, tarsiimoo fi maanuwaalii hojii irra oolmaa hin qaban.

Dabalataanis, ministiroonni ykn biirooleen hojii dhiyeessa bishaanii fi qulqullinaa gahee fi itti

gaafatamummaa qaban imaammata kana irratti hubannoogahaa hin qaban. Kana irraa

ka’uun, namoonni qaama miidhamtoota ta’anii fi hawaasa keessaa fiixeetti kan dagataman

yeroo baay’ee hojii fi faasiliitii WASH keessatti karoorsuu, hojii irra oolchuu fi hoogganuu

keessatti ni irranfatamu.

Irra caalaammoo, imaammata qopheessitoonni baay’een, warri to’atanii fi dhaabbileen

WASH keessatti qooda fudhatan hubannoo hudhaalee hirmaannaa dhiyeessa bishaanii fi

faasilitii qulqullinaa keessatti qaama miidhamtoota mudatan irratti waan hin qabneef

carraan fedhiin isaanii mariisifamuu xiqqaa dha. Waa’ee hammachiisummaa wajjin sirriitti

Page 13: Qajeelfama Haammachiisummaa Qaama MidhamtootaaCOWASH · Barruun gorsi pirojektii COWASH kuni qoodha fudhattoota sadarkaa hundaa jiraniif kan barreeffame dha. Hubannoo dhimma qaama

8

wal hin barree fi leenjii gahaa hammachiisummaa irrattis hin fudhanne. Haala

walfakkaatuun Ministeerii dhimma hojjataa fi hawaasummaa (MoLSA) fi Dhaabbileen qaama

midhamtootaa (DPOs)hojii qooda fudhattoota WASH keessatti argamuu fi walitti dhufeenyi

isaan qaban laafaa fi gahumsa hin qabne dha. Hojii WASH keessatti maloota furmaataa

hudhaalee teeknikaa furuuf jiran irratti hubannoon dhaabbileen qaama midhamtootaa

(DPOs) qabus laafaa dha. Haala walfakkatuun, qaama miidhamtootaaf tajaajilaa kennuu fi

hojii hammachiisummaa irratti kan hojjetan yoo ta’e iyyuu, qondaaltonni dhimmi

hawaasummaa gara hojii dhimma WASH keessatti hojjetamuutti yeroo dhufan isaanis

hubannoo gahaa hin qabani.

Hudhaaleen dhaabbiilee /Institutional istaandardii safartuu hammachiisummaa, hordoffii fi

gabaasuu hin qaban.

2.2.4 WALITTI DHUFEENYA MIIDHAMAA FI HUDHAALEE GIDDUU JIRAN

Yeroo namni miidhama qabu hudhaaleen isa quunnamu, akka inni hin hirmaanne isa

taasisa. Kanaafuu kan qaama miidhamttota irratti haala hin dandeesifne uume hawaasadha

jechuu dha. Hudhaaleen hawaasa keessatti yeroo dhabamsiifamu, namoonni qaama

miidhamaa ta’an warra fayyaa waajin wal-qixa hirmaachuu danda’u. Kana jechuun

namoonni miidhama walfakkaatu qaban haala hudhaalee isaan quunnamu irratti hunda’uun

haala jireenyaa adda ta’e qabaachuu, eessa akka jiraatan, dhaqabamummaa tajaajilaa

akkamii akka qabanii fi haala akkamiin hawaasni akka isaan hubatuu fi ofitti isaan qabuun

adda ta’uu danda’uu jechuudha

+ = =

+ = =

Fakkeenyi armaan gaditti walitti dhufeenya miidhamaa, tajaajilaa, hudhaalee, hirmaannaa fi

qaama miidhamummaa ibsa.

Masfin mucaa umurii waggaa 10 yommuu ta’uu, sababa dhukkuba ijaan miidhama

(impairment) kan isa quunnamee fi booda ijji isaa arguu dadhabe (difficulties in

function). Manni barumsaa isaa qabeenya deeggarsa mucaa qaroo miidhame kanaaf

godhu waan hin qabneef fudhachuu dide (Hudhaa ilaalchaa miiltoo mana barumsaa).

Manni barumsaa kan biroon naannoo hawaawsa sanaa hin jiru, kanaafuu Masfin gara

MIIDHAMA

/RAKKOO

TAJAAJILAA

QAAMA

MIIDHAMUMMAA /

DHABIINSA

HIRMAANNAA

HUDHAALEE

MIIDHAMA /

RAKKOO

TAJAAJILAA

HAWAASA

DANDEESISAA

/HUDHAALEE

FURAMAN

HIRMAACHISAA

Page 14: Qajeelfama Haammachiisummaa Qaama MidhamtootaaCOWASH · Barruun gorsi pirojektii COWASH kuni qoodha fudhattoota sadarkaa hundaa jiraniif kan barreeffame dha. Hubannoo dhimma qaama

9

mana barumsaa dhaquu hin dandeenye (qaama miidhamummaa /haala

dadhabsiisaa).

Daani’eel miidhama sammuun dhalate (miidhama), miidhamni kun dandeettii

hubachuu, barachuu fi waa yaadachuu isaa miidhe (rakkoo tajaajilaa). Madaalliin

qaama isaas waan miidhameef danda’ee hin deemu ture (rakkoo tajaajilaa). Maatiin

isaa mana barumsaa hin galchine (qaama miidhamummaa /haala dadhabsiisaa),

manni barumsaa isaa barsiisuu danda’us jira jedhanii hin yaanne, gara fuula duraatis

abdii hin qabu jechuun sodaatan (hudhaa ilaalcha maatii).

2.3 AKKATAA HUBANNOO QAAMA MIIDHAMUMMAA

Qaama miidhamummaan karaa baay’ee hubatamu ykn hiikamu ni danda’a. Akkaataa

hawaasa keessatti hubatamuun Qaama miidhamummaan modeela baay’eedhaan hiika

argateera:

Moodela Aadaa ykn Arjoominaa/charity model: Namoonni qaama miidhamoon

sababa miidhama isaaniin deggarsa arjoomaa, dawoo ykn eegumsa isaan

barbaachisa yaada jedhu qaba. Namni qaama miidhamaa ta’e bu’aa tokko iyyuu

buusuu hin danda’u yaada jedhuun tilmaama isaanii gadi buusee ilaala. Namoonni

qaama miidhamoon hubamoodha, gargaarsi isaan barbaachisa, isaanii yaadamuu

qaba, arjoomni fi deeggarsi godhamuuf qaba eegamuu qabu. Hubannaan dulloomaan

akkasii rakkoo namoota qaama miidhamaa qaban furuuf karaa gargaarsa

arjoomtotaa, mana barumsaa addaa fi deeggarsa sagantaa addaa (welferii) argachuu

qabuu jedha.

Modeela Wal’aansaa/Yaalaa /medical model: Qaama miidhamummaan rakkoo

fayyaa dhuunfaa, dhukkuba ykn miidhamaa jechuun hiika. Rakkoon kun nama

dhuunfaa kana quunnameera, kanaafuu deebbiin isaaf malu isa fayyisuuf ykn

deebisanii ijaaruudhaan hawaasa wajjin akka madaqu gochuu barbaachisa. Modeelli

kun yeroo dheeraaf irra jireessan hojii irra oolaa tureera, ammas haala qabatamaa

addaan ni jira. Haata’u malee namoonni qaama miidhamaa qaban hundi eeggannoo

yaalii hakiimaa ykn deebisanii ijaaruu isaan barbaachisa jechuu miti, namoonni

qaama miidhama qaban hundi rakkoo fayyaa qabu jedhanii yaadunis dogongora dha.

Modeela waliin jireenyaa fi mirga dhala namaa/Social and human rights model:

Fudhatamaa fi hammatamuu argachuu namoota qaama midhamaa qaban irratti

hudhaalee jiran hambisuu irratti xiyyeeffata. Modeelli kun miidhama akka qaama

addadummaa namummaa keessa jiruutti hubata. Barbaachisummaa eeggannoo

fayyaa godhamu hin dagatu, garuu xiyyeeffannaan isaa inni guddaan hudhaalee

/rakkoo hawaasa keessatti uumame hambisuu irratti dha. Kan iddootti deebi’uu qabu

nama dhuunfaa sana miti, garuu yaada hawaasaa keessa jiru gara caalaa

hammachiisaa fi hirmaachisaa ta’etti jijjiruu dha. Akkaataa modeela kanatti

namoonni qaama miidhamaa qaban akka lamiilee hundaatti mirga walqixaan

hirmaachuu fi hammatamuu akkasumas hojiilee misoomaa irraa fayyadamaa ta’uu,

dhaqabamummaa dhiyeessa bishanii fi qulqullinaa dabalatee, manneen barnootaa,

Page 15: Qajeelfama Haammachiisummaa Qaama MidhamtootaaCOWASH · Barruun gorsi pirojektii COWASH kuni qoodha fudhattoota sadarkaa hundaa jiraniif kan barreeffame dha. Hubannoo dhimma qaama

10

tajaajila fayyaa fi kkf jechuu dha. Namoonni qaama miidhamaa qaban hawaasa

keessatti akka miseensa tokkootti hirmaannaa walqixaa fi guutuu gumaachuudhaan

maatii fi hawaasa naannoo isaanii keessatti gahee barbaachisaa bahuu akka dana’an

hubatamuu fi fudhatama argachuu qabu.

Akka karoora biyyoolessaa Itiyoophiyaan namoota qaama midhamaa qabaniif qabduu fi

akka walii galtee biyyoota gamtoomanii (UN) mirga namoota qaama miidhamaa

qabaniitti baruun gorsi COWASH kuni namoota qaama miidhamaa qaban akka moodeelli

waliin jireenyaa fi mirga dhala namaa jedhutti hubata.

Haata’u malee ilaalcha uummata Itiyoophiyaa biratti akka modeela arjoomaa fi modeela

yaaluu ta’eetti hidda gadi fageeffatee jira. Akka haala yeroo ammaatti hirmaannaa

guutuu fi hammatummaan namoota qaama miidhamaa qaban akka haala keessoo

hudhaalee waliin jireenyaa, aadaa fi amantii ibsamu. Akka yaada hundaa fi hubannoo

dogongoraa sababa qaama miidhamummaa itti dhufuu fi dandeettii namoota qaama

miidhamaa qabaniitti irratti hubannoon ilaalcha uummataa irra caalaan faallaa dha.

Qooduun, miidhuun, fiixeetti adda baasuu fi irraa qollifannaan kanumma barame dha.

Amantiin Itiyoophiyaa keessa jiran baay’een isaanii kallattii deeggarsaa fi arjoomaa

jajjabeessu. Kun immoo gumaacha fi gahee hirmaannaa qaama miidhamtootaa

fudhachuun akka qaama miseensa guutuu hawaasa naannoo godhanii fudhachuu irra

gochaa kadhaa babal’isuu fi arjoomaa ti.

Namoonni qaama miidhamaa Itiyoophiyaa keessatti keesumaa iyyuu baadiyyaati itti

fufiinsaan kan isaan quunnamu:

Qaama miidhamummaa aadaadhaan rakkoo hamaa akka waan ekeraa irraa

namatti dhufu wajjin walqabsiisuu;

Maatii keessatti miseensi nama qaama miidhamaa jiraachuu fi mul’achuu isaa

uummata biratti akka waan sodaatti ilaaluu;

Dandeettii gumaachaa fi hirmaannaa namootni qaama miidhamaa ta’an

hawaasa keessatti qaban hubachuu dhabuu irraa kan ka’e murtii taasifamu

keessatti akka hin hirmaannee gochuu;

Hiyyummaa gar-malee, nyaataan of danda’uu dhabuu, dhiyeessa bishaanii fi

qulqullinaa, uffata, mana fi meeshaalee deeggarsaa dhabuu;

Tajaaila uummataa, barnootaa fi leenjii gahumsa dandeettii fooyyeesan fi carraa

hojii dhabuu; fi

Miidhaa arrabaa, qaamaa fi walquunnamtii saala, keessumaa shammarranii fi

dubartoota qaama miidhamaa ta’an irra ghau.

Page 16: Qajeelfama Haammachiisummaa Qaama MidhamtootaaCOWASH · Barruun gorsi pirojektii COWASH kuni qoodha fudhattoota sadarkaa hundaa jiraniif kan barreeffame dha. Hubannoo dhimma qaama

11

3. QAAMA MIIDHAMUMMAA WALTAJJII ADUNYAA FI ITIYOOPHIYAA

KEESSATTI

3.1 GALMOOTA MISOOMA ITTIFUFIINSAA

Bara 2015tti, miseensotni biyyoota gamtoomanii (UN) Itiyoophiyaa dabalatee ajandaa

baafataniin hanga bara 2030tti hiyyummaa garmalee hambisuu, nageenya dhaadessuu,

qabeenya qooddachuu fi ardii kana eeguuf walii galanii jiru. Ajandaan 2030 kun Galmoota

Misoomaa Ittifufiinsaa 17n dabalatee, keessaa iyyuu namoota fiixeetti dagatamaniif

xiyyeeffannaa addaa kennuudhaan namni tokko iyyuu duubatti akka hin hafne mirkaneessuf

dha. Qaama miidhamummaan addatti qaama ajandaa hedduu keessatti ibsameera,

akkasumas agarsiiftota biroonis garee warra caalaa saaxilamoo ta’aniif “dhaqababummaa

hundaaf” (“access for all”) namoota qaama miidhamaa qaban dabalatee kan jedhu dha.

Ajandaan kunneen biyyoota miseensa ta’an hundaa keessatti warra qooda fudhattoota ta’an

hundaa wajjin walitti dhufuudhaan hojii irra ni oola.

Galmoota misooma ittifufiinsaa 6n “dhiheessii fi bulchiinsa itti fufiinsa dhiheessa

bishaani fi qulqullina hundaaf mirkaneessu”kan jedhu dha.

Galma kana jallatti maniiwwan bara 2030 galmageessisuuf qabaman:

Dhiyeessa bishaan dhugaatii qulqulluu fi gatii madaalawaan bakka

hundumaa fi walqixa hundaaf dhiyeessuu

Dhiyeessa qulqullinaa fi eegumsa qulqullina naannoo hundaa fi bakkeetti

bobbaa taa’uu dhiisuu (end to open defecation), xiyyeeffannaa addaa fedhii

dubartootaa fi shamarraniif akkasumas warra haala caalaa saaxilamaa ta’e

keessa jiraniif kennuu

Maniiwwan qabaman kuneen akka armaan gadiitti caalaa ibsamanii jiru:

Bakka hundaa /Universal: qaama hundaa maatii, manneen barnootaa,

dhaabbiileefayyaa kkf dabalatee

Walqixa /Equitable: garee uummataa gidduutti wal-caaltee dhabamsiisuu

Dhiyeessa /Access: fedhii mana keessaaf barbaachisu bishaan gahaa fi amansiisaa

manatti dhiyeenyaan, faasilitii qulqullinaa manatti dhiyoo fi haala salphaan bira

gahamuu fi yeroo barbaadamu fayyadamuu danda’amu

Gatii madaalawaa /Affordable: argachuuf kan gatiin isaa hudhaa /rakkoo hin

taane

Hundaaf /For all: itti fayyadamuuf dhiirri, dubartiin, shamarran fi ijoolleen dhiiraa

sadarkaa umurii hundaa jiran namoota qaama miidhamaa qaban dabalatee itti

fayyadamuuf mijataa kan ta’e.

3.2 WALII GALTEE MIRGOOTA NAMOOTA QAAMA MIIDHAMAA QABAN

Bara 2006tti walgahiin walii galaa mootummoota gamtoomanii (UN) walii galtee mirgoota

namoota miidhama qaamaa qabanii fudhatee, haaluma kanaanmootummaan Itiyoophiyaas

Page 17: Qajeelfama Haammachiisummaa Qaama MidhamtootaaCOWASH · Barruun gorsi pirojektii COWASH kuni qoodha fudhattoota sadarkaa hundaa jiraniif kan barreeffame dha. Hubannoo dhimma qaama

12

walii galtee mirgoota namoota miidhama qaamaa qaban bara 2010 fudhattee

mirkaneessiteetti. Walii galtee mirgoota namoota miidhama qaamaa qaban kun walii galtee

mirgoota dhala namaa addunyaa mirgaa fi eenyummaa namoota miidhama qaamaa qaban

eeguuf ta’e jedhamee yaadame dha. Qaamonni waliigaltee kana fudhatan irraa wanti

barbaachisu namoota miidhama qaamaa qaban kanaaf mirgoota dhala namaa hunda

jajjabeessuu, eeguu fi mirkaneessuu akkasumas seera jalatti mirga walqixummaa guutuu

argachuu isaanii mirkaneessuu dha.

Walii galtee kana keessa qajeeltoowwan itti bitamnu saddetu jira: walabummaa dhuunfaa,

al-qoodummaa, hirmaannaa gahumsaa fi guutuu fi hawaasa keessatti hammatamuu, kabaja

garaagarummaa, carraa walqixa, dhaqabamummaa, walqixummaa dhiiraa fi dubartii

gidduu, kabaja hirmaachisuu dandeettii ijoollee miidhama qaama qabanii ti.

Walii galteen kun keewwata50kan qabu yommu ta’u,tokko tokkoon

isaanimirgootanamoonni miidhama qaamaa qaban (Fkf mirga barachuu, fayyaa, hojiitti

qacaramuu kkf) fi dirqamoota biyyoota miseensa ta’aan eegu qaban ibsa. Keewwatni 28

walii galtee kanaa akka ibsutti jireenya namoota miidhama qaamaa qaban milkeessuu fi

jajjabeessuudhaan jireenya istaandardii gahaa ta’ee dhugoomsuu, dhiyeessa bishaan

qulqulluu dabalatee mootumoonnitarkaanfii sirrii fudhachuu qabu.

Itiyoophiyaa keessatti Ministeerri Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa bakka ijoo dhimma

hojii irra oolmaa waliigaltee mirgoota namoota miidhama qaamaa qaban kanaa ti. Tokko

tokkoo naannoolee 11 biyyattii keessaatti, Biiroon Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa hojii

irra oolmaa imaammataa biyoolessaa namoota miidhama qaamaa qaban fi qindoomina hojii

kanaa jajjabeessuu sadarkaa naannootti raawwachuuf itti gaafatamummaa qabu. Ministeera

Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa cinaatti, ministeeronni biroon dhimma hojii irra oolmaa

imaammataa fi sagantaa nammoota miidhama qaama qaban keessaa, Ministeera Eegumsa

Fayyaa fi Barnootaa ti ni caqasamu. Haa ta’u malee ministeeronni sadarkaa federaala jiran

hunduu dhimma nomoota miidhama qaama qaban kana carraa walqixa jajjabeessuu fi haala

guutuun akka hirmaatanii haala armaan gadii kanaan hojjetu: “Tokko tokkoon ministeeraa

aangoo fi hojii isaa keessatti, aangoo isaaf kenname keessatti haala namoota miidhama

qaamaa qabanii fi HIV/AIDS dhaaf saaxilaman faayidaa carraa walqixaa argachuu fi

hirmaannaa guutuu gochuu danda’an uumuu qabu.”

Damee mootummaa hunda keessatti, Fookaal Parsanii (Ogeessa) ramaduudhaan dhimma

hojii namoota miidhama qaamaa qaban sektaroota fi sagantaa hundaa keessatti akka

idileessu gochuu barbaachisa, garuu kun hanga ammaatti naannoo hundaa fi manneen

hojii hundaa keessatt hojii irraa hin oolle.

3.3 KAROORA HOJII BIYYOOLESSA ITIYOOPHIYAA NAMOOTA MIIDHAMA

QAAMA QABAN(2012 -2021)

Walii galtee Mirgoota Namoota Miidhama Qaama Qaban mirkaneessuutti aanee,

mootummaan Itiyoophiyaa karoora hojii biyyoolessaa namoota miidhama qaamaa qabaniif

kan waggaa kudhanii qopheesseera. Karoorri kun kan qophaa’e Itiyoophiyaa keessatti hojii

namoota miidhama qaamaa qaban jajjabeessuu, eeguu fi mirgoota namaa sarbamuu hin

dandeenye (fundamental rights) walqixaa fi guutummaa guutuun mirkaneessuu, tajaajila

Page 18: Qajeelfama Haammachiisummaa Qaama MidhamtootaaCOWASH · Barruun gorsi pirojektii COWASH kuni qoodha fudhattoota sadarkaa hundaa jiraniif kan barreeffame dha. Hubannoo dhimma qaama

13

uummataa, carraa barnootaa fi hojii, fi hirmaannaa guutuu maatii keessatti, hawaasa fi

jireenya biyyoolessaa keessatti hojii irra oolchuuf dha. Kaayyoon isaa haala namoota

miidhama qaamaa qaban fooyyeessuu fi hawaasa keessatti akka hammataman

dandeesisuuf dha.

Karoorri hojii biyyoolessaa yaada bu’uuraa hawaasummaa fi bu’uura mirgoota namaa

hubachuu qaba. Kana jechuun namootni hundaa, namoota miidhama qaamaa qaban

dabalatee, mirgoota walqixa qabu. Akka dhimmi namoota miidhama qaamaa qaban hojii

idileessuu, dhimma seektara baay’ee ta’eetti, tokko tokkoon ministeera ykn ejensii dhimmi

isaa ilaallatu karoora hojii misoomaa fi sagantaalee isaanii keessatti kaayyoo, buaa duraa,

hojiiwwan fi agarsiisftuwwan hojii idileessuu kana haala kamiin akka hoojjatanii fi itti

gaafatamummaa hojii sektera isaanii keessatti agarsiisuu qabu. Ministeerri dhimma

hojjetaa fi hawaasummaa federaalaa hojii dhimma nomoota miidhama qaamaa qaban irratti

hojjechuu qabu isa duraa yoo ta’e iyyuu, ministeeronni hunduu hojii ideleessuu qaama

miidhamummaa fi namoota miidhama qaamaa qaban irratti kallattii gahumsa teeknikaa hojii

isaaniin sadarkaa fi iddoo hojii isaanii hundaatti hojjechuuf dirqama qabu. Tokko tokkoon

ministeera federaalaa fi mootummaan naannoolee biyyattii keessa jiran baajata waggaa

hojii isaanii keessa galchanii qabachuu qabu.

3.4 IMAAMMATA KAN BIROO KANA WAJJIN QUUNNAMTII QABAN

Imaammata mootummaa biroo fi manneen hojii WASH Itiyoophiyaa keessatti hojjetan hundi

namoota miidhama qaamaa qaban yaada keessa galchuu fi barbaachisummaa haqummaa

hundaaf (Equity for all) jedhu beeksisuu qabu.

Heera Federaala Dimokiraatawaa Ripaabilika Itiyoophiyaa (1995),

Motummaa Itiyophiyaa

Heerri kun xiyyeeffannaa haqummaa (equity) fi dhiyeessii (provision) hundaaf:

o “ Hanga qabeenyi humni biyyattii danda’utti, imaammata lammilee

Itiyoophiyaa hunda dhiyeessa fayyaa uummataa fi barnootaa, bishaan

qulqulluu, mana jireenyaa, nyaataa fi nageenya waliinii argachu qabu.”

o “ Namoonni hundi mirga naannoo qulqulluu fi naannoo fayyaa qabaachuu

qabu.”

o “Mootummaan lammiileen Itiyoophiyaa hundi naannoo qulqulluu fi naannoo

fayyaa ta’e akka jiraatan gochuu qaba.”

Imaammata Bulchiinsa Qabeenya Bishaanii (2001)

Imaammatni seektara bishaanii waa’ee hammannaa namoota miidhama qaamaa qabanii

addatti waan ibse hin qabu, garuu waa’ee haqummaa (equity) bakka hedduutti ibseera.

Qabatama (framework) Hojii irra Oolmaa WASH (2011)

Page 19: Qajeelfama Haammachiisummaa Qaama MidhamtootaaCOWASH · Barruun gorsi pirojektii COWASH kuni qoodha fudhattoota sadarkaa hundaa jiraniif kan barreeffame dha. Hubannoo dhimma qaama

14

Akeekni hojii irra oolmaa WASH kan xiyyeeffatu fedhiin nomoota miidhama qaamaa qaban

“Sagantaa hojii irra oolmaa biyyoolessaa WASH sadarkaa hundaa keessatti” furmaata

argachuu qaba. qabatamnihojii irra oolmaa WASH akka ibsutti itti gaafatamummaa guddaan

WASHCOs “Tooftaa itti namoonni miidhama qaamaa qabanii fi hawaasa keessaa gareen

fiixeetti gataman fedhiin isaani itti guutamu” uumuu dha. Akeekni hojii irra oolmaa WASH

dhimma “hammatamummaa saalaa fi waliin jireenyaa (qaama miidhamtoota, warra

fayyadamaa hin taanee fi dhukkubsataa, kkf) sagantaa leenjii WASH hundaa keessatti

barnootaa, imaammataa fi karooraa WASH” barbaadu dha.

Sagantaa Misooma Sektera Barnootaa V (2015/16 – 2019/20), Ministeera

Barnootaa

Fedhiin addaa fi barnoota hammachiisaan sagantaa kana keessatti dursi kan kennameef

dhimma idileessuu ti. Manneen barnootaa keessatti dhiyeessa faasilitii WASH bu’uuraa

xiyyeeffannaan hojjetamee waggaa isa duraa Sagantaa Misooma Seektara Barnootaa V

keessatti mirkaneeffachuu fi isa booda hojii irra oolchuu dha.

Karoora Ceehumsa Seektara Fayyaa (2015/16 – 2019/20) Ministeera

Fayyaa

Qaama Midhamtoota ilaalchise Bakki ilaalamu/wanni ifatti taa’ee jiruKaroora Ceehumsa

Seektara Fayyaa keessatti agarsiiftuu fi maniin hordoffii qaofaa keessatti: hanga dhaabbilee

fayyaa dhimma saalaa fi namoota miidhama qaama qaban warra paakeejii guutuu WASH

qaban wajjin kan ilaalu dha(dhaabbilee fayyaa 60 waggaa shan keessatti).

Labsii Ijaarsaa Itiyoophiyaa (Lakk 624/2009) fi Qajeelfama Ijaarsaa (Lakk

243/2011)

Labsiin ijaarsaa Itiyoophiyaa (keewwata 36) bifa addaan kan inni ibsu dhiyeessii dizaayinii fi

ijaarsa namoota miidhama qaamaa fiizikaalaa qabaniif akka armaan gadiiti:

“Ijaarsi uummataa kam iyyuu haala mijataa namoonni miidhama qaama qaban itti

fayyadamuu danda’an, warra teessoo barcuma-golollee (weelchair) fayyadamuu dirqaman fi

warra deemuu danda’an garuu sadarkaa mana olbahuu rakkatan dabalatee (36.1)

Bakka faasilitiin mana fincaanii barbaachisu ijaarsa kamuu keessatti, baay’inni gahaa

faasilitii akkasii namoota miidhama qabaniif mijataa fi dhiyeessiin isaa isaaniif mijachuuqaba

(36.2).”

Haaluma wal-fakkaatuun qajeelfamni ijaarsaas kan ibsu: “ijaarsonni dhiyeessa sadarkaa irra

ol bahanii fi bu’an mijataa, bakka dhaabbii konkolaataa, mana fincaanii fi bakka qaama itti

dhiqatan namoota miidhama qaama qabaniif mijataa kan ta’e qabaachuu qaba (28.3).”

“ijaarsi uummataa kam iyyuu ykn gar tokkoon isaa sochii namoota miidhama qaama qaban

dhorkuu ykn dhowwuu hin qabu (34.1).”

Page 20: Qajeelfama Haammachiisummaa Qaama MidhamtootaaCOWASH · Barruun gorsi pirojektii COWASH kuni qoodha fudhattoota sadarkaa hundaa jiraniif kan barreeffame dha. Hubannoo dhimma qaama

15

3.5 ITIYOOPHIYAA KEESSATTI QOODA FUDHATTOOTA IJOO SOCHII

NAMOOTA MIIDHAMA QAAMAA QABANII

Itiyoophiyaa keessa dhaabileen dhimma namoota miidhama qaamaa qaban irratti hoojjatan

hedduun jiru. Dhaabbilee miseensa namoota miidhama qaama qabanii,, dhaabbilen

namoota miidhama qaama qabaniif hoojjatan, fi dhaabbileen deebisanii dhaabuu fi tajaajila

biro namoota miidhama qaamaa qabaniif keennan ni jiru. Tokko tokkoon gosa dhaabbilee

amalaa fi gahee adda addaa ni qabaatu. Dhaabbilee ijoo namoota miidhama qaamaa qaban

irratti hoojjatan Itiyoophiyaa keessa jiranii muraasi isaanii:

Dhaabbilee Namoota Miidhama Qaamaa Qabanii:

Dhaabbattoota miseensa namoota miidhama qaama qabanii dha.

Yeroo baay’ee namoota miidhama addaa murtaa’aa qaban, kan akka namoota warra

qaroo dhabeeyyi, namoota warra gurri itti jabaate, namoota warra

qaroomu/qalbeefachusammuun (intellectual disability) isaanii rakko qabu kkf.

Dhaabbileen biyyoolessaa baay’een naannolee fi magaalota muraasa keessaa warra

damee qabani dha.

Itiyoophiyaa keessa, dibaabee dhaabbilee biyyoolessaa dhaabbata namoota qaama

miidhamaa qabanii jalatti kan jiran: federeeshinii waldoolee namoota miidhama

qaamaa qaban biyyoolessaa Itiyoophiyaa. Federeeshiniin kun waldaalee miseensoota

jaha qaba (garuu Itiyoophiyaa keessa dhaabbatni namoota qaama miidhamaa

qabanii isaan kana qofaa miti):

o Waldaa biyyoolessaa Itiyoophiyaa namoota rakkoo dhageettii gurraa qabanii

o Waldaa biyyoolessaa Itiyoophiyaa namoota dhibee qurciin/ juzeem

miidhamanii

o Waldaa biyyoolessaa Itiyoophiyaa namoota rakkoo dandeetti qalbeeffachuu

qaban

o Waldaa biyyoolessaa Itiyoophiyaa miidhama dhageettii fi qaroo dhabeeyyii

o Waldaa biyyoolessaa Itiyoophiyaa Dubartoota miidhama qaama qaban

o Waldaa biyyoolessaa Misooma namoota Miidhaa qaama qabanii.

Dhaabbatni Namoota Miidhama Qaamaa Qabanii gahee olaanaa taphatu ni qabaata

sababni isaas fedhii miseensa isaanii hubachuu waan danda’aanii fi namoota

miidhama qaamaa qaban sadarkaa naanno jiraniitti, nannoo fi biyyoolessaatti

sochoosuu ni danda’u.

Gargaarsaan, dhaabbatni namoota qaama miidhamaa qabanii sagantaa misooma

hawaasa kan akka COWASH keessatti namoota miidhama qaamaa qaban pirojeektii

keessatti hammachiisuudhaan miiltoo fi qabeenya bu’aa qabeessaa ta’uu ni

danda’u.

Garee of-gargaartota Namoota miidhama qaamaa qaban:

Issan kun garee namoota miidhama qaamaa qaban garuu hanga ammaatti akka

warra Dhaabbata Namoota Qaama Miidhamaa Qabaniitti, ykn akka gamtaatti

seeraankan hin galmoofne, garuu daldala xixiqqaa ykn hojiiwwan galii maddisiisanii

uummatanii kan jiraatani dha.

Page 21: Qajeelfama Haammachiisummaa Qaama MidhamtootaaCOWASH · Barruun gorsi pirojektii COWASH kuni qoodha fudhattoota sadarkaa hundaa jiraniif kan barreeffame dha. Hubannoo dhimma qaama

16

Namoota miidhama qaamaa qaban warreen biroo wajjiin walquunnamsiisuu fi

hojiiwwan madda galii maddisiisuudhaan naannoo isaanii keessatti gahee olaanaa

taphatani dha.

Uummataa fi namoota miidhama qaamaa qaban gidduuttii fi sagantaa misooma

hawaasa keessatti wal-quunamsiistu gaarii waan qabaniif yeroo xiinxalli gaggeeffamu

warra ilaalamuu qabani dha.

Dhaabbilee Hidhata –Hawaasaa (Civil society) namoota miidhama qaama qaban

/Daabbilee miti-mootummaa:

Dhaabbilee namoota miidhama qaama qabaniif hojjatani dha.

Warren gurguddoo dalalatee, namoota miidhama qaama qabanii – addattii miti-

mootummaa idiladdunyaa kan akka Addunyaaf Ifa (light for the world),

CBM(chirstian Blind Mission), fi handicap International warren biroo miiltoo

dhaabbilee naannoo warra namoota miidhama qaama qaban hammachiisuu

jajjabeessan dha.

Dhaabbilee Miti-mootummaa idiladdunyaa fi Dhaabbilee hidhata –hawaasaa (Civil

society)namoota miidhama qaama qaban kan naannoo warra tajaajila addaa ta’e

kennan yommuu ta’uu isaan keessaas kan akka Tajaajila Cheshire Itiyoophiyaa

(Cheshire Services Ethiopia),gargaarsa tajaajila idiladdunyaa (International Aid

services), Birihaan Lehitsanbat, Addis Developmet Vision, Addis Guzo, caqasamoo

dha.

Dhaabbilee miti-mootummaa miisoomaa gurguddoo warren hojii isaanii misoomaa

adeemsifamaa jiru keessatt namoota miidhama qaama qabanii hammachiisan

keessaa kan akka “World Vision Ethiopia”, CARE, mercy Crops, Child Found Ethiopia,

Save the Childern, Water Aid Ethiopia, caqasamoo dha.Dhaabbilee Hidhata–

Hawaasaa (Civil society)namoota miidhama qaama qaban kan naannoo warren

namoota miidhama qaama qabanii hojii misooma keessatti hammachiisuuf

jajjabeessanii fi haala mijeessan keessaa kan akka Ethiopian Centre for Disability

and development (ECDD), Ethiopian national Disability Action Network (ENDAN)

caqasamoo dha.

Dhaabbilee amantaa garaagaaraa buufataalee fayyaa, Manneen barnootaa addaa fi

giddu galawwan leenjii deggaran.

Dhuma irratti dhaabbileen idiladdunyaa hedduu warren sagantaa issanii keessatti namoota

miidhama qaama qabanii idileessan, dhaabbilee kallattii-hedduminaa qaban dabalatee (fkf

Baankii Addunyaa, UNICEF, UNDP, EU kkf) fi sagantaalee isaaniin deeggaramu, fi sagantaa

kallattii lamanii (bilateral programmes) mootummoota arjooman baay’eedhaan

deeggaraman (fkf DFID, USAID, GIZ, Irish Aid kkf) dabalata.

Page 22: Qajeelfama Haammachiisummaa Qaama MidhamtootaaCOWASH · Barruun gorsi pirojektii COWASH kuni qoodha fudhattoota sadarkaa hundaa jiraniif kan barreeffame dha. Hubannoo dhimma qaama

17

4. BARBAACHISUMMAA TAJAAILA WASH FI FAAYIDAA FAASILITOONI

QAAMA HUNDAAFKENNAN

Itiyoophiyaa keessatti uummata baay’eef dhiyeessiin bishaan qulqulluu fi qulqullinaa qabsoo

dha, garuu namoota miidhama qaama qabaniif irra caalaa rakkoo cimaa dha. Faasiliitiin

WASH kan qopha’an namoota hawaasa keessa gidduu galeessa ta’aniif dha. Haa ta’u malee,

hawaasni hundinuu adda addummaa dhuunfaa hedduu fi fedhii wal-irraa fagaatu qabu, kana

irraa ka’udhaan uummanni hedduun fasiliitii fi hojiiwwan sagantaa WASH keessatti hin

hammatamne. Issan keessaa immoo gareen hiyyeessa gar-malee fi irra caalaa fixeetti

dagataman namoota miidhama qaama qaban dha. Dhiyeessa bishaan nagaa fi qulqulluu fi

faasilitii qulqullinaa mirgoota bu’uuraa uummata hundaa, namoota miidhama qaama qabanii

dabalatee ti.

Bara 2006tti “Water Aid Ethiopia” qo’annoo dhiyeessa bishaanii fi qulqullinaa namoota

miidhama qaama qabanii irratti magaala Buttaajiraa fi aanaa Mesqaan zoonii Guraagee,

naannoo SNNPR keessatti gaggeessee ture. Kaayyoon qo’annoo kanaa hanqinoota adda

baasuu, hanqina kana fala itti dandamachuu fi hanqinaalee kana gara fuula duraaf furmaata

kennuu fi dhiyeessa bishaanii fi qulqullinaa namoota miidhama qaamaa qabanii barbaaduuf

ture. Kanneen armaan gadii argannoo bu’aa qo’annoo sanaa isaan muraasa keessaa:

Bishaan: namoota miidhama qaama qabanii yeroo baay’ee sababa qaama

miidhamummaa isaaniin bishaan baay’ee barbaadu. Deddeebbiin xuxuqaan lafaa

waan isaanitti baay’atuuf xura’uuf saaxilamoo, fi dhiibbaan kiraanchii ittiin deemanii

fi teessoo abbaa gommaa fayyadamuun waan isaan dafqisiisuuf. Deebistoonni

baay’een dhiyeessi bishaanii dhiyeessa mana fincaanii caalaa rakkisaa ta’uu isaa

ibsaniiru, sababni isaas ofii isaanii bishaan waraabbachuu ykn dhiyeeffachuu waan

hin dandeenyeef dha. Maddi bishaanii yeroo baay’ee waan fagaatuu fi harka isaanii

fayyadamuun waan socho’anii, fi meeshaalee bishaan qabatu baachuu hin mijatuuf.

Sababa namoota birootti maxananiif namoota miidhama qaama qabanii bishaan

gahaa dhaqna isaanii dhiqachuu fi miiccachuuf hin argatan.

Mana fincaanii: namoota miidhama qaama qabanii namoota war kaan caalaa mana

fincaanii ni barbaadu, sababni isaas bakkeetti bobbaa taa’uun dadhabsiisaa fi balaa

dha, sababni isaas irratti kufuu fi xuraa’uu, ilbiisaa ykn maxxantootaa saaxilamaa

ta’uu isaanii ti. Gar-tokkoon samuuda deebistoota hundaa akka jedhanitti dhiyeessi

mana fincaanii hin jiru. Warrumti dhiyeessii mana fincaanii qabanis taanaan,

dizaayiniin isaa kiraanchii ykn teessoo abbaa gommaa yaada keessa galchee waan

hin hojjetamnee fi isaan itti faayyadamuu waan hin dandeenyeef mijataa miti.

Tokko-sadaffaan warra deebisee mana fincaanii jirutti fayyadamuu waan hin

dandeenye gara bakkeetti deebi’anii warra bobbaa taa’anitti makamaniiru. Warri

mana fincaanii fayyadamna jedhanii gabaasan lafarra harkaan daa’imuun, rakkoo

dhukkubaaf saaxilamoo dha. Manni fincaanii baay’een isaanii lafti isaa muka irraa

waan hojjetameef yeroo jiidhu ni mucucaata, qulqulleessuufis rakkisaa dha.

Kiraanchiin isaanii muka gidduu jala seena, sadarkaan ol-dhaabbatu ol-bahuu fi

bu’uu irratti danqaa waan uumuuf namoota miidhama qaama qabanii rakkisaa dha.

Kutaan B barruu gorsaa kanaa filannoowwan dizaayinii teeknika hammachiisuu bishaanii fi

qulqullinaa baay’ee ibsa.

Page 23: Qajeelfama Haammachiisummaa Qaama MidhamtootaaCOWASH · Barruun gorsi pirojektii COWASH kuni qoodha fudhattoota sadarkaa hundaa jiraniif kan barreeffame dha. Hubannoo dhimma qaama

18

Namoota miidhama qaama qaban hojiiwwan COWASH keessatti hirmaachisuu fi fayyadama

taasisuuf hammachiisuun warren armaan gaditti eeraman nu dandeessisa:

Galma gahinsa maniiwwan karoora guddinaa fi jijjiiramaa II tiif gumaacha (manii

bobbaa bakkeetti bahuu dhiisuu dabalatee)

Galma gahinsa maniiwwan galmoota misooma ittifufinsaaf gumaacha

Waliigaltee mirgoota namoota miidhama qaama qaban wajjin walsimatee deema

Karoorri hojiiwwan biyyoolessaa namoota miidhama qaama qaban irratti hojjetamu

wajjin wal-simata

Dhiyeessi haqa qabeessa, gumaach fi hirmaannaa namoota miidhama qaama qaban

hojiiwwan COWASH keessatti mirkaneessa

Namoota miidhama qaama qabaniif karaa hojiiwwan COWASH interpraayizii

maaykiroo fi xixiqqaa hundeessuudhaan carraa hojii ni uuma

Dubartootaa fi shamarran irraa ulfaatina hojii hir’isa, hojiiwwan isaan bishaanii fi

qulqullinaa maatii keessatti gahee fi itti gaafatamummaa ol’aanaa fudhatanii fi of-

eeggannoo isaan miseensa namoota miidhama qaama qaban godhan irraa hir’isa

Dhiyeessii dabalaa fi baasii hir’isuu, gatiin dhiyeessii dhaqabamaa gochuu amma irra

booda waan dabaluuf

Hojii WASH Itiyoophiyaa keessatti hojjetamu jajjabeessuu fi cimsuudhaan

idileessuun namoota miidhama qaama qaban sekterichi keessatti caalaa

hammachiisaa akka ta’an gochuu dha.

Wal-deeggaruu fi waliin ta’uun miiltoo sektera WASH fi dhaabbilee namoota

miidhama qaama qaban wajjin jiru akka dabalu taasisa

Dabalataanis, hammachiisummaan WASH gumaacha armaan gadii ni qabaata:

Kabaja ofiif fi sadarkaa qulqullina jireenyaa ni fooyyessa

Hojiiwwan sadarkaa hawaasatti hojjetamuu fi dhiyeessi faasilitii WASH fooyya’e dhiibbaa

guddaa fayyaa, eegumsa qulqullinaa naanoo, qulqullinaa, kabajaa fi sadarkaa qulqullina

jireenyaa namoota miidhama qaama qabanii fi garee warren biroo fiixeetti dagataman.

Dhiyeessi faasilitii WASH of-danda’uu namoota fixee dagataman akka dabalu taasisa, karaa

biroo immoo miseensa maatii keessatti ulfaatinni baay’ina hojii kenna-eeggumsaaf godhamu

akka hir’isu taasisa. Dhiyeessi faasilitiiwwanii irra salphaa fi eeggannoo qabu birra gahuu fi

fayyadamuun miidhaa gahu ni hir’isa. Haalli hammachiisummaa garee hedduminaa

fayyaduu fi miseensa hawaasa baay’eef carraa of-eeggannoo qabuu fi otuu miidhaa hin

geessisiin gumaachuu danda’a. kun faayidaa guddaa ofitti amanamummaa namaa, kabaja

ofiif fi iciitii qaba.

Hirmaannaan namoota miidhama qaama qaban WASH karoorsuu, hojii irra oolchuu fi

hooggansi isaa ilaalchaa fi amala hawaasa namoota miidhama qaama qaban irratti jijjiirama

bu’aa qabeessaa ni fida. Kana irraa ka’uun xiisammuun arjooma ni hir’isa. Irra caalaa

immoo namoota miidhama qaama qaban misooma hawaasa naannoo keessatti

potenshaalaa fi gaheen taphatu hubatamuu jalqaba. Adeemsi aangessuu ilaalcha namoota

miidhama qaama qaban mataan isaanii potenshaala ofitti amanamummaa akka gonfatan

taasisa.

Misooma itti fufiinsaa

Page 24: Qajeelfama Haammachiisummaa Qaama MidhamtootaaCOWASH · Barruun gorsi pirojektii COWASH kuni qoodha fudhattoota sadarkaa hundaa jiraniif kan barreeffame dha. Hubannoo dhimma qaama

19

Kallattiin hammachiisummaa adeemsa yeroo dheeraa keessa irra caalaa gahusa baasii ni

dabala. Hammachiisummaan duruma jalqaba pirojektii irraatti yoo karoorfame, baasii

dabalataa ni xiqqeessa ykn ni hambisa. Hammachiisummaan dura illee yoo keessatti otuu

hin karoorfamiin hafe, fi faasilitiwwan jiran irra caalaa hammachiisaa gochuuf madaksuu yoo

barbaachise, waan kun teeknika cimaa ykn adeemsa gatii guddaa baasisu hin barbaachisu.

Baasiin diinagdummaa namoota miidhama qaamaa qaban hammachiisuu dhabuu kan baasii

hammachiisummaaf bahu caalaa madaalii kaasa. Fooyyessuun dhiyeessii fi

hammachiisummaa hiyyummaa gar-malee maqsuu fi misooma diinagdee keessatti

gumaacha bu’aa qabeessa taasisa. Fakeenyaaf Itiyoophiyaa keessa mana barumsaa

keessatti baasiin dhiyeessa faasilitii mana fincaanii gatii dimshaashaa ijaarsa mana fincaanii

irratti % 2.5 qofa dabalata. Faasilitii WASH ijaarsa booda dhiyeessuun yeroo duraa wal-

wajjin hojjechiisuu caala irra gatii nama baasisa.

5. HAMMACHIISUMMAA NAMOOTA MIIDHAMA QAAMAA QABAN COWASH

KEESSATTI

5.1 QAAMA MIIDHAMUMMAA IDILEESSUU

Namoota miidhama qaamaa qaban idileessun tarsiimoo fedhii fi muuxannoo namoota

miidhama qaamaa qaban qaama hojii dizaayinii, hojii irra oolchuu, hordofuu fi madaaluu

imammataa, pirojektii ykn sagantaa ti. Idileessuun namoota miidhama qaamaa qabanii

pirojektichatti “komponentii miidhama qaamaa” biraa dabaluu otuu hin taane, garuu

adeemsa hojii misooma adda addaa keessatti hammachiisummaa fedhii fi muuxannoo

namoota miidhama qaamaa qaban dabaluudha. Dhiimmi kun dhimmaa waliigalaa seektara

hundaa ti. Kun kan barbaadu xiinxalaa fi hojii irra oolmaa bu’aa dhiibbaa hojiiwwan

karoorfamanii rawwataman kamuu namoota miidhama qaama qaban irratti fidhan deebisuu

dha. Kaayyoon idileessuu namoota miidhama qaama qaban COWASH keessatti qabu

tajaajila WASH keessatti dhiyeessi wal-qixaa hundaaf jedhu mirkaneessuu fi haalaa fi

hirmaannaa WASH karoorsuu, hojii irra oolchuu fi bulchiinsa isaa hundaa keessatti

mirkaneessuu dha. Dhimmi kun kan barbaadu namoota miidhama qaamaa qaban hojii

pirojektii WASH dura jiru keessatti qindeessuu qofa otuu hin taane, garuu pirojekticha gara

irra caalaa fedhii namoota miidhama qaama qabaniitti ceesisuu dha.

Pirojektiin WASH namoota miidhama qaamaa qaban qofaa irratti xiyyeeffate namoota

hundaa miidhama qaama qaban bira gahuuf gahaa miti, sababni isaas namoota miidhama

qaama qaban keessa daa’imman, dargaggoonni fi gaheessonni namoota miidhama qaamaa

qaban hawaasa hundaa keessatti ni argamu. Dhimmi idileessuu namoota miidhama qaamaa

qaban sagantaalee dizaayinii addaan namoota miidhama qaamaa qabaniif kan akka WASH

keessatti hin qophoofne dhimmi isaa kan deebii argatu akka dhimma seektara hundaatti dha

(cross-cutting and multi secteral issue). Qajeeltoowwan kanaan hawaasa keessatti

hirmaannaa guutuu warra kaan wajjin bu’uura walqixxee ta’een hundaaf mirkaneessuu dha.

Page 25: Qajeelfama Haammachiisummaa Qaama MidhamtootaaCOWASH · Barruun gorsi pirojektii COWASH kuni qoodha fudhattoota sadarkaa hundaa jiraniif kan barreeffame dha. Hubannoo dhimma qaama

20

5.2 QAJEELTOOWWAN HAMMACHIISUMMAA COWASH KEESSATTI

Kanneen armaan gadii hojii COWASH abboomudhaan qooda fudhattoonni fedhii addaa

namoota miidhama qaamaa qaban fi hojiiwwan COWASH keessatti hammachiisuuf ni

gargaaru.

Al-qoodummaa: jechuun namoota miidhama qaamaa qaban hundi (dhiiraa fi dubartii;

shamarranii fi dargaggoota; nama miidhama qabu, miira, qalbeeffachuu, sammuu fi /ykn

xiinsammuu irratti namoota miidhama qaama qaban) hojiiwwan COWASH irraa carraa wal-

qixaa dhiyeessii fi fayyadamaa akka ta’anii fi hojiin COWASHn hoojjatamu hudhaalee

/rakkoo uumuu ykn rakkoo hudhaalee jabeessuu hin qabu.

Hubannoo Cimsuu: hubannoo namoota miidhama qaama qabanii fi sekteroota qooda

fudhattoota hojiin WASH gaggeeffamu keessatti akkasumas hawaasa biratti

hammachiisummaa namoota miidhama qaamaa qabanii gara fooya’insa dandeesissuutti

tarkaanfii duraa hubannoo uumamu dha.

Hirmaannaa: namoota miidhama qaamaa qabaniin hojiiwwan COWASH keessatti

hojjetaman keessatti hirmaachisuun fedhii miseensa hawaasa hunda guutuu fi bu’aa

qabeessa fi barbaachisaa ta’uu isaa mirkaneessuu dha. Namootni miidhama qaamaa qaban

warreen hudhaalee /rakkoo isaan quunnamu hubatanii fi fala isaas beekan dha. “waa’ee

keenya unu malee waa hin jiru” (Nothing about us without us”) kan jedhu dhaadannoo

namoota miidhama qaamaa qabanii fi dhaabbilee isaaniin bakka bu’anii, fi sektaroonni

WASH qajeeltoo kannan buluu qabu, walii galtee mirgoota namoota miidhama qaama qaban

ti. Hirmaannaan namoota miidhama qaamaa qaban cimsuu fi oftti amanamummaa akka

horatanii fi hubannoo hawaasa keessatti bal’inaa uumuudhaan dandeettii fi gumaachawwan

namooni miidhama qaamaa hin qabne godhan ol kaasa.

Dhaqabamummaa: hudhaalee /rakkoolee qaamaa, odeeffannoo wal-jijjiiruu, ilaalchaa fi

jaarmiyaalee kan namootni miidhama qaamaa qaban hojiiwwan COWASHn hojjetamu

keessatti fayyadamuu fi hirmaachuuf isaan quunnamu hambisuu dha. Namoonni dhuunfaan

hundumti tajaajila walfakkaatu fayyadamu fi faasilitiiwwan bu’uura wal-qixaan warreen kaan

wajjiin argachuu qabu.

5.3 QAAMAA MIIDHAMA ADDA BAASUU FI SADARKAA ISAA SAFARUU

Bara 2011 keessatti, dhaabbanni fayyaa addunyaa, baankii addunyaa wajjin ta’uudhaan,

gabaasa isa duraa namoota miidhama qaamaa qaban irratti barreesse. Qo’annoo bakkee

biyyoota baay’ee irratti Itiyoophiyaa keessatti dabalatee gaggeeffameen, akka tilmaama

gabaasa kanaatti uummata addunyaa keessaa tamsa’inni isaa %15 ol namoota miidhama

qaama qabanii dha. Kan Itiyoophiyaa tilmaamni tamsa’ina namoota miidhama qaama

qabanii %17.6 agarsiisa ture.

Akka waliigalaatti biyyoota hedduu keessatti odeeffannoon qabatamaa fi amanamaa

argachuun Itiyoophiyaa dabalatee, rakkisaa dha. Akka lakkoofsa ummataa bara 2007tti

namoota miidhama qaamaa qaban biyyattii keessatti tamsa’ina %1.2 yommuu ta’u,

Page 26: Qajeelfama Haammachiisummaa Qaama MidhamtootaaCOWASH · Barruun gorsi pirojektii COWASH kuni qoodha fudhattoota sadarkaa hundaa jiraniif kan barreeffame dha. Hubannoo dhimma qaama

21

tilmaamni kun kan baay’ee gadi bu’aa ta’e dha. Argannoon qo’annoo sakata’insa ka’umsa

COWASH 2017 akka agarsiisuutti, tamsa’inni namoota miidhama qaamaa qaban miseensa

maatii gidduutti garaagarummaa %6.2 (aanaalee pirojektii Tigiraay keessatti) fi %2.4

(aanaalee pirojektii SNNPR), gidduu galeessaan aanaalee COWASH naannoolee shanii

keessatti %4 dha.

Garaagarummaan dhaabbata fayyaa addunyaa fi baankii addunyaa, lakkoofsa biyyoolessaa,

fi lakkoofsa ka’umsaa COWASH gidduu jiru tarii sababa garaagarummaa tooftaa

odeeffannoon itti guurame, yeroo sakata’insi gaggeeffame, daangaa sakata’insaa,

meeshaalee odeeffannoof qophaa’e, sadarkaa hubannoo namoota odeeffannoo funaananii,

mul’achuu dhabuu miidhama qaamaa muraasaa, fi fedhii dhabuu uummataa iftoominaa

odeeffannoo kennuu rakkoo dhimmichaa wajjin walqabateen kan ka’e ta’uu ni mala.

Qaama miidhamummaan wayiita safaramu xiyyeeffannoon kan ta’uu qabu hir’ina tajaailaa

irratti (yoo namichi deemuu hin danda’u ta’e) ta’uu kan qabu yommuu ta’uu, kallatiidhaan

namicha midhama qaamaa qabaachuu fi dhisuu gaafachuun yeroo baay’e ani qaama

midhaamaa dha jedhee deebisu waan hin barbanneefgabaasa gadi bu’aa fi tamsa’ina

miidhama qaamaa gadi xiqqeessa. Odeeffannoo sadarkaa miidhama qaamaa adda baasuuf,

gaaffiwwan kallattiidhaan nama dhuunfaatiif, ykn yoo barbaachise karaa miseensa maatii

dhiyaachuu qaba. Haa ta’u malee, gaaffiiwwan tajaajila kennuu diduu qaama ykn namoota

miidhama qaama qaban karaa abbaa warraa gaafachuun odeeffannoo adda baasuu argannu

ni xiqqeessa, namootni hir’ina tajaajila qaamaa qaban dagatamuu (beekaa ykn otuu hin

beekiin) ni danda’u.

Kallattiin namoota miidhama qaama qaban COWASH adda baasuuf itti fayyadame kallattii fi

meeshaalee mootummoota gamtoomaniin (UN) garee istaatiksii waashingiteniin qophaa’e

dha. Kan isaan qopheessan meeshaa salphaa fi sadarkaa idiladdunyaatti hojii sakata’insaaf

mijataa odeeffannoo bu’uuraa namni rakkoo hir’ina tajaajila qaamaa qabaachuu fi hin

qabnee isaa, of danda’ee hawaasa keessatii akka hin hirmaanne kan isa godhu yoo jiraate

itti kennu dha. Odeeffannoon gaafannoo kana irraa argamu sadarkaa hirmaannaa WASH

keessatti jiru walbira qabanii ilaaluuf (fkf leenjiwwan, hirmaannaa sadarkaa hawaasaa kkf)

namoota miidhama qaamaa qabanii fi warra miidhama qaama hin qabne gidduutti akka

namootni miidhama qaamaa qaban hammataman ilaaluuf dha.

Tooftaan kun kallattii tajaajila kennamuu fayyadamuun gaafannoowwan uummanni hojii

isaanii guyyaa guyyaa keessatti rakkoo isaan quunnamu gaafachuudhaan fayyadama.

Tooftaan kun tilmaama sirrii ta’e kennuudhaan namoota miidhama qaamaa qaban adda

baasuuf ni gargaara – sababni isaas namoonni hojiiwwan murtaa’an hojjechuu hin

dandeenye kan akka “adeemuu” ykn “dhagahuu” warra miidhama qaama qabanii fi

uummata isaanii wajjin bu’uura walwixaan hirmaachuun rakkoo isaanitti ta’uu fi kanaafuu

isaan akkasii warra rakkoof saaxilaman ykn namoota miidhama qaama qaban dha. Kallattiin

tajaajila fayyadamuun jecha “namoota miidhama qaama qaban” hambisuu fi sababa soda

kanaan otuu adda hin bahiin hafan sirreesa. Meeshaaleen kun waa’ee arguu, dhagahuu,

socho’uu, yaadachuu fi xiyyeeffannaa, of-eeguu, fi odeeffannoo wal-jijjiiruu adda baasuuf

kan gargaaru dha. Warri deebistoonni gaaffii kamii iyuu yoo eeyyee jedhan, akka nama

miidhama qaama qabutti fudhatama.

Page 27: Qajeelfama Haammachiisummaa Qaama MidhamtootaaCOWASH · Barruun gorsi pirojektii COWASH kuni qoodha fudhattoota sadarkaa hundaa jiraniif kan barreeffame dha. Hubannoo dhimma qaama

22

Gaafannoowwan kun odeeffannoo ka’umsaa COWASH fudhachuuf itt fayyadamnee jirra, fi

gabaasa odeeffannoo hojii pirojektii namoota miidhama qaamaa qaban adda baasnee

dhiyeessinuuf fayyadamuu qabna. Foormiin gaafannoo tamsa’ina namoota miidhama

qaamaa qaban garee istaatiksii Waashingiten leenjii keessatti ittin adda baasan baruu gorsa

kana irratti hidhameera (duuka deemtuu 1).

5.4 NAMOOTA MIIDHAMA QAAMA QABAN WAJJIN WL-QUUNNAMUU

(AFAANII FI AMALA)

Sababoota hubanoowwan adda addaa hawaasa fi aadaa Itiyoophiyaa keessa namoota

miidhama qaama qabaniin irratti jiruun, afaan ykn loqodni naannoo namoota miidhama

qaamaa qaban jiru adda adda dha. Barruu gorsi kun kan fayyadhamu ‘namoota miidhama

qaama qaban’ jechuudhan dha. Kun kan inni hordofe afaan waliigaltee mirgoota namoota

miidhama qaama qabanii fi modeela bu’uura-mirgoota namoota miidhama qaama qaban ti.

Afaan kun dursa namichaaf yaaduu jajjabeessa (qaama miidhamummaa isaa irra) fi

gumaacha isaan godhan kabajuu, gahumsa ogummaa fi dandeettii isaanii kabajuu. Jechoota

boodatti hafoo fi arrabsoo namoota miidhama qaama qaban irratti fayyadamuun

garaagarummaa fi akka isaan hin hammatamne taasisa.

Afaan Tolaa /qajeeloo Afaan Faallaa

Nama miidhama qaamaa qabu Midhamaa, qaama-hanqu, nama foqoqu

/daa’imu, nama qaama miidhamee rakkatu,

nama miidhama qaamaan rakkatu, mudaa,

jajjallataa/ kan booca hin qabne, waan addaa,

kan qaamaan rakkatu

Nama miidhama qaama hin qabne Namoota fayyalessa, qaama guutuu danda’u,

warra fayyaa qaban

Nama dhukuba sammuun ykn miidham

qaama qabu

Sammuu hir’uu, samuun booddeetti hafaa,

samuu mudaa qabu,

Fayyadamaa teessoo abbaa gommaa Teessoo abbaa gommaatti kan itti cufamee

/marsame

Nama qaroo dhabaa /miidhama agartuu Jaamaa

Nama gurr itti jabaate /miidhama dhageettii Duudaa /kan hin dhageenye

Nama qalbiin dide /miidhama qalbeeffachuu Kan sammuun dide, nama gototamaa

Nama dubbachuu dhadabe/nama arrbni dide Kan duubbachuu hin dandeenye

Nama guddina qaaman miidhame Nama hanqina qaamaa qabu /qaama hir’eessa

Rakkina faasilitii dhiqannaa qaamaa Dhiqannaaf rakkina

Page 28: Qajeelfama Haammachiisummaa Qaama MidhamtootaaCOWASH · Barruun gorsi pirojektii COWASH kuni qoodha fudhattoota sadarkaa hundaa jiraniif kan barreeffame dha. Hubannoo dhimma qaama

23

Akka Itiyoophiyaa keessatti haala qabatamaa jiruun kanneen armaan gadii jechoota sirrii

afaan naannoolee COWASH keessatti sadarkaa hundaatti dhimma namoota miidhama

qaama qaban keessatti itti fayyadamuu dandeenyu:

Afaan Ingiliffa Afaan Amaariffa Afaan oroomoo Afaan Tigiriffaa

Impairment ሰአነት Miidhaa ጉድለት

Person with a disability አካልጉዳተኛሰዉ Nama miidhama

qaama qabu

ጉድኣትኣካል

Non-disability Person አካልጉዳተኛአልባ Nama miidhama

qaama hin qabne

ጉድኣትዝይብሎም

Person with a visual

Impairment

አይነስዉር Qaroo

dhabeessa/tti

ዐይነስዉር

Person with hearing

Impairment

መስማትየተሳነዉ Dhageettii

dhabeessa/tti

ምስማዕዝተስኣኖም

Person with an intellectual

disability

የአእምሮእድገትዉስንነት Nama miidhaa

sammuu qabu

ናይኣእምሮዕብየትዉስንነት

Accessibility ተደራሽነት Dhaqabamummaa ጽንባረ/ ተበጻሕነት

Inclusive Development አካቶልማት Misooma hunda

hammate ኣብልምዓትምክታት

Akkaataa fi haala ati nama miidhama qaamaa qabutti itti dhiyaattuu haala nama miidhama

qaama hin qabne wajjin tokko ta’uu qaba. Hundumaafuu, kanneen armaan gaditti ibsaman

kun yeroo namoota miidhama qaama qaban wajjin walquunnamtu yaada keessa galuu

qabu.

Osoo hin deeggariin dura gaafadhu. Namootni miidhama qaamaa qaban yeroo

hundaa gargaarsa barbaadu jettee hin yaadiin. Yoo inni/ isheen akka nama

gargaarsa barbaadaniitti dhiyaatan, akka deeggarsa kee fedhan gaafadhuu,

akkasumas haala akkamiin akka ati isaan deeggaruu qabdu isaan irraa kallattii

fudhadhu.

Namichumatti kallattiindubbadhu. Yoo namichi mallattoodhaan nama isaaf

hiikudha fayyadama ta’e illee ykn gargaarsa namaan, dubbiinkee kallacha gara

namichhaatti malee gara nama isaa hiikuufiitti ykn gara nama isa gargaaraa isaa

ta’eetti ta’uu hin qabu.

Xuxuqaa qaama irraa damaqinaan of eegi. Teessoo barcuma-golollee

(weelchair), kiraanchii ykn ulee namaatti hirkachuu irraa of-eergi, meeshaaleen kun

Page 29: Qajeelfama Haammachiisummaa Qaama MidhamtootaaCOWASH · Barruun gorsi pirojektii COWASH kuni qoodha fudhattoota sadarkaa hundaa jiraniif kan barreeffame dha. Hubannoo dhimma qaama

24

akka qaama namichaatti waan ilaalamuuf ykn akka nama itti rarra’ee waan

sifakkeessuf. Yoo namichi nama qaroo dhabeessa ta’ee deeggarsa kee barbaada

ta’e, harka isaa/ishee hin qabatiin; bakka isaa ati ciqileekee kenniif, eessa akka si-

qabachuu barbaadu isaaf dhiiyeessi.

Yoo nama qaroo dhabeessa quunnamta ta’e, ofiikee fi namoota si-wajjin jiran

ibsiif, akkasumas yeroo garee keessatti yaada wal-jijjiirtu ta’e namicha yaadadhuuti

maqaan adda baasi. Namoota miidhama qaamaa harkaa qabanii fi harka isaanii

fayyadamuuf rakkatan ykn namoota harka nam-tolchee fayyadaman harkakeen

qabattee dubbisuu hin sodaatiin.

Qalbii nama dhageettii dhabeessa/tti argachuu yoo barbaadde, salgii isaa

xuxuquun ykn harkakee sochoosi. Kallattiidhaan gara namichaa ilaalaa fi qulqulinaa

fi suuta dubbachaa akka namichi hidhiikee irraa dubbisu ykn hubatu godhi.

Namnidhageettii dhabeessa ta’e/taate hundi hidhii irra dubbisuu fi hubachuu hin

danda’ani. Namoota warra hidhii irraa dubbisuu danda’aniif, fedhii isaaniif

dammaqaa ta’iitii bakka isaani of-buusii fuullikee bakka ifaa keessaa fi wayita

dubbattu harkakee, sigaaraa fi nyaata afaankee irraa buti.

Ati yeroo nama dubbachuuf rakkatu wajjin dubbattu Obsaa fi xiyyeeffannaan

dhageeffadhu. Namicha sirreessitee fi dubbachuu irra of-dhorki; akka fixu/xxu

eegi. Yoo ati hin hubanne ta’e, akka nama hubatee of hin godhiin; waan hubatte

deebisii dubbadhuutii akka inni/isheen siif deebistuuf eeyyamiif.

Yeroo nama qaroo dhabeessa/ttif kallattii kennitu sirriitti adda baasi. “fuula

duraa kee”, “Duuba kee”, “gara bitaa kee/mirgakee” jedhi. Akka kanaa garuu hin

jedhiin-“Achi sana”, ‘as-kana”, ykn harkaan ykn mallattoo fuulaan gara dhaquu qabu

hin himiini.

Yeroo nama miidhaa sammuu qabutti dubbattu, dubbii afaan kallacha

faayadami, hima gaggabaaboo fayyadami. Sagalee xiqqaa hin dubbatiin ykn

nama gaheessa akka daa’imaatti kunuunsaa wajjin haasa’i.

Yaada waliigalaa ibsuutti fayyadamtu jechoota qaani hin fayyadamiin, kan

akka “boodan si arga”, “amma fiigee deemutu narra jira”, ykn “waa’e dhimma sanaa

dhageessettaa?” waan dhimma waa’e namoota miidhama qaama qaban wajjin kan

walqabatu kan fakkaatu.

Waan hojjettu yoo hin mirkaneeffanne ta’e /walaalte maaloo namicha gaafadhu.

Page 30: Qajeelfama Haammachiisummaa Qaama MidhamtootaaCOWASH · Barruun gorsi pirojektii COWASH kuni qoodha fudhattoota sadarkaa hundaa jiraniif kan barreeffame dha. Hubannoo dhimma qaama

25

5.5 KAROORA FI BAAJATA NAMOOTA MIIDHAMA QAAMAA QABAN

HAAMMATU NAANOOLEE FI AANAALEE IRRATTI QOPHESSUU

Namoota miidhama qaamaa qaba hojiiwwan COWASH sadarkaa hundaa keessatti

hammachiisu qabna, tokko tokkoon qooda fudhattootaa sadarkaa isaaniitti gahee fi

ittigaafatamummaa addaa ni qabaatu. (bal’inni isaa kutaa 6ffaa gadii keessatti ibsameera).

Karoorsuun, baajata ramaduu fi gabaasuun fakkiin isaa sadarkaa federaalaatti ni hojjetama.

COWASH sadarkaa federaalaa akkamitti akka itti fayyadaman naannolee ni leenjisa, isaan

immoo gara sadarkaa aanaaleetti hiranii gadi buusu. Fakkiin kun hojiiwwan pirojektii

hundumaa ni hammata, idileessuu qaama miidhamtootaa dabalatee, qooda fudhattoota

hundaa fi baasi gatii tokko barruu gorsa.

Hojiiwwan hammachiisummaan qaama miidhamtootaa baay’een isaa baasii dabalataa hin

gaafatani –-garuu dhimmi kun akka qaama hojiiwwaniitti keessatti hammachiisamuu qaba.

Baajanni qabamuus wantoota baay’ee irratti hundaa’u danda’aa, haata’u malee yeroo

baajata qabnu dhimmoota armaan gadiitiifxiyyeffaannaa kennuun barbaachisaa dha.

Baasiiwwan Leenjii:

o Galma leenjii filachuu: walgahii fi leenjiwwan COWASH (keessumaa iyyuu

warri leenji’an namoota miidhama qaama qaban yoo ta’e ykn sadarkaa

hawaasatti kan qopha’u yoo ta’e) bakka galma dhaqabamaa ta’etti qopha’u

qaba (Boqonnaa 7 ffaa leenjii irra ilaalaa). Kun gatii kiraa galma leenjichaa

dabaluus (ykn dabaluu dhiisuus) waan danda’uuf yaada keessa galuu qaba.

o Baasiiwwan gargaartotaa: namoonni miidhama qaamaa qaban muraasni

warra kaan wajjin bu’uura wal-qixaan hirmaachuu akka danda’aniif

gargaartota isaani deeggaru barbaadu danda’u.yeroo leenjii karoorsinuuf kun

yaada keessa galuu qaba, fakkeenyaaf yeroo leenjiwwan COWASH, yoo

miseensi namoota miidhama qaama qaban namoota isaan hordofanii

gargaaran yoo barbaadu ta’an.

o Baasiiwwan Geejibaa: namoonni miidhama qaama qaban muraasni

deeggarsa dabalataa geejiba irratti ni barbaadu ta’a. kunis tarii baasiiwwan

leenjii irratti dhiibbaa qabaachuu ni danda’a.

o Kaffaltii leenjisaa waarra dhaabbata namoota miidhama qaama

qaban Sadarkaa naannoo, godinaa, fi aanaatti leenjiiwwan

hammachiisummaa qaama midhamtootaa keessatti qabeenya ogeessaa

namoota miidhama qaama qaban fayyadamuun barbaachisaa dha. COWASH

gareen gargaaraa teeknikaa federaalaa leenjisaa kana filachuun leenjisa

garuu gareendeggarsa naannoo qabatamummaa isaa toora qabsiisuun ni

mijeessa. Kaffaltiin kun guyyaa leenjii tokkotti qarshii 500 ni dha.

Baasiiwwan ijaarsa faasiliitii dhaqabamummaa: yeroo faasiliitiin

dhaqabamummaa hundaaf ijaaramu jechuunis dhiyeessa bishaanii ykn fasiliitii

Page 31: Qajeelfama Haammachiisummaa Qaama MidhamtootaaCOWASH · Barruun gorsi pirojektii COWASH kuni qoodha fudhattoota sadarkaa hundaa jiraniif kan barreeffame dha. Hubannoo dhimma qaama

26

qulqullinaa dhaabbatichaa baasii isaa qaala’uu ni danda’a. Haa ta’u malee,

hammachiisaa taasisuuf erga ijaarame booda fooyyessuu irra dura yeroo ijaarsi

raawwatu itti dabaluun gatii isaa irra caala rakasa taasisa.

5.6 HORDOFFII FI GABAASA DHIMMA HAAMMACHISUMMAA QAAMA

MIDHAMTOOTAA

Ibsi gadi fageenyaa siistema raawwii hordofuu kan inni raawwatu hojiiwwan COWASH

hundaa kaayyoolee, bu’aawwan, hojiiwwan, agarsiistota fi maniiwwan dha. Agarsiiftota

hordoffii raawwii karooraa odeeffannoo waliigalaa namoota miidhama qaama qabanii,

odeeffannoon kun funaanamuu, hordofamuu fi gabaafamuu qaba. Ibsi gabaasaas haalli

hammachisummaa dhimmiqaama midhamtootaa maal irra akka jiru ibsu qaba.

Yeroo daawwannaa dirree, dhimmi namoota miidhama qaama qaban yeroo hundaa ka’uu,

mari’atamuu fi ibsamuu qaba. Yoo danda’ame, yaadaa isaanii, fedhii fi hudhaalee isaan

quunname argachuuf mariin namoota miidhama qaama qaban mariisisuu qabna. Seenaan

gaariin muuxanoo ta’uu danda’aan dokumantiin isaa qopha’uu qaba. Odeeffannoon

ka’umsaa namoota miidhama qaamaa qaban irratti jalqaba marsaa IIIffaa fi haala

walfakkaatuun odeeffannoo dhumaa wagga 3 ykn 4 haala walii gala hojii hammachiisummaa

xiinxaluuf funaanamuu qaba. Leenjii fi maanuwaalii kana qabsiisuun booda, qo’annoon

gamaaggama hojii irra oolmaa COWASH garee gargaarsaa teeknikaa federaalaa fi qooda

fudhattoota hundaan ni gaggeeffama.

6. GAHEE FI ITTI GAAFATAMUMMAA QOODA FUDHATOOTA

HAMMACHIISUMMAA QAAMA MIIDHAMTOOTAA COWASH KEESSATTI

Boqonnaan kun gahee fi itti gaafatamummaa qooda fudhattoota adda addaa sadarkaa

federaalaa, naannoo, zoonii, aanaa fi hawaasaatti jiru ibsa.

6.1 SADARKAA FEDERAALAA

COWASH Garee DeggartootaTeeknikaa Federaalaa:

o Baruu gorsa hammachiisummaa qaama miidhamtootaa qooda fudhattoota

COWASH sadarkaa hundaa jiraniif ni qopheessa;

o Dokumentii leenjii qopheessuudhaan qooda fudhattoota hammachiisummaa

qaama miidhamtootaa naannootiif leenjii ni kennu. ni leenjisa;

Page 32: Qajeelfama Haammachiisummaa Qaama MidhamtootaaCOWASH · Barruun gorsi pirojektii COWASH kuni qoodha fudhattoota sadarkaa hundaa jiraniif kan barreeffame dha. Hubannoo dhimma qaama

27

o Fookal persenii qaama miidhamttoota naanootiif deeggarsa teeknikaa ni

kenna;

o Dhaabbattota namoota miidhama qaamaa qaban filataman naannootiif

dandeettii ijaara.Leenjiiwwan sadarkaa naannoo, godinaa fi aanaatti

gaagefaman irrattis akka leenjiisaatti akka itti fayyadaman haala mijeessa.

akkasumas namoota filachuun leenjistoota miidhama qaama qaban akka

leenjisaatti naannoof, zooniif, aanaaf;

o Ministeera hojjataa fi hawaasummaa (MoLSA) wajjin qindoominaa fi walta’uun

fi miiltoolee misoomaa biroo karaa waajjira Qindeessa WASH federaalaa

(NWCO) waliin hojjechuu;

o Barruu gorsa dhimmoota karoorsuu, baajata ramadu, hordofuu fi gabaasuu

garee Deggarsa Naannotiif (RSUs) ni kenna.

o Karoora qopheessa, bajataa fi gabaasa hammachiisummaa qaama

miidhamttoota COWASH ni qopheessa;

o Dhimmoota hammachiisummaa qaama miidhamttoota irratti ka’umsa

bu’uuraa fi dhumaa xiinxala gaggeessa;

o Muuxannoowwan COWASH keessatti argamaman dhaabbilee qaama

midhamtootaa (DPOs) fi sekteroota ministeeraaf ni qooda;

o Dokumantoota COWASH hammachiisummaa qaama miidhamttoota

haaromsuun chaanalota adda addaa irratti ni qooda;

o Qiphoo (link)hundessu fi yeroo yeroon foyyesuun dhaabbilee qaama

midhamtoota Finland fi Walitti dhufeenya Qaama midhamtoota Finlandwaliin

Muxannoo jiru wal jijjiru.

Ministeera Sektarootaa (Bishaan, Fayyaa, Barnoota)

o Teeknika ogummaa COWASH misooma hammachiisummaa qaama

miidhamttoota wayita gaafatamu ni kenna;

Ministeera Hojjataa fi Dhimma Hawaasummaa (MoLSA)

o Teeknika ogummaa COWASH misooma hammachiisummaa qaama

miidhamttoota wayita gaafatamu ni kenna;

o Odeeffannoo hojii irra oolmaa fi raawwii karoora hojiiwwan biyyoolessaa

namoota miidhama qaama qaban irratti ni kenna;

Dhaabbilee Qaama Midhamtootaa (DPOs)

o Teeknika ogummaa COWASH misooma hammachiisummaa qaama

miidhamttoota wayita gaafatam ni kenna;

o Odeeffannoo COWASH dhaabbata qaama midhamtoota (DPO) jiru irratti

qabeenya sadarkaa naannoo, godinaa, aanaa ni kenna.

o Muuxannoo Itiyoophiyaa keessatti hammachiisummaa qaama miidhamummaa

irratti argame ni qooda.

Qooda Fudhattootaa Misooma WASH fi dhaabbileemiti-mootummaa

o Teeknika ogummaa COWASH misooma hammachiisummaa qaama

miidhamttoota wayita gaafatamu kenna;

o Muuxannoo Itiyoophiyaa keessatti hojii irra oolmaa pirojektii keessatti

hammachiisummaa qaama miidhamummaa irratti argame ni qooda;

o Qo’annoo qaama miidhamummaa fi filannoo misooma teekinoolojii

hammachiisummaa irratti ni gaggeessa.

Page 33: Qajeelfama Haammachiisummaa Qaama MidhamtootaaCOWASH · Barruun gorsi pirojektii COWASH kuni qoodha fudhattoota sadarkaa hundaa jiraniif kan barreeffame dha. Hubannoo dhimma qaama

28

Waajjira Qindeessaa Biyyoolessaa WASH

o Hirmaachisummaa qaama miidhamummaa sektera WASH qama midhamtoota

(DPs) fi dhaabbilee qaama midhamtootaa (DPOs) wajjin ni qindeessa, ni

misoomsa;

o Miinisteera hojjataa fi hawaasummaa (MoLSA) fi miiltoowwan seektara WASH

gidduutti hojii walitti fiduu fi qindeessuu ni hojjeta;

o Tarsiimoo hammachiisummaa qaama miidhamummaa fi barruu gorsaa fi

karoora hojii biyyoolessaa WASH tokko ni kakaasa, ni qopheessa.

6.2 SADARKAA NAANNOO

Garee Deggarsa COWASH Naannoo fi fookal persenii qaama miidhamummaa

o Hammachiisummaa qaama miidhamummaa COWASH adda durummaan ni

gaggeessa;

o Hammachiisummaa qaama miidhamummaa COWASH ni karoorsa, baajata ni

qopheessa, ni hordofa akkasumas ni gabaasa;

o Hammachiisummaa qaama miidhamummaa irratti ogeessa godinafi aanaa ni

leenjisa;

o Yeroo danda’ame hundaa hojii ijaarsa dandeettii qabeenya dhaabbile qaama

midhamtootaa (DPO)naannoo ni fayyadama;

o Biiroo Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa wajjin waliin ni ta’a, ni qindeessa;

o Waajjira sektera misooma hirmaachisummaa qaama miidhamaa WASH fi

WASH naannoo wajjin walitti dhufeenyi dhiyoon akka uumamu ni godha;

o Naannoolee Tigiraayii fi Oromiyaa keessatti barruu gorsaa fi dokumantii leenjii

hammachiisummaa gara afaan naannootti ni jijjiira.

Sektaroota biiroolee (fookal persenii bishaanii, fayyaa, barnootaa, dhimma

dubartootaa fi daa’immanii, Maallaqaa fi Walta’iinsa dinagdee,

interpiraayizii maayikiroo fi xixxiqqaa, Barnoota Leenjii Teeknikaa fi

Ogummaa (TVET))

o Karoora qopheessa, bajataa hordoffii fi gabaasa hammachiisummaa qaama

miidhamttoota COWASH qopheessa;

o Akka karoora waggaa hammachiisummaa qaama miidhamttoota COWASH

deeggarsa ogummaa ni kenna;

o Akka COWASH gaafatetti leenjii hammachiisummaa qaama miidhamtootaa

irratti ni hirmaata;

o Hojiiwwan COWASH seektaroora kanaan hojjatamu keessatti qaama

midhamummaan akka hammatamu goodha

Biiroo Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa

o Hammachisummaa qaama miidhamtootaa leenjiiwwan karaa COWASH yeroo

qophaa’u ni hirmaata;

o Hammachisummaa qaama miidhamtootaagareenn deeggarsaa naannoo

COWASH yeroo gaafatu deeggarsa ogummaa ni godha;

Page 34: Qajeelfama Haammachiisummaa Qaama MidhamtootaaCOWASH · Barruun gorsi pirojektii COWASH kuni qoodha fudhattoota sadarkaa hundaa jiraniif kan barreeffame dha. Hubannoo dhimma qaama

29

o Dhaabbilee namoota miidhaa qaama qabanii kan naannoo fi COWASH

gidduutti wal-quunamsiisuu keessatti gareedeeggarsaa naannoo COWASH

odeefannoo fi gorsa ni kenna.

Dhaabbilee namoota miidhaa qaama qabanii

o Namoota dhaabbilee namoota miidhaa qaama qabanii keessaa hirmaataa

leenjii leenjistootaa (TOT) hammachiisuu qaama miidhamaa COWASHn irratti

qophaa’u hirmaatee leenjiiwwan zoonii fi aanaalee hammachiisuu qaama

miidhamaatiif kennamuu irratti leenjisaa ta’u ni filata;

o Leenjiiwwan garee deggarsa teeknikaa fedaraalaan kontiraata kennamu

Zoonii fi aanaa hammachiisuu qaama miidhamaa irratti akka leenjisaatti ni

hojjeta;

o Hammachisummaa qaama miidhamaa gareendeeggarsaa naannoo COWASH

yeroo gaafatu deeggarsa ogummaa ni godha;

Miiltoowwan misoomaa fi dhaabbilee miti-mootummaa

o Teeknika ogummaa COWASH misooma hammachiisummaa qaama

miidhamttoota wayita gaafatamu ni kenna;

o Muuxannoo Itiyoophiyaa keessatti hojii irra oolmaa pirojektii keessatti

hammachiisummaa qaama miidhamummaa irratti argame ni qooda;

Qo’annoo qaama miidhamummaa fi filannoo misooma teekinoolojii hammachiisummaa

irratti ni gaggeessa

6.3 SADARKAA GODNINAA

Garee WASH Godinaafi waajjirrolee seektara WASH Godinaa (bishaan,

fayyaa, barnoota, dhimma dubartootaa fi daa’immanii, Biiroo Maallaqaa fi

Walta’iinsa Dinagdee, ejansii Intarpiraayizii Maayikiroo fi xixiqqaa (MSE) fi

Barnoota leenjii teeknikaa fi ogummaa (TVET)))

o Karoora qopheessa, bajataa hordoffii fi gabaasa hammachiisummaa qaama

miidhamttoota COWASH qopheessa;

o Dizaayiniin dhiheessiiwwanWASH sadarkaa godinaattihojjetaman hunda

dhaqabuu isaanii mirkaneessa;

o Idileessuun qaama miidhamtootaa sadarkaa aanaa fi ijaarsi dizaayinii

hammachiisaa ta’ee hojjetamuu isaanii ni hordofa ni to’ata.

Waajjira Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa Godinaa

o Odeeffannoo waa’e dhaabbilee namoota miidhaa qaama qabanii kan godinaafi

aanaalee ni kenna;

o Leenjiiwwan hammachiisummaa qaama miidhamtootaa karaa COWASH

qophaa’u irratti ni hirmaata;

o Deeggarsa ogummaa hammachiisummaa qaama miidhamtootaa irratti

COWASH tiif ni kenna;

Page 35: Qajeelfama Haammachiisummaa Qaama MidhamtootaaCOWASH · Barruun gorsi pirojektii COWASH kuni qoodha fudhattoota sadarkaa hundaa jiraniif kan barreeffame dha. Hubannoo dhimma qaama

30

6.4 SADARKAA AANAA

Garee WASH aanaa fi waajjirolee seektara WASH aanaa (bishaan, fayyaa,

barnoota, dhimma dubartootaa fi daa’immanii)

o Hammachiisummaa qaama miidhamaa COWASH karoorsuu fi baajata

qopheessuu;

o Odeeffannoo qaama miidhamtootaa adda baasuun karoora hordoffii raawwii

COWASH hordofuu fi gabaasuu;

o Leenjiiwwan hammachiisummaa qaama miidhamtootaagodinaa fi naannootti

kennamu irratti hirmaachuu;

o Dhimma hammachiisuu qaama miidhamtootaa ganda hunda,Koree Bishaan,

qulqullina dhunfaa fi naannoo (WASHCO), gamtaa maatii fayyaa (PTA), koree

bulchiinsa fayyaa fi leenjiwwan sadarkaa hawaasaa keessatti ni hojjeta;

o Fasiliitiin dhiheesiiwwanWASH hundaaf dhiyaachuu isaa ni mirkaneessa;

o Namootni miidhama qaama qaban hojii karoorsuu, raawwachuu fi bulchiinsa

faasilitii dhiheessiWASH keessatti hammatamuu qaama miidhamtootaa

mirkaneessuu;

o Namoota miidhama qaama qaban fi /ykn miseensonni maatii isaanii (maatiin

ijoollee qaama miidhamtootaa) Koree Bishaan, qulqullina dhunfaa fi naannoo

(WASHCO), gamtaa maatii fayyaa (PTA),fi koree bulchiinsa fayyaa fi

gaggeessitoota isaanii keessatti filatamuu mirkaneessuu;

o Namootni miidhama qaama qaban eegumsaa fi quuqamoo faasiliitii WASH

keessatti akka filataman jajjabeessuu;

o Galma leenjii namoonni miidhama qaama qaban keessatti hirmaachuu

danda’an filachuu;

o Namootni miidhama qaama qaban leenjiwwanii fi walgahii irratti akka

hirmaataniif deeggarsaa fi geejiba mijeessuu;

o Dizaayinii fi tekinooloojii faasilitii WASH namootni miidhama qaama qabaniif

fooyyessuu fi dhiyeessuu beeksisuu;

o Yeroo Waa’ee pirojektii hawaasaan hogganamu (CMP) COWASH beeksiifamu

dhimmi qaama midhamtootaa akka waliin beeksiifamu gochuu fi hawaasa

hunda bira gahuu gochu fi mirkaneesu. rriitti akka gahe mirkaaneessuu;

o Yeroo iyyanni gamaagamamu, Bulchiinsi pirojektii hawaasaa iyyannoo fi ibsa

barbaachisaa hunda akka odeeffannoo waajjira dhimma hojjetaa fi

hawaasummaa fi dhaabbileen qaama midhamtootaa (DPOs) aanaa irraa

kennametti namoota miidhama qaama qaban bakka hojii COWASH hojjetamu

hundaatti mirkaaneessuu;

o Yeroo Iyyanni gamaagamamu, Furnaanni faasilitiwwan teeknika WASH fedhii

fi dantaa namoota miidhama qaama qaban hammachiisuu isaa mirkaneessuu;

o Yeroo hojii irra oolmaa hawaasa namoota miidhama qaama qabaniif iyyannoo

keessatti dursi akka kennamuuf gochuu;

o Hojiiwwan ijaarsaa faasilitiiwwan WASH akka dizaayinii hammachiisummaatti

hojjetamaa jiraachuu isaa hordofuu fi mirkaneessuu.

Waajjira Hojjataa fi dhimmi hawaasummaa (WoLSA) (yoo jiraate)

o Leenjiiwwan hubannoo guddisuu COWASH irratti hirmaachuu;

Page 36: Qajeelfama Haammachiisummaa Qaama MidhamtootaaCOWASH · Barruun gorsi pirojektii COWASH kuni qoodha fudhattoota sadarkaa hundaa jiraniif kan barreeffame dha. Hubannoo dhimma qaama

31

o Odeeffannoo potenshaala namoota miidhama qaama qaban Intarpiraatizi

mayikiroo fi xixiqqaan ijaaraman keessatti miseensa ta’u danda’an adda

baasuun kennuu;

o Odeeffannoo waa’e dhaabbata qaama miidhamtoota naannoo aanaalee jiran

kennuu;

o Odeeffannoo waa’e namoota miidhama qaama qaban bakkeewwan COWASH

keessatti hojjetuu kennuu.

Barnoota Leenjii Ogummaa fi Teekniikaa (TVET)

o Ogeessota naannoo/Artizhaanii fi qulqullinaa gabaa (sanitation

marketing)namoota intarpiraayizi maaikiroo fi xixiqqaan gurmaa’aniif faasilitii

ijaarsaa fi omisha irratti leenjisuu.

Ejensii Interpiraayizii Maayikiroo fi Xixxiqqaa

o Hundeeffamni interpiraayizii maayikiroo fi xixxiqqaa miseensota miidhama

qaama qabaniif dursa kenna.

Interpiraayizii bishaanii fi qulqullinaa

o Ijaarsaa fi omisha faasilitii fi qulqullinaa WASH dhiyeessii faasilitii hundumaa

ni hojjeta;

o Dhaabbilee fi maatiin faasiliitii WASH akkamitti caalaa dhiyaachuu akka

danda’u gorsa.

Dhaabbata Qaama midhamtoota Aanaa (DPOs) /Garee wal-gargaarsaa (yoo

jiraate)

o Leenjiiwwan hubannoo guddisuu COWASH irratti hirmaachuu;

o Odeeffannoo potenshaala namoota miidhama qaama qaban intarpiraayizi

maaikiroo fi xixiqqaan ijaaraman keessatti miseensa ta’u danda’an adda

baasuun kennuu;

o Odeeffannoo waa’e namoota miidhama qaama qaban bakkeewwan COWASH

keessatti hojjetuu kennuu.

6.5 SADARKAA HAWAASAA

Garee WASH Gandaa (manaajera Gandaa, Hojjatoota Eksitenshinii Fayyaa ,

Hojjataa Misoomaa , teeknishaana bishaanii, jaarsolii, gaggeessitoota

hawaasaa, barsiisota, dargaggoota, tola ooltota)

o COWASH /CMP/ Qulqullinaa/ eegumsa qulqullina naannoo beeksisuu fi

miseensa hawaasaa hunda wallin gahuu keessatti qaama miidhamaan

hammatamuu isaa mirkaneessuu:

Page 37: Qajeelfama Haammachiisummaa Qaama MidhamtootaaCOWASH · Barruun gorsi pirojektii COWASH kuni qoodha fudhattoota sadarkaa hundaa jiraniif kan barreeffame dha. Hubannoo dhimma qaama

32

Miseensota hawaasaa koree gamtaa maatii (PTA) koree bulchiisa

fayyaa qaama miidhamummaa akka hubatan cimsuu;

Faasiliitiin hojii irra oolmaaa WASH qaama miidhamaa hammachiisuu

isaa odeeffannoo maatii fi manneen barnoota keessaatti hubannoo

miseensa hawaasaa cimsuu;

Faasiliitii WASH mirkaneessuu keessatti miseensota /barattoota

miidhama qaama qabaniif dursa kennamuu akka qabu iyyattoota

hubachiisuu;

Namoota miidhama qaama qaban /miseensa maatii isaanii keessatti

hammatamuu fi koree bishaan, qulqullina naannoo fi dhunfaa

(WASHCO) keessatti filatamuuf dursi akka kennamuuf iyyattoota

hubachiisu;

Namootni miidhama qaama qaban filannoo eegumsaa fi of-eeggannoo

godhamu keessatti filatamuu akka danda’an hubachiisuu;

Maatii namoota miidhama qaama qaban ykn jaarsolii faasiliitiin WASH

dhaqabamaa fi faayidaa kennuu akka danda’u odeeffannoo furmaata

teeknikaa kennuu;

o Garee marii aanaa namoota miidhama qaamaa qaban gandicha keessaatiif

odeeffannoo kennuu;

o Fedhii fi dantaa namoota miidhama qaamaa qabanii hammatamuu isaa

teeknika faasiliitii WASH irratti yeroo mari’atan mirkaneessuu;

o Hawaasa keessatti namootni miidhama qaamaa qaban gumaachaa fi

hirmaannaa isaan gochuu danda’an gorsuu fi hordofuu;

o Namootni miidhama qaamaa qaban hirmaannaa leenjii fi walgahii keessatti

godhan hordofuu fi mijeessuu.

Bulchiinsa Mana Barumsaa fi barsiisota barnoota fedhii addaa (yoo jira ta’e)

o Miiltoon mana barumsaa, barattoonni fi miseensi hawaasaa qaama

miidhamummaa akka hubatan cimsuu;

o Garee marii aanaatiif waa’ee ijoollee miidhama qaamaa qaban mana

barumsaa fi sulula naannoo mana barumsaa sana jiru irratti odeeffannoo

kennuu;

o Ijoollee miidhama qaamaa qaban leenjiiwwan kilabii mana barumsaan

kennamu keessatti akka hirmaatan hordofuu fi haala mijeessuu;

o Faasiliitiin WASH manneen barumsaa keessatti ijaaraman dizaayinii

hammachiisummaa eeganii hojjetamuu isaanii mirkaneessuu;

o Faasilitiiwwan mana barumsaa keessa jiran qulqullinni isaanii eegamuu fi

nama hundaaf tajaajila kan kennan ta’uu isaa mirkaneessuu;

o Faasiliitiin mana barumsaa keessa jiran dubartoota miidhama qaama qabaniif

kutaa qulqullinaa rakkoo ji’aa itti dhufu itti furachuu danda’an jiraachuu isaa

mirkaneessuu.

Buufata fayyaa, keellaa fayyaa, koree hooggansa fayyaa fi hojjettoota

eksiteenshinii fayyaa, hojjettoota deebisanii dhaabuu hawaasaa

o Miseensota raayyaa misooma dubartootaa hammatamummaa qaama

miidhamtootaa WASH keessatti jiru cimsuu;

o Maatii miseensota qaama miidhamtootaaf furmaanni fi gorsi deeggarsa

sadarkaa maatii bishaan, qulqullinaa fi eegumsa naannoo irratti gorsuu;

Page 38: Qajeelfama Haammachiisummaa Qaama MidhamtootaaCOWASH · Barruun gorsi pirojektii COWASH kuni qoodha fudhattoota sadarkaa hundaa jiraniif kan barreeffame dha. Hubannoo dhimma qaama

33

o Meeshalee hammachiisummaa WASH keessa jiran maatii fi miseensa raayyaa

dubartootaaf hiruu;

o Garee marii aanaatiif waa’ee namoota miidhama qaama qaban buufata fayyaa

ykn keellaa sulula naannoo sana jiru irratti odeeffannoo kennuu;

o Faasiliitiin WASH buufata fayyaa/ keellaa keessatti ijaaraman dizaayinii

hammachiisummaa eeganii hojjetamuu isaanii mirkaneessuu;

o Faasilitiiwwan buufata fayyaa /keellaa fayyaa keessa jiran qulqullinni isaanii

eegamuu fi nama hundaaf tajaajila kan kennan ta’uu isaa mirkaneessuu.

Raayyaa misooma dubartootaa /limat budin

o Maatii miseensota qaama miidhamtootaaf furmaanni fi gorsi deeggarsa

sadarkaa maatii bishaan, qulqullinaa fi eegumsa naannoo irratti gorsuu;

o Meeshalee hammachiisummaa WASH keessa jiran maatii rabsuu;

o Odeeffannoo namoota miidhama qaama qaban hojjettoota eksiteenshinii

fayyaatiif kennuu;

Koree Bishaan, qulqullina dhunfaa fi naannoo (WASHCO), gamtaa maatii

fayyaa (PTA),fi koree bulchiinsa fayyaa

o Namoota miidhama qaama qaban miseensa koree bishaan, qulqullina

naannoo fi dhunfaa (WASHCO) ta’ani akka filataman jajjabeessu

o Namootni miidhama qaama qaban dhimma faasilitii dhiheessi WASH keessatti

waltajiiwwan hawaasaatti hirmaachuu fi murtee dabarsuu keessatti qooda

fudhachuuf carraa qixee qabaachuu isaani mirkaneessuu;

Walga’iin iddo dhaqabamaatti kan gageefamu ta’u;

Miseensooni hundii afeeramu mirkaneessuu;

Miseensooni hundii fedhii fi yaada qaban akka dhageesifatan taasiissu;

o Hojiiwwan ijaarsaa faasilitiiwwan WASH akka dizaayinii hammachiisummaatti

hojjetamaa jiraachuu isaa hordofuu fi mirkaneessuu.

o Miseensota hawaasaa kannen bufatnii bishaan hawaasaa ijaaraman usaan hin

dhaqabnee yoo gama teekniikaa fi faaynaansiitin haali mijetaan gutamee

koree bishaan, qulqullina naannoo fi dhunfaa (WASHCO) tooftaa biraati akka

bishaan isaan dhaqabu mirkaneessu qaba ( sarara ujuumootiin gara maneeni

,omisha bisaandiikkaa, boola bishaan maati, sirna wal’aansa bishaani kan

akka xaliilchituu fi keemikaalaa)

o Maatii namoota miidhama qaama qaban yeroo manneen fincaanii haaraa

ijaaratanis ta’e ykn foyeeffachuu barbaadan hunda hammachiisu kannen

miidhama qaama qabani fi jaarsolifi dhaqabamaa ta’ee akka godhan

jajjabeessu;

Dhaabbilee Amantii

o Miseensota hawaasaa qaama miidhamummaa akka waan rakkoof

uumamaniitti, ba’aa ta’uuttii fi qaanitti ilaaluu irra haala qajeeloon ilaalan

hubachiisuu;

o Faayidaalee qulqullinaa fi eegumsa qulqullina naannoo irratti miseensa isaaniif

dadamaqsuu;

o Mana fincaanii bakka sagadaatti tajaajila hawaasaaf dhaqabamaa akka ta’uuf

hojjechuu/ ijaaruu.

Dhaabbilee bu’uura hawaasaa naannoo biroo (iddirii, waldaalee

dargaggootaa fi dubartootaa kkf)

Page 39: Qajeelfama Haammachiisummaa Qaama MidhamtootaaCOWASH · Barruun gorsi pirojektii COWASH kuni qoodha fudhattoota sadarkaa hundaa jiraniif kan barreeffame dha. Hubannoo dhimma qaama

34

o Qaama miidhamummaan hawaasa fi maatii issanii keessatti karaa qajeeloo

akka hubatamu jajjabeessuu;

o Tajaajila dhiyeessii WASH akka fooyya’uu hawaasa keessatti miseensa isaanii

sosochoosuu.

7. LEENJIIWWAN COWASH

7.1 LEENJII HIRMAACHISUMMA QAAMA MIDHAMTOOTA

Leenjiiwwan COWASH Midhamtoota Qaamaa Dabalu, qamonni leenjii irratti hirmaatan,

yeroo leenjichi fudhatu, qabiyee fi leenjistoonni gabatee 1 arman gadi jiru keessati

ibsameera. Gareen deggarsa Teeknikaa feederaalaa (FTAT) Waliigala Qaama midhamtoota

fi Misooma Itophiyaa (ECDD)waliin tahuun istaafii(hojjettoota) gareeDeggarsa

Naannoo(RSU) hundaa fi ogeessa/hojjetaa dhaabbata qaama midhamtootaa (DPO)

naannoo miidhamaa qaamaa tahe tokko naannoolee COWASH tokko tokkoon irraa akka

ogeessa/ekspartii hojiirra oolmaa qajeelfama raawwii Dabalu Midhamtoota Qaamaa

COWASH tahee irratti kan leenjiifamu taha. Kanumarraa ka’uun, leenjichi sadarkaa

sadaarkaan gadi bu’uun kan kennamu taha. Kanneen sadarkaan leenjii fudhatan qooda

fudhatoota sadarkaa naannoo, godinaalee, aanaalee fi gandoolee gareeDeggarsa

Naannoo(RSU)/ ogeessonni dhaabbata qaama midhamtootaa (DPO), ofiisera hirmaannaa

hawaasaa waajjira bishaanii aanaa ni dabalata.

Leenjiin sadarkaa godinaa fi aanaa kutaalee lama qaba. Inni jalqabaa guyyaa takko kan

fudhatu tahee gareewwan godinaa fi aanaa WASH akksumamas hubannoo ogeessota

WASH godinaa fi aanaa cimsuuf kennama. Inni lammaffaa immoo leenjii gadi fageenyaa

dabalataa guyyoota lamaaf ogeessota godinaa fi aanaa WASH’f kennamudha. Leenjii

jalqabaa hubannoo cimsuu sadarkaa aanaatti kennamu irratti hirmaattota murtaa’an qafa

waan taheef, sagantaan hubannoo cimsuu hojjettota godinaa fi aanaa WASH kanneen

leenjii hin arganneef kennuun ogeessoonnii sadarkaa aanaa jiran qaama midhamtoota

irratti odeeffannoo dabalataa akka argatan godhama.

Namoota midhamtootaa qaamaa tahan leenjii kennuu keessatti akka hirmaatan gochuun

faayidaa waan qabuuf, gareen teeknikaa Federaalaa COWASH Naannoolee tokko tokkoon

keessaa midhamtootaa qaamaa leenjiisuu danda’an filachuun erga leenjii leenjistootaa

akka argatan godhame booda naannoo irraa dufan keessatti fi sadarkaa aanaatti leenjii

akka kennan godhama. Walitti dhufeenya fi qindoomina hojii cimsuuf, naannoolee

Page 40: Qajeelfama Haammachiisummaa Qaama MidhamtootaaCOWASH · Barruun gorsi pirojektii COWASH kuni qoodha fudhattoota sadarkaa hundaa jiraniif kan barreeffame dha. Hubannoo dhimma qaama

35

keessatti Biiroon Dhimma Hawaasummaa leenjiiwwan kennaman irratti akka qooda

fudhatan affeerramuu qaba. Godinaalee fi aanaalee keessatti immoo, hubannoo dhimmota

hawaasummaa hojiin hammatamu(dabalamu) midhamtoota qaamaa COWASH qophiilee

hubannoo cimsuu irratti akka fooyya’u taha.

Qabiyeen leenjii takko tokkoon kennamu maateriyaaloonni(sanadoonnii leenjii) ibsa

guutuu wajjin qajeelfama raawwii kana Kutaa C keessatti argama.

Page 41: Qajeelfama Haammachiisummaa Qaama MidhamtootaaCOWASH · Barruun gorsi pirojektii COWASH kuni qoodha fudhattoota sadarkaa hundaa jiraniif kan barreeffame dha. Hubannoo dhimma qaama

36

Gabatee 1: Leenjiiwwan Dabalu(Hammatu)Midhamtoota Qaamaa COWASH marsaa III

Lak.

Lakk hojiiwwanii

Gosoota leenjii Gareewwan manii

Dheerina leenjii

Qabiyyeewwan gurguddoo leenjii

Leenjiiffamtoota

Qaama itti gaafatamu

1. Leenjii Leenjistootaa Qajeelfama Raawwii Ogeessota Naannoo Midhaamtoonni Qaammaa Ittin Hammatamu

Yunitii Deggarsa Naannoolee 5 (miseensota garee hunda) Naannoolee tokko tokkoorraa bakka bu’aa/buutuu midhamtoota qaamaa DPO

tokko Ogeessa EoF tokko

Guyyoota 4

Yaada rimee midhamuu qaamaa

Fireemwarkii Imaammata Gufuuwwan Hammachuu/

Dabaluu midhamtoota qaamaa

Furmaatawwan hammataa midhamtoota qaamaa WASH

Gahee fi gaafatamummaa qooda fudhattoota

Hirmaannaa midhamtoota qaamaa hundaa

Leenjii Hojiilee COWASH karoorsu

Ogeessota ECDD fi FTAT COWASH waliin

FTAT COWASH

2. Qajeelfama Raawwii Leenjii Leenjistootaa Ogeessota Naannoo Midhaamtoonni Qaammaa Ittin Hammatamu

Ogeessa tokko tokkoo Biiroolee Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii, Eegumsa Fayyaa, Barnootaa, dhimma hawaasummaa, IMX, Barnoota Leenjii Teeknikaa fi Ogummaa naannoolee tokko tokkoo irraa

Guyyoota 3

Yaada rimee midhamuu qaamaa

Fireemwarkii Imaammata Gufuuwwan Hammachuu/

Dabaluu midhamtoota qaamaa

Furmaatawwan hammataa midhamtoota qaamaa WASH

Gahee fi faafatamummaa qooda fudhattoota

Hirmaannaa midhamtoota qaamaa hundaa

Leenjii Hojiilee COWASH karoorsu

Leenjii gadii buusuu

Ogeessa tokko Yunitii deggarsa naannoolee tokkoo tokkoorraa Gorsaa tokko ECDD, ogeessa jalqabaa/ ispeshalistii CB) COWASH wajjin

FTAT COWASH

3. Qajeelfama Raawwii Leenjii Leenjistootaa Ogeessota Naannoo Midhaamtoonni Qaammaa Ittin Hammatamu

Gareewwan godinaa fi aanaa fi WASH aanaalee( fokaal parsonoota waajjiraalee Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii, Eegumsa Fayyaa, Barnootaa, dhimma hawaasummaa, IMX, BLTO DPO (godina keessa yoo jiraate)

Guyyaa 1

Yaada rimee midhamuu qaamaa

Fireemwarkii Imaammata Gufuuwwan Hammachuu/

Dabaluu midhamtoota qaamaa

Furmaatawwan hammataa midhamtoota qaamaa WASH

Gahee fi faafatamummaa qooda fudhattoota

Yunitii Deggarsa Naannoolee Ogeessa DPO leenji’e

FTAT COWASH

4. Leenjii Leenjistootaa Yunitii Guyyoot Gufuuwwan qaama Yunitii Biiroo

Page 42: Qajeelfama Haammachiisummaa Qaama MidhamtootaaCOWASH · Barruun gorsi pirojektii COWASH kuni qoodha fudhattoota sadarkaa hundaa jiraniif kan barreeffame dha. Hubannoo dhimma qaama

37

Qajeelfama Raawwii Midhaamtoonni Qaammaa Ittin Hammatamu Ogeessota Godinaafi Aanaa

Deggarsa Naannoolee 5 (miseensota garee hunda) Naannoolee tokko tokkoorraa bakka bu’aa/buutuu midhamtoota qaamaa DPO tokko Ogeessa EoF tokko

a 2 midhamtootaa hammachuu/dabalu

Gahee fi faafatamummaa qooda fudhattoota

Hirmaannaa midhamtoota qaamaa hojii hundaa keessatti

Furmaatawwan hammachuu/dabaluu qaamaa maadhamtootaa WASH keessatti

Deggarsa Naannoolee Ogeessota DPO naannoo leenji’an

Bishaanii naannoo

5. WASH Sadarkaa Aanaatti Midhaamtota Qaammaa Ittin Hammatamurratti Hubannoo Cimsuu

Guyyaa 1

Yaada rime Midhama qaamaa

Fireemwarkii Imaammata COWASH Hammachuu/Dabaluu midhamtoota qaamaa

Gahee fi faafatamummaa qooda fudhattootaa

Furmaatawwan hammachuu/dabaluu qaamaa maadhamtootaa WASH keessatti

Ofiisera sochii hawasaa Waajjira Bishaanii

Waajjira Bishaanii aanaa

6. Leenjii qooda fudhatoota Sadarkaa gandaa WASH Midhaamtota Qaammaa Hammachuu/Dabaluu irratti

Miseensota garee WASH Gandaa

Guyyoota 2

Hubannoo dhimmota rime Midhamtota qaamaa

Gahee fi faafatamummaa qooda fudhattootaa

Furmaatawwan hammachuu/dabaluu qaamaa maadhamtootaa WASH keessatti

Ofiisera sochii hawasaa Waajjira Bishaanii

Waajjira Bishaanii aanaa

7.2 BARBAACHISSUMMAA LEENJIIWWAN COWASH HUNDAAF WALIIN

GAHU

Leenjiwwan COWASH’n qindaa’an hirmaattota hundaaf iddo mijaahaa fi salphaatti dhaqqamaattti

kennuun hirmaannaa haqa qabeessa hundaaf kan itti mirkanaa’u taha. Hirmaattonni hundii fi

leenjistoonni rakkina malee iddoo leenjii gahuu qabu. Filannoo iddoo leenjiin itti kennamu of

eeggannoon gaggeeffamuu qaba. Kana jechuun daandiin ykn karaan iddoo leenjii geessuu

hundaaf dhaqqabamaa fi mijaahaa tahee fi namni kamiyyuu salphaan gara galma/gamoo leenjiitti

seenuu danda’uu qaba (sadarkaan olbaastuu balballarraa fi olbaastuu barcuma-golollee

(weelchair) fi kkf jiraachu qabu). iddoo leenjii yeroo filatamu tajaajiloonni manneen qulqullinaa fi

faasilitiwaan adda addaa gutamuu isaanii mirkana’uu qaba.

Page 43: Qajeelfama Haammachiisummaa Qaama MidhamtootaaCOWASH · Barruun gorsi pirojektii COWASH kuni qoodha fudhattoota sadarkaa hundaa jiraniif kan barreeffame dha. Hubannoo dhimma qaama

38

Keessattuu yeroo mariiwwanii fi leenjiiwwan sadarkaa gandaa fi hawaasaatti gaggeeffamu,

dhimmota gufuuwwan kominikeeshinii (qunnamtii) midhamtoota qaamaa tahuu danda’an irratti

xiyyeeffannoon addaa kennuun barbaachisaadha. Kominikeeshiniiniin namoota midhaamtoota

qaamaa dhagahuu, dubbachuu, dubbisuu, barreessuu fi/ykn hubachuun walqabatee godhamu

haala namoota biroorraa adda taheen raawwatamu qaba. Dabalataanis, haala walqixa taheen

odeeffannoo argachuu isaani mirkanaa’uu qaba. Fakkeenyaaf, pirezenteshiniin argamu ykn

viidiiyoon leenjii irratti kan dhiyaatuu yoo tahe, ergaa leenjichaa akka argachuu danda’u

qabiyyeen isaa sagaleedhaan haala guutuu taheen namoota qaroo dhabeeyyii ykn rakkina qaroo

qabaniif dhiyaachu qaba. Galma leenjii keessatti teessoon namoonni arguu fi dhagahuu irratti

rakkina qaban sarara fula dura irra yoo tahee filatamaa dha. Namoota dhagahuu ykn dafanii

hubachuu irratti rakkina qabaniif miseensonni maatiisaanii akka hiikaniif gochuu ni danda’aama.

Afaan teknikaatti fayyadamu fi jechoota dheeraa leenjiirratti dhiiheessuu dhisuun namoota

hubanoorratti rakkina qabaniif ni gargaara.

8. MIDHAAMTOOTA QAAMAA MARSAA PIROJEKTII HAWAASAAN HOGGANAMU

(CMP PROJECT CYCLE) KESSATTI HAMMACHU

Sadarkaalee hojimaata adeemsa pirojektii hawasaan hogganamu (CM) tokko tokkoon keessatti,

dhimmonni midhamtoota qaamaa yaada keessa galuu fi hammatamu qaba.

8.1 MIDHAMTOOTA QAAMAARRATTI KOREE WASH AKKASUMAS

OGEESOTA GODINAA FI AANAALEEF LEENJII HUBANNO KENNU

Namoota midhamtoota qaamaa tahan irratti leenjiin koreewwan fi ogeessota godinaa fi aanna

WASH hubannoo cimsuuf kennamu odeeffannoo waa’ee midhamtoota qaamaa, COWASH keessatti

dabalamuu midhamtoota qaamaa, gahee fi itti gaafatamummaa qooda fudhattoota fi

furmaatawwan dabalamaa WASH kan of keessaa qabuu dha. Hojiiwwan WASHn raawwataman

keessatti yeroo baayyee namoonnii midhamtoota qaamaa tahan hin hirmaatan. Kunis

hoggantoonni waa’ee feedhiiwwanii fi mirgota namoonni midhamtoota qaama ta’aan qaban

hubanoo dhabuurraa kan ka’eedha. Kanaafuu, dhimma kanarrattii qooda fudhattoonnii hundii

leenjii hubannoo uumuu fudhachuu fi ilaalcha gaarii midhamtoota qaamaa hirmaachiisuu/dabaluu

irratti akkasumas waa’ee karooraa fi hojiiwwan COWASH hubachuu qabu.

8.2 LEENJII HAMMACHISUMMAA MIDHAMTOOTA QAAMAA OGEESSOTA

GODINAA FI AANNA WASH TIIF KENNAMU

Leenjii daran teekniikaala tahe (Leenjii Lenjiistootaa (ToT) Naannoo irratti hundaa’uun fi leenjii

hubannoo cimsuu irraa kan itti fufe kutaa 8.1 ibsame) dabaluu midhamtoota qaamaa ogeessota

godinaa fi aanna WASH tiif ni kennama. Kunis leenjii hubannoo cimsuu irraa duraan kennameerra

kan itti fufe dha.

Kaayyoon leenjichaa maalumma (yaada rime) namoota midhamtoota qaamaa tahan irrattii,

akkamitti hojiilee COWASH hunda keessatti hirmaannaa namoota midhamtoota qaamaa akka

mirkaneessu danda’aan, akkamitti gufuuwwan namoota midhamtoota qaamaa dhaqqabummaa

Page 44: Qajeelfama Haammachiisummaa Qaama MidhamtootaaCOWASH · Barruun gorsi pirojektii COWASH kuni qoodha fudhattoota sadarkaa hundaa jiraniif kan barreeffame dha. Hubannoo dhimma qaama

39

tajaajiloota COWASH irratti qunnaman hiikaman, fi dhaqqabummaan tajaajiilotaa hundaaf

dhaqqabamaa taha jedhan irratti ogeessonni hubannoo fi beekumsa gadi fageenyaa akka qaban

taasiisuu dha. Fakkeenyaaf akkamitti barataan miidhamaa qaamaa tahe tokko mana qulqullinaa

mana barnootaa keessatti rakkina malee fayyadamuusaa mirkaneessina? Kana malees, leenjichii

Tarsiimoo Dabaluu Midhamtoota Qaamaa COWASH fi gahee fi itti gaafatamummaa qooda

fudhattoota adda addaa irratti ibsa bal’aa kenna.

Leenjiiwwan Dabaluu Midhamtoota Qaamaa bakka bu’oota dhaabbilee qaama midhamtoota (DPO)

naannoo (kanneen COWASH federaalaan filatamanii leenji’an) akka leenjisuurratti akka hirmaatan

godhama. Dhimmota dhaqqabummaa tajaajila mana qulqullinatiin walqabatee muxannoowwan

namoota midhamtoota qaamaa ta’aan qaban akka dhiyeessan (hunda caalaa rakkinichaa waan

beekaniif) gochuun irraa barachuun faayidaa qaba.

8.3 HOJII BEEKSIISA (PROMOTION) IRRATTI NAMOOTA MIDHAMTOOTA

QAAMAA HAMMACHU

Hojiin beeksiisu (promotion) mana qulqullinaa haaraa WASH ykn kanaan dura ijaaramee

haaroomsamuuf yeroo hojjetamu hawaasa tajaajilamaaf waa’e carraa fi itti gaafatamuummaa

hojimaata pirojektii hawasaan hogganamuun (CMP) walqabate beeksisuun barbaachisaadha.

Hojiileen beeksiisuu (promotion) garee ogeesota teknikaa WASH aanaa fi garee WASH gandaan

gaggeeffamu odeeffannoo namoota midhamtoota qaamaa; adeemsa hojii, iyyannoo fi murtii

keennuu pirojektii hawasaan hogganamu (CMP) keessatti barbaachisummaa hirmannaa namoota

midhamtoota qaamaa, waa’ee faayidaa namoota midhamtoota qaamaa dabaluu fi waa’ee

dhaqqabummaa mana qulqullinaa dhiyeessuu qaba.

Dhimmi dabalataan hawaasni beekuu qaban ulaagaalee taa’an hundaan kan haala wal fakkaatun

guutan ta’uus, iyyannoowwan dhaqqabummaa mana qulqullinaa hundaaf hawaasotaa namoota

midhamtoota qaamaa tahan qabaniin dhiyaatu hawaasota kanneen hin qabneen dhiyaatu caalaa

dursi kennameefi ilaalama. Ilaalcha doggongoraa hawaasonnii baayyeen midhamtoota qaamaa

qabanirraa kan ka’e, maatiin tokko tokko odeeffannoo miseensota midhamtoota qaamaa isaanii

kennuuf maatii irratti rakkinni akka hin dhufne jechuun sodaa qaban akka iddoo hin kennineef

jajjabeefamu qaban. Kanumaan walqabatee tarsiimoon hordofamaa jiru maatii tokko qofaa ykn

midhamaa qaamaa nama tokko qofa haala addaatti fudhatee akka ilaalamu kan godhuu osoo hin

tahini, kenninsa dhiyeessii tajaajilaa mana qulqullinaa keessatti fayyadamummaa namoota

midhamtoota qaamaa akka dabalamuu gochuun yaada gaariitti tahee hawaasaan akka fudhatamu

jajjabeessuun barbaachisaadha.

8.4 NAMOOTA MIDHAMTOOTA QAAMAA HUNDEEFFFAMA FI FILANNOO

KOREE WASHCO KEESSATTII NIRMAACHISU

Hawaasni filannoo koree WASHCO yommuu gaggeessu, miseensi WASHCO tokkoo yoo xiqqaatee

nama midhamtoota qaamaa ykn miseensa maatii nama midhamtoota qaamaa qabu (abbaa,

muca/ilma/intala) akka ta’uu ni gorfama. Dabalataanis miseensonni hawaasaa hundi, namoota

Page 45: Qajeelfama Haammachiisummaa Qaama MidhamtootaaCOWASH · Barruun gorsi pirojektii COWASH kuni qoodha fudhattoota sadarkaa hundaa jiraniif kan barreeffame dha. Hubannoo dhimma qaama

40

midhamtoota qaamaa dabalatee, marii hawaassarratti hirmaachuu fi fedhii fi sodaa isaanii bilisaan

ibsuuf carraa qixee tahee kennamuu fi qaba.

8.5 LEENJII KOREE WASHCO FI ARTIZHAANII (OGEESSOTA HOJII

HARKAA)

Miseensonni koree WASHCO fi ogeessonni ijaarsaa faayidaa dhaqqabummaa fi qaamaa hawaasaa

hunda dabaluu irratti leenjii argachuu qaban. Amaloonni dhaqqabummaa dhaabbilee mana

qulqullinaa fi tajaajila dhiyeessii bishaanii sirritti ibsamuufi qaba. Fakeenyaaf waa’ee ol baastuu

barcuma golollee (wheelchair) fi qaboo harkaa ijaaruu hubannoo argachu qabu. Kunis

istaandaardii dizaayinii ijaarsaa qulqullinaan fi foyya’ee akka raawwatamu gargaara.

8.6 ODEEFFANNOO IYYANNOO PIROJEKTII MIDHAMTOOTA QAAMAA

DABALUU

Hawaasni karaa WASHCOtiin barreeffama iyyannoo pirojeektii gara supparviyzerii pirojektii

hawaasaan hogganamu (CMP supervisor)/garee WASH aana Waajjira Bishaanii Aanaatti galfachuu

qaba. Odeeffannoon iyyatarra jirus miseensota maatii midhamtoonnii qaamaa tahanii fi hin taane

sadarkaa irratti argaman ragaa guutuu qabaachuu qaba. Iyyannoon dhiyaatu odeeffannoo/ragaa

midhamtoonnii qaamaa dabaluu yoo baate, supparvaayizariin pirojektii hawaasaan hogganamu

(CMP supervisor) hawaasni odeeffannoo irraa barbaadamuu kennuurratti hubannoo qabaachuu fi

odeeffannoon walittii qabamuusaa xinxala pirojeektii dirree irratti qulqulleessuu qaba.

8.7 MIDHAMTOOTA QAAMAA PIROJEEKTII KEESSATTI HAMMATAMU

ISAANI QULQULLEESSUU

Deeskiin Xinxala Pirojeektii odeeffannoo miidhamtoota qaamaa ilaallatu hawaasarraa waliitti qabe

sirrumaasaa qulqulleessuu qaba. Kunis namoota miidhamtoota qaamaa tahanii fi maatiisaanii

akkasumas WASHCO keessaa (miseensi miidhamaa qaamaa ykn maatiisaa keessaa miidhamaan

qaamaa yoo jiraate) pirojektii keessatti dabalamuu isaa mirkaneessuun barbaachisaadha. Ragaan

miidhamtoota qaamaa ilaalchisee hawaasarraa argame ragaa miidhamtoota qaamaa

miidhamtoota qaamaa kanneeni bulchiinsa Gandaa, waajjira Hojjetotaa fi hawaasummaa Aanaa

ykn Dhaabbata qaama midhamtootaa (DPO) (yoo jiraate) walbira qabuun sirruummaa isaa

qulqulleessuun barbaachiisaa dha.

Xinxalli garee teknikaa WASH’n dirree bahuun odeeffannoon miidhamtoota qaamaa hawaasarraa

waliitti qabame sirrii tahuu isaa mirkanaa’uu qaba. Dabalataanis, fedhiiwwanii fi gaaffiin

miidhamtoota qaamaa hawaasa keessa jiran deebii gahaa argachuu isaani mirkaneessuun

barbaachiisadha. Kan jechuun namoonni iddoo tajaajila/dhiyeessii bishaanii dhaqqabu hin

dandeenye jiran ykn taa’umsa lafaarraa kan ka’e daandiin gara iddoo dhiyeessii bishaanii geessuu

hin hojjetamne yoo tahe, filannoon bishaan itti argachuu danda’an dhiyaachuu qaba.

Filannoowwan keessaa inni tokko paampii mootoraatti fayyadamu ykn sarara ujuumoo bishaanii

diriirsuun madda bishaaniirra gara manaa/maatii akka gahu gochuu yaadni jedhu yoo barbaachise

dizaayinii pirojektii keessatti dabalamuu ni danda’a. Furmaatawwan tekinoolojii jajjabeefamu

qaban keessaa bishaan roobaa kuusuu, bolla bishaanii qotuu, bashaan argame maloota adda

Page 46: Qajeelfama Haammachiisummaa Qaama MidhamtootaaCOWASH · Barruun gorsi pirojektii COWASH kuni qoodha fudhattoota sadarkaa hundaa jiraniif kan barreeffame dha. Hubannoo dhimma qaama

41

addaatiin qulqulleessuu kan akka calaluu, fi keemikaaliin/qorichaan wal’aanuu fkk tahu illee

pirojeekti kanaan baajataan deggaramu hin danda’u.

Furmaannii tekniikaa kamiyyuu (hawaasa gara bishaanii ykn bishaan gara hawaasaa) tajaajila

bishaanii hundaaf dhaqqabamaa gochuu fi hawaasan fudhatame yoo tahe galma gahiinsa

Kaayyoon Misooma itti fufinsaa 6 (SDG 6) f qaama dizaayinii iddoo(tuqaa) bishaanii adda bahee fi

baajata isaa fudhatamuu qaba. (Kaayyoo bishaan dhugaatii hunda galeessa, dhaqqabumaa haqa

qabeessa fi gatii madaalawaa qabu HUNDAAF milkeessuu/galmaan gahu)

8.8 PIROJEKTII RAGGAASISUU FI WALIIGALTEE DEGGARSA MAALLAQAA

GOCHUU

Waliigaltee deggarsa maallaqaa gochuuf galamu kutannoo hawaasni qulqullina (sanitation) maatii

hundaaf dhaqqabamaa gochuu dabalata. Manneen qulqullina hundi namoota hundaaf

dhaqqabama tahuu fi furmaatawwan dhaqqabamaan walqabatan jajjabeffamuu qabaachuun isaa

jala muramee beekamuu qaba.

Iyyannoowwan Pirojektii akka raggaa’u gochuun dura, hawaasota midhamtoota qaamaa

baayi’inaan qabanii fi sirruumaansaa garee teknikaa dirree baheen adda bahaanitti erguun,

iyyannoowwan irra caalan haala walfakkaatuun ulaagaalee biro hunda gutan dursi ni kennamaafi.

8.9 IJAARSA HAMMATU, TO’ANNOO FI GUMAACHA HAAWAASAA

WASHCO’n hojjetoota ijaarsaa naannoo sanaa kontiraataan qacaruun adeemsaa fi qulqullina

ijaarsaa to’aachuu fi hordofuuf gaafatamummaa qaba. Sadarkaa kanatti ijaarsi hojjetamaa jiru

dhaqqabummaa hunda mirkaneessuun ni eegama. Waliigaltee ijaarsa hammataa mana

qulqullinaa hundaaf dhaqqabamaa sanada irratti ibsame yoo hordofuu baate, WASHCO’n kaffaltii

hojjetoota ijaarsaa hin raawwatu.

Hojjetoonni ijaarsaa daandii miilaa gara mana qulqullinaa geessuu foyyeessuun akka ijaaran fi

hawaasni ykn dhaabbilee tajaajiloota akka daandii bira gahuumaa salphaa godhu (akkuma kutaa

B keesatti dhiyaate) waliigaluun hojjechuun kan jajjabefamuudha.

Ogeessonni WASH aanaa gama isaaniin adeemsaa fi qulqullina ijaarsaa to’annoo gaggeessuu

qabu. Ijaarsi manneen qulqullinaa dhaqqabummaa hunda qabaachuu isaanii mirkaneessuu qaban.

8.10 SIRNA EEBBA PIROJEKTII HUNDA HAMMATE

Sirna eebbaa irratti, gabaasni WASHCO raawwii pirojektii faayinaansii fi fizikaalaa guutuu tahe

miseensota hawaasaaf ni dhiyaata. Miseensonni midhamtoota qaamaa sirna kana irratti

affeerramanii argamuu fi jajjabeefamuu qabu. Dabalataanis gabaasichi hawaasnii fi WASHCOn

manoota midhamtoota qaamaa tahan akkamitti akka hirmaachisanii fi raawwii hojii keessatti

gumaacha godhan ibsamu qaba. Gama isaanitiin manoonni midhamtoota qaamaa tahan

dhaqqabuummaa tajaajiloota ilalchisee wanna hojjatame ifatti ibsuu qaban.

Page 47: Qajeelfama Haammachiisummaa Qaama MidhamtootaaCOWASH · Barruun gorsi pirojektii COWASH kuni qoodha fudhattoota sadarkaa hundaa jiraniif kan barreeffame dha. Hubannoo dhimma qaama

42

8.11 GAGGEESSUUMMAA IJAARSA BOODAA FI HORDOFFII MIDHAMTOOTA

QAAMAA DABALU

Namoota paampii hordoofanii fi kununsan filachuuratti namoota midhamtoota qaamaa

xiyyeeffannoo kennuu fi yoo isaan hojii kana raawwachuuf fedhii qabaatan yoo danda’ame dursa

kennuu fi barbaachisaa dha.

Taarifii (kaffalti tajaajilaa) murteessuu irratti namoonni midhamtoota qaamaa tahan akka

qajeeltootti keessaa hafuu hin qaban. Taariifiin kan murtaa’uu qabeenyaa fi humna kaffaltii maatii

irratti hundaa’uun waan taheef, kanneen hiyyummaa sadarkaa guddaa keessa jiraniif taarifii gadii

aanaa ykn bilisaan tajaajila akka argatan hawaasni murteessuu ni danda’a.

Ragaan bishaanii fi dhaabbilee tajaajilota saniiteshinii aanaa hundaa yeroommaan isaa eegame

odeeffannoo dhaqqabumaan hundaaf dabalate gutamuu qaba. Gaggeessuummaa ijaarsa boodaa

ogeesota WASH aanaatiin hordoffii fi WASHCOn immoo dhaqqabummaa tajaajilootaa xinxaluun

foyya’insa ykn sirreeffama barbaachisu akka barbaachisumma isaatti yaada dhiyeessuu irraa

eegama. Ragaaleen raawwii gaggaarii hojiilee WASH dabalataa qindaa’ee qabamuu fi qooda

fudhattoota dhimmi ilaaluuf tamsasuun kanneen biros jajjefamuu fi irraa barachuu qabu

9. MIDHAMTOOTA QAAMAA ADEEMSA QULQULLINA DHUNFAA FI NAANNOO

MARAA HAWAASAAN HOGGANAMU (CLTSH) KEESSATTI HIRMAACHISU

Mootummaan Itophiyaa, Karaa Sagantaa Ektenshinii Fayyaa Biyyaaleessaatiin, faayidaa qulqullina

dhunfaa fi naannoo maraa hawaasaan hogganamu (CLTSH) beeksiisuun ilaalchii jijjiiramaa

hawaasa bira fiduuf ijaarsa mana qulqullinaa fi harka saamunaan dhiqachuu bal’inaan eegalee

jira. Kanaafuu COWASH gama isaatiin hojiimata qulqullina dhunfaa fi naannoo maraa hawaasaan

hogganamu (CLTSH) deggaruun, kaayyoon bobbaatii bakkee irraa bilisa ta’uu (ODF) sadarkaa

%100 akka gahuu hojii guyyaa guyyaa irratti gargaaraa jira. Galma gahiinsa hojii kanaaf,

adeemsa sadarkaa hunda keessatti midhamtoonnii qaamaa dabalamuu qabu. Dabalataanis,

hojiimaannii namoota midhamtoonnii qaamaa tahaniif hojjetu kanneen biroofis waan hojjetuuf

jechuun adeemsa keessatti qulqullina dhunfaa fi naannoo maraa hawaasaan hogganamu (CLTSH)

qaamoota hawaasa tarii dagate kan akka miseensota hawaasa sadarkaa gadii aanaarra jiran,

qaama hawaasaa xiqqa tahee dagatame, harka qaleeyyii, dubartoota, durboota, fi kanneen biro.

Sagaleewwan, yaadootaa fi feedhiiwwan miseensoota hawaasaa hundi filannoowwan teknikaa kan

akka iddoo ijaarsaa, dhaqqabummaa, suphuu, fi yaada murtoo dhiyeessuu dabalatee, tajaajiloota

qulqullina dhunfaa fi naannoof faayida kan qabuu fi murteessadha.

Page 48: Qajeelfama Haammachiisummaa Qaama MidhamtootaaCOWASH · Barruun gorsi pirojektii COWASH kuni qoodha fudhattoota sadarkaa hundaa jiraniif kan barreeffame dha. Hubannoo dhimma qaama

43

9.1 QOOPHII FI SOCHII DURAA

Gulantaan qophaa’inaa qulqullina dhunfaa fi naannoo maraa hawaasaan hogganamu (CLTSH)

leenjii ijaarsa dandeettii ogeessota feederaalaa, naannoo, godinaa, aanaa fi gandaaf kennamu of

keessaa qaba. Leenjiin kun odeeffannoo waa’ee midhamtoota qaamaa, akkamitti namoota

midhamtoota qaamaa tahan adeemsa hojiirra oolmaa qulqullina dhunfaa fi naannoo maraa

hawaasaan hogganamu (CLTSH) keessatti hammatamanii fi dhaqqabummaa qulqullina hundaaf

furmaatawwan teeknikaa barbaachisan dabalata.

Gulantaan qabsiisuun duraa haawaasa keessatti (maatiiwwan, manneen barnootaa, dhaabbilee

fayyaa, wiirtuuleen leenjii qonnaan bultootaa, manneen sirreessaa, iddoowwan amantii,

iddoowwan gabaa, bufataalee geejibbaa, kkf) gufuuwwan/rakkinaalee adda addaa namoota

midhamtoota qaamaa tahan qunnaman miseensonni hawaasaa wajjin ta’uun adda baasuu qaban.

Hojii kanaaf midhamtoota qaamaa fi maatiiwwan isaanii mariiwwan hawaasaa hunda keessatti

hirmaachisuun murteessaa dha. Hirmaannaa isaanii mijeessuuf, iddoowwan marii midhamtoota

qaamaa sochoo’uuf rakkina qabaniif dhaqqabamaa tahetti fayyadamuun dirqama ta’a. Mariiwwan

gaggeeffaman qaamoolee hawaasaa gara garaa – dubartoota, dargaggoota, mangoddoota,

midhamtoota qaamaa, kkf hundi dammaqinaan hirmaachuusaanii mirkaneessuun murteessa dha.

Qindeessitoonnii mariiwwannii faayidaa bakka bu’oonnii qaamoolee hawaasaa hundi,

midhamtoota qaamaa dabalatee, adeemsa walgahii keessatti qaban jaarsoolii biyyaatiif

hubachiisuu qaban.

Dhaabbileen ummataa fi dhuunfaa hundi karoora dabalataa qulqullina dhunfaa fi eegumsa

naannoo mataasaanii qopheessuu qaban. Tajaajilota dhaqqabamaa qulqullinaa (sanitation)

foyya’e dhaabbilee kanneenii keessatti dhiyaatu malee, bobbaatii bakkee irraa bilisa (ODF)

labsuun hin danda’amu. Dhaqqabamaa saaniteshinii fi manneen qulqullinaa Kutaa B Qajeelfama

Raawwii kana keessatti dhiyaatera.

9.2 HAWAASA KAKAASU FI QOPHAA’INA KAROORA GOCHAA

Gulantaa kakaasu hawaasaa keessatti, marii qophaa’uurratti haala mijeessaan mariichaa ummata

gandaa sochosuuf/kakaasuuf haala haayijinii fi saaniteshinii hawaasa isaanii akka xinxalan fi

dadhabina isaanii kanaan walqabate dhoksuuf waakkachuu ykn amaaloota fakkaaatan dhiisuuf

akka murteessan gochuu qabu. Dhimmonni namoota midhamtoota qaamaa tahan mariiwwan

irratti isaanuma midhamtoota qaamaa hirmaachisuun gaggeeffamu qaban. Mariiwwan

kanneenirratti midhamtoonnii qaamaa dammaqinaan hirmaachuusaanii mirkaneessuun qirqama

tahuu qaba. Yeroo mariin gaggeeffamu, namoota dhagahuu ykn arguu hin dandeenye ykn rakkina

qabaniif miseensonni maatiisaanii mallattootti fayyadamuu fi maateriiyaalonni argaman afaaniin

akka hiikan gochuuf qophiin godhamuu qaba. Kana malees, namoota midhamtoota qaamaa tahan

koree hawaasaa gurmaa’e keessatti dabalamuun sosochiiwwan hawaasaa, taateewwan gara garaa

fi gaggeessuummaa hunda kessaatti akka hirmaatan godhamu qaba.

Iddoon namoota fedhiiwwan addaa qaban adda baasun Kaartaawwan qulqullinaa (sanitation map)

hirmaachisaa hawaasaa irratti mallattoo kaa’uun ni danda’ama. Gulantaa kakaasu hawaasaa

keessatti dhaabbileen gabaa qulqullinaa (sanitation marketing) (aanaa keessa yoo jiraatan)

omishaalee qulqullinaa fooyya’aa qaban hawaasaaf akka dhiyaatan gochuun omishaalee

Page 49: Qajeelfama Haammachiisummaa Qaama MidhamtootaaCOWASH · Barruun gorsi pirojektii COWASH kuni qoodha fudhattoota sadarkaa hundaa jiraniif kan barreeffame dha. Hubannoo dhimma qaama

44

kanneeniitti achumatti filannoodhaan akka fudhatan gochuu dha. Dhaabbileen kanneen fi

hojjettonni ekstenshinii fayyaa akkamitti mana qulqullinaa maatii hundaaf dhaqqabamaa akka

tahuu beekumsa gahaa qabaachuu qabu. Maatiiwwan kaka’uumsaa fi fedhii ofiisaaniitiin

meeshaalee deggarsaa midhamtoonni qaamaa ittin gargaaraman akka hojjetan jajjebeeffamu

qaban. Manni qulqullinaa maatii miseensota isaa hundaaf keessattu midhamtoota qaamaaf daran

tajaajilamuuf salphaa taasisuuf, itti fayyadamuuf caalmatti mija’aafi tolaa taasisuuf odeeffannoon

gahaa tahe waa’ee baasii gadii aanaa fi filannoowwan tekinolojii salphaa dhiyaachuu qaba (Kutaa

B ilaali). Ragaa fi odeeffannoo muxannoowwan jijjiiramaa namoota midhaamtoota qaamaa

argame adda baasuun qindeessuun hawaasa wajjin qooddachuun ykn tamsaasuun faayidaalee

dhaqqabuummaa tajaajiloota manneen qulqullinaa akka tooftaa tokkootti fudhatamuu qaba.

9.3 MIRKANEEFFANNAA FI PIROTOKOLII BEEKAMTII BOBBAATII

BAKKEERRA BILISA TA’UUF

Sadarkaa bobbaati bakkee irraa bilisa (ODF) barbadamurra gahuuf akkataa Pirotokolii

Mirkaneeffannaa fi Beekamtii bobbaati bakkee irraa bilisa (ODF) (MoH 2012) irratti

hundaa’uudhaan gamaagamni gaggeeffamu qaba. Adeemsi mirkaneeffannaa meeshaa ijoo waan

taheef bobbaati bakkee irraa bilisa (ODF) hawaasaa mirkanneessuun dura sadarkaa maatiitiis

tahee sadarkaa dhaabbiilee ummataa fi dhuunfaatti dhaqqabuummaan mana qulqullinaa

midhamtoonnii qaamaa hawaasa keessa jiran mirkanessuun barbaachisaadha.

Gareen Mirkaneeffannaa Pirotokolii keessa jiran bakka butoota midhamtoota qaamaa hin

dabalatu. Kanaafuu aanaalee COWASH keessatti Gareen Mirkaneeffannaa miseensota hawaasaa

midhamtoota qaamaa qooda fudhachuu qabu. Manneen qulqullinaa dhaabbileef, Kan akka

tajaajilota saaniteshinii fi haayijinii manneen barnootaa, baratoonni midhamtoota qaamaa tahan

dubartoota dabalatee akka hirmaatan godhamu qaba.

Hojiin mirkaneeffannaa dhaqqabummaa manneen qulqullinaa fi odiitii nagummaa dabaluu qaba.

Odiitii kana keessatti Gareen Mirkaneeffannaa dhimmota dhaqqabummaa fi iiti fayyadama

tajaajilootaa salphaa fi rakkisaa godhanii adda baasuun foyya’insa ykn sirreeffama barbaachisu

akka barbaachisumma isaatti yaada dhiyeessuu qaba. Ulaagaan ijoo mirkaneeffannaa bobbaati

bakkeerraa bilisa ta’e (ODF) dhabbileen hundi kan akka manneen qulqullinaa manneen barnootaa

fi tajaajilota fayyaa hundaaf dhaqqabummaa tahuu isaanii mirkaneesuu dha.

10. MISOOMA INTARPIRAAYZII MAAYKIROO FI XIXIQQAA (IMX)

KEESSATTI MIDHAMTOOTA QAAMAA HAMMACHU

Misoomni Intarpiraayizoota maayikiroo fi xixiqqaa, Itoophiyaa keesssatti akka dhimma misoomaa

Ijoo motummaan carraa hojii magaalootaa fi naannoo magaalootaatti umuuf ilaalaa jiruu dha.

Kanumaan walqabatee, Karoora Guddinaa fi Tiraanisfoormeeshinii (KGT) marsaa lammaffaa

(2008-2012) biyyaaleessaa fedhiiwwan lamiilee galii giddugala gadii aanaa qaban guutuuf

walgahiinsa dhiyeessii tajaajiloota bishaanii fi saaniteeshinii bara 2020tti mirkaneessuuf sektarri

bishaanii akka hojii xiyyeeffannoo guddaatti qabatee jira. Kutaalee COWASH marsaa III ffaa

keessatti hojiilee gurguddoo dursii kennameef galmoota ijoo kaayyoo walqabatee fi kutaalee hojii

haaraa IMX gurmeessuu keessatti gabaa saaniteeshii, dhiyyeessii meeshaalee jijjiirraa, fi tajaajila

Page 50: Qajeelfama Haammachiisummaa Qaama MidhamtootaaCOWASH · Barruun gorsi pirojektii COWASH kuni qoodha fudhattoota sadarkaa hundaa jiraniif kan barreeffame dha. Hubannoo dhimma qaama

45

suphuu tajaajiloota bishaanii of keessatti qabateera. Karoora waggaa sadii keessatti, IMX 26

pirojeektoota naanoolee shananii aanaalee 19 keesatti argaman yaaliif filatamanii fi dubartootan

hogganaman haara gurmeessuu/kanneen ijaaraman cimsuuf karoorfameera jira. (Ibsa dabalataa

Qajeelfama Raawwii IMX Dubartootan Hogganaman marsaa III ilaali)

Midhamtoota qaamaa kutaa pirojektii kana keessatti hammatamuu/dabalamuu isaanii

mirkaneessuuf, namoota midhamtoota qaamaa tahaan IMX keessatti miseensa tahuun

gurmaa’uuf dursi kennamuufi qaba. IMXn kamiiyyuu yoo xiqqaate midhamtoota qaamaa dhiira

ykn dubartii dabaluuf akka kayyootti qabachuu qaba. Waajjira Dhimma hojjata fi hawwaasummaa

fi Ejeensii Misooma IMX dargaggoota fi gameessota midhamtoota qaamaa tahanii leenjii

dandeetti ogummaa akkataa ulaagaatiin fudhachuun meseensa IMX tahuu barbaadan adda

baasuuf qindoominaan kan hojjetan taha. Kunis akkaataa immammata IMX carraa hojii

midhamtoota qaamaaf keessattuu dargaggootaaf uumuu jedhuu waliin wal sima. Dabalataan,

carraan hojii midhamtoota qaamaaf uumuun moodeela fakkeenya gaarii tahuun akka tajaajilan

isaan godha.

Intarpiraayizoonni gabaa ijaarsaa fi saaniteeshii leenji’aanii COWASH keessatti hundeeffamaniif

himamsa (orientation) omiishaa dhimmoota manneen qulqullinaa hunda dabalataa fi omishaalee

saaniteshinii irratti kennamuu qaba. Intarpiraayizoonni gabaa saaniteeshinii akkamitti manneen

qulqullinaa hundaaf dhaqqabuummaa gochuu qaban barsiisuu irratti jajjabeeffamu qabu.

MIILTOO 1 : UNKAA RAGAAN NAMOOTA MIDHAMTOOTA QAAMAA ITTIIN

FUNAANAMU

Meeshaan ragaan namoota midhamtoota qaamaa irraa waliitti qabamu kun leenjiiwwan sadarkaa

naannoo, godinaa, aanaa fi gandaatti kennaman irratti hojiirra ni oola.

Qajeelfamoota Leenjisaan hordofu

1) Hirmaatonni akka waraqaa duwwaa baasanii fi odeeffannoon dhimma fayyummaa isaanii

irratti ibsan ykn barreessan iccitummaan isaa kan eegamuu fi qaama biroo kammiituu

dabarfamee akka hin kennamme ta’uusaa ibsaafi. Eennyummaan abbaa odeeffannoo

kennuu waan hin barbaachifneef maqaa barreessuun hin barbaachisu.

2) Hirmaatonni korniyaa(saala) isaa/ishii DHIIRA ykn DHALAA jedhun akka barreessan

gaafadhu. Maqaa barreesuun hin barbaachisu.

3) Gaaffiwwan fuula ittii aanu keessa jiran irratti hirmaattootaaf ibsa barbaachisaa ta’e kenni.

4) Hirmaattoonni gaaffiiwwan dhiyaatan irratti sirritti akka yaadan godhi.

Hirmaattoonni gaaffilee dhiyaatan hundaaf deebiin isaanii MITI yoo ta’e, MITI jechuun akka

waraqaarratti barreesan godhi.

Page 51: Qajeelfama Haammachiisummaa Qaama MidhamtootaaCOWASH · Barruun gorsi pirojektii COWASH kuni qoodha fudhattoota sadarkaa hundaa jiraniif kan barreeffame dha. Hubannoo dhimma qaama

46

Deebiin isaanii gaaffii tokkoof illee yoo EEYYEE ta’e, deebii EEYYEE jedhu akka waraqaarratti

barreessan godhi. Deebii EEYYEE jedhanii kan deebiisan rakkoolee baayyee yoo qabaatanii fi

yeroo dheeraaf kan irra ture yoo tahee qofaadha.

5) Waraqaa irratti kan barreeffamu jechoota lamna 1) DHIIRA ykn DUBARTII 2) EEYYEE or

MITI qofaadha.

6) Waraqaawwan deebii waliiti qabuun EEYYEE fi MITI kan jedhan korniyaan adda baasuun

lakkaa’un haala gabaasa qindeessuuf tolutti kaa’i.

7) Erga ragaa walitti qabdee booda, kaayyoon waraqaa deebii isaanii baay’ina hirmaattota

leenjii midhamota qaamaa murasaa qaban adda baasuu fi deeggarsa barbaadan yeroo

leenjiin gaggeeffamu akka argatan beekuuf akka ta’ee ibsiif. Hirmaatan deebii EEYYEE

kenne, nama midhama qaamaa qabu jedhamu fudhatama.

COWASH hojiilee isaa hunda keessatti namoota midhamtoota qaamaa tahan haammachuuf

kaayyeffatee socho’aa jira. Kanaafuu leenjiiwwan dabalatee, hojiilee raawwataman hunda

keessatti lakkofsa isaanii hordoffii gochuun barbaada. Midhamtoota qaamaa ta’anis ta’uu

baatanis namoonni irra caalan kallattiin yoo gaafataman MITI jedhanii waan debisaniif jechii

midhamtoota qaamaa jedhu guca irratti hin dabalamne taanan, bu’aa gabaasaa ykn xinxalichaa

gadii aanaa godha.

Rakkinaalee fayyummaa itti aanan kamiyyu dhaabbiidhan/yeroo dheeraaf qabdaa:

Rakkinaalee fayyummaa guddaa ija tokkoon ykn lamaan ilaalu (fullee ijaa keewwatte

ille) qabdaa?

Fkn. Rakkinaalee nama walfakkaataa tokko hanga sii bira gahuutti ilaalu fi adda

baasuu dadhabu

YKN Meeshaa tokkoo ciqilee nama tokko irratti adda baasuu fi ilaalu dadhabu

YKN

argaan ija tokko kan birra irraa caalmatti arguu dadhabuu

Rakkinaalee fayyummaa guddaa dhagahuu, deggarsa meeshaatiins tahu?

Fkn. Rakkinaalee sagalee namni gama kuutaa keessaa sirnaan dubbatu dhagahuu

dadhabuu

ykn

dhageettiin gurra tokko kan birra irraa caalmatti dhagahuu dadhabuu

Rakkinaalee fayyummaa hedduu miilaan deemuu ykn sadarkaa olbaastuu miilaa

balbalarraa bahuu?

Fkn. Rakkinaalee mana keessatti sochoo’uu ykn mana keessaa gara alaa bahuu

ykn fageenya deemuu dadhabuu (km 1 ykn isaa ol)

Rakkinaalee fayyummaa guddaa qaama ofii gutummaatti of danda’ee dhiqachuu ykn

uffata of danda’ee ofiin uffachuu?

Rakkinaalee fayyummaa guddaa yaadachuu dadhabuu irraa kan kahe hojii guyya guyyaa

irratti dhiibbaa guddaa fiduu isaa?

Fkn: yaadachuu dadhabuu irraa kan kahe hojii guyya guyyaa raawwachuu

dadhabuu, iddoo beekan deemuu dadhabuu ykn maqaa nama beekanii yaadachuu

dadhabuu irratti dhiibbaa guddaa

Rakkinaalee fayyummaa guddaa hubachuu fi dubbachuu (afaaniin dubbachuu fi afaan

mallattoo) namoota biro wajjin?

Fkn:waan namoonni biro dubbatan hubachuu dadhabuu ykn

waan atti dubbattu namooni biroo hubachuu dadhabuu

Page 52: Qajeelfama Haammachiisummaa Qaama MidhamtootaaCOWASH · Barruun gorsi pirojektii COWASH kuni qoodha fudhattoota sadarkaa hundaa jiraniif kan barreeffame dha. Hubannoo dhimma qaama

47

KUTAA B: FURMAATAWWAN TEKNIKAA WASH HUNDA DABALATAA

Kutaa qajeelfama kanaa keessatti, filannoowwan tekinoolojii muraasaa fi qajeeltowwan

dhaqqabummaa tajaajiloota WASH namoota midhaamtoota qaamaa tahaaniif mijaahaa tahe

dhiyaatuus, isaan qofa irratti hin daangahu. Dhaqqabummaan namoota hawaasa keessa jiran

hundaa ni fayyada, garuu tokko tokkoof murteessaadha. Akkuma umuuriin dulloomaa deemnu,

quphanuu ykn madaala eeguun tahuun rakkisaa tahaa dhufuu danda’a. Bakka tajaajillaa

dhaqqabamaa taasisuu jechuun namoota hunda itti fayyadamaa gochuu jechuudha.

Teknoolojiwwan kanneen namoota maatii tokko tokkoo isaanii haala daran salphaa fi mijaahaa

taheen tajaajilamaa taasisuu danda’uu mala.

Namoonni midhaamtoota qaamaa tahaan mana qulqullinaa/mana fincaanii, tajaajila wal qixa tahe

kennu malee, kanneen namoota birootiif ijaaramanirraa kan caalu ykn adda tahe hin eegan.

Haata’u malee, tajaajila wal qixaa argachuu jechuun namni tokko tokkoon haala walfakkaatuun

haa keessuumaa’aan jechuu miti, namoonni muraasni wantoota addaa ykn dabalataa barbaadu

danda’an jechuudha. Tajaajiloonni bishaanii fi saaniteeshinii wayita dizaayiniin qophaa’uu

fedhiiwwan gara garaa keessuummeesuuf filannoowwan tajaajilota gara garaa dhiyeessuu akka

danda’aanitti tahuu qaba. Fedhiiwwan namoonni midhaamtoota qaamaa tahaan irra caalaan isaa

tajaajilota salphaa fi mana qulqullinaatii guutamu kan danda’aniidha. Midhaamtoota qaamaa

tajaajila qulqullinaa keesatti hammachuu irratti garaa garummaa fiduuf kennitoonni tajaajilaa fi

maatiiwwan odeeffannoo, yaadaa fi hubannoo barbaadu. Rakkoolee tajaajilota qulqullinaa

midhaamtoota qaamaa adda addaa furmaata kennuuf ogeessa addaa ykn enjinerii tahuun hin

barbaachisu. Kaayyoo isaas hanga danda’ameetti ‘tajaajila of-danda’ee’ dhiyeessuu jechuun

tajaajiloota namni tokko gargaarsa xiqqoon ykn of-danda’ee’ malee of-danda’ee tajaajilamuu

jechuudha.

Fakkiiwwanii fi barreeffamoonni qajeeffama kana keessa jiran yo maddi isaanii ibsame malee

maxxansa/kitaaba ‘Compendium of Accessible WASH Technologies. WEDC, WaterAid and Share,

by Jones and Wilbur (2014)’ jedhamu irraa kan fudhatamanii fi haala keenya wajjiin akka wal

siman tahanii kan qophaa’aanii dha.

Meeshaalee gargaarsaa midhamtoota qaamaan gargaarama jirtaa?

Fkn: kiraanchii, barcuma-golollee (wheelchair), qaama nam-tolchee(artefishaalii),

gargaarsa nama biraatiin socho’u/hojjechuu

Rakkinaalee fayyummaa yeroo dheeraa qabdaa

Fkn: dhukkuba nama kuffisu, gartokkeen naafuu

Page 53: Qajeelfama Haammachiisummaa Qaama MidhamtootaaCOWASH · Barruun gorsi pirojektii COWASH kuni qoodha fudhattoota sadarkaa hundaa jiraniif kan barreeffame dha. Hubannoo dhimma qaama

48

1. TAJAAJILOOTA HUNDA DHAQQABUU

Dhaqqabummaa (qaqqabummaa) jechuun dhiyeessiin tajaaajilaa hundii bira gahamuu kan

danda’amu qofa osoo hin tahiin (jechuun namni kamiyyuu ittifayyadamu danda’a), namni

kamiyyuu iiti tajaaajila bira gahuu danda’uu qaba. Kanaafuu, barruun gorsaa (guidelines) kuni

dhiyeessii tajaajilootaa WASH yeroo haaraa ijaaraman ykn kanneen jiran haaroomsaman

dhimmoonni itti aanaan xiyyeeffannoo argachuu qaban.

Fageenya: dhiyeessiin tajaaajilootaa hundii hanga danda’ame iddo dhiyoo taheetti ijaaramu

qaban, kessattuu tajaajiloonnii qulqullinaa (sanitation) maatii. (Fakkii 1 armaan ol jiru

ilaali).

Fakkiin 2 karaa (daandii) mijaa’aa gara mana qulqulliinaa geessuu qarqarrii daandii

dhagaan sararame dubartoota qaroo dhabeeyyii tahaan tajaajilamuuf yeroo deeman

kan gargaaruu kan agarsiisu dha.

Page 54: Qajeelfama Haammachiisummaa Qaama MidhamtootaaCOWASH · Barruun gorsi pirojektii COWASH kuni qoodha fudhattoota sadarkaa hundaa jiraniif kan barreeffame dha. Hubannoo dhimma qaama

49

Fayyadamaa barcumagolollee

(wheelchair) gargaarsa

wajjin

Fayyadamaa barcuma-golollee

gargaarsa malee socho’u

Nama Kiraanchii ciqileerratti Nama Kiraanchii gateettiirratti hirkachuun socho’u hirkachuun socho’u (Kiraanchii bobaa jalaa)

Fakkiin 3 nammoonii midhamtoota qaamaa ta’ahan meeshaalee deeggarsaa gara

garaa kallattii adda addaatiin itti fayyadaman agarsiisa. Sababa kanaaf jecha

tajaajiloonni dhaqqabummaa qaban daandii bal’aa, balbala fi iddoo bal’ina qabuu fi

sochiidhaaf mija’u qabaachu qabu. 13

Page 55: Qajeelfama Haammachiisummaa Qaama MidhamtootaaCOWASH · Barruun gorsi pirojektii COWASH kuni qoodha fudhattoota sadarkaa hundaa jiraniif kan barreeffame dha. Hubannoo dhimma qaama

50

Karaa/Daandii Geessuu: Daandiin mijahaa jedhamu bal’ina cm 120-180 (yoo xiqqaate cm

90) kan qabu dha. Manni qulqullina maatii lafti keessaa konkiriitiin ijaarame ykn meeshaa

cimina qabuun ijaarame hundaafu faayiidaa qaba. Sadarkaan miilaan ol baasuu gara balbalaa

gamoo/manaa (darajaan) hojjetamuus kan hin mucuceessinne tahee keessattu namoota qaroo

dhabeeyyii, barcuma-golollee ykn kiraanchiin kan socho’aniif murteessaadha. Afaataan

lafaasaa, keessatti yeroo roobaa, kan dhoqqaa’ee fi mucuceessuu hin qabu. Carrachaan kan

hojjetame filatamaadha. Gufuuwwan hundi qulqulla’uu qabu. Booyiin lolaa, bollii fi lafti gadi

qotame duchamuu ykn uwwifamu qabu. Qarqarri daandiiwwanii lameen dhagaan kaa’aamee

halluu adii dibamuu akkasumas namoota qaroo dhabeeyyiif finyoo akka agarsiistutti fayyadu

danda’u hidhuun gaarii taha. Dhagaawwanii fi finyoowwan namoota kanneenii gara barbaadan

geessiisuuf gargaaarsa guddaa qabu. Qaroo dhabeeyyii keessa kanneen ifa aduu arguu

danda’aan halluun adiin daandii adda baasuuf isaan gargaara.

Page 56: Qajeelfama Haammachiisummaa Qaama MidhamtootaaCOWASH · Barruun gorsi pirojektii COWASH kuni qoodha fudhattoota sadarkaa hundaa jiraniif kan barreeffame dha. Hubannoo dhimma qaama

51

Fakkii 4: Nama gara mana qulqullinaa maatii deemuuf finyoo akka agarsiistutti

fayyadamu

Daandii akkasi hojjeechuun gatii gadii aanaa kan gaafatuu fi meeshaalee naannootti

argamaniirraa hojjetamuu ni danda’a. Daandiicha duwwaa gochuu fi dhagaawwan qarqara

daandii kaa’uuf suphaa xiqqoo kan barbaaduu ta’aa.

Fakkii 5: sadarkaan milaan ol baastuu gaggabaaboo gochuu fi sararri dalga

qaxxaamuru mucuca ittisuuf ykn xiqqeessuuf faayidaa qaba.

Page 57: Qajeelfama Haammachiisummaa Qaama MidhamtootaaCOWASH · Barruun gorsi pirojektii COWASH kuni qoodha fudhattoota sadarkaa hundaa jiraniif kan barreeffame dha. Hubannoo dhimma qaama

52

Sadarkaan milaan ol baastuu (Steps): Ol baastuu balbalrraa ijaaruun barbaachisaa yoo

tahee, lafa ol ka’aa fi iddoo dhiphootti, ol baastuuwwan balbalrraa gaggaboo fi afata bal’aa

qabu godhamuu qaba, ol baastuuwwan hundi illee dheerinaa fi gadi fegeenya walfakkaatu

qabanis. Konkiritiin simiintoo sarara dalga qaxaamooraa yeroo jidhaa mucuca xiqqeessuu

gochuu ni danda’ama. Qarqarri Ol baastuuwwanii halluu adii dibuun akka salphaatti ilaalamu

ykn adda bahuu danda’u qaroo dhabeeyyii keessa kanneen ifa aduu arguu danda’an ni

gargaara.

Qabannaawwan haarkaa (Handrails) Sadarkaawwan milaan ol baastuuwwan irratti ijaaramu

dheerina sm 70-90 qabu madaalii eeguuf gargaara. Gatiin ol baastuuwwan dabaluuf ba’u gadii

aanaa fi meeshaale naannoo irraa argaman, kan akka dhagaatiin ijaaruun ni danda’ama.

Dalga(gadi fegeenya)

Dheerina dhumaa

Fakkii 6: Kallattiwwan ijaarsa ol baastuuwwan filatamaa mm dhaan (gadii fageenya

cm 30 fi dheerina cm 16) fi qabannaawwan haarkaa (cm 70-90)

Page 58: Qajeelfama Haammachiisummaa Qaama MidhamtootaaCOWASH · Barruun gorsi pirojektii COWASH kuni qoodha fudhattoota sadarkaa hundaa jiraniif kan barreeffame dha. Hubannoo dhimma qaama

53

Fakkii 7: Daandii ol baastuu barcuma gololle mukaarraa hojjatame

Fakkii 8: daandii ol baastuu barcuma-gololle konkiritii tajaajila paampii haarkaaf

hoojjatame

Daandii Ol-baastuu barcuma-gololle (weelchair) (Ramps): Ol-baastuuwwan barcuma-

gololle namoota brcuma-gololle tiin fayyadaman qofaaf osoo hin taane, kanneen kiraanchiitti

gargaaramanii akkasumas rakkina salphaatti socha’uu qabanii fi qaroo dhabeeyyii tahaaniif

guddaa gargaara. Ol-baastuuwwan wiilcheerii irraa gadee (slope) % 8 caaluu hin qabu. Kana

jechuun dheerina meetirii 1 keessatti, ol ka’iinsi qabu cm 10 jechuudha. Mana qulqullinaa ykn

iddoon(battala) bishaan dhangala’u fuladura lafti qixa diriire ykn lafti irra qabatamu yoo

baay’ate dheerina cm 100 – cm 120 qabaachuu qaba. Ol-baastuuwwan barcuma-gololle

wiilcheerii yeroo hunda, jidhinni jiraatus , gogaa tahaanii eegamu qabu.

Page 59: Qajeelfama Haammachiisummaa Qaama MidhamtootaaCOWASH · Barruun gorsi pirojektii COWASH kuni qoodha fudhattoota sadarkaa hundaa jiraniif kan barreeffame dha. Hubannoo dhimma qaama

54

2. QULQULLINA MAATII, DHUNFAA FI DHIYEESSII BIISHAANII

Meseensonni maattii hundi fayyadamtoota qulqullinaa (sanitation) akka ta’aan, tajaajilli

qulqullinaa (sanitation) ijaaramu ykn jijjiiramu dhimmota itti aanan hammachu/dabalachu

qaba.

Fakkiiwwan 9-10: Gara bitaatiin kan jiru fakkeenya balbala bal’aa karaa alaatti banamu

agarsiisa. Gara mirgaattii immoo, fakkeenya balbala huccuu/uffata agarsiisa.

Seensaa fi balbalawwan: Balballii mana qulqullinaa hundaaf banamuu kan danda’u fi namni

keessa jiru nama alatti argamuun ilaalamu kan hin dandeenye ta’uu qaba .

Balballii fi iddoon ittiin seenan bal’aa (yoo xiqqaate bal’ina balbalaa sm 90) fi dirirrii lafaa

(keessaa fi allii walqixa diriiraa ykn garaa garuumma baayyee xiqqaa). Balballiichi gutummatti

karaa alaatti kan banamuu fi bantuun alla fi keessaa qaboo xiqqaa baratameerra haarkaan

qabamaa guddaa tahee hojjetamuu qaba. Kunis namoota wiilcheerii fi kiraanchiin

gargaaraman ykn namoota dadhaboo tahaaniif salphaatti banuu fi cufuu dandeessisa. Balballii

akkasii maateriyaalii naannoorra argaman, hucuuwwan, muka ykn sibiilarraa hojjetamuu

danda’an.

Page 60: Qajeelfama Haammachiisummaa Qaama MidhamtootaaCOWASH · Barruun gorsi pirojektii COWASH kuni qoodha fudhattoota sadarkaa hundaa jiraniif kan barreeffame dha. Hubannoo dhimma qaama

55

Fakkiiwwan 11-13: Fakkeenyota qabduwwan balbalaa fi maloota cufinsaa

QABDUWWAN BALBALAA FI MALOOTA CUFINSAA: wayita qulqullinaa iccitiin nama

dhuunfaa (qaamni namaa akka alaa hin mul’anne) fi nagummaan isaani, keessattuu kanneen

haadholee fi durbootaa, eegamuusaa mirkaneessuun barbaachisaa dha. Filannoowwan gatii

gadii aanaa bantuu qabduu balbala mukarra hojetamu, kan gatii giddu gala sibiilarraa ykn

sibiilaa fi mukkaarraa hojjetaman ykn okkoo (hooks) ni dabalata. Ol ka’insi mijaahaa qabduu

balbalaa cm 90 – cm 120 lafarra dheerateedha.

DIRIIRA LAFAA: diriirri lafaa keessoo manaa qulqulluu fi wal qixaa’aa tahee (kan hin

mucuccesine) fi karaa salphaatiin kan qulqullaa’uu danda’u, keessattuu midhamtoota qaamaa

foqoqaa deemaan fi meeshaa deeggarsaa ittiin socho’an hin qabneef tahee hojjetamu qaba.

IFAA Keessaa , QILLENSA’UU (VENTILATION) FI ICCITII DHUUNFAA: Ifaa fi qilleensii

gahaan jiraachuu qaba. Ifa gaariin jiraachuu namoota qaroon isaanii dadhaabaa taheef guddaa

gargaara. Balballii haala salphaan furamuu fi cufamuusaa, akkasumas iccitiin dhuunfaa

(qaamni isaanii alaa akka hin mul’anne) fi nagummaan isaanii eegamuu mirkanneesuun

barbaachisaa dha. Namni midhamaa qaamaa tahee mana qulqullinaa keessa yeroo dheeraaf

turuu akka danda’u hubachuun tilmaama keessa galchu qabna.

HANGA KUTAA: yoo barbaachise barucmni-goloolle cm 120 - cm 150 guutuu gingoo mana

qulqullinaa keessa naanna’uu danda’u isaa, keessoon ykn fulleen mana qulqullinaa bal’ina

gahaa qabaachuu gochuun barbaachisaa dha. Maatii keessaa namoonni barcuma goloolle

(welchair) gargaaramu yoo jiraachuu baate, keessoon mana fincaanii fuula duratti akka

fayyaduuf hanga kan bal’achuu akka qabu beekuuf akka itti aanuutti adda baasuu ni

danda’ama. Mana fincaanii keessattii qulqullaa’uu seenan yeroo quphanaa’aan (qaawwa bollaa

gubbaa qulqullaa’uuf yommuu gadii tahaan) iddoo sochiif isaan gahu gaafachuun odeeffannoo

fudhachuun iddoo sana irrattii mallattoof dhagaa ykn muka kaa’uun adda baasuun ni

danda’ama. Namoonni kiraanchiin deggaramuun socho’an ykn gargaarsa namaatiin socho’aniif

mana finacaanii keessatti iddoon dabalataa barbaachiisu mala.

Page 61: Qajeelfama Haammachiisummaa Qaama MidhamtootaaCOWASH · Barruun gorsi pirojektii COWASH kuni qoodha fudhattoota sadarkaa hundaa jiraniif kan barreeffame dha. Hubannoo dhimma qaama

56

Fakkiiwwan 14-17: Fakkeenyota qaboowwan harkaa meeshaalee gara garaarraa hojatamanii

fi iddoowwan mana qulqullinaa adda addaatti keessatti ijaaraman. Gara bitaatti, fakkeenyota

dhagaa suphee gidgiddaaraa gadi bahaanii bakka bakkatti ijaaraman namoonni qaroo

dhabeeyyii ykn midhaamaa qaamaa socho’uuf gargaarsa barbaadan karaa agarsiisuuf

gargaaran.

KEESSOO MANA QULQULLINAA: Qaboo harkaa cimaa tahe bukkee/cinaa qaawwa mana

fincaanii ykn gidgiddaa irratti lafaa dheerinni isaa cm 70 – cm 90 ol ka’ee hojjetamu

(sibiila,muka ykn shambaqqoorraa) namoota gargaaruuf ykn akka madaala isaani eegan

gochuun haala salphaan gara qaawwa bollaa akka gahan gargaara. Finyoon bantii maniichaa

gubbaa irraa gadi rarra’u ykn finyoo balballaa irraa kaasee hidhameen gargaaramu ni

danda’ama. Qaboon harkaa mukaa fi sibiilarraa hojjetaman gatii guddaa kan hin gafannee fi

meeshaalee irraa hojjetaman naannoo sanatti kan argaman waan taheef hojjeechuu fi

kununsuuf salpha taha. Dheerinni fi iddoon irratti hojjetamuuf adda bahe fedhiiwwan

tajaajimtootaa irratti hunda’uusaa mirkaneessuun barbaachisaa dha. Haa tahu malee,

qaboowwan harkaa konkiritii lafaa afameen hojjetame fi dhagaa konkiritiin wal qabatan

ijaaramuu hin qabu. Afataan lafa mana qulqullinaa konkiritiin kan ijaarame yoo tahe, qaboo

haarkaa sibiilaa yeroo manichii ijaaramuu walumaan ijaaramu ykn ijaarsan booda sibiilarratti

hidhamuu danda’a. Qaboon harkaa sibilarraa hojjetamuu tajaajila yeroo dheeraa kennuu fi

iddoo tajaajilootaa duran ijaaramantti hojjetamu danda’a. Qaboon harka haala kanaan

hojjatamu gatiin isaa guddaa yommu ta’uu, gidgiddaan isaa cimaa fi dihoo ta’uu qaba.

Namoota qaroo dhabeeyyii ykn midhaa qaroon walqabate qabaniif, wantoota tuquun adda

basuuf mallatton gargaaru mana qulqullinaa keessa deemuuf gargaaran (finyoon bantii

maniichaa gubbaa irraa gadi rarra’u ykn wantoota gidgiddaarratti akka mallattoo iddoo

qaawwa mana fincaanii agarsiisuu) hojjechuun gargaarsa guddaa kennafi. Kana malees, ijaarsi

haaraan yeroo ijaaramu, dhakaa suphee(bricks) gidgiddaa irratti konkiriitiin akka agarsiisuutti

ijaaruun ni danda’ama. Ijaarsa haaraa irratti dabaluun garuu rakkisaa taha. Gidgiddaan

ulfaatina nama tajaajilamu baachu qaba. Kana sirreessuuf baasiin barbaachisu gadii aanaa

dha.

Page 62: Qajeelfama Haammachiisummaa Qaama MidhamtootaaCOWASH · Barruun gorsi pirojektii COWASH kuni qoodha fudhattoota sadarkaa hundaa jiraniif kan barreeffame dha. Hubannoo dhimma qaama

57

Fakkiiwwan 18-21: Fakkeenyota teessoo mana fincaanii dhaabbataa fi teessoowwan

qaawwaa mana fincaanii gubbaarra ka’aman.

Page 63: Qajeelfama Haammachiisummaa Qaama MidhamtootaaCOWASH · Barruun gorsi pirojektii COWASH kuni qoodha fudhattoota sadarkaa hundaa jiraniif kan barreeffame dha. Hubannoo dhimma qaama

58

Fakkii 22: Teessoo mana fincaanii tessoo pilaastikii gidduun isaa giingoon murame

dhaabbataa fi teessoowwan qaawwaa mana fincaanii gubbaarra ka’aman.

Qaawwaa mana fincaanii ykn qabduu bishaanii gubbaa kaa’amu ni danda’ama.15

TEESSOO MANA FINCAANII: namoota quphanaa’uu (gadi taa’uu) rakkina qabaniif,

keessattu dubartoota ulfaa fi manguddootaaf, mijaawaa tahuu qaba. Quphanaa’uu kan

barbaadan yoo jiraatan, teessoon mana qulqullinaa dhaabataa ykn kan socho’u tahuu

danda’a. Maatii baadiyyaattiif teessoon socho’u meeshaawwan naannoo (kan akka

sibiila,muka ykn shambaqqoorraa) irraa hojjetamu mijaawaa, gatii rakasaa akkasumas

filannoof salphaa dha. Bishaanii fi dhangala’oon adda addaa akka namatti hin facaane iddoo

teessoo fula duraa kan ittisu qaboo pilaastikii moofaarraa hojjetamu ykn biyyeen googsuun

ni danda’ama. Teessoo vaarnishii ykn halluu diibuun daran qulqulluu gochuu ni danda’ama.

Teessoo pilaastikirraa qopheessuuf gidduu irratti qaawaa gingoon muruun ni danda’ama.

Tessoon gubbaa qaawwaa mana fincaanii irra ykn baaldii jala ka’uun fayyadamu ni

danda’ama. Inni kun iccitummaa dhuunfaa eeguu irratti rakkina qabaatus, namoota

socho’uuf rakkoo qaban ni gargaara.

DHIQANNAA HARKAA: tajaajilli dhiqannaa harkaa ykn bishaan ujuummoo (bonbaa) itti

kennamu lafarraa ol ka’umsa cm 50 – cm 90 tti irratti (fedhii fayyadamtoota maatii giddu

galeessa godhachuun) saamuunnaa wajjin mooraa keessatti ykn mana qulqullinaa cinaatti

qophaa’uu qaba. Jeeriikaanii ykn qaboo pilaastikii irraa gatii salphaan qaphaa’u namoota

human dadhaboo tahaaniif ykn harka tokkoon qofa gargaaramaniif faayidaa qaba.

.

Page 64: Qajeelfama Haammachiisummaa Qaama MidhamtootaaCOWASH · Barruun gorsi pirojektii COWASH kuni qoodha fudhattoota sadarkaa hundaa jiraniif kan barreeffame dha. Hubannoo dhimma qaama

59

Fakkii 23: Fakkeenya naannoo qaama dhiqannaa

Shaawarii/ naannoo qaama dhiqannaa: namoonni wayita qaama dhiqatan alaa gara

keessatti waan tokkoollee mul’achuu hin qabu. Iddoon qulqullinaa hundaaf tajaajila

kennuuf banaa tahuu qaba. Namoonni yeroo dheeraaf dhaabbatanii (ijaajjanii) dhiqachuu

hin dandeenyeef (kanneen madaalii isaanii eeganii dhaabbachuu hin dandeenye, socho’uuf

rakkina qaban ykn ulfa yeroon dahuumsaa gaheef) meeshaa irra tahaanii dhiqatan

meeshaale naannoo (muka, dhakaa) irraa hojjechuun ni danda’ama. Qabduun bishaanii

iddoo mijaawaa tahe gubbaa irratti kaa’amu danda’a. Gatiin isaa gadii aanaa tahuus bishaan

itti guutuuf gargaarsa nama biraa barbaada.

Fakkii 24: Bishaan dhugaatii maatii qabduu bishaanii keessaa dhangala’ee faayidaaf oolu.

Bishaan Dhugaatii Maatii: qabduu bishaanii ykn baaldii qadaaddii cimaa qabuu fi

ujummoo bishaaniin dhiyootti akka tajaajilu godhamu namoonni humnaan dadhaboo tahan,

madaala isaanii eeganii kan hin dhabbanne, harka tokkootti qofa kan fayyadaman bishaan

barbaadan haala salphaa fi gargaarsa malee akka argachuu danda’aan taasisuun

barbaachisaadha.

Page 65: Qajeelfama Haammachiisummaa Qaama MidhamtootaaCOWASH · Barruun gorsi pirojektii COWASH kuni qoodha fudhattoota sadarkaa hundaa jiraniif kan barreeffame dha. Hubannoo dhimma qaama

60

3. EEGUMSA QULQULLIN (SAANITESHINII) DHAABBILEE FI DHIHEESSII

BISHAANII

Tajaajilonnii qulqullinaa (sanitation) dhaabbilee kanneen akka manneen barnootaa fi

dhaabbilee fayyaa hundu dhaqqabamaaa tahuu qabu. Ministeeronnii Eegumsa Fayyaa fi

Barnootaa Federaalaa Maanuwaali haala dizaayinii fi ijaarsa qajeelfamoota raawwii

tajaajilota kanneenii gadi fageenyaan qopheessanii jiru. Ibsoonni raawwii qajeelfama

raawwii kutaa 1 keessa dhaqabummaa tajaajilota irratti ibsaman dhaabbilee tajaajilota

WASHn kan hojiirra oolu tahan.

3.1. KEELLAAWWANI FI BUUFATAALEE FAYYAA

Maanuwaaliin Dizaayinii fi Hojiirra Oolmaa Dhaabbilee Fayyaa Tajaajilota WASH

biyyaaleessaa (2012)16 qajeelfama raawwii ijaarsaa fi suphaa dhiyeessii tajaajilota bishaanii,

saaniteshinii fi haayijiinii keellaawwani fi buufataalee fayyaa ibsa.

Tajaajilonni WASH dhaabbilee fayyaa keessatti kennaman midhamtoota qaamaa,

dubartoota ulfaa fi dhiyootti kan da’an, manguddootaa fi dhukkubsatoota midhamaniif

dhaqqabama tahuu qaba.

Filannoo iddoo tajaajilota qulqullinaa (sanitation) ilaalchisee, maanuwaaliin raawwii akka

ibsutti, tajaajiloonni qulqullinaa kun bufaltaalee fayyaa irraafagoo tahuu hin qaban. kunis

dhukkubsatoonni midhamtoota qaamaa dabalatee fageenya dheeraa gara mana fincaanii

deemuu hin qaban yaada jedhuu irraa kan madde. (Haata’u malee meetrii 6 caalu qaba).

Fakkiin 25 armaan olii maanuuwaliirra fudhatame mana fincaani ammayaa’aa (VIP

Latrine) buufata fayyaa agarsiisa. Kutaalee gara bitaatiin jiran nama hunda

tajaajiiluuf banaa kan tahee, bal’ina dabalataa keessaa, balbala bal’aa (meetirii 1),

olbaastuu barcuma-golollee fi gargaartu qaboo harkaa kan qabu dha.

Page 66: Qajeelfama Haammachiisummaa Qaama MidhamtootaaCOWASH · Barruun gorsi pirojektii COWASH kuni qoodha fudhattoota sadarkaa hundaa jiraniif kan barreeffame dha. Hubannoo dhimma qaama

61

16 http://www.cmpethiopia.org/page/660

Fakkiin 26 armaan olii maanuuwaliirra fudhatame mana fincaani ammayaa’aa (VIP

Latrine) buufata fayyaa agarsiisa. Kutaalee gara bitaatiin jiran nama hunda

tajaajiiluuf banaa tahee, bal’ina dabalataa keessaa, balbala bal’aa (meetirii 1),

olbaastuu barcuma-golollee fi qaboo harkaa gargaartuu kan qabu dha.

Qaboo harkaa ujuummoo siibiilaa ykn kan bakka bu’u fi kemikaalii ligdii ittisu 1” dibame

Qaboo harkaa ujuummoo siibiilaa

kemikaalii ligdii ittisu 1” dibame

cm30 walirra fagaatu

lafarraa kaasee olbaastuu wiilcheerii

olka’insa irraa oolee %6

Page 67: Qajeelfama Haammachiisummaa Qaama MidhamtootaaCOWASH · Barruun gorsi pirojektii COWASH kuni qoodha fudhattoota sadarkaa hundaa jiraniif kan barreeffame dha. Hubannoo dhimma qaama

62

Fakkiin 27 armaan olii kun ol baastuu barcuma golollee mana qulqullinaa agarsiisa. Qaboo

harkaa bitaaf mirgaan jiran kan ijaaraman sibiilaarraa tahee dibaa sibilli akka hintortorre

ittisu qaba. Bal’inni ol baastuu cm 130 fi ol ka’iinsi %6 dabalaa deemu qaba.

Qaboo harkaa ujuummoo

siibiilaa (materiyaalii bakka

bu’u) kemikaalii sibilli akka

hintortorre ittisu 3/4" dibame

Teessoo qaama

miidhamtootaa

Kutaalee manneen qulqullinaa dhiiraa fi dubartootaa keessaa inni tokko (ijaarsa ol baastuu

kan agarsiisu fi balballi isaa bal’aa kan taheedha) teessoon ol ka’aa qaboo sibiilaa harkaa

(fakkii 28 gubbaa jiru) faayidaarra ooluuf ijaaramuu qaba. Iddoon tajaajila bishaanii,

meeshaa hucuun keessatti miccamu fi kutaaleen dhiqannaa qaamaa, kanneen barcuma-

golollee fayyadaman dabalatee, hundaaf dhaqqabamaan mirkanaa’uu qaba. Ol baastuu

barcuma-golollee, balbalaa bal’aa fi iddoon bishaan dhangalaasu ol ka’insa gara garaatti

qophaa’uu qaba.

3.2. MANNEEN BARNOOTAA

Maanuwaaliin Dizaayinii fi Ijaarsaa Dhiyeessii Tajaajilota Bishaanii fi Qulqullinaa (Sanitation)

Manneen Barnootaa Tokkooffaa Itophiyaa (MoH, MoE, MoWIE)17 hojiirra oolmaa gochaa

dizaayinii fi ijaarsaa tajaajilota manneen barnootaa tokkooffaa agarsiisa.

Manuuwaaliin kun qajeeltowwan dizaayinii mana qulqullinaa/fincaanii ijoolleef mijaahoo,

hundaaf dhaqqabamaa tahee fi fedhii addaa keessuummeessuu danda’u tahuu qaba.

Manni qulqullinaa mooraa mana baruumsaa keessatti kutaalee barnoonni itti

kennamuurraa fagoo tahuu hin qabu. (yoo xiqqaate meetrii 6, yoo baayyate meetrii

30 hanga 50tti)

Manneen qulqullinaa haala salphaan tajaajila kennu qabuu, ol baastuun balbalarraa

haala salphaattii bahuu fi bu’uu dandeessisuu danda’u, qaboon bantuu balbalaa

dhiyootti dhaqqabamaa fi keessoon manichaa ifa gahaa qabaachuu qaba.

Tajaajilonni mana qulqullinaa ijoollee midhamtoota qaamaa tahaaniif, kutaaleen

dhiiraa fi dubartootaa adda bahaanii sirreeffama barbaachisu wajjin qopha’uu qabu.

Teessoon mana fincaanii keessaa ol ka’aa, ol baastuun barcuma-golollee fi qabaa

harkaa hundi (iddo gahaa wajjin) guutamuu qaban.

Midhamtoonni qaamaa dubartootaa fi dhiiraa dizaayiniin ijaarsaa sirrii tahuu ykn

fedhii isaanii guutuu isaa mariisiisuun mirkaneessuun barbaachisaa dha.

Page 68: Qajeelfama Haammachiisummaa Qaama MidhamtootaaCOWASH · Barruun gorsi pirojektii COWASH kuni qoodha fudhattoota sadarkaa hundaa jiraniif kan barreeffame dha. Hubannoo dhimma qaama

63

Kutaan ijoollee midhamtoota qaamaaf ijaaramuu ijoollee kanneen biroorraa bal’inaan

caaluu (meetirii 1.5 x 2) fi balbala bal’aa (cm 90) tahuu qaban. Akkaataa

maanuwaaliichaatti olbaastuun barcuma-golollee dhundhula (slope) 12 keessaa 1 tahuu

qaba. Teessoo konkiritii dhagaa fi qaboo harkaa sibiilaa abba ujuummoo jiraachuu qaba.

Fakkii 29 ijaarsa ol baastuu barcuma-golollee gara mana quulqullinaa geessuu.

Fakkii 30 gara bitaatiin safartuu ol ka’insa teessoo mana fincaanii dubartii fi

dhiiraa konkiritiirraa hojjatame seenti meetiriidhaan agarsiisa. Fakkii 31 karaa

mirgaatiin jiru fakkenyota ijaarame agarsiisa. Kutaaleen dubartii fi dhiiraa teessoo

mana fincaanii fi qaboo harkaa qabu.

Page 69: Qajeelfama Haammachiisummaa Qaama MidhamtootaaCOWASH · Barruun gorsi pirojektii COWASH kuni qoodha fudhattoota sadarkaa hundaa jiraniif kan barreeffame dha. Hubannoo dhimma qaama

64

Tajaajiloota Dhiqannaa Harkaa: dhangalaastuu bishaan ujuummoo ijoollee umurii fi gara

garaaf ol ka’insa adda addaratti (sm 50 and 70) hojjetamuu qaba – fakkeenyaaf

dhangalaastuu bishaanii ol ka’insa gabaabaa irra hojjatame ijoollee midhamtoota qaamaa

barcuma-gololleen gargaaraman salphaatti dhaqqabu.

Dhiyeessii Bishaan Dhugaatii: mana baruumsaa keessatti hundaaf dhaqqabamaa tahe

dhiyaachuu qaba. Manni baruumsaa bishaan burqaa dhugaatiif tahu taankarii gubbaatti

kusan bishaan ujuummoo keessaa dhangala’uu olka’insa (50 and 70 cm), kutaalee

barnootaatti kan dhiyaatee ijaaramu qaba. Naaannoo isaas mucucaa fi dhoqqee irraa

qulqulla’uu qaba.

Qulqullina Haayijiinii Addaa Dubartootaa Gaggeessuu (Menstrual Hygiene

Management (MHM)): shamarran midhamtoota qaamaa tahaaniif tajaajiloota qulqullinaa

addaa dhiyaachuu qaba. Qajeeltowwan manneen qulqullinaa mana barnootaa kan

walfakkaatu dha. Daandiin gara mana qulqullinaa geessu adda bahee mallattoo qabaachuu

qaba. Balballi isaas tajaajilamtoota hundaaf banaa tahuu qaba.

Tajaajiloota qulqullinaa manneen barnootaa keessatti WASH dhaan deggaramu bu’aa

qabeessuumaan gaggeessuuf, ijoollee midhamtoota qaamaa fi maatii isaanii dabalatee,

qaamota dhimmi ilaalatu hunda hirmaachisuun barbaachisaadha. Ijaarsi gaggeeffamu

dizaayinii hunda hammate tahuu qaba. Kana irratti hordoffiin ijaarsaa gaggeeffamu qaba.

3.3. DHAABBILEE GARA GARAA KANBIRAA FI IDDOOWWAN

HAWAASNI ITTI BAAY’INAAN ARGAMU

Dhaabbilee gara garaa kan biraa fi iddoowwan hawaasni itti baay’inaan argamu (

wirtuuwwan leenjii qonnqn bultootaa, manneen sirreessaa, iddoowwan amantaa, bufataalee

geejjibaa) tajaajiloota qulqullinaa WASH dhaan deggaramu hundaaf dhaqqabamaa tahuu

qaba. Qajeelfaminni raawwii sanada kana keessatti kanaan dura gubaatti ibsame

hordofamuu qaba. Tajaajilonni dhaqqabumaa fi hundaa banaa tahuu qaban.

Page 70: Qajeelfama Haammachiisummaa Qaama MidhamtootaaCOWASH · Barruun gorsi pirojektii COWASH kuni qoodha fudhattoota sadarkaa hundaa jiraniif kan barreeffame dha. Hubannoo dhimma qaama

65

4. TAJAAJILOTA BISHAN HAWAASAA

Dhiyeessota bishaaniitiif Dizaayinii Istaandaardii (Sadarkaa) Dhaqqabummaa agarsiisu

Ministeera Bishaanii, Jallisii fi Ibsaa qophaa’e hin jiru. Haa tahuu malee, dhiyeessonni

bishaanii haala hundaaf dhaqqabamaa ta’uu danda’uun ijaaramuu qaban.

Fakkiiwwan 32-33: Fakkeenyota dhiyeessii tajaajilota bishaanii

dhaqabamaa ( bolla bishaani abbaa paampii harkaa fi ujuummoo

dhangalaastuu ). Daandii walqixaa, bal’aa, dallaa hin qabne fi sirritti diriiree

barcuma-gololee iif mijaahaa tahe. Iddoo bal’aa tajaajila bishaanii

socho’uuf gahaa tahe qaba.

Page 71: Qajeelfama Haammachiisummaa Qaama MidhamtootaaCOWASH · Barruun gorsi pirojektii COWASH kuni qoodha fudhattoota sadarkaa hundaa jiraniif kan barreeffame dha. Hubannoo dhimma qaama

66

Ijaarsi iddoo tajaajila bishaanii dhaqqabamaa, cimaa, bal’ina gahaa fi karaan

barcumni gololee deemsiisuf mijaahaa tahuu qaba. Karaan itti seenan bal’inaa fi

kan hin mucuceessine tahuu qaba. Dallaan iddoo tajaajila yoo ijaaramee, tajaajila

dhorkuu keessattuu daandii barcuma-gololee cufuu hin qabu.

Fakkii 34: Fakkeenya bishaan bollaa abbaa paampii harkaa fi bakka qabduun

bishaani irra taa’u qubu fi kaasuuf mijaa’aa tahe.Iddoo qabduun bidshaanii irra

taa’u/qubatu (tilmaamaan cm 70) bakka tajaajila bishaaniitti jeerikaanii ol kaasanii

baachuuf mijaa’aa tahee ijaaramu qaba. Kunis namoota humna laafaa qaban, kanneen

madaalii qabduu bishaanii eeguu ykn qabuuf rakkataniif gargaara. Gatii ijaarsa isaas gadii

aanaa dha.

Bakka tajaajila bishaanii eeguuf, ujuummoo keessa dhangala’uu olka’insa gara

garaatiinijaaramu qaba, yoo namoonni tokko tokkoo kanneen istaandaardii 70 cm gahuu

dadhabaniif 50 cm irratti ijaaruu ni danda’ama.

Page 72: Qajeelfama Haammachiisummaa Qaama MidhamtootaaCOWASH · Barruun gorsi pirojektii COWASH kuni qoodha fudhattoota sadarkaa hundaa jiraniif kan barreeffame dha. Hubannoo dhimma qaama

67

Fakkiiwwan 35-36: Fakkeenyota namoonni barcuma-gololee (Weelchair) fi kiraanchii

gargaaraman bishaan waraabanii deeman

Namoonni barcuma gololee (wheelchair)ykn kiraanchiin fayyadaman Meeshaa isaani

fayyadamani bishaan Gejjibu ni danda’u. Jeeriikaaniin miila abbaa wiilcheerii jala lafa

kaa’aame madaalii isaa akka eeguuf guutamuu hin qabu. Jeeriikaaniin xiqqaa qaboo harkaa

qabu immoo gaarii tahuu danda’a.

Namoonnii iddoo bishaan dhangala’uu dhaqqabuu hin dandeenye fi karaan gara iddoo

bishaanii geessuu ta’uumsa lafaarraa kan ka’e kan hin hojjetamne yoo tahee, filannoon

bishaani waraabanii gara manaatti fiduu ilaalamuu qaba. Filannoowwan teknikaa bishaani

waraabanii gara manaatti fiduu jiran ujuumoo bishaanii gara mana jireenyaatti dirirsuu,

bishaan bantii mannarraa kuusuu, bolla bishaaniitti fayyadamu, fi sirna bishaan itti

qulqullaa’u fkn calaluu, keemikaaloota qulqulleessan itti naquu kkf dha.

Page 73: Qajeelfama Haammachiisummaa Qaama MidhamtootaaCOWASH · Barruun gorsi pirojektii COWASH kuni qoodha fudhattoota sadarkaa hundaa jiraniif kan barreeffame dha. Hubannoo dhimma qaama

68

KUTAA C :LEENJII QAJEELFAMA IDILEFFAMU (HAMACHISUMMAA)

QAAMA MIDHAAMTOOTAA

Kutaan kun tarreeffama tokko tokkoon leenjii COWASH midhaamtoonni qaamaa ittin

hammatamuf karoorfameagarsiisa.

1. QAJEELFAMA RAAWWII LEENJII LEENJISTOOTAA OGEESSOTA

NAANNOO MIDHAAMTOONNI QAAMMAA ITTIN HAMMATAMU

Tarreefamota leenjii:

Gosoota

leenjii

Gareewwan

manii

turtiileenjii Qabiyyeewwan

leenjii

Leenjiiffamt

oota

Qaama itti

gaafatamu

Qajeelfama

Raawwii

Leenjii

Leenjistootaa

Ogeessota

Naannoo

Midhaamtoon

ni qaamaa

Ittin

Hammatamu

Garee

Deggarsa

Naannoolee 5

(miseensota

garee hunda)

Naannoolee

tokko

tokkoorraa

bakka

bu’aa/buutuu

Dhaabbata

qaama

midhamtoota

irraa nama

tokko

Ogeessa EoF

tokko

Guyyoota

4

Yaad-rimee

Miidhama qaamaa

Qabatama

Imaammata

Danqaa/Gufuuwwan

haammachu

midhamtoota

qaamaaFurmaataw

wan hammataa

midhamtoota

qaamaa WASH

Gahee fi

faafatamummaa

qooda fudhattoota

Hirmaannaa

midhamtoota

qaamaa hundaa

Leenjii Karoorsu

Ogeessota

ECDD fi

Garee

Deggersa

teekniikaa

Federaalaa(

FTAT)

COWASH

waliin

Garee

Deggersa

teekniikaa

FederaalaaF

TAT

COWASH

SAGANTAA LEENJII

Guyyaa 1ffaa Jildii 1ffaa Miidhamuun qaamaa maaliidha?

Jildii 2ffaa Gufuuwwan

Jildii 3ffaa Rakkoolee Itophiyaa keessati midhamtoota qaamaa mudatan

Jildii 4ffaa Sababoota fi barmaatilee sobaa midhamtoota qaamaarratti

gaggeefaman

Midhamtoota qaamaa wajjin akkamitti walhubatanii waliin

Page 74: Qajeelfama Haammachiisummaa Qaama MidhamtootaaCOWASH · Barruun gorsi pirojektii COWASH kuni qoodha fudhattoota sadarkaa hundaa jiraniif kan barreeffame dha. Hubannoo dhimma qaama

69

hojjetan

Jildii 5ffaa Mirgoota fi imaammta qaamaa maadhamtootta

Itophiyaa keessatti Qooda fudhattoota ijoo qaamaa

maadhamtoota

Guyyaa 2ffaa Jildii 6ffaa Qaamaa maadhamtootta WASH keessatti hammachuu/dabaluu

maaliif barbaachse?

Jildii 7ffaa Gaggesummaa Pirojektii qaama midhamtoota COWASH keessatti

haala itti hammatamu

Qaama midhamummaa akkaataa ittiin safaran

Karoorsu, Baajateessuu, hordoffii fi gabaasa

Jildii 8ffaa Furmaatawwan hammachuu/dabaluu qaamaa maadhamtootaa

WASH keessatti

Jildii 9ffaa Odiitii Dhaqqabummaa

Jildii 10ffaa Xinxala guufuuwwan WASH fi furmaatan isaanii

Guyyaa 3ffaa Jildii 11ffaa Gahee fi itti gaafatamummaa qooda fudhattootaa

Jildii 12ffaa Marsaalee Pirojektii hawasaan hogganamu (CMP)keessatti

Qaamaa maadhamtoota hammachuu

Jildii 13ffaa Adeemsa CLTSH keessatti Qaamaa maadhamtoota hammachuu

Guyyaa 4ffaa Jildii 14ffaa Leenjiiwwan COWASH

Leenjii karoorsuu

Karoora kallttii agarsiistuu waliigalaa qopheessuu

2. QAJEELFAMA RAAWWII LEENJII LEENJISTOOTAA OGEESSOTA

NAANNOO MIDHAAMTOONNI QAAMMAA ITTIN HAMMATAMU (KUTAA

2FFAA)

Tarreefamota leenjii:

Gosoota

leenjii

Gareewwan

manii

Turtii

leenjii

Qabiyyeewwan

leenjii

Leenjiiffamtoo

ta

Qaama

itti

gaafatam

u

Qajeelfama

Raawwii

Leenjii

Leenjistootaa

Ogeessota

Naannoo

Midhaamtoon

ni Qaammaa

Ittin

Hammatamu

Seektaroota

naannoo

armaan gadii

irraa Ogeessa

tokko tokko

Dhimma

Dubartootaa

fi Daa’immani

Biiroo

Eegumsa

Fayyaa

Biiroo

Barnootaa

Biiroo

Dhimma

Hojjataa fi

Hawaasumma

Guyyoot

a 3

Yaada rimee

midhamuu qaamaa

Qabatama

Imaammata

Danqaa/Gufuu

haammachu

midhamtoota

qaamaaFurmaataw

wan hammataa

midhamtoota

qaamaa WASH

Gahee fi

faafatamummaa

qooda fudhattoota

Hirmaannaa

midhamtoota

qaamaa hundaa

Leenjii Hojiilee

Ogeessa tokko

Yunitii

deggarsa

naannoolee

tokkoo

tokkoorraa

Gorsaa tokko

ECDD,

ogeessa

jalqabaa/

ispeshalistii

Ijaarsa

dandeetti( CB)

COWASH

wajjin

Garee

Deggarrs

a

Teeknika

a

federaala

a (FTAT)

COWASH

Page 75: Qajeelfama Haammachiisummaa Qaama MidhamtootaaCOWASH · Barruun gorsi pirojektii COWASH kuni qoodha fudhattoota sadarkaa hundaa jiraniif kan barreeffame dha. Hubannoo dhimma qaama

70

a

Biiroo

Intarpiraayisii

Maayikiroo

xixiqqaa

(IMX)

Ejansii

Leenjii

Teeknikaa fi

Ogummaa

COWASH karoorsu

Leenjii gadii

buusuu

SAGANTAA LEENJII

Guyyaa 1ffaa Jildii 1ffaa Miidhamuun qaamaa maaliidha?

Jildii 2ffaa Gufuuwwan

Jildii 3ffaa Rakkoolee Itophiyaa keessati midhamtoota qaamaa mudatan

Jildii 4ffaa Sababoota fi barmaatilee sobaa midhamtoota qaamaarratti

gaggeefaman

Midhamtoota qaamaa wajjin akkamitti walhubatanii waliin

hojjetan

Jildii 5ffaa Mirgoota fi imaammta qaamaa maadhamtootta

Itophiyaa keessatti Qooda fudhattoota ijoo qaamaa

maadhamtoota

Guyyaa 2ffaa Jildii 6ffaa Qaamaa maadhamtootta WASH keessatti hammachuu/dabaluu

maaliif barbaachiise?

Jildii 7ffaa Gaggesummaa Pirojektii qaama midhamtoota COWASH keessatti

haala itti hammatamu

Qaama midhamummaa akkaataa ittiin safaran

Karoorsu, Baajateessuu, hordoffii fi gabaasa

Jildii 8ffaa Furmaatawwan hammachuu/dabaluu qaamaa maadhamtootaa

WASH keessatti

Jildii 9ffaa Odiitii Dhaqqabummaa

Jildii 10ffaa Xinxala guufuuwwan WASH fi furmaatan isaanii

Guyyaa 3ffaa Jildii 11ffaa Gahee fi itti gaafatamummaa qooda fudhattootaa

Jildii 12ffaa Marsaa CMO keessatti Qaamaa maadhamtoota hammachuu

Jildii 13ffaa Adeemsa CLTSH keessatti Qaamaa maadhamtoota hammachuu

Jildii 14ffaa LeenJiiwwan COWASH

Page 76: Qajeelfama Haammachiisummaa Qaama MidhamtootaaCOWASH · Barruun gorsi pirojektii COWASH kuni qoodha fudhattoota sadarkaa hundaa jiraniif kan barreeffame dha. Hubannoo dhimma qaama

71

3. MISEENSOOTA GAREELE WASH AANAALEE FI GODINAA HUNDAA FI

AKKASUMAS EEKISPARTOOTAWASH AANAA FI GODINALEE

TARREEFAMOTA LEENJII:

Gosoota

leenjii

Gareewwan

manii

Dheerina

leenjii

Qabiyyeewwan

leenjii

Leenjistoota Qaama itti

gaafatamu

gareele WASH

Aanaalee fi

godinaa

hundaaf

WASH

haammaciisaa

irratti

hubbannoo

cimssu

Miseensoota

Garee WWT

Godinaa fi

Aanaalee

akkasumas

Ogeesota

sektaroorta

armaan gadii

irraa nama

tokko tokko

Fayyaa

Bishaani

Barnoota

dhimmi

Hojjataa fi

Hawaasumma

a

maallaqaa fi

Walta’iinsa

Dinagdee

Ejansii

Intarpiraayizii

Maayikiroo fi

xixiqqaa

Ejansii

Teeknikaa,

Vokeeshinii fi

leenii irra

ta’uu

Dhaabbilee

Qaama

Midhamtoota

irraa (Godina

keessa yoo

jiraate)

(DPOs)(Godin

a keessa yoo

jiraate)

Guyyaa 1 Yaada rimee

midhamuu qaamaa

Qabatama

Imaammata

Danqaa/Gufuu

haammachu

midhamtoota

qaamaaFurmaataw

wan hammataa

midhamtoota

qaamaa WASH

Gahee fi Itti

gaafatamummaa

qooda fudhattoota

Yunitii

Deggarsa

Naannoolee

Ogeessa

Dhaabbata

Qaama

midhamtoot

aa (DPO

leenji’e

Biroolee

bishaan kan

naanno fi

Garee

Deeggarsa

Teekniikaa

Federaalaa

Page 77: Qajeelfama Haammachiisummaa Qaama MidhamtootaaCOWASH · Barruun gorsi pirojektii COWASH kuni qoodha fudhattoota sadarkaa hundaa jiraniif kan barreeffame dha. Hubannoo dhimma qaama

72

SAGANTAA LEENJII

Guyyaa 1ffaa Jildii 1ffaa Miidhamuun qaamaa maaliidha? (Daqiiqaa 120)

Jildii 5ffaa Mirgoota fi imaammta qaamaa maadhamtootta(Daqiiqaa 60)

Jildii 8ffaa Furmaatawwan hammachuu/dabaluu qaamaa maadhamtootaa

WASH keessatti (Daqiiqaa 90)

Hojirra oolman hammachuu/dabaluu qaamaa maadhamtootaa

WASH akkamitti gochaan raawatama? (Daqiiqaa 30)

Jildii 11ffaa

Waliigala

Gabaabinaa

Gahee fi itti gaafatamummaa qooda fudhattootaa(Daqiiqaa 30)

4. LEENJII LEENJISTOOTAA OGEESSOTA GODINAAFI AANAA ITTI

FAYYADAMA QAJEELFAMA MIDHAAMTOONNI QAAMMAA ITTIN

HAMMATAMAN IRRATTI

Tarreefamota leenjii:

Gosoota

leenjii

Gareewwan

manii

Dheerina

leenjii

Qabiyyeewwan leenjii Leenjiiffamt

oota

Qaama itti

gaafatamu

Leenjii

Leenjistootaa

Ogeessota

Godinaafi

Aanaa itti

fayyadama

Qajeelfama

Midhaamtoon

ni Qaammaa

Ittin

Hammataman

irratti

Eekipartoota

WASH

Aanaalee fi

godinaalee

(Fookaal

parsonii

COWASH

Biroolee

bishaan,

fayyaa,

barnnota,

dhimma

dubartoota,

dhimma

hawaassumm

aa aanaa fi

godinaa yo

jiraate )

Offissara

moobilaayzee

shinii

hawasaa

biroo bishaani

Guyyoota

2

Gufuuwwan qaama

midhamtootaa

hammachuu/dabalu

Gahee fi

faafatamummaa

qooda fudhattoota

Hirmaannaa

midhamtoota qaamaa

hojii hundaa keessatti

Furmaatawwan

hammachuu/dabaluu

qaamaa

maadhamtootaa

WASH keessatti

Yunitii

Deggarsa

Naannoolee

Ogeessota

Dhaabbilee

Qaama

midhamtoot

aa (DPOs)

naannoolee

nji’an

Biiroo

Bishaan,

Albuudaa fi

Inarjii

naannoo

Page 78: Qajeelfama Haammachiisummaa Qaama MidhamtootaaCOWASH · Barruun gorsi pirojektii COWASH kuni qoodha fudhattoota sadarkaa hundaa jiraniif kan barreeffame dha. Hubannoo dhimma qaama

73

SAGANTAA LEENJII

Guyyaa 1ffaa Jildii 2ffaa Gufuuwwan qaama midhamtootaa hammachuu/dabalu

Jildii 3ffaa Rakkoolee Itophiyaa keessati midhamtoota qaamaa mudatan

Jildii 4ffaa Sababoota fi barmaatilee sobaa midhamtoota qaamaarratti

gaggeefaman

Midhamtoota qaamaa wajjin akkamitti walhubatanii waliin

hojjetan

Jildii 6ffaa Qaamaa maadhamtootta WASH keessatti hammachuu/dabaluu

maaliif barbaachse?

Jildii 7ffaa Gaggeessuummaa pirojeektii qaamaa maadhamtootta WASH

keessatti hammachuun midhamuu qaamaa madaaluu

Jildii 9ffaa Odiitii Dhaqqabummaa

Jildii 10ffaa Xinxala guufuuwwan WASH fi furmaatan isaanii

Guyyaa 2ffaa Jildii 11ffaa Gahee fi itti gaafatamummaa qooda fudhattootaa

Jildii 12ffaa Marsaa CMO keessatti Qaamaa maadhamtoota hammachuu

Jildii 13ffaa Adeemsa CLTSH keessatti Qaamaa maadhamtoota hammachuu

Guyyaa 4ffaa Jildii 14ffaa Leenjiiwwan COWASH

5. HAALA WASH SADARKAA AANAATTI MIDHAAMTOTA QAAMMAA ITTIN

HAMMATAMURRATTI HUBANNOO CIMSUU

Tarreefamota leenjii:

Gosoota

leenjii

Gareewwan

manii

Dheerina

leenjii

Qabiyyeewwan leenjii Leenjiiffamt

oota

Qaama itti

gaafatamu

WASH

Sadarkaa

Aanaatti

Midhaamtota

Qaammaa

Ittin

Hammatamu

rratti

Hubannoo

Cimsuu

Seektaroota

WASH

sadarkaa

Aanaa

Bulchiinsa

Bishaan

Fayyaa

Barnoota

Dhimma

Dubartii

Qonnaa

Dhimma

hawaasum

maa

Int

Guyyaa 1 Yaada rime Midhama

qaamaa

Fireemwarkii

Imaammata COWASH

Hammachuu/Dabaluu

midhamtoota qaamaa

Gahee fi

faafatamummaa

qooda fudhattootaa

Furmaatawwan

hammachuu/dabaluu

qaamaa

maadhamtootaa

WASH keessatti

Ofiisera

sochii

hawasaa

Waajjira

Bishaanii

Waajjira

Bishaanii

aanaa

Page 79: Qajeelfama Haammachiisummaa Qaama MidhamtootaaCOWASH · Barruun gorsi pirojektii COWASH kuni qoodha fudhattoota sadarkaa hundaa jiraniif kan barreeffame dha. Hubannoo dhimma qaama

74

Maayikiroo

fi xixiqqaa

Bakka

bu’oota

Dhaabbile

e Qaama

midhamto

ota

sadarkaa

aanaa

(yoo

Jiraatan)

SAGANTAA LEENJII

Guyyaa 1ffaa Jildii 1ffaa Miidhamuun qaamaa maaliidha? (Daqiiqaa 120)

Jildii 5ffaa Mirgoota fi imaammta qaamaa maadhamtootta(Daqiiqaa 60)

Jildii 8ffaa Furmaatawwan hammachuu/dabaluu qaamaa maadhamtootaa

WASH keessatti (Daqiiqaa 90)

Hojirra oolman hammachuu/dabaluu qaamaa maadhamtootaa

WASH akkamitti gochaan raawatama? (Daqiiqaa 30)

Jildii 11ffaa

Waliigala

Gabaabinaan

Gahee fi itti gaafatamummaa qooda fudhattootaa(Daqiiqaa 30)

6. LEENJII QOODA FUDHATOOTA SADARKAA GANDAA WASH

MIDHAAMTOTA QAAMMAA HAMMACHUU/DABALUU IRRATTI

Tarreefamota leenjii:

Gosoota

leenjii

Gareewwan

manii

Dheerina

leenjii

Qabiyyeewwan leenjii Leenjiiffamt

oota

Qaama itti

gaafatamu

Leenjii

qooda

fudhatoota

Sadarkaa

gandaa

WASH

Midhaamtota

Qaammaa

Hammachuu

/Dabaluu

irratti

Miseensota

garee WASH

Gandaa

Dura bu’oota

Amantii,

Maangudoota,

Dhaabile

Qaama

Midhamtoota

gandaa (yoo

jiraatan

Guyyoota

2

Hubannoo waa’e

Yaad-rimee

midhamtoota

qaamaaGahee fi

faafatamummaa

qooda fudhattootaa

Furmaatawwan

hammachuu/da

baluu qaamaa

maadhamtoota

a WASH

keessatti

Ofiisera

sochii

hawasaa

Waajjira

Bishaanii

Waajjira

Bishaanii

aanaa

Page 80: Qajeelfama Haammachiisummaa Qaama MidhamtootaaCOWASH · Barruun gorsi pirojektii COWASH kuni qoodha fudhattoota sadarkaa hundaa jiraniif kan barreeffame dha. Hubannoo dhimma qaama

75

SAGANTAA LEENJII

Guyyaa 1ffa Jildii 1ffaa Miidhamuun qaamaa maaliidha?

Jildii 2ffaa Gufuuwwan

Jildii 3ffaa Rakkoolee Itophiyaa keessati midhamtoota qaamaa mudatan

Jildii 4ffaa Sababoota fi barmaatilee sobaa midhamtoota qaamaarratti

gaggeefaman

Midhamtoota qaamaa wajjin akkamitti walhubatanii waliin

hojjetan

Jildii 5ffaa Mirgoota fi imaammta qaamaa maadhamtootta

Itophiyaa keessatti Qooda fudhattoota ijoo qaamaa

maadhamtoota

Jildii 6ffaa Qaamaa maadhamtootta WASH keessatti hammachuu/dabaluu

maaliif barbaachse?

Guyyaa 2ffaa Jildii 8ffaa Furmaatawwan hammachuu/dabaluu qaamaa maadhamtootaa

WASH keessatti

Jildii 9ffaa Odiitii Dhaqqabummaa

Jildii 10ffaa Gahee fi itti gaafatamummaa qooda fudhattootaa

Jildii 12ffaa Marsaa Adeemsa Pirojektii Hawasaan Hogganamu (CMP) keessatti

Qaamaa maadhamtoota hammachuu

Jildii 13ffaa Adeemsa CLTSH keessatti Qaamaa maadhamtoota hammachuu