mersa media may 31 edition .indd 1 7/20/21 6:00 am

68
1 MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 1 MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 1 7/20/21 6:00 AM 7/20/21 6:00 AM

Upload: others

Post on 10-Dec-2021

9 views

Category:

Documents


0 download

TRANSCRIPT

Page 1: MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 1 7/20/21 6:00 AM

1

MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 1MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 1 7/20/21 6:00 AM7/20/21 6:00 AM

Page 2: MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 1 7/20/21 6:00 AM

2

Barreessitoota

Solomoon Goshuu

Solomoon Goshuu gaazexeessaa Itoophiyaa fi ogeessa seeraa sabqunnamtii qophii seera bilisaa sabqunnamttii haaraa ba’e keessatti nama qooda olaanaa qabudha. Wayita maxxansa kanaatti Solomoon garee ogeessota tola ooltotaa qindeessuun Itoophiyaa keessatti wixineen seerota sabqunnamtiin walqabatan sadii akka qophaa’an taasiseera. Gaazexaa dhuunfaa Itoophiyaa keessatti beekamaa ta’e Ripoorter keessattis gulaalaa olaanaa ta’ee hojjeteera. Gaazexeessummaa keessatti muuxannoo waggoota saddetii ol kan qabu fi barreeffamoota xiinxala haala siyaasaa fi seerota biyya keessaa fi alaa irratti xiyyeefataniin kan beekamudha. Yeroo ammaatti Dhaabbata Deggarsa Sabqunnamtii Idil-addunyaa keessatti ogeessa imaammata fi guddina sabqunnamtii ta’ee hojjechaa jira.

Henook Sema’igziheer FenteeHenook Sema’igziheer Fentee Gaazexeessaa fi barsiisaa sabqunnamtii lammii

Ameerikaa dhalootaan Itoophiyaa ta’edha. Henook hundeessaa fi daarektara olaanaa

Inistiitiyuutii Miidiyaa Mersaa – dhaabata bu’aaf hin hundoofnee ta’ee qu’annoo,

ijaarsa dandeettii fi deggarsaa dhaabbbatummaa taasisuun Afirikaa keessatti

sabqunnamtii fi giddugaleessa barnootaa fi leenjii si’ataa, itti gaafatamummaan itti

dhaga’amuu fi walaba ta’e uumuuf kan hojjetudha. Waggoottan 18 darbaniif Henook

dhaabbilee sabqunnamtii hedduu kanneen akka VOA fi BBC keessatti gaazexeessaa

ta’ee hojjeteera. Henook miseensa garee seera sabqunnamtii , garee ogeessota tola

ooltotaa seera sabqunnamtii Itoophiyaa xiinxaluu fi wixinee labsii sabqunnamtii

Itoophiyaa qopheessuu ture.

Tsiyoon Isaayyaas

Gulaaltuu Maxxansaa

Barreeffamni kun kan maxxanfame deggersa Sagantaa Fooyya’insa Miidiyaa

Fojo-IMS jedhamuunidha. Barreeffama kanaaf itti gaafatamummaa kan fudhatu

barreessitoota qofadha.

© Inistiitiyuutii Miidiyaa Mersaa

Kutaa Magaalaa Yekkaa Aanaa 08 Lakk Manaa 542/401

Finfinnee, Itoophiyaa

mersamedia.org

Waa’ee Inistiitiyuutii Miidiyaa Mersaa

Inistiitiyuutiin Miidiyaa Mersaa dhaabbata adda duree gorsaa damee sabqunnamtii Itoophiyaa yommuu ta’u qu’qnnoo, ijaarsa dandeettii fi deggersaa dhaabbbatummaa taasisuun sabqunnamtiin si’ataa, itti gaafatamummaan itti dhaga’amuu fi walaba ta’e uumuuf kan hojjetudha. Mersaan hawaasa naga qabeessa,badhaadhina qabuu fi dimokiraatawaa ta’e uumuu keessatti sabqunnamtiin bilisaa fi walaba ta’e murteessaa ta’uu isaa ni amana.

Miseensota geree labsii sabqunnamtii gabaasa kana barreessan, Mirgaa gara bitaatti : Solomoon Goshuu, Henook Sema’igziheer fi Misgaanaaw Mulugeetaa

MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 2MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 2 7/20/21 6:00 AM7/20/21 6:00 AM

Page 3: MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 1 7/20/21 6:00 AM

3

BaafataSeensa .............................................................................................................. 4

Barreeffama Waliigalaa Marii Qooda Fudhattootaa .......................................... 5

Mana Maree Sab-qunnamtii Itoophiyaa Hojii Keessa Galchuu ..................................6

Waamicha Hojii Qabatamaa, Kallattiiwwan Xiyyeeffannoo Waggoottan Itti Aananii.8

Barreeffamoota Qorannoo Qooda Fudhattootarraa Walittiqabaman ............... 9

Adeemsa Dheeraa fi Obsa Fixachiisaa Hundeeffama Mana Maree Sabqunnamtii Itoophiyaa:

Sabsibee Kabbadaa- Hoji-geggeessaa Ol-aanaa Mana Maree Sab-qunnamtii Itoophiyaa ..................................................................................................................10

Komiiwwan Dhaabbilee Sabqunnamtiirratti Dhiyaatanii fi Keessummeessitoonni Komii Walgituu Dhabuu; Xiinxala Sirna Waliin Wal-To’achuu Sab-qunnamtii Itoophiyaa:

Getaachoo Dinquu (PhD) Daarektara Ol-aanaa Abbaa Taayitaa Sabqunnamtii Itoophiyaa Duraanii ...................................................................................................13

Sirna Waliin Walto’achuu Sabqunnamtii : Kallattii Xiyyeeffannoo Kan gadilakkise, Carraawwan Miliqan :

Taamiraat G/Giyoorgis – Miseensa Hundeessitoota Mana Maree Sabqunnamtii Itoophiyaa fi Gulaalaalaa Olaanaa Addis Foorchuun ...............................................17

Sirna Waliin Walto’achu Sabqunnamtii Itoophiyaa : Adeemsa Hirmaacchisummaa:

Faasikaa Taaddasaa fi Asiraat Siyyum – Waldaa Gulaaltota Itoophiyaa .................. 22

To’annoo Sabqunnamtii Itoophiyaa: Muuxannoo Biyyoota Biroo:

Haroon Miwaangii – Daarektara ol-aanaa Mana Maree Sabqunnamtii Keeniyaa duraanii 28

Sirna Waliin Wal To’achuu Itoophiyaa: Caarraawwani fi Qormaatilee .........................35

Hala Waliigalaa Sirna waliin wal To’achuu Sabqunnamtii Itoophiyaa ...................... 46

Haala Siyaasaa,Seeraa fi Hojiiwwan Jijjiiramaa Sabqunnamtii .................................47

Hudhaalee Caasawaa Mana Maree Sab-qunnamtii Itoophiyaa ..............................52

Dhaabbilee Ijoo .........................................................................................................60

Xumuraa fi yaadota Kennaman .................................................................................63

MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 3MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 3 7/20/21 6:00 AM7/20/21 6:00 AM

Page 4: MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 1 7/20/21 6:00 AM

4

SeensaSirni to’annoo sabqunnamtii Itoophiyaa maal fakkaachuu qaba yaada jedhu irratti walfalmii ka’uuf Labsiin Sabqunnamtii lakk 1238/2021 haaraa bahe deebii seerawaa kennee jira.Sirni to’annoo waliinii sabqunnamtii seera dirqisiisaa ta’e irratti hin bu’uureffanne diriiruun isaa sabqunnamtiin biyyattii waliin akka wal to’atuuf karaa saaqeera. Sabummaa daraan olka’e, walitti bu’insi hawaasaa fi buqqaatiin lammilee dhimma irra deddeebiin ce’umsa siyaasaa Itoophiyaa keessatti gaggeeffamu qoraa jiru yoo ta’eyyu biyyattiin gurmaa’insa hawaasaa garaa garaaf dirree bal’aa fi hammataa ta’e uumuusheen waggoottan sadan darban kana keessatti ce’umsa dimokiraasii keessa darbuutti argamti.

Sagantaan jijjiiramaa hammataa ta’ee fi bal’achuu dirree imaammataan walqabatee qooda fudhattoonni damichaa gahee sirna to’annoo waliinii keessatti bahachuu qaban cimsuu fi qaamni to’annoo waliinii sirna gaggeessummaa sabqunnamtii biyyattii keessatti tarkaanfilee seeraa fi bulchiinsaa fudhachuuf gahee qaban hubachiisuuf waliin tumsaa jiru.

Damee sabqunnamtii waggoottan kurnan sadii kana keessatti ta’e jedhamee sirna mootummaa ukkamsaan akka quucaru taasifamaa ture keessatti sirna waliin wal to’achuu cimaa fi bu’a qabeessa ta’e ijaaruun akkamiin milkaa’a gaaffiin jedhu ammas hudhaa guddaadha. Yeroo ammaas taanaan aadaa caaseffama duraan ture itti fufsiisuun sirna to’annoo cimaa diriirsuun ni mul’ata. Dameen sabqunnamtii itti fufinsaan dhiibbaa siyaasaa jalatti kufuun amanamummaa damichaa gadi buusuun adeemsa ittiin amantaa ummataa argachuuf deemu walxaxaa taasisaa jira.

Labsiin sabqunnamtii haaraa ba’e qabiyyee dhaabbilee sabqunnamtii humnoota siyaasaa irraa bilisa akka ta’an kan labse yoo ta’eyyu qabatamaan garuu mootumman Itoophiyaa dhaabbilee sabqunnamtii oduu tamsaasan keessatti gahee olaanaa qabatee jira. Paartilee mormitootaas taanaan kallattiinis ta’e alkallattiidhaan dhaabbilee sabqunnamtii maallaqaan deggaruun sochoosaa fi hoogganaa kan jiran ta’uun ni beekama. Damee sabqunnamtii cimaa gahumsa ogummaa gonfatee fi duudhaalee naamusa ogummaa kabaju horachuuf akkasumas sirna waliin wal to’achuu fedhii irratti hundaa’e lafa qabsiisuun hojii dhadhabsiisaa adeemsa dheeraa gaafatudha.

Waltajjii waliin wal to’achuu uumuuf yaalii obsa fixachiisaa waggoottan kudhaniif dhimmamtoota damichaa fi qooda fudhattoota idil-addunyaan taasifameen Manni Maree Sabqunnamtii Itoophiyaa akka lakkoofsa warra Awuroopaanotaa bara 2018 akka hundeeffamu ta’ee jira. Yeroo sana irraa kaasees dhaabbileen sabqunnamtii 50 ta’an miseensa mana maree kanaa ta’aniiru. Haa ta’uyyu malee manni marichaa ammayyu guutummaa guutuutti hojiitti galuuf carraaqii gochaa jira. Barbaachisummaan sirna waliin wal to’annoo hojii qabatamaarra jiruu fi bu’a qabeessa ta’e hundeessuun akka jirutti ta’ee manni marichaa hojimaataa fi caaseffama amma irra jiruun tajaajila irraa eegamu kennuu hin danda’u.

Sirni waliin wal to’achuu sabqunnamtii biyya keenyaaf haaraa waan ta’eef sirna to’annoo kana hojiirra oolchuuf qooda fudhattoota damichaa hunda suuta suutaan gara caasaa sirnichaatti galchaa deemuun barbaachisaadha. Haaluma kanaan hirmaannaa qooda fudhattootaa mirkaneessuun akkasumas muuxannoowwan damichaa biyya keessaa, kan biyyoota naannawaa fi kan idil-addunyaa fudhachuun sirni waliin wal to’achuu sabqunnamtii Itoophiyaa keessatti hojiirra ooluu kan danda’u ta’uu isaarratti waliigaltee uumuun ni barbaachisa.

Haala amma keessa jirruun sirna waliin wal to’achuu Itoophiyaa keessa jiru jabeessuun hojii akka salphaatti ilaalamu miti. Labsii sabqunnamtii haaraa irratti akka tumametti dhaabbileen sabqunnamtii qajeelfama naamusaa hojiirra oolchuu hanga danda’anitti filannoowwan sirna to’annoo mootummaa ala ta’an akka hojiirra oolan ni eyyamama akkasumas ni jajjabeeffama.

Bu’uura hiika labsichaan sirna waliin wal to’achuu jechuun “Dhaabbileen sabqunnamtii fedhii isaanii irratti hundaa’anii naamusa ogummaa fi dambii hojimaata gaarii ittiin bulan kan itti tumatan gahumsa ogummaa damichaa kan itti dagaagfatanii fi hojimaata ittiin komii hawaasaa keessummeessuu danda’an diriirsuun sirna itti gaafatamummaa mirkaneessuun adeemsa ittiin wal sirreessaa deemanidha.

MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 4MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 4 7/20/21 6:00 AM7/20/21 6:00 AM

Page 5: MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 1 7/20/21 6:00 AM

5

Barreeffamni qorannoo kunis sirna waliin wal sirreessuu fedhii irratti hundaa’e diriirsuun komii ummataa keessummeessuu fi adeemsa itti gaafatamummaa mirkaneessuu keessatti rakkoolee gurguddoo mudataa jirani fi carraalee abdii namatti horan kan xiinxaludha.

Gabaasa

Guraandhala 17/2013 ALI guyyaa labsiin sabqunnamtii haaraa ragga’e Dhaabbanni Tola Ooltummaa Marsaa Miidiyaa jedhamu Dhaabbata Deggarsa Miidiyaa Idil-addunyaa Foojoo (FOJO/IMS) jedhamu waliin ta’uun Itoophiyaa kessatti sirna waliin wal to’achuu hojiirra oolchuuf yaalii taasifamu irratti waliigalteen akka uumamuu danda’uuf qooda fudhattoota damichaa waliin marii geggeessee ture. Waltajiii marii kanarrattis gulaaltonni bebbeekamoo, abbootiin dhaabbilee sabqunnamtii, gaazexessitoonni, ogeeyyiin to’annoo fi misooma miidiyaa, bakka bu’oonni waldaalee gaazexessitootaa, dhaabbileen waldaa siivilii fi qaamoleen mootummaa bakka argamaniitti sirna to’annoo waliinii qabatamaan bilisummaan isaa mirkanaa’e diriirsuu keessatti hudhaalee mudatani fi carraalee jiran irratti marii gaggeessaniiru.

Dhimmoonni gabaasa kana keessatti hammatamanis galteewwan gurguddoo maricha irraa argaman, argannoowwan qorannoo af-gaaffii qooda fudhattootarraa funaanaman akkasumas muuxannoowwan gaggaarii biyyoota naannawaa irraa qindaa’anidha. Qoranicha keessatti kanneen hammataman keessaa bu’aalee qorannoo oggantoota sabqunnamtii Itoophiyaa fi Keeniyaan qophaa’an shan keessatti argamu. Bu’aaleen qorannoo kunneenis sirna waliin wal to’achuu waliigaltee qooda fudhattoota damichaarratti hundaa’e ijaruun barbaachisaa ta’uu isaa fi hojiirra oolmaa isaarrattis rakkoolee gurguddoo mudatanii fi carraalee jiran kan ibsanidha.

Qorannoon sirna waliin wal to’achuu sabqunnamtii irratti hundaa’ee qophaa’e kun kitaabilee garaa garaa gadi fageenyaan xiinxaluu fi muuxannoowwan biyya keessaa, kan Afirikaa fi muuxannoowwan qooda fudhattoota biroo akkasumas qooda fudhattota ijoo damichaa irraa ragaalee af-gaaffiin funaanaman irratti hundaa’eedha.

Gabaasichi barreeffamoota hooggantoota dhaabbilee sabqunnamtiin qophaa’an shan keessaa cuunfamee kan fudhatame yommuu ta’u bareeffamoonni kunis Itoophiyaa keessatti adeemsa sirna waliin wal to’achuu hojiirra oolchuu keessatti hudhaalee garaa garaa mudatani fi yaadota fooyya’insaa heeraman irratti kan hundaa’anidha. Barreessitoonni kun akka jedhanitti xiinxaloonni akkanaa bal’inaa fi argannoo qorannichaa gabbisuuf qofa otoo hin taane mariiwwan dhimmicharratti taasifamanis toora qabsiisuuf gargaaru.

Cuunfaa Barreeffama marii Qooda Fudhattoota Waliin GaggeeffameSirna Waliin Wal To’annoo Sabqunnamtii Hojiirra Oolchuuf Hanqinaalee Gaggeessummaa Furuu fi Gamtaa Bu’uura Bal’aa Qabu Ijaaruu

Xumura bara 2012 ALI yokaan ce’umsa jijjiirama dimokiraatawaa biyyattii waggoota sadii baay’ee ajaa’ibsiifamee booda biyya Gaanfa Afirikaa kan taate Itoophiyaan ammas waraanni qormaata cimaa ta’e ishee mudatee jira.Waraanni kunis waraana humna fincilaa Naannoo Kaabaatti argamuu fi Mootummaa Federaalaa Itoophiyaa Mootummaa Eertiraan deggeramu gidduutti kan geggeeffamedha.

Yeroo kanatti humnoonni lamaanuu waanti raawwatan yommuu ilaalamu tooftaa yeroon itti darbe gargaaramuun dhaabbilee sabqunnamtii akka meeshaa ololaatti fayyadamuu ture. Waraanichi jabaataa akka deemeen qaamoleen lamaanuu malawwan sabqunnamtii idilee fi kan hawaasaa akka meeshaa ololaatti fayyadamuun daraan baay’achaa dhufe. Odeeffannoon dhugaa qaqallachaa deeme. Ummanni ilaalchotaa fi seenessa garaa garaa arguu fi dhaga’uuf kan isaaf mijaa’uu fi odeeffannoon ololaa garaa garaa keessatti bal’inaan kan tamsa’u miidiyaa hawaasaa waan fayyadamuuf rakkoon odeeffannoo madaalawaa hin taaane tamsaasuun walqabatu babal’achaa dhufe. Amantaa odeeffannoon dhaabbilee sabqunnamtii idileenis ta’e miidiyaa hawaasaan tamsa’an ummata biratti qabanis daraan gadi bu’aa dhufe.

MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 5MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 5 7/20/21 6:00 AM7/20/21 6:00 AM

Page 6: MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 1 7/20/21 6:00 AM

6

Waraanni Kaaba Itoophiyaa otoo hin eegaliin duras dhaabbileen sabqunnamtii haala amantaa ummataa hin horanne keessatti hojjechaa kan turan ta’uun ni beekama. Sababni kun ta’eefis seenessa gosaa fi sabummaa walitti bu’insa hawaasaaf sababa ta’uu danda’u irra deddeebiin hafarsuu isaanii yommuu ta’u kana malees yeroo waraanichaa keessattis haala amantaan ummanni odeeffannnoo sabqunnamtii irraa qabu xiqqaachaa deemetu mul’ate. Yeroo akkanaa kana keessattis taanaan dambii naamusaa kabachiisuu fi dirqama ogummaa fi itti gaafatamummaa dhaabbilee sabqunnamtii mirkaneessuun haala amantaa ummataa itti fooyyessuu danda’amu irratti mari’achuuf qooda fudhattoonni damichaa 35 bakka argamanitti magaalaa gudditti biyyattii kan taate Finfinnee keessatti maree geggeessaniiru.

Hojiirra oolmaan sirna waliin wal to’achuu milkaa’uu kan danda’u qaamoleen qooda fudhattoota damichaa ijoo ta’an gurmaa’insa fedhii irratti hundaa’e geggeessuun itti gaafatamummaa mirkaneessanii caasaa amantaan irratti gatamu ijaaruu yoo danda’anidha. Hirmaattonni akka waliigalaatti kan kaasan damee sabqunnamtii gahumsi ogummaa fi sadarkaan naamusa isaa mirkanaa’e qabaachuun kan danda’amu dhaabbileen sabqunnamtii waliin hojjechuu yoo danda’an akkasumas sirna waliin wal to’achuu fi hojimaata itti gaafatamummaaf deebii qabatamaa kennuu yoo danda’an ta’uu isaa ibsaniiru.

Haa ta’u malee hirmaattonni marichaa sodaa qaban wayita ibsan akka dubbatanitti imaammatoonni gulaallii dhaabbilee sabqunamtii hunda keessa jiranis ta’e qaamni waliin wal to’annoo dhaabbilee sabqunnamtii mara ogganuuf hundaa’e sabqunnamtii gahumsa ogummaa qabuu fi ummanni barbaadu, kan naamusa kabajuu fi itti gaafatamummaan itti dhaga’amu horachuu hin dandeenye. Kanaaf akkuma hirmaattonni xiyyeeffannoo kennanii dubbatanitti Itoophiyaa keessatti dhimmi gaazexeessummaa gahumsa ogummaa gonfate mirkaneessuu dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhiisuuti.

Itoophiyaatti Sirna Waliin Wal To’achuu Hojiirra Oolchuu Keessatti Rakkoolee Gurguddoo Mudatan

Waltajjii marii Dhaabbanni Marsaa Miidiyaa Guraandhala 2013 ALI qopheesse irratti qooda fudhattoonni damee sabqunnamtii hirmaatan hudhaalee keessaa fi alaa sirna waliin wal to’achuu sabqunnamtii Itoophiyaa keessatti gaggeeffamu danqan adda baasuuf mari’ataniiru. Waltajjii maree kanarrattis gaaffii Manni Maree Sabqunnamtii Itoophiyaa bara 2008 ALI hundeeffame gahumsa qajeelfama naamusaa raawwachiisuu, komiiwwan qorachuu fi itti gaafatamummaa ummataa mirkaneessuu isa dandeessisurra maaliif gahuu dhadhabe? jedhu kaasuun mari’ataniiru.

MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 6MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 6 7/20/21 6:00 AM7/20/21 6:00 AM

Page 7: MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 1 7/20/21 6:00 AM

7

Mana Maree Sabqunnamtii Itoophiyaa Hojiitti Galchuu

Qormaatilee Carraawwan

- Mul’ata, ergamaa fi duudhaa irratti iftoominaa fi waliigaltee uumuu dhabuu- Mul’ata, ergamaa fi duudhaa haala gaariin qophaa’e, waliigalteen irratti uumame jiraachuu dhabuun rakkkoo hirmaattotaa fi miseensota mana mareen ka’ee turedha.

- Oggantoonni mana marichaa dhimmoota naamusa kabachiisuu ,gahumsa ogummaa guddisuu fi itti gaafatamummaa mirkaneessuu dursa kennanii raawwachuu otoo qabanii raawwachuu dhiisuun dagataniiru.

- Haala mijaa’aa imaammataa fi seeraa uumuu- Seerrii fi imaammatni sabqunnamtii akkasumas seeronni waldaalee siivilii dhiyoo kana fooyya’anii bahan hawaasni siivilii bilisaan akka socho’u dirree mijataa uumee jira.

- Paakeejiin seeraa fi imaammataa sirna waliin wal to’achuurra dirqama seeraa hin keenye akka hojiirra oolu gochuuf qaamni to’annoo waliinii dambii naamusa mataasaa baafachuu fi raawwachiisuu akkasumas amantaa uummataa fi itti gaafatamummaan akka jiraatu gahee murteessaa bahata.

- Oggansa dhadhabaa- Hirmaattonni akka jedhanitti gama miseensota koree hojii raawwachiiftuu Mana Maree Sabqunnamtii Itoophiyaan gama itti gaafatmummaa mirkaneessuun hanqinni guddaan mul’atu aadaa bulchiinsaa caasawaa dhadhabaa ta’e akka uumamu taasiseera.

- Bu’uura miseensotaa bal’isuu

-Manni marichaa bara 2008 ALH erga hundaa’ee booda baay’ina miseensota isaa 50 ol geessisuu danda’eera. Kunimmoo gama tokkoon hammattummaa fi amanamummaa mana marichaa kan ol kaasu yommuu ta’u gama biraan ammoo galii maallaqaa buusii miseensummaa irraa argamu guddisuuf carraa uuma.

- Qooda fudhattoota gidduutti waliigaltee uumuu fi miira abbummaa uumuu dhabuu-Bu’uurri miseensummaa mana marichaa bal’achaa jira. Haa ta’u malee manni marichaa bu’a qabeessa, hammataa fi itti gaafatamummaa kan mirkaneessu akka ta’uuf baay’ina miseensota isaa dabaluu fi miseensota isaa fi qooda fudhattoota gidduutti waliigalteen akka uumamu hooggansi hojjechuu akka qabu hirmaattonni yaada kennaniiru.

- Hirmaattonni dabalataan akka ibsanitti manni marichaa fudhatama argachuuf haala hooggansi mana marichaa abbootii qabeenyaa midiyaan qofa qabamee jiru kana sirreessuun akka irraa eegamu ibsaniiru.

- Deggertoota misooma sabqunnamtii

-Hanqina caasawaa mana marichaa guutuuf deggarsa gochuu danda’u. Kana malees yaalii manni marichaa sabqunnamtii gahumsa ogummaa qabuu fi qajeelfamoota naamusaa kabaju uumuuf taasisu keessatti dhaabbileen misoomaa biyya keessaa fi idil-addunyaa deggarsa maallaqaa fi carraalee biroo mijeessuu danda’u.

- Manni Maree Sabqunnamtii mul’ataa fi ergama isaa galmaan gahuuf deggertoota misoommaa damichaa waliin walitti dhufeenya tarsiimawaa uumuu danda’a.

- Qabeenya walitti qabuu fi buusii miseensotaa funaanuun hanqinoota mul’atan- Miseensonni mana maree galii argatan keessaa dhibbeentaa muraasa qofa gumaachuuf waadaa galanii turan. Haa ta’u malee yeroo ammaatti mana marichaaf buusii kan gumaachaa jiran miseensota mana maree sadii qofadha.

- Bu’uura labsii haaraan galmeen miidiyaa hawaasaa eegaluusaa - Labsiin sabqunnamtii haaraa miidiyaan hawaasaa galmee seera qabeessa raawwachuun beekamtii akka argatan ibsa. Kana jechuunis miseensa mana maree ta’uu danda’u jechuudha.

Caasaa fi humna dhaabbatummaa sirriitti hin gurmoofne Itoophiyaa keessatti caasaa dhaabbilee sabqunnamtii cimaa ta’e jiraachuu dhabuu fi akkuma dhaabbilee sabqunnamtii biratti rakkoon bilisa yokaan walaba ta’uu dhabuun mul’atu manni marees rakkoo kanarraa bilisa miti.

- Muuxannoon biyyoota naannawaa fi idil-addunyaa jiraachuu- Manni marichaa sirna waliin wal to’achuu haala hojiirra oolchuu danda’u irratti gama beekumsaa fi muuxannoowwan biyyoota naannawaa fi idil-addunyaa qindeessuun hojilee garaa garaa hojjechaa jira.

- Itti gaafatamummaa miseensotaa

-Waldaaleen gaazexessitootaa fi yuuniyeenonni daldalaa hedduun rakkoo kaayyoo ofii dagachuu fi fudhatama argachuu dhabuuti isaan mudata. Jiraachuuf jecha akkasumas hojii keessa seenuuf jecha hojimaata oggansaa hiramaachisaa ta’e hordofuu dhabuun ni mul’ata. Qaamni to’annoo waliinii miseensota isaaf deebii saffisaa hin kennine gahumsi ogummaa fi duudhaaleen naamusaa akka kabajaman hojjechuun itti ulfaata, xiqqaatus guddatus sirna waliin wal sirreessuu kabachiisuu fi miseensota isaa amansiisuu dhadhabuu danda’a.

- Hirmaattonni akka jedhanitti miseensonni oggansaa mana marichaaf filataman imaammata keessaa fi olaantummaa seeraaf aka itti gaafataman taasifamuuti irra jiraata.

MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 7MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 7 7/20/21 6:00 AM7/20/21 6:00 AM

Page 8: MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 1 7/20/21 6:00 AM

8

Sagantaa raawwii: Dhimmoota Xiyyeeffannoo Waggoottan DhufaniiQooda fudhattoonni damichaa waltajjii marii geggeeffamerratti hirmaatan mana maricha bifa milkaa’aa ta’een hundeessuu, jabeessuu, qaamni to’annoo waliinii bilisummaa isaa eeggate hundaa’uu isaa mirkaneeffachuu akkasumas carraalee qindoomanii waliin hojjechuu danda’amu bu’uureffachuun yaadota gorsaa garaa garaa heeraniiru. Xumura irrattis waggoottan dhufanitti kallattiiwwan gurguddoo irratti xiyyeeffachuun wal tumsuu danda’amurratti waliin hojjechuuf waliigalaniiru.

1. Sirna Komii Keessummeessuu Hojiirra Oolchuu

Sirna waliin wal to’achuu dameewwan sabqunnamtii hunda hamate diriirsuun barbaachisaadha. Bu’uuruma kanaan sirni waliin wal to’achuu dhaabbilee sabqunnamtii miira abbummaa fi itti gaafatamummaan akka hojjetan gochuuf akkasumas dhaabbileen sabqunnamtii ummata biratti kan amantaan irratti gatamu ta’uu akka danda’an isaan gargaara. Sirni komii fuudhuu fi furmaata kennuu akkanaa bu’a qabeessa ta’ee yoo argame dhaabbilee sabqunnamtii adeemsa murtii dheeraa, bu’aa ba’ii hojimaata bulchiinsaa fi adabbii irraa isaan hambisa.

Bu’uura labsii sabqunnamtii haaraan odeeffannoon hanqina naamusaa haala naamusa cabseen kabaja namummaa fi hamilee tuqu dhabbata sabqunnamtiin yoo tamsa’e ummanni, maamiltoonnii fi itti fayyadamtoonni komii isaanii dhiyeeffachuu yoo barbaadan dhiyeeffachuu akka danda’anii fi qaamni sirna waliin wal to’annoos komiiwwan dhiyaataniif deebii kennuuf dirqama akka qabaatu taasifameera. Kana malees dhaabbileen sabqunnamtii bu’uura duudhaalee ogummaa gaazexeessuummaan ilaalcha, qeequu, duubdeebii fi komiiwwan ummataaf deebii barbaachisaa kennuu qabu.

Sirna waliin wal to’achuu qaamolee damichaa hunda hammate hojiirra oolchuu akka danda’amuuf Manni Maree Sabqunnamtii Itoophiyaa Gumii Keessummeessituu Komiif xiyyeeffannoo kennuu qaba. Haa ta’u malee hanga ammaatti komii ummataa tokkoyyu fuudhee keessummeesse hin qabu. Kanaafuu sirna itti gaafatamummaa saffisaan diriirsuun hojiirra oolchuu akkasuumas ummata waliin mari’achuun hojiisaa eegaluu qaba.

2. Yaa’ii Waliigalaa Waggaa Geggeessuu, Ol-aantummaa Seeraa Mirkaneessuu fi Imama-

mmata Walbakka Bu’uu

Dambii keessaa Mana Maree Sabqunnamtii Itoophiyaa irratti akka tumametti manni marichaa waggaatti yeroo tokko yaa’ii waliigalaa geggeessuu qaba. Kunis barri baajataa otoo hin xumuramiin guyyaa 90 dura raawwachuuti irra jiraata. Ya’iin akkanaa raawwii hojii mana marichaa miseensotaaf dhiyeessuu, gabaasa odiitii dhiyeessuu, filannoo geeggeessuu fi turtii yeroo aangoo bu’uura dambii keessaan raawwachuuf barbaachisaadha. Wayita mareen gaggeefametti hirmaattonni akka dubbatanitti yaa’iin waliigalaa akka gaggeefamu manni mareemurteesse erga ta’ee miseensonni atattamaan waamamanii yaa’iin waliigalaa waggaa gaggeeffamuu qaba.

3. Buusii Miseensummaa Walitti Qabuu, Imaammata Maallaqaa Irratti Waliigalteerra Ga’uu

Bu’uurri miseensumma mana maree bal’achaa jira. Haa ta’u malee haala bu’a qabeessa ta’een buusii miseensummaa walitti qabuun hin danda’amne. Dambii keessaarratti manni maree galii isaa kan argachuu danda’u buusii miseensummaa, madda biyya keessaa fi maallaqa kaffaltoota gibiraa dhaabbilee dimokiraasiif ramadamu irraa qofadha. Asirratti dhimmi yaadachuu barbaachisu maallaqa qaamolee alaa irraa argamu irratti miseensota mana maree gidduutti ejjennoon garaa garaa kan calaqqisu ta’uu isaati. Miseensonni muraasni akka jedhanitti manni maree kun bilisa ta’ee hojjechuu akka danda’uu fi itti gaafatamummaa isaa deggertoota maallaqaa biyya alaa jiraniif dabarsee akka hin kennineef jecha manni maree galii argachuu kan qabu buusii miseensota isaarraa qofa ta’uu qaba ejjennoo jedhu kaasu. Miseensonni mana marichaa dhiibbaa uuman akka jedhanittimmoo miseensonni mana marichaa buusii irraa eegamu hin kaffalan taanaan deggersa alaa pirojektiin walqabate fayyadamuu akka danda’amu maallaqa alaa argamu yaa’ii waliigalaan yoo eyyamame fayyadamuun akka danda’amu eyyamamuu qabu yaada jedhu kaasu.

MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 8MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 8 7/20/21 6:00 AM7/20/21 6:00 AM

Page 9: MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 1 7/20/21 6:00 AM

9

Kanaafuu manni maree sabqunnamtii dhimma kanaaf furmaata kennuuf akkataa kaffaltii buusii miseensummaa fooyyeessuu fi imaammata walitti qabuu galii fi itti fayyadama maallaqaa ilaalchisee miseensota isaa giddutti waligalteerra akka gahamu hojjechuuti irraa eegama.

4. Ijaarsa Dandeettii Raawwachiistummaa Dhaabbataa

Hirmaattonni akka jedhanitti manni marichaa humna keessoo isaa cimsuu fi hanqinoota

gama ogummaa fi duudhaalee naamusaan walqabatanii mul’atan furuuf carraalee qaamota

biroo waliin hojjechuu danda’u uumuun irraa eegama.

5. Amantaa fi Dhugummaa Cimsuu

Sirni waliin wal to’achuu damee sabqunnamtii hunda bakka bu’u hojiirra ooluu kan danda’u miseensonni isaa olaantummaa seeraan akkasumas imaammata raawwii fi adeemsa naamusaa isaarratti waliigaltee uumuu yoo danda’anidha. Sirni waliin wal to’achuu fedhiirratti hundaa’e cimee hojiirra ooluu kan danda’u miseensota isaaf itti gaafatamaa yoo ta’e, barreeffama hundeeffamaa fi duudhaalee naamusaaf kan bitamu yoo ta’ee fi dhaabbatichi haqa qabeessa, kan amantaan ummataa irratti gatamuu fi amanamaa ta’ee yoo hojjetedha.

Itti gaafatamummaa fi ga’ee hojii mana marichaa irratti waliigalteerra akka ga’amu gochuuf waltajjii qooda fudhattootaa fi kan ummataa uumuun milkaa’ina isaaf murteessaadha.

MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 9MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 9 7/20/21 6:00 AM7/20/21 6:00 AM

Page 10: MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 1 7/20/21 6:00 AM

10

Haala Waliigalaa Mana Maree Sabqunnamtii ItoophiyaaSeensa

Biyya keenya keessatti yeroo ammaa dhaabbileen sabqunnamtii kan ummataa, kan daldalaa fi kan hawaasaa Abbaa Taayitaa Sabqunnamtii Itoophiyaa irraa eyyama seera qabeessa argatanii hojjechaa jian baay’inni isaanii 168 ga’ee jira. Haaluma kanaan biyya keenya keessatti damee biroodkaastiidhaan raadiyoon ummataa 10, televizyiniin ummataa 12, raadiyoon daldalaa 15 televizyiniin daldalaa 26, raadiyoo hawaasaa 53 fi televizyniin hawaasaa 10 akkasumas raadiyoon sagantaa barnootaa 3 tamsaasa irratti argamu. Dhaabbilee maxxansaa ilaalchisee gaazzexoonni 13 fi barruuleen 10 sadarkaa mootummaa federaalaa fi naannoleetti maxxanfamaa kan jiran yommuu ta’u damee dhuunfaan gaazzexoonni 12 fi barruuleen 13 maxxansa irratti argamu

Dameewwan sabqunnamtii kunneen hundeeffamanii tamsaasa irratti akka argaman kan taasise ijaarsa sirna dimokiraasiif bu’uura kan ta’e heera biyyattii kewwata 29 fi labsii dhaabbilee sabqunnamtii fi mirga odeeffannoo lakkoofsa 590/2000 dha.

Dhaabbilee sabqunnamtiis ta’e ogeessonni heera biyyattii fi seerota sabqunnamtii bu’uureffachuun naamuusa ogummaa fi ga’umsa olaanaan tajaajiluuf kan hundaa’an ta’uu bira darbee dhaabbileen sabqunnamtii fi waldaaleen gaazexxessitootaa bilisa, haqaqabeessa fi hedduumina fi cimina sirna dimokiraasiif shoora olaanaa qaban hundeeffamaniiru. Akkasumas mana maree biyyoolessaa dambii namuusa ittiin geggeeffamu qabuu fi dhiibbaa uumuu danda’u hundeessuun barbaachisaa ta’ee waan argameef bu’aa ba’ii obsa fixachiisaa booda hundeeffamni Mana Maree Sabqunnamtii Itoophiyaa milkaa’uu danda’eera.

Adeemsa Hundeeffama Mana Maree Sabqunnamtii Itoophiyaa

Yaadni hundeeffama Mana Maree Sabqunnamtii Itoophiyaa yeroo jalqabaaf ka’uu kan eegale wayita wixineen labsii Sabqunnamtii fi Mirga Odeeffannoo lakk. 590/2000 egale ture. Sababni kun ta’eefis labsiin yeroo sana wixineeffame aangoo Mana Maree Sabqunnamtii Itoophiyaa hundeessuu mootummaaf kennamuu akka malu waan kallattii agarsiiseefidha. Haaluma kanaan yeroo sanatti gaazexessitoonni dhaabbilee sabqunnamtii garaagaraa, miidiyaan maxxansaa fi biroodkaastii maree itti fufinsaan geggeessaniin manni maree kun mootummaadhaan hundeeffamuun isaa giddu seentummaa waan uumuu fi bilisummaa ogummichaa waan daangessuuf keewwanni wixinee labsichaa aangoo hundeessuu mootummaadhaaf kennu akka haqamu ta’ee jira.

Kana irraa ka’uun Manni Maree Sabqunnamtii Itoophiyaa of danda’ee qaamolee damee kanaan akka hundeeffamu sochiin gara garaa taasifameera. Haaluma kanaan waldaaleen gaazexessitootaa garaa garaa, maxxansitoonnii fi waldaaleen miidiyaa biroodkaastii akkasumas dhaabbileen sabqunnamtii walitti dhufuun bu’aa ba’ii fi falmii hedduu booda Mana Maree Sabqunnamtii Itoophiyaa bara 2008 ALI hundeessuun danda’ameera. Haa ta’u malee Labsiin Dhaabbilee Tola Ooltummaa fi Waldaalee Lakk. 621/2001 yeroo sana hojii irra ture qaawwa seeraa qabu irraan kan ka’e manni marichaa galmaa’ee beekamtii seeraa argachuun socho’uu hin dandeenye.

Dhuma irratti jijjiirama akka biyyaatti dhufe hordofuun haala mijaa’aa uumameen Labsiin Dhaabbilee Tola Ooltummaa fi Waldaalee lakk. 621/2001 fooyya’ee Labsii Waldaalee Siviilii Lakk.1113/2011 fooyya’ee ba’een mana marichaa galmeessuuf gaaffiin Ejensii Waldaalee Siiviliif dhiyaatee fudhatama argachuun Waxabajii 7/2011 ALI galmaa’ee beekamtii seeraa argachuu danda’eera.

Manni Maree Sabqunnamtii Itoophiyaa beekamtii seeraa argatee wayita hojiitti seenu baay’inni dhaabbilee sabqunnamtii ummataa fi waldaalee gaazexeessitootaa miseensummaan hammate 46 dha. Gosa fi heddummina miseensota mana marichaa yommuu ilaallus dhaabbilee televizynii fi raadiyoo qaban 10, dhaabbilee televizynii qaban 7, dhaabbilee raadiyoo qaban 7, dhaabbilee miidiyaa maxxansaa qaban 18 akkasumas waldaalee gaazzexessitootaa, miidiyaa biroodkaastii fi miidiyaa maxxansaa 4 miseensummaan hammatamanii jiru.

MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 10MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 10 7/20/21 6:00 AM7/20/21 6:00 AM

Page 11: MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 1 7/20/21 6:00 AM

11

Haaluma kanaan manni maree kun sochii isaa cimsee itti fufuun jalqaba irratti dambii ittiin bulmaataa fi dambii namuusaa mana marichaa ogeessota damee kanaa qindeessee qorachiisuu fi marii garaa garaa irratti akka geggeeffamu taasisee waliigaltee irra ga’uun raggasisuu danda’eera. Miseensonni mana marichaas itti amananii fi eyyamamanii akkasumas guutummaa guutuutti irratti waliigaluun dambicha mallattoo isaaniin mirkaneessaniiru.

Akkuma armaan olitti ibsamuu yaalame guddina damee kanaaf shoora olaanaa kan qabu Mana Maree Sabqunnamtii Itoophiyaa hundeessuun adeemsa garaa garaa, falmii fi bu’aa ba’ii hedduu keessa kan darbedha. Qabxiin wal falmisiisaa ture inni jalqabaa hundeeffamni mana marichaa beekamttii fi deggersa mootummaa jalatti akka hundaa’u yokaan mataa isaan of danda’uu qaba kan jedhu yommuu ta’u muuxannoo biyyoota biroo irraa akka hubannutti manneen maree sabqunnamtii mootummaa jalatti akka hin hundeeffamnee fi hojimaatni akkanaa bilisummaa ogeeyyiis ta’e abbootii dhaabbilee sabqunnamtii irratti dhiibbaa mataa isaa waan qabuuf Labsii Sabqunnamtii fi Bilisummaa Odeeffannoo Lakk 590/2000 irraa akka haqamu ta’ee jira.

Kana malees wayita manni marichaa hundeeffamu hudhaaleen garaa garaa mudatanii turan. Kaneen keessaa gufuu guddaa kan ture Ejensii Dhaabbilee Tola Ooltummaa fi Waldaaleen galmaa’ee beekamtii seeraa argachuu dhabuu ture. Gama kanaan Labsiin Dhaabbilee Tola Ooltummaa fi Waldaalee lakk 621/2001 wayita sanatti hojii irra kan jiru ta’us ejensiin labsii kana hojii irra oolchuuf aangoon kennameef bu’uura labsichaan mana maricha galmeessee beekamtii seeraa kennuuf waggoota afur itti fudhate. Hudhaan kun furmaata argatee Manni Maree Sabqunnamtii beekamtii seeraa argatee guutummaatti socho’uu kan eegale jijjiirama biyyattii keessatti dhufe hordofuun Labsiin Waldaalee Siivilii Lakk.1113/2011 erga fooyya’ee ba’een boodadha.

Haaluma kanaan hojiiwwan gurguddoon manneen maree sabqunnamtii hojjetan dhaabbileen sabqunnamtii akka ofiin of geggeessani fi ofbulchan deggaruu fi biyyoota biroottis hojimaatni kun hojiirra kan oole waan ta’eef biyya keenya keessattis humnaa fi hojimaata mana marichaa cimsuun ergama isaa kana bahuu akka danda’u hojjechuun nurraa eegama. Gama kanaan manni maree kun dhaabbilee sabqunnamtii keessatti bilisummaan ediitooriyaalii akka eegamu, giddu seentummaan mootummaa akka dhabamu, humni raawwachiisummaa miidiyaa akka guddatu, tajaajila fooya’aa, qulqullinaa fi namuusni ogummaa akkasumas itti gaafatamummaan akka mirkanaa’u gochuun barbaachisaadha.

Haala Waliigalaa Mana Marichaa, Sochiiwwan Hanga ammaa fi Hudhaaalee Mudatan

Manni Maree Sabqunnamtii Itoophiyaa sadarkaa gurmaa’insaatti qaamolee sadii qaba. Isaanis yaa’ii waliigalaa, koree hojii raawwachiiftuu fi qaamamurtii araaraa yommuu ta’anmanni maree kun keessumatti qaama murtii araaraa hundeessuu irratti hojiiwwan garaa graaa raawwachaa jira. Gama kanaan weerara Koronaa (COVID 19) sadarkaa adduynyaattis ta’e akka biyya keenyaatti mudateen qaama abbaa seerummaa araaraa yeroon hundeessanii hojiitti galchuu keessatti dhiibbaa fidee jira. Haa ta’u malee rakkoo kana furuuf koree filachiiftuu hundeeffameen kaadhimmamtoonni abbootii seeraa araaraa filatamanii miseensota yaa’ii waliigalaaf bakka jiranitti akka qaqqabu erga taasifameen booda qaamni abbootii seeraa miseensota 18 of keessaa qabu akka hundaa’u taasifameera.

Haaluma kanaan qaama murtii araaraa keessatti miseensonni hammataman mana maree dhaabbilee amantaa, manneen leenjii fi barnootaa gaazexeessummaa, Mana maree Waldaalee Daldalaa Itoophiyaa, qaamolee raawwachiiftuu mootummaa, Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa, namoota beekamoo, abbootii seeraa soorama ba’an, waldaalee hawaasaa, Waldaa Ogeeyyii Seeraa Itoophiyaa, Waldaa Barsiisotaa fi waldaalee dhaabbilee sabqunnamtii irraa kan walitti dhufanidha.

Hojiiwwan gurguddoo qaama murtii araaraa yommuu ilaallu qaamni murtii araaraa dambii namuusaa yaa’iin waliigalaa raggaassise kabachiisuu, kabajamuu dhabuu dambii namuusaan walqabatee qamolee hawaasaa kamirraayyu komii dhiyaatu qoratee murtoo kennuu fi akka sirraa’u gochuu akkasumas dhaabbileen sabqunnamtii bilisa fi haqa qabeessa ta’an akka babal’atan gochuu, bilisummaa dhaabbilee sabqunnamtii mirkaneessuu, gaazexessitoonni sadarkaa naamusa ogummaa olaanaan hojii isaanii

MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 11MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 11 7/20/21 6:00 AM7/20/21 6:00 AM

Page 12: MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 1 7/20/21 6:00 AM

12

akka raawwatan deggarsa gochuu fi itti gaafatamummaa fi hojiiwwan biroo akka qabaatu taasifamee jira.

Kana malees qaamni murtii araaraa dhimmoota dambii naamusaa mana marichaa kessatti hammataman raawwachiisuu keessattis itti gaafatamummaan garaa garaa kennameefii jira. Kaneen keessaas dhaabbileen sabqunnamtii itti gaafatamummaa hawaasaa akka bahatan deggeruu, haasaa jibbinsaa fi maqa-balleessii hambisuuf hojjechuu, yaadni dubbistootaa, dhaggeeffattootaa fi daawwatootaa akka dhaga’amuu fi kabajamu aadaan duub-deebii kennuu akka dagaagu hojjechuu, bu’aa sammuu nama biraa akka kan ofiitti dhiyeessuu (Plagiarism) akka hafu gochuu, mirgi namoomaa akka kabajamu, mirgi daa’immanii fi qaama miidhamtootaa akkasumas bilisummaan ogummaa akka kabajamu gochuu fi kkf raawwachuu keessatti ga’ee irraa eegamu ni bahata.

Kanaan walqabatee hojiin murtii araaraa ga’umsaan raawwatamuun kaayyowwan gurguddoo Manni Maree Sabqunnamtii Itoophiyaa dhaabbateef keessumatti duudhaalee namuusa ogummaa kabachiisuu, komiiwwan dhaggeeffattoota, daawwattootaa fi dubbistootaan dhiyaatan keessumeessuu, seeronni dambii namuusaa irratti tumaman sirriitti hojiirra oolu isaanii mirkaneeffachuu, oduuwwan dhiyaatan kallatiiwwan hundaan akka madaalaman gochuu,qaamolee komii dhiyeessanii fi dhaabbilee sabqunnamtii gidduu komiiwwan ka’an qoratanii murtoo kennuu fi hojiiwwan kana fakkaatan karaa bu’a qabeessa ta’ee fi ergamaa fi kaayyoo mannimarichaa hundaa’eef galmaan ga’uuf ga’ee isaa ni bahata.

Kana malees hundeeffamuun qaama murtii araaraa komiiwwan mana marichaaf dhiyaatan seeraa fi hojimaataan murtoo akka argatan gochuuf, murtoowwan kennaman yeroodhaan ummataaf akka ibsaman gochuu, qabiyyee dhaabbileen sabqunnamtii ummataaf dhiyeessan qindeessuu fi kallattiiwwan xiyyeeffannoo isaanii agarsiisuun bu’uura dambii namuusaan duub- deebii akka argatan gochuu, akka barbaachisummaa isaattis dambii namuusaa fooyyessuu fi bilisummaa miidiyaa kabachiisuu keessatti ga’ee isaa akka bahu ni gargaara.

Haa ta’u malee manni marichaa hojii fi itti gaafatamummaa armaan olitti caqafaman qixa sirriin bahachuu keessatti hudhaaleen garaa garaa mudachaa jiru. Kana waan ta’eef manni marichaa mirga ofiin of geggeessuu dhaabbilee sabqunnamtii milkeessuuf tooftaalee garaa garaa fayyadamee hojjechuun murteessaa ta’a. Fakeenyaaf ummanni odeeffanoowwan madaalawaa hin taanee fi komii uuman kamiyyu mana murtii deemuun otoo irraa hin eegamiin komii isaa gara mana marichaatti dhiyeeffachuuf mirga akka qabu beeksisuufi hubachiisuun ciminaan hojjetamuu qaba.

Hawaasa hiramaachisanii hojjechuunis filannoo fi carraa bal’aa uumuu irra darbee manni marichaa dhaabbilee sabqunnamtii fi ogeessota waliin dhyeenyaa fi kallattiin mari’atee bu’uura seera namuusa ogummaan rakkoolee hiikuuf carraa kennaaf. Gama biraatiin komii dhiyaate keessummeessuuf kaffaltiin kamiyyu kan hin gaaftamnee fi qaamolee hawaasaa sadarkaa jireenya gadi aanaa irra jiran dhageeffachuuf carraa waan uumuuf fayyadamummaa hawaasaa ni mirkaneessa.

Kana dhugoomsuuf hojii mana marichaa maloota sabqunnamtii garaa garaan tooftaalee beeksisaa adda addaa fayyadamuun ga’ee fi iiti gaafatamummaa mana marichaa lammileef beeksisuu akkasumas maxxansa keessaan hawaasa bira qaqqabuu yaaluun murteessaadha. Sochii mana marichaa hanga ammaa keessatti hudhaalee mudataniif furmaata kennuun socho’uun irraa eegama. Kanneen keessaa waajjira mana marichaa sirriitti gurmeessuu fi humna namaa fi galteewwan guutuun barbaachisaa ta’a. Kanneen guutuuf miseensonni mana maree hundi buusii miseensummaa waggaa isaan irraa eegamu yeroon kaffaluutu irraa eegama. Gara fuula duraatti hudhaalee kana ce’uu irra darbee akkataa dambiin mana maree eyyamuun madda faayinaansii guddisuun ga’umsa cimaadhaan hojiitti seenuun dirqama ta’a.

Gara fuula duraa yeroo gabaabaatti hojiiwwan xiyyeeffannoo barbaadan

• Karoora tarsiimoo waggaa shanii mana maree qopheessuu

• Qajeelfama keessaa fi maanuwaalii qaamoleen murtii araaraa filataman ittiin geggeeffaman qopheessuun hojiitti akka seenan haala mijeessuu

• Ga’ee hojii fi itti gaafatamummaa mana marichaa akkasumas seera ittiin bulmaataa fi qajeelfama naamusaa gaazexessitootaaf, abbootii miidiyaa fi ummataaf beeksisuu

MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 12MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 12 7/20/21 6:00 AM7/20/21 6:00 AM

Page 13: MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 1 7/20/21 6:00 AM

13

Baay’inni Komiiwwan Dhaabbilee Sabqunnmtii Irratti Dhiyaatanii fi Keessummeessitoonni Komii WalgituuDhabuu:Xiinxala Sirna Waliin Wal-To’achuu Sab-qunnamtii Itoophiyaa

Getaachew Dinquu (Phd) Daarektara Ol-aanaa Abbaa Taayitaa Sabqunnamtii Itoophiyaa Duraanii

Qaamoleen to’annoo sabqunnamtii fudhatama yokaan beekamtiin argatan kan maddu shoora faayidaa ummataa haala fooyya’aa ta’een mirkaneessuuf taphatan irratti kan hundaa’edha. Bu’uuruma kanaan qaamoleen to’annoo sabqunnamtii harki caalaan kan hundaa’an faayidaa diinagdee caalaa faayidaa ummataa mirkaneessuufidha.

Waa’een hojimaata to’annoo sabqunnamtii yommuu heeramu kaayyoon, tooftaa fi hojimaatni gosa tokkoo fi walfakkaataa qaama hundaan irratti waliif galame hin jiru. Biyyoonni garaa garaa sirna waliin wal to’achuu kan hordofan yommuu ta’u kanneen biroo ammoo sirna to’annoo waliinii beekamtii kennuu yokaan onnachiisuu irratti bu’uureffate hordofu. Kanneen hafanimmoo sirna to’annoo qaama seeraan hundeeffameen raawwatamu kan hordofanidha.1

Itoophiyaa keessatti to’annoon sabqunnamtii kan geggeeffamu duudhaalee qaamolee hawaasaa garaa garaa eeguu fi aadaa waliin jireenyaa mirkaneessuufidha. Itoophiyaa keessatti sirni to’annoo dhiyeenya kana hojii irra oole sirna waliin wal to’achuu (Co-regulation) jedhamee beekamudha. Sirna to’annoo kanaan “Qaamni to’annoo bilisa fi mataa isaa of danda’e seeraan kan hundeeffamuu yommuu ta’u qaamni kun dambii naamusaa fi sadarkaa gahumsa ogummaa dhaabbilee sabqunnamtii hundaaf tajaajilu baasuun qaama dambii kana cabse irratti tarkaanfii akka fudhatu labsiidhaan aangoon ni kennamaaf.”2

Biyyoota sirna to’annoo waliinii hordofanis taanaan seerota isaanii keessatti tumaalee fi hojimaata walfakkaataa hin qaban.

Sirna to’annoo waliinii keessatti yeroo mara qindoominni damee ummataa fi dhuunfaa jiraatus “qabiyyeen sirna to’annoo fi haalli itti gaafatamummaa dhaabbilee sabqunnamtii dhuunfaa fi mootummaa gidduu jiru biyyoota sirna to’annoo waliinii hordofan keessatti hojimaata addaa addummaa qabu yommuu hordofan mul’ata.”3

Labsiin sabqunnamtii lakk 1238/2013 dhiyoo kana hojii irra oole sirna waliin wal to’achuu fi hanqinaalee namusa ogummaa gaazexeessummaa keessatti mul’atan hanqisuuf ga’ee sirnichi qabu ifatti beekamtii kennee jira. Ta’us hanqinaalee naamusaa hundi akka sirraa’an ni taasisa jechuun hin danda’amu.

Labsiin sabqunnamtii sirni waliin wal to’achuu cimee akka deemuuf deggersa akka taasisu itti gaafatamummaa Abbaa Taayitaa Sabqunnamtiif kenneera. Bu’uuruma kanaan labsii sabqunnamtiin akka tumametti boordiin abbaa taayitichaa waggaa sadii sadiitti haalaa fi raawwii hojii sirni waliin wal to’achhuu irratti argamu kan qoratu yommuu ta’u barbaachisaa ta’ee yoo argames komiiwwan dhiyaatan simatanii qorachuun murtoo kennuu ilaalchisee itti gaafatamummaa abbaa taayitichaaf kenname gara mana mareetti yokaan qaama sirna to’annoo waliiniitti akka darbu murteessuu ni danda’a.

Kaayyoon labsichaas qaama to’annoo waliiniif aangoo gahaa kennuu fi rakkoolee namuusa cabsuu waggoottan kurnan muraasa darban kana gama dhaabbilee sabqunnamtiin mul’ataa turan gahumsaan akka furu dandeessisuudha.

Yeroo ammaa walfalmiin gaazexeessitotaa fi qooda fudhatoota damee kanaan ka’aa jiru mootummaan aangoo komiiwwan dhaabbilee sabqunnamtii irratti dhiyaatan dhaga’uu qaama to’annoo waliiniif dabarsee kennuu qaba kan jedhu ta’uun ni beekama.Haa ta’u malee falmiin kun irra caalaa sadarkaa yaadrimeetti kan dhiyaatu yommuu ta’u rakkoolee bulani fi qabatamaa, hojimaata, seerota biyya keenyaa fi humna ittiin dhaabbilee sabqunnamtii itti gaafatamummaa taasisuu danda’u irratti

1 Kimumiwwee fuula 2014. Sirna To’annoo fi Raawwii sabqunnamtii Ugaandaa: Kitaaba Qajeelfama Gaazzexessitootaa

2 Fuula walfakkaatu irraa kan fudhatame3 Pirooser T.2008. Qajeelfama Sirna Waliin Wal To’achuu, To’annoo Waliinii fi Tajaajila Miidiyaa Suur sagalee: Yaadannoo

Imaammata Maamiltootaa :31: 99-113

MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 13MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 13 7/20/21 6:00 AM7/20/21 6:00 AM

Page 14: MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 1 7/20/21 6:00 AM

14

xiyyeeffachuu dhiisee dhimmoota ifa hin taanee fi yaadrimeewwan bilisummaa pireesii irratti xiyyeeffatani fi yaada mootummaa fagootti lagachuu jedhu irratti hundaa’a.

Kanaafuu haala qabatamaa biyya keenyaan itti gaafatamummaa komii kessummeessuu qaama to’atuuf kenname gara mana maree yokaan qaamolee sirna waliin wal to’achuuf darbee kennamuun dura filannoowwan garaa graa fayyadamuun sirna waliin wal to’achuu cimsuu, lafa qabsiisuu, deggeruu fi jajjabeessuun barbaachisaadha. Abban taayitaa fi mootummaanis ga’ee kana bahuuti irraa eegama.

Haala Qaamolee To’annoo Sabqunnamtii fi Haala Qabatamaa Biyya Keenyaa

Itoophiyaan ce’umsa jijjiirama siyaasaa keessatti argamti. Kanaafuu haalaa fi yeroo siyaasni hojimaata sabqunnamtii keessa seenuun dhiibbaa guddaa qaqqabsiisaa ture keessaa bahaa jirra. Dhaabbileen sabqunnamtii biyya keenyaa akka qaama jijjiiramaa tokkootti dirreen siyaasaa akka bal’atuu fi mirgi yaada ofii bilisaan ibsachuu beekamtii heeraa aragate akka hojiirra ooluuf qabsoo taasisan haaluun hin danda’amu.

Jijjiirama mootummaa biyya keenya keessatti dhufeen walqabatee mootummaan yeroo ammaa aangoo irra jiru dirree siyaasaa biyya keenyaa bal’isuuf akkasumas seerota dhaabbilee sabqunnamtii irratti dhiibbaa qaqqabsiisaa turan fooyyessuuf murannoo guddaa agarsiiseera.

Haa ta’u iyyu malee jijjiirama nama jajjabeessanii fi abdii namatti horan argaa yeroo jirru kanatti sababa qabiyyee fi ergawwan jibbinsaa dhaabbilee sabqunnamtii muraasaan tamsa’aa jiraniin walitti bu’insa garaa garaa keessummeessuu dandeenyeerra. Dhaabbileen sabqunnamtii fi gaazexeessitoonni biyya keenya keessa jiran bilisummaa argatan miira itti gaafatamummaa qabuun fayyadamaa jiru jechuu nama hin dandeessisu. Hanqinni gahumsa ogummaa rakkoo bal’inaan gaazexessitootaa fi dhaabbilee sabqunnamtii biratti ifatti mul’atudha. Kanarraa ka’uun odeeffannoon ummata keenyaaf dhiyaatu harki caalaan madaalawaa kan hin taane, siyaasa kan makate fi loogummaa sabummaan kan guutame ta’aa jira.1

Dhaabbileen sabqunnamtii biyya keenyaa miira itti gaafatamummaan socho’uun walqabatee sadarkaa gadi aanaa irratti argamu. Manni maree dhaabbilee sabqunnamtiis dhiyoo hundeeffamuu isaan walqabatee bu’a qabeessummaa sirna to’annoo waliinii gara fuula duraa kan ilaallu ta’a. Dhaabbilee sabqunnamtii biyya keenyaa adeemsa waliin wal to’achuu keessatti tarkaanfii fi adabbii dhaabbilee gita isaanii ta’aniin irratti murtaa’u fudhatanii hojii irra oolchuuf eyyamamoo ta’uu isaaniis tilmaamuun nama rakkisa. Qorannoowwan akka mul’isanitti Awurooppaa keessatti dhaabbilee sabqunnamtii sirna waliin wal to’achuu hojii irra oolchuun muuxannoo waggoota kurnan hedduu dabarsan birattillee bu’a qabeessummaan sirna waliin wal to’achuu gaaffii jala jira.2

Abban Taayitaa Sabqunnamtii Itoophiyaa bu’uura labsii sabqunnamtiidhaan qabiyyee dhaabbilee sabqunnamtii to’achuu fi aangoowwan kanaan walqabatan kan kennameef yommuu ta’u abbaan taayitichaa itti gaafatamummaa fi ga’ee hojii kennameef keessaa muraasa caasaalee waliin wal to’annoof dabarsee kennuu yokaan qooduu akka danda’u labsicha keessatti caqasameera. Labsiin Sabqunnamtii Abbaa Taayitaa Sabqunnamtii bifaa haaraan gurmeessuun itti waamamni isaa mana mareef kan ta’e, faayidaa ummataa kabachiisuuf kan hojjetu dhaabbata bilisa ta’ee akka hundaa’u taasiseera.

Qaamni dhaabbilee sabqunnamtii to’atu waggoottan lamaan jijjiiramaa asitti mirga bilisummaa dhaabbilee sabaqunnamtii otoo hin sarbiin damee kana to’achuu fi deggeruuf hojiilee hedduu hojjechaa turee jira. Abaan taayitichaa qaamolee garaa garaa damee kanaa waliin qindoomuun dahaabbilee sabqunnamtii bilisaa fi itti gafatamummaan itti dhaga’amu horachuuf sochii irratti aragama.

1 Sikerjaal T fi Alamaayyoo M.2021. Sabqunnamtii Itoophiyaa Saba Irratti Bu’uureffate

2 Feengiler Es Ebirweyin T. Asiyus Es. Baayisnee O. Bichiler Ke Et Ol. 2015 Sirni Waliin Wal to’achuu Sabqunnamtii hagam Bu’a

Qabeessadha? Bu’aa Qorannoo Gaazzexessitoota Awurooppaa Irratti Geggeefame irraa Argame. Yadannoo Kominikeeshinii

Awurooppaa 30(3)https://doi.org/10.1177/0267323114561009

MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 14MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 14 7/20/21 6:00 AM7/20/21 6:00 AM

Page 15: MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 1 7/20/21 6:00 AM

15

Abban taayitichaa seenaa isaa kan darbe irraa barachaa amantaa damee sabqunnamtii irraa argachaa jiru daraan fooyyessaa deemuun irraa eegama. Abbaan taayitaa aangoo dhaabbilee sabqunnamtii to’achuu fi kan balleessaa qaban irratti murtii adabbii fudhachuun walqabatee yommuu madaalamu mana maree sabqunnmtii irra gahumsaa fi fooyyee ni qaba.

Akka amantaakootti Itoophiyaa keessatti barbaachisummaan sirna waliin wal to’achuu fi hojiirra oolmaa isaa yokan haalli qophaa’ummaa gama waldaalee gaazzxessitootaa fi humna raawwachiisummaa mana maree gidduu jiru akka wal hin gitne nan hubadha. Qabatamaadhaanis sirni waliin wal to’achuu dhaabbilee sabqunnamtii faayidaalee fi qormaatilee mataa isaa ni qabaata. Peeyirii Korpiserii namni jedhamu Piroofeesariin seera kominikeeshinii akka barreessetti: -

Rakkooleen sirna to’annoo waliinii keessatti mul’atan rakkoo fedhii

addaa damee sabqunnamtii fi fedhii waliigala hawaasaa walitti qa-

abanii ilaaluu akkasumas rakkoo qajeeltowwan ogummaa ba’an qooda

fudhatoota damee kanaa raawwii gadi aanaa qaban irratti hundaa’uun

kan qophaa’an ta’uu isaadha. Kana malees sirni to’annoo waliinii fedhii

qooda fudhattoota damee kanaa keessatti dhiibbaa guddaa qabanii

mirkaneessuuf sirna gargaarudha.3

Biyyoonni hedduun sirna itti gaafatamummaa ijaaruu fi sadarkaa namuusa ogummaa gaazexeessummaa guddisuuf yaalii gama isaanii kan taasisan ta’us bu’aan argatan garuu garaagarummaa kan qabudha. Kanaafuu biyya keenya keessatti mana maree sabqunnamtii irratti guutummaa guutuutti amantaa akka hin gatne kan taasisan sababoonni hedduun ni jiru.Akka hubannoo kiyyatti yeroo ammaa manni maree sabqunnamtii Itoophiyaa fudhatama argachuuf dhaabbata tattaaffii irratti kan argamudha.

Hanga ani beekutti dhaabbileen sabqunnmtii lakoofsaan xiqqaa hin taane akkasumas Korporeeshinii Biroodkaastii Itoophiyaa dabalatee dhaabbileen sabqunnamtii ummataa miseensa mana maree kanaa miti. Walga’ii manni maree sabqunnamtii waame irrattis oggantoota dhaabbilee sabqunnmtii dabalatee “mana maree kana keessatti miseensa yoo taane faayidaan aragannu maali” gaafii jedhu kaasuu isaanii nan yaadadha.

Kunis kan agarsiisuu dhaabbileen sabqunnamtii kan itti dhiphatan faayidaa ummataa mirkaneessuu yokaan kabaja ogummaa aragachuu otoo hin taane miseensa mana marichaa ta’uun faayidaa argamu, leenjii fi deggersa garaa garaa qofa irratti kan xiyyeeffate ta’uu isaati.

Gurmaa’insa miseensota boordii mana maree yommuu ilaallu manni marichaa miseensota boordii shan kan qabu yommuu ta’u kanneen keessaa afur abbootii qabeenyaa dhaabbilee sabqunnamtiidha.4 Waa’ee geggeessummaa fi haala caasaa oggansaa mana marichaa yommuun yaadu gara fuula duraatti walitti bu’insi faayidaa gidduu isaaniitti uumamuu akka danda’un tilmaama.

Kana malees geggeessitoonni mana marichaa faayidaa dingdee mataa isaaniif dursa kennumoo faayidaa ummataaf jecha qulqullina ogummaa gaazexeessummaaf carraaqu kan jedhu dhimma walnama gaafachiisudha. Kana bira darbees manneen maree sabqunnamtii galii hojii ittiin geggeessuuf isaan gargaaru kan argatan dhaabbilee sabqunnamtii fi ogeessota miseensummaan galmaa’an irraa waan ta’eef miseensota maallaqaan isaan deggeran irratti murtii haqa qabeessaa fi walfakkaataa ta’e kennuun isaan rakkisa.

Sirnoonni waliin wal to’achuu hedduun tajaajilawwan garaa garaa kennuuf waadaa kan galan yoo ta’aniyyu tajaajila isaanii gahumsaan wal geessisuu irratti dhadhabina agarsiisuu irra darbee komiiwwan dhiyaataniifis murtoo saffisaa ta’e hin kennan. Gama kanaan manni maree sabqunnamtii biyya keenyaa hanga ammaa komiin tokkoyyu kan hin dhiyaanneef waan ta’eef yeroo kanatti waa’ee gahumsa isaa dubbachuun nama rakkisa.

3 Korpiiserii: fuula 2014. Sirna Waliin Wal To’achuu Fiinlaandii fi Yaada Bilisaan Ibsachuu Bu’uura Seeraan: Yuunivarsiitii Heelsinkii

4 Inistiitiyuutii Miidiyaa Mersaa 2019. Itoophiyaatti Waldaalee Sabqunnamtii Bilisaa Guddisuu: Qormaatilee fi Carraawwan

Jijjiirama Haaraa: AA Itoophiyaa.

MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 15MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 15 7/20/21 6:00 AM7/20/21 6:00 AM

Page 16: MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 1 7/20/21 6:00 AM

16

Kanaafuu mana maree sabqunnamtii cinaatti Abbaan Taayitaa Sabqunnamtii Itoophiyaa jiraachuun isaa barbaachisa akka ta’en gorsuu barbaada. Sababni isaas manni maree humna komiiwwan dhiyaatan keessummeessuu hanga horatutti abbaan taayitichaa tajaajila kennaa akka turu gochuun barbaachisaadha.

Xumura

Sirna waliin wal to’achuu dhaabbilee sabqunnamtii hojii irra oolchuun walqabatee dhaabbileen sabqunnamtii fi gaazexeessitoonni akka jaarmiyaattis ta’e akka damichaatti hubannoo walqixa qabu jechuun hin danda’amu. Sirnoonni waliin wal to’achuu dhaabbilee sabqunnamtii bu’a qabeessa akka ta’an dambii fi daangaalee to’annoo qabaachuuti irraa eegama.

Daangaan namuusaa qaamolee damichaa seera darban irratti fudhatamu qaamoleen daangicha darban dambii namuusaa damichaaf akka abboomaman gochuus dhiisuus ni danda’a. Kanaafuu akka amantaa kiyyatti sirni to’annoo waliinii aangoo qajeelfama dhaabbileen sabqunnamtii waliin ittiin geggeeffaman baasuu fi raawwachiisuu qaama mootummaa to’atuuf kan kennu waan ta’eef filatamaadha. Gama kanaan sirna waliin wal to’achuu dhaabbilee sabqunnamtii bu’a qabeessa taasisuuf Abbaan Taayitaa Sabqunnamtii tarkaanfilee tarsiimawaa mataa isaa yoo fudhate hammeenya qaba jedhee hin fudhadhu. Fakeenyaaf abbaan taayitichaa ulaagaalee kenninsa eyymaa baasu keessatti miidiyaaleen biroodkaastii dambii namuusaa fi seerota qaamoleen sirna waliin wal to’achuu dhaabbilee sabqunnamtii baasaniif bitamuu akka qaban tumaalee ibsan akka hammatu gochuun baay’ee barbaachisaa ta’a.

Dabalataanis abbootii eyyama dhaabbata sabqunnmtii seera darban eyyama isaanii haquun komiiwwan dhiyaatan haala fooyya’aan akka keessummeessan gochuun ni danda’ama. Gama kanaan qaamni to’annoo sabqunnamtii biyya Ameerikaa FCC muuxanoowwan gaggaarii horatee jira.1Dameen maxxansaas dambii naamusaaf akka bitamuuf hojimaata walfakkaatan hordofuu barbaachisa. Gaazexoonni fi barruuleen eyyama baasuuf waan hin dirqamneef qaamolee beeksisa dabarfachuu barbaadan ergaa isaanii gaazexaa yokaan barruulee kamiiniyyu otoo hin tamsaasiin dura gaazexaan yokaan barruuleen sun sirna waliin wal to’achuu keessatti hammatamuu isaa akka mirkaneeffatanii keessummeessan gochuun ni danda’ama. Fakkeenyaaf Hindii keessatti mootummaan ga’ee adda durummaa fudhachuun “manni hojii mootummaa kamiyyu gaazexaa yokaan barruulee dambii sirna waliin wal to’achuuf hin abboomamne irratti beeksisa akka hin dabarsine dhorkee jira. 2

Gama kanaan biyya keenya keessatti naamusa ogummaa gaazexeessummaa cabsuun bal’inaan kan mul’atu ta’uu isaan walqabatee tokkoon tokkoon dhaabbilee sabqunnamtii dambii naamusaaf akka bitaman gochuun hojii cimaa akka ta’e nan amana. Kanaafuu yeroodhaaf kallattii sirrii kan ta’u qindoomina cimaa uumuu fi qaamni hundi dammaqinaa fi waldeggersaan ga’ee isaa akka bahatu gochuudha.

Sirna waliin wal to’achuu guutummaa guutuutti hojii irra oolchuun duratti yeroo ce’umsaa nu barbaachisa. Adeemsa keessas Mana Maree Sabqunnamtii Itoophiyaa dabalatee caasaaleen sirna waliin wal to’achuu dhaabbilee sabqunnamtii dambii namuusaa cabsan to’achuu fi sirreessuu keessatti ummataaf amanamaa fi filannoo gaarii ta’uu isaanii mirkaneessuuf cimanii hojjechuuti irraa eegama.

Abbaan Taayitaa Sabqunnamtiis mana maree fi waldaalee gaazexeessitootaa deggaruu fi beeksisuu itti fufiinsaan hojjechuu qaba. Abbaan taayitichaa raawwii hojii fi bu’a qabeessummaa sirna waliin wal to’achuu sadarkaa dhaabbilee sabqunnamtiis ta’e sadarkaa ogummaatti jiru yeroo yerootti gamaggamuun gahee guddina ogummichaaf gumaachan jajjabeessuuf tooftaalee garaa garaa mala dha’uuti irraa eegama.

1 Huwa’ang fuula 2013. Sirni Waliin Wal To’achuu Sabqunnamtii Bu’a qabeessa ta’uu isaa: Sabqunnamtii Eeshiyaa Insaayits

40(4):315-317

2 Fuula walfakkaatu irraa kan fudhatame

MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 16MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 16 7/20/21 6:00 AM7/20/21 6:00 AM

Page 17: MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 1 7/20/21 6:00 AM

17

Sirna Waliin Walto’achuu Sabqunnamtii : Kallattii Xiyyeeffannoo Kan gad-lakkise, Carraawwan MiliqanTaamiraat G/Giyoorgis – Gulaalaalaa Olaanaa Addis Foorchuun

Manni Maree Sabqunnamtii Itoophiyaa erga wixineeffamee waggoota kudha jaha, kan hundeeffame ammoo waggoota afur akkasumas galmaa’ee qaama seerummaa erga argatee waggaa tokkoo ol kan lakkoofsise yoo ta’eyyu waa’een hojii qabatamaa keessa seenuu isaa garuu abjuu fagoo nutti ta’ee jira. Manni maree baay’ee abadatamee fi tilmaamni guddaan itti kenname dhimmi hojiirra oolmaa isaa jalaqabumarratti dhimma baay’ee yaaddessaa ta’ee fi yeroo ammaas boolla qarqaratti kan argamudha.

Kanaafuu dameen sabqunnamtii kun waanti haaraa ta’e kan isa mudate fakkaata.

Baay’ee burjaajja’uu, amantaa dhabuu, kallattiin dhiibuu fi haala qabatamaa biyyattii sodaa fi shakkiin guutame keessatti madda odeeffannoo dhugaa fi dursaa ta’e argachuurra waanti ulfaataa ta’e hin jiru.

Jaarraa tokkoo booda weerarri Koronaa (COVID _19) sadarkaa addunyaatti yaaddessaa ta’ee dhufeera. Biyyoota hundarrattis sodaa guddaa ta’eera. Miiliyoononni hedduun sodaa fi haala qofaatti of adda baasuu keessa taa’anii odeeffannoo miidiyaa hawaasaan tamsa’u qofa dhaga’aa odeeffannoo dhugaa ta’e dheebotaa jiru. Gama kanaan hawaasni waa’ee uumamaa fi tamsa’ina vaayiresichaa irratti beekumsaa fi hubannoon qabu sodaan kan guutame waan ta’eef weerara kanarraa sirriitti of eeguuf isa gargaareera. Namoonni Vaayiresichaan du’aan maatii fi firoottan isaaniin awwaalaamaa jiru. Namoonni hedduun weerara kanaan guyyaa guyyaan qabamaa jiru.

Dhibee fayyaa hamaa kana cinaattis rakkoon tasgabbii siyaasa biyya keenyaas daraan cimeera. Biyyattii keessatti rakkoolee nageenyaa caqafaman keessaa tokko kan ta’ee fi xiyyeeffannoo guddaa argachaa kan dhufe waraana ji’oota dhiyoo jalqabee Tigiraayitti geggeeffamaa jirudha. Gama kanaan hawaasni taatewwan guyyaa guyyaan uumaman irratti odeeffannoo argachuuf kan akka madda odeeffannootti gargaaramu miidiyaa hawaasaa miseensonni fi gareewwan paartii miira sabummaan seenessa ilaalcha siyaasaa isanii irratti tamsaasanidha.

Kanarra darbees dhaabbileen sabqunnamtii idilee Itoophiyaa keessa jiranis waa’ee waraanaa olkaasanii hafarsuun bira darbanii sodaa fi loogummaa tokko malee odeeffannoo dhugaa fi wayitaawaa ta’e ummataaf geessisuu hin dandeenye.

Naannolee addaa addaa biyyattii keessatti walitti bu’insi garaa garaa uumamaa jiru. Muummeen Ministiraas waltajjii Mana Maree Bakka bu’oota Ummataa irratti

MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 17MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 17 7/20/21 6:00 AM7/20/21 6:00 AM

Page 18: MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 1 7/20/21 6:00 AM

18

dhiyaatanii haala walitti bu’insi babal’achaa deeme kan isaan yaaddesse ta’uu heeruun bara 2010 ALH erga aangootti dhufanii asitti biyyattii keessatti walitti bu’insi dhiiga lammilee lolaasan garaa garaa 130 gadi hin taane uumamuu dubbataniiru.

Haa ta’u malee dhaabbileen idil-addunyaa walitti bu’insarratti hordoffii geggeessan akka fakeenyaatti Naannolee Qabsoo Hidhannoo Itti Geggeefamuu fi Agarsiiftuu Odeeffannoo Haalaa (Armed Conflict Location and Event Data Project (ACLED) dhaabbanni jedhamu gabaasa ifoomseen waggaa dabarsine qofaatti walitti bu’insi garaa garaa du’aatiin namoota keessatti galmaa’e lakkoofsi isaanii 250 ol ga’ee jira.

Dhaabbileen sabqunnamtii biyya keenyaa hawaasa ilaalchota fiixee garaa garaa qabate keessatti kan socho’an waan ta’eef kanneen dambalii raadiyoonis ta’e maxxansaa fi tekinooloojii dijiitaalaan tamsaasan fedhii hawaasa guutuuf yaalii gamasaanii gochaa jiru.

Haala nama ajaa’ibuun dhaabbileen sabqunnamtii idilee rakkoo sochii gabaa mataa isaaniin walqabatuu fi amantaa ummataa dhabuun rakkoolee garaa garaa lamaaf saaxilamanii jiru. Dhaabbileen sabqunnamtii haala qabatamaa hawaasaa keessatti socho’an kan calaqqisiisan waan ta’aniif ilaalcha dogoggoraa irraa ka’anii bal’isaa deemuun haala qoqqoodinsa ummataa calaqisiisuu danda’u.

Sababoota hawaasa qoqqoodan keessaa gahee guddaa kan qabatu waldhibdee qooqaa fi aadaa bu’uura godhatedha. Gama kanaan hayyoonni sabaqunnamtii lama Teeree Seerdaal fi Mulaat Alamaayyoo qorannoo mata duree “Sabqunnamtii Itoophiyaa fi Sabummaa” jedhuun geggessan irratti akka caqasanitti haalli qabatamaa sabqunnamtii Itoophiyaa “haalaan kan nama yaaddessu” dha jedhaniiru.

Dhaabbileen sabqunnamtii biyyaa keenyaa yeroo tokkotti akka meeshaa aangoo mootummatti yokaan mootummaa wajiin walitti dhufeenya masaanummaa kan qabu ta’ee halli itti mul’atu tureera. Ammarrattimmoo bifa isaa jijjiirratee humnoota hawaasummaa fi siyaasaa garaa garaa bu’uura sabummaan socho’aniif meeshaa ta’ee tajaajilaa jira. Kanaafuu bu’uura yaada Teeree fi Mulaatiin dhaabbileen sabqunnamtii tajaajilaa kan jiran badii fi qoodinsadha.

Duudhaaleen haqummaa ogummaa, walabummaa fi itti gaafatamummaajedhaman loogummaa siyaasaaf bakka gadilakkisaniiru. Oggantoonni dhaabbilee sabqunnamtii buleeyyii hedduun qaamota aangoorra jiraniif jaalala fakkeessaa itti agarsiisaa ilaalchota isaanii miiraan guutame, hin qoratamnee fi ilaalcha badii akkuma jirutti fudhatanii dabarsu. Namoota faallaa sanaan dhaabbatan ammoo “isaan” jedhanii itti moggaasu.

Namoonni “isaan” jedahmanii moggafamannamoota ilaalcha siyaasa kanneen aangorra jiranii ceepha’anii fi seenessa mataa isaanii dhiyeessuun tole jedhanii dhiibbaa gama biraan dhufu hin fedhannedha.

Qabsoo aangoo siyaasaa qabachuuf taasifamu akkanaa keessatti miidhaan irra ga’u dhugaa qofa taati.

Sabqunnamtiin idilee duudhaalee naamusa gaazexeessummaa damicha keessatti beekaman kabajee hojjechuu qaba. Kana gochuunis gaazexeessitoonni odeeffannoo gabaasuu qaban qorachuu, qulqulleessuu, xiinxaluu fi ceepha’uu qabu.

Dhaabbileen sabqunnamtii dirree naamusaa badaa akkanaa keessatti kan hojjetan yoo ta’ellee hojimaata sirrii qabatanii hojjechuu qabau. Kana ta’uu baannaan guyyaa seera cabsanii fi sarara diimaarra dhaabbatan itti gaafatamummaan mana murtii dhaabbachuun isaanii waan hafu hin ta’u. Gara fuula duraatti dirree sabqunnamtii namuusni gaazexeessummaa kabajamu keessa gaafa dhaabbatan adabbii seeraa gadi kan hin taane safuu yokaan hamileen adabamuun isaaniis waan oolu miti.

Dhaabbileen sabqunnamtii toora seeraa fi naamusaa sirrii ta’e keessa akka galu gochuuf hojjechuu kan qabu Mana Maree Sabqunnamtii Itoophiyaa ture. Manni maree kun bara 2008 ALH galma Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Komiishinii Dinagdee Afirikaatti ifatti hundeeffamuu isaan dura adeemsa bu’aa ba’ii hedduu keessa darbee mana maree hundaa’edha. Bakka bu’oota dhaabbilee

MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 18MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 18 7/20/21 6:00 AM7/20/21 6:00 AM

Page 19: MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 1 7/20/21 6:00 AM

19

sabqunnamtii guyyaa hundeeffama isaa argamanii dambii ittiin bulmaataa fi dambii naamusaa mana marichaa mallattoo isaaniin raggaasisan keessaa namni tokko ana ture.

Baay’een keenya sirni waliin wal to’achuu yeroo seena qabeessa kanatti adeemsa dheeraa fi nuffisiisaa ta’ee booda hundaa’e kun sadarkaa duuba hin deebine irra akka geenyetti yaadna turre. Haa ta’u malee duuba naanna’ee yommuun ilaalu yaadichi yaada gowwummaa irraa maddu ta’uu isaa hubadheera. Kanaafuu gurmaa’insa mana maree qofarratti xiyyeefachuun keenyaa fi duudhaalee waliinii jennee qabanneef kutannoo fi cimina miseensota hundeessitootaa qofa abdannee gara fuula duraatti deemuuf yaaluun keenya hojii bu’aa yokaan faayidaa hin qabnedha jechuun nidanda’ama.

Gama kanaan waanti salphifnee ilaalle namoonni dhuunfaa aangoo ummataa qabachuuf ammam hawwii fi fedhii akka agarsiisanii fi tibbuma teessoo qabatanirraa eegalanii aangoo isaanii akka fedhii isaaniitti kan mijeeffatan ta’uu isaaniiti. Kana malees Mana Maree Sabqunnamtii hundeessuuf adeemsa dheeraa fi sirna waliin wal gamaggamuu waggoota kudhan fudhate akkasumas erga hundaa’ees bu’uura dambii keessaan itti gaafatamummaa isaa bahuun olitti dhimmi xiyyeeffannoo guddaa barbaadu hin jiru jennee yaaduun keenya dogoggora nuti yeroosanatti hojjenne yommuu ta’u kanarraas barnoota guddaa arganneerra.

Haala nama ajaa’ibuun yaadni sirna waliin wal to’achuu sabqunnamtii hundeessuu kan madde dhaabbilee sabqunnamtiirraa hin turre. Gara yaada kanaatti kan dhufne yeroo jalqabaaf bara 1996 ALH wayita yaadichi wixinee labsii sabqunnamtii keessatti hammatamee mareef dhiyaate ture. Ajandaan kun yeroo sanatti walga’ii maree Hoteela Giyoonnitti geggeeffameen mootummaa federaalaa fi ogeessonni dhaabbilee sabqunnamtii irratti kan hirmaatanii fi uwwisa oduu televizyinii kan argate waan tureef xiyyeeffannoo ummataa argtee ture.

Maree gegggeefame irratti geggeessitoonni mootummaa yaadni deggeraa turan sirni to’annoo cimaa mootummaan raawwatamu hafee dameen sabqunnamtii waliin akka wal to’atuuf sirni to’annoo hundeeffamuu qaba yaada jedhu fudhatanii turan. Kunis akka injifannoo guddaatti yeroo itti fudhatame ture.

Mootummaan ejjennoo gogaa qabachuun beekamu yeroo baay’ee eyyamamaa waan hin taaneef dhaabbileen sabqunnamtii muraasni itti gaafatamummaa fudhatanii yeroo yerootti wal arguun haala manni maree dhaabbachuu dandaurratti mari’achuu eegalan. Haa ta’u malee yeroo jalqabaa turtiin hundeeffama mana marichaa ji’oota muraasa qofa keessatti xumurama jedhamee yaadame waggoota 15 fudhate. Kunis filannoo seena qabeessa bara 1997 duraa fi booda jijjiirama siyaasaa uumameen hundeeffama mana marichaa adeemsa bu’aa ba’ii dheeraa fi abdii kutachiisaa ta’e keessa akka darbu taasiseera.

Dhaabbileen sabqunnamtiin idilees ta’e sabqunnamtii haaraa addunyaa duwwaa ta’e keessattti kan socho’an miti. Sabqunnamtiin kallattiidhaan calaqqeessa hawaasa qoqqoodamaa faallaa garaa garaarra jiruu fi humnoota siyaasaati. Haalli Itoophiyaas kanarraa adda miti.

Mana maree sabqunnamtii miseensota hunda biratti amanamee fi ummataaf murtii walabaa kennu hundeessuun hojii dursa kennamee raawatamuu qabu ture. Bu’uuruma kanaan abbummaa fi bal’inni uwwisa isaanii ilaalcha keessa otoo hin galiin dhaabbileen sabqunnamtii hundi gara miseensummaa mana marichaatti akka dhufan gochuun barbaachisaa ture. Kanaafuu dhaabbanni kamiyyu boodatti otoo hin hafin dhaabbileen sabqunnamtii qaama seerummaa qaban hundi hin hammatamiin akka hafan gochuun hin barbaadamne ture.

Kana dhugoomsuuf tumaalee damabii keessaa fi dambii naamusaa mana marichaa keessuamatti gosa miseensummaa, madda galii akkasumas mirga deebii kennuu fi tumaalee biroo irratti bal’inaan mari’achuun hojii xiyyeeffannoo barbaadu ture.

Miseensummaa gama ilaallatuun manni maree yommuu hundeeffamu yaadamee kan ture dhaabbilee sabqunnamtii miseensota ijoo fi dhaabbataa taasisuuti ture. Sababni isaas dhaabbileen sabaqunnamtii gaazexeessitoota qacaranii hojjechiisan

MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 19MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 19 7/20/21 6:00 AM7/20/21 6:00 AM

Page 20: MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 1 7/20/21 6:00 AM

20

waliin waliigaltee hojii waan qabaniif dambii naamusaa waliigalanii mallatteessan hojiirra oolchuu waan danda’aniif akkasumas dhaabbileen sabqunnamtii hedduu ragaalee herregaasaanii keessatti “Bu’aa guddachaa deemu” kan qaban, buusii miseensummaaf kan hin rakkanne fi sababoota manni marichaa buusii miseensummaan qofa socho’uun isaa mirkanaa’uu qaba jedhuun ta’uu isaati.

Galii mana marichaa ilaalchisee yaa’iin waliigalaa mana maree otoo hin murteessiin motummaarraas ta’e qaamolee deggersa kennan irraa deggersa gosa kamiyyu fudhachuun dhorkaadha. Pirojektoota addaafille taanaan yaa’iin waliigalaa otoo hin murteessin deggersa maallaqaa fudhachuun hin danda’amu. Akka fakkeenyaatti dhimmi barnoota sabqunnamtiirratti duula hubannoo uumuu akka fakkeenya gaariitti kaasuun ni danda’ama.

Gama kanaan manni marichaa buusii miseensummaan qofa kan socho’u yoo ta’e murteessummaa miseensotaa cimsuun humna hooggantoota mana marichaa itti gaafatamaa gochuu dandeessisu kenna. Sababni isaas dhaabbanni hawaasaa galii mataa isaan bulu carraan itti gaafatamummaa isaa dabarsee qaama biraaf kennuu danda’u waan hin jirreefidha.

Kanaafuu dhimmi galii walitti qabuun walqabatee jiru kanuma akka ta’u yaadamee kan ture yoo ta’eyyu tokko tokkoon keenya garuu hagam dhugaa lafarra jirurraa fagaannee akka jirru kan agarsiisu ture.

Miseensonni mana maree kanatti makamuuf mallateessanii turan galii isaanii waggaa keessaa dhibbentaa muraasa akka kaffalan ni eegama ture. Haalii buusii miseensummaa kan murtaa’u tokko tokkoon dhaabbata sabqunnamtii bal’inaa fi qabeenya qabu irratti kan hundaa’edha.

Dhimma buusii missensummaa ilaalchisee dambii keessaa mana marichaa irratti waliif galuun hin danda’amne. Kunis ulaagaan miseensummaa fi haalli buusii gara fuula duraa erga galmeen missensummaa raawwatee booda akka murtaa’u karaa bane. Kunis manni marichaa miseensonni isaa akkamitti dirqamoota bu’uuraa bahuu akka danda’an qajeelfama agarsiisu kan hin qabne ta’uu isaa agarsiisa.

Waggaa tokkoo boodas haala kaffaltii buusii miseensummaa qoratee yaada ta’uu malu akka dhiyeessuuf garee hojii tokko kan hundeeffame yoo ta’eyyu qorannoon hojjetee dhiyeesse waan hin jirreef dhimmichi callisuun bira darbameera. Bu’uuruma kanaan dambii ittiin bulmaataa mana marichaarratti akkuma ibsameen yaa’iin waliigalaa waggaatti yeroo tokko wal ga’uu qabu otoo hin waamamiin kan hafe yommuu ta’u miseensota fedhii isaaniin deggersa kennanii alatti miseensonni mana marichaa biroon buusii miseensummaa hojii geggeessituu mana marichaaf ta’u otoo hin kaffaliin hafaniiru.

Haala nama ajaa’ibuun oggansi mana marichaa akkauma barametti maallaqa deggertootaa filannoo isa dhumaa taasisee jira. Kun waan baratame ta’ee jira. Bu’uura kanaan oggantoonni waldaalee miseensota isaanii dukkana keessatti itti cufanii karoora pirojektii qabatanii gara dhaabbilee deggarsa kennaniitti fiiguu itti fufanii jiru. Maallaqni yeroo tokko dhangala’uu yoo eegales itti gaafatamummaa waanti jedhamu miseensota bal’aa keessaa ba’ee gara qaamota kiisii bal’aa qabanitti waan ce’uuf manni maree adeemsaa irraan gadee eegala.

Galmee miseensummaa booda yaa’iin waliigalaa mana maree kan gaggeeffame xumura bara 2011 ALI Hoteela Inter Kontinentaalitti ture. Walga’ii kanarratti wixineen baajataa akkumasaatti qophaa’e yaa’iin walii gala akka mirkaneessuuf dhiyaatee ture. Wixinee dhiyaaterratti baajata mana marichaa keessaa dhibbeentaa 70 kan ta’u uwwisuuf kan karoorfame maallaqa dhaabbilee deggarsa kennan irraa argamu kan jedhu ture. Maallaqa kanaanis leenjii itti fufinsa qabu kennuuf kan karoorfame yommuu ta’u filannoon bara 2012 waan akka dheeratu ta’eef leenjiiwwan karoorfaman bu’uura karoorfamaniin otoo hojiirra hin ooliin hafaniiru.

Kanadha egaa! Aadaan namoota qilleensuma kamiyyu waliin deemuuf maallaqa garagaarsaa funaananii kanumadha.

Manni Maree Sabqunnamtii Itoophiyaa sababa hubannoo dogoggoraa hawaasaaf tajaajiluunoo haa buluu miseensota isaanf iyyu adeemsa gadi dhiisee karaa hin mallerra deemaa jira.

MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 20MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 20 7/20/21 6:00 AM7/20/21 6:00 AM

Page 21: MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 1 7/20/21 6:00 AM

21

Manni marichaa waltajjii leenjii miti. Fedhii miseensotaa guutuuf gahee jaarsummaa akka taphatuuf kan hundaa’e miti. Falmataa mirgaa ta’uu fi waldaa ogummaa deggersa walitti qabuuf hundaa’es miti. Hojilee walhinsimne akkanaa hojjechuuf taanaan waldaaleen damee sabqunnamtii keessatti hundaa’an gahaa turan.

Manni marichaa ergama muraasa qofa qabaachuuti irra jiraata. Gama kanaan ergamni ijoon mana marichaa komiiwwan hawaasni dhaabbilee sabqunnamtii irratti dhiyeessu keessumeessuun qabiyyeen dhaabbileen sabqunnamtii tamsaasan dambii naamusaa cabsuu fi dhiisuu isaa qoratee qulqulleessuun murtoo kennuudha.

Kana malees yeroo manni maree hundeeffamu yadamee kan ture filannoo qaama waldhibdee hiiku ta’uun qaamonni komii qaban komiin isaan dhiyeessan bakka miseensonni waliigaltee naamusaa mallatteessan jiranitti dhaggeeffachuun furmaata kennuu ture. Manni marichaa firiiwwan damichaa tortoran adda kan baasuu fi dhaabbilee sabqunnamtii istaandardii ogummaa hin kabajne ifatti maqaan waamee ceepha’uu fi saalfachiisuun qaama sirreessu ta’uuti irraa eegama ture.

Manni marichaa gara hojimaata sirriitti yoo deebi’e oggansaafis ta’e ogeeyyii sabqunnamtiif dhaabbata baay’ee barbaachisaa ture. Keessumatti gaaffilee qorannoo poolisii rakkisaa ta’ee fi adeemsa walfalmii mana murtii nufisiisaa ta’erraa qaama hambisudha. Kanaafuu hojimaata kanaan dhaabbileen sabqunnamtii ofiin of geggeessuun dambii naamusaa mataa isaa ni kabaja, mana murtii mataa isaatti miseensota isaaf tajaajila murtii ni kenna, murtoo gumii naamusaas ni fudhata.

Walumaa galatti yommuu ilaalamu kaayyoon mana maree kanaa dhaabbileen sabqunnamtii wayita odeeffannoo ummataaf kennan mirga qabanii fi itti gaafatamummaan gabaasuun gama mirga lammilee kabajuun dirqama irratti gatame ilaalchisee madaallii isaa eegsisuufidha.

Mana maricha keessatti dhaabbileen baay’ee barbaachisoo ta’an abbagaar ummataa fi qaamoleen gumii naamusaa adeemsa hundeeffamuurratti kan argaman yommuu ta’u keessumatti qaama abbagaar ummataa hundeessuuf kutannoon cimaa hin mul’anne. Waan kana ta’eefis hooggansi hojiiwwan dursi kennamuufii qabu xiyyeeffannoo malu kennuu dhiisuun, dhimmi qaamolee deggersa kennan gammachiisu qofarratti fiiguu fi hojii dambii keessaa faallessu keessa galuu isaa, carraalee mana marichaaf bu’uura dhaabbatummaa uumanii fi bu’a qabeessa taasisan akka dhabu taasiseera.

Biyya rakkkoolee siyaasaa fi walitti bu’insa hamaa keessummeessitu keessatti gama odeeffannoo dhugaa tamsaasuu, naamusa kabajuu fi itti gaafatamummaan gabaasuun gaheen dhaabbilee sabqunnamtii maal ta’uu qaba dhimmi jedhu lammilee hedduuf dhimma yaaddessaa ta’eera. Manni marichaas dhaabbileen sabqunnamtii naamusa kabajuuf bu’uura waliigalanii fi duudhaalee ofii tumataniin hojjechuusaanii ilaalchisee fedhii ummataa mirkaneessuu yoo danda’an amantaan ummanni irraa qabu akka gadi hin buune taasisa.

Akka amantaa kootti Manni Maree Sabqunnamtii Itoophiyaa sababni guddaa ergama hundeeffameef galmaan ga’uu rakkateef oggansi isaa ijoon rakkoo hojimaataa keessa waan galeefidha. Oggansi bu’uura seera hundeeffama mana marichaan miseensota tajaajiluuf tumate dhiisee faallaa dhaabbachuun xiyyeeffannoo fi itti gaafatamummaa isaa qaamolee deggersa maallaqaa kennaniif taasisee jira.

Manni marichaa xiyyeeffannoowwan ergama isaa dagachuu fi fedhii miseensota isaa dagachuun dhaabbilee deggersa kennan gammachiisuutti waan naanna’eef adeemsa keessa fedhii miseensota isaa guutuu hin dandeenye. Kanaafuu haala nama gaddisiisuun oggansas ta’e miseensonni karaa tokkorra deemaa hin jiran.

Oggansi mana marichaa toora irraa kaaseera. Kanaafuu galma mana marichaa ta’ee kan argine, baay’een keenya baabura jalaqaba yeroo yaabnu bakka ni geenya jennee yaadnerraa fagoo ta’uu isaati.

Gama kanaan miseensonni mana marichaa oggansa qaama waliin wal to’achuu karaa sirriitti deebisuu dhadhabuun isaanii waan baay’ee nama gaddisiisuu fi nama gaabbisiisudha. Oggansi yeroo fi humna isaa dhimma baay’ee barbaachisaa ta’erratti akka oolchu gochuu keessatti miseensota baay’ee biratti dhiibbaan wayita taasifamu hin mul’atu. Gama kanaan wayita manni marichaa hundeeffamu kaayyoon guddaan miseensonni irratti waliif galan qaamoleen komii mana maree lameen komiiwwan hawaasarraa dhiyaatan dhaga’uun murtoo akka kennan gochuudha.

MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 21MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 21 7/20/21 6:00 AM7/20/21 6:00 AM

Page 22: MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 1 7/20/21 6:00 AM

22

Haa ta’u malee gama miseensota mana mareen garaa garummaan tokkoyyu kan hin mul’anneef sababa ajaa’ibaa mataa isaa danda’e jiraachuun yommuu ta’u kunis miseensonni harki caalan dirqama buusii waan hin bahanneef oggansi ergama mana marichaa yoo raawwachuu baate itti gaafatamaa gochuuf waan rakkataniifidha. Faallaa kanaan garuu maallaqa qaamolee deggersa kennan irraa argame akka kiraa sassaabaatti funaanuu yaaluun hojimaata baratamedha.

Kunis gocha keenya yeroo darbee waliin waan wal fakkaatudha. waan wal fakkaatu!

Toluma ifaajjuun kanadha. Nama

gaddisiisa. Nama gaabisiisas.

Sirna Waliin Walto’achu Sabqunnamtii ItoophiyaaFaasikaa Taaddasaa fi Asiraat Siyyum – Waldaa Gulaaltota Itoophiyaa

Sirni waliin wal to’achuu sabqunnamtii kan madde ogeessonni damichaa dambii naamusaa fi istaandardii ogummaa qopheessuun waliin wal geggeessuu fi giddu seentummaa hin malle karaa mootummaa fi qaamolee biroon qaqqabuu malu irraa bilisa ta’anii haalli hojjechuu danda’an mijaa’uu qaba yaada jedhu irraati. Hojiin to’annoo sabqunnmtii Itoophiyaa keessatti kan geggeeffamu qaama to’annoo of danda’ee mootummaadhaan hundeefameenidha. Kana irraa ka’uun hanga Manni Maree Sabqunnamtii Itoophiyaa bara 2008 ALI hundeeffametti yaadrimeen sirna waliin wal to’achuu sabqunnamtii namoota hedduu burjaajjessaa tureera.

Manni Maree Sabqunnamtii Itoophiyaa rakkoolee garaa garaa keessumatti damee sabqunnamtii keessatti rakkoo yeroo dheeraa ta’ee kan ture hanqina gahumsa ogummaa fi rakkoolee fiixee faallaa lama irra dhaabbachuun walqabatee jiru ni fura jedhamee abdatamee ture. Haa ta’u iyyu malee damee sabqunnamtii keessatti sababa wal amantaa dhabuu fi walfallessuu yaada ogeessotaa irraan kanka’e manni marichaa rakkoolee damee sabqunnamtii keessatti mul’atan furuu hin dandeenye.

Manni Maree Sabqunnamtii erga hundeeffamee waggoota afur kan lakkoofsise yoo ta’eyyu aangoo fi hojii kennameef raawwachuu akkasumas saffisaan hojiitti galuun komiiwwan dhiyaatan keessummeessuu hin dandeenye. Kana malees adeemsa wixineessuu qajeelfama sirna fi naamusa gabaasa hojii filannoo dhiyoo kana mirkanaa’ee hojiirra oole irrattis hirmaatee ga’ee gama isaa gumaachuu hin dandeenye. Kanaafuu Boordiin Filannoo Itoophiyaa ga’ee adda durummaa fudhatee qajeelfama kana qopheessuu danda’ee jira. Waan kana ta’eefiyyu manni marichaa dhiibbaa uumuu akka danda’u gochuu fi cimuudhaan damee to’annoo sabqunnmtii keessatti humna cimaa ta’ee ba’uu qaba.

Manni Maree Sabqunnamtii dhaabbachuun mataan isaa tarkaanfii guddaa kallattii sirrii hordofee raawwatedha. Haa ta’uyyu malee damee sabqunnamtii keessatti rakkooleen walliigaltee irra ga’uu dhabuu, sirna waliin wal to’achuu irratti hubannoo gahaa dhabuu, ga’ee mana marichaa irratti iftoominni uumamuu dhabuu fi kanneen kana fakkaatan yeroo fi saffisa barabaadamuun yoo furmaata hin arganne mana maricha gara fuula duraatti aarsaa hedduuf saaxila.

MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 22MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 22 7/20/21 6:00 AM7/20/21 6:00 AM

Page 23: MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 1 7/20/21 6:00 AM

23

Seensa

Dhaabileen sabqunnamtii fi waldaaleen ogummaa gaazexeessitootaa 19 ta’an bu’aa ba’ii hedduu booda guyyaa Sanbata Duraa tokko bara 2008 ALI waliigaltee isaanii mallattoo isaaniin mirkaneessuun Mana Maree Sabqunnamtii Itoophiyaa jedhamee kan moggaafamee fi qaama sirna waliin walto’achuu gara fuula duraa sodaawwan hedduu isa eeggatan hundeessuu danda’aniiru. Kanaafuu manni marichaa Itoophiyaa kessatti qaama sirna waliin walto’achuu sabqunnamtii isa jalqabaa jedhamee caqafamuu danda’eera.

Haaluma kanaan yaa’ii hundeeffamaa galma walga’ii Komiishinii Dinagdee Dhaabbata Mootummoota Gamtoonmaniitti geggeeffameen dambiin ittiin bulmaataa fi qajeelfamni naamusa ogummaa gaazzexeessummaa ragga’uu danda’uu isaan walga’iin nuffisiisaa ogeessota sabqunnamtii Itoophiyaa waggoota kudhaniif geggeeffamaa ture xumura argachuu danda’eera.

Adeemsi maree nufisiisaa waggoota kudhniif gaggeeffamaa ture qaamni sirna to’annoo waliinii akka hundeeffamuu fi waliigaltee irra akka ga’amu kan gargaare yommuu ta’u walga’iin guyyaa hundeeffama mana marichaa gaggeeffames dambii naamusaa mana marichaa irratti walfalmiin cimaa akka gaggeeffamuu fi waliigaltee irra akka ga’amu kan taasisedha. Dhimmoonni wal falmisiisoo lama dambii naamusa mana marichaa irratti ka’an dhimmoota madda faayinaansii fi haala miseensummaa mana marichaan walqabatan yommuu ta’u ejjennoon dhimmoota kan irratti calaqises fedhii fi ejjennoon abbootii dhaabbilee sabqunnamtii fi ogeessota gidduu jiru fiixee faallaa ta’e irra akka jiru kan mul’ise ture.

Kun kanaan otoo jiruu guyyaa sanatti miseensummaa mana marichaatti hammatamuu dhiisuuf murteessanii irraa dheessaa kan turan dabalatee dhaabbileen sabqunnamtii biyyattii hundi tokkummaan dhaabbachuun ilaalchota midhamummaa yeroo dheeraaf mootummaa irratti kaasan hambisuu fi aangoo to’annoo mootummaa jala turan deebisanii fudhachuun gara kallattii sirriitti deebi’uun tarkaanfii murteessaa fudhachuu danda’aniiru. Haalli kun kallattii hedduun yommuu ilaalamu akka injifannoo guddaatti kan fudhatamu yoo ta’u gama biraatiin hundeeffama mana marichaa kan gufachiisaa ture mootummaa otoo hin taane tokkummaan dhaabbilee sabqunnamtii cimuu dhabuu ta’uun isaa dhimma nama gaddisiisu ta’ee argama.

Mootummaas taanaan adeemsa hundeeffama mana marichaa gufachiisuu keessaa harka hin qabu jechuun hin danda’amu. Manni marichaa erga hundeeffamees taanaan angawoonni mootummaa hundeeffamni mana marichaa seera qabeessa akka hin taanee fi waggoota lamaaf lafa irra akka harkifamu ga’ee taphataniiru. Kana malees haala nama ajaa’ibuun Ejeensiin Waldaalee Siivilii fi Dhaabbilee Tola Ooltummaa duraanii waldaalee kan akka Waldaa Baankota Itoophiyaa fi kannen fakkaatan kanaan dura galmeessuu isaa otoo beekuu ta’e jedhee kan hin beekne of fakkeessee akka tasaa tumaan seeraa Mana Maree Sabqunnamtii Itoophiyaa galmeessuun ittiin danda’amu hin jiru jechuun waan gufuu ta’eef waggoota lamaaf otoo hin galmaa’iin turuu danda’eera.

Kun kanaan otoo jiruu manni marichaa galmaa’ee beekkamtii seeraa guutuu erga argatee boodas sochii qabatamaa malee taa’uu danda’eera. Kunis dameen sabqunnamtii Itoophiyaa kan dhiibbaa uumuu danda’u, gahumsa ogummaa kan qabu, qaamni to’annoo waliinii haqa qabeessaa fi amanamaa ta’e hundeeffamee arguuf abdii fi hawwiin jiru akka harkifatu taasiseera.

Dhuma irrattis ogeessonni sabqunnamtii jalqabumarratti dhimmi guddaan hubachuu qaban caasaa sirna to’annoo waliinii uumuu fi hundeessuun dhimma dhaabbata tokko qofa irratti gatamu ta’uu kan hin mallee yommuu ta’u tarii ammoo qaamoleen damee kanaa dhimma waliin wal to’achuu damichaa irratti hubannoon qaban bu’uura irraa dogoggora ta’uu danda’a.

MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 23MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 23 7/20/21 6:00 AM7/20/21 6:00 AM

Page 24: MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 1 7/20/21 6:00 AM

24

Yaadrimee Sirna Sirna waliin Wal to’achuu

Namoonni waggoota dheeraa dura damee sabqunnmtii keessatti bobbane to’annoo sabqunnamtii guutummaa guutuutti mootummaaf dabarsanii kennuun mataan isaa rakkoo akka qabuu fi ga’een gama kanaan bahuu qabnu jiraachuu isaa ni hubanna. Damee sabqunnamtii keessatti walgitinsi humnaa fi walitti dhufeenyi fayyaalessi kan hin jirre ta’uun haqa ifatti mul’atudha. Kanaafuu walitti bu’insi faayidaa dhaabbilee sabqunnamtii gidduutti ifatti mul’atu sirna waliin wal to’achuu damichaa waggoottan kudhaniif iddoo tokkotti dhaabbatee akka hafu taasiseera. Ilaalcha badaa abbootiin aangoo biyyattii sabqunnamtii irraa qaban akka aguugamu gochuu keessatti dameen kun hojii galata qabu kan raawwate yoo ta’eyyu waliigaltee uumuun sirni waliin wal to’achuu akka hundaa’u gochuu keessatti hanqina agarsiiseera.

Akkaataan sirna waliin wal to’achuu sabqunnamtii itti hubannuu fi dhimmicha haala qabatamaa biyya keenya keessa jiruun hubannu irratti rakkoo guddaatu mul’ata. Gama kanaan sirni waliin wal to’achuu akka sirna walitti bu’insaaf furmaata kennu qofatti kan fudhatamu otoo hin taane rakkoolee badii naamusaa fi rakkoo gahumsa ogummaas furuuf hojimaata tajaajiludha. Haala wal fakkaatuun kaayyoon guddaan sirna to’annoo waliinii komii dhaabbilee sabqunnamtii irratti dhiyaatan qoratee murtii haqaa kennuu otoo hin taane komiiwwan qabiyyee sabqunnamtii irratti dhiyaatan hambisuudha.

Waa’een sirna waliin wal to’achuu wayita yaadamu dhimmi guddaan gaafatamuu qabu badiin naamusaa harki caalaan eessaa madda kan jedhu ta’a. Shakkii tokko malee komiin baay’een kan maddu dursa dhaabbilee sabqunnamtii qabiyyee oduu tamasaasan irraa ta’uun ni beekama. Kanaafuu dhaabbileen sabqunnamtii oduu tamsaasan bu’uuraa fi qaama sirna waliin wal to’achuuti. Kanaan wal qabatees hojiin gulaaltotaa fi gargaaraa gulaaltotaa walfalmiin guddaa kan irratti geggeeffamu yommuu ta’u adeemsa gulaallii qabiyyee keessatti namuusni fi istaandardiin ogummaa akka hin cabne gochuun qabiyyee qulqulleessanii dabarsuu keessatti raayyaa adda durummaan hiriiranidha.

Gaazexeessummaan ogummaa adda ta’edha. Gaazexeessitoonni haala bilisummaan ogummaa eegumsa seeraa kennameef keessatti kan hojjetan yoo ta’e tokko tokkoon adeemsa qophii oduu fi qabiyyee bu’uura istaandardoota naamusaa beekamtii argataniin kan geggeeffamu ta’a. Kunis ogeessota damichaa jechuunis walitti dhufeenya ripoorterootaa, gulaaltotaa fi gaggeessitoota miidiyaa caasawaa fi istaandardii kan eege taasisa. Kanaafuu ripoorteroonni oduu qopheessaniif itti gaafatamummaa kan fudhatan yommuu ta’u gulaaltonni sadarkaa kamittiyyu qulqullina to’achuuf itti gaafatamummaa qabu. Haala wal fakkaatuun ogeessonni dhaabbilee sabqunnamtii itti fufinsa adeemsa qophii oduu mirkaneessuuf itti gaafatamummaa qabu.

Haala kanaan namni adeemsa qophii oduu keessatti hirmaatu hundi bilisummaa fi iti gaafatamummaa mataa isaa ni qabaata. Duudhaalee naamusaa fi istaandardiin ogummaas kan heeraman as irrattidha. Oggantoonni dhaabbilee sabqunnamtii hojii gulaaltotaa akkuma gamaggaman gulaaltonnis hojii ripoorterootaa yommuu gamaggaman istaandardoota naamusaa qabatamaan ni gamaggamu. Caaseffamni to’annoo olii hanga gadii kunis bilisummaa ogummaa mirkaneessuu, qaama eegumsa seeraan kenname irratti dhiibbaa gochuu barbaadu dhabamsiisuu fi gaazexeessummaa faayidaa ummataa mirkaneessu dhugoomsuuf gargaara.

Kana malees dhaabbileen sabqunnamtii sadarkaa dhaabbata isaaniitti karaan ittiin istaandardii ogummaa mirkaneessuu danda’an keessaa inni tokko walga’ii gulaaltotaa geggeessuudha. Sirni walga’ii gulaaltotaa haala dhaabbilee sabqunnamtii irratti hundaa’ee garaa garummaa kan qabaatu yoo ta’ellee kaayyoon isaa garuu tokko tokkoo adeemsa qophii oduu keessatti gamaggama gaggeessuun itti gaafatamummaa waliin fudhachuuf gargaara. Walga’iin gulaaltotaa gabaasonni oduu kan itti karoorfaman, kan itti gamaggamamanii fi yaadonni gabaasota oduu kan itti gabbatanidha. Kanaafuu kaayyoon walga’ii gulaaltotaa dhaabbata sabqunnamtii kamiyyu keessatti geggeeffamu to’annoo qulqullinaa mirkaneessuudha.

Kallattiin sirna waliin wal to’achuu sabqunnamtii ittiin jajjabeessuu danda’amu keessaa inni tokko sadarkaa dhaabbataatti sirna to’annoo qulqullinaa diriirsuudha. Kunis

MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 24MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 24 7/20/21 6:00 AM7/20/21 6:00 AM

Page 25: MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 1 7/20/21 6:00 AM

25

raawwachuu kan danda’u dhaabbilee sabqunnamtii keessatti nama akka abbagaar ummataatti hojjetu ramaduun karaa ummanni komiiwwan oduu fi qabiyyee biroo irratti qabu dhiyeeffachuu danda’u mijeessuun ta’a.

Namni akka abbagaar ummataatti bakka bu’e yommuu komiin oduu fi qabiyyee biroo dhaabbata sabqunnamtiin tamsa’e dhiyaatuuf dhugummaa komii dhiyaatee mirkaneeffachuuf wayita qoratu hanga danda’ametti bilisa ta’uuti irraa eegama. Gama kanaan abbagaar ummataa dhaabbilee sabqunnamtii keessatti hundaa’uun isaanii bu’aa gaarii argamsiisaniin muuxannoo qabatamaadhaaf ragaa ta’u.

Hojimaatni kun namoonni komii dhiyeeffatan adeemsa murtoo kennuu irratti amantaa akka horatan gochuu irra darbee hojiin ripoorterootaa fi gulaaltotaa waan gamaggamamuuf adeemsa qabiyyee qopheessuu keessatti eeggannoo akka taasisan gargaara. Kana malees hojimaatni kun wayita diriiru ogeessonni qophii qabiyyee irra hojjetan dogoggora raawwachuu fi qajeelfama naamusa ogummaa cabsuun tarkaanfii maal akka hordofsiisu ni hubatu. Haa ta’u malee dhaabbilee sabqunnamtii hedduu hanqina maallaqaa waliin wal’aansoo walqabaa jiraniif hojimaata akkanaa diriirsuun rakkisaa ta’a. Sababni isaas kana raawwachuuf yoo xiqqaate sadarkaa jalqabaatti ogeessa bilisa ta’e qacaruu fi hojii irra oolmaa isaafis galteewwan barbaachisan gurmeessuun barbaachisaa waan ta’eefidha.

Sirni waliin wal to’achuu sadarkaa dhaabbataatti geggeeffamu sirna mirkaneeffannaa qulqullinaa fi itti gaafatamummaa yommuu ta’u, sirni to’annoo waliinii sadarkaa dameetti geggeeffamu ammoo sirna to’annaa qajeelfama naamusaa fi istaandardii ogummaa dhaabbilee fi ogeessonni sabqunnamtii waliigalaa raggaasisan kabajanii hojjechuu isaanii mirkaneessuuf gamaggama geggeeffamudha. Hojimaatni sirna waliin wal to’achuu waldaalee ogeeyyii sabqunnamtii biratti hojimaaata baramedha.

Akkuma yuuniyeenii daldalaatti waldaaleen ogummaa gaazexeessummaa faayidaa bu’uuraa miseensota isaanii kabachiisuuf kan socho’an yoo ta’eyyu gama naamusa ogummaa damichaa guddisuunis shoora olaanaa taphachuu danda’u. Tuutni waldaalee ogummaa damichaas qajeeltoo naamusaa fi istaandardii ogummaa gaazexeessummaa qopheessuun humna ogeessaa cimsuu fi jajjabeessuuf gargaara.

Waldaaleen akkanatti fudhatama argatan qabiyyeewwan sabqunnamtii tamsa’anii komii kaasan akkasumas miseensota waldichaa komiin irratti ka’e deggeruufis ta’e of keessaa baasuuf darbees tarkaanfii sirreeffamaa akka fudhatamu dhiibbaa uumuu keessatti akka meeshaa cimaatti tajaajilu. Miseensonni irra deddeebiin qajeelfama naamusaa waldichaan ba’e cabsan hanga miseensummaa waldichaa keessaa hari’amuutti ga’uu danda’u.

Sadarkaa dhaabbataa fi ogummaatti haala jiru armaan olitti xiinxaluuf kan yaalame yommuu ta’u sadarkaa sadaffaa irratti kan ilaallu ammoo jaarmiyaa sirna waliin wal to’achuu sabqunnamtii itti waamama ‘naamusa’ jedhuu jalatti hundaa’edha. Waltajjiin kun sirna dhaabbilee sabqunnamtii irrayyu darbee hawaasa siivilii bal’aa, qooda fudhattoota sabqunnamtii fi mootummaa dabalatee hundaa’udha.

Jaarmiyaan sirna waliin wal to’achuu qooda fudhattoota damichaa hunda sirnicha keessatti akka bakka bu’an gochuun salphaamatti amanamaa, bilisaa fi hammataa ta’ee mul’achuun isaa dhimmoota naamusaa fi istaandardii ogummaan walqabatan hunda gamaggamuu fi sirreessuuf isa dandeessisa.

Kana gochuufis qajeelfama naamusa ogummaa gaazexeessummaa gosa sabqunnamtii hundaa fi qabiyyeewwan oduu garaa garaaf akkasumas walitti dhufeenya adeemsa qophii oduu keessatti jiru bu’uureffate baasuun barbaachisaa ta’uu isaa agarsiisa.

Jaarmiyaan sirna waliin wal to’achuu qajeelfamootaa fi istaandardoota kana beeksisuu fi babal’isuu keessatti itti gaafatamummaa guddaa qaba. Cinaattis aadaa fi hubannoo itti fayyadama sabqunnamtii lammilee guddisuufis gahee olaanaa bahuuti irraa eegama. Hojimaatni kun qaamoleen sirna waliin wal to’annoo sabqunnamtii rakkoolee damichaan walqabataniif furmaata kan kennan akka ta’ee fi karaa qaama murtii bilisaa yokaan karaa Dhaabbata Abbagaar Ummataan karaa ittiin walitti bu’insaaf furmaata kennan akka argatan isaan taasisa.

Gama kanaan qaamni murtii kayyoo isaa sirriitti galmaan ga’uu kan danda’u namoota bebbeekamoo ogummaa garaa garaa qabani fi beekamtii ummataa argataniin gurmaa’uu yoo danda’edha.

MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 25MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 25 7/20/21 6:00 AM7/20/21 6:00 AM

Page 26: MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 1 7/20/21 6:00 AM

26

Buu’uura Cimaa Kaa’uu

Sirnoonni waliin wal to’achuu bu’a qabeessa ta’an jiraannaan qaama to’annoo sabqunnamtii waliinii milkaa’aa ta’e dhugoomsuun akka danda’amu ifadha. Ta’us sirni waliin walgamaggamuu haala hin jirre keessatti akkasumas haala istaandardiin ogummaa karaa waldaalee gaazexeessitootaa qophaa’ee hojiirra hin oolle keessatti jaarmiyaa waliin wal to’achuu dhimmamtoota damichaa hunda hammate hundeessuus ta’e bu’a qabeessa gochuun nama rakkisa.

Yeroo ammaa Itoophiyaa kessatti rakkooleen sirna waliin wal to’achuu sadarkaa dameettis ta’e sadarkaa dhaabbataan walqabatee mul’atan ifatti kan beekamanidha. Rakkooleen sadarkaa dhaabbataatti mul’atan tokko tokko sadarkaa dameettis rakkoolee mul’atanidha.

Akka fakkeenyaatti caqasuuf dambiin naamusaa fi imaammatni gulaallii dhaabbilee sabqunnamtii keessatti akka qajeelfama istaandardii ogummaatti tajaajiluu fi dhaabbilee sabqunnmatii giddu galeessa taasise hin jiru, otoo jiraatees ogeessota sabqunnmtii biratti hin beekamu jechuun ni danda’ama.

Kana ta’uun isaa ammoo sadarkaa qulqullinaa eeguu keessatti kufaatii fida. Sababni isaas sadarkaa yokaan istaandardiin qabatamaa jiraachuu dhabuun kutaa oduu keessatti qabiyyee oduu madaaluun walqabatee irra deddeebiin falmii fi waldiddaa uumuu danda’a. Kanaafuu gaaffilee armaan gadii gaafachuun dhimma murteessaa ta’a. Ripoorteroonnii fi gaazexeessitoonni haaraa eebbifaman dambii naamusaa fi imaammata dhaabbata sabqunnamtii keessatti qacaramanii hojjetanii sirriitti hubatanii hojjetuu? Dhaabbilee sabqunnamtii meeqati qajeelfama naamusaa fi imaammata gulaallii baafatanii qabu? Dhaabbilee meeqa keessatti qajeelfamni adeemsi qophii oduu ittiin geggeefamu jira? Dhaabbilee meeqati sirnaan walga’ii gulaallii geggeessa? Dhaabbilee meeqati ajandaalee barataman kan akka galteewwani fi kanneen fakkaatan keessaa ba’anii qabiyyee waltajjii gulaallii isaanii karoorsuu fi qabiyyee qopheessan gamaggamuuf itti fayyadamu? Dhaabbilee meeqati ogeessa abbagaar ummataa bilisa ta’e qacaratanii qabu? Abbootii qabeenyaa yokaan hojii gaggeessitoota miidiyaa meeqatu dhaabbata isaanii keessatti akka abbagaar ummataatti tajaajiluu irraa of qusatee jira? Gaaffilee armaan olitti ka’aniif deebiin kennamu sirna waliin wal to’achuu sadarkaa dhaabbataatti jiruuf dhukkubbii mataadha.

Rakkoolee damee sabqunnamtii Itoophiyaa keessatti mul’atan keessaa inni tokko dhimma bilisummaa gulaalliidha. Abbootiin qabeenyaa fi oggantoonni dhaabbilee sabqunnamtii fedhii siyaasaa fi daldala isaanii laphee isaanii keessa dhoksanii bilisummaa ripoorterootaa fi gulaaltotaa irratti dhiibbaa geessisu. Abbootiin qabeenyaa fi hooggantoonni dhaabbilee sabqunnamtii aangoo jireenya ripoorterootaa fi gulaaltotaa irratti murteessuuf qaban fayyadamanii garee gulaallii irratti dhiibbaa uumuun fedhii maallaqaa fi faayidaa dhuunfaa isaanii galmaan gahatu.

Dameen sabqunnamtii Itoophiyaa jalqabbii irra kan jiru ta’uu isaan walqabatee gaazexeessitoota faayidaa isaaniirra bilisummaa ogummaaf qabsaa’an fi hojii gadi lakkisaniifillee carraa hojii banuu kan danda’u miti. Haalli kun ammoo miseensonni tuuta gulaallii abbootii qabeenyaa fi hooggantoota dhaabbilee sabqunnamtii irraa murtoo dogoggoraa akka fudhatan waan taasisuuf to’annoon qulqullinaa fi gamaggamni qabiyyee akka hin gaggeeffamne taasisa.

Sirni waliin wal to’achuu sadarkaa waldaalee ogummaatti jirus taanaan kanarraa kan adda ta’e miti. Qabatamaan humni dhaabbattummaa waldaaleen gaazexeessitootaa qaban kan dhaabbilee sabqunnamtii waliin wal bira qabamee yommuu madaalamu gadi bu’aa fi hanqina kan qabudha. Kana malees waldaaleen damee kana keessa jiran gaazexeessitoota biratti amantaa fi fudhatama kan hin qabnedha. Sababa kanaanis waldaaleen gaazexeessitootaa kunneen dhimma naamusaa fi istaandardii ogummaa irratti hojjechuuf fedhii akka hin qabaanne taasisuu isaa tilmaamuun ni danda’ama.

Waldaaleen gaazexeessitootaa qajeelfama naamusaa fi dambii naamusaa waliigalaa damichi ittiin gaggeeffamu qopheessuu keessatti gahee irraa eegamu bahataniiru jechuuf nama hin dandeessisu. Gama kanaan hojii quubsaa otoo hojjetanii akka gaazexeessaa fi akka qaama ogummaa gaazexeessummaaf abukaattoo dhaabbate tokkootti namuusni ogummaa akka dagaaguu fi kaayyoon hundaa’aniif galma

MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 26MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 26 7/20/21 6:00 AM7/20/21 6:00 AM

Page 27: MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 1 7/20/21 6:00 AM

27

akka gahu gochuuf isaan gargaara. Gama biraatiin waldaaleen gaazexeessitootaa qaamolee sirna waliin walto’achuu kanneen akka Mana Maree Sabqunnamtii Itoophiyaa gahee murteessaa taphachuu qabu.

Dhuma irrattis jijjiiramni aadaa fi amalaa bu’uura irraa yoo hin dhufne jaarmiyaaleen kan akka Mana Maree Sabqunnamtii Itoophiyaa fi kanneen fakkaatan carraa itti fufuu hin qabaatan. Haala walfakkaatuun qaamni sirna waliin walto’achuu gara olii (yokaan mana maree) fi kan gara gadii (yokaan dhaabbilee sabqunnamtii fi waldaalee ogummaa) gidduu madaaliin jiru akka walfakkaatu isa taasisa.

Gama kanaan hanqina mana marichaa ta’ee kan fudhatamu dambileen naamusaa gaazeexeessitoota garaa garaa yeroo ba’anitti hirmaannaan taasise gadi aanaa ta’uu isaati. Fakeenyaaf dambii naamusaa adeemsa gabaasa filannoo ilaalchisee bahe irratti yommuu mariin taasifamu duubatti dagatamuun isa ceephaasisee jira. Komiin hayyoonni damichaa tokko tokko kaasanis Boordiin Filannoo Itoophiyaa qajeelfama adeemsa gabaasa filannoo kan mataa isaa akka baasu kan taasise callisuu mana marichaa ta’uu isaati.

Abbaan Taayitaa Sabqunnamtii Itoophiyaas taanaan qajeelfama naamusa gaazexeessummaa qopheessuuf karoorfachuun isaa ta’e jedhee aangoo mana marichaa butuun qaama to’annoo mootummaan hundeesseef kennuun isaa kaayyoo manni marichaa hundeeffameef hunda qilee buusuu kan maludha.

Manni Maree Sabqunnamtii Itoophiyaa akkuma jaarmiyaalee biro rakkoolee caaseffama gaggeessummaa fi bakka bu’insaan wal qabatan ni qaba. Bakka bu’insa ilaalchisee mana maree keessatti bakka bu’insa kan qaban abbootii qabeenyaa sabqunnamtii yommuu ta’an gulaaltonni olaanoon bakka bu’insa tokkollee hin qaban.

Mana maree keessatti lakkoofsa olaanaa kan qaban dhaabbilee sabqunnamtii waan ta’aniif mana marees ta’e hooggansi boordii mana maree kan guutame abbootii qabeenyaa yokaan oggantoota dhaabbilee sabqunnamtiidhaan qofadha. Tuutni oggansaa faayidaa tarsiimawaa qabuun yommuu ilaalamu naamusaa fi sadarkaa ogummaaf hedduu xiyyeeffannoo kennuu dhiisuu danda’a.

Haalli kun jalqabumarratti sababa falmii fi waldiddaa ta’ee tureera. Sababni isaas abbootiin qabeenyaa dhaabbilee sabqunnamtii ejjennoo jaarmiyaa keenya bakka bu’uu qabna jedhu qabatanii waan turaniifidha.

Haalli Mana Maree Dhaabbilee Sabqunnamtii Itoophiyaa dhaabbilee sabqunnamtii waliin guutummaa guutuutti wal fakkeessu keessaa tokko manni marichaa hanga ammaatti qaama abbagaar ummataa yokaan qaama dhimma naamusaa irratti murtii kennu caaseffama guutuu ta’een hundeessuu dhadhabuu isaati. Kunis kan mul’isu akkuma dhaabbileen sabqunnamtii galmaan gahuu dhadhaban manni marichaas kaayyoo hundaa’eef waan dagateef gahee hojii fi itti gaafatamummaa isaa bahachuu hin dandeenye.

Kallatiiwwan Gara Fuula Duraa

Manni Maree Sabqunnamtii garee abbootii murtii komiiwwan qabiyyee dhaabbilee sabqunnamtiidhaan tamsa’an irratti dhiyaatan fudhatee murtii kennu filachuu isaa dhiyoo kanatti ifa taasisee jira. Gumiin abbootii murtiis kan hundaa’e gargaarsi dhaabbilee deggertootaa argamuu isaa hordofeeti. Manni marichaa gara toora sirriitti galuu keessatti harkifateera jedhamuu hin qabu. Kanaafuu mana maricha hanga danda’ame saffisaan jabeessuu fi itti fufinsa isaa mirkaneessuun hojii manaa itti aanu ta’uu qaba.

Manni marees ta’e dhaabbileen sabqunnamtii dhimmoonni ijoon guutuu qaban keessaa inni tokko amantaa horachuudha. Manni maree kun ogeessota jalqabaa fi ogeessota bulan gidduutti akka riqichaatti tajaajiluu qaba. Manni maree fi waldaaleen ogummaa qajeelfama naamusaa qopheessuun akkasumas ogeessonni dhaabbilee sabqunnamtii naamusa gaazexeessummaa fi istaandardii ogummaa kabajanii akka hojjetaniif leenjii itti fufinsaan kennuun gahumsa ogummaa damichaa mirkaneessuu qabu.

MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 27MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 27 7/20/21 6:00 AM7/20/21 6:00 AM

Page 28: MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 1 7/20/21 6:00 AM

28

To’annoo Sabqunnamtii Itoophiyaa: Muuxannoo Biyyoota BirooHaroon Miwaangii – Daarektara ol-aanaa Mana Maree Sabqunnamtii Keeniyaa duraanii

Yaadrimeen to’annoo miidiyaa fi barabaachisummaan isaa yeroo dheeraaf walfalmisiisaa tureera. Walfalmiin kunis to’annoon miidiyaa ni barbaachisaa? Barbaacchisaa ta’ee yoo aragame miidiyaa to’achuun kan danda’amu akkamiin? To’annoon kan geggeeffamu eenyuun? Gaaffilee jedhu irraa madda. Waraana keessatti jalqaba kan aarsaa ta’u dhugaa yokaan haqadha. Kana waan ta’eefis biyyi keenya waggoota muraasaa asitti naannolee garaa garaatti walitti bu’insa garaa garaa keessummeessuu dandeessee jirti.

Duudhaan haqummaa yokaan dhugaan gara sammuu keenyaatti kan dhufu sababni inni guddaan gahee sabqunnamtii keessaa inni olaanaan dhugaa dubbachuu waan ta’eefidha. Dhugaa dubbachuu jechuun namoota aangoo irra jiranitti dhugaa dubbachuu, murtoo mootummaa fi oggansi murteessan, hojii raawwatanii fi hin raawwanne walumaa galatti bu’uura dimokiraasii fi seeraa akkasumas kabajamuu mirga fi bilisummaa namootaan walqabatee raawwii hojii mootummaa keessatti itti gaafatamummaan akka mirkanaa’u taasisuu jechuudha.

Haa ta’uyyu malee Itoophiyaa dabalatee biyyoota Afirikaa hedduu xiyyeeffannee yommuu ilaallu rakkoon isaan mudachaa jiru sababa waldhabdee fi qabsoo sabaa fi aangoon walqabatee jiruun ta’uun isaa ni beekama. Haala nama ajaa’ibuun waanti Itoophiyaa keessatti geggeeffamaa jiru dhaabbilee sabqunnamtii fi lammilee qofa otoo hin taane hawaasa addunyaa haala biyyattii hubachuu barbaadaniifillee dhimma rakkisaa ta’edha.

Gama kanaan Itoophiyaa keessatti rakkoo mudateef akka sababaatti dhimmoota fudhatama argachaa dhufan keessaa dhaabbileen sabqunnamtii kan qoodamanii fi faallaa irra kan dhaabbatan ta’uu, duudhaa ogummaa kan hin hordofne, itti gaafatamummaan kan itti hin dhaga’amne, kan namuusa hin qabne akkasumas ummata waliigalaaf otoo hintaane fedhii sabaaf looguudhaan kan socho’an ta’uu isaaniiti.

Sababoota kanneen keessaa muraasni qabatamaan mirkanaa’uu kan hin dandeenye yoo ta’eyyu qabiyyee dhaabbilee sabqunnamtii Itoophiyaan tamsa’aa turanii fi af-gaaffiiwwani fi mariiwwan daawwattoota, hayyoota, namoota siyaasaa fi xiinxaltoota waliin taasifamaa turan irraa akka hubannutti dhaabbileen sabqunnamtii sadarkaa federaalaas ta’e kan naannoo keessatti sabummaan ajandaa ijoo hojimaata qophii oduu fi kallattii xiyyeeffannoo ajandaa murteessu ta’ee ittiin hojjetamaa jiraachuu isaati. Seenaawwan walitti bu’insaa garaa garaa Afrikaa keessatti sabummaan gahee olaanaa waan qabuuf bu’aawwan dhaabbilee sabqunnamtii sabumaan walqabatan nagaa fi tasgabbii Itoophiyaa irratti balaan qaqqabsiisan olaanaadha. Kanaafuu, haala kana keessa taa’uun gaaffilee murteessoo gahee fi dhimmi to’annoo sabqunnamtii ilaallatan kaasuun deebii laachuun murteessaadha.

Daabbilee sabaqunnamtii to’achuun ni barbaachisaa? Deebiin isaa ni barbaachisa kan jedhu yoo ta’e adeemsi isaa maal fakkaachuu qaba yokaan akkamiin raawwatama? Sirni to’annoo Itoophiyaan hordofuu qabdu sirna waliin wal to’achuumoo sirna

MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 28MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 28 7/20/21 6:00 AM7/20/21 6:00 AM

Page 29: MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 1 7/20/21 6:00 AM

29

to’annoo mootummaan geggeefamu yokaan sirna to’annoo qindoomina qaama lameeniin geggeeffamu? Biyya akka Itoophiyaa walqooddii fi walgurmeessuun sabaa calaqqisu keessatti faayidaa fi miidhaan sirnoota to’annoo lameenii maal fakkaata? Sirna to’annoo kamiyyu keessatti gaheen gaazexessitootaa, dhaabbilee sabqunnamtii fi kan mootummaa maali? Gaaffilee kana fakkaataniif barreeffama kana keessatti deebii kennuuf ni yaalama.

Kana malees barreeffamichi hundeeffama, hojiirra oolmaa fi hojimaata dhaabbata to’annoo sabqunnamtii ilaalchisee muuxannoo gaggaarii Mana Maree Sabqunnamtii Keeniyaa irraa qindaa’e ni dhiyeessa.

Muuxannoo Sirna Sabqunnamtii Itoophiyaa

Biyya mootummaan abbaa irree yokaan biyya sirni dimokiraasii fakkeessaadhaaf qofa geggeeffamu keessatti sirni to’annoo sabqunnamtii dhimma burjaajjessoo ta’an keessaa isa tokkodha. Sababni isaas sirni to’annoo sabqunnamtii akka meeshaa raawwii ergama mootummaatti kan ilaalamu waan ta’eefidha. Abbaa falaasama Maarkisiizimii kan ta’an Luwiis Altuuzaar (1918 – 1990) haala kana akka meeshaa raawwachiiftuu falaasama siyaasa mootummaatti ilaala. 1 Kunis kanneen mootummaa abbaa irreef meeshaa ta’aniin walbira qabamee kan dhiyaatudha.

Dhaabbileen sabqunnamtii meshaa raawwachiiftuu falaasama siyaasa mootummaa ta’uun gaheen taphatan seenessa falaasama siyaasa mootummaa gabbisuu fi odeeffannoo fayyadamuun dhimma mootummaan akka isaaf galma ga’u fedhu milkeessuu yommuu ta’u jechi meeshaa mootummaa abbaa irree jedhus dhaabbileen sabqunnamtii hanga walitti bu’insaa qaamaa fi jeequmsa uumutti faayidaa irra oolu akka malan kan agarsiisudha.

Haa ta’uyyu malee sababa walitti bu’insa Naannoo Tigiraay, Oromiyaa fi naannolee biroo keessatti uumameen mootummaan Itoophiyaa meeshaalee falaasama siyaasaa dhaabbilee sabqunnamtii biyyoonni dimokiraatawaa hin taane raawwatan lama hojiirra oolchee jira. Isaanis dhaabbilee sabqunnamtii akka meeshaa ukkamsaa fi meeshaa raawwachiiftuu falaasama siyaasa mootummaa taasisuun fayyadamuudha. Mootummaan odeeffannoo hawaasa bal’aaf darbuu qabu ugguruu fi ibsawwan kennu keessattis humnoota yakkamtoota jedhuunis faallaa fedhii fi faayidaa hawaasa bal’aa kan dhaabbatan ta’uu isaanii haala agarsiisuun dhiyeessuun humnoota isa qeeqan to’annoo jala oolchuuf itti fayyadameera. Haalichi baay’ee walxaxaa fi kan barreeffamni kun uwwisuu danda’uu olidha.

Kanaan walqabatee dhimmi otoo hin caqafamiin bira darbamuu hin qabne Muummeen Ministiraa haaraa Dooktar Abiyyi Ahimad Alii Ebila 2 bara 2010 ALI gara aangootti yommuu dhufan biyyattiin jijjiirama siyaasaa galmeessisti jedhamee abdiin guddaan irratti gatamee ture. Abdiin kunis lafuma duwwaatti otoo hin taane Muummeen Ministiraa Dooktar Abiyyi Ahimad akka aangoo qabateen gaazexeessitoota, rogeeyyii, mormitoota siyaasaa fi hidhamtoota siyaasaa mana hidhaatii waan gadi lakkisee fi fuulawwan marsariitii hawaasaa cufamanii turan akka banaman taasisuun bilisummaa sabqunnamtii haala foyya’aa ta’een akka mirkanaa’u waan taasiseefidha.

Kana malees hayyoota siyaasaa fi gaazexeessitoota biyya alaa turan gara biyya isaaniitti deebisuu fi namoonni duraan mormitoota mootummaa turan itti gaafatamummaa olaanaa irratti muudamuun taatewwan jijjiiramni jiraachuu isaa mirkaneessan turan.

Haa ta’uyyu malee taateewwan dhiyoo kanaa keessumatti walitti bu’insa Tigraayii booda bilisummaan pireesii haalaan gadi bu’aa jiraachuu isaa fi koreen dhimma kanaaf hundeeffames haala abbaa irrummaa isaa mirkaneessuun dhaabbilee sabqunnamtii hanga qabiyyee isaanii dursee qorachuu yokaan saansuur gochuutti gahee ture.

Dhaabbanni Artiikil 19 jedhamu gabaasa isaa bara 2009/2010 ifoomseen “Muummeen Ministiraa haaraa Dooktar Abiyyi Ahimad gara aangootti otoo hin dhufiin dura ukkaamsaan bilisummaa yaadaa irratti raawwatamaa ture akka

1 Altuzaar Lowiis (1970) Falaasama Siyaasaa fi Qaamolee Mootummaa Falaasamaa, Leeniin, Falaasamaa fi Barreeffammota

Biroo, Xiinxala Pireesii kan Torbanii, iddoon itti argamu teessoon marsarii hawaasaa https://www.marxists.org/reference/archive/

althusser/1970/ideology.htm

MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 29MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 29 7/20/21 6:00 AM7/20/21 6:00 AM

Page 30: MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 1 7/20/21 6:00 AM

30

fakkeenya gaariitti heeramaa kan ture yommuu ta’u seera shororkeessummaa bara 2009 ALI fayyadamuun mormiiwwan fi yaadonni garaa garaa akka hin dhaga’amne kallattiinis ta’e alkallattiin ukkamfamaa turan.”1 Dabalataanis Joon Heeraald Saandee Liyii fi Biruk Masfin : Kitaaba xiinxala Siyaasaa fi Dinagdee Itoophiyaa jedhuun barreessan keessatti akka caqasanitti sabqunnamtiin Itoophiyaa yeroo mara rakkoo guddaan qoramaa jiraachuu isaa eeraniiru. Kana irratti dabaluunis “Gulaaltonni fi gaazexeessitoonni maxxansaalee mootummaa morman harki caalaan yokaan hidhamaniiru yokaan biyya alaatti godaananii jiru yokaan manneen maxxansaa jaraaf maxxansuu waan dhorkamaniif cufamanii jiru. Gaazexeessitoonni bebbeekamoon yakka shororkeessummaan himatamanii hidhamaniiru, dhugaan jiru garuu shororkeessummaa otoo hin taane hojii gaazexeessummaa isaanii waliin kan walqabatu ture. Itoophiyaan biyyoota addunyaa keessaa kanneen gaazexessitoonni lakkoofsaan hedduu ta’an keessatti hidhamanidha.”2

Liyii fi Biruk akka barreessanitti “Magaalaa guddittii biyyaa fi magaalota gurguddoo keessatti qofa daangeffamee kan socho’u fi mootummaan ADWUI 3n hogganamu ifatti ceepha’uun kan beekamu dameen sabqunnamtii dhuunfaa ilaalcha humnoota mormitootaa keessummeessuun akka filannoo madda odeeffannootti tajaajilaa tureera.

Kunis tuttuqqaa, miidhaa, hidhaa fi tasgabbii dhorkuu ta’e jedhamee itti fufinsaan karaa mootummaan irratti raawwatamuuf isa saaxilee jira.4 Barreeffamni Liyii fi Biruk Masfin kan ba’e jijjiirama duradha. Waan kana ta’eefuu namoonni hedduun yaada laatan jijjiiramaa asitti bilisummaa yaadaaf boqonnaan haaraa banameera jedhanii yaadu. Haa ta’u malee keessumatti walitti bu’insa Tigraayitti uumameen walqabatee akkaataa itti mootummaan dhaabbilee sabqunnamtii keessummeesse irraa waanti hubannu mootummaan bilisummaa pireesii itti fufsiisuuf obsa dhabuu isaa kan agarsiisu waan ta’eef mootummaan gara ukkaamsaa faallaa heera mootummaa ta’etti deebi’eera yaadonni jedhan bifa haaraan calaqqisaa jiru. Kunis to’annoo dhaabbilee sabqunnamtii walxaxaa taasisa.

Heera mootummaa keessatti dhaabbileen sabqunnamtii bilisaa akka babal’atani fi qorannaan duraa bifa kamiyyu akka dhorkame ilaalcha keessa galchuun barbaachisaadha. Labsii Sabqunnamtii fi Bilisummaa Odeeffannoo lakk. 590/2000 irratti akka caqafametti “Dameen sabqunnamtii bilisa, haqa-qabeessaa fi hedduumina qabu akkasumas sadarkaa naamuusa ol aanaa fi gahumsa ogummaa gonfate ijaarsa sirna dimokiraasii keessatti shoora ol aanaa qaba.”

Heera Mootummaa FDRI keewwata 29 irratti akka tumametti: -

• Namni kamiyyuu, dhiibbaa tokko malee, ilaalcha isatti fakkaate qabachuu ni danda’a.

• Namni kamiyyuu, dhiibbaa tokko malee yaadasaa ibsachuuf bilisummaa ni qaba. Bilisummaan kun, biyya keessattis ta’e biyya alatti, daangaan otoo itti hin godhamiin, jechaanis ta’e barreeffamaan yookaan aartii yookaan tooftaa tamsaasaa filate kamiiniyyuu odeeffannoofi yaada kamiyyuu walitti qabuu, fuudhuufi tamsaasuu of keessaa qabaata.

• Bilisummaan pireesiifi qunnamtii uummataa akkasumas bilisummaan aartii mirkanaa’ee jira. Keessumaayyuu bilisummaan pireesii mirgoota armaan gadii of keessaa qaba:

1 Keewwata 19 (2018) Gabaasa Ajanadaa Yadaa ofii Bilisaan Ibsachuu 2017/2018 :Yadaa ofii Bilisaan Ibsachuu sadarkaa

addunyaatti,Leenden:Keewwata 19fuula 52 teessoon marsarii hawaasa https://www.article19.org/wp-content/uploads/2018/12/

XPA-Report_A19.pdf

2 Lii Joon Haraald Saandee fi Masfin Biruk (2018) Itoophiyaa: Xiinxala Siyaas Dinagdee: Osloo: Inistiitiyuutii Idiladdunyaa

Noorwaeey Fuula 18.

3 Mootummaa Adda Dimokiraatawaa Warraqsa Ummattoota Itoophiyaa 1983 ALH hanga bara 2011 diigametti siyaasa Itoophiyaa

qofaa isaa to’atee ture. Sirnicha keessatti federaalizimiin sabummaa irratti hundaa’e akka qindoomina siyaasaatti ilaalamaa kan

ture yommuu ta’u Paartilee sabaa afur jechuunis Adda Bilisaa Baasaa Ummata Tigiraay, Paartii Dimokiraatawaa Amaaraa, Paartii

Dimokiraatawaa Oromoo fi Sochii Dimokiraatawaa Ummattoota Kibbaa bakka tokkotti kan walitti fide ture. ADWUI diiguun kan

ogganame dura taa’aa paartichaa kan turan Dr Abiyyi Ahimadiin yommuu ta’u paartilee gurguddoo ADWUI jala turan walitti makuun

paartii haaraa Paartiin Badhaadhina akka hundaa’u ta’ee jira. Paartii haaraa hundeeffame keessatti Addi Bilisa Baasaa Ummata

Tigraay hi hammatamne.

4 Lii Joon Haraald Saandee fi Masfin Biruk (2018) Itoophiyaa: Xiinxala Siyaas Dinagdee: Osloo: Inistiitiyuutii Idiladdunyaa

Noorwaeey Fuula 18.

MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 30MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 30 7/20/21 6:00 AM7/20/21 6:00 AM

Page 31: MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 1 7/20/21 6:00 AM

31

a. Qorannaan duraa bifa kamiiniyyuu kan dhoorkame ta’uusaa,

b. Carraa odeeffannoo dantaa uummataa ilaalu argachuu.

• Odeeffannoowwan, yaadonnii fi ilaalchonni sirna dimokraatawaaf barbaachisaa ta’an, bilisaan wal keessa deddeebi’uusaanii mirkaneessuuf jecha, pireesiin akka jaarmayaatti bilisummaa hojiitiifi dandeettii ilaalchota adda addaa keessummeessuu akka qabaatu eegumsi seeraa ni godhamaaf.

• Sab-qunnamtii uummataa maallaqa mootummaan gaggeeffamu yookaan to’annaa Mootummaa jala jiru, yaadota adda addaa keessummeessuu haala isa dandeessisuun akka qajeelfamu taasisama.5

Haa ta’uyyu malee Labsiin Sabqunnamtii fi Bilisummaa Odeeffannoo yaada ibsachuu, bilisummaa odeeffannoo fi bilisummaa sabqunnamtii irratti daangaan akka jirus ni ibsa. “Mirgoonni kun daangeeffamuu kan danda’an nageenya dargaggootaa, kabajaa fi maqaa gaarii dhala namaa eeguudhaaf jecha, nageenya biyyaalessaa, sirna bulchiinsa mootummaa fi mirgoota bu’uuraa biroo kabachiisuun walqabatee ta’uu danda’a.” Tumaa seeraa armaan olitti caqafameen mootummaan akkuma waggoota dheeraaf raawwachaa ture mirga yaada bilisaan ibsachuu fi bilisummaa sabqunnamtii daangessuu qabachuu isaa kan mirkaneessudha. Tumaan seeraa waliin wal fallessu kunis gaaffilee hedduu kaasisuu kan danda’udha. Zannabaa Bayyanaa akka jedhutti “Namoonni mirga yaada isaanii bilisaan ibsachuu fi duudhaalee isaanii murteessoo fi seerawaa ta’an karaa madaallii isaa eeggateen fayyadamuu akka danda’aniif yeroo mara qabsoo geggeessu.”6

Gabaabumatti heerichi bilisummaa pireesii kan mirkaneessu yoo ta’ellee daangaaleen dhaabbileen sabqunnamtii bilisummaan akka hin gabaasne taasisan uumamaniiru. Walitti bu’insi Naannoo Tigiraayitti uumame qabsoo bilisummaa sabqunnamtii fi qorannoo duraa gidduutti geggeeffame yommuu ta’u tumaaleen seeraa hagam jiraatanillee mootummaan tumaalee seeraa fi heeraatti gargaaramuun qorannoo duraa akka raawwatu kan mirkaneessudha.

Haa ta’uyyu malee jijjiiramoonni muraasni yeroo ammaa mul’atan kan abdii namatti horan fakkaatu. Bara 2011 ALI biyyattiin labsii cunqursaa duraan ture Labsii Waldaalee Tola Ooltummaa fi waldaalee Siivilii lakk 621/2001 haquun Labsii Waldaalee Siivilii lakk 1113/2012 tti jijjiirtee jirti. Labsii Waldaalee Tola Ooltummaa fi waldaalee Siivilii Amajii 20/2001 ALI ba’e Amajjii 12 /2012 ALI akka jijjiiramu taasifamee jira.

Bu’uura labsii duraan akka waldaatti hundaa’uu kan danda’an dhaabbilee miti mootummaa qofa yommuu ta’an isaanis guutummaa guutuutti lammilee Itoophiyaan kan hundeeffamanii fi maallaqni biyya alaa irraa argatanis galii isaanii keessaa dhibbentaa 10 caaluu akka hin dandeenyedha. Seerri kunis galii biyya alaa irraa argamu daangessuun humni dhaabbilee sabqunnamtii akka hin guddanne taasisee jira.

Qabeenyi biyyattii keessa jiru muraasa ta’uun otoo beekamuu dhaabbileen sabqunnamtii deggarsa maallaqaas ta’e deggarsa leenjii ogummaa akka hin arganne seerichi daangesseera. Bu’uura kanaan labsiin waldaalee siivilii haaraa fooyya’ee ba’e galii biyyoota alaa irraa argamu irratti daangaa taa’ee ture kan kaase yommuu ta’u dhaabbilee sabqunnamtiifis karra deggarsaa haaraa saaqeefii jira. Gama kanaan biyyoonni Afirikaa hedduun deggarsa biyyoota alaa fudhachuuf karra isaanii banaa gochuun isaanii akka carraa gaariitti kan fudhatame yoo ta’ellee damee sabqunnamtii hagam fayyadeera gaaffiin jedhu yoo ka’u garuu agarsiiftuun tokkollee hin jiru.

To’annoo Sabqunnamtii: Xiinxala Alaa

To’annoon sabqunnamtii hojimaata haaraa har’a eegale otoo hin taane waggoota dhibba dura kan eegaledha. Hayyoonni akka hubachiisanitti to’annoon sabqunnamtii kan eegale guddina bu’aalee maxxansaa fi dhaabbilee maxxansaan walqabateedha. Dhaabbileen maxxansaa adeemsa odeeffannoo bilisaan qopheessuu fi tamsaasuu keessatti carraa gaarii uumuu kan danda’an yommuu ta’u gama biraan garuu adabbiin

5 Heera Mootummaa Federaalawaa Dimokiraatawaa Rippaabiliika Itoophiyaa: Labsii 1/1987 fuula 9-10

6 Bayyanaa Zannabaa (2011) Itoophiyaatti Itti fayyadama Miidiyaa fi Miidiyaa Dhimma Hin Malleef Oolchuu: Befoortiner,

Roobert Es. Fi Pii Maark Faakiler, (Idiies) Kitaaba Barnootaa Kominikeeshinii fi Sabqunnamtii Idil addunyaa: Leenden: Bilaakweel

(fuula:700-734) fuula 714

MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 31MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 31 7/20/21 6:00 AM7/20/21 6:00 AM

Page 32: MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 1 7/20/21 6:00 AM

32

barreessitoota maxxansaalaalee himachiisuu fi qabiyyeewwan mormiin keessatti calaqqisu kan barreessan yoo ta’e adabbii cimaati isaan eeggata ture.

Muuxannoo biyyoota guddatan irraa ka’uun sirna to’annoo bu’uura heeraa yokaan to’annoo idilee fi sirna waliin wal to’achuu fakkeenya lameen armaan gadiin ilaaluu dandeenya. Ameerikaa keessatti mootumaan miidiyaa biroodkaastii to’achuu kan eegale akka lakkoofsa warra Awurooppaatti baroota 1990 keessadha. To’annoon sabqunnamtiis gaggeeffamaa kan ture qaamolee federaalaa sadiin ture.

• Komishinii Daldala Federaalaa: - Komishiniin kun kan hundeeffame bara 2014 yommuu ta’u

kaayyoon isaas fedhii shamattoota Ameerikaa kabachiisuuf ture. Toora marsariitii hawaasaa

dhaabbatichaa irratti akka ibsametti kaayyoon komishinichaa shamattoota dorgommii gaba-

yaa haqa qabeessa hin taanee fi dogoggorsiisoo irraa eeguu, gurmaa’insaa fi hojimaata faallaa

dorgommii gabayaa ta’an ittisuu fi bu’alee imaammata ummataa hojiirra oolchuun dorgommii

gabaa bilisaa jajjabeessuufidha. 1

• Komishinii Raadiyoo Federaalaa: - Komishiniin kun bu’uura Labsii Raadiyoo lakk 1927 komini-

keeshinii raadiyoo to’achuuf kan hundeeffame yommuu ta’u sababni hundeeffama kom-

ishinichaas seeroonni kominikeeshinii raadiyoo haadamaleessa (wireless) ittiin ogganuuf ba’an

haqamuu isaaniin walqabatee qaawwa uumame seeraan ogganuuf jecha kan hundeeffame

ture.

• Komishinii Kominikeeshinii Federaalaa: - labsiin kominikeeshinii bara 1934 ba’uu isaa hordofee

Komishiniin Kominikeeshinii Federaalaa duraan kan ture Komishinii Raadiyoo bakka bu’uun

hundaa’uu danda’eera. Komishiniin Kominikeeshinii Federaalaa raadiyoo, televizyinii, malaw-

wan sabqunnamtii haadaa fi saatalaayitii akkasumas dhaabbilee telekominikeeshinii walaba

ta’ee to’achuuf kan hundaa’edha.2 Komishinii Kominikeeshinii Federaalaa keessumatti birood-

baandii, tajaajilaa fi dorgommii dhiyeessii meeshaalee, kalaqaa fi investimentii jajjabeessuun

akkasumas warraaqsa kominikeeshinii saffisaan guddachaa jiru keessatti dirree dorgommii uu-

muun guddina biyyattii deggeruu,biyya keessattis ta’e sadarkaa idil-addunyaatti itti fayyadamni

dambalii raadiyoo olaanaa fi qulqullina akka qabaatu jajjabeessuu,sirnoota to’annoo sabqun-

namtii keessa deebi’anii ilaaluun tekinooloojiiwwan heddumina waliin akka guddatan gochuu

akkasumas tooraaleen kominikeeshinii biyyattii akka ciman oggansa kennuuf ergamni kenna-

meefii kan hundaa’edha.3 Ameerikaa keessatti dameen biroodkaastii Komishinii Kominikeesh-

inii Federaalaan kan to’atamu yommuu ta’u sabqunnamtiin maxxansaa garuu bu’uura seera

jalqabaa fooyya’een bilisummaa bu’uuraa akka qabaatu4 fi ragaalee icciitii dabrsanii kennuu

fi odeeffannoo sobaa yokaan odeeffannoo nama dhuunfaa irra miidhaa geessisu ilaalchisee

garuu bilisummaan qaban daangaa akka qabaatu ta’ee jira.

Yunaaytid Kingidem keessatti qaamni Biiroo Kominikeeshinii jedhamu dhaabbilee sabqunnamtii biroodkaastii akkasumas bilbila idilee fi moobayilaa akka hordofu aangoon kennameefii jira. Biiroon kominikeeshinii sagantaa fi qabiyyee ni to’ata, dhaabbileen sabqunnamtii seeera yommuu darbanis adabbii maallaqaa adabuufi barbaachisaa ta’ee yoo argames miidiyaalee biroodkaastii kan dhuunfaa fi kan daldalaa ta’an cufuu danda’a.5 Gama biraan to’annoon dhaabbilee sabqunnamtii maxxansaa qaama sirna waliin wal to’annoof kennamee jira.

Gabaasni Loord Leevisen6 bara 2012 akka lakkoofsa warra Awurooppaanotaatti bara 1991 jalqaba irratti pireesii karaa gaazexootaa to’achuuf Komishiniin Komii Pireesii

1 https://www.ftc.gov irratti ilaalaa

2 https://www.fcc.gov irratti ilaalaa

3 ‘Maal Haa Goonu’ Marsarii Ef Bii Siihttps://www.fcc.gov/about-fcc/what-we irratti ilaalaa

4 Seerri Amerikaa Fooyya’e inni Jalqabaa Yaada bilisaan ibsachuu fi walabummaa sabqunnamtiif eegumsa kan taasisu yommuu

ta’u innis akka armaan gadiitti dubbifama: “Kongiresichi waa’ee amantaa hundeessuufi bilisaan amantaa geggeeffachuu,

bilisummaa yaadaa yokaan walabummaa sabqunnamtii kan daangessu, namoonni karaa nagaa walga’ii geggeeffachuu, komee

dhageessifachuuf mallattoo funaananii mootummaaf dhiyeessuu seerota dhorkan baasuu hin danda’u.” Kunis dhaabbileen

sabqunnamtii bilisaan akka gabaasan walabummaa guddaa kenneera.

5 Marsarii Of Koomhttps://www.ofcom.org.ukilaalaa

6 Qorannoon Leevisen oduuwwan bilbiloota idil addunyaa butuun qophaa’an kan eegale yommuu ta’u qorannichaan Niwuus

of Zewerlid maatiiwwan mootootaa Biriitish, namoota beekamoo, namoota siyaasaa fi namoota biroo oduu sanaan walqabatan

dabalatee bilbilli namoota hedduu butamuusaan walqabatee dhaabbata qorannoo aadaa, sirnaa fi namuusa sabqunnamtii Biriitish

qorachuuf bara 2003 hundaa’edha. Hojjettoonni gaazzexichaa kan himataman bilbila butuun qofa otoo hin taane yakka poolisiif

matta’aa kennuu fi dhiibbaa hin malleuumuudhaan ture. Gabaasni Leevisen kan maxxanfame bara 2004 ALHtti dha. Gabaasichi

dhimmoota biroo irratti dabalataan komiishiniin komee gahumsa kan hin qabne ta’uu fi qaamni walabaa pireesii to’atu haaraan

akka dhaabbatu murtoo dabarseera. Gabaasa Leevisen lakkoofsa arfanuu https://www.gov.uk/government/publications/leveson-

inquiry-report-into-the-culture-practices-and-ethics-of-the-press irratti ilaalaa

MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 32MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 32 7/20/21 6:00 AM7/20/21 6:00 AM

Page 33: MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 1 7/20/21 6:00 AM

33

dhaabbatee ture dhaabbata biraan akka bakka bu’u yaadni murtoo dhiyaachuu isaan walqabatee qaamoleen to’annoo lama akka hundaa’an taasifamee jira. Inni tokko walaba kan ta’e Dhaabbata Walabaa Istaandardii Pireesii (the Independent Press Standard Organization) yommuu ta’u inni lammaffaammoo qaama walabaa pireesii to’atu (the Independent Monitor for the Press) dha. Dhaabbanni walabaa Istaandardii Pireesii gaazexootaa biyyaalessaa fi dhaabbilee sabqunnamtii biroo kan to’atu yommuu ta’u dhaabbanni inni lammaffaan kan to’atu dhaabbilee sabqunnamtii muraasa qofadha.

Qorannoon Leevisen akka mul’isutti Dhaabbanni Komii Pireessii “Ulaagaa qulqullina ogummaa gaazexeessummaa baasuu, sadarkaalee qulqullinaa beeksisuu, gaazexessitoota leenjisuu,

komiiwwan dhaabbilee pireesii irratti dhiyaatan qorachuun murtoo kennuu walumaa galatti sadarkaa ogummaa gaazexeessummaa mirkaneessuuf itti gaafatamummaa kan qabu yoo ta’ellee komishinichi itti gaafatamummaa isaa ba’uuf gahumsa hin qabu ture.7

Keeniyaa keessatti dameen sabqunnamtii kan gaggeeffamu qaamolee to’annoo lamaanidha. Isaanis Kaawunsilii Sabqunnamtii Keeniyaa fi Abbaa Taayitaa Kominikeeshinii Keeniyaadha. Kaawunsiliin Sabqunnamtii Keeniyaa kan hundeeffame Seera Hundeeffama Kaawunsilii Sabqunnamtii Bara 2013 yommuu ta’u, Abbaan Taayitaa Kominikeeshinii Keeniyaa kan hundeeffame Labsii Infoormeeshinii fi Kominikeeshinii Keeniyaa bara 2013 fooyya’ee ba’eenidha.

Itti gaafatamummaan Kaawunsilii Sabqunnamtii Keeniyaa bilisummaa sabqunnamtii kabachiisuu, guddisuu fi qulqullina ogummaa gaazexeessummaaf sadarkaa baasuu yommuu ta’u, Abbaan Taayitaa Kominikeeshiniis guddina sabqunnamtii biroodkaastii, sabqunnamtii maraa, telekoominikeeshinii, tajaajila poostaa, daldala elektirooniksii akkasumas guddina damee infoormeeshinii fi kominikeeshinii mirkaneessuudha. Ta’us, qaamoleen to’annoo lameenuu labsiin haaraa amma hojiirra jiru ba’uun dura kan hundaa’anidha. Fakeenyaaf, Kaawunsiliin Miidiyaa akka qaama sirna to’annoo waliiniitti kan hundeeffame akka lakkoofsa Awurooppaanotaatti bara 2004 yommuu ta’u innis qooda fudhattoota damee sabqunnamtiidhaan kan hundeeffamedha. Kanaafuu, kaawunsilichi bu’uura seera sabqunnamtii bara 2007 dhaan beekamtii seeraa argateera.8

Kaawunsiliin Sabqunnamtii Keeniyaa akka qaama sirna to’annoo waliiniitti damee sabqunnamtii alatti hagas mara kan hin kabajamnee fi akka saree ilkaan hin qabneetti dhaabbata ilaalamaa turedha. Kaawunsilichi rakkoo qabeenyaa guddaa kan qabuu fi sagantaalee isaayyu deggeruu qaama hin dandeenye ture. Ta’us, qaama seerummaa erga argatee booda baajata hojii gaggeessituu isaa mootummaa irraa akka argatu taasifameera. Guddina kaawunsilichaaf akka sababaatti kan ka’u seera keessatti beekamtii argachuu fi baajata mootummaa irraa argachuun pirojektoota garaa garaa karoorfachuun raawwachuu danda’uu isaati. Bu’uura kanaan kaawunsilichi namuusa ogummaa gaazexeessummaa Keeniyaa baasuu fi raawwachiisuu akkasumas Komiishinii Komiis deggaruu danda’eera.

Kaawunsilii Sabqunnamtii Keeniyaa keessatti bu’uuraa fi raawwachiiftuu ijoo kan ta’an dambii namuusaa fi Komishinii Komii dha. Sababni bu’uura ta’aniifis bilisummaa fi walabummaa dhaabbilee sabqunnamtii waan kabachiisaniif, mirgaa fi faayidaa miseensotaa waan kabachiisaniif akkasumas sadarkaa ogummaa gaazexessitootaa fi dhaabbilee sabqunnamtii kan to’atani fi kan guddisan waan ta’aniifidha.9

Walumaagalatti muuxannoowwan biyyoota garaa garaa irraa argaman haala qabatamaa Itoophiyaan yommuu ilaallu sirna to’annoo waliinii yokaan sirna to’annoo qaama mootummaafi sirna waliin wal to’achuu waltti qindeessanii hojiirra oolchuun filatamaa ta’uu isaati. Sababni isaas biyyoota addunyaa hedduu keessatti dhaabbileen

7 Keewawata 19 (EnDi) To’annoo Sabqunnamtii Yunaayitid Kingidem: Keewwata 19 (Olaayin) kan argamu https://www.article19.

org/data/files/pdfs/publications/uk-media-regulation.pdfirrattidha.

8 Keewwata 19 ilaalaa 2014) Dhiibbaa Seeraa fi hojimaanni dhaabbataa bilisummaa Miidiyaa Keeniyaa irratti qaqqabsiise:

Naayiroobii: Keewwata 19 Baha Afirikaa

Waa’ee Kaawunsilii Sabqunnamtii Keeniyaa Marsarii hawaasaa EM SII Keehttps://www.mediacouncil.or.ke/en/mck/index.php/

about-us/who-we-are irratti ilaalaa

9 Waa’ee Kaawunsilii Sabqunnamtii Keeniyaa Marsarii hawaasaa EM SII Kee https://www.mediacouncil.or.ke/en/mck/index.php/about-us/who-we-are

irratti ilaalaa

MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 33MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 33 7/20/21 6:00 AM7/20/21 6:00 AM

Page 34: MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 1 7/20/21 6:00 AM

34

sabqunnamtii biroodkaastii qaama to’annoo seeraan hundeeffameen kan to’ataman yommuu ta’u dhaabbileen sabqunnamtii maxxansaa ammoo qaama to’annoo waliinii qooda fudhattoota damichaan hundeeffameen geggeeffamu.

Kana erga jennee muuxannoo Keeniyaa akka fakkeenyaatti yoo fudhanne biyyoota qabeenya muraasa qabanii fi yeroo ammaa akka Itoophiyaa keessatti mul’atu biyyoota dhaabbileen sabqunnamtii wal qoqqodanii yaadota faalla qabatan jiran keessatti sirna to’annoo qaama seeraan hundeeffamee yokaan sirna waliin wal to’achuu hordofuun baay’ee barbaachisaadha. Qaamni to’annoo seeraan hundeeffame baajatni mootummaan kan ramadamuuf yoo ta’eyyu guutummaa guutuutti walaba ta’ee akka socho’u yoo taasifame faayidaa ummataa, kan gaazexeessitootaa fi abbootii dhaabbilee sabqunnamtii mirkaneessuuf kan hojjetu ta’a.

Kana malees, seerri waldaalee siivilii sirna sassaabbii galii faayinaansii daangessu waan haqameef qaamni sirna to’annoo waliinii akkuma Kaawunsilii Sabqunnamtii Keeniyaatti bilisummaa pireessii fi mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu mirkaneessaa haqummaa gaazexeessitootaa fi qulqullina ogummaa guddisuuf maallaqa oolu argachuuf sirna sassaabbii maallaqaa diriirsuun irraa eegama. Kunis bilisummaa sabqunnamtiif wabii kenname mirkaneessuun hojiirra oolmaa heeraa daraan cimsa. Sababni isaas bu’uura heeraan bilisummaan pireesii mirkanaa’uu “Sabqunnamtii bilisa, walaba fi hedduuminaa keessummeessuun isaa mirkanaa’e akkasumas sabqunnamtii ijaarsa sirna dimokiraasii Itoophiyaa keessatti shoora olaanaa taphachuu danda’uu fi namuusa olaanaa fi gahumsa ogummaa qabu akka uumamuu fi akka cimu ni taasisa.

To’annoon sabqunnamtii bifaa fi gosa kamiiniyyu yoo raawwatame fudhatama yokaan sirrummaa ni qbaata. Kana malees to’annoon qaama kamiiniyyu haa raawwatamu, qaamni kun itti gaafatamummaa isaa kan raawwachuu qabu bu’uura seerota biyyattii keessa jiraniin akkasumas haala qabatamaa misooma, siyaasa, dinagdee fi damee sabqunnamtii biyyattii waliin haala wal simeen ta’uuti irraa eegama.

MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 34MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 34 7/20/21 6:00 AM7/20/21 6:00 AM

Page 35: MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 1 7/20/21 6:00 AM

35

Sirna Waliin Wal To’achuu Sabqunnamtii Itoophiyaa:Carrawwanii fi Qormaatilee Seensa

Dhaabbileen sabqunnamtii fi namoonni dhuunfaa biyyoota bilisummaan sabqunnamtii mirkanaa’e keessa jiraatan sirna waliin wal to’achuu damichaa cimsuun sabqunnamtii walaba, cimaa fi miira itti gaafatamummaan hojjetu akkasumas kan faayidaa ummataa mirakaneessu ijaaruu keessatti gaheen qaban olaanaadha.

Sirni waliin wal to’achuu Itoophiyaaf sirna haaraadha jechuun ni danda’ama. Haaluma kanaan tumsa qooda fudhattoonni damee sabqunnamtii fi dhaabbileen idil-addunyaa taasisaniin hundeeffamni Mana Maree Sabqunnamtii Itoophiyaa bara 2008 ALI milkaa’uu danda’eera. Haa ta’u malee Manni Maree Sabqunnamtii Itoophiyaa yoo hundeeffameyyu sababa hojimaata seeraa fi hojii to’annoo biyyattiirraa kan ka’e sirni waliin wal to’achuu hanga ammaatti hojiirra ooluu hin dandeenye.

Yeroo ammaatti manni maree sabqunnamtii jijjiirama hundagleessa gama imaammataa, seeraa fi bulchiinsaa mul’atu akka carraatti gargaaramuun mana maree waliin wal to’achuu dandeessisu hundeessuu fi jabeessuun hojiilee garaa garaa hojjechaa jira.

Haat’u malee dameen sabqunnamtii sirna waliin wal to’achuu hojiirra oolchuuf wayita socho’utti yaadonni burjaajjii uuman tokko tokko gama qooda fudhattootaan kan ka’an ta’uun hubatameera. Akka fakkeenyaatti wal qoodinsi dirree sabqunnamtii Itoophiyaa keessatti kan mul’atu ta’uun walqabatee dhimmi ofiin of gaggeessuu damichaa fi haala raawwii hojii isaarratti gaaffiin ni ka’a.

Kana malees wayituma wixineen labsii sabqunnamtii qaama seera baasuuf dhiyaatee mirkanaa’uuf eegamaa turettis taanaan dhimma ofiin of gaggeessuu seera baastotaa fi qooda fudhattoota biratti lafa qabsiisuu haala danda’amurratti gaaffilee garaa garaa kaasuun falmuurratti argama. Qabatamaan hojiirra oolmaasaarratti dhimmoota dhiibbaa uuman kaasuun falmuurratti argama.

Haala qabatamaa sirna waliin wal to’achuu sabqunnamtii Itoophiyaa

Sabqunnamtiin Itoophiyaa waggoota hedduudhaaf to’annoo mootummaa jala kan ture yommuu ta’u yeroo jalqabaaf qorannoo duraa yokaan saansuurii irraa bilisa kan ta’e yeroo ce’umsaa jechuunis bara 1984 hanag 1987 ALI fi yeroo Addi Dimokiraatawaa Warraqasa Ummatoota Itoophiyaa (ADWUI) aangoo qabatedha. 1

Yeroo ce’umsaa sana dirreen siyaasaa ni bal’ata jedhamee abdiin irratti gatamee kan ture yommuu ta’u waggoota muraasa yeroo ce’umsaa booda turan keessatti yaada ofii bilisaan ibsachuu fi bilisummaa odeeffannoo haala gariin dhamdhamuun danda’amee ture. Qabatamaatti labsiin pireesii bara 1985 ALI ba’e lammileen abbaa qabeenyaa sabqunnamtii ta’uu akka danda’an eyyamamuu isaan wal qabatee gaazexoonni fi barruuleen dhuunfaa haala mul’atee hin beekamneen babal’achuu danda’aniiru.2 Kun raawwachuu isaanis turtii bara 1985 hanga 1990 ALI keessatti gaazexoonni 200 fi barruuleen 87 ol ta’an Ministeera Beeksisaa duraaniin galmaa’uu danda’aniiru.3

Haa ta’u malee mootummaan seerotaa fi imaammatoota sabqunnamtii ukkamsoo ta’an waan baaseef bilisummaan sabqunnamtii jalqabarratti mul’atee ture baay’ee otoo hin turiin dhabamuu danda’eera. Sirnoonni to’annoo, bulchiinsaa fi tarkaanfileen siyaasaa kanaan wal qabatee tures humna dhaabbilee sabqunnamtii dhadhabsiisuun bilisummaan isaanii akka daangeffamu taasiseera.

1 Indiriyaas Isheetee: “Mirga Namoomaa fi Heera Dimokiraatawaa Itoophiyaa Keessatti Hojiirra Oolchuu” ፡ Yaadannoo: Guca

21(1993) Fuula 10

2 Shimallis Boonsaa:” Haala Pireesii Itoophiyaa “Baahiruu Zawudee fi Siigfiriid Pasewaang (Kitaaba Keessa) Itoophiyaa: Hudhaa

Dimokiraasii Gara Gadiirraa Maddu (2002) fuula 184-2.65

3 Biraanee G/Maariyaam: Bilisummaan Sabqunnamtii Dagatamuu fi Fuuldura Tilmaamuun Rakkisaa Ta’uu” Noord-Suud Aktu’eel:

Guca 4(2002) Fuula 642

MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 35MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 35 7/20/21 6:00 AM7/20/21 6:00 AM

Page 36: MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 1 7/20/21 6:00 AM

36

Heerri Mootummaa Federaalawaa Dimokiraatawaa Ripaabiliika Itoophiyaa mirgoota namoomaa fi mirgoota biroo mirkaneessuuf sirna cimaa kan diriirse yoo ta’eyyu sirna siyaasaa abbaa irrummaa keessatti Dimokiraasii Warraaqsa fi ilaalcha siyaasaa dimokiraasii waltawaa kan hordofu mootummaan Addda Dimokiraatawaa Warraqsa Ummattoota Itoophiyaa (ADWUI) 1bilisummaa sabqunnamtii dabalatee mirgoota bu’uuraa fi mirgoota namoomaa sarbeera.2 Kana malees biyyattii keessatti seerota haaraa daangessoo ta’an ,tarkaanfilee siyaasaa fi bulchiinsaa fudhachuu wayita eegalan damicha caalmaatti dhadhabsiisuu danda’aniiru.

Waan ta’eefis dhaabbileen sabqunnamtii biyyattii haalota turan waliin walsimanii deemuu waan dhadhabaniif jijjiiramaa fi milkaa’ina fiduu hin dandeenye. Kanaafuu Itoophiyaa keessatti dhaabbileen sabqunnamtii loogiirraa bilisa ta’anii socho’an muraasa yoo ta’an, dhaabbileen sabqunnamtii karaa tokkoon mootummaan kan ukkaamfaman yokaan ajandaa siyaasaan kan oofaman ta’aniiru.

Rakkoolee walxaxaa kanaaf akka sababaatti kanneen caqafaman keessaa inni tokko ogeessonni sabqunnamtii fi gaazexeessitoonni duudhaalee bu’uuraa naamusaa fi daangaalee mirgoota sabqunnamtiirratti hubannoon qaban gadi aanaa ta’uu isaati. Gama kanaan damee sabqunnamtii dhuunfaa yommuu ilaallu damichi jalqabumarratti ogummaa ala, hojimaata itti gaafatamummaan itti hin dhaga’amnee fi hir’ina naamusaan kan faalame ture.3 Kun ta’uu isaanis mootummaanis ta’e taajjabdoonni bilisaa dhaabbileen sabqunnamtii dhuunfaa ogummaa fi naamusaan alatti haala itti gaafatamummaan itti hin dhaga’amneen socho’aa jiraachuu isaanii yeroo garaa garaa ibsaa turaniiru.

Gama biraan pireesiin dhuunfaa motummaarratti mufataa fi mormaa ta’ee ture. Mufannaan kun sababoota garaa garaa irraa kan madde ta’us sababni guddaan caqafamu garuu gaazexeessitoonni gaazexootaa fi barruulee dhuunfaa keessa hojjetan harki caalaan isaanii sirna dargii keessa hojii fooyya’aa kan qabanii fi sirna ADWUI keessatti hojiisaaniirraa kan buqqa’an waan ta’aniifidha.4 Kanaafuu haalli kun mootummaa fi pireesii dhuunfaa gidduu walshakkiin guddaa akka uumamu taasiseera. Walshakkiin kunis hanaga ammaa kan itti fufe waan ta’eef dhaabbileen sabqunnamtii qindoominaa fi waltumsa cimsanii sirna waliin wal to’achuu akka hin deggarree fi miira abbummaan akka hin gaggeessine gufuu uumaa jira.

Mootummaan dhaabbileen sabqunnamtii dhuunfaa wayita hundeeffamanitti ceephoo hamaa fakiiwwan mootummaa qeeqanii fi darbee darbees bu’aalee

1 Paartii ADWUI bara 2011 diigame: Muummee Ministeeraa Abiyyi Ahimad Aangoo Erega Qabatee Booda Paartiin Badhaadhina

Jedhamu Hundaa’e.

2 Haala Kanaan Yommuu Ilaallu Jiinii Nikolaas, Baach Jii En, Dimokiraasii Yaadannoo Qorannoowwan Afirikaa Bahaa :642

Warraaqsaas, Dimokiraasii Warraaqsaa kan Hin Taane: Bara 1985 booda Itoophiyaa Turte keessa Xiinxala Hubannoo Dimokiraasii

Warraaqsaa ADWUI irratti Hundaa’e (2003) Guca 5

3 Nikool Istreemlahu “Pireesii Itoophiyaa fi Caasaa Siyaasa Haaraa” Yaadannoo Qorannoowwan Afirikaa Bahaa

4 : Guca 5 lakk 4 (2011) fuula 716 Nikool Istreemlahu “Pireesii Itoophiyaa fi Caasaa Siyaasa Haaraa” Yaadannoo Qorannoowwan

Afirikaa Bahaa: Guca 5 lakk 4 (2011) fuula 724

MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 36MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 36 7/20/21 6:00 AM7/20/21 6:00 AM

Page 37: MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 1 7/20/21 6:00 AM

37

maxxansaaqabiyyee dogoggorsiisoo fi safuu cabsaniif hanga tokko ni obsa ture.5 Haa ta’u malee abbootiin aangoo otooma xiqqoo hin turiin maxxansaalee dhuunfaarratti tarkaanfii fudhachuu eegalan.6 Mootummaan miidiyaalee dhuunfaa maxxansaa dhadhabsiisuuf jecha dhaabbilee sabqunnamtii mootummaa akka meeshaa ololaatti fayyadamuun gaazexeessitootarra miidhaa qaqqabsiisuu fi hidhuu eegale.7 Sababa kanaanis gaazexoonnii fi barruuleen bara 1985 ALI lakkoofsi isaanii 287 ture waggoota shan keessatti bara 1990 ALI gara 65 gadi bu’uu danda’eera.8 Bara 1995 ALI dhumarratti sababa tarkaanfilee mootummaan fudhateen lakkoofsi kun gadi bu’aa dhufee maxxansaaleen qubaan lakka’aman qofti hafuu danda’aniiru.9

Saaraah Vaawugahaanii fi Keetii Tiroonoovool akka barreesanitti “Sababoonni pireesiin dhuunfaa oduu hafarsanii fi bu’aalee maxxansaa dogoggoraa dhiyeessaniif, muuxannoodhabuu, fedhii siyaasaa fi miira siyaasarraa dhiibamuu yommuu ta’u mootummaanis kana fayyadamee gaazexeessitoota maallaqaan adabuu fi gulaaltota hidhuu akkasumas gaazexoota cufuu danda’eera.Mootummaan tarkaanfii kana fudhachuu akka isa dandeessisuuf gaazexeessitootarratti odeeffannoo sobaa tamsaasuu, jibbinsa sabaa ololuu yokaan kabaja biyyaa miidhuu sababa jedhuun galmeewwan himannaa fudhatama hin qabne iraratti banaa ture.”10

Yeroo waraanni Itoophiyaa fi Eertiraa dhuma bara (1990- 1992 ALI) gaggeefame fi filannoo bara 1997 gidduu waggoonni turan guddina pireesii dhuunfaaf yeroo gaarii akka ta’an dubbatama. Keessumatti filannoon bara 1997 haala haaraa waan uumeef dhaabbileen sabqunnamtii mootummaas ta’e kan dhuunfaa yeroo filannootti bilisummaa bal’aa argatanii duula nafiladhaa paartilee fi adeemsa filannoo gabaasaniiru.

Haa ta’u malee filannoo bara 1997 booda lakkoofsi gaazexoota dhuunfaa gabaarra turanii baay’ee gadi bu’eera.11 Gaazexoonni mootummaa morman gama tokkoon gulaaltonnii fi gaazexeessitoonni isaanii waan hidhamanii fi waan godaananiif , gama biraan ammoo sababa manneen maxxansaa mootummaa maxxansa gaazexoota dhuunfaa dhorkamaniif gaazexoonni wayita sana gabaarra turan cufamaniiru. 12 Waan kana ta’eefis godaannisa hamaa yeroo fi taateen kun uume hanga har’aatti guddina dhaabbilee sabqunnamtii biyya keenyaarratti dhiibbaa guddaa uumaa jira.13 Yeroo ammaattis gaazexeessitoonni gaazexaa isaanii duraan jalaa cufatee ture deebisanii eegaluu barbaadan eyyama dhorkamu waan ta’eef gochi kun filannoo waliigalaa bara 1997 dura ture caalaatti dhimma dhaabbilee sabqunnamtii dhadhabsiise ta’aa jira.14

Muummeen Ministiraa Dr Abiyyi Ahimad bara 2010 ALI gara aangootti dhufuusaaniin walqabatee dirreen siyaasaa biyya kanaa akka bal’atu ta’eera, gaazexeessitoonni mana hidhaa gadi lakkifamaniiru, humnoonni siyaasaa fi gaazexeessitoonni godaansarra turan gara biyysaaniitti akka deebi’an ta’eera. Kunis bilisummaa sabqunnamtii Itoophiyaaf boqonnaa haaraa baneera. Kana malees seeronni guddina dimokiraasiif hudhaa ta’anis waan fooyya’aniif damichi bilisummaa gonfachuu danda’eera.15 Kana malees fooyya’insi seeraa fi siyaasaa waggoota lamaan darbaniif raawwate dhugoomuu fooyya’insa labsii sabqunnamtiif shoora olaanaa taphateera. Itoophiyaatti dhimmoota barbaachisoo jedhaman keessaa fooyya’insa seera sabqunnamtii keessatti kan caqafamu labsii sabqunnamtii fi bilisummaa odeeffannoo fi labsii Biroodkaastiidha.

5 Biraanee G/Maariyaam: “Bilisummaan Sabqunnamtii Dagatamuu fi Fuuldura Tilmaamuun Rakkisaa Ta’uu” Noord-Suud Aktu’eel:

Guca 4(2002) Fuula 642

6 Biraanee G/Maariyaam: “Bilisummaan Sabqunnamtii Dagatamuu fi Fuuldura Tilmaamuun Rakkisaa Ta’uu” Noord-Suud Aktu’eel:

Guca 4(2002) Fuula 642

7 Nikool Istreemlaahu ፡“Pireesii Itoophiyaa fi Caasaa Siyaasaa Haaraa” Qorannoowwan Afirikaa Bahaa: Guca 5 lakk 4(2011): fuula 642

8 Biraanee G/Maariyaam: “Bilisummaan Sabqunnamtii Dagatamuu fi Fuuldura Tilmaamuun Rakkisaa Ta’uu” Noord-Suud Aktu’eel:

Guca 4(2002) Fuula 642

9 Saarah Vaawugahaan fi Keetil Tiroonvool: Jireenya Syaasa Itoophiyaa Ammayaatti Aadaa Aangoo: (2003): Fuula 72.

10 Saarah Vaawugahaan fi Keetil Tiroonvool: Jireenya Syaasa Itoophiyaa Ammayaatti Aadaa Aangoo: (2003): Fuula 72.

11 Terjee Es Seerdaal fi chaarles Mu’iruu Nigu’igii “Baha Afirikaatti Hudhaalee Hudhaalee Mootumaa fi Dhaabataa Barnoota

Gaazzexeessummaa: Qorannoo Gaazzexeessummaa Baha Afirikaa: Guca 28. 1- 2(2007) Fuula 177

12 Nikool Istreemlaahu ፡“Pireesii Itoophiyaa fi Caasaa Siyaasaa Haaraa” Qorannoowwan Afirikaa Bahaa: Guca 5 lakk 4(2011): fuula 717

13 Nikool Istreemlaahu ፡“Pireesii Itoophiyaa fi Caasaa Siyaasaa Haaraa” Qorannoowwan Afirikaa Bahaa: Guca 5 lakk 4(2011): fuula 717

14 Nikool Istreemlaahu ፡“Pireesii Itoophiyaa fi Caasaa Siyaasaa Haaraa” Qorannoowwan Afirikaa Bahaa: Guca 5 lakk 4(2011): fuula 717

15 Inistiitiyuutii Nageenyaa Ameerikaa: Bara Jijjiiramaa Itoophiyaa (2019) https://www.usip.org/publications/2019/04/year-change-

ethiopia irratti argattu (Adoolessa 20 bara 2020)

MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 37MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 37 7/20/21 6:00 AM7/20/21 6:00 AM

Page 38: MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 1 7/20/21 6:00 AM

38

Seerotaa fi poolisii dhaabbileen sabqunnamtii fi qaamoleen damichaa ittiin bulan fooyyessuun kan barbaachiseef jijjiiramichi caasawaa fi itti fufinsa kan qabu akka ta’uufidha. Hojiiwwan fooyya’insaa jijjiiramichaan walqabatan ilaalchisee raawwatamaniin lakkoofsi dhaabbilee sabqunnamtii maxxansaa fi biroodkaastii dhuunfaa saffisaan dabaleera. Kanneen keessaas muraasni isaanii gaazexeessitootaa fi rogeessota dhiyeenya kana mana hidhaa keessaa bahaniin kan hundeeffaman yommuu ta’an kanneen hafanimmoo dhaloota Itoophiyaa godaansarraa deebi’aniin kan hundeeffamanidha.

Qabata Jijjirama Siyaasaa, Seeraa fi Sabqunnmatii

Qaama seerummaa kan hin arganne yoo ta’eyyu yaaliin Mana Maree Sabqunnamtii Itoophiyaa hundeessuun sirna waliin wal to’achuu diriirsuuf taasifamaa ture firii kan argamsiise maree waggoota kudhan fudhatee booda bara 2008 ALI ture. Gama kanaan qaamni to’annoo waliinii yeroon hundaa’ee gara hojiitti akka hin galle dhadhabinni dhimmamtoota damichaa isa guddaa yoo ta’eyyu sababa qaawwaa hiika seeraan walqabatee uumameen Mannni Maree Sabqunnamtii Itoophiyaa haaraa hundeeffame qaama ilaaluun galmaa’ee beekamtii seeraa argachuu hin dandeenye. Haata’u malee yeroo ammaa wayita labsiin sabqunnamtii ragga’etti manni maree kun gara sochii qabatamaatti ce’aa jira.

Obbo Taammiraat Hayiluu akka dubbatetti “Sababni manni Marichaa gara hojii qabatamaatti akka hin galle taasise qaawwaa gama seeraan mul’atudha.”1 Bu’uuruma kanaan Manni Maree Sabqunnamtii Itoophiyaa bu’uura Labsii Galmee fi To’annoo Dhaabbilee Tola Ooltummaa fi waldaaleen yeroo barbaadametti galmaa’ee qaama seerummaa argachuu hin dandeenye. Dhumarrattis Labsiin Waldaalee Siivilii fooyya’ee ba’uusaan walqabatee Manni Maree Sabqunnamtii Itoophiyaa hundeeffamee waggaa afurii booda galmaa’ee qaama seeraa argachuu danda’eera.2

Koree Sagantaa Fooyya’insa Seeraa fi Qophii Seeraota Sabqunnamtii

Muummeen Ministiraa Dr Abiyyi Ahimad aangoo mootummaa akka qabataniin seerota ukkamsaa ta’anii fi mirgootaa fi bilisummaa seeraan mirkanaa’e kanneen dhiiban kan akka seera shororkeessummaa, seerota sabqunnamtii fi waldaalee siivilii fooyyessuuf waadaa galanii turan. Kana hordofuunis mootummaan ji’a Waxabajjii bara 2010 ALI Mana Maree Gorsitoota Seeraa fi Haqaa Abbaa Alangaa Waliigalaa Federaalaa jalatti hundeessee ture. Ergamni mana marichaa sirna haqaa fi seerota biroo Abbaa Alangaa fooyyessuu, dhimmoota imaammataarratti mootummaa gorsuu akkasumas mootummaan sirna haqaa fi seerota falmisiisoo ta’an akka fooyyessu yaada gorsaa dhiyeessuun deggarsa gochuudha. Manni Maree Gorsitoota Seeraa fi Haqaa ogeessota kudha sadiin kan gurmaa’e yommuu ta’u gareen kun ogeessa seeraa baay’ee beekamaa Itoophiyaa kan ta’an Piroofeesar Xilaahun Tashoomaadhaan kan ogganamudha.

Manni marichaas kan hundeeffame waggoottan sadeen jijjiiramaaf yommuu ta’u akka barbaachisummaasaatti yeroon hojiisaa dheerachuu danda’a. Manni marichaa kan hundeeffame fooyya’insa seeraa raawwachuuf yommuu ta’u hojiisaa kan eegale garee tekinikaa hundeessuun ture. Gareen tekinikaas ogeeyyii seeraa, hayyootaa fi qorattoota hammatee kan hundaa’edha. Kana malees manni marichaa kutaa tekinikaa fooyya’insa seeraa deggaruu fi galtee tekinikaa taaskfoorsii fi mana mareef dhiyeessu hundeesseera.3

Taaskfoorsiin qophii seerota sabqunnamtii garee yeroo jalqabaaf mana maree gorsitootaa bara 2010 ALI hundeeffame keessaaa isa tokko yommuu ta’u itti gaafatamummaansaa inni ijoos hanqinootaa fi seerota sabqunnamtii xiinxaluun qorannoorratti hundaa’ee hayyoota, qorattoota, gaazexeessitoota fi waldaalee siivilii dhimma koorniyaarratti hojjetaniin kan gurmaa’edha.

1 Taammiraat Hayiluu: Hojii Geggeessaa Barruulee Qumnagarrii fi Miseensa Koree Hojii Raawwachiiftuu Mana Maree Sabqunnamtii

Itoophiyaa (Hagayyaa 11/2020).

2 Amaaree Aragaawwii: Pireezidaantii Mana Maree Sabqunnamtii Itoophiyaa fi Abbaa Qabeenyaa Gaazzexaa Ripoorterii

(Itoophiyaatti Gaazzexaa Beekamaadha) Waliin Af-gaaffii taasifame

3 Waanti beekamuu qabu Manni Maree Gorsitoota Seeraa fi Haqaa Bilisummaan ogummaasaa kan mirkanaa’ee fi Jijjiiramni

sabqunnamtii dhiibbaa gareewwanii jalatti kan hin kufne ta’uu isaa fi garuu ammoo Gama Abbaa Alangaa waliigalaan tumsii fi

deggersi taasifamaa tureera.

MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 38MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 38 7/20/21 6:00 AM7/20/21 6:00 AM

Page 39: MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 1 7/20/21 6:00 AM

39

Seeronni hedduun kallattiinis ta’e alkallattiin keewwattota yaada ofii bilisaan ibsachuu fi bilisummaa sabqunnamtii kan hammatan yoo ta’eyyu gareen qophii seeraa jalqabarratti xiyyeeffannoo kan kenne Labsii Sabqunnamtii fi Bilisummaa Odeeffannoo lakkoofsa 590/2000, Labsii Biroodkaastii lakkoofasa 533/99 fi Labsii Yakka Kompiyuuteraa lakkoofsa 958/2008 irrattidha. Sababni labsiiwwan kanaaf dursi kennameef labsiiwwan kun mirgoota yaada bilisaan ibsachuu fi bilisummaa sabqunnamtii irratti kallattiin dhiibbaa kan qaban waan ta’eefidha.

Gareen qophii seera sabqunnamtii hojiisaa kan eegale qorannoo garaa garaa erga gaggeessee booda yommuu ta’u qorannoo kanaanis hanqinoonni qabiyyee fi raawwii seerota sabqunnamtiirratti adda bahan ni jiru. Qoranichaan seeronni biyya keenyaa fi idil-addunyaa gadi fageenyaan kan xiinxalaman yommuu ta’u af-gaaffiin ogeessota sabqunnamtii waliin taasifame, qorannoowwanii fi gabaasonni garaa garaas xiinxalamaniiru.

Qorannichi seera sabqunnamtiin walqabatee hanqinaalee ijoo fi tumaalee rakkoo qaban kan adda baase yommuu ta’u rakkooleen adda bahanis labsii sabqunnamtii haaraaf akka galteetti hojiirra oolaniiru. Dhumarrattis qaamolee hedduu waliin maree gaggeeffameen galteewwan erga walitti qabamanii booda gareen seera sabqunnamtii qopheessu gara hojii wixinee labsichaa hojjechuutti seenuu danda’eera.

Kanaafuu adeemsa qophii wixinee sera sabqunnamtii keessatti irra deebii fi fooyya’insi garaa garaa kan taasifame seerota duraan turan, gabaasota qorannoo garaa garaa, gabaasotaa fi argannoowwan garaa garaa ilaalcha keessa galchuun yommuu ta’u seeronni idil-addunyaa fi Ardii Afirikaa akkasumas muuxannoon biyyootaas akka galteetti fudhatamaniiru. Bu’uura kanaan tumaaleen seera sabqunnamtii duraanii to’annoo ilaalchisee dhorkaa garaa garaa ijaarsa sirna dimokiraasii waliin hin deemne kan hammate waan ta’eef wixinee seeraa haaraa kana keessatti deebiin maluuf akka kennamuuf ta’eera.

Seera sabqunnamtii haaraa keessatti dhimmoota ijoo fooyya’insi seeraa taasifameef keessaa inni tokko gochi maqa-balleessii (defamation) seera yakkaan akka hin gaafachiifne gochuu ,ulaagaalee galmee fi eyyama fooyyessuu,seera qabiyyee sabqunnamtii laaffisuu, to’annoo sabqunnamtii biroodkaastii fooyyessuu , sirna waliin wal to’achuu damichaa jabeessuu, maddawwan oduuf eegumsa gochuu, tarkaanfilee bulchiinsaa fi seeraa keessatti hammachuu, mirga ol-iyyannoo fi murtoo mana murtii keessatti hammachuu dabalata.

Dhimma kana ilaalchisee Faasikaa Taaddasaa yaada ishee yommuu ibsitu “Adeemsi jijjiiramichaa carraalee gaggaarii kan uume yoo ta’ellee dhiibbaa fooyya’insa seeraa gara fuula duraatti kan ilaallu ta’a jetteetti.”4

Mootummaa fi Qaama To’annoo Sabqunnamtii: Abbaa Taayitaa Sabqunnamtii Itoophiyaa

Sirni waliin wal to’achuu duudhaa walabummaa sabqunnamtii kan mirkaneessu yommuu ta’u dhaabbilee sabqunnamtiis giddu seentummaa siyaasaa mootummaarraa eega.5 Biyya dhaabbileen sabqunnamtii qorannoo duraaf yokaan saansuuriif dirqama qaban keessatti manni maree sabqunnamtii waliin wal to’achuuf hundeeffatan hojiirra ooluu hin danda’u.6 Itoophiyaa keessatti haala sirni waliin wal to’achuu hin jirre keessatti mootummaan seerotaa fi dhaabbilee ofiin qopheesseen dhaabbilee sabqunnamtii qofaasaa to’ataa tureera. 7

Abbaa Taayitaa sabqunnamtii Itoophiyaatti Daarektarri Dhimmoota Beeksisaa fi Gorsaan Ol-aanaa Daarektara ol-aanaa Obbo Gizaaw Tasfaayee akka ibsanitti sababoota hundeeffamni mana maree sabqunnamtii akka turu taasisan keessaa tokko ejjennoo mootummaa ture. 8 Befiqaaduu 9 Toleeraanis yaaduma kana qooddatu.

4 Faasikaa Taaddasaa: Qopheessituu Olaanaa Gaazzexaa Foorchuunii fi Miseensa Boordii Waldaa Gulaaltota Itoophiyaa (Caamsaa

2020).

5 Sileevii Koodireey: UNESCO: Mirga Yaada 0fii Ibsachuu ፡ Odeeffannoo fi Sabqunnamtii https://www.cambridge.org/core/books/

united-nations-and-freedom-of-expression-and-information/unesco-freedom-of-expression-information-and-the-media/0580DBB3

DE266A1298C77B564590C337/core-reader (16 August 2020) irratti aragama

6 Oginiyaan Zilaateev: “Mana Maree Sabqunnamtii: Sirna Waliin Wal To’annoo Isa Jalqabaa” Adiliin Huliinnii fi Joon Ismiiz

(Maxxansa) keessa: Kitaaba Qajeelfama Waliin Wal to’achuu Sabqunnamtii (2008): Fuula 50

7 Muluqen Yewendosen: Itti aanaa Gulaalaa Gaazzexaa Kaappitaal (11/2020).

8 Gizaaw Tasfaayee: Abbaa Taayitaa Biroodkaastii Itoophiyaatti Daarektara Dhimmoota Seeraa fi Beeksisaa fi Gorsaa Olaanaa

Daarektara olaanaa (Caamsaa 22/2020

9 Befiqaaduu Hayiluu: Gaazzexeessaa fi Miseensa Rogeessota zoonii 9 (Hagayyaa 11/2020)

MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 39MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 39 7/20/21 6:00 AM7/20/21 6:00 AM

Page 40: MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 1 7/20/21 6:00 AM

40

Kanneen biroo ammoo mootummaan ta’e jedhee sirna waliin wal toa’chuu dhorkeera jedhanii kan yaada kennanis jiru. Obbo Eeliyaas akka ibsettis “Mootummaan adeemsa sirna dhaabbilee sabqunnamtii cimaa waliin wal to’atu uumuu keessatti deggarsa gochuuf fedhii hin mul’isne. Gama biraan sabqunnamtii fi dhimmamtoonni damichaa akka qoqqoodamanii fi dhadhaban taasiseera.”1

Kanaafuu ogeessonni af-gaaffiin taasifameef akka waliigalanitti damichi mana maree waliin wal to’achuun itti danda’amu waan hin hundeessineef to’annoo fi daangaa garaa garaa mootummaan gaggeessuuf akka saaxilamu isa taasiseera. Sirni waliin wal to’achuu sabqunnamtii kan dhugoomuu danda’u dirreen siysssaa yoo bal’atee fi fooyya’insi seeraa yoo tasifamedha. Kanaafuu imaammataa fi labsii sabqunnamtii dhiyoo kana ragga’ee bahe keessatti ifatti akka hammatamu ta’eera.

Gama biraan walitti dhufeenyi mootummaa fi sabqunnamtii gidduu jiru badaa yommuu ta’u akka ilaalcha obbo Xibabuu Ballaxaatti haalli amma jiru kan duraa irraa fooyyee qaba. Sababni isaas “Waggoota lamaan darban ogummichaaf xiyyeeffannoon gaarii waan kennameef jijjiiramoonni gaarii akka galmaa’an agarsiiftonni garaa garaa ni mul’isu.” jedheera.

Ogeessonni biroo sirna waliin wal to’achuuf haalli gaarii jira jedhanii amananis yaada kana ni qooddatu. Miseensa Waldaa Gulaaltota Itoophiyaa kan ta’e Obbo Biruh Yihun Balaay yaada kenneen akka ibsetti “Oggantoota mootummaa garaa garaa waliin yeroo walagarru kanan dhaga’u mootummaan manni maree sabqunnamtii akka hundeeffamu fedhii kan qabu ta’uusaati.

Waan kana ta’eefis dhaabbileen sabqunnamtii carraa kan fayyadamuun bu’uura ulaagaalee ogummaan hojiiwwan wal gamaggamuu eegaluu qabu.” Haa ta’uyyu malee Obbo Tasfaalem jijjiiramoonni haaraa mul’atan bu’aan fidan hagas maraa ta’uu dabalee ibseera. Akka fakkeenyaatti bal’achuu dirree siyaasaa damee sabqunnamtii cimsuu keessatti firiin buuse xiqqaadha jedheera. Kana malees Obbo Tasfaalem akka ibseetti “Gama mootummaan mana maree sabqunnamtii deggaruuf kaka’umsi gaarii kan mul’atu yommuu ta’u gama biraan garuu dhaabbilee biroo damicha keessa jiran deggaruuf yaaliin taasisu gadi aanaadha.

Obbo Tasfaalem dabalee akka ibsetti mootummaan mana maree sabqunnamtii waliin mari’atee hudhaalee damicha keessatti mul’atan hubachuu fi furmaata kennuuf yaalii hin taasifne.

Sirni waliin wal to’achuu guddina sabqunnamtiif murteessaa ta’uurra darbee duudhaaleen raawii sirna waliin wal to’achuu mootummaa mataasaafiyyu barbaachisaadha. Biyyoota akka Itoophiyaa adeemsa jijjiiramaarra jiran keessatti dhaabbileen sabqunnamtii mootummaa waliin qindoomanii sirnoota to’annoo akka waliigalaatti fudhatama argatan jabeessuu keessatti waliin hojjechuu yoo danda’an walumaan fayyadamaa ta’uu akka danda’an beekamaadha.2

Gama kanaan Eelsaabeet akka dubbattetti “sirni waliin wal to’annoo yommuu diriiru mootummaan dhadhabbii gama dhaabbilee sabqunnamtii to’achuun irraa eegamu akka salphatuuf taasisa. Ta’us mootummaan dhaabbilee sabqunnamtiirratti amantaa gatee hojii to’annoo sabqunnamtii yeroo ammaa qabatee jiru waan gadi dhiisu natti hin fakkaatu.” jetteetti.

Mootummaa fi mana maree sabqunnamtii sirna waliin wal to’achuu hojiirra oolchuu gidduutti walitti dhufeenya uumuun baay’ee barbaachisaadha. Asirratti waanti hubatamuu qabu manni maree sabqunnamtii dhimmootaa fi murtiiwwan garaa garaa damicha ilaallatan mootummaa malee murteessuu hin danda’u yokaan seerota sabqunnamtiis hin raawwachiisu jechuu miti. Qabatamaatti qaamoleen sirna waliin wal to’achuu qajeelfamootaa fi hojimaata garaa garaa seerota mootummaan baase waliin wal simatanii fi kan wal hin faallessine baafatanii ittiin wal gaggeessuuf murteeffatu.3

1 Eeliyaas Meseret: Pireezidaantii Waldaa Ogeessota Sabqunnamtii Itoophiyaa (Hagayyaa 11/2020).

2 Oginiyaan Zilaateev: “Mana Maree Sabqunnamtii: Sirna Waliin Wal To’annoo Isa Jalqabaa” Adiliin Huliinnii fi Joon Ismiiz

(Maxxansa) keessa: Kitaaba Qajeelfama Waliin Wal to’achuu Sabqunnamtii (2008): Fuula 65

3 Loorant Siink fi Anamaariyaa Meeyer: “Tooftaa To’annoo: Waliin Wal To’achuu fi To’annoo Waliinii “: Waay Bii Idil Addunyaa

Hangaarii Lii fi I’uur Eel (2014) fuula 407

MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 40MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 40 7/20/21 6:00 AM7/20/21 6:00 AM

Page 41: MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 1 7/20/21 6:00 AM

41

Haala fi yeroo sirni waliin wal to’achuu hin jirre keessatti seeronni idilee sabqunnamtii dhimmoota naamusa fi istaandardii ogummaan wal qabatan raawwachiisuuf kan tajaajilan ta’uun beekamaadha. Kana malees seerota idilee dhimmoota sirna waliin wal to’achuu keessatti kallattiin hin hammatamne irrattis ni raawwatu. Akka fakkeenyaatti tumaaleen wa’ee mirga abbaa qabeenyummaa dhaabbata sabqunnamtiin wal qabatan, qophii sagantaalee, sadarkaan qabiyyee sabqunnamtii fi seeronnii fi ulaagaaleen kenninsa eyyama dhaabbata sabqunnamtii kanneen akka fakkenyaatti caqafaman keessaati.

Gama kanaan labsiin sabqunnamtii tumaalee garaa garaa qabiyyee sabqunnamtii fi dirqamoota kana waliin walqabatan heddu hammatee jira. Tumaalee kana walitti qabnee yoo ilaalle sagantaawwanii fi oduuwwan dhaabbilee sabqunnamtiin tamsa’an madaalawaa ta’uu akka qaban, hawaasa hunda haqaan tajaajiluu akka danda’anitti wayita yaadotaa fi ilaalchota garaa garaa keessumeessanitti loogiirraa fagaachuu akka qaban, qabiyyee fi maddi oduuwwanii fi sagantaalee tamsa’anii sirrii ta’uu isaanii mirkaneessuuf dirqama dhaabbileen sabqunnamtii biroodkaastii qaban akkasumas dhaabbileen sabqunnamtii biroodkaastii dirqama oduu fi sagantaa seera hin darbinee fi mirga namoota biroo hin dhiibne tamsaasuu akka qaban labsicha keessatti hammatamaniiru.

Dirqamoota armaan olitti tuqaman ilaalchisee tumaaleen hedduu labsicha keessatti akka hammataman taasifameera. Akka fakkeenyaatti qabiyyee daa’imman irratti dhiibbaa uumanii fi tumaaleen sagantaawwan dhimma amantaa ilaallatan caqasuun ni danda’ama.

Tumaalee dhimma to’annoon walqabatan malees tumaan seeraa labsichaa baay’ee murteessaa ta’e qaama sirna waliin wal to’achuuf ifatti beekamtii kennuusaati. Galmoota Abbaa Taayitaa Sabqunnamtii labsicha keessatti caqasaman keessaa tokko sirna waliin wal to’achuu sabqunnamtii biyyattii keessatti gaggeeffamuuf abbaan taayitaa deggarsa akka godhu ifatti taa’eera.

Abbaan Taayitaa Biroodkaastii duraanii qajeelfama waliigalaa yeroo fi haala tamsaasa sagantaaf tajaajilu qopheessuuf itti gaafatamummaan kennameefii kan ture yoo ta’eyyu adeemsa qophichaa, raawwii fi haalota kana fakkataniin sirni waliin wal to’achuu hirmaannaa miseensota isaa akka mirkaneessu labsicha keessatti tumameera.

Yeroo maraa seerotaa fi damboota bu’uuraa dhaabbileen sabqunnamtii ittiin qajeelfaman qopheessuu keessatti qaamoleen to’annoo mootummaa qaamolee to’annoo biroo olitti humna raawwachiisuu kan qaban yommuu ta’u qaamoleen to’annoo biroos seerota mootummaan tumaman raawwachiisuu fi gabbisuun gahee guddaa bahachuu danda’u.

Aangoon seerotaa fi damboota kana baasuus qaamota mootummaa aangoon seera baasuu kennameef jechuunis qaama raawwachiiftuu yokaan pireezidaantii fi muummee ministiraa akkasumas mana murtii fi qaama seera baasuun kan raawwatamudha. 4Adeemsa kana keessatti sirni waliin wal to’achuu sabqunnamtii hojii mataasaa of danda’ee raawwatu keessatti bakka isaaf malu argachuu akka danda’uuf mootummaan harka isaa keessaa baafachuuf murteessuu danda’a. Yeroo kanattis Hojilee seeraa fi kanneen fakkaatan kan qaama to’annoo waliiniin raawwatamuu qaban karaa qaama to’annoo mootummaan adda bahanii taa’uu danda’u.5

Kana bu’uura gochuun labsiin sabqunnamtii tumaalee garaa garaa kan hammate yommuu ta’u boordiin Abbaa Taayitaa sabqunnamtii waggaa sadii sadiitti gamaggama gaggeessuun gurmaa’insoonni sabqunnamtii sirna waliin wal to’achuu qaban bu’a qabeessummaa fi ciminni raawwii fi hojimaata waliigalaa dambii naamusaa isaanii sadarkaa amansiisaarra ga’uu isaa yoo mirkaneeffate, dambii naamusaa dabalatee dhimmoota garaa garaa labsicha keessatti tumaman irratti gurmaa’insoonni sirna to’annoo waliinii murteessuu akka danda’an gochuun boordiin abbaa taayitaa aangoo murtoowwan qaamni waliin wal to’achuu kenne ol-iyyannoon ilaaluu akka danda’u murteessuu danda’a.

4 Roobert Maakeenzii: “Sirna To’annoo Sabqunnamtii Faransaay, Ameerikaa, Meeksiikoo fi Gaanaa Gidduu jiru Walbira Qabanii

Ilaaluu “ http://historico.juridicas.unam.mx/publica/rev/comlawj/cont/6/arc/arc5.htm (Hagayyaa 11/ 2020) irratti ilaalaa.

5 Loorant Siink fi Anamaariyaa Meeyer: “Tooftaa To’annoo: Waliin Wal To’achuu fi To’annoo Waliinii “: Waay Bii Idil Addunyaa

Hangaarii Lii fi I’uur Eel (2014) fuula 407

MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 41MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 41 7/20/21 6:00 AM7/20/21 6:00 AM

Page 42: MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 1 7/20/21 6:00 AM

42

Akkuma armaan olitti ibsame giddu galeessi qaama sirna waliin wal to’achuu dambii naamusaa yommuu ta’u innis meeshaa naamusa gaazexeessitoota to’achuuf gargaarudha. Biyya keenya keessatti gara fuula duraatti sirni waliin wal to’achuu bu’a qabeessa ta’e diriiruu kan danda’u yoo ta’eyyu yeroo ammaatti dhaabileen sabqunnamtii biyya keenyaa humna waliin wal to’achuu hin horanne.

Dhaabbileen sabqunnamtii miira itti gaafatamumman hojjechaa jiraachuusaanii mirkaneeffachuuf jecha labsii sabqunnamtii keessatti abbaan taayitichaa dambii naamusaa sagantaawwan sabqunnamtii biroodkaastiin tamsa’an ittiin ogganaman akka baasu tumameera.

Haa ta’u malee abbaan taayitichaa yommuu dambii naamusaa baasutti hirmaannaa caasaan sirna waliin wal to’achuu mirkaneessuu fi tokko tokkoo kewwatataalee dambichaa fi hojiirra oolmaasaarratti yaada akka kennuu danda’an carraa kennuun irra jiraata.

Labsiin sabqunnamtii tumaalee filannoo garaa garaa qaban kan hammate yommuu ta’u bu’uuruma kanaan boordiin Abbaa Taayitaa sabqunnamtii waggaa sadii sadiitti gamaggama gaggeessuun gurmaa’insoonni sabqunnamtii sirna waliin wal to’achuu qaban bu’a qabeessummaa fi ciminni raawwii fi hojimaata waliigalaa dambii naamusaa isaanii sadarkaa amansiisaarra ga’uu isaa yoo mirkaneeffate, dambii naamusaa dabalatee dhimmoota garaa garaa labsicha keessatti tumaman irratti gurmaa’insoonni sirna to’annoo waliinii murteessuu akka danda’an gochuun boordiin abbaa taayitaa aangoo murtoowwan qaamni waliin wal to’achuu kenne ol-iyyannoon ilaaluu akka danda’u murteessuu danda’a.

Akka yaada ogeessota tokko tokkootti labsichi dambii naamusaa keessatti dhimmoota ijoo fi hojimaata komiiwwan dhiyaatan ittiin keessumeeffaman walitti hammachuun irra jiraata. Dambii naamusaa keessattis adabbii sasalphaa cabinsi naamusaa wayita mudatu fudhataman jechuunis tarkaanfilee akka of eeggannoo kennuu fi badii ofii amanuun dhiifama gaafachuu kkf hammatamuu qabu.

Abbaan Taayitaa Sabqunnamtii Itoophiyaahojiirra oolmaa sirna waliin wal to’achuu keessatti dhaabbata murteessaadha. Wixinee labsii sabqunnamtii keessatti dhimmoota fooyya’uu qabu jedhamanii adda bahan keessaa tokko Abbaa Taayitaa Biroodkaastii irra deebi’anii gurmeessuu fi bilisummaa fi walabummaa isaa mirkaneessuudha. Gama kanaan muuxannoon biyyoota biroo fi safartuuwwan idil-addunyaa akka mul’isanitti qaamoleen to’annoo sabqunnamtii qaamolee mootummaa seera raawwachiisanirraa bilisa ta’uu qabu.

Mareewwan qooda fudhattoota garaa garaa waliin taasifamaniinis bilisummaa Abbaa Taayitaa Biroodkaastii ilaalchisee gaaffileen heddun ka’aniiru. Qooda fudhattoonni hedduu gaaffii kaasaniin labsii fi qajeelfamoonni tajaajila biroodkaastii adeemsa muudama gaggeessitoota boordii ilaalchissee qaawwaa kan qabu waan ta’eef abbaan taayitichaa hojii fi itti gaafatamummaa itti kenname bilisaa fi walaba ta’ee akka hojjetu isa hin taasifne.

Keessumatti adeemsi filannoo miseensota boordii iftoomina kan hin qabne ta’uu fi hirmaachisaa waan hin taaneef bilisummaan abbaa taayitichaa gaaffii keessa galee ture. Adeemsi filannichaa haala quubsaa ta’een hirmaannaa qooda fudhattootaa kan hin mirkaneessinee fi giddu seentummaa hin mallee fi dhiibbaa miseensota boordiirra gahu dhorkuuf kan dandeessisu miti.

Labbsiin sabqunnamtii fooyya’e maqaa mana mootummaa to’atuu, adeemsa muudamaa fi aangoo fi itti gaafatamummaa oggantootaa irratti jijjiirama taasiseera. Qaamni kun dhaabbilee sabqunnamtii maxxansaa, kan biroodkaastii fi miidiyaa hawaasaa to’achuuf aangoo fi itti gaafatamummaan haaraa kan kennameef yommuu ta’u maqaa duraan ture Abbaa Taayitaa Biroodkaastii kan jedhamee waamamaa turerraa gara Abbaa Taayitaa Sabqunnamtii Itoophiyaatti akka jijjiiramu ta’eera. Mogaafni maqaa kun dhaabbilee to’annoo sabqunnamtii biyyota biroo waliin kan walsimudha.

MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 42MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 42 7/20/21 6:00 AM7/20/21 6:00 AM

Page 43: MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 1 7/20/21 6:00 AM

43

Bilisummaan abbaa taayitichaa kan ittiin mirkanaa’u keessaa inni tokko miseensonni boordii qaama raawwachiiftuun akka hin filamne gochuu fi qaama raawwachiiftuufis akka hin waamamne taasisuudha. Akkuma beekamu Ministeerri Beeksisaa erga diigamee booda itti waamamni abbaa taayitichaa kallattiin muummee ministiraaf ta’ee ture. Haala kana fooyyessuufis Abbaan Taayitaa Sabqunnamtii labsii haaraan hundeeffamu Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf akka waamamu taasifameera.

Labsii fooyya’een boordiin Abbaa Taayitaa Sabqunnamtii Itoophiyaa miseensota sagal akka hammatu taasifameera. Miseensonni boordii kan filataman damee sabqunnamtii keessatti ogummaa fi muuxannoo qaban bu’uura gochuun yommuu ta’u miseensa yokaan qacaramaa paartii saiyaasaa kamiiyyu kan hin taanee fi kanneen naamusa olaanaa qaban ta’uuti irraa eegama.

Miseensonni boordii muummee ministiraan dhiyaatanii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataan muudamu. Kana malees bu’uura labsii sabqunnamtiinadeemsi fo’annaa fi muudama miseensota boordii iftoominaa fi hirmaachisummaa kan qabuu akka ta’uu malu tumameera. Miseensota boordii keessaa namni lama waldaalee siiviliirraa, namni lama damee sabqunnamtiirraa akkasumas namni lama dhaabbilee damee sabqunnamtii waliin walitti dhufeenya qabanirraa kan bakka bu’an yommuu ta’u faayidaa ummataa mirkaneessuu fi madaallii miseensummaa walsimsiisuuf jecha miseensonni biroo sadii dhaabbilee mootummaa dhimmi ilaalurraa bakka bu’u.

Labsiin sabqunnamtii namoonni hidhata siyaasaa cimaa qaban akka hin muudamne ni dhorka. Miseensota boordii fi oggantoota abbaa taayitichaa giddu seentummaa siyaasaarraa dhorkuufis gaggeessitoota boordii akkasumas daarektara ol-aanaa fi itti aantonni daarektara olaanaa miseensummaa paartii siyaasaarraa bilisa ta’uu qabu. Miseensonni boordii dhiibbaa daldalaa kamiyyu jalatti akka hin kufne haaldureewwan taa’uuti irra jiraata. Boordii fi daarektaroonni dhaabbilee sabqunnamtii to’atan walittidhufeenya faayidaa kamirraayyu bilisa ta’uu qabu.

Labsii Biroodkaastiikeessatti tumaan seeraa waa’ee turtii yeroo aangoo miseensota boordii ilaallatu hin turre. Bu’uura labsii sabqunnamtii fooyya’een garuu turtiin yeroo aangoo miseensota boordii waggaa afur ta’a. Kun yommuu ta’us miseensonni boordii afur qofti dabalataaf waggoota afuriif irra deebiin tajaajiluu danda’u. Miseensota boordii waljijjiiruun muuduun ni danda’ama.

Sababa kun ta’uufis itti fufinsa miseensota boordii abbaa taayitichaa mirkaneessuu fi miseensonni boordii muraasni beekumsaa fi muuxannoo dhaabbataa qaban boordii haaraa waliin akka hojjetan taasisuufidha. Kana malees labsichi sababoota yeroo turtii hojii miseensota boordii ittiin adda cituu maluu fi sababoota seera irratti caqafamanii fi sababa gahaa fi amansiisaa malee miseensota boordii aangoorraa kaasuun akka hin danda’amne ibsuun miseensota boordiif eegumsa ni taasisa.

Labsiin Biroodkaastii lakk 533/99 dhimmoota ittiin qeeqamu keessaa inni tokko abbaa taayitichaaf aangoo bal’aa kennuu isaarraa kan ka’e abbootiin aangoo akka malee aangoo isaaniiakka itti fayyadaman qaawwa banuu isaati. Kana malees Labsii Biroodkaastii lakk 533/99 irratti akka caqafametti kaayyoon Abbaa Taayitaa Biroodkaastii Itoophioyaa dhaabbilee sabqunnamtii gara to’achuutti kan duufe ture.

Haa ta’u malee labsii haaraa irratti hojiilee to’annoo haala wal nama hin falmisiifneen ifatti taa’an irratti dabaluun kaayyoowwan abbaa taayitichaa jijjiramanii gara damee sabqunnamtiif haala mijataa uumuu fi humna raawwachiisummaa dhaabbilee sabqunnamtii ijaaruutti jijjiirameera. Keessumatti qaama sirna waliin wal to’achuu sabqunnamtiif deggarsa irraa eegamu akka taasisuu qabu tumameera.

Yeroo ammaatti Manni Maree Sabqunnamtii Itoophiyaa Abbaa Taayitaa Sabqunnamtii waliin hojjechaa jira. Gara fuula duraattis qaamoleen lameen akka barbaachisummaasaatti itti gaafatamummaa qaban seeraan ifatti keewwachuun walitti dhufeenyi isaanii akka dhaabbataatti akka raawwatamu yaaliin ni taasifama.

Gizaaw akka jedhutti hojileen Abbaa Taayitaa Sabqunnamtii fi Mana Maree Sabqunnamtii kan walfakkatu yoo ta’eyyu akkataan itti isaan hojiisanii raawwatan garuu garaa garadha kan jedhu. Fakkeenyaaf abban taayitichaa hojii to’annoo kan hojjetu faayidaa ummataa mirkaneessuu fi guddina sabqunnamtii mirkaneessuu

MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 43MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 43 7/20/21 6:00 AM7/20/21 6:00 AM

Page 44: MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 1 7/20/21 6:00 AM

44

akkasumas humna raawwachiiftummaa isaanii cimsuuf yommuu ta’u qaamni waliin wal to’annoo garuu hojii to’annoo fi hordoffii kan hojjetu dambiin naamusaa kabajamuusaa mirkaneessuufidha.

Haala walfakkaatuun qaamoleen lameenuu dambii naamusaa dabalatee qajeelfama ulaagaalee qabiyyee ilaallatan kan baasan yommuu ta’u ulaagaaleen qabiyyee Mana maree sabqunnamtiin bahan hojiirra kan oolan dhaabbilee sabqunnamtii miseensa mana marichaa ta’an qofarratti yommuu ta’u qajeelfamoonni abbaa taayitichaan bahan garuu dhaabbilee sabqunnamtii hunda keessatti hojiirra oolu.

Haa ta’u malee dambii naamusaa gaazexeessitootaa qopheessuu fi raawwachiisuun aangoo mana maree sabqunnamtii qofa yommuu ta’u mootummaayyu taanaan komiiwwan naamusa cabsuun walqabatan kan dhiyeeffatu mana marichaaf ta’a. Haaluma kanaan xiyyeeffannoon abbaa taayitichaa imaammata, tarsiimoo fi seera qopheessuu akkasumas nageenya biyyaa, kakaasiiokkaraa, amantaasalphisuu, maqa baleessii fi haasaa jibbinsaa fi badiiwwan seeraa kkf to’achuu ta’a.

Akka ibsa Aniwaaritti gaheewwan waltumsan kana bahachuuf “Manni maree sabqunnamtii jalqabarratti ulaagaalee ogummaarratti waliigalteerra gahuu fi qajeelfama ulaagaa ogummaa haala qabatamaa Itoophiyaan hojiirra ooluu danda’u qopheessuu qaba. Haalli kunis mootummaan dhimmoota naamusaarratti mana maree waliin akka hojjetu taasisa.” Kanaafuu manni marichaa mootummaarraa amantaa fi fudhatama argachuuf ciminasaa agarsiisuu qaba.

Akka amantaa Xibabuu Ballaxaattis “Yeroo ammaa damichi waliin wal to’achuu akka danda’u mootummaan ni amana. Waan ta’eefis dhaabbileen sabqunnamtii hojiisaanii haala naamusa kabajeen hojjechuu fi sirna damichi waliin wal to’atu hojiirra oolchuuf yeroon isaa amma ta’uu fudhachuu qabu.”

Sirni waliin wal to’achuu haala lafarra harkifatee fi dhiphateen yoo deeme qaamonni siyaasaas meeshaan to’annoo idileesaanii humna akka dhabetti yaadu yoo ta’e filannowwan to’annoo biroo hojimaata seeraa damee sabqunnamtii idileerratti balaa akka aggaamanitti lakka’uu danda’u. Walittidhufeenyi sirna to’annoo fedhiirratti hundaa’ee fi sirna to’annoo mootummaa gidduu jiru akka walittidhufeenya idda dhiigaa yokaan akka safartuu ho’inaa kan walitti hidhatedha. Hojimaatni seeraa wayita ijaaramutti dameen sabqunnamtiis sirni waliin wal toannoo akka fooyya’u dhiibbaa gama isaa taasisa.1

Dogoggoroonni qabatamaa dhaabbilee sabqunnamtiin raawwataman yokaan dhiibbaan mirgoota namoomaa akka sirraa’an yeroo taasifamutti tarkaanfilee manneen murtii gaazexeessitootarratti fudhatan caalaa adabbii qaamoleen waliin wal to’annoo murteessan dhiibbaan uuman gadi aanaadha.2

Darbee darbees qaamolee to’annoo mootummaa fi qaamolee sirna waliin wal to’achuu gidduutti waldiddaan yoo uumamellee mana murtii idileen kan furmaata argatu ta’a.3

Labsiin lakkofsi 590/2000 mana maree biyyattiin otoo hin ragga’iin dura wixinee duraa keessatti manni maree sabqunnamtii miseensota 29 qabu hundeeffamuu qaba jedha ture. “Miseensonni kunis mootummaa, dhaabbilee sabqunnamtii fi bakka bu’oota hawaasa siivilii irraa” kan bakka bu’an yommuu ta’u aangoo fi hojimaatni isaaniis mootummaan akka murtaa’u ibsa.4 Haa ta’u malee ogeessonni sabqunnamtii hundeeffamni mana maree dirqii seeraa jala galuu hin qabu jechuun komii dhiyeessaniiru. Itti dabaluunis manni maree fedhiirratti hundaa’e dhaabbachuu akka qabu heeraniiru. Kanaafuu damichi dhaabbilee sabqunnamtii fayyadamuun mormii dhageessiseen manni maree dirqii seeraan hundeefamu akka hin jiraanne gochuun danda’ameera.

1 Toorbjoorn Voon Kiroog: Of To’adhu yokaan Nuti Qabiyyeekee siif To’anna Biyyoonni to’annoo akka doorsisaatti fayyadamu.

To’annoon mirga yaada ofii ibsachuuf sodaadhaa?” Maariyaa Eedistiroom, Andiriiw Tii Keeniyoon fi Eevaa Maariyaa Sivensen

(Maxxansa) Toorawwan Dukkaneessuu: Bilisummaa dimokiraasii fi yaada bilisaan ibsachuu gabaan ogganamu. (2016) fuula 165 –

166

2 Niikloos Harasizeetii “Faayidaa waliin wal to’achuu: Madaallii mirgaa fi dirqamaa eegsisuu” Adiliin Huliinii fi Joon Ismiiz

(maxxansa) Kitaaba qajeelfama sirna waliin wal to’achuu (2008) fuula 11

3 Roobert Maakeenzii: “Sirna To’annoo Sabqunnamtii Faransaay, Ameerikaa, Meeksiikoo fi Gaanaa Gidduu jiru Walbira Qabanii

Ilaaluu “ http://historico.juridicas.unam.mx/publica/rev/comlawj/cont/6/arc/arc5.htm (Hagayyaa 11/ 2020) irratti ilaalaa.

4 Tireesii Jee Roos “Dhamdhama Dimokiraasii: Labsii Sabqunnamtii fi Bilisummaa Odeeffannoo Itoophiyaa” Peen Isteet Xiinxala

Seeraa: Guca 114, (2010) fuula 1055 – 1056.

MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 44MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 44 7/20/21 6:00 AM7/20/21 6:00 AM

Page 45: MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 1 7/20/21 6:00 AM

45

Manni Maree Sabqunnamtii Itoophiyaa wayita ammaayeroo bayy’ee murteessaa gara daandii haaratti isa geessurratti argama. Bara 1984 ALI eegalee dhaabbileen sabqunnamtii Itoophiyaa waldiddaa itti fufinsaan qaama to’annoo mootummaa waliin gaggeesse ilaalcha keessa galchinee yommuu ilaallu manni maree dhaabbachuu akka danda’u seeraan eyyamamee otoo jiruu akka hin hundoofne yaalii taasifamaa ture ni hubanna. Miseensonni dhaabbilee sabqunnamtiis dhaabbata kana fakkaatu hundeessuuf sababa fudhatama qabu kan mataasaanii qabu.

Haa ta’u malee yeroo ammaatti sabqunnamtiin Itoophiyaa hojiiwwan bu’a qabeessa ta’an waan hin hojjenneef ummannis ta’e mootummaan amantaan isaan sirna waliin wal to’achuurratti qaban saffisaan akka gadi bu’u taasisa. Caamsaa bara 2006 ALI guyyaa bilisummaa pireesii addunyaa Hoteela Giyoonitti gaggeeffamerratti Sadarkaa Ministiraatti Ogganaa Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii Itoophiyaa kan turan Obbo Reediwaan Huseen akka dubbatanitti qaamni sirna waliin wal to’achuu hundaa’ee hojii isarraa eegamu bahachuu yoo hin dandeenye mootummaan mana maree sabqunnamtii seeraan hundeessuuf ni dirqama jedhan.

Yeroo ammaatti damichi mana maree seeraan hundeeffamu jiraachuu akka hin qabne ejjennoo qabatee jira. Haa ta’u malee biyya Keeniyaa keessatti qaamni waliin wal to’achuu fedhiirratti hundaa’ee dhaabbatee ture bu’a qabeessa otoo hin ta’iin hafuusaarraa muuxannoon hubannu ni jira. Kanaafuu miirri abbummaa fi kutannoon yoo hin jiraanne hojileen mana marichaa kan hin barbaachifne ta’anii mul’achuu danda’u.

Qabataalee Seeraa fi Xiinxala Haala Qormaatilee Damichaa

Bara 1987 ALI sirni Mootummaa Federaalawaa Dimokiraatawaa Rippaabiliika Itoophiyaa wayita hundeeffamu jijjiiramoota heerri mootummaa jalqabarratti taasise keessaa tokko mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu fi eegumsa bilisummaa sabqunnamtiif taasifamedha.

Keessumatti heera mootummaa keessatti bal’inaan kan ibsame tumaan seeraa keewwata 29 irratti taa’e mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu fi bilisummaa sabqunnamtiif eegumsa kan taasisedha.5 Tumaan seeraa kun gahee dhaabbileen sabqunnamtii adeemsa ijaarsa sirna dimokiraasii keessatti qaban ilaalcha keessa galchuun damee sabqunnamtiif xiyyeeffannoo addaa kan kennu yommuu ta’u dhaabbileen sabqunnamtii bilisummaan hojimaataa fi yaadota garaa garaa keessummeessuu akka isaan dandeessisuuf eegumsi addaa taasifamuufii akka qabu tumamee jira.6

Kana malees dhaabbileen sabqunnamtii qabiyyee mootummaa jala jiran meeshaa piropagaandaa paartii biyya bulchuu ta’anii akka hin tajaajilleef ilaalchota garaa garaa keessummeessuuf dirqama akka qaban taa’eera.7 Heerri Mootummaa Federaalawaa Dimokiraatawaa Rippaabiliika Itoophiyaa mirga yaada bilisaan ibsachuurratti daangaa kan kaa’e yoo ta’eyyu daangaaleen taa’an ulaagaalee hawaasa dimokiraatawaa ijaaruu keessatti barbaachisoo fi madaalawaa ta’aniin walqabatee daangaalee muraasa irratti hundaa’edha.8

Heera mootummaa irratti bilisummaa sabqunnamtiif eegumsi bal’aa fi cimaa kan taasifameef yoo ta’eyyu seeronni heericha raawwachiisuuf bahan jechuunis Labsii Sabqunnamtii fi Bilisummaa Odeeffannoo, Labsii Tajaajila Biroodkastii, labsiiwwan adaba yakkaa fi farra shororkeessummaa seerota damee sabqunnamtiif barbaachisaa ta’an akkasumas seerota biroo sabqunnamtiin bilisaan akka hin babal’annee fi bilisummaan yaada ibsachuu akka hin mirkanoofne taasisanii fi seeronni qabiyyee ukkaamsaa ta’e of keessaa qaban turaniiru.

Seeronni kun oduuwwaan walitti bu’insa kakaasan, odeeffannoosabaa, maqa balleessii fi haasaa jibbinsaarratti dhorkaa yakkaa olaanaa kan kaa’an yommuu ta’u dhorkaaleen kunis adabbii maallaqaa cimaa fi adabbiiwwan biroo yaada bilisaan ibsachuu fi bilisummaa sabqunnamtii dhabamsiisuu danda’an qaqqabsiisu. Kanaafuu haala hiikaa garaa garaaf saaxilameen seeronni tumaman gaazexeessitootaa fi qaamota siyaasaa ittiin mana hidhaa galchuuf hojiirra oolaniiru.

5 Heera Mootummaa Federaalawaa Dimokiraatawaa Rippaabiliika Itoophiyaa Labsii lakk 1/1995 1995 Gaazzexaa Nagaaritaa lakk

(Hagayyaa 21/1995) keewwata 29.

6 Heera Mootummaa Federaalawaa Dimokiraatawaa Rippaabiliika Itoophiyaa keewwata 29 ilaalaa.

7 Keewwata wal fakkaatu ilaalaa

8 Keewwata wal fakkaatu ilaalaa

MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 45MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 45 7/20/21 6:00 AM7/20/21 6:00 AM

Page 46: MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 1 7/20/21 6:00 AM

46

Gama kanaan yommuu ilaalamu qabataaleen seeraa fi to’annoo guddina sabqunnamtii bay’ee miidhaniiru.

Keessumatti seeronni bara 1999 ALI booda bahan dhaabbileen sabqunnamtii sodaan akka guutamanii fi qorannoo duraa keessa akka of galchan gochuun bilisummaa sabqunnamtiirratti dhiibbaa hamaa fidaniiru. Kana malees sababa daangaa maallaqaa fi sirna to’annoo cimaa labsiin waldaalee siivilii kaa’een waldaaleen sabqunnamtii baay’ee miidhamaniiru. Kanarraa ka’uunis qabataleen seeraa fi to’annoo duraan turan sirnoonni to’annoo waliinii akka bu’uureffaman haala mijataa kan uuman hin turre.

Rakkoolee Dhaabbattummaa Mana Maree Sabqunnamtii Itoophiyaa

Gahee fi Itti gaafatamni gurguddoon qaama to’annoo waliinii komiiwwan keessummeessuu, dhaabbilee sabqunnamtii fi komii dhiyeeffattota gidduutti qaama araaraa ta’ee tajaajiluu, dhaabbata sabqunnamtii seerotaa fi qajeelfamoota naamusaa cabsanirratti murtii haqaa fudhachuu, dhaabbilee sabqunnamtii duudhaalee naamusaa cabsan adda baafachuu,xiyyeeffannoo dhaabbilee sabqunnamtii adda addaa xiinxaluu fi qeequun ulaagaalee naamusaarratti kallattii kennuu,,sadarkaa gahumsa ogummaa gaazexeessitootaa murteessuu fi bilisummaa sabqunnamtii mirkaneessuudha.1 Walumatti qabaatti gaheen qaamolee to’annoo waliinii duudhaalee naamusa ogummaa gaazexeessummaa fi sadarkaa gahumsa ogummaa baasuun sirna ittiin gaazexeessitoonnii fi dhaabbileen sabqunnamtii duudhaalee kanaaf bitamanii fi itti gaafatamaa ta’an uumuudha.2

Manni Maree Sabqunnamtii Itoophiyaa sirna waliin wal to’achuu hojiirra oolchuu keessatti dhaabbata ijoodha. Manni marichaa yaalii waliinii ogeeyyii sabqunnamtii, waldaalee fi deggartoota idil-addunyaa waggoota kudhan lakkoofsisee booda bara 2008 ALI hundeeffamuu danda’eera. 3 Haa ta’u malee manni maree kun qaama ilaaluun yerootti waan hin galmoofnee fi sababa waldiddaa gaazexeessitootaa fi abbootii dhaabbilee sabqunnamtii gidduutti aangoo fi buusiin walqabatee uumameen gara hojii qabatamaatti seenuu hin dandeenye.

Akkuma qaamolee to’annoo waliinii birootti Manni Maree Sabqunnamtii Itoophiyaas sirna waliin wal to’achuu fedhiirratti hundaa’e diriirsuun sirna iitti gaafatamummaa fi qajeelfama naamusaa damicha hunda hammate baasuun hojiirra akka oolan taasisa. Manni marichaa sadarkaa amma jirutti dhimmoota xiyyeeffannoo kennuu qaburratti ilaalchonni garaa garaa ni calaqqisu.

1 Oginiyaan Zilaateev: “Mana Maree Sabqunnamtii: Sirna Waliin Wal To’annoo isa Jalqabaa” Adiliin Huliinnii fi Joon Ismiiz

(Maxxansa) keessa: Kitaaba Qajeelfama Waliin Wal to’achuu Sabqunnamtii (2008): Fuula 50

2 Ee Pudaapaat : Bilisummaa Yaada Ibasacuu Mirkaneessuuf Barbaachisummaa Sirna Waliin Wal To’achuu :Guca 9 Biraziiliyaa

Yuneeskoo Biraaziiliyaa 2011) www.unesco.org/new/en/communication-and-information/resources/publications-and-communication-

materials/publications/full-list/the-importance-of-self-regulation-of-the-media-in-upholding-freedom-of-expression (16 Hagayyaa

2020) irratti ilaalaa.

3 Yuu En Org Amajjii 12,2016 Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii Walga’ii Mana Maree Sabqunnamtii Itoophiyaa seena

qabeessa ta’e qopheesse.

MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 46MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 46 7/20/21 6:00 AM7/20/21 6:00 AM

Page 47: MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 1 7/20/21 6:00 AM

47

Sadarkaalee Naamusaa fi Gahumsa Ogummaa

Biyya dhaabbata sabqunnamtii ulaagaaleenaamusaa fi gahumsa ogummaa kabaju arguun haaraa ta’e keessatti sochiin Manni Maree Sabqunnamtii Itoophiyaa ogummaan gaazexeessummaa fooyya’e akka jiratuuf taasisaa jiru waan abdii namatti horudha. Ta’us garuu haala gadifageenya rakkichaa iraan kan ka’e sadarkaa naamusaa fi gahumsa ogummaa dhaabbilee sabqunnamtii fi gaazexeessitootaa yeroo gabaabaa keessatti fooyyessuun mana marichaa fi miseensotasaaf rakkisaa ta’uu danda’a jechuun namoonni hedduu sodaa isaanii yommuu ibsan mul’ata.

Rakkoolee hedduu keessaa tokko kan ta’ee fi dhaabbilee sabqunnamtii Itoophiyaa kan ibsu hanqina ogummaa ogeessota damichaati. Sababa kanaanis guddinni damichaa gadi bu’aa kan deeme yommuu ta’u damichi gaazexeessitoota ogummaa fi naamusa hin qabneen ogganamuunsaa ummata bal’aa shakkii keessa kan galche ta’ee argameera.

Haalli kunis yaada Gaazexeessaa Fi Miseens Hundeessitoota Rogeeyyii Zoonii 9 kan ta’e Befiqaaduun kennee keessatti ni calaqqisu. Obbo Fiqaaddun akka ibseetti “dhaabbileen sabqunnamtii kaakaasii waraanaa labsan, oduu dharaa tamsaasanii fi qabiyyee qunnamtii saalaan walqabatan tamsaasanii fi itti gaafatamummaan itti hin dhaga’amne turaniiru”

Kana malees sirni waliin wal to’annoo milkaa’aa ta’e jiraachuu kan danda’u dhaabbileen sabqunnamtii gahumsa ogummaa guutan yoo jairaatanidha. Gama kanaan Itti Aantuu Daarektara Ol-aanaa Korporeeshinii Biroodkaastingii Itoophiyaa kan taate Asmeret Hayilesillaasee akka ibsitetti “Hanagayeroo dhiyoo kanaatti dhaabbilee sabqunnamtii gahumsa ogummaa guutan hin qabnu. Gahumsa ogummaa kan guutan muraasa qofadha. Haala kana keessatti sirna waliin wal to’achuu milkaa’aa ta’e diriirsuun hin danda’amu. Sababni isaas dhaabbanni sabqunnamtii gahumsa qaban jiraachuun safartuu isa jalqabaa fi isa bu’uuraa waan ta’eef.”4

Kana malees biyyattii keessatti duudhaan gaazexeessitoota walitti hidhu hin jiru. Daarektara Oromiyaa Miidiyaa Neetwoorkii kan ture Obbo Toleeraa Fiqiruu akka jedhutti “Hanga ammaatti sadarkaan gahumsa ogummaa hundi keenya irratti waliigallee hojjennu hin jiru.”

Haala salphaa ta’een ibsuuf qaamoleen sirna to’annoo waliinii dambii naamusaa qopheessuu fi raawwachiisuun yoo xiqaate sadarkaa naamusaa fi ulaagaa ogummaa isa xiqqaa galmaan ga’uuf yaalu. Haala walfakkaatuun Manni Maree Sabqunnamtii Itoophiyaa miseensota isaa waliin maree barbaachisaa taasisuun dambii naamusaa damichi ittiin gaggeeffamu baaseera. Miseensonni mana marichaas dambii naamusaa fi komishinii komii abbagaar ummataa gaggeessuun haala iftoominaa fi itti gaafatamummaa mirkaneesseen gaggeefamuuf ifatti waliigalaniiru.5

Dambiin naamusaa xiyyeeffannoo kan taasisu duudhaalee gurguddoo damichaa fudhatama argatan irratti yommuu ta’u isaanis dhugaaf iddoo malu kennuu, mirga ummanni odeeffannoo dhugaa argachuuf qabu kabajuu, mirga yaadaa fi qeequu madaalawaa kennuu, oduu madda qabatamaarratti hundaa’e tamsaasuu, adeemsa sassaabbii odeeffannoo haqaqabeessa ta’e hordofuu, dogoggora sirreessuuf eyyamamaa ta’uu fi maddeen icciitiin oduu irraa argatame ifa baasuu dhiisuudha.6

Kana malees dambiin naamusaa waliitti bu’insaa faayidaa kan hambisuu fi seeronni gaazexeessitoonni dhaabbilee beeksisaa fi daldala waliin walqabatee dhiibbaa keessa akka hin galle daangessan tumamuu qabu. Dhaabbileen sabqunnamtiis kennawwan dhaabbileerraa fudhatanii fi baasiwwan baasan bakka buufachuuf jecha kaffaltii fudhatan ilaalchisee seeronni tumamuuti irra jiraata.7

Safartuu kamiiniyyu taanaan damboonni Manni Maree Sabqunnamtii Itoophiyaa qopheesse hojimaata idil-addunyaa waliin kan wal simanidha. Haa ta’u malee

4 Asmeret Hayile Sillaasee: Itti Aantuu Daarektara Ol-aanaa Korporeeshinii Biroodkaastingii Itoophiyaa (2020).

5 Dambii Ittiin Bulmaata Mana Maree Sabqunnamtii Itoophiyaa Keewwata 11 fi 17

6 Ee Pudaapaat: Bilisummaa Yaada Ibasacuu Mirkaneessuuf Barbaachisummaa Sirna Waliin Wal To’achuu :Guca 9 Biraziiliyaa

Yuneeskoo Biraaziiliyaa 2011)www.unesco.org/new/en/communication-and-information/resources/publications-and-

communication-materials/publications/full-list/the-importance-of-self- regulation-of-the-media-in-upholding-freedom-of-

expression (16 Hagayyaa 2020) irratti ilaalaa.

7 Oginiyaan Zilaateev: “Mana Maree Sabqunnamtii: Sirna Waliin Wal To’annoo isa Jalqabaa” Adiliin Huliinnii fi Joon Ismiiz

(Maxxansa) keessa: Kitaaba Qajeelfama Waliin Wal to’achuu Sabqunnamtii (2008): Fuula 65

MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 47MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 47 7/20/21 6:00 AM7/20/21 6:00 AM

Page 48: MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 1 7/20/21 6:00 AM

48

miseensota mana marichaa meeqatuu damboota kana irratti hubannoo qaba dhimma jedhurratti namoonni hedduu gaaffii qabu. Burjaajjii kana qulqulleessuufis manni maree dambii naamusaa irratti leenjii itti fufinsa qabu kennuuf qophiirra kan jiru ta’uusaa ogganaa mana maree sabqunnamtii kan ta’an Obbo Amaaree Aregaawwii dubbataniiru.

Sirna waliin wal to’achuu bu’a qabeessa ta’e diriirsuuf tarkaanfii jalqabaa ta’uu kan qabu dambii naamusaa qopheessuu yommuu ta’u qaama to’annoo hundeessuun kabajamuu dambichaa hordofuu fi kanneen dambicha cabsanirrattis tarkaanfii fudhachuun dhimma barbaachisaadha.1 Dambiin naamusaa mataamasaatti ragaa seeraa dirqisiisaa ta’e miti, manni marichaas taanaan akka mana murtii idilee qaama seeraa murtoo dirqisiisaa dabarsuu danda’u miti. Murtiiwwan adabbii fi seera kabachiisuu mana murtii idileen kennamurraa haala adda ta’een murtoon qaamni waliin wal to’annoo kennu dogoggora sirreessuu, ulaagaalee fi sadarkaa gaazexeessumaa akkasumas mirga ummanni odeeffannoo dhugaa ta’e argachuuf qabu akka kabajamu gochuu waliin kan wal qabatanidha. Haa ta’u malee murtiiwawan kun qaama komii dhiyeeffate gara mana murtii deemuurraa kan dhorku miti.2

Hanaga dhiyoo kanaatti hojimaatni komiiwwan lammilee, dhaabbile garaa garaa fi oggantoota mootummaa irraa fuudhanii gahumsaan keessummeessuu danda’u hin diriirre. Haa ta’u malee qaamni hawaasaa kamiyyu odeeffannoo tamsa’een sirriitti hin keessummoofne yokaan odeeffannoon tamsa’e sirrii miti kan jedhu yoo ta’e komii dhaabbata sabqunnamtii kamirrattiyyu qabu Mana Maree Sabqunnamtiif dhiyeeffachuu hojimaata dandeessisu hundeesseera.

Gurmaa’insa mana marichaa yommuu ilaallu garee naamusaa mataasaa kan qabu yommuu ta’u gareen kun hojii mana marichaa ijoo kan ta’e komiiwwan dhaabbilee sabqunnamtiirratti dhiyaatan fuudhee qorachuu fi murtoo kennuuf itti gaafatamummaa fudhatee hojjeta.

Mareewwan komii dhiyaatanirratti hundaa’ee gaggeefamuu fi dambiiwwan naamusaa, seerotaa fi qajeelfamoota miseensota mana marichaan ba’an bu’uureffachuun murtiiwwan kennaman ogummicha guddisuu keessatti galtee guddaa akka ta’u abdiin ni taasifama.

Namoonni hedduun akka abdatanitti dhimmoonni ogummichaan walqabatan Mana Maree Sabqunnamtii Itoophiyaan furmaata kan argatan ta’u. Kana waan ta’eefis manni marichaa komiiwwan naamusaa fi badii naamusa ogummaan walqabatan keessummeessuun hojiisaa eegaluu akka qabu namoonni hedduun irratti waliigalaniiru. Kunis adeemsa komii dhiyyeeffachuu fi murtii argachuu keessatti hirmaannaa hawaasaa ho’aa ta’e barbaada.

Kanaafuu Manni Maree Sabqunnamtii ummanni komii qabu akka dhiyyeeffatu jajjabeessuuti irraa eegama. Biyyoota birootti loogummaa, tajaajila sirrii fi madaalawaa hin taanee, dhiibbaa mirga dhuunfaa fi balleessaa kanaan walqabatan ilaalchisee komii dhaabbilee sabqunnamtiirratti dhiyaatu qaamolee sirna waliin wal to’annoof dhiyeessuun hojimaata baramedha.

Akka Qopheessaan Ol-aanaa Itiyoo Insaayider Tasfaalem Weldeyyes dubbatetti“Qabiyyee dhaabbilee sabqunnamtii biroodkaastiin tamsa’erratti komii qabnu qaama to’annoo mootummaaf dhiyeessuun hojimaata baratame yommuu ta’u gama biraan garuu qaama waliin wal to’annoof dhiyeessuun hin baratamne.”

Sirni waliin wal to’achuu ogummaa damichaa guddisuun cinaatti damee sabqunnamtii keessatti waldhibdee hiikuuf akka filannoo tokkootti kan gargaaru yommuu ta’u murtoo sirrii kennuuf murtoo mana murtii bilisa hin taaneen kennamurraa hambisuufis ni gargaara. Dambii naamusaa ifatti taa’e kabajanii socho’uunis miidhaa giddu seentummaa seeraa fi tarkaanfii ol-aanaa gama seeraan fudhatamus akka hir’atu ni taasisa.3 Haala walfakkaatuun Manni Maree Sabqunnamtii Itoophiyaa itti gaafatamummaa fudhatee komiiwwan dhiyaatan keessummeessuun qoratee oduuwwan dogoggoraarratti tarkaanfii sirreeffamaa kan fudhatu yoo ta’e dhaabbileen sabqunnamtii adeemsa dhaddachaa dheeraa fi adabbii maallaqaa irraa akka baraaraman ni taasisa.

1 Wiiliyaam Goor: Qaamolee Sirna Waliin wal To’achuu: Namuusni Ogummaa Kabajamuu Mirkaneeffachuu”Andiliin Holiinii fi

Joon Ismiiz (maxxansa) keessa, Kitaaba Qajeelfama To’annoo Sabqunnamtii (2008) fuula 33

2 Oginiyaan Zilaateev: “Mana Maree Sabqunnamtii: Sirna Waliin Wal To’annoo isa Jalqabaa” Adiliin Huliinnii fi Joon Ismiiz

(Maxxansa) keessa: Kitaaba Qajeelfama Waliin Wal to’achuu Sabqunnamtii (2008): Fuula 60

3 Yaavuuzee Baayidaar “Namuusa Gaazzexeessummaa Baasuu: Hojii Ijoo Sirna Waliin Wal To’achuu” Adiliinii fi Joon Ismiiz

(maxxansa) keessatti: Kitaaba Qajeelfama Sirna Waliin Wal To’achuu (2008) fuula 29

MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 48MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 48 7/20/21 6:00 AM7/20/21 6:00 AM

Page 49: MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 1 7/20/21 6:00 AM

49

Gumiin naamusaa mana maree sabqunnamtii miseensota 15 kan qabu yommuu ta’u qaama raawwachiiftuurraa, qaama seera hiikuu fi seera baasurraa kan walitti dhufanidha. Kana malees dhaabbileen sabqunnamtii dhuunfaa fi ummataa, waldaaleengaazexeessitootaa, dhaabbilee waldaa siivilii, mana maree daldalaa, dhaabbilee amantaa, dhaabbilee barnoota ol-aanoo fi namoonni bebbeekamoo gumii naamusaa kan akeessatti bakka bu’insa qabu. Haa ta’u malee bakka bu’aan mootummaa gumii kana keessatti hammatamuun baay’ee kan nama amansiisu miti.Oggantoonni mootummaa bakka bu’insa qabaachuu kan danda’an yoo ta’eyyu sadarkaan hirmaannaa isaanii daangaa qabaachuu fi qooda fudhattoota hundaan waliigalteedhaan murtaa’uu qaba.4

Mootummaan gumii naamusaa keessatti bakka bu’uusaan walqbatee damee sabqunnamtii Itoophiyaa keessatti ejjennoo garaa garaati calaqqisa. Namoonni muraasni gumiin naamusaa hammachuu kan qabu ogeeyyii dhaabbilee sabqunnamtiirraa walitti dhufan, ogeeyyii seeraa, waldaalee siivilii fi mootummaarraa ta’u qaba yommuu jedhan namoonni biroon ammoo bakka bu’insa mootummaa ni mormu. Sababni isaan dhiyeessanis mootummaan qaama dhaabbilee sabqunnamtiirratti himataa fi komii dhiyeessu isa ijoo waan ta’eef gumii naamusaa keessatti qaama murtii kennu ta’ee taa’uu hin qabu kan jedhanidha.

Kana malees namoonni hedduu akka waliigalanitti bakka bu’insa dhaabbilee sabqunnamtii mootummaatti dabaluun qaamonni mootummaa kan bakka bu’an yoo ta’e bakka bu’insi mootummaa daangaa kan darbe ta’a yommuu jedhan gama biraan qaamonni biroon ammoo mootummaan akka abbaa qabeenyaa sabqunnamtii fi daawwataa/dhaggeffataa tokkoo qofatti kan ilaalamu otoo hin taane akka qooda fudhataa barbaachisaa ta’ee tokkotti ilaalamuu qaba jedhu.

Qaamonni yaada kana deeggeran gumiin naamusaa hunda hammataa ta’e bu’a qabeessummaa mana maree sabqunnamtiif murteessaa ta’uu isaa kaasuun falmu. Kanarra darbees raawwii sirrii fi faayidaa ofii kabachiisuuf jecha garicha keessatti mootummaa hammachuun barbaachisaadha. Dabalataanis waanti jala muramuu qabu mootummaan garee kana keessatti yoo hin hammatamne mana maricha akka sodaatti ilaaluun hojimaata to’annoo mataasaa diriirsuun hojiiwwan mana marichaa hojii ala taasisuu danda’a. Kana malees bakka bu’insi mootummaa jiraachuun bilisummaa mana maree sabqunnamtiirratti shakkii uumuu danda’a. Haa ta’u malee bu’uura dambii ittiin bulmaataa mana marichaan mootummaan baajataa fi bulchiinsa mana marichaarratti aangoo to’annoo hin qabu.

Bu’uuruma kanaan akka waliigalaatti dhimmi waliigalteerra ga’ame qaama murtii otoo hin dabalatiin mootummaan gumii naamusaa keessatti bakka bu’insa akka qabaatudha. Kunis taanaan manni marichaa qaama sirna waliin wal to’achuu waan ta’eef mootummaan garicha keessatti kan bakka bu’u yoo fedhiisaa ta’e qofadha.

Sirna waliin wal to’annoo Mana Maree Sabqunnamtii Itoophiyaaf akka hudhaa guddaatti kan ilaalamu keessaa tokko dhimma murtooo mana marichaaf bitamuudha. Gama kanaan Asmeret sodaashee yommuu ibsitu “Miseensonni Mana maree sabqunnamtii ulaagaalee naamusaa fi ogummaaf ni bitamuu? jettee gaafatti. Biyyoota biroo keessatti dhaabbanni sabqunnamtii tokko qaama to’annoo waliiniif kan hin bitamne yoo ta’e waldaaleen garaa garaa fi hawaasni dhaabbata sabqunnamtii sanarratti dhiibbaa irraan ga’u. Haa ta’u malee haalli kun Itoophiyaa keessatti hin baratamne. Waan biraan yoo hafeyyu maqaa caqasanii ummataaf beeksisuuniyyu waan salphaa miti.” jechuun dubbatteetti.

Walgitinsi adabbii dhaabbata sabqunnamtii ulaagaa naamusaa mana marichaa hin kabajnerratti fudhatamu mataansaa kan walnama falmisiisudha. Walumaa galatti adabbiin qaama waliin wal to’achuun murtaa’u kan qaama to’annoo mootummaa yokaan mana murtiin murtaa’u waliin walbira qabamee yommuu ilaalamu kan mana marichaa laafaa ta’ee argama. Adabbiin guddaan mana mareen murtaa’u “Mirga deebii kennuu kabachiisuu” yoommuu ta’u adabbii kanaan dhaabbanni sabqunnamtii balleessaa ta’ee itti murtaa’e balleessaa raawwateef akka maxxansu yokaan akka tamsaasu dirqama. Hojimaatni kun gulaalaan dhaabbata sabqunnamtii adabamee waa’ilansaa, iriyyootasaa fi dubbistoonnisaa murtoo dhadhabaa fi

4 Oginiyaan Zilaateev: “Mana Maree Sabqunnamtii: Sirna Waliin Wal To’annoo isa Jalqabaa” Adiliin Huliinnii fi Joon Ismiiz

(Maxxansa) keessa: Kitaaba Qajeelfama Waliin Wal to’achuu Sabqunnamtii (2008): Fuula 57

MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 49MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 49 7/20/21 6:00 AM7/20/21 6:00 AM

Page 50: MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 1 7/20/21 6:00 AM

50

dogoggoraa murteessuu isaanii fi ulaagaalee kabajuu malan kabajuu dhiisuusaanii akka amanu dirqisiisa. 1

Haala qabatamaa jiru yommuu ilaallu dambiin naamusaa gaazexeessitoota Itoophiyaan hagas mara kabajamaa hin jiru. Gama kanaan Mana Barumsaa Gaazexeessummaa Yuunivarsiitii Fifinneetti ogeessa naamusa sabqunnamtii kan ta’e Dooktar Teshaager Shiferraaw akka jedhutti “Sadarkaalee fi duudhaaleen ogummaa dhaabbilee sabqunnamtii hunda keessatti hojiirra kan oolan yommuu ta’u imaammattoonni gulaallii fi dambiiwwan naamusaas ogummaa damichaa kallattii qabsiisuuf barbaachisoodha.”2

Sirni waliin wal to’achuu qofaan yokaan waliin hojjetamuu kan danda’u yommuu ta’u murtiiwwan komii dhaabbilee sabqunnamtiirratti dhiyaatanirratti kennamanis ogummicha guddisuuf ni gargaaru. Kunis irra caalaa bu’a qabeessa kan ta’u tokkoon tokkoon dhaabbata sabqunnamtii sirna waliin wal to’achuu keessoo isaatti diriirsuu yoo danda’edha. Kana malees dhaabbilee sabqunnamtii keessatti naamusaa fi sadarkaalee ogummaa barsiisuun kaka’umsa ogeessotaa guddisuuf ni gargaara.3

Kallattiin ittiin kana hojiirra oolchinu keessaa inni tokko qaama abbagaar bilisa ta’e oduuwwan qophaa’an sirriitti qoratu akka moggaafamu gochuudha. Dhaabbileen sabqunnamtii muraasni komii dubbistootaaf deebii kennuu fi walabummaasaanii mirkaneessuuf jecha kaka’umsa mataasaaniin qaama abbagaar moggasanii hojjechaa jiru. Qaamni abbagaar dambii naamusaarratti hundaa’ee xiinxalli dhiyeessu maxxanuu yokaan sabqunnamtii biroodkaastiin tamsa’uu danda’a. Kunis dambiin naamusaa akka kabajamuuf hojiirra ta’uusaa beeksisuuf fayyaduurra darbee gaazexeessitoonni naamusa barsiifata akka taasifatan gochuun aadaan dhaabbatummaa akka uumamu gargaara.4

Qaamni abbagaar gaazexeessitootaa fi qaamolee qabiyyee oduu dubbisan, dhaggeefatanii fi ilaalan gidduutti mareen garaa garaa akka gaggeeffamu hojii walitti fiduu ni hojjeta. Kaayyoon yaada kanaas maamiltoota waliin walitti dhiyaatanii muuxannoo wal qeequu gabbisuu fi amanamummaa qabiyyee oduu dhaabbata sabqunnamtiis guddisuuf gargaara. Kana malees qaamni abbagaar qabiyyeen sabqunnamtii seerotaa fi barmaatilee ba’an kabajanii hojjechuu isaanii mirkaneessuu fi hanga ta’e to’annoo qulqullina keessoo hojjechuu qaba.5 Gama kanaan gaazexoonni maqaa gaarii qaban qajeelfama cimaa filannoo isaanii fi naamusa gaarii ittiin mirkaneeffatan qabu.

Qajeelfamoonni gahumsa ogummaa imaammata gulaallii dhaabbilee sabqunnamtii keessatti hammatamuu danda’u. Gama kanaan qajeelfamoonni gahumsa ogummaa dhimmoota garaa garaa qabachuu danda’u. Isaanis – qajeelfamoota dhugaa, al-loogummaa, haqummaa, kabaja namaa eeguu, miidhaa hir’isuu, itti gaafatamummaa sabqunnamtii yeroo filannoo, walitti bu’insa faayidaa hambisuu akkasumas walitti bu’insa, dargaggoota, amantaa, yakkaa fi saalqunnamtiin dhimmoota walqabatan kan ilaallatanidha.6

Dhaabbileen sabqunnamtii Itoophiyaa keessa jiran harki caalaan isaanii qajeelfama naamusa ogummaa fi imaammata gulaallii hin qaban. Yeroo hojiisaanii hojjetanittis harki caalaan isaanii qajeelfama naamusaa hin kabajan. Akka waliigalaatti yommuu ilaalamu naamusnii fi sirnoonni dhaabbataa armaan olitti caqafaman kun ogummaa damichaa guddisuuf yaalii taasifamu keessatti ga’een isaan qaban guddaadha.

1 Wiiliyaam Goor: Qaamolee Sirna Waliin wal To’achuu: Namuusni Ogummaa Kabajamuu Mirkaneeffachuu” Andiliin Holiinii fi Joon

Ismiiz (maxxansa) keessa, Kitaaba Qajeelfama To’annoo Sabqunnamtii (2008) fuula 36

2 Dooktar Teshaager Shiferraaw Barreessaa fi Ogeessa Namuusa Gaazzexeessummaa Yunivarsiitii Finfinnee (2020)

3 Yaavuuzee Baayidaar “Namuusa Gaazzexeessummaa Baasuu: Hojii Ijoo Sirna Waliin Wal To’achuu” Adiliinii fi Joon Ismiiz

(maxxansa) keessatti: Kitaaba Qajeelfama Sirna Waliin Wal To’achuu (2008) fuula 29

4 Yaavuuzee Baayidaar “Namuusa Gaazzexeessummaa Baasuu: Hojii Ijoo Sirna Waliin Wal To’achuu” Adiliinii fi Joon Ismiiz

(maxxansa) keessatti: Kitaaba Qajeelfama Sirna Waliin Wal To’achuu (2008) fuula 29

5 Veroonikaa Zilaateev “Qaama Abbagaar: Sirna Waliin wal To’achuu Qabiyyee Oduu irratti “Adiliin Huliinii fi Joon Ismiiz : (maxxansa)

Kitaaba Qajeelfama Sirna Waliin Wal To’achuu” (2008) fuula 71

6 Ee Pudaapaat: Bilisummaa Yaada Ibasacuu Mirkaneessuuf Barbaachisummaa Sirna Waliin Wal To’achuu: Guca 9 Biraziiliyaa

Yuneeskoo Biraaziiliyaa 2011) www.unesco.org/new/en/communication-and-information/resources/publications-and-

communication-materials/publications/full-list/the-importance-of-self-regulation-of-the-media-in-upholding-freedom-of-expression

(16 Hagayyaa 2020) irratti ilaalaa.

MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 50MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 50 7/20/21 6:00 AM7/20/21 6:00 AM

Page 51: MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 1 7/20/21 6:00 AM

51

Kanaafuu Manni Maree Sabqunnamtii Itoophiyaa maanuwaalii akka ulaagaa isa xiqqaatti tajaajiluu fi gurmaa’insa sirna to’annoo qulqullina keessaa mirkaneessu qopheessuun miseensonni isaa hojiirra akka oolchan dhaabbilee miseensa isaa ta’aniif deggarsa gochuu qaba.Abbagaar ummataa fi Gaazexaa Foorchuun keessatti leenjisaa kan ta’e Xibabuu Baqqalaa akka jedhutti “Dhaabbileen sabqunnamtii hojii gulaallii sadarkaasaa eeggate hojiirra oolchuun sirna komii keessummeessuu fi itti gaafatamummaa gaazexeessitootaa mirkaneessuu keessatti gahumsi humna keessoo isaanii dhadhabaadha. Kanaafuu baay’een isaanii kan qabsaa’an hojimaata to’annoo keessaa diriirsuu fi gaazexeessitootasaanii duudhaalee naamusaarratti leenjisuufidha.”

Gama biraatiin Manni Maree Sabqunnamtii Itoophiyaa hojii olaanaa hojjechuu fi sadarkaalee oggumichaaf bitamaa ta’uun namoota gaazexeessummaa qulqullina qabu hojjetan bifa badhaasaan jajjabeessuu qaba. Daarektara Raadiyoo Ahaaduu kan ta’e Obbo Xibabuu Ballaxaa yaada kanatti kan waliigalu ta’uu wayita dubbatu “Namoota itti gaafatamummaa ogummaa kabajanii hojii fooyyee qabu hojjetaniif beekamtiin kennamuu qaba.” Sababni isaas nama gaarii hojjete jajjabeessuun yoo hin jiraanne hojimaata ogummaan deggarame gara cinaatti dhiibuu danda’a jedhe. Akka amantaa Befiqaaduuttis “Bu’aaleen sabqunnamtii muraasni bilisaa fi madaalawaa ta’an barbaachisaa akka hin taanetti fudhatamuu danda’u.”

Manni Maree Sabqunnamtii Itoophiyaa ogeessota dhuunfaa badhaasuurra darbee guddina damichaaf jecha sadarkaa dhaabbilee sabqunnamtiittis beekamtii fi badhaasa kennuu qaba. Kana gochuufis qorannoo fedhii dhaggeeffatootaa fi daawwattootaa dabalatee hojimaata garaa garaa hordofuun raawwachuu danda’a. Qorannoo fedhii dhaggeeffatootaa fi daawwattootaa dhaabbilee sabqunnamtii badhaasuuf akka ulaagaatti tajaajiluurra darbee qooddii galii beeksisaa qulqullina hojiirratti hundaa’e hojiirra oolchiifis ni gargaara.

MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 51MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 51 7/20/21 6:00 AM7/20/21 6:00 AM

Page 52: MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 1 7/20/21 6:00 AM

52

Waltajjiiwwan maree akeekuu yokaan kallattii xiyyeeffannoo qabiyyee sabqunnamtii, naamusaa fi sadarkaa gahumsa ogummaa xiinxaluu fi gamaggamuuf gargaaran dhaabbataadhaan qopheessuun akka ka’umsaatti tajaajiluu danda’u.Dhimma kana ilaalchisee Obbo Xibabuu Ballaxaa akka jedhutti “Manni Maree Sabqunnamtii Itoophiyaa walga’ii idilee fi waltajjiiwwan maree hanqinaa fi cimina dhaabbilee sabqunnamtii itti gamaggamuu danda’amu qopheessuun tooftaalee dhaabbanni tokko isa biraa irraa barachuu danda’u mijeessuuti irraa eegama.” Xibabuu Ballaxaa dabalee akka jedhetti dameen sabqunnamtii ga’ee hojii fi itti gaafatamummaa isaa sirriitti hubachuu fi aadaa waliin hojjechuu cimsuu keessatti rakkoo mataasaa qaba. Kanaafuu “Manni marichaa rakkoolee kana ni hiika jedheen abdadha” jechuun deebiisaa kenneera.

Haala walfakkaatuunis akka ibsa Befiqaaduutti Manni Maree Sabqunnamtii Itoophiyaa odeeffannoo dhugaa tamsaasuu, sadarkaalee ogummaa, bilisummaa ogummaa fi gahumsa jajjabeessuuti irraa eegama. Haa ta’u malee manni marichaa qofaa isaa hojimaata ogummaa damichaarratti jijjiirama bu’uuraa fiduu danda’a jedhanii yaaduun haala qabatamaarraa fagaate ta’a. Haalli qabatamaa jiru kana yoo ta’eyyu namoonni hedduun hundeeffamuun mana maree sabqunnamtii sadarkaa gahumsa ogummaa gaazexeessummaa guddisuuf meeshaa barbaachisaa ta’uu isaarratti abdii qabu.

Gama kanaan akka ilaalcha Daarektara Sagantaa Raadiyoo Effi Emmii Awaash Aniwaar Abiraaritti Manni Maree Sabqunnamtii Itoophiyaa qaama rakkoolee damichaa bulan hiikuuf yeroo murteessaa ta’etti dhufedha. “Bu’uurri sabqunnamtii Itoophiyaa gufuu garaa garaan kan guutamedha. Kanaafuu akka amantaakootti qaamni sirna waliin wal to’annoo rakkoolee kanaaf furmaata yommuu ta’u sabqunnamtii itti gaafatamummaan itti dhaga’amu, ogummaarratti hundaa’ee fi sabqunnamtii cimaa biyyattii keessatti ijaaruun jijjiirama saffisaa fiduu danda’a. 1

Hudhaalee DamichaaMiira Abbummaa, Kutannoo fi Tumsa

Haala qabatamaa Itoophiyaan yommuu ilaalamu rakkooleen caasawaa sirna waliin wal to’achuu miira abbummaa qooda fudhattoota dhimmi ilaaluu, kutannoo fi tumsi jiraachuu dhabuudha. Xiinxalli garaa garaa dhimma kanarratti qophaa’an akka mul’isanitti sirni waliin wal to’achuu bu’a qabeessaa ta’uu kan danda’u irra caalaatti kutannoon guutuu fi tumsi qooda fudhattoota damichaa yoo jiraatedha.

1 Aniwaar AbiraarGulaalaa Sagantaa Raadiyoo Effi Emmii Awaash (Hagayyaa bara 2020)

MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 52MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 52 7/20/21 6:00 AM7/20/21 6:00 AM

Page 53: MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 1 7/20/21 6:00 AM

53

Sababoota sirni waliin wal to’achuu dursee akka hin hundeeffamne taasisan keessaa inni tokko walitti dhufeenyi dhaabbilee sabqunnamtii biyyattii keessa jiranii laafaa ta’uu isaati. Pireezedaantii Ogeessota Sabqunnamtii Itoophiyaa kan ta’e Eeliyaas Masarat dhimma kana ilaalchisee wayita dubbatu “Walitti dhufeenyi dhaabbilee sabqunnamtii biyyattii gidduu jiru walitti dhufeenya diinummaa fi masaanummaati.” Toleeraanis yaaduma kana qooddachuun yommuu dubbatu qooda fudhattoota damichaa gidduu muuxannoon wal tumsuu, mareen dimokiraatawaa fi tokkummaan hin mul’atu jedheera. Xibabuunis yaada kana deggaree wayita dubbatu “Walitti dhufeenyi dhaabbilee sabqunnamtii gidduu jiru kan laafe yommuu ta’u gidduu keenyas shakkii fi walfarrajuun ni mul’ata. Dhimmoota waliin nu yaaddessan irrattis wal tumsinee hojjechaa hin jirru jedheera.”2

Rakkooleen kun kan jiran yoo ta’ellee kaayyoo gahumsa ogummaa dhaabbilee sabqunnamtii, amanamummaa fi haqummaa mirkaneessuu qabatanii yoo hojjetan akkasumas manni maree sabqunnamtii humna dhaabbatummaa isaa fi gahumsa ogummaa isaa hojiirra oolchuuf kutannoo kan agarsiisu yoo ta’e qaamolee qooda fudhattoota sabqunnamtii gidduutti tumsa jiraatu akka guddisu abdiin guddaa irratti gatameera.

Sirna waliin wal to’achuu keessatti dhimmi ijoo ta’e hirmaannaan qaamolee sirna waliin wal to’achuu keessatti hirmaatanii fedhiirratti kan hundaa’e ta’uusaati. Kanaafuu haala deggarsi hin jirre keessatti amanamummaa fi itti fufinsi sirna to’annoo waliinii balaa keessa gala.3

Qooda Miseensummaa

Akka duudhaa jiruutti yoo ta’e sirni waliin wal to’annoo bu’a qabeessa kan ta’u qaamolee damee sabqunnamtii keessa jiran hunda jechuunis maxxansitoota, abbootii dhaabbilee sabqunnamtii,gulaaltota,gaazexeessitoota,waldaalee ogummaa fi bakka bu’oota hawaasa bal’aa sirriitti hirmaachisuu yoo danda’edha.4 Qoodni miseensummaas haala qabatamaa biyyattii fi seenaa tilmaama keessa galchuun ta’uuti irraa eegama.

Bara 2008 ALI mana maree sabqunnamtii hundeessuuf dhimmoota hudhaa ta’anii fi furmaata isaaniirratti waliigalteerra kan gahamee yoo ta’eyyu yeroo ammaas taanaan qooda fudhattoota mana marichaa gidduutti dhimmooni hin hiikamiin jiru. Akka fakkeenyaatti dambii ittiin bulmaata mana marichaa keessatti qooda miseensotaa fi hammattumaa fi iftoomina adeemsichaan walqabatee gaaffileen garaa garaa ni ka’u. Kana ilaalchisee oggansi yeroo ammaa hojiirra jiru akka ibsutti manni marichaa kan hundaa’e iftoominaa fi haala hirmaannaa hundaa mirkaneesseen ta’uu isaati.

Bu’uuruma kanaan dhaabbilee sabqunnamtii fi waldaalee gaazexeessitootaa 24 ta’an keessaa kudha sagal dambii naamusaa sabqunnamtii kabajuu fi dambii keessaa mana marichaan buluuf bara 2008 ALI waliigalaniiru. Yeroo kanaa eegalee dhaabbileen sabqunnamtiimootummaa fi dhuunfaa, waldaalee ogummaa qaama seerummaa qaban 29 akkasumas dhaabbilee sabqunnamtii haaraa dhaabbatan hedduun miseensumman gara mana marichaatti makamaniiru.

Pireezidaantiin mana marichaa Amaaree Aregaawwii akka jedhutti Manni Maree Sabqunnamtii Itoophiyaa miseensota galmaa’an 52 qaba.5 Miseensonni mana marichaa harki caalaan kan makaman dhaabbilee sabqunnamtiirraa yommuu ta’u kana malees manni marichaa abbootii dhaabbilee sabqunnamtii,waldaalee maxxansitoonnii fi gaazexeessitoonni hundeessanis miseensummaan ni hammata.

Haa ta’u malee Miseensi Koree Hundeessituu Mana Marichaa fi Gulaalaa Ol-aanaa Gaazexaa Maxxansa Afaan Ingiliffaa Foorchuun kan ta’eTaammiraat G/Giyoorgis akka ibsutti dhaabbileen sabqunnamtii muraasni naannolee Oromiyaa fi Tigiraay keessatti argamansababoota garaa garaan ahanga ammaa miseensa mana marichaa

2 Xibabuu Ballaxaa Hojii geggeessaa Raadiyoo Ahaaduu (Adoolessa 15/2020)

3 Barakat Shimallis (2017) Gahee Mana Maree Sabqunnamtii fi Itti fifinsasaa: Minich:Giriin Veerlaag, Maxxansichi kan argamu

https://www.grin.com/document/372372irrattidha. (Hagayyaa 16/2020)

4 Siilvii Kudereey Yuneeskoo: Yaada Ibsachuu, Odeeffannoo Aragachuu fi Bilisummaa Sabqunnamtii ttps://www.cambridge.org/

core/books/united-nations-and-freedom-of-expression-and-information/unesco-freedom-ofexpression-information-and-the-media

/0580DBB3DE266A1298C77B564590C337/core-reader irraa kan argame (Hagayyaa 16/2020)

5 Amaaree Aregaawwii: Pireezidaantii Mana Maree Sabqunnamtii Itoophiyaa fi Abbaa Qabeenyaa Gaazzexaa Ripoorterii

(Itoophiyaatti Gaazzexaa Beekamaadha) Waliin Af-gaaffii taasifame

MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 53MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 53 7/20/21 6:00 AM7/20/21 6:00 AM

Page 54: MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 1 7/20/21 6:00 AM

54

hin taane. Kana malees haala miseensummaa dhaabbilee sabqunnamtii hawaasaa ilaalchisee iftoominni ni hanqata. Gama kanaanakka barreeffama hundeeffama mana marichaatti dhaabbileen sabqunnamtii idilee jechuunis dhaabbileen sabqunnamtii maxxansaa fi biroodkaastii miseensa mana marichaa akka ta’an ifatti yommuu affeeru dhaabbilee sabqunnamtii hawaasaa garuu cinaatti dhiiseera.1

Kanaan walqabatees Amaareen akka jedhutti dhaabbanni sabqunnamtii seeraan galmaa’e kamiyyu “naamusaa fi dambii keessaaf nan bitama hanga jedhetti” mallattooo miseensummaa mallatteessuun miseensa mana marichaa ta’uu ni danda’a. Qaamonni sirna waliin wal to’achuu biyyoota garaa garatti argamanyeroo dhiyoo eegalanii damee sabqunnamtii kamiyyu sirriitti hordofuu hojiirra oolchaa jiru.2

Qaamoleen to’annoo hedduu biyyoota addunyaa garaa garaatti argaman kan hundeeffaman dhaabbilee sabqunnamtii maxxansaa to’achuuf yommuu ta’u dameen biroodkaastii irra caalaa kan to’atamu seera,qajeelfamaa fi hojimaatawwan biroonidha.3 Gama kanaan kenninsi eyyama sabqunnamtii biroodkaastii kan maxxansaarraa adeemsa adda ta’e waan hordofuu fi adeemsi kenninsa eyyamaas sirna gamaggamaa adda ta’e kan hordofu waan ta’eef seera bal’inaan tarreeffame kan mataasaa danda’e barbaachisa.4

Tamsaasi sabqunnamtii hawaasaa sadarkaa idil-addunyaatti waan ta’eef sabqunnamtii hawaasaa to’achuun rakkisaa ta’uu danda’a. Sabani isaas bakki marsariin hawaasaa jiruu bakka qaamni to’annoo fi dhaggeeffattoonnii fi daawwattoonni jiraniin ala waan ta’eef akkasumas rakkooleen kan uumaman marasarii hawaasaa biyyoota qaamoleen to’annoo seerota isaanii itti raawwachiisaniin alatti waan argamaniifidha.5

Haa ta’u malee mannen maree yeroo duraa dhaabbilee sabqunnamtii to’ataa turan ammas marsarii hawaasaa gaazexootaa fi barruulee kanaan bulan qabiyyee “maxxansa waraqaa” irraaadda ta’e yoo qabaataniyyu to’annoo ni gaggeessu. Marasariin hawaasaa akkanaa qabiyyee suur-sagalee qaamoleen to’annoo waliinii duranii hin to’anne tamsaasuu danda’u.

Waan kana ta’eef manni marichaa qabiyyee fi fakiiwwan gaazexaa fi barruulee akkuma to’atu gama sagalee to’achuunis komii ni fudhatamoo ni dhiisa kan jedhu murteessuuti irraa eegama.6

Dhimma kanaaf furmaata kennuufis jijjirama ijoo Labsii Sabqunnamtii keessatti taasifaman keessaa inni tokko miidiyaan hawaasaa sirna to’annoo keessatti akka hammatamu gochuudha. Labsicha keessatti hiikni “Miidiyaa hawaasaa” kan taa’e bu’uura adeemsa sirna gulaalliirratti hundaa’eedha. Dhimmoota ijoo hiika sana keessatti hammataman keessaas inni tokko qopheessaan olaanaa filannoo fi tartiiba qabiyyeef itti gaafatamaa akka ta’uu gochuun keessatti argama.

Kana jechuunis qabiyyee nama dhuunfaan akka salphaatti qophaa’ee tamsa’u otoo hin taane qabiyyeen qophaa’ee kan tamsa’u adeemsa to’annoo dhaabbata tajaajila sabqunnamtiin ta’uu qaba. Kana jechuun garuu sochiiwwan marsarii hawaasaa sadarkaa “hundaatti” gaggeeffamu fakkeenyaaf ergaawwan tuwiiteraa fi feesbuukiin tamsaasuu hin dabalatu. Kana malees bifa sabqunnamtii kan qabatan ta’ee hojiiwwan sirna gulaallii keessa hin dabarree kan akka rogeeyyii miidiyaa hawaasaa sirna to’annoo keessatti hin hammataman.

1 Barakat Shimallis (2017) Gahee Mana Maree Sabqunnamtii fi Itti fifinsasaa: Minich:Giriin Veerlaag, Maxxansichi kan argamu

https://www.grin.com/document/372372irrattidha. (Hagayyaa 16/2020)

2 Wiiliyaam Goor: Qaamolee Sirna Waliin wal To’achuu: Namuusni Ogummaa Kabajamuu Mirkaneeffachuu” Andiliin Holiinii fi

Joon Ismiiz (maxxansa) keessa, Kitaaba Qajeelfama To’annoo Sabqunnamtii (2008) fuula 41

3 Oginiyaan Zilaateev: “Mana Maree Sabqunnamtii: Sirna Waliin Wal To’annoo isa Jalqabaa” Adiliin Huliinnii fi Joon Ismiiz

(Maxxansa) keessa: Kitaaba Qajeelfama Waliin Wal to’achuu Sabqunnamtii (2008): Fuula 571

4 Wiiliyaam Goor: Qaamolee Sirna Waliin wal To’achuu: Namuusni Ogummaa Kabajamuu Mirkaneeffachuu” Andiliin Holiinii fi

Joon Ismiiz (maxxansa) keessa, Kitaaba Qajeelfama To’annoo Sabqunnamtii (2008) fuula 41

5 Wiiliyaam Goor: Qaamolee Sirna Waliin wal To’achuu: Namuusni Ogummaa Kabajamuu Mirkaneeffachuu” Andiliin Holiinii fi

Joon Ismiiz (maxxansa) keessa, Kitaaba Qajeelfama To’annoo Sabqunnamtii (2008) fuula 41

6 Wiiliyaam Goor: Qaamolee Sirna Waliin wal To’achuu: Namuusni Ogummaa Kabajamuu Mirkaneeffachuu”

Andiliin Holiinii fi Joon Ismiiz (maxxansa) keessa, Kitaaba Qajeelfama To’annoo Sabqunnamtii (2008) fuula 41

MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 54MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 54 7/20/21 6:00 AM7/20/21 6:00 AM

Page 55: MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 1 7/20/21 6:00 AM

55

Miseensummaa ilaalchisee akkuma barreeffama hundeeffama Mana Maree Sabqunnamtii Itoophiyaa irratti caqafamettimiseensummaan mana marchaa fedhiirratti kan hundaa’edha. Bu’uuruma kanaanis maxxansitoonni, biroodkaasteroonni, waldaaleen ogummaa gaazexeessummaa fi manneen barnootaa gaazexeessummaa mootummaa fi dhuunfaa miseensota dhaabbataa mana marichaati. Haa ta’u malee harki caalaan miseensi mana marichaa abbootii dhaabbilee sabqunnamtiidha.

Akka ripoorteroonnii fi gulaaltonni hedduu jedhanitti miseensummaa mana maree sabqunnamtii ilaalchisee rakkoon qabatamaa mul’atuu fi sirraa’uu qabu ni jira. Walumaagalatti jechuun kan danda’amu gaazexeessitoonnii fi ogeeyyiin sabqunnamtii cinaatti akka dhiibamanitti ilaalu. Kanaafis agarsiiftuu kan ta’u miseensota koree hojii raawwachiiftuu shanan keessaa afur abbootii qabeenyaa sabqunnamttii ta’uudha.

Gama haala miseensummaa fi gurmaa’insa qaama sirna waliin wal to’annoo murteessuun Itoophiyaa qofa yoo ta’uu baates hanga ta’uu maluu olitti faayidaa mana marichaaf jecha miseensummaan ogeessota dhuunfaa bakka gadi aanaa akka qabatu taasifameera. Kunis ta’uu kan danda’eef gaazexeessitoota dhuunfaarra dhaabbileen sabqunnamtii humna maallaqaa fooyya’aa kan qabanii fi buusii fooyya’e kaffaluu waan danda’aniifidha.

Bakka bu’insa waliin wal qabatee dhimmi falmisiisaan ka’u tokko manni marichaa naannolee fi bulchiinsota naannoo hammachuu keessatti sadarkaa maaliirra jira kan jedhu ta’a. Falmiin kunis kan ka’u manni marichaa missensota teessoon isaanii Finfinnee keessa jiraniif kan loogu waan fakkaatuufidha. Gama kanaan Pireezidaantiin Waldaa Dhaabbilee Tajaajila Sabqunnamtii Biroodkaastii Hawaasaa Obbo Assagid Haamzaa Adoolessa bara 2012 ALI Dhaabbata Mersaa Miidiyaa jedhamu waliin af-gaaffii taasiseen akka dubbatetti “Manni marichaa naannolee biyyattii garaa garaa bakka bu’uun dhaabbilee sabqunnamtii Finfinnee ala jiranis hammachuu qaba.” jedheera.

Waa’ee Ga’ee Hojii fi Itti Gaafatamummaa Qaamolee Sirna Waliin Wal To’annoo Hubannoon Gahaa Dhibuu

Biyyoonni gara dirree dimokiraasiitti akka haaraatti makaman wayita sirna waliin wal to’achuu hundeessan rakkoon guddaan isaan qunnamu ga’ee hojii fi hojimaata sirna waliin wal to’achuu ilaalchisee muuxannoo gahaa dhabuudha.7 Kunis sababoota raawwii Mana Maree Sabqunnamtii Itoophiyaa qoraa jiran keessaa isa tokkodha. Safartuu hundaaniyyu yoo ilaalamu Ioophiyaa keessatti sirna waliin wal to’achuu ilaalchisee hubannoon gahaan hin jiru. Gabaasa kanaaf namoonni af-gaaffiin taasifameef hundi akka waliigalanitti Itoophiyaa keessatti sirni waliin wal to’achuu sabqunnamtii barbaachisaadha. Haa ta’u malee namoota gaafataman keessaa harki caalu dhimmoota hedduu sirna waliin wal to’achuurratti hubannoo gahaa kan hin qabne waan ta’aniif haala qabatamaa Itoophiyaa keessatti dhimmi waliin wal to’annoo akkamitti akka raawwatamuu qaburratti ibsuufis ta’e yaada isaanii tarkaanfachiisuuf ni rakkatu.

Gama kanaanEelsaabeet Saamu’eel akka jettetti “Waa’ee sirna waliin wal to’achuurratti gama mootummaniyyu taanaan hubannoon jiru dogoggora yommuu ta’u sirni waliin wal to’achuu sirna to’annoo mootummaa balleessee sirna to’annoo gaazexeessitootaa fi dhaabbilee sabqunnamtiin bakka buusuun daangaa seeraa tokko malee hojjechuu akka ta’etti ilaalu.8

Yaada kana gabbisuunis “Ilaalchi dogoggoraa akkanaa oggantoota mana maree amma jiran biras akka jiru hubadheera. Xiyyeeffannoon isaanii hojimaata ogummaa guddisuurratti otoo hin taane himata mana murtii dhaabbilee sabqunnamtiirratti dhiyaatu hambisuurrattidha. Kanaafuu manni marichaa kan of ilaalu akka waldaa daldalaattidha jetteetti.”

7 Oginiyaan Zilaateev: “Mana Maree Sabqunnamtii: Sirna Waliin Wal To’annoo isa Jalqabaa” Adiliin Huliinnii fi Joon Ismiiz

(Maxxansa) keessa: Kitaaba Qajeelfama Waliin Wal to’achuu Sabqunnamtii (2008): Fuula 64

8 Eelsaabeet Saamu’eel Gorsituu fi Qorattuu Damee Sabqunnamtii (Waxabajjii 18/2020)/

MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 55MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 55 7/20/21 6:00 AM7/20/21 6:00 AM

Page 56: MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 1 7/20/21 6:00 AM

56

Tasfaalem gamasaatiin akka jedhetti sirni waliin wal to’annoo sabqunnamtii gama sadarkaa ogummaa kabachiisuun akkamiin raawwataa jira dhimma jedhurratti hanqinni hubannoo ni jira jedheera. Tasfaalem dabalees “Rakkoon gahee mana marichaa kan waldaalee ogummaa sabqunnamtii waliin walmakanii ilaaluun ni mul’ata. Kanaafuu namoonni tokko tokko wayita gaazexeessitoonni hidhaman manni maree xalayaa ibsa ejjennoo hin baafne jedhanii komii dhiyeessu. Tasfaalem dabalee akka jedhetti “Ani akka natti fakkaatutti dhaabbileen sabqunnamtii fi gaazexeessitoonni hedduu waa’ee itti gaafatamummaa fi hojiilee manni marichaa raawwaturratti hubannoo gahaa hin qaban. Kunis gama tokkoon kan walqabatu gaazexeessitoonni hedduun ogummicha qabsoo siyaasaa fi kaayyowwan biroof kan itti fayyadaman ta’uu isaati.” jedheera.

Akka waliigalaatti yommuu ilaalamu mariiwwan walitti fufinsaan kana dura gaggeeffamanirraa waanti hubannu Gaheewwan Mana Maree Sabqunnamtii Itoophiyaarratti hawaasa sabqunnamtii biratti hubannoon gahaa kan hin jirree fi waliigalteerra kan hin gahamne ta’uusaati. Sababni isaas hawaasni sabqunnamtii gahee fi itti gaafatamummaa mana maree irratti hubannoo ifa ta’e waan hin qabneefidha.

Manni Maree Sabqunnamtii Itoophiyaa Amantaan Kan Irratti Gatamuu fi Amanamaa Ta’uusaa

Qaamni sirna waliin wal to’achuu sabqunnamtii damicha keessatti hojimaata amantaan irratti gatamuu fi amanamaa ta’e diriirsuuf dhaabbata barbaachisaa ta’edha.1

Manni Maree sabqunnamtii haala gaariin gahee isaa bahatu amantaa ummataa argachuun isaa kan wal nama gaafachiisu miti. Dhaabbileen sabqunnamtii faayidaa ummataa fi fooyya’uu sadarkaa ogummaa damichaaf jabaatanii kan hojjetan yoo ta’e irra caalaa amantaa uummachuu danda’u. Kunis akka salphaatti qaamolee hawaasaa keessaa hagamti sirna waliin wal to’achuun fayyadamaa ta’a kan jedhu kan murteessu ta’a.

Amanamummaan mana marichaa namoota baay’ee biratti gaaffii keessa kan galedha. Namoonni tokko tokko akka amananittis dhaabbileen sabqunnamtii miseensa mana marichaa ta’an faayidaa ummataa cinaatti dhiisanii fedhii mataa isaanii guuttachuu barbaadu. Fakkeenyaaf akka ibsa Eelsaabeetitti amantaa fi amanamummaa mana marichaa guddisuuf ijaaramaa fi heddumina oggansa mana marichaa akkasumas raawwii hojii isaanii fooyyessuu barbaachisa. Befiqaaduunis yaada kana wayita jabeessu oggantoonni mana marichaa amma hojiirra jiran ilaalcha walfakkaataa kan qabanii fi amantaa ummataa kan hin qabnedha. Kana malees miseensumman mana marichaa harkicaalaan abbootii qabeenyaa dhaabbilee sabqunnamtiin kan qabamedha.

Tesafaalem sodaa qabu yommuu dubbatu manni marichaa yeroo mootummaa duraanii kan hundeeffamee waan ta’eef amanamummaa argachuuf isa rakkisuu danda’a. Tesafaalem itti dabalee akka ibsettis “Adeemsa hundeeffama mana marichaa keessatti dhimmoonni muraasni ka’anii turan. Fakkeenyaaf dhaabbileen sabqunnamtii muraasni fedhii hin qabne kan turan yommuu ta’u kanneen biroo ammoo mallatteessuuf fedhii kan hin qabne turan. Eenyummaa namoota adeemsa hundeeffama dhaabbatichaa keessatti adda duree turaniirrattis shakkiin tureera. Kunis maqaa gaarii mana marichaa miidheera.” jedhe.

Manni marichaa karaan ittiin amantaa fi amanamummaa argachuu danda’u waadaa gale yoo raawwachuu danda’edha. Akka yaada kennitoota hedduutti yoo ta’e manni marichaa sochii jijjiirama siyaasaa amma jiru fayyadamee hojii waliin wal to’achuu eegaluu danda’a. Manni maree sabqunnamtii guyyaa hundeeffame yokaan guyyaa galmaa’ee qaama seerummaa argatee eegalee bu’aqabeessummaa isaarratti gaaffileen hedduu ka’aa turaniiru. Haa ta’u malee oggansi ammaa akka jedhutti rakkooleen hedduu yoo jiraatanis manni marichaa guddina gaarii irratti argama.

Akka jecha Amaaree Aragaawwiitti “Bakka bu’oota qaama abbagaar ummataa keessatti bakka bu’an Mana maree Bakka Bu’oota Ummataarraa, Ministeera Nageenyaarraa, Mana maree Daldalaarraa, Yuuniversiitii Finfinneerraa, ogeessota seeraa fi namoota

1 Oginiyaan Zilaateev: “Mana Maree Sabqunnamtii: Sirna Waliin Wal To’annoo isa Jalqabaa” Adiliin Huliinnii fi Joon Ismiiz

(Maxxansa) keessa: Kitaaba Qajeelfama Waliin Wal to’achuu Sabqunnamtii (2008): Fuula 46

MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 56MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 56 7/20/21 6:00 AM7/20/21 6:00 AM

Page 57: MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 1 7/20/21 6:00 AM

57

bebbeekamoorraa walitti fiduun abbagaar ummataa hundeessineerra. Kana malees gumii komii dhaggeeffachuun murtoo kennu ijaaraa jirra. Dhimma Kooviidiin walqabatee rakkoon hin uumamne otoo ta’ee manni maree kun gara hojiitti seenuun yeroo gabaabaa keessatti qabatamaa ta’uu danda’a ture.” jechuun dubabataniiru.2

Asmeret dhimmuma kanarratti yaadashee wayita dabaltu “Manni marichaa amanamummaa isaa guddisuuf dhimmi irratti hojjechuu qabu inni biraan taatota dinagdee fi siyaasaa keessumatti dhiibbaa mootummaarraa, dhiibbaa siyaasaa fi fedhii dinagdee dhuunfaa keessaa karaa itti ba’uu danda’u mala dha’uu qaba. Manni marichaa yeroo otoo hin qisaasiin dhaabbata walabaa fi ogummaa irratti hundaa’ee of gurmeessuu qaba. Kana ta’uu baannaan akka dhaabbata dorgommii keessa jiruu tokkotti ilaalamuu danda’a. Kunimmoo itti fufinsa mana marichaa balaa keessa galcha.” jetteetti.

Madda Maallaqaa

Bu’a qabeessummaa mana maree sabqunnamtiif waanti gufuu guddaa ta’e hanqina maalaqa hojii gaggeesssituudha. Yeroo ammaatti baasiin mana marichaa uwwifamaa kan jiru dhaabbilee sabqunnamtii lamaanidha. Isaanis Gaazexaa Ripoorterii fi Raadiyoo Shaggaridha. Qopheessaan Ol-aanaa Barruulee Qumnegerii fi Miseensa Koree Hojii Raawwachiiftuu mana marichaa kan ta’e Obbo Taammiraat Hayiluu wayita dubbatu rakkoon maallaqaa ammas mana marichaaf hudhaa guddaa ta’eera. “Qabatamaan rakoon kun humna dhaabbilee sabqunnamtiin kan walqabatudha. Baay’een isaanii buusii idilee isaanii kaffalaa hin jiran. Kanaafuu yeroo gabaabaa keessatti hojii eegaluu hin dandeenye.”

Taammiraat Hayiluu dabalee akka ibsutti manni marichaa biiroo itti hojjetu gurmeessuu fi ogeessota qacaruun maallaqa guddaa gaafata. Baasii kiraa hir’isuufis Ejensii Manneen Kiraa Mootummaa Federaalaaf bakka biiroof ta’u kiraan akka nuuf kennu gaafanneerra jedhe. Namoonni hedduu akka jedhanitti sirni waliin wal to’achuu ogganamuu kan qabuu fi baasiin isaas uwwifamuu kan qabu damee sabqunnamtii matumasaan qofa ta’uu qaba. Maddi maallaqaas buusii miseensummaarratti kan hundaa’e yommuu ta’u manni marichaa buusiin dhaabbilee sabqunnamtiirraa funaanu baay’ina gaazexaa maxxanee tamsa’uu fi sochii daldalaa qaburratti hundaa’ee murtaa’uu danda’a.3 Maallaqni buusiis kan walitti qabamus galii waggaa dhaabbilee sabqunnamtii barbaachisummaa sirna waliin wal to’achuurratti amantaa qabanii fi qajeelfama naamusaan bitamuuf waliigalanirrattidha.4

Barreeffama hundeeffama mana marichaan akka murtaa’etti maddeen maallaqaa mana marichaa isaan gurguddoon buusii miseensummaa, maddeen maallaqaa deggartoota biyya keessaarraa, tooftaalee sassaabbii galii fi fandii dimokiraasii Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa duudhaalee dimokiraasii dagaagsuuf ramadurratti kan hundaa’edha. Haalli galii mana marichaa yeroo hundeeffama mana marichaatti dhimmoota walfalmisiisoo turan keessaa isa tokkodha.

Haala kanaan gadi hin taaneen galiin biyya alaarraa argamus ajandaa guddaa walfalmisiisaa turedha. Dhimma kanarratti miseensonni mana marichaa ejjennoo garaa garaa akka qaban beekamuu qaba. Dhaabbileen sabqunnamtii muraasni dhiibbaa uumuu danda’an manni marichaa galii argachuu kan qabu buusii miseensummaarraa qofa akka ta’uu qabu ejjennoo cimaa qabatanii turan. Akka fakkeenyaatti Taammiraat Gebre Giyoorgis Miseensi Koree Hundeessituu Mana Marichaa fi Gulaalaan Ol-aanaa gaazexaa Afaan Ingiliffaa Torbanii Foorchuun akka jedhutti “Damichi waggaatti miiliyoona 100 ol sochoosa. Kanaafuu maallaqa kanarraa yoo xiqqaate dhibbeentaa tokkollee mana maree kanaaf otoo oolchinee gahaadha. Taammiraat Gebre Giyoorgis dabalees “Kun yoo ta’e qofadha manni marichaa dhiibbaa maallaqaa mootummaa fi kennitoota deggarsaa jalaa bahuu fi mana maree sabqunnamtii ofitti amanu uumuun kan danda’amu.” 5 jechuun yaada isaa ibseera.

2 Amaaree Aregaawwii: Pireezidaantii Mana Maree Sabqunnamtii Itoophiyaa Waliin Af-gaaffii taasifame (Adoolessaa 10/2020

3 Oginiyaan Zilaateev: “Mana Maree Sabqunnamtii: Sirna Waliin Wal To’annoo isa Jalqabaa” Adiliin Huliinnii fi Joon Ismiiz

(Maxxansa) keessa: Kitaaba Qajeelfama Waliin Wal to’achuu Sabqunnamtii (2008): Fuula 61- 62

4 Oginiyaan Zilaateev: “Mana Maree Sabqunnamtii: Sirna Waliin Wal To’annoo isa Jalqabaa” Adiliin Huliinnii fi Joon Ismiiz

(Maxxansa) keessa: Kitaaba Qajeelfama Waliin Wal to’achuu Sabqunnamtii (2008): Fuula 62

5 Taammiraat Gebre Giyoorgis: Miseensi Koree Hundeessituu Mana Marichaa fi Gulaalaan Ol-aanaa gaazzexaa Afaan Ingiliffaa

Torbanii Foorchuun Waliin Af-gaaffii taassifame

MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 57MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 57 7/20/21 6:00 AM7/20/21 6:00 AM

Page 58: MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 1 7/20/21 6:00 AM

58

Kana malees Taammiraat buusii maallaqaa akka itti ilaalu “Dhaabbilee sabqunnamtii mana marichaaf kutannoo qaban akka kallattii agrsiiftuutti” fi itti gaafatamummaa mirkaneessuuf karaa fooyya’aa taasiseeti. Akka ilaalcha Taammiraatitti adeemsi kun manni maree akka dammaqu gochuurra darbee maallaqa miseensotarraa funaane seeraan ala akka hin qisaasnee fi akka hin balleessine akkasumas haala miseensotaaf itti gaafatamaa ta’uu malu kan jajjabeessudha.

Haa ta’u malee humna maallaqaa dhaabbilee sabqunnamtii ilaalcha keessa galchuun buusiin haala miseensummaa fedhiirratti hundaa’eef gufuu ta’uu danda’a sodaan jedhu namoota tokko tokko biratti uumameera. Bu’uura barreeffama hundeeffamaa mana marichaanis buusii kaffaluu dhiisuun guutummaa guutuutti miseensummaa keessaa nama haqsiisa.

Gama biraan miseensonni biroon manni marichaa maddoota maallaqaa biroof banaa ta’uun abshaalummaadha ilaalcha jedhu qabu. Kanas kan jedhan miseensonni buusii maallaqaa kaffaluuf rakkatan kutannoo mana marichaaf qaban hir’achuu dnda’a sodaa jedhu waan qabaniifidha. Kanaafuu manni marichaa buusii miseensummaa qofaarratti hundaa’uu qaba yaada jedhurratti komii qaban kaasu.

Itoophiyaa keessattis buusii maallaqaa idilee fedhiirratti hundaa’e itti fufinsaan hojiirra oolchuun waan baratame miti. Kanaafuu namoonni hedduun mana maree sabqunnamtiif buusii maallaqaa itti fufinsaan raawwachuurratti sodaa qaban ibsu. Waan kana ta’eefis deggarsa maallaqaa alaarraa dhufu fudhachuu filatu. Haa ta’u malee qooda fudhattoonni guutummaa guutuutti maallaqa madda alaarraa argamurratti amantaa gatuu hin qaban. Maallaqa alaarraa argamu baasiiwwan bulchiinsaa ala ta’anii fi hojii pirojektoota yaa’ii waliigalaan ragga’an raawwachiisuuf akka oolu gochuun barbaachisaadha.

Amaaree Aregawwii akka jedhutti dhaabbileen garaa garaa mana amaricha maallaqaan deggaruuf fedhii agarsiisaniiru. Amaaree Aregaawwii dabalanii akka jedhanittis “Bu’uura dambii keessaa keenyaan maallaqa alaa argame kallattiin fudhachuu hin dandeenyu. Deggarsa maallaqaa alaa fudhachuu kan dandeenyu hojii pirojektii yaa’ii waliigalaa mana marichaan murtoo argate raawwachiisuuf kan oolu yoo ta’e qofadha.” jedheera.

Akka dubbii Xibabuu Baqqalaattis humni maallaqaa mana marichaaf furtuu milkaa’inaati. Kanaafuu “Manni marichaa qooda fudhattoota biyya keessaa fi idil-addunyaa barbaachisoo ta’aniin deggaramuu qaba. Manni marichaa yeroo ammaatti miseensotarraa maallaqa buusii funaanaa hin jiru. Dhimmi hanqina maallaqaa kanaan dura dhaabbilee walfakkaatan hedduu dhimma dhadhabsiisedha. Manni marichaa ammas rakkoo walfakkaatu keessa yeroo galu dhaabbanee ilaaluu hin qabnu” jechuun dubbateera.

Yaadni Toleeraas kan Xibabuu waliin kan walfakkaatu yommuu ta’u “Waldaaleen sabqunnamtii heduun mataa isaanii danda’uun madda maallaqaa itti fufinsa qabu uumuu keessatti milkaa’uu hin dandeenye. Kanaafuu manni marichaa muuxannoo kufaatii kanarraa barnoota fudhachuun madda maallaqaa ilaalchisee furmaata hojjechiisuu danda’u lafa kaayyachuu qaba. Madda maallaqaa amansiisaa ta’ee fi itti fufinsa qabu horachuuf qamni sirna waliin wal to’achuu tooftaalee garaa garaa maallaqa ittiin argachuu danda’u irratti bobba’uu akka qabu jajjabeessuu barbaachisa. Tooftaaleen kunis maxxansa waggaa qopheessuu, pirojektii qopheessuu fi kuusaa galmee gabbisuun akkasumas dhimmoota garaa garaaf duula maallaqa walittiqabuu gaggeessuudha.1

Deggarsa maallaqaa ilaalchisee gabaasni ifa ta’e qabatamuu qaba. Tokko tokkoon madda maallaqaa fi maallaqni deggarsaa galmaa’ee taa’uu qaba. Iftoominaa fi itti gaafatamummaa mirkaneessuuf jechas dhaabbilee sabqunnamtii miseensa ta’aniif akka gahu taasifamuu qaba. Gabaasni waggaa mana marichaa gabaasa buusii miseensummaa funaanamee fi gabaasa ibsa faayinaansii qabachuu qaba.2

1 Oginiyaan Zilaateev: “Mana Maree Sabqunnamtii: Sirna Waliin Wal To’annoo isa Jalqabaa” Adiliin Huliinnii fi Joon Ismiiz

(Maxxansa) keessa: Kitaaba Qajeelfama Waliin Wal to’achuu Sabqunnamtii (2008): Fuula 62

2 Oginiyaan Zilaateev: “Mana Maree Sabqunnamtii: Sirna Waliin Wal To’annoo isa Jalqabaa” Adiliin Huliinnii fi Joon Ismiiz

(Maxxansa) keessa: Kitaaba Qajeelfama Waliin Wal to’achuu Sabqunnamtii (2008): Fuula 61- 62

MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 58MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 58 7/20/21 6:00 AM7/20/21 6:00 AM

Page 59: MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 1 7/20/21 6:00 AM

59

Finxaalessummaa Siyaasaa

Milkaa’ina qaama sirna waliin wal to’achuu murteessuuf haalli siyaasa keessaa gahee qaba. Waliigaltee dhabuun siyaasa keessatti mul’atu hawaasa sabqunnamtiis kan qoqqoode yommuu ta’u haala walfakkaatuunis dhimmoota garaa garaa irratti maree fi gamtaan jiraachuu dhabuun gaazexeessitoonni faayidaa fi kaayyoo waloo isaaniif gamtaan akka hin dhaabbanne isaan taasiseera.3 Keessumatti ammoo hanqinni humnaa dhaabbilee sabqunnamtii fi rakkoo gaazexeessitoonni maallaqa gahaa argachuu dhabuun dhaabbileen sabqunnamtii humnoota siyaasaa waliin michummaa akka uumanii fi dhimmoota bu’uuraa sirna waliin wal to’achuu kufaa akka taasisan dirqisiiseera.4

Kanaan walqabatee Aniwaar akka jedhutti caasaan sabqunnamtii Itoophiyaa fi uumamni isaa matansaa sirna waliin waliin to’achuu ulfaataa taasiseera. Itoophiyaan damee sabqunnamtii saaxilamaa ta’e kan qabdu yommuu ta’u damichi dhiibbaa cimaa siyaasaa fi dinagdeef kan saaxilamedha.5

Yeroo ammaatti giddu seentumman mootummaa kan hir’ate yoo ta’eyyu dhaabbileen sabqunnamtii garuu fedhii fi faayidaa mootummaa fi humnoota siyaasaa galmaan ga’uuf meeshaa ta’aniiru. Dhaabbileen sabqunnamtii finxaaleyyii ta’aniiru yokaan yoo xiqqaate tokkummaa dhabaniiru. Hanga dhiyoo kanaatti dhaabbileen sabqunnatii mootummaa fi dhuunfaa ilaalcha siyaasaan lamatti hiramanii turan.

Dhaabbileen sabqunnamtii maxxansaa Itoophiyaa gamisi isaanii mootummaan kan socho’an yommuu ta’u kanneen hafan ammoo kan dhuunfaadha. Dhaabbilee sabqunnamtii maxxansaa mootummaa fi dhuunfaa gidduus walqoqqoodinsi yaadaa siyaasa bu’uureffate akka jiru qorannoon garaa garaa mul’isaniiru. Gabaasaa fi xiinxala qabataniin maxxansaaleen dhuunfaa paartilee mormitootaaf michuu yommuu ta’an maxxansaaleen mootummaa ammoo deggaraa paartii biyya bulchuu ta’anii mul’atu.6

Dhaabbileen sabqunnamtii haala siyaasaa fi dinagdeen yommuu ilaalamu dhimmicha hordofaa kan turan Abdiisaa Zaraay fi Fitih Alamuu akka jedhanitti “Dameen sabqunnamtii dhuunfaa sabqunnamtiin mootummaa paartii biyya bulchuu jala deema jedhee yommuu qeequ dameen sabqunnamtii mootummaa ammoo sabqunnamtiin dhuunfaa mormaa mootummaa ta’ee akka hojjetuu fi xiyyeeffannoon raadiyoo dhuunfaas dhimmoota faayidaa hin qabnerratti jechuun qeequ.

Wal qeequun faayidaarratti hundaa’ee garee lamaan gidduutti taasifamu kunis damee sabqunnamtii biyyattii akka qoqqoodamuu fi ogummaan gaazexeessummaan hawaasa bal’aa biratti amantaa akka hin qabaanne taasiseera.”7

Bu’uura seerota Itoophiyaan paartileen siyaasaa dhaabbata sabqunnamtii mataasaanii akka qabaatan hin eyyamamuuf. Haa ta’u malee dhabbileen sabqunnamtii paartii siyaasaa waliin walitti hidhaminsa qaban baay’achaa jiru. Dhaabbilee sabqunnamtii akka meeshaa ololaa fi ilaalcha siyaasaatti fayyadamuun daraan dabalaa dhufeera. Kanarratti dhimmi rakkoo dabalataa biraa uume dhaabbilee televizyinii saatalaayitii godaansarra biyya alaa turanii fi humnoota mormitootaan qabamanidha. Dhaabbileen kunneen gareewwan siyaasaa garaa garaa waliin walitti hidhaminsa kan qaban waan ta’aniif mul’anni isaan biyyasaaniif qaban kan walfaallessedha.

Yunivarsiitii Finfinneetti barsiisaa gaazexeessummaa kan ta’e Dooktar Teshaager Shiferraaw bal’inaan akka kaa’etti “dhaabbilee sabqunnamtii gidduutti finxaalessummaan kan jiru yommuu ta’u kanneen rakkoon kun irratti mul’atu keessaa walakkaan isaanii biyya alaa kan turanii fi yeroo ammaatti gara biyyaatti galanii hojjechaa kan jiranirrattidha. Kun ammoo dirree sabqunnamtii Itoophiyaa waggoota lamaan dura kan turerrayyu walxaxaa taasiseera. Kanaafuu adeemsi raawwii hojiinis ta’e caaseffamaan jiru bifa biraa kan qabate ta’eera. Sabqunnamtiin mootummaa ilaalcha fi hojimaata walfakkaatuun daangeffamee fi tarree tokko qofatti dhorkamee kan ture

3 Oginiyaan Zilaateev: “Mana Maree Sabqunnamtii: Sirna Waliin Wal To’annoo isa Jalqabaa” Adiliin Huliinnii fi Joon Ismiiz

(Maxxansa) keessa: Kitaaba Qajeelfama Waliin Wal to’achuu Sabqunnamtii (2008): Fuula 64

4 Fuula walfakkaaturraa kan fudhatame

5 Terjee Es Seerdaal “Gaazzexeessummaa Gidduutti << Idil-addunyaa>> fi Qabiyyeewwan Aadaa: Haala Qabatamaa Afirikaa

Bahaatti Hudhaalee Gaazzexeessummaa Misoomaa “Yaadannoo Qorannoo Sabqunnamtii Afirikaa Guca 1 lakk 1 (2009) fuula 24

6 Fuula walfakkaaturraa kan fudhatame 24 - 25

7 qoqqoodamuu fi ogummaan gaazexeessummaan hawaasa bal’aa biratti amantaa akka hin qabaanne taasiseera

MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 59MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 59 7/20/21 6:00 AM7/20/21 6:00 AM

Page 60: MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 1 7/20/21 6:00 AM

60

yommuu ta’u yeroo ammaa garuu dhaabbileen sabqunnamtii sadarkaa naannootti qofa jiran kan hojjetan ejjennoo fi falaasama siyaasaa garaa garaa qabataniidha. Dhaabbilee sabqunnamtii daldalaarratti amalli ilaaltu xiqqaatus baay’atus waan walfakkaatudha. Dhaabbileen sabqunnamtii dhuunfaa tokko tokko beeksisaan kan bulanii fi sadarkaa ogummichaa kabajuuf yaalii gaarii kan taasisan yommuu ta’u kanneen biroo ammoo paartilee siyaasaa garaa garaa waliin walitti dhufeenya kan qabanidha. Haalli kunis qaama sirna waliin wal to’achuu ulaagaa ogummaa qofarratti hundaa’ee dhaabbatuu fi yaada walfakkaatuun waliigalanii hojjechuu rakkisaa taasisa.” jedheera.

Dooktar Teshaager kanumarratti dabalee yommuu dubbatus dirreen sabqunnamtii Itoophiyaa rakkoo caaseffamaa akka qabu ibsa. “Rakkoon caaseffamaa dhaabbilee sabqunnamtii garaa garaa keessatti mul’atuhudhaalee haaraa garaa garaa kan uume yoo ta’eyyu ulaagaalee naamusaa fi sadarkaa ogummaa isa xiqqaa irraa eegamu adeemsaan guutaa akka deeman yoo taasifame adeemsa keessa guutaa deemuu danda’u. Garaa Garummaa walfakkaatan kan dhaggeeffattoonnii fi daawwattoonni jedhanis akkuma jiranittidha. Rakkooleen jiran gufuuwwan haaraa kan uuman yoo ta’eyyu ammayyu taanaan akkan yaadutti ce’umsi jijjiirama siyaasaa biyyattii gara galma dimokiraasii fooyya’aa fi tasgabbii qabutti nu fuudhee waan deemuuf wayita sanatti sabqunnamtiin Itoophiyaa kan ogummaasaa kabaje ta’a.” jedheera.

Akka yaada Xibabuu Ballaxaattis sababoonni armaan olitti caqasaman hojii sabqunnamtii Itoophiyaa keessatti hanqinni naamusaa fi qaawwi ogummaa olaanaa ta’e akka uumamu taasiseera. Kanneen keessaa muraasa caqasuuf dhaabbileen sabqunnamtii mootummaa bilisa ta’uu dhabuu fi naamusni ogummaa xiyyeeffannoo dhabuun kanneen caqasaman keessaati. Akka ilaalcha Obbo Assagidittis haala kana ittuuyyu kan hammeesse haala siyaasa biyyattii yommuu ta’u rakkoon sirna siyaasaa gara sabqunnamtiitti ce’ee wayita jirutti “Dhaabbileen sabqunnamtii silumayyu rakkoo ofiin uuman” akka ta’etti akka fudhatamu taassiseera.

Itti Aanaa Qopheessaa Olaanaa Gaazexaa Kaappitaal kan ta’e Muluqen Yewendwesen dhimma garaagarummaa yokaan waliigaltee dhabuu dhaabbilee sabqunnamtii garaagarummaa hubannoo gahee damichaan walqabsiisa. “Walqoqqooduu fi walamanuu dhabuun ammas rakkoo guddaadha. Dirreen siyaasaa banaa erga taasifamee boodas taanaan addaa addummaan isaanii kan hin araaramne ta’ee mul’ata. Waa’ee sabummaarratti garaa garummaan mul’atan bal’achaa jiru. Labsii fi imaammatni sabqunnamtii haaraa haala itti gaafatamumman hin jirre keessatti dhaabbilee sabqunnamtiif bilisummaa fooyya’aa fi carraa waliin wal to’achuu kennuun isaakaayyoo hin malleef ooluu fi nageenya ummataa balaarra buusuu danda’a jedheen sodaadha “ jedheera.1

Jijjiirama adeemsarra jiru hordofee dhaabbilee tajaajila boroodkaastii mootummaa dabalatee dhaabbileen sabqunnamtii biroo seenaa sabqunnamtii biyya keenyaa keessatti akka qaawwaatti kan mul’atu barmaata ummata hirmaachisuu dhabuu jijjiiruun ilaalchota garaa garaa fi dhimmoota siyaasaa miira kakaasan sagantaalee isaanii keessatti hammachuu eegalaniiru.

Befiqaaduun akka jedhutti “Waggoota muraasa darban dhaabbilee sabqunnamtiif haalli mijaa’aan uumameefii jira. Haa ta’u malee garaagarummaa fi walqoqqooddiin gidduu isaani jiru ammas akkuma jiruttidha. Waan kana ta’eefis qaama waliin wal to’annoo amanamaa, bilisaa fi cimaa ta’e uumuuf yoo xiqqaate waggoota kudhan kan fudhatu natti fakkaata. Wayita sanas gaazexeessitoonnii fi abbootiin dhaabbilee sabqunnamtii rakkichaan qaama miidhamu waan ta’aniif sirna waliin wal to’achuu keessa galuuf fedhii agarsiisu.”

Dhaabbilee IjooTo’annoo qabiyyee sabqunnamtii fi hojimaata isaaniirratti qaamoleen garaa garaa hirmaachuu danda’u. 2 Dameen sabqunnamtii siyaasaan, gabaan, ummataa fi ogummichaan dhiibbaan olaanaa irratti gaggeeffama. Sirna to’annoo kana keessatti gosa dhaabbata sabqunnamtii, abbummaa dhaabbata sabqunnamtii, sirna

1 Muluqen Yewendwesen: Gulaalaa Olaanaa Gaazzexaa Kaappitaal (Hagayyaa 11/2020)

2 Roobert Maakeenzii: “Sirna To’annoo Sabqunnamtii Faransaay, Ameerikaa, Meeksiikoo fi Gaanaa Gidduu jiru Walbira Qabanii

Ilaaluu “ http://historico.juridicas.unam.mx/publica/rev/comlawj/cont/6/arc/arc5.htm (Hagayyaa 16/ 2020) irratti ilaalaa.

MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 60MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 60 7/20/21 6:00 AM7/20/21 6:00 AM

Page 61: MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 1 7/20/21 6:00 AM

61

bulchiinsa dhaabbata sabqunnamtii, madda galii fi deggarsa, qophii qabiyyee fi bu’aa dhaabbata sabqunnamtii, qabiyyee fi bakka bu’insa sirrii, haala walgahumsaa fi fudhatama dhaggeeffattota yokaan daawwatoota biratti qabu fi dhimmoota kana fakkaataniin qabiyyee fi hojimaata dhaabbilee sabqunnamtiirratti dhiibbaa geessisu. 3 Sababoonni walfakkaatanis bu’a qabeessummaa qaama waliin wal to’annoo kan murteessan ta’u.

Qooda fudhattoonni sabqunnamtii Itoophiyaa hudhaalee fi rakkoowawan hedduu isaan mudachaa tureera. Dhiibbaa mootummaarraa bilisa ta’anii carraan walabummaan hojjechuu dhiphaa waan tureef adeemsa sirna to’annoo sabqunnamtii fooyyessuu keessatti hirmaachuun ulfaataa ture. Sababni isaas gaazexeessitoonni hacuuccaa fi tuttuqqaan cimaa irra gahaa ture waan ta’eef. Haa ta’u malee biyyoota birootti qooda fudhattoonni sirni waliin wal to’achuu akka hojiirra ooluu fi akka guddatu qabsoo taasisu Itoophiyaa keessatti garuu yokaan badaniiru yokaan ammoo si’oomina kan hin qabnee fi bu’a qabeessa kan hin taanedha.

Dhimma kanarratti Gizaaw akka jedhutti “Qaamolee damichaa dhimmi ilaalu jechuunis gaazexeessitoota, waldaalee gaazexeessitootaa, manneen barnootaa fi leenjii gaazexeessummaa fi abbootii dhaabbilee sabqunnamtii tokkummaan dhaabbachuu fi sadarkaa gahumsa ogummichaarratti waliigaltee uumuuf kutannoon agrsiisan hanga barbaadame miti.”

Dhaabbilee Sabqunnamtii fi Waldaalee Gaazexeessitootaa

Waldaaleen gaazexeessitootaa fi dhaabbileen sabqunnamtii guddina ogummaa miseensota isaanii fooyyessuuf akkasumas mirgaa fi faayidaa gaazexeessitootaa kabachiisuu keessatti qooda fudhattoota ijoodha. Itoophiyaa keessatti waldaaleen gaazexeessitootaa hedduun kan jiran yommuu ta’ukanneen keessaa muraasa caqasuuf Waldaa Gaazexeessitoota Maxxansa Bilisaa Itoophiyaa, Waldaa Gaazexeessitoota Itoophiyaa, Waldaa Dubartoota Ogeessota Sabqunnamtii Itoophiyaa fi Waldaa Gaazexeessitoota Naannoo Itoophiyaa kan fakkaatan ni argamu. Kana malees waldaaleen bilisaa gaazexeessitootaa fi gulaaltotaa muraasni ni jiru. Haa ta’u malee waldaaleen Gaazexeessitootaa fi dhaabbilee Sabqunnamtii sochii gahaa kan hin taasifne waan ta’aniif mirga gaazexeessitoota kabachiisuu kan danda’an miti. Waldaaleen kun guutummaa guutuutti miseensota isaanii sadarkaa bakka bu’uu hin dandeenyerra kan gahan yommuu ta’u kunis sababni ta’eef mootummaa waliin waan looganii fi dhiibbaa mootummaa jala waan galaniifidha.

Miikiyaas dhimma kanarratti ilaalcha isaa yommuu ibsu dhaabbileen ogummaa tokko tokkomirga miseensota isaaniif dhama’uu fi qabsaa’uurra faayidaa mootummaa kabachiisuun tajaajilaa mootummaa ta’anii faayidaa mataasaanii qofa kan kabachiisanidha.4 jedheera.

Waldaaleen bilisummaa pireesii biyyattii kabachiisuuf hanqinni humnaa fi dhadhabinni qaban akka jirutti ta’ee dabalataanis dhiibbaa giddu seentummaa mootummaarraa bilisa hin taane. Mootummaan kanneen seenessa siyaasaa qeeqanii fi hojimaata dogoggoraa saaxilan akkuma dhaabbilee siyaasaa fi dimokiraasiirratti raawwatu waldaalee ogummaa mirga dhaabbilee sabqunnamtii kabachiisuuf gurmaa’an keessas gidduu seenuu fi sukkanneessuun ammas himatamaa jira.

Fakkeenyaaf Waldaan Gaazexeessitoota Dubartoota Itoophiyaa bara 1995 ALI wixinee labsii sabqunnamtii qophaa’e hordofee ejjennoo mootummaa qeequusaan waldichi ifatti mootummaan akka cufamu ta’eera.

Kana malees Tesafaalem akka jedhutti miseensonni koree hojii raawwachiiftuu waldichaas dhaabbilee sabqunnamtii biroo waliin walitti dhufeenya kamiyyu akka hin qabaanne dhorkee ture. 5 Tesfaalem akka jedhutti dhaabbilee sabqunnamtii gidduutti wal amantaan hin turre. Ogeessota sabqunnamtii gidduuttis mareen tokkummaa cimsu hin turre. “Waldaaleen waliin hojjechuuf fedhii hin qaban. Kanarra darbee walii isaaniin walmormu. Waldaaleen guddina naamusa sabqunnamtii biyyattiif gaheen

3 Siboongeelee Siindaanee “To’annoo Pireesii fi Raawwii Bilisummaa Pireesii Afirikaa Kibbaa: Kominiitaas Guca 23 (2018) fuula 157

4 Miikiyaas Sebsibee: Akkaadaamii Dooch Weelee (Adoolessa 3,2020)

5 Tireesii Jee Roos “Dhamdhama Dimokiraasii: Labsii Sabqunnamtii fi Bilisummaa Odeeffannoo Itoophiyaa” Peen Isteet Xiinxala

Seeraa: Guca 114, (2010) fuula 1056 – 1058.

MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 61MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 61 7/20/21 6:00 AM7/20/21 6:00 AM

Page 62: MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 1 7/20/21 6:00 AM

62

taphatan hin jiru jechuun kan danda’amu yommuu ta’u gahee hojii gurguddoo dhaabbateef jechuunis sadarkaa ogummaa fi naamusaa baasu keessaa tokkoyyu hin raawwanne.”

Muummeen Ministiraa Dooktar Abiyyi Ahimad gara aangootti dhufuun walqabatee dirreen siyaasaa bal’achuusaan Waldaan Gulaaltota Itoophiyaa, Waldaan Biroodkaastaroota Raadiyoo Hawaasaa, Waldaa Ogeessota Sabqunnamtii Itoophiyaa, fi dhaabbileen sabqunnamtii hedduu akka dhaabbatan ta’eera. Labsiin Waldaalee Siivilii fooyya’ee ba’es waldaaleen akka hundaa’an ni eyyama. Kanaafuu waldaaleen haaraa kun muuxannoo waldaalee duraan turaniirraa baratanii haala adda ta’een akka socho’an abdii godhaniiru. Qopheessituu olaantuu Gaazexaa Foorchuunii fi Miseensa Boordii Waldaa Gulaaltota Itoophiyaa kan taate Faasikaa Taaddasaa “Waldaaleen kaayyoo hundeeffamaniif galmaan gahuuf hagam hojjetu waan jedhu gara fuula duraa kan ilaalamu ta’a.” jechuun yaada ishee dubbatteetti.

Manneen Barnootaa Gaazexeessummaa fi Dhaabbilee Leenjii Ogeessota Sabqunnamtii

Itoophiyaa keessatti sochiin manneen barnootaa gaazexeessummaa seenaa yeroo dhiyooti. Itoophiyaa keessatti barnoonnii fi leenjiin gaazexeessummaa sadarkaa digirii tokkoffaatti leenjisuu kan eegale bara 1994 ALI Yunivarsiitii Fifinneetti yommuu ta’u sadarkaa digirii lammaffaatti leenjisuu kan eegale garuu Bitootessa 23 bara 1997 ALI dha.1Barnoonnii fi leenjiin sadarkaa yaadrimeetti ogeessota dhaabbilee sabqunnamtiif kennamu haala qabatamaa Itoophiyaa waliin kan wal sime ta’uun irraa eegama.

Kunis barattoota gaazexeessummaa naamusaa fi sadarkaa gahumsa ogummaan akka ciman gochuu fi sirni barnootaa fedhii barattootaa giddu galeessa godhate bocuu dabalata. Akka fakkeenyaatti qaphxiilee walfalmisiisoo ta’an keessaa inni tokko Itoophiyaa keessatti dhimma yaada ofii bilisaan ibsachuu ilaalchisee daangaaleen jiran bal’inaa fi qabiiyyee isaarratti barreeffamni ibsu hin jiru.2

Eebbifamtoota manneen barnoota gaazexeessummaa fi gaazexeessitoota hojiirra jiran gidduu hanqina humnaa bal’aa ta’eti mul’ata. Dhimma tokkorrtti hundaa’uun gabaasa oduu mata duree tokko qofarratti xiyyeeffate dhiyeessuu fi gabaasa oduu xiyyeeffannoosaa gaazexeessummaa misoomaa itti fufinsa qaburratti xiyyeeffate qopheessuu keessatti hanqinni humnaa ni mul’ata.Waggoota duraan turanitti mootummaan yaadrimee gaazexeessummaa misoomaa dhaabbilee sabqunnamtii mootummaa isa jala jiran ifatti leenjisaa kan ture yommuu ta’u hojimaata kana dhaabbileen sabqunnamtii dhuunfaas akka itti fayyadaman alkallatiin dhiibbaa gochaa tureera.3

Gaazexeessummaan qorannaa yokaan gama madda rakkoolee beekanii hojjechuun hanqinni hubannoo waan jiruuf dhaabbileen sabqunnamtii oduu kan hojjetan yokaan uwwisa kan kennan muuxannoo fi ilaalcha mataasaaniirraa ka’aniiti. Gabaasaawwan oduu dhaabbilee sabqunnamtii loogummaa siyaasaa kan qabanii fi fedhii siyaasaa dhiphaa ta’erratti kan bu’uureffatanidha. Qaamonni baay’ees kana akka ragaatti fudhatanii leenjiiwwan furmaata walitti bu’insaan walqabatan akka kennan ni gorsu.

Waldaalee Siivilii Dhaabbilee Sabqunnamtii fi Dhaabbilee Gorsitootaa

Yeroo duraatti dhaabbileen waldaa siivilii dhaabbilee sabqunnamtii ilaalchisee dhimma imaammataa, seeraa fi qabiyyee to’annoon dhimmoota walqabatan irratti carraa yaad kennuu hin qaban ture. Mootummaanis adeemsa qophii imaammata sabqunnamtiirratti qooda fudhattoota damichaa waliin maree bal’aa gochuuf fedhii kan qabu hin turre. Yeroo ammaatti garuu dhaabbileen waldaa siivilii hanga tokko tooftaa mataasaanii fayyadamuun dhaabbilee sabqunnamtii ni hordofu, ni deggaru.

1 Terjee Es Seerdaal “Gaazzexeessummaa Gidduutti << Idil-addunyaa>> fi Qabiyyeewwan Aadaa: Haala Qabatamaa Afirikaa

Bahaatti Hudhaalee Gaazzexeessummaa Misoomaa “Yaadannoo Qorannoo Sabqunnamtii Afirikaa Guca 1 lakk 1 (2009) fuula 23

2 Geediyoon Ximootiwoos “Mirga Yaada Bilisaan Ibsachuu Itoophiyaa: Fedhii Falaasama Seeraa “MadaalliiXiinxala Seeraa Guca 4

lakkoofsa 2 (2010) fuula 201

3 Abdiisaa Zaraayii fi Fitih Alemuu “Damee Gaazzexeessummaa Itoophiyaa: Loogummaa Siyaasaan fi Amanamummaan Kan

Waliin Jiraatan” Haayis Maayindii: Mabewezaaraa (maxxansa) Aadaa Qophii Oduu Afirikaa: Qabsoo Hawaasummaa, Siyaasaa fi

Dinagdeen Haala Baratame (2018) fuula 293

MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 62MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 62 7/20/21 6:00 AM7/20/21 6:00 AM

Page 63: MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 1 7/20/21 6:00 AM

63

Kana malees waldaaleen siivilii muraasni dhimma yaada bilisaan ibsachuu fi sirna waliin wal to’achuu sabqunnamtiirratti hirmaannaa kallattii gochaa jiru. Mootummaanis dhaabbilee siivilii waliin marii taasisuu eegaleera. Akka fakkeenyaatti labsii sabqunnamtii haaraa baasuu wayita karoorfatetti dhaabbilee waldaa siivilii waliin maree gaggeesseera. Dabalataanis dhaabbilee sabqunnamtiin walqabatee muudama oggantoota qaama waliin wal to’annoo keessatti dhaabbileen waldaa siivilii akka hammatamuu danda’aniif wixinee labsii sabqunnamtii keessatti ilaalcha keessa akka galu taasifameera.

Hanqina humnaa Itoophiyaa keessa jru guutuuf gaheen waldaalee siivilii dhaabbilee sabqunnamtii fi dhaabbilee gorsitoota mootummaa daraan olaanaadha. Gabaasonni hedduun akka mul’isanitti sabqunnamtiin Itoophiyaa kan ittiin ibsamu dhaabbilee dhadhaboo ta’uu isaanii, hanqina maallaqaa kan qaban fi hanqina oggansaa fi humna namaa kan qaban ta’uu isaaniidha.

Tumsaa fi Deggarsa Idil-addunyaa

Sirna waliin wal to’achuu bu’a qabeessa gochuuf tumsii fi deggarsi idil-addunyaa daraan murteessaadha. Dhaabbileen deggarsaa idil-addunyaa biyyoota ce’umsarra jiraniif yokaan biyyoota sirna waliin wal to’annoo eegalaa jiraniif deggarsa gochuun gahee olaanaa bahachuu qabu.4

Eeliyaas akka jedhutti dhaabbileen miti mootummaa fi dhaabbileen idil-addunyaa hojiiwwan ijaarsa dandeettii deggaruuf yaaliin taasisan baay’ee gadi bu’aadha. Eeliyaas yommuu ibsu “Waggoottan sadan darbanitti haala mul’atee hin beekamneen hojiileen tumsaa mul’ataniiru. Keessumatti deggarsi gama Abbaa Taayitaa Sabqunnamtii Itoophiyaan jiru ifatti kan mul’atu ture.”

Haa ta’u malee akka Daarektarri Oromiyaa Miidiyaa Neetwoorkii duraanii Obbo Toleeraa Fiqiruu ibsuutti “Tokkoon tokkoon dhaabbata sabqunnamtii of akka ilaaluu fi itti aansuun ammoo haala dimokiraatwaa ta’een dhaabbilee sabqunnamtii biroo waliin walgamaggamuu akka isaa dandeessisuuf sirna waliin wal to’achuu dhugoomsuun tumsa waliinii dhaabbilee sabqunnamtii hundaa barbaada.”

Xumuraa fi Yaadota GorsaaXumura

Sirna sabqunnamtii itti gaafatamumman ogummaa itti dhaga’amu, ilaalchota garaa garaa, eenyummaa fi faayidaawwan fi seenessa garaa garaa madaalawaa hin taane ummata keessa faca’anii jiran waliin walgituu fi sirreessuu danda’u ijaaruun baay’ee barbaachisaadha. Kana galmaan ga’uuf hubannoo qooda fudhattoota damee sabqunnamtii ijoo ta’anii cimsuu fi dhaabbileen sabqunnamtii sirna waliin wal to’achuu hojiirra akka oolchan gidduusaaniitti waliigalteen akka uumamu deggarsa gochuun barbaachisaadha. Sababni isaas guddinni sirna waliin wal to’achuu kan madaalamuu danda’u gama sirna to’annoo waliinii bu’a qabeessa ta’e ijaaruun biyya socho’aa jiru keessatti bu’aa maalii fide kan jedhu bu’uura godhachuuqaba waan ta’eefidha.

Yaadota Gorsaa

Yaadonni gorsaa armaan gaditti tarreeffaman haala qabatamaa sabqunnamtii Itoophiyaa keessa jiru fooyyessuuf dhimmota qaamoleen garaa garaa xiyyeeffannoo kennanii hojjechuu qaban kan heeranidha.

Mana Maree Sabqunnamtii Itoophiyaa

Oggantoonni Mana Maree Sabqunnamtii Itoophiyaa kan hojjechuu qaban: -

• Mana maricha keessatti waldaan bilisaa mirga gaazexeessitootaa bakka bu’u akka hundeeffamuuf deggarsa gochuu

• Bilisummaa fi ittifufinsa mana marichaa mirkaneessuu

4 Oginiyaan Zilaateev: “Mana Maree Sabqunnamtii: Sirna Waliin Wal To’annoo isa Jalqabaa” Adiliin Huliinnii fi Joon Ismiiz

(Maxxansa) keessa: Kitaaba Qajeelfama Waliin Wal to’achuu Sabqunnamtii (2008): Fuula 61

MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 63MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 63 7/20/21 6:00 AM7/20/21 6:00 AM

Page 64: MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 1 7/20/21 6:00 AM

64

• Dhiibbaa alaa gahee fi ittigaafatamummaa mana marichaarra gahu dhorkuu

• Manni marichaa dhaabbata murtoo kennuu fi bilisa fi kan amantaan irratti gatamu ta’uu isaa agarsiisuuf dhimmoota armaan gadii jechuunis gurmaa’insa mana marichaa, itti gaafatamummaa, hojimaataa fi dhimmoota biroo hincaqafamiin irratti qaamolee qooda fudhattoota sabqunnamtii waliin waliigalteerra ga’uun irraa eegama

• Waa’ee sirna waliin wal to’achuu sabqunnamtii, waa’ee hundeeffamaasaa, gahee hojii fi itti gaafatamummasaa ilaalchisee jalqabarratti qaamota damee sabqunnamtii keessa jiraniif akkasumas hawaasa maraaf hubannoo gahaa fi iftoominni uumamuu qaba.

• Caasa dhaabbatichaa fooyyessuu yokaan jijjirama gochuu (biiroo gurmeessuu, ogeessota gahumsa qaban fo’achuu fi humna isaanii cimsuu)

• Dhaabbileen sabqunnamtii imaammata gulaallii fi dambii naamusaa mataasaanii akka qabaatan deggarsa gochuu

• Biyyoota sirna waliin wal to’achuurratti muuxannoo gaarii qaban qorachuun muuxannoo garaa garaa fudhachuun haala qabatamaa Itoophiyaan walsimsiisuun hojiirra oolchuu

• Ulaagaa miseensummaa mana marichaa hamaamtaa akka ta’uu fi bu’uura cimaarratti akka ijaaramu gochuu

• Sagantaawwan raawwii fi karoora yeroo fi qulqullinaan qopheessuu

• Waltajjii idilee raawwii damichaa qorachuuf gargaaru gaggeessuu

• Dhaabbilee sabqunnamtii fi gaazexeessitoota raawwii gaarii qabaniif beekamtii kennuu

• Raawwiii mirga deebii kennachuu dabalatee dhaabbileen sabqunnamtii komii ummatarraa dhiyaatu keessummeessuu akka danda’aniif qajeelfama keessummeessuu komii qopheessuu

• Dambii naamusaa muuxannoo qabatamaa biyyoota biroo bu’uureffate qopheessuu

• Damee sabqunnamtii fi ummataa bira gahuu

• Hirmaannaa walqixaa fi iftoomina qabu mirkaneessuu

• Manni marichaa mootummaa, qooda fudhattoota jalqabaa kan ta’an dhaabbilee sabqunnamtii waliin, qaamolee damee sabqunnamtii waliin walitti dhufeenya qaban, dhaabbilee idil-addunyaa fi qaamolee sadaffaa biroo waliin walitti dhufeenya qabu ifatti adda baasuuu akka isa dandeessisuuf tarsiimoo walitti dhufeenyi qooda fudhattootaa ittiin ogganamu qopheeffachuu

• Karoora tarsiimawaa yoo xiqqaate waggoota afuriif tajaajilu qopheeffachuu

• Miseensota waliin walitti dhufeenya cimaa uumuun akkasumas marsarii hawaasaa odeeffannoon gahaa irraa argamu fayyadamuun gahee fi itti gaafatamummaa mana marichaarratti hubannoo uumuu

• Hojiin qaamota badii raawwatan sirreessuu akka eegaluuf qaama abbagaar saffisa danda’ameen gara hojiitti akka galu gochuu

• Raawwii hojii mana marichaa keessatti qooda fudhattoota jalqabaa kan ta’an dhaabbileen sabqunnamtii hirmaannaa cimaa akka qabaatan gochuu dabalatee walitti dhufeenyi ifa ta’e jiraachuusaa mirkaneeffachuu

• Manni marichaa hojii fi itti gaafatamummaasaa sirriitti bahachuu akka danda’uuf mana hojiisaa ogeessota gahumsa qabaniin gurmeessuu

• Ga

• baasawwan walitti bu’insaa, gabaasafilannoo, sirrummaa oduu qulqulleeffachuu akkasumas haasaa jibbinsaarratti qajeelfamootaa fi maanuwaalota qopheessuu

• Hojii hordoffii sabqunnamtii qorannoo gahaa, yaada gorsaa fi xiinxala haalaa irratti hundaa’e hojjechuu

MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 64MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 64 7/20/21 6:00 AM7/20/21 6:00 AM

Page 65: MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 1 7/20/21 6:00 AM

65

• Ogeessotaa fi hayyoota buleeyyii fayyadamuun leenjiiwwan itti fufinsa qaban kennuu, ogeessota sabqunnamtiif carraa leenjii idilee mijeessuu, leenjiiwwan wayita kennamanis naamusaa fi daangaalee bilisummaa dhaabbilee sabqunnamtiirratti taasifamanirratti akka xiyyeeffatan gochuu akkasumas

• Fedhii fi rakkoowwan dhaabbilee sabqunnamtii adda baasuuf haala qabatamaa sabqunnamtiirratti qorannoon gaggeeffamuu qaba.

Miseensota Mana Maree

Miseensonni mana maree kan raawwachuu malan: -

• Mana marichaaf deggarsa guutuu gochuu

• Yaadrimee sirna waliin wal to’achuurratti hubannoo cimsuu fi gahee gamasaanii bahuu

• Loogummaa dhabamsiisuu fi ogummicha kabajanii socho’uun amantaa ummataa horachuun irraa eegama

Waldaalee Dhaabbilee Sabqunnamtii

Waldaaleen dhaabbilee sabqunnamtii kan raawwachuu malan: -

• Guddina ogummichaaf haala gumaachuu danda’uun jabaachuu akkasumas

• Sadarkaa gahumsa ogummichaa kabachiisuu fi of gaggeessuu keessatti bakka bu’aa gaarii ta’anii akka argamanitti jabaachuu qabu

Manneen Barnootaa Gaazexeessummaa fi Dhaabbilee Leenjii Ogeessota Sabqunnamtii

Manneen barnootaa gaazexeessummaa fi dhaabbileen leenjii ogeessota sabqunnamtii kan raawwachuu malan: -

• Sagantaa humna raawwachiisummaa ogeessota sabqunnamtii cimsuuf barbaachisu yeroo yerootti qopheessuu

• Fedhii leenjii fi hanqina beekumsaa damee sabqunnamtii keessa jiru adda baasuu

• Waldaalee sabqunnamtii waliin walitti dhufeenya cimaa uumuu akka gargaaruuf waldaalee sabqunnamtii jabeessuu fi haala mijaa’aa uumuufii qabu.

Dhaabbilee Deggartootaa

Dhaabbileen deggartootaa kan raawwachuu malan: -

• Sirni waliin wal to’achuu akka guddatuuf deggarsa gochuu

• Manni maree sabqunnamtii akka qaama to’annoo waliinii damichaatti guddina ogummichaaf murteessaa waan ta’eef manni marichaa bilisummaan hojiisaa akka hojjetu deggarsa gochuu

• Hojiiwwan ijaarsa dandeetti mana marichaa pirojektiin deggaramuu qabu maallaqaan deggaruu

• Mana marichaa fi waldaalee gaazexeessitootaa gidduutti waliigaltee uumuu fi amantaa ummataa guddisuuf duula hubannoo uumuu akkasumas waltajjiiwwan maree qooda fudhattoota damee sabqunnamtii gidduutti gaggeeffamu deggaruu fi mijeessuu

• Milkaa’inni ijaarsa dhaabataa itti fufinsa qabu akka galmaa’uuf adeemsa jijjiiramaa Itoophiyaa keessatti gaggeeffamu deggaruu

• Deggarsa tekinikaa, meeshaa fi maallaqaa taasisuun humna raawwachiisummaa dhaabbilee sabqunnamtii cimsuu

MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 65MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 65 7/20/21 6:00 AM7/20/21 6:00 AM

Page 66: MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 1 7/20/21 6:00 AM

66

• Gaazexeessitootaa fi oggantoota dhaabbilee sabqunnamtiif leenjiiwwan kennuu akkasumas humna keessoo dhaabbilee sabqunnamtii cimsuun pirojektoota sirriitti raawwachuu akka isaan dandeessisuuf Mana maree Sabqunnamtii Itoophiyaa fi waldaalee gaazexeessitootaa amanamoo ta’an waliin wal tumsanii hojjechuu

• Deggarsa adda addaa guddina dhaabbilee sabqunnamtiif murteessaa ta’ankennuu akka gargaaruuf dhaabbilee damee sabqunnamtiif akka gorsaatti tajaajilanii fi dhaabbilee barnootaa fi qorannoo waliin walitti dhufeenya qaban cimsuu

• Leenjiiwwan gaggabaaboo ogummaa gaazexeessummaa guddisuuf gargaaran, dhaabbilee keessatti akkasumas manneen barnootaa gaazexeessummaa keessatti leenjiiwwan kennuun akka danda’amuuf sirna barnootaa fi leenjii qopheessuuf deggarsa gochuu qabu.

Mootummaa

Mootummaan kan raawwachuu malu: -

• Dirreen sabqunnamtii akka bal’atu eyyamuu

• Gahumsa ogummaa dhaabbilee sabqunnamtii ummataa cimsuuf xiyyeeffannoo kennuu

• Dhaabbileen sabqunnamtii mootummaan bulanii fi paartilee siyaasaa waliin walitti hidhaminsa qaban sadarkaa gahumsa ogummaa kabajanii akka hojjetan gochuu

• Sirna imaammataa fi to’annoo dhaabbilee sabqunnamtii gahumsa ogummaa qaban jajjabeessuu fi humnoomsuu dandeessisu diriirsuu

• Imaammataa fi seerota sabqunnamtii wayita baasu mareen bal’inaan irratti gaggeeffamee akkasumas dhaabbilee sabqunnamtiif haala mijaa’aa kan uuman ta’uusaa ogeessota damichaan amantaan kan irratti gatame ta’uu qaba.

MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 66MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 66 7/20/21 6:00 AM7/20/21 6:00 AM

Page 67: MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 1 7/20/21 6:00 AM

67

YADRIMEE JIJJIIRAMAA

Inistiitiyuutiin Miidiyaa Mersaa gaazexeessummaa haqaa deggaruu fi dhaabbileen sabqunnamtii akka ofiin of bulchan,hawaasaaf mijataa akka ta’anii fi dhimma hawaasaarratti akka xiyyeefatan jajjabeessuudha. Mersaan guddina ogeessotaa fi dhaabbilee namuusa cimaa, faayidaa ummataa fi bulchiinsa itti gaafatamummaan itti dhagahamu uumuuf hojjetaniif dursa kennuun xiyyeeffatee hojjeta.

TOOFTAA RAAWWII

Mersaan Qaamoleen imaammata baasan dhimma to’annoo fi fooyya’insa seerota sabqunnamtiirratti murtoo sirrii kennuu akka danda’aniif odeeffannoo qorannoon deggerame ni kenna. Humna raawwachiisummaa gaazexessitootaa leenjiin cimsuu, qorannoo itti fufiinsa dhaabbata sabqunnamtii gaggeessuu akkasumas mana maree yokaan yuuniyeenii sabqunnamtii hundeessuu fi qajeelfama namuusaa akka qabaatan ni deggera.

WAA’EE INISTIITIYUUTII MIIDIYAA MERSAA Inistiitiyuutiin Miidiyaa Mersaa dhaabbata gorsaa sabqunnamtii bu’aaf hin hundoofnedha. Mersaan qorannoo, ijaarsa dandeettii fi deggarsaa dhaabbbatummaa taasisuun Afirikaa keessatti sabqunnamtiin si’ataa,itti gaafatamummaan itti dhaga’amuu fi walaba ta’e akka uumamuuf kan hojjetudha. Mersaan hawaasa naga qabeessa,badhaadhina qabuu fi dimokiraatawaa ta’e uumuu keessatti sabqunnamtiin bilisaa fi walaba ta’e murteessaa ta’uu isaa ni amana.

OGEESSOTA KEENYA

Dhaabbanni keenya kan hundaa’ee fi kan geggeeffamu ogeessota sabqunnamtii muuxannoo gahaa qaban,barsiisota,qorattootaa fi ogeessota hubannoo gahee sabqunnamtiin walabaa lammilee hubannoo qabanii fi ofiin of gaggeessan uumuu keessatti qabu hubataniin kan hundaa’edha.

ERGAMA

Bu’uurri tumsa qorannoo fi leenjii sabqunnamtii keenya kan rogeeffame walitti dhufeenya hawaasaa keessatti biyya tasagabbii,nageenyaa fi badhaadhinaa yaadonni heddumina qaban,eenyummaa fi fedhiin garaa garaa keessatti kabajamanii fi hammataman uumuufidha.

MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 67MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 67 7/20/21 6:00 AM7/20/21 6:00 AM

Page 68: MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 1 7/20/21 6:00 AM

68

Designed by MMI 2021

MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 68MERSA MEDIA MAY 31 EDITION .indd 68 7/20/21 6:00 AM7/20/21 6:00 AM