ji’oottan ulfaa gara boodarraa (sanyii gara boodarraa)

10
JI’OOTTAN ULFAA GARA BOODARRAA (SANYII GARA BOODARRAA) 3 KUTAA

Upload: others

Post on 10-Dec-2021

11 views

Category:

Documents


0 download

TRANSCRIPT

Page 1: JI’OOTTAN ULFAA GARA BOODARRAA (SANYII GARA BOODARRAA)

JI’OOTTAN ULFAA GARA BOODARRAA (SANYII GARA

BOODARRAA)

3KUTAA

Page 2: JI’OOTTAN ULFAA GARA BOODARRAA (SANYII GARA BOODARRAA)

Mata-dureewwan MHG Guguddoo Kutaa kanaa Meeshaalee barbaachisan

Nyaata haadholii nyaatawwan ABBAA URJIIn madaalawaa gochuuCimina argachuuf nyaachuu (haadha cimtuu, daa’ima cimaa/cimtuu)

Mootii Kanniisaa hojiidhaan gargaaruu fi deeggarsa maatii

Geemii qophii karoora meenuu Mootii kanniisaa, afata geemii, naannessituu fi kaardota nyaataa waliin

Poostara Baa’ina akaakuu nyaata haadhaa

Kaardii wabii muuxannoo nama dhuunfaa,Tursiistuu, gargaarsa abbaa warraa

Gulantaa 1: Baga nagaan dhuftanii1. Akkas jedhaa “MHG Kutaa sadaffaa Guyyoota 1000n Jalqabaa kanaaf baga nagaan dhuftan.” J“Maqaan koo______________ jedhama. An Qindeessaa/tuu MHG kanaati.2. “Walgahii keenya kanarratti daa’imman keenya ciccimoo, fayya-qabeessaafi qareessa ta’anii akka guddatan wantoota addaa guyyoota 1000n jalqabaa keessatti raawwachuu qabnu akka barannu ni beektu

jedheen abdadha.”

Gulantaa 2: Keessa deebii sagantaa yeroo darbee1. “Sagantaa marii keenya yeroo darbee taasifne keessatti miseensota maatii SANYIIF Istiikara SANYII kenneen ture. Isin keessaa nama meeqatu/hagamiitu, Istiikara SANYII kana keenyaa manaatti fannise

akkasumas maal jechuu akka ta’e miseensota maatii ofiif ibse?2. Namoonni meeqa waan kana akka raawwatan unkaa gabaasa kutaa leenjii MHF 3 keessatti BARREESSI.

AKKAS JEDHIIN: “ Baay’ee gariidha! Mee amma immoo wantoota kana mana keessanitti raawwachuuf wayita yaaltan haala ture haa mari’annu. Abbaan warraa/haati warraa yookan miseensonni maatii keessaniitti Istiikara SANYII wayita agarsiistan maal jedhan? Maatii keessanitti waa’ee ji’oottan jalqabaa yeroo ulfaa, waa’ee daa’imman SANYII fi Mootiiwwan Kanniisaa maal itti himtan? Abbaan warraa/haadhawarraa keessan waliin waa’ee sirna nyaataa dubartoota ulfaa yookan Mootiiwwan Kanniisaa fi waa’ee daa’imman SANYIIN ciccimoo ta’anii akka guddatan

gargaaruu wayita mar’attan haalli gaariin kan xumurame maali? Isin keessaa maatii waliin mari’achuun, mootiiwwan kaannisaa yeroo ulfaa isaaniitti akkamitti akka gargaaruun danda’amu kan marii’atee fi murteesse jiraa? Mootiiwwan Kanniisaa nyaata guyyaa guyyaan nyaatan keessatti nyaatawwan ABBAA URJII dabalataa akka argatan gargaaruuf, isiniifi Abbaan warraa/haati warraa keessan akkasumas

mieensonni maatii keessanii kanneen biroon tarkaanfiinf fudhattan jiraa? Eyyee yoo jettan, maali inni? ‘’ Yaadadhaa baay’ina namoota harka baasanii unkaa gabaasaa kee keessatti galmeessuu hin dagatiinaa.

3. Namoonni 3-5 ta’an gaaffilee kanneen akka deebisaniifi muuxannoo mana keessa jiru akka qoodan JAJJABEESSI.

AKKANA JEDHIIN: “Muuxannoo keessan nuuf qooduu keessaniif ulfaadhaa! Yeroo tokko tokko yaada haaraa qabnu yeroo haasofnu yookan qoodnu maatiiwwan keenya keessaa rakkooleen nu quunnamuu danda’u. Isin keessaa namni muuxannoo waa’ee Mootiiwwan Kanniisaa nyaatawwan ABBAA URJII dabalataa akka argatan gargaaruu keessatti rakkoolee mudataniif yaada furmaataa namni nuuf qoodu jiraa?

4. Namoonni 3-5 ta’an gaaffilee kanneen akka deebisaniifi oduu waa’ee sirna nyaataa Mootii Kanniisaa maatii isaanii waliin mari’achuuf yaalii taasisaniirratti rakkoolee muraasa isaan quunnaman akka qoodan JAJJABEESSI.

AKKANA JEDHIIN: “Muuxannoo keessan nuuf qooduu keessaniif ulfaadhaa! Garee akkanaa keessatti argamuun gaarummaan isaa namoota yaadaa nuuf kennan of biraa qabaachuu keenya. Mee isin gidduudhaa namoota rakkoole qaban kana gargaaruuf namni yaada furmaataa qabu jiraa?”

5. Miseensonni garee rakkoolee qaban akkamitti keessaa bahuu akka danda’an, namoonni 3-5 ta’an yaada furmaataa yaada akka kennaniif JAJJABEESSi.6. GORSA ISAAN GARGAARUU DANDA’U YOO QABAATTE, gareef qoodi. Gareen rakkoolee ati furmaata isaanii barbaaduuf gumaacha gochuu hindandeenye yoo kaasan, suupparvaayizara kee waliin irratti

mari’chuuf unkaa gabaasaa keerratti barreessi.

3MARII HAWAASAA GABBATAA #3: Sanyii gara Boodaa (Yeroo Ulfaa ji’a 3-9tti jiru)

Page 3: JI’OOTTAN ULFAA GARA BOODARRAA (SANYII GARA BOODARRAA)
Page 4: JI’OOTTAN ULFAA GARA BOODARRAA (SANYII GARA BOODARRAA)

AKKANA JEDHIIN: “Sirni nyaataa Mootiiwwan Kanniisaa maatiiwwaniif baay’ee barbaachisaadha. Sababiin isaas, dubartoonni ulfaas ta’anii haadholeen harma hoosisan lubbuu lamaaf jedhanii nyaatu waan ta’eefi. Sirni nyaataa haadhaa hanguma gaarii ta’aa deemu, daa’imni SANYIINIS cimaa, fayya-qabeessafi qareessaa ta’ee guddataa deema.”

Gulantaa 3: Mata-duree walgahii har’aa: SANYII gara Boodaa (Sirna Nyaataa yeroo ulfaa ji’oottan 3-9 tti jiruu)

AKKANA JEDHIIN: “walgahii har’aa irratti, waa’ee SANYII ,daa’imman( gadameessa haadha isaanii keessa jiran) fi Dubartoota ulfaa fi maatiiwwan isaanii daa’imni SANYIIN ciccimoo, fayya-qabeessafi qareessaa ta’anii akka guddatan gargaaruudhaaf, haadholeen ulfaafi miseensonni maatii yeroo ulfaa gara boodaarratti maal raawwachuu akka danda’an mari’achuu itti fufna..

ITTI FUFAA: “Walgahii keenya isa darbe irratti, nyaata dabalataa fi nyaatawwan ABBAA URJII nyaachuun walqabatee, rakkoolee dubartoota ulfaa yeroo ulfaa gara boodarratti quunnaman mar’annee turre. Rakkooleen kun hedduun isaanii ji’oottan garaa boodaa yeroo ulfaa keessallee itti fufu. Akkas jedhi: Sababoonni kunis maal akka ta’an yeroo darbe mari’attanii turtan. Mee isin keessaa namni nu yaadachiisu danda’u eenyu? Hirmaattootni 2-3 akka deebisan godhi.

Dubartoonni ulfaa maatii isaaniirraa adda bahanii nyaachuun, ofiif jedhanii kophaatti nyaata qopheeffachuun, yookan nyaata maatiin isaanii nyaatanirraa adda ta’e yookan kan irra fooyyee qabu nyaachuun itti hintolu;

Mataa ofiin dura namoota biroof duursa kennuu baarbaadu; keessumaa abbaan warraa isaanii yookan miseensonnii maatii biroon isaan caalaa nyaachuu yookan kan irra fooyyee qabu nyaachuu isaanii yookan dursanii nyaachuu isaanii mirkaneessuu barbaadu. ;

Ofii isaaniirra namoota biroof dursa kan kennanii fi garraamii ta’anii argamuu waan barbaadaniif Nyaata nyaachuufi boqachuuf yeroo gahaa hinqaban.

AKKANA JEDHIIN: “Walgahii har’aatiin, rakkoolee kanaafi kanneen biro akkasumas furmaata isaaniirratti mari’anna. “1. “Akaakuuwwan nyaataa Mootiiwwan Kanniisaa guyyaa guyyaan yeroo nyaata maatiifi tursiistuu nyaachuu qaban karoorsuufi mari’achuu shaakalla.”

Gulantaa 4: Waa’ee sirna nyaataa gaarii sadarkaa SANYII gara boodaarratti barbaachisuufi rakkoolee barataman

AKKANA JEDHIIN: “Ji’oota gara boodaa yeroo ulfaa keessa, Mootiiwwan Kanniisaa keenya haala gaarirra waan jiraniif, haqqee osoo isaan hinrakkisin nyaata sirriitti nyaachuu danda’u ”. 1. “Yeroo kanatti surrii fi qaamni daa’imaa ariitiidhaan guddachaa waan deemuuf, dubartoonni ulfaas nyaata baay’ee nyaachuu akkasumas nyaatawwan ABBAA URJII baay’inaan guyyaa hunda argachuu

qabu.”2. “Mootiiwwan Kanniisaa kiniinii Aayirenii ji’oota yeroo ulfaa keessa akkasumas dahumsaan booda hanga ji’a sadiittio galgala galgala fudhachuu itti fufuu qabu”.3. “ Mootiiwwan Kanniisaa nyaata baay’ee nyaachuufi nyaatawwan ABBAA URJII dabalataa argachuu kan qaban ta’ullee, yeroo tokko tokko haala kana raawwachuuf rakkoo qabaachuu danda’u. Fakkeenyaaf,

ji’oota sadeen lamaffaafi sadaffaa yeroo ulfaa keessaa, dubartoonni ulfaa tokko tokko nyaata baa’isnee yoo nyaanne yookan akaakuu nyaataa tokko tokko yoo nyaanne, daa’imni gadameessa keessa jiru garmalee guddatee dahumsarratti nu rakkisa jedhanii yaadda’u. Kanaaf, dubartoonni ulfaa kun beekaa nyaata xiqqoo qofa nyaatu; nyaatawwan ABBAA URJII kanneen akka fuduraalees nyaachuu dhiisu.”

4. “Dubartoonni ulfaa nyaata gahaa ta’e yoo hinnyaanneefi nyaatawwan ABBAA URJII s nyaachuu yoo dhiisan, rakkoo sababa hanqina nyaataan umamaniif saaxilamu. Sababa kanaanis, akka salphaatti dahuu mannnaa, haala akka ulfi irraa bahu taasisu yookan haala dahumsa irratti lubbuu mataa isaaniifi lubbuu daa’ima isaanii balaaf saaxiluu keessa galu.

5. Mariicha xumuruudhaaf akka si gargaaruuf , qabxiilee kanneen irratti haasa’i: ‘’Mootiiwwan Kanniisaa ji’oota yeroo ulfaa gara boodaa irratti ofii isaaniif jabeenya akka argataniifi daa’imman isaanii SANYIIN gadameessa keessa jiranillee ciccimoofi fayya-qabeeyyii

akka ta’an nyaata baay’isanii nyaachuu qabu. Yeroo kanatti sammuunii fi qaamni daa’ima SANYII ariitiidhaan waan guddataa jiruuf, haala gaarii ta’een guddachuuf sirna nyaataa sirrii ta’a argachuu qaba. Mootiin Kanniisaa nyaata gahaa hinnyaanneefi, fuduraalee nyaata ABBAA URJII ta’an lagatte, ofii ishees ta’ee daa’ima ishee SANYII sirna nyaataa gaarii fayyaa fi cimina argachuuf

gargaaru dhoowwatte jechuudha. Baay’ina nyaataa dabaluun, nyaatawwan ABBAA URJII dabalanii nyaachuun, Kiniinii Aayiranii fudhachuun, tajaajila wal’aansaa dahumsaan duraa hordofuun, akkasumas waa’ee

dahumsaan dura karoorfachuu abbaa warraa waliin mari’achuun hundi isaanii haala nagaan ofkaluudhaaf gumaacha taasisanii. Yeroo gara dahumsatti dhihaatan nyaata nyaatan beekaa xiqqeessuu yaaluu manna, wantoota kanneen raawwachuun fayya-qabeessa ta’uufi nagaan ofkaluudhaaf gumaacha qabu.”

Page 5: JI’OOTTAN ULFAA GARA BOODARRAA (SANYII GARA BOODARRAA)
Page 6: JI’OOTTAN ULFAA GARA BOODARRAA (SANYII GARA BOODARRAA)

Gulantaa 5: Yaadachiiftu Soorata haadholii Guyyaa Guyyaanii mootii kaannisaaf(tapha)1. “amma tapha mootiiwwan kanniisaa keenyaaf yaadannoo nyaataa haadholii guyyaa guyyaan barbaachisu qopheessuu shaakaluuf nu gargaaru taphachaa bashannannas”.2. Afata tapha yaadachiiftuu nyaata haadholee, naannessituu fi kaardota nyaataa(karaxitii xixiqqoo keessa jiran) Gareetti AGARSIISI ti TAPHICHA AKKAMITTI AKKA TAPHATAN IBSI:

Sahaaniiwwan guguddoon sadeen (ciree, laaqanaa fi irbaata) nyaata maatii guyyaa tokkoof nyaatu dha. Sahaaniiwwan xixiqqaan lamaan tursiistuuwwan guyyaa tokkoo dhaGareen hundi kaardota nyaataa ilaaluudhaan, mootiin kanniisaa nyaataafi tursiistuuwwan guyyaa sana maatii

keessatti nyaachuu qaban filannoo jirurratti mari’atu. Yaadadhaa: Mootiiwwan Kanniisaa (dubartoonni ulfaafi harma hoosisan) guyyaatti yoo xiqqaate nyaata abbaa urjii-3 tokko, nyaata idilee waliin yookan akka tursiistuutti nyaachuu qabu.

Nyaatawwan abbaa urjii-3 nyaatawwan gosa beeyiladootaa adda addaarraa argamani.

Yaadadhaa: Mootiiwwan Kanniisaa guyyaatti yoo xiqqaate nyaata abbaa urjii-2 tokko, nyaata nyaatan waliin nyaachuu qabu.

Isaanis: fuduraalee yookan muduraalee nyaatatti dabalamani dha.Hirmaattotni hundi gareelee xixiqqaatti qoodamuun akka geengoo uuman taasisi. Tapha yaadachiiftuu nyaata Haadholee maraa tokko (afataafi boorsaa kaardota nyaataa qabu) kenniif. .

3. Naanna’uun gareeleen geemicha akkamitti akka taphatan daawwadhu4. Meenuu Mootiiwwan Kanniisaa isaaniif guyyaa guyyaan barbaachisu irratti akka mari’ataniifi kaardota nyaataa ilaaluufi kanneen guyyaa guutuu gara sahaanotaa guguddaa (nyaata) fi xixiqqaa (tursiistuuwwan)

dhaquu qaban filuudhaan filannoo dhuga-qabeessa akka raawwatan JAJJABEESSI.5. GARA DAQIIQAA 20 BOODA, namni hundi gara garee guddichaatti akka dhufu gaafadhu. Gareelee hunda keessaa nama waan garee xixiqqaan mari’atan hirmaattota waliigalaaf ibsu gaafadhu. 6. Marii garee Guddaa mijeessi. Maricharratti gaaffilee kanneen gaafadhu:7. ‘Tapha yaadachiiftuu nyaata Haadholee taphachuu jaallattanii?8. Meenuu Mootii Kanniisaa guyyaa kanaaf ta’u qopheessuurratti wanti salphaa ta’e maal ture?”

a. “Meenuu Mootii Kanniisaa guyyaa kanaaf ta’u yeroo qopheessitan rakkooleen muraasni garee keessan quunname maali?”

b. “Meenuu Mootii Kanniisaaf guyyaa guyyaan barbaachisu yeroo qopheessitan filannoo dhuga-qabeessa ta’e murteessuuf akka dandeessan, grsi miseensota garee keenyaarraa arganne maali?”

c. Rakkoolee MHG irratti deebisuu hindandeenye kamiiyyuu BARReeSSI. d. Hoogganaa kee sitti dhiyoo jiru waliin dubbachuun walgahii itti aanuurratti akka fiddu hirmaattotatti himi.

9. Maricha xumuruudhaaf QABXIILEE XUMURAA KANNEEN DHIHEESSI:10. “Mootiin Kanniisaa guyyaa hunda nyaata baay’ee fi nyaatawwan ABBAA URJII dabalanii nyaachuun barbaachisaadha.

Geemiin kunis meenuu haadholee ulfaafi hoosisaniif guyyaa guyyaan varbaachisu akkamitti akka karoorsinu shaakaluuf nu gargaara.” “Mootiiwwan Kanniisaa yeroo ulfaa nyaata akaakuuwwan adda addaa karoorfachuufi nyaachuuf gargaarsa abbootii warraa fi miseensota maatii isaanii barbaadu.” “Nyaatawwan ABBAA URJII mana yoo hinjiraanne, Mootiiwwan Kanniisaa nyaatawwan ABBAA URJII kana manatti omishuufi horsiisuuf yookan bituuf deeggarsa abbootii warraa

isaanii barbaadu.”

Gulantaa 6: Mari’achuu fi waliin murteessuu-Taphoota qooda fudhannaa

AKKANA JEDHI: “Itti aansuudhaan Mootiiwwan Kanniisaa keenya nyaata dabalataa akka nyaatan karaa gargaaruu dandeenyu akkamitti abbootii warraa fi maatiiwwan waliin akka mari’annu shaakalla.1. “Mootiiwwan Kanniisaa fi ijoolleen isanii nyaata bay’ee akka nyaatan, sirriitti akka boqatanii fi nyaatawwan ABBAA URJII akka nyaatan karaa gargaaruu dandeenyu maatiiwwan keenya waliin akkamitti

akka mari’annu shaakaluuf garee xixiqqaan tapha muraasa hojjenna. Jalqaba garuu, garee guddaan dafnee tapha tokko hojjenna.”2. Gareetti kaardota tapha HARREE, LEENCAA fi DAMMAAFI BISHAANII akkasumas kaardota kana akkamitti akka morma isaaniitti keewwatan agarsiisi. Kana ibsiif:

LEENCI: baay’ee dheekkamaa; garmalee iyya. LEENCI waan namni biraa yaaduuf yookan dubbatuuf dhimma hinqabu. LEENCI MOOTII ta’uu waan barbaaduuf, yaada ykn ilaalcha namoota biraa

Page 7: JI’OOTTAN ULFAA GARA BOODARRAA (SANYII GARA BOODARRAA)

MARI’ACHUUFI WALIIN MURTeeSSUU

Page 8: JI’OOTTAN ULFAA GARA BOODARRAA (SANYII GARA BOODARRAA)

dhaggeeffachuuf obsa hinqabu. Namoonni waa’ee Mootiiwwan Kanniisaa yaada haaraa dhagahuuf obsa hinqabneefi falmuu yookan iyyuu barbaadan akka amala LEENCAATI. Kanamalees, namoonni waa’ee sirna nyaataa Mootii Kanniisaa odeeffannoo gaarii osoo qabanii marii tokko malee amala haaraa manatti hojiirra oolchuu barbaadan akka LEENCAA ti.

HARREEN: baay’ee ofgataadha. Kan amala HARREE qabu waan kaaniif dhimma hinqabu. HARREEN yaadaafi ilaalcha isaa hinqoodu. Wanti fedhe yoo uumame dogoggorallee ta’u osuma beekuu akkuma jirutti fudhata. Namoonni waa’ee sirna nyaataa Mootii Kanniisaa baratanii, galanii maatiiwwan isaanii waliin irratti hin mari’anne yykan waan beekan tokko nama biroof hindabarsine akka amala HARREE ti.

DAMMII fi BISHAAN: ulfinaa fi kabaja ofii qabu. DAMMII fi BISHAAN iddoo namni hundi yaada waljijjiiruuf carraa qabutti yaada qaban nama biraaf qooduufi waliin mari’achuu jaallatu. DAMMII fi BISHAAN obsaa qabu; tasgabbaa’oodha. Kanamalees, yoo haasa’an ofitti amanummaan dubbatu malee haala dheekkamsa of keessaa qabuun miti. Sababa kanaan, namni hundi isaa yookan ishee dinqisiifata. Namoonni waa’ee sirna nyaataa Mootii Kanniisaa baratan, yaada haaraa argatan galanii maatiiwwan isaanii waliin irratti mari’ataniifi shaakalan akka DAMMII fi BISHAANII ti.

3. Namoonni sadi fedhiidhaan ka’anii garee guddichaa fuuldura akka dhaabbatan gaafadhu. Kaardii morma namoota sadeenitti fannisi:

Kaardii LEENCAA morma namicha jalqabaatti fannisiiti akka LEENCAA ta’ee yookan taatee akka taphattu/ttu itti himi. Kaardii HARREE morma namicha jalqabaatti fannisiiti akka HARREE ta’ee yookan taatee akka taphattu/ttu itti himi. Kaardii DAMMII fi BISHAAN morma namicha jalqabaatti fannisiiti akka DAMMII fi BISHAAN ta’ee yookan taatee akka taphattu/ttu itti himi Tapha qooda fudhannaa yeroo miseensota garee waliin qindeessitan, mata duree armaan gadii irratti xiyyeeffannoon irratt akka mari’atan taasisi Dubartoonni ulfaa guyyaa guyyaan nyaatawwan abbaa URGII baay’inaan akka argataniif maal gochuu akka qaban.

4. Namoota fedhiin ka’an sadeen keessaa, kan JALQABAA qooda isaa/ishee qabatee/ qabattee akka LEENCAA ta’ee/taatee hima kana akka jedhu/jettu GAAFADHU (baay’ee dheekkamaa/tuu, baay’ee obsa hinqabnee, iyyaa/iyyituu)

Namoota fedhiin ka’an sadeen keessaa, kan LAMMATAA qooda isaa/ishee qabatee/ qabattee akka HARREE ta’ee/taatee hima kana akka jedhu/jettu GAAFADHU (baay’ee ofgataa/ofgattuu, baay’ee callisa/callistuu, dhimma hinqabnee): “Yaa haadha warraa(jaartii) koo/ abbaa warraa(jaarsa)koo/yaa intala koo mee karaa ani/ati nyaatawwan ABBAA URJII dabalataa argattee guyyaa guyyaan nyaachuu dandeessu haa mari’annu.”

5. Namoota fedhiin ka’an sadeen keessaa, kan SADAFFAAN qooda isaa/ishee qabatee/ qabattee akka DAMMAA fi BISHAANII ta’ee/taatee hima kana akka jedhu/jettu GAAFADHU (ofitti amanaa/tu, gara laafessaa fi nam-kunuunsaa, kan namni hundi dinqisiifatu).

6. Itti aansuudhaan Miseensonni garee GUDDICHAA waan arganiifi dhagahan akka ibsan GAAFADHU. Kanamalees, kanneen itti aanan kana gaafadhu:

Namoonni sadeen gaheewwan fudhatan sirriitti taphataniiruul? Tooftaalee koominikeeshinii sadeen kana keessaa kan namoota beektan yookan mariiwwan kanaan dura taasistan isin yaadachiise jiraa? Tooftaa koominikeeshinii isa kami: LEENCA, HARREE, DAMMAA fi BISHAAN keessaa kamitu abbaa warraa/haadha warraa fi maatiiwwan keenya waliin akka mari’annuufi furmaata

barbaadnu nu onnachiisuuf baay’ee bu’a qabeessa ta’uu danda’u?7. Odeeffannoo haaraa walagahii kanarratti baranne gallee maatiiwwan keenya waliin irratti mari’achuuf, tooftaan koominikeeshinii DAMMAA fi BISHAANII dandeettii gaarii horachuu qabnuudha jechuun

ibsiif8. Itti aansuudhaan garee xiqqaadhaan walgeenyee akka DAMMAA fi BISHAANII ta’uu shaakalla jedhii itti himi. Hirmaattonni garelee xixxiqqaa namoota 4-5 qabuun akka gurmaa’an gaafadhu.9. KAARDOTA TAPHAA ABBAA WARRAA, HAADHA WARRAA fi AKKOOWWANII BAASIITI gareef tokko tokko kenni. Tapha kana yeroo tokko namni lama qofti akka taphataniifi miseensonni

garee kanneen biroo immoo taa’anii kan daawwatan ta’uu isaanii itti himi. Daqiiqaa 5 booda taphichi akka xumuramuufi namoonni taa’anii daawwachaa turan namoota lamaaniif yaada/duub-deebii akka kennan ibsiif.

10. Yeroo tokkotti namoonni lama kaardota beeyiladaa/bineeyyii fi kan namaa erga tokko keewwatanii taphatu- fakkeenyaaf namni tookko kaardii ABBAA WARRAA fi kaardii LEENCAA yammuu keewwatu, kan biraa immoo kaardii HAADHA WARRAA fi kaardii DAMMAA fi BISHAANII erga tokko keewwata /keewwatti.

Gareelee xixiqqaan qooda miseensota maatii yammuu taphatan, tooftaa koominikeeshinii DAMMAA fi BISHAANII dubbachuu shaakaluu akka qaban itti himi: ofitti amantaadhaan dubbachuuf, obsa qabaachuu fi gara laafummaan namoota biroo dhaggeeffachuuf waan danda’an hunda gochuu akka qaban itti himi.

Page 9: JI’OOTTAN ULFAA GARA BOODARRAA (SANYII GARA BOODARRAA)
Page 10: JI’OOTTAN ULFAA GARA BOODARRAA (SANYII GARA BOODARRAA)

11. Gareelee gargaaruuf keessa naanna’i. Taphoota tokko tokko daawwadhuuti duub-deebi kennamu dhaggeeffadhu. Gareeleen bashannanaatii dandeettiiwwan marii kana akka shaakalan gargaari. Dandeettiiwwan kun galanii maatiiwwan isaanii waliin itti fayyadamuudhaaf akka isaan gargaaran yaadachiisi.

12. DAQIIQAA 10 BOOD A, akka dabaree walgeeddaraniifi namoonni haaraan akka taphatan gaafadhu.

AKKANA JEDHIIN: “Taphni kun baay’ee kan barbaachisuuf, namni hundi Mootiin kanniisaa isaanii nyaata baay’ee akka nyaattu, nyaatawwan ABBAA URJII akka nyaattu, Asidii Aayiren Fooleetii galgala akka fudhattu fi akka sirriitti boqachuu dandeessu maatiiwwan isaanii waliin mari’achuu akka shaakaniif ta’uu isaa hindagatinaa.”

13. NAMNI HUNDI CARRAA ARGATEE ERGA TAPHATEEN BOODA, garee guddichaan akka walgahan afeeri. Gareelee xixiqqaa hunda keessaa namoota fedhiidhaan muuxannoo taphachicharraa argame qoodan gaafadhu:

“Tapha qooda-fudhannaa kanarraa maal baranne?” “Dandeettiiwwan tooftaa koomunikeeshiinii DAMMAA fi BISHAANII keenya fooyyeessuuf gorsa nu gargaaran maal maal miseensota garee keenyaarraa arganne?” “Mootiiwwan kanniisaa keenya jabeenya argachuuf akka nyaatan, AAF akka fudhatan, sirriitti akka boqataniifi nagaan ofkaluuf akka qophaa’an gargaaruuf maatii keenya waliin

mari’achuudhaaf qophoofneerra jennee yaadnaa?14. Marii Garee guddaa mijeessi. Rakkoolee MHF irratti ofii kee deebisuu hundandeenye hunda barreessi. Suupparvaayizara kee gaafattee gorsa argattu walgahii itti aanurrattii akka fidduuf itti himi.

Gulantaa 7: Meeshaaleefi Hojiilee manatti fudhatanii galan1. Poostara bal’ina akaakuu nyaataa haadholee manatti fudhatanii galanii (the Take-home Maternal Diet Diversity wall poster) raabsiiti poostarichi wantoota itti aanan kanneen kan nu yaadchiisu jechuun

ibsiif:

Mootiiwwan Kanniisaa guyyaatti yoo xiqqaate nyaata abbaa urjii-3 tokko nyaachuufi nyaata abbaa urjii-2 tokko immoo nyaata nyaatan hundatti makuu qabu Mootiiwwan kanniisaa tursiistuuwwan nyaachuun, yeroo maatiin isaanii nyaatan nyaata sirriitti nyaachuufi yeroo nyaata bilcheessan haalan dhamdhamuudhaan, baay’ina nyaatawwan

guyyaatti nyaatanii dabaluu qabu. Miseensonni maatii Mootiin kanniisaa sirriitti akka nyaata nyaattu jajjabeessuu qabu. Maatiiwwan hojiilee gargaaruudhaan sirriitti akka boqataniifi nyaatan gahee isaanii bahuu qabu.

2. Miseensonni gareelee Poostara bal’ina akaakuu nyaataa haadholee, abbaa warraa/haadha warraa fi maatiiwwan isaanitti akka agarsiisaniifi nyaata Mootiiwwan kanniisaa fooyyeessuufi dahumsaaf akka qophaa’an karaa gargaaruu danda’an maatiiwwan waliin akka mari’atan gaafadhu. Poostaricha manatti keenyaatti akka fannisanillee itti himi.

3. mKaardiilee muuxannoo wabii kunneen raabsiifii:4. Dubartiin ulfaa yeroo isheen tursiistuu nyaattu

Guyyaa guyyaan nyaatawwan abbaa URJII 3 fi abbaa URJII 2 “lamaaf nan nyaadha”. Gargaarsa abbaa warraa “ Yeroo hunda qoraan guuruu fi bishaan waraabuun haadha warraa keenya ni gargaarra:”

5. Sagantaa marii keenya har’aa keessatti abbaa warraa/haadha warraa keenya waliin akkamitti akka Dammaa fi Bishaanii/Weennii waliin mari’annu shaakalleerra. Walii wajjin haasa’uu akkasii kana har’aa jalqabnee maatiiwwan keenya dhimma nyaata dubartoota ulfaa madaaluu waliin wal qabatee marii taasifnu keessatti abbaa warraa/haadha warraa fi maatiiiwwan keenya keessatti hojjiirra ni oolchina.

6. Meeqan keessantu kanneen itti aanan Kutaa marii itti aanutti meeshalee kanneen maatii keessanitti kan agarsiistanii fi kan mnariisistan. Mee harka keessan kaasaa.

Meeqan keessantu Poostara soorata madaalamee haadholii agarsiistu Meeqan keessantu Kaardiilee muuxannoo wabii lamaan kan agarsiistan

7. Namni meeqa harka isaanii akka kaasan yaadannoo keetti yookan uunkaa gabaasaa kee irratti galmeessi

Gulantaa 8: Cufiinsa1. Walgahiin itti aany yoom akka ta’e nama hunda yaadachiisi.

Akkas jedhaa: “Turtii miidhagaa waliin taasifneeg baay’een isin galateweffadha