isin keessa mallattoo jira, itti hin xinxallitanii? file4 seensa rabbii uumama namaa biyyee irraa...
TRANSCRIPT
1
Isin keessa Mallattoo jira, itti hin xinxallitanii?
Qophii: Sammubani.com
2
Qabiyyee Boqonnaa 1 ......................................................................................................................... 5
Isin Keessa Mallatootu Jira ................................................................................................. 5
Marsaalee Uumama Namaa ........................................................................................... 10
Marsaa 1ffaa-Nuxfaa .................................................................................................... 12
Hiika Nuxfaa .................................................................................................................. 16
Marsa Nuxfaa-kutaa 2ffaa............................................................................................ 20
Xinxallii ...................................................................................................................... 25
Marsaa Alaqah ................................................................................................................ 30
Hiika Alaqah ................................................................................................................ 30
Xinxallii .................................................................................................................... 35
Marsa Mudgah ................................................................................................................ 39
Hiika Mudghah ........................................................................................................... 39
Alaqah irraa gara Mudghah Ce’u ................................................................................. 40
Marsaa 4ffaa Uumama Namaa: Lafee fi foon Uwwisuu ............................................. 49
Uumama Lafee .............................................................................................................. 50
Lafee Foon Uwwisuu .................................................................................................... 52
Marsaa Uumama Namaa 5ffaa: Nasha’ah-The Fetal Period ...................................... 57
Boqonnaa 2 ....................................................................................................................... 65
UUMAMA NAMAATTI XINXALLUU-KUTAA 1 ................................................. 65
Akkamitti gara Rabbii (Subhaanahu wa ta’aalaa) Dhiyaatan? .............................. 65
UUMAMA NAMAATTI XINXALLUU-KUTAA 2 FI 3 ........................................ 72
UUMAMA NAMAATTI XINXALLUU-KUTAA 4 ................................................. 83
UUMAMA NAMAATTI XINXALLUU-KUTAA 5 ................................................. 88
UUMAMA NAMAATTI XINXALLU-KUTAA 6 .................................................... 96
UUMAMA NAMAATTI XINXALLU-KUTAA 7 .................................................. 103
3
4
Seensa
Rabbii uumama namaa biyyee irraa jalqabeef galanni haa galu. Ergasii sanyii
namaa bishaan dadhabaa irraa uumuun horteen isaanii akka itti fufuu taasise.
Dhiiraa fi dhalaa taasisuun uumama namaatiif sababa akka ta’an godhe. Garuu kan
uumuu, suuraa namaa sirreessu fi baraachessu Rabbii Tokkicha fakkaataa fi
hiriyyaa hin qabneedha. Uumamni nama uumama ajaa’iba Tokkichummaa,
Dandeetti, beekumsaa fi Ogummaa Rabbii olta’aa agarsiisuudha. Namni uumama
xiqqaa wanti baay’een isa keessa jiruudha. Saayintistoonni uumama kana
qorachuun guutumaan guututti beeku hin dandeenye. Wanti isaan hanga ammaa
beekan wanta xiqqoodha malee wanta guutuu ta’ee miti. Saayintistoonni uumama
namaa kana qoratanis, ijaarsi namaa kuni wanta ofiin of ijaaruu fi tasa ta’uu osoo
hin ta’in duubaan Humni Guddaan isa ijaaru akka jiru ni amanu. Hundema wanti
akkanatti xaxamaa ta’ee fi tartiiba isaa qabate gonkumaan ofiin of ijaaru hin
danda’u. Kanaafu, kuni hundi gara Rabbii olta’aa akeeku. Walaleessaan Arabaa ni
jedha:
Ajiiiib! Gabbaramaan akkamitti faallefamaa?
Yookiin namni Isatti amanu diduu akkamitti itti amanu didaa?
Wanta hunda keessa mallattoo Isaatu jira
Tokkicha ta’uu kan agarsiisuu
Kana jechuun wantoota hunda keessa mallatooleen Rabbiin olta’aan Tokkicha
ta’uu agarsiisan ni jiru. Kanaafu, namni akkamitti Rabiin faallessaa? Yookiin
akkamitti Isatti amanuu didaa? Namni mallatoolee kanniniitti yoo xinxalle, Rabbii
isaa beekun itti amana. Ergasii Isaaf ajajamuun jireenya gammachuu gaggeessa.
Asi gadiitti barruulee waa’ee uumama namaa sammubani.com irratti barraa’an
walitti qabamuun haala kitaabatiin dhiyeefamanii jiru.
5
Boqonnaa 1
Isin Keessa Mallatootu Jira
Alhamdulillah. Yeroo darbe waa’ee iimaanaa ilaalaa turreerra. Marsaa kana
keessatti kan ilaallu Gooftummaa (Rububiyyah) fi Tokkichummaan gabbaramuu
(Uluuhiyyah) Rabbiiti. Iimaanni qalbii keessatti hidda yoo qabate namni qajeelee
dachii keessa adeema. Hundee iimaanaa keessaa inni guddaa fi jalqabaa qalbii
keessatti lafa qabatuu qabu, Rabbii olta’aatti amanuudha. Hojiiwwan gaggaarin
namni hojjatuu fi hundeewwan iimaanaa biroo Rabbiitti amanuu irratti kan
hundaa’aniidha. Namni yoo Rabbitti hin amaniin hojii gaggaarii hanga fedhe yoo
hojjate, suni bu’aa homaatu isaaf hin buusu.
Rabbitti amanuuf tooftaalee lama fayyadamna: 1ffaa- Kitaaba Inni buuse qo'achuu
fi qorachuu. 2ffaa- wantoota Inni uumee itti xinxalluuni. Kanniin lamaan walitti
fiduun Gooftummaa fi Tokkichummaa Rabbiitti akka amanan nama taasisa.
Kanaafi, Qur’aana keessatti irra deddeebi’uun uumama samii, dachii fi wantoota
isaan lamaan jidduu jiru kaasa. Uumamtoota kanniin keessaa kan Rabbiin
(Subhaanahu wa ta’aala) irra deddeebi’e kaase keessaa uumama ilma namaati.
Uumamni ilma namaa uumama ajaa’ibaa gara Dandeetti Rabbii akeekudha. Garuu
namoonni baay’een uumama ofiitiitti hin xinxallan. Kanaafi, Rabbiin Olta’aan
akkana jechuun isaan waqqasa:
“Namni abaarrame! Sila maaltu isa kafarsiisee?
[Rabbiin] waan akkamii irraa isa uumee?[hin xinxalluu?] ” Suuratu Abasa
80:17-18
Kanaafu, namni uumama ofii itti xinxalluun Rabbii isa uumeetti amanuu fi adabbii
badaa jalaa bahuu danda’a. Garuu uumama ofii irraa garagalee fi Rabbitti kafaree
fedhima lubbuu jala yoo fiige, dhumtii isaa garmalee badaadha. Sababni isaas,
wanti Rabbii Tokkichatti nama kafarsiisu tokkollee hin jiru. Mallattooleen
6
lakkoofsa hin qabne gara Rabbii olta’aa akeekan isaa fi addunyaa guutuu keessa
jiru. Rabbiin ni jedha:
“Dachii keessas warroota dhugaan amananiif mallatooleetu jira. Akkasumas,
lubbuu keessan keessas, sila hin argitanuu?” Suuratu az-Zaariyaat 51:20-21
Dachii fi wantoonni dachii keessa jiran Guddinnaa, Dandeetti fi Tokkichummaa
Khaaliqaa agarsiisu. Wantoonni kunniin hundii sirnaa fi tartiiba ofii eeggatan tasa
ykn ofiin kan argamanii miiti. Khaaliqa wantoota kanniin argamsiisetu jira.
Ammas, mallatoolee baay’etu nama keessa jira. Seeli xiqqoo irraa jalqabamee
hanga qaama guutuu gahuutti tartiiba kan qabanii fi hojii mataa isaanii kan
hojjataniidha. Eenyutu kutaalee qaamaa kanniin tartiibaa qabsiisee? Ofiin of
qabsisuu danda’uu?
Uumama keenyatti xinxalluun dura ka'uumsi ilma namaa eessarraa akka ta’e ilaalun
barbaachisaadha. Kana beekuuf ragaa dhugaa nu barbaachisa. Tiyoori irratti
hundaa’un ilmi namaa dachii irratti akkanatti jalqabee jechuu hin dandeenyu.
Tiyoori jechuun yaada tilmaamaa namni tokko lafa kaa’udha. Yaanni tilmaamaa
kuni takkaa dhugaa ta’uu danda’a takkaa immoo kijiba ta’uu danda’a. Kanaafu,
wanti nama shakkisuus akka ragaatti hin dhiyeefamu. Kanaafu, ka’uumsa ilma
namaa ilaalchisee akka ragaatti kan dhiyeessun yaada ilma namaa osoo hin ta’in
Kitaaba Rabbiiti. Sababni isaas, namoonni wanta darbee guutumaan guututti hin
beekan. Rabbiin immoo wanta hundaa kan beekudha. Ammas, namoonni wanta
darbee guutuu galmeessanii harkaa hin qaban. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa
Kitaaba buuse keessatti uumama ilma namaa jalqabaa fi dhaloota achi booda
dhufan muraasa kaase jira. Kanaafu, ragaan amansiisaa fi dhugaan Kitaaba Rabbiin
buuse jechuudha. Kanaan alatti ragaa tokko malee, “Ilmi namaa dachii irratti
akkanatti jalqabee. Ilmi namaa jalqabaa akkana ture.” Jedhanii odeessun sammuu
namaatti taphachuu fi namoota dhamaasu malee bu’aa homaatu hin qabu.
Amantiwwan Islaamaa, Kiristaanaa fi Yahuudaa namni jalqaba uumame Aadamin
akka ta’e irratti wali galuu. Kuni dhugaa hin jijjiramne kitaabban samii bu’an
keessatti dhufeedha. Akkasumas, aqliidhaan (sammuudhaan) wanta ta’uu
7
qabuudha. Akkuma beeknu, wanti tokko yeroo jalqabaatiif yommuu argamu, firee
tokkichatu oomishama. Ergasii fedhi namootaa fi haala gabaaya irratti hundaa’e
baay’ifamee oomishama.
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ilmaan namaa guutuu osoo fedhe altokkotti uumuu
danda’a. Garuu Inni kana hin feene. Kana irra, jalqaba nama tokko uumuun ergasi
niiti nama kanaa uumuun suuta suutaan isaan lamaan irraa namoota baay'ee dachii
keessa facaase. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa akkana jedha:
“[Rabbiin] wanta uumee hundaa kan tolchee fi uumama namaas suphee irraa
kan jalqabeedha. Ergasii sanyii isaa bishaan dadhabaa baafamee irraa
godhe.” Suuratu As-Sajdah 32:7-8
Aaya tana keessatti uumamni namaa akkamitti akka jalqabamee nutti hima. Rabbiin
subhaanahu wa ta’aala nama jalqabaa Aadamiin (Aleeyh salaam) suphee irraa
uumee. Suphee jechuun makaa biyyee fi bishaaniti. Ergasii, sanyii Nabii Aadam
bishaan dadhabaa irraa uumee. Bishaan kunis maniyyi (dhangala’oo saalaa) dhiiraa
fi dubartiiti. Haala kanaan namoonni Aadam irraa jalqabuun addunyaa irratti
faca’uu fi wal horuu itti fufan. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
8
“Yaa namootaa! Gooftaa keessan Kan lubbuu takka irraa isin uume, ishii
(lubbuu takkatti san) irraa cimdii ishee uumee fi isaan lamaan irraas dhiirotaa
fi dubartoota baay’ee facaase sodaadha.” Suuratu An-Nisaa 4:1
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa jalqaba Nabii Aadamiin ni uume. Ergasii isarraa
niiti isaa Hawwaa ni uume. Isaan lamaan irraa dhiirotaa fi dubartoota baay’ee dachii
keessa facaase. Kunis galma kan gahe sababa fuudhaa heerumaatini. Kanaafu,
wanta Inni itti ajaju hojjachuu fi wanta Inni irraa dhoowwu dhiisun Rabbii kana
hunda hojjate sodaadhaa!
Kanaan alaatti “jireenyi ilma namaa dachii irratti akkanatti” jalqabamte, ykn ilmi
namaa tasa argame jedhanii odeessun wanta sammuun namaa fudhatu miti. Wanti
kitaaba barataa Bayloojii keessatti, “Jireenyi lubbu-qabeenyi dachii irratti kan
jalqabde evolushiniin, spontaneous generation fi kan birootiin” jedhanii odeessan
wanta ragaa hin qabnee fi karaa Rabbii irraa nama deebisuudha. Tiyoori kanniin
kan lafa kaa’e filoosofota dhama’anii fi waa’ee Uumaa isaanii homaa hin
beeknedha. Fakkeenyaf, Daarwin “Ilmi namni jaldeessa irra sirna tirannaatiin
(evolushiniitiin) nama ta’e” jedha. Tiyoorin kuni tiyoori kijibaa fi ragaa kan hin
qabne ta'uu mirkaneefamee jira. Kanaafu, namni filoosofii jaamaa kanarraa of eegu
qaba. Filoosofonnii kunniin sammuu isaanii kamiin jireenyi dachii irratti akkamitti
akka jalqabamee hubachuu danda’uu?
Yaada filoosofii irraa akka fagaatan kan nama taasisu biraa, yaanni isaanii kan
walitti hin dhufne fi kan wal faallessudha. Mata-duree tokko irratti walii hin galan.
Yaada wal dhayaa dhiyeessu. Ammas, yaanni isaanii guyyaa guyyaan ni jijjirama.
Wanti isaan har’a akka dhugaatti fudhatan, boru soba ta’a. Garuu kitaaba Rabbiin
buuse keessa wal faallessu fi jijjiramni wanti jedhamu hin jiru. Yeroo hundaa haqa
hin jijjiramneedha. Wanti Kitaabni kuni dhiyeesus wanta sammuu fi uumama
namaa waliin deemudha. Rabbiin Olta'aan ni jedha:
9
“Sobni fuundura isaatiis ta’ee duuba isaatiin itti hin dhufu. Rabbii Ogeessa
Faarfamaa ta’e irraa buufame.” Suuratu Fussilat 41:42
Qur’aanatti duraa duuban sobni wanti jedhamu itti hin dhufu. Kana jechuun
beekumsa namaaf dhiyeessu keessatti sobni itti hin dhufu. Seerotaa fi murtoowwan
kaa’e keessatti sobni itti hin dhufu. Seenaa durii irraa wanta beeksisu keessatti sobni
wanti jedhamu itti hin dhufu. Seenan ummata durii Qur’aanni beeksisu hundi
dhugaadha. Wanta gara fuunduraatti uumamu irraa odeefannoon Qur’aanni
beeksisu hundii dhugaadha. Sobni wanta jedhamu itti hin dhufu. Sababni isaas
Qur’aanni Rabbii waan hundaa beeku irraa waan bu’eefi.
“Buufamuun Kitaabichaa (Qur’aanaa) Rabbii Injifataa, Beekaa ta’e
irraayyi.” Suuratu Ghaafir 40:2
10
Marsaalee Uumama Namaa
Dhalli namaa jireenya keessatti gammachuu guutuu argachuuf halkanii guyyaa
battisa. Namni gammachuu barbaadu kana argachuuf gaafilee sadii of gaafachuun
deebii argachuuf ni carraaqa. Takkaa gaafiwwan kanniin deebii gahaa argachuun
gammachuu fi tasgabbiin jiraata, takkaa gaafiwwan kanniin guutumaan guututti
sammuu keessaa darbuun haaluma jireenyi isaaf taatetti jiraata. Takkaa immoo
gaafilee kanniin deddeebise of gaafachun dhiphinnaa fi dhama’iinsaan jiraata.
Gaafileen kunniin:
1ffaa-Ani duraan dachii tanarra hin turre. Kanaafu, eenyutu dhabamarraa na
argamsiisee ykn na uumee?
2ffaa- Kaayyoon itti uumameef maalii? (Maaliif uumamee?)
3ffaa- Erga du’ee gahuumsi kiyya eessaa?
Dhugumatti gaafiwwan sadan kanniiniif deebii gahaa fi quubsaa argachuun
gammachuu fi tasgabbiin jiraachuudha. Sababni isaas, gaafiwwan sadan kunniin
ka’uumsa, gahuumsaa fi adeemsa ka’uumsa fi gahuumsa jidduu jiru murteessu.
“Eessarraa kaatee eessa deemaa jirtaa? Ka’uumsa fi gahuumsa kee jidduu maalii fi
akkamitti jiraattaa?” jechuun gaafii namaaf dhiyeessa. Dhugumatti gaafiwwan
kanniinif deebii gahaa argachuu fi ergasii deebii saniif buluun hangam dhiphinnaa
fi dhama’iinsa keessaa akka nama baasu mee itti yaadaa!
Nuti ilmaan namaa hanga addunyaa tana keessa jiraannu wal gargaarun dukkanaa
fi dhiphinna keessaa wal baasun dirqama nurra jiruudha. Kanaafu, madda sirriitti
fayyadamuun gaafiwwan sadan kanaaf deebii gahaa argachuuf ni carraaqna.
Tarkaanfi tarkaanfin hunda isaanitu ni ilaalla. Gaafi tokkoffaa irraa yommuu kaanu,
“Eenyutu na argamsiisee ykn na uumee?”
Gaafi kana deebisuuf wanta irraa uumamne tokkoon tokkoo fi tarkaanfi tarkaanfin
ilaalu qabna. Qur’aanni eenyu akka nu uumee jechoota muraasan akkana jechuun
deebii nuuf deebisa. Ergasii wantoota irraa uumamne tokko tokkoon nuuf ibsa.
11
“Inni Kan gadaameessa keessatti akka fedhetti isin bocuudha. Haqaan
gabbaramaan Isa malee hin jiru. Inni Injifataa Ogeessa.” Suuratu Aali-Imraan
3:6
Kana jechuun gadaamessa haadhaa keessatti suuraa fedhe irratti kan isin uumu
Rabbiidha. Isa malee kan isin uumuu hin jiru. Ofiin of uumuu hin dandeessan ykn
namoonni biroo isin uumuu hin danda’an. Rabbii olta’aa qofatu suuraa fedhe irratti
nama uuma. Nama garii dheeraa godha, garii immoo gabaaba. Nama garii dhiira,
garii immoo dubara godha. Bifa nama garii diimaa, kan nama garii immoo
gurraacha godha. Kan kana hunda hojjatu, Rabbii olta’aa malee ni jiraa? Kanaafi
itti aanse, “Haqaan gabbaramaan Isa malee hin jiru. Inni Injifataa Ogeessa.” jedha.
Suuraa fi boca fedhe irratti kan nama uumuu Rabbiin malee kan hin jirre yoo ta’e,
kan haqaan gabbaramuu qabu Isa malee hin jiruu jechuudha. Inni Injifataa Ogeessa.
Wanta hundaa kan Injifatuu fi hundaa ol kan ta’edha. Wanta hundaa yommuu
hojjatu ogummaan hojjata. Mee uumama namaa haa ilaallu. Uumamni namaa
uumama nama ajaa’ibu Tokkichummaa, Injifannoo fi ogummaa Rabbii olta’aa
agarsiisuudha. Akkamitti copha bishaanii irra uumuun nama guutuu akka taasisu
Injifannoo fi Ogummaa Isaa agarsiisa. Mee haa ilaallu akkamitti sadarkaan
sadarkaa ilma namaa akka uumu:
“Dhugumatti, Nuti nama cuunfaa dhoqqee irraa ta’e irraa uumne. Sana booda
iddoo tasgabbaa’aa fi eeggamaa (gadaamessa) keessatti copha bishaan saalaa
isa taasifne. Sana booda bishaan saalaa alaqah (dhiiga ititaa) taasifne; ergasii
12
dhiiga ititaa mudghah (wanta alanfame yookiin muraa foonii) taasifne; ergasii
mudghah lafee taasifne; ergasii lafees foon itti uwwisne. Sana booda uumama
biraa [daa’ima] isa goone. Rabbii uumtota hunda caale tolti Isaa baay’atte.”
Suuratu Al-Mu’iminuun 23:12-14
Kanaafu, marsaa uumama namaa bakka jahatti qoodun ni danda’ama: makaa biyyaa
fi bishaanii (dhoqqee) irraa nama jalqabaa uumu, ergasii sanyii isaa copha bishaan
saalaa irraa uumuu. Ergasii copha kana irraa alaqah (dhiiga ititaa) uumuu, ergasii
mudghaa (wanta alanfame) uumuu, ergasii lafee uumuu fi foon uwwisuu.
Dhumarratti uumama biraa haarawa taasisu.
Makaa biyyee fi bishaanii irraa nama jalqabaa Aadamiin (aleeyh salaam) uumuu
yeroo darbee ilaalle turre. Kanaafu, beekkamaa waan ta’eef lamuu irra hin deebinu.
Amma qorannoo fi qo’annoon keenya marsaalee namni haadhaa fi abbaa irraa itti
uumamu ilaalla.
Marsaa 1ffaa-Nuxfaa
Mata duree kanatti seenun dura, seeli, Kiroomozomi, DNA, Ispermatozowwaa,
ovam (ovum), zaygooti fi kkf maal akka ta’an haa ilaallu.
Seeli jechuun wanta garmalee xiqqaa qaamni lubbu-qabeenyi irraa ijaarramuudha.
Kana hubachuuf mana bolookettin ijaarrame haa fudhannu. Manni tokko bolooketti
baay’ee irraa ijaarrama. Qaama namaa akka manaatti ilaalu dandeenya. Seeli
immoo akka bolooketitti ilaalu dandeenya. Akkuma bolookettin bishaanii fi
wantoota adda addaa irraa hojjatamu, seelinis bishaanii fi wantoota adda addaa of
keessaa qaba. Seelonni nama keessatti argaman lakkoofsi isaanii biliyoonitti
lakkaawama. Seelonni garmalee xixiqoo waan ta’aniif maaykiroskooppiin malee
ija qullaan arguun hin danda’amu. Seelonni hunduu hojii mataa isaanii danda’e fi
hamma (size) gargaraa qabu. Seelonni of keessa kutaalee adda addaa qabu.
13
Kiroomozom (Chromosome)- jechuun wanta akka jirbii fakkaatu seeli keessatti
argamuu fi odeefannoo dhaalaa (genetic information) haala DNA tin kan of
keessatti qabateedha.
DNA (Deoxyribonucleic Acid) jechuun- meeshaa dhaalaa (Genetic Material) kan
odeefannoo of keessaa qabuu fi kiroomozomi keessatti akka masalaalitti kan wal
qabateedha. Fakkii armaan gadi irraa ilaalun ni danda’ama.
14
Kiroomozomi fi DNA hubachuuf sansalata ujumoo pilaastiki keessa kaa’ame
fudhachuun ni danda’ama. Sansalata yommuu ujumoo keessa keennu akka
meeshaa tokkotti ilaalla. Kanaafu, ujumoo fi sansalata wal keessa seenu akka
Kiroomozomitti ilaalun ni danda’ama. Sansalata ujumoo keessa jiru immoo akka
DNA tti ilaalun ni danda’ama.
Ilmi namaa kiroomozomi 46 qaba. 23 abbaa irraa yommuu dhufan, 23 immoo
haadha irraa dhufu. Kiroomozomonni 44 amala fi boca qaamaa murteessuf gahee
ol’aanaa taphatu. Sababa kanarraa kan ka’e, ilmi abbaa ykn haadha fakkaata.
Kiromoozomonni kunniin odeefannoo dhaalaa (genetic information) abbaa fi
haadha waan qabaniif. Kiroomozomonni lamaan hafan saala namaa murteessuf
gahee taphatu.
Ispermatozowaa (Spermatozoa)- jechuun seeli wal-hormaataa dhiiraati. Dhiirri
umrii saalfannaa yommuu gahuu maniyyii (dhangala’oo saalaa) ni dhangalaasa.
Dhangala’oo adii san keessa seeliwwan Ispermatozowaa jedhamantu jiru.
Seeliiwwan kunniin maaykiroskooppin malee ija qullaan hin mul’atan. Mataan
ispermaatozowaa kiroomozomii of keessaa qaba. Dhangala’oo saalaa dhiirri
dhangalaasu keessa ispermatozowaa miliyoonatti lakkaawamtu jiru. Garuu kanniin
keessaa tokkicha qofatu killee dubartii bilcheessu (fartilaayzeshinii raawwachuu)
danda’a. Fakkii armaan gadii ilaalun ni danda'ama.
15
Seeli hormaata dhiiraa (Ispermaatozowaa). Seelin kuni hanga kana guddata jechuu
osoo hin ta’in akka namni hubatuuf maaykiroskoppiin kan guddifameedha. Fakkiin
gara mirgaatti argamu ispermaatozowaa baay’ee agarsiisa.
Ovam (Ovum)- seeli wal hormaata dubartiiti. Afaan keenyaan puppaa (killee)
jechuuni dandeenya. Dubartoonni yommuu umrii saalfannaa gahan seelii
hormaataa bilchaate (ovam) lakkoofsan muraasa ta’an ni dhangalaasu.
16
Hanga kana waa’ee seeli erga hubanne amma gara mata duree keenyaa haa deebinu.
Hiika Nuxfaa
Akka lugaa Arabiffaatti nuxfaa jechuun bishaan baay’ee xiqqaa ta’e cophaan wal
qixa ta’eedha. Bishaan yommuu birillee (birciqqoo) keessaa dhangala’u, cophni
xixiqaan birciqqoo irratti ni hafa. Copha saniin nuxfaa jennaan[1].
Qur’aanni seelota wal hormaataa dhiiraa fi dubartiif nuxfaa jedhee fayyadamuun
wanta nama ajaa’ibuudha. Dhangala’oon saalaa dhangala’uu hundi wal hormaataaf
hin ta’u. Kana keessaa wal hormaataaf muraasatu ta’a. Fakkeenyaf, dhiirri yommuu
umrii saalfannaa gahuu dhangala'oo adii fi furdaa ta'e ni dhangalaasa. Dhangala’oo
kanaan maniyyii (semen) jennaan. Maniyyii kana irraa filatamuun dhangala’oon
baay’ee xiqqaan (cophni) hormaataaf ta’uu nuxfaa jennaan. Qur’aanni dhugaa kana
haala kanaan ifa godha.
17
“Sila namni akkanumatti dhiifamu yaadaa? Sila inni maniyyii dhangalaafamu
irraa nuxfaa hin turree?” Suuratu Al-Qiyaamaa 75:36-37
Saayinsiin yeroo ammaa nuxfaa kanaan “gamete” jedhaan.[2] Gamete jechuun
seeli wal hormaataa dhiiraa fi dubartiiti. Dhiira keessatti “sperm” yommuu
jedhamu dubartii keessatti immoo “ovum” jedhama.
Kanaafu, nuxfaa "copha bishaan saalaa" jechuuni dandeenya.
Dhangala'oo saalaa kana keessa seeliwwan ijaan hin mul’anne ni jiru. Dhiira
keessatti isparmatozowaa, dubartii keessatti immoo ovum ykn oocyte jedhamu.
Qur’aana keessatti:
“Ergasii sanyii isaa bishaan dadhabaa sulaalah irraa godhe.” Suuratu As-
Sajdah 32:8
18
Kunis Qur’aanni Kalaama (Dubbii) Rabbii olta’a akka ta’e kan agarsiisuudha.
Sulaalah jechuun wanta tokko keessaa wanta filatamee baafamee ykn
luqqifameedha. Fakkeenyaf, lixii keessaa rifeensi ni baafama ykn ni luqqifama.
Dhangala’oon saalaa dhiira keessaa dhangala’e hundi dhangala’oo dubartiitin
walitti hin makamu. Kana irra, dhangala'aa baay'ee xiqqaatu dhangala'aa
dubartiitiin walitti makamuun nama ta'a. Dhangala'oo dhiiraa kana keessa
isparmatozowaa miliyoonatti lakkawamantu jira. Isparmatozowaa kanniin keessaa
isparmatozowaa tokko qofatu killee uruun seena. Isparmatozowaan hafan hundi ni
du’u. Killee dubartii uruun seenu hin danda’an. Kanaafu, isparmatozowaa
miliyoonatti lakkaawaman keessaa isparmatozowaan tokkichi waan filatamee
baafameef sulaalah jechuuni dandeenya[4].
Guduunfaa
☛Gaafiwwan ilmi namaa deebii gahaa barbaadu keessaa tokko "Eenyutu na
argamsiisedha."
☛Namni gaafi kana deebisuuf nama jalqaba uumamee fi wanta irraa uumame
ilaalu qaba.
19
☛Namni dachii tana keessatti mataa ofiitiin argamuu hin danda'u. Kanaafu, Kan
isa argamsiise jiraachu qaba.
☛Ammas, adeemsa wal hormaataa yommuu adeemsiisu, daa'imni dhalatu
gonkumaa ofiin of uumu hin danda'u. Sababni isaas, dhangala'oon saalaa mataa
ofiitiin qajeelun nama ta'uu hin danda'u. Kan dhangala'oo kana qajeelchu fi bakka
isaaf maluu kan qubsiisu jiraachu qaba.
☛Kanaafu, Khaaliqni (Uumaan) kana hunda hojjatu jiraachu qaba.
☛Rabbiin subhaanahu wa ta'aalaa ilma namaa haala nama ajaa'ibsisuun copha
irraa isaan uuma.
☛Dhangala'oon dhiira keessaa bahuu fi dubartii keessaa burqu hundii walitti
makamuun nama hin ta'an. Kana irra, dhangala'oo muraasatu wal qunnama.
Kanaafu, dhangala'oo kanaan copha jechuuni dandeenya
☛Copha saalaa kanaan nuxfaa jennaan.
☛Nuxfaan dhiiraa fi dubartii yommuu walitti makaman zaygooti jedhamu. Kutaa
itti aanutti ni ilaalla.
Kitaabban Wabii al-aqiidatul Islaamiyyatu wa ususuhaa By Abdurahmaan Hasan Madiniyyi, fuula
63
[1] Tafsiirul Aayaatal Kawniyata Fiil Qur'aanil Kariim jiildi 3faa fuula-495-496,
By Zaghluul Najjaar, THE QUR’AAN AND MODERN SCIENCE Dr.Zaakir
Naayik fuula 38
[2] Tafsiirul Aayaatal Kawniyata Fiil Qur'aanil Kariim jiildi 2, fuula158, jiildi 3,
fuula 496
[3] Tafsiirul Aayaatal Kawniyata Fiil Qur'aanil Kariim jiildi 2 fuula 163
[4] Tafsiirul Aayaatal Kawniyata Fiil Qur'aanil Kariim Jiildi 3 fuula 57-62, THE
QUR’AAN AND MODERN SCIENCE Dr.Zaakir Naayik, fuula 39
The Unchallengeable Miracles of the Quran fuula 174,185
Larsen's Human Embryology fuula 34, fifth edition
Biology Student Textbook Grade 11 fuula 122, Federal Democratic Republic of
Ethiopia Ministry of Education
20
Marsa Nuxfaa-kutaa 2ffaa
Alhamdulillahi wa salaamun alaa ibaadihillaziina-sxafaa (Faaruun hundi kan
Rabbiiti. Gabroottan Isaa Inni filate irratti nageenyi haa jiraatu). Uumamni namaa
uumama nama ajaa’ibu Tokkichummaa fi Dandeetti Rabbii olta’aa agarsiisuudha.
Kanaafu, Alhamdulillahi kan ilma namaa copha bishaanii irraa argamsiise. Osoo
ilmaan namaa guutuun walitti qabamanii copha kanarraa homaa uumuu hin
danda’an. Kutaa darbe irraa itti fufuun marsaa uumama namaa ni ilaalla.
Kutaa darbe keessatti nuxfaan maal akka ta’e ilaalle jirra. Nuxfaan copha maniyyii
seeli wal hormaataa of keessaa qabuudha. Maniyyi (semen) jechuun dhangala’oo
ykn bishaan saalaati. Dhangala’oon saalaa dhiira keessaa dhangala’uu fi dubartii
keessa burqu hundi wal qunnamuun nama hin ta’an. Kana irra, copha xiqqootu
walitti makamuun gara namaatti guddata. Copha xiqqaa kanaan nuxfaa jennaan.
Nuxfaan dhiiraa fi nuxfaan dubartii yommuu walitti makamuu zaaygoti jedhama.
Qur’aana keessatti zaaygoti kana “nuxfatun Amshaaj” jechuun ibsa. “Amshaaj”
jechuun wantoota wal makan jechuudha. Kanaafu, nuxfatun amshaaj jechuun
“copha bishaan saalaa walitti makamanii”[1] jechuudha. Rabbiin jalla wa’alaa ni
jedha:
“Dhugumatti, Nuti isa qoruuf jecha nama copha bishaan saalaa walitti
makamaa ta’e irraa uumne. Dhaga’aa fi argaas isa goone.” Suuratu Al-Insaan
76:2
Suuraa (boqonnaa) tana uumamaan dura haala ilma namaa dubbachuun jalqaba.
Ilmi namaa uumamuun dura homaa kan hin turree fi kan hin yaadatamne ture.
Uumamuun dura nama kamtu isa beekaa? Inumaa abbaa fi haatuyyuu isa hin
beekan. Kanaafu, dhabamaa fi kan homaa hin turre irraa kan isa argamsiise eenyuu?
21
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa nama uumuu yommuu barbaadu, Nabii Aadamiin
jalqaba biyyee irraa ni uume. Ergasii sanyii isaa copha bishaan saalaa (nuxfaa) irraa
uume. Kaayyoon ilmi namaa itti uumames Rabbii isa uumee gabbaruun ghaayah
(gahuumsa) tokko akka gahuufi. Kaayyoo guddaa kana gahuuf qormaata isa
barbaachisa. Wanti ilmi namaa itti qoramu, “wanta tokkotti ajajuu, wanta tokko
irraa dhoowwu, wanta gaggaarii, wanta badaa fi kkf” dha.
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ilmi namaa qormaata kana akka darbuuf keessaa
alaan wanta isa barbaachisu kenneef. Wantoota isa barbaachisan keessaa dhageetti,
argituu fi sammuu isaaf uumuudha. Wanta isa fayyadu fi isa miidhu dhageetti,
argituu fi sammuun addaan baafata. Rabbiin kana qofatti isa hin dhiisne.
Ergamtoota ergu fi kitaabban buusun karaan qajeelaan kamiin akka ta’e, karaan
jallataan baditti nama geessu kamiin akka ta’e ni ibseef. Kanaafi, itti aanse akkana
jedha:
“Galateefataa ta’i mormaa ta’i karaa isaaf ibsine.” Suuratu Al-Insaan 76:3
Karaa qajeelaa fi mindaa nama karaa kana hordofee, Ergamtoota erguu fi kitaabban
buusun isaaf ibsine. Ammas, karaa jallataa fi adabbii nama karaa kana hordofee ni
ibsine. Kana booda namoonni bakka lamatti qoodaman. Gosti tokko qananii
Rabbiin isaaf kenne irratti galata galchuun warra karaa qajeelaa hordofeedha. Gosti
lamaffaan immoo warra qananii Rabbii mormee fi hin galateefannedha. Kanaafu,
karaa Rabbii keessaa bahuun karaa jallataa baditti isaan geessu hordofan. Warri
kuni kaafirota jedhamu. Gahuumsa garee lamaan kanaa itti aansun ni dubbata:
22
“Nuti kaafirotaaf sansalata, sakaallawwanii fi ibidda bobo’aa qopheessinee
jirra. Warri gaggaariin (abraar) khamrii (dhugaati) makaan isaa kaafuur ta’e
irraa dhugu.” Suuratu Al-Insaan 76:4-5
Amma gara marsaa uumama keenyaatti deebi’uun qorannoo fi xinxallii keenya itti
haa fufnu. Akkuma haalli uumama keenya ifa nuuf ta’uun iimaanni fi xinxalliin
keenya dabalaa adeemaa miti ree?
Fartilayzeshin (Fertilization)
Fartilayzeshin jechuun adeemsa seelin wal hormaataa dhiiraa fi dubartii walitti
makamaniidha. Akkuma irranatti jenne cophni bishaan saalaa dhiiraa fi dubartii
yommuu walitti makaman zaaygoti ta’u. Zaaygotin kuni sa’aati muraasa keessatti
addaan qoqqoodamu jalqaba. Zaaygotin kuni guyyaa afur keessatti seelota 16-32
tti ni hirama (ni qoqqodama). Seelonni qoqqodaman kunniin walitti qabaan isaanii
Morula jedhamu. Fakkii armaan gadii irraa ilaalun ni danda’ama.[2]
23
Morula hubachuuf hayenan (anjoorrin) wal bira qabuun ni danda’ama. Anjoorrin
tokkichi firii xixxiqoo baay’ee ofirraa qaba. Fakkii armaan gadii irraa ilaalu
dandeessu:
Guyyoota itti aanan keessatti morulan kuni garmalee wal qabatuu fi walitti
miciqamuun akka wanta tokko ta’a. Nuxfaan marsaa kanatti “Blaastasist
(Blastocyst)” jedhama. (Fakkii armaan olii irraa ilaalun ni danda'ama). Ergasii
guyyaa jahaffatti Blaastasistiin kuni gadaamessa haadhaa keessatti lafa qabachuu
jalqaba. Adeemsi kuni “Implantation (Gadi Dhaabu)” jedhama. Nuxfaan (cophni
bishaan saalaa) kuni guyyaa 6-10 keessatti guutumaan guututti gadaamessa haadha
keessatti lafa ni qabata. Ergasii kutaaleen keessaa fi alaa uumamuu fi guddachuu
jalqabu.
24
Akkuma kutaa darbe keessatti jenne nuxfaan copha dhangala’oo saalaati. Cophni
kuni fartilaayzeshinii irraa jalqabe hanga guyyaa kudha afurii boca isaa jijjirachuun
ni tura. Kana booda marsaa Alaqaatu itti fufa. In sha Allah torbaan itti fufna.
25
Xinxallii
Namni marsaa uumama ofii beekee cal’isee kan bira darbu osoo hin ta’in itti
xinxalluu qaba. Qur’aannis kana kan nuuf ibsuuf itti xinxalline jireenya keenya
akka fooyyessinuuf malee qorannoo adda addaa keessatti lixuun akka of
dadhabsiisnufi miti. Xinxalli uumama namaa kana bakka muraasatti qoodun irratti
xinxalluu dandeenya.
1ffaa- Uumamni namaa kuni Tokkichummaa (Wahdaniyyah), Dandeetti
(Qudrah) fi Haqaan gabbaramuu (Uluhiyyah) Rabbii agarsiisa. Namni
yommuu marsaa uumama isaati fi wanta irraa uumame yommuu itti xinxallu,
Khaaliqni Guddaan isaa ol jiru akka isa argamsiise ni hubata. Cophni bishaan
saalaa kuni humna fi sammuu hin qabu. Wanti humnaa fi sammuu hin qabne
immoo Kan isa too’atu fi qajeelchu jiraachu qaba. Kanaafi, Rabbiin olta’aan
akkana jedha:
“Sila Nuti bishaan dadhabaa irraa isin hin uumnee? Bakka mijaa’a keessas
isa goone. Hanga yeroo beekkamaatti. Ni safarres, Nuti safartoota [hunda
caalaa] akkaan tolle. Kijibsiiftotaaf Guyyaa san badiin mirkanaa’e.” Suuratu
Al-Mursalaat 77:20-24
Yaa ilmaan namaa bishaan dadhabaa, xiqqaa fi faaydaa hin qabne irraa isin hin
uumnee? Ergasii copha bishaanii kana hanga yeroo murtaa’atti bakka mijaa’aa fi
eeggamaa hin keenye? Bakki kunis gadaamessa haadhati. Mee haa ilaallu sibila
guyyaa guyyaan itti fayyadamnu. Oomishni sibiilaa marsaa keessa darbu qaba.
Daakun ykn cirrachi sibiilaa lafa keessaa ni baafama. Ergasii marsaa adda addaa
keessa ni darba. Daaku sibiilaa kana hanga dhumaatti kan isa qajeelchu fi too'atu
osoo hin jiraatin sibiila barbaadamu ta'ee bahuu danda'aa?
26
Haaluma kanaan, bishaan dadhabaa fi xiqqaan kuni Kan isa qajeelchu malee ofiin
deemee gadaamessa haadhaa keessa qubachuu danda’aa? Akkuma irranatti ilaalle,
erga gadaamessa keessa qubate booda yeroo isaa eeggatee marsaa tokko irraa gara
marsaa itti aanutti darbuu danda’aa? Eenyutu guyyoota fi ji’oota murteessaf? Yeroo
kana keessatti eenyutu hamma isaa safaraa? Kanaafu, Khaaliqa Guddaatu yeroo
isaa murteessa, hamma isaa safara.
Kanaafi, Rabbiin Guddinna Ofii agarsiisuuf maq-dhaala, “Nuti” jedhu fayyadama.
Rabbii Guddaa malee eenyutu copha bishaanii kanarraa nama uumu danda’aa?
Kanaafu, Rabbii akkanatti safaree fi murteesse ilmi namaa faarsu fi gadi jechuufi
qabu. Namni osoo kana arguu Rabbii fi Guyyaa Qiyaamatti kafaree, dhugumatti
Guyyaa Qiyaamaa badee jira. “Kijibsiiftotaaf Guyyaa san badiin mirkanaa’e.”
Uumama ofii ilaalun salphatti Rabbii fi Guyyaa Qiyaamatti amanuu danda’a.
Copha bishaan saalaa yommuu ilaalu Rabbii olta’aa malee eenyullee isa uumuu
akka hin dandeenye ni amana. Copha kanarraa yeroo jalqabaa kan isa uumee lamu
Guyyaa Qiyaamaa akka isa deebisu ni mirkaneessa. Ergasii, wanta Jannata isa
seensisuu ni hojjata, wanta Azaaba (adabbii) cimaatti nama geessu irraa ni fagaata.
Haala kanaan jireenya gammachuu gaggeessa.
Ammas, Rabbiin olta’aan waliin haasawa nama amanee fi kafaree akkana jechuun
nutti hima:
“Hiriyyaan isaa osoo isatti haasawu ni jedhe, “Sila ati Kan biyyee irraa, ergasii
copha bishaan saalaa irraa si uume, ergasii nama guutuu si godhetti kafartaa?
Garuu, Inni Allaah Gooftaa kiyya. Ani Gooftaa kiyyatti eenyullee hin dabalu
(isa waliin wanta biraa hin gabbaru).” Suuratu Al-Kahf 18:37-38
Abbaa ilma namaa kan ta’e Aadamiin biyyee irraa uume, ergasii sanyii isaa copha
bishaan saalaa irraa uume. Ati sanyii Aadami. Kanaafu, abbaa kee jalqabaa biyyee
27
irra, sihi immoo copha bishaanii irraa si uumuun nama guutuu Kan si taasisetti
akkamitti kafartaa? Kafaruu jechuun haqatti amanuu diduu fi mormuudha. Ani
garuu Gooftaa dhabamaa irraa na argamsiisee fi qananii adda addaan na qananiisetti
amane. Ibaadaa kiyya keessatti eenyullee Gooftaa kiyyatti hin qindeessu.
2ffaa- Kaafama Guyyaa Qiyaamaa- namni copha bishaan saalaa kanatti xinxallu
Guyyaa Qiyaamaa lamuu akka kaafamu jala muree ni amana. Sababni isaas, Kan
jalqaba copha kanarraa isa uume lamu isa deebisuu hin dadhabu. Rabbiin Guddaan
Olta'aan namni copha bishaan saalaa kanatti akka xinxallu akkana jechuun affeera:
“Sila namni akka Nuti copha bishaan saalaa irraa isa uumne hin arginee?
Yeroma san inni mormaa ifa bahaa ta’ee argama. Fakkeenya Nuuf godhee fi
uumama isaa dagatee, “Lafee erga bututtee [booda] eenyutu jiraachisa?”
jedha. “Kan yeroo jalqabaa ishii (lafee) uumetu jiraachisa.” Jedhiin. Inni
uumama hundaa Beekaadha.” Suuratu Yaasin 36:78-79
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa nama Qiyaamaa mormuu fi shakkuun akkana
jechuun gaafata: “Sila namni copha bishaan saalaa irraa akka isa uumne hin
arginee?”Kana jechuun namni lamuu kaafamu mormu jalqaba maalirraa Rabbiin
akka isa uume hin ilaalu? Bishaan saalaa dadhabaa qaama keessa faca’e bakka
tokkotti walitti fiduun isa uume. Bishaan kanarraa, lafee, foon, harka, ija, gurra fi
qaamolee biroo akka uumee sila ilaalun lamuu deebifamutti hin amanuu? Bishaan
dadhabaa qaama keessa faca’e walitti fiduun kan isa uume, lafee bututtee dachii
keessa facaates lamuu akka deebisu haa beeku.
28
“Fakkeenya Nuuf godhee” Kana jechuun akka uumamtootaa dandeetti kan hin
qabnee fi dadhabaatti Nu ilaala. Akkuma namni du’aa deebisuu hin dandeenye,
“Rabbiinis nama du’e hin deebisu” jedhee yaada. “uumama isaa dagatee, “Lafee
erga bututtee [booda] eenyutu jiraachisa?” jedha.” Kana jechuun jalqaba copha
bishaan saalaa irraa isa uumuu Keenya dagatee “lafee bututte eenyutu kaasa?”
jedha.“Kan yeroo jalqabaa ishii (lafee) uumetu jiraachisa.” Jedhiin.
Ilmi namaa akkuma jalqaba copha bishaan saalaa irraa nama uumuu hin dandeenye,
lamuus nama kaasu hin danda’u. Rabbiin Guddaan Olta’e immoo akkuma jalqaba
nama copha bishaan saalaa irraa uume, lamuus ni deebisa. Kanaafu, dandeettin
Rabbii fi dandeettin namaa gonkumaa wal hin fakkaatan. Rabbiin wanta hundaa
irratti Danda’aadha. Ilmi namaa immoo dadhabaadha. Rabbiin wanta hundaa
beekaadha.
Guduunfaa
➤Cophni bishaan saalaa dhiiraa fi dubartii yommuu walitti makamu Nuxfatun
Amshaaj (zaaygoti) ta'a.
➤Zaaygotin kuni qoqqodamuun morula ta'a.
➤Ergasii Morulan kuni walitti miciqamuun akka wanta tokko ta'a. Wanti kuni
Blaastasist jedhama. Blaastasistin guyyoota 6-10 gadaameessa keessatti lafa
qabatuun ni xumurama.
➤Ergasii Rabbiin olta'aan kutaalee adda addaa marsaa marsaanii fi yeroo
murtaa'e keessatti uuma.
➤Namni yommuu wanta irraa uumame kanatti xinxallu wantoota sadii ni hubata.
1ffaa-Tokkichummaa, Dandeetti fi haqaan gabbaramaan Rabbiin qofa akka ta'e ni
amana. Kanaafu, Isaaf harka kenna. Khaaliqa (Rabbii) copha bishaanii kanarraa
isa uumeef ajajamuu fi wanta Inni irraa dhoowwe dhiisu malee filannoo biraa hin
qabu. Yoo inni Khaaliqa isa uumeef ajajame, Rabbiin olta'aan mindaa gaarii
kennaaf. Yoo dide immoo adabbii isaaf malu adabama.
2ffaa-Copha kanarraa kan isa argamsiise lamuu akka isa deebisu ni mirkaneessa.
Kanaafu, hojii gaarii hojjachuu fi hojii badaa irraa fagaachun Guyyaa Qiyaamaatif
of qopheessa.
3ffaa-Yommuu copha irraa uumame ilaalu, of tuulu fi afuufamu irra nagaha baha.
Namni copha irra uumame of tuuluu fi afuufamuun isaaf hin malu.
29
Kitaabban Wabii [1] Tafsiirul Aayaatal Kawniyata Fiil Qur'aanil Kariim jiildi 2faa fuula-159, By
Zaghluul Najjaar, THE QUR’AAN AND MODERN SCIENCE Dr.Zaakir Naayik
fuula 38
[2] Larsen's Human Embryology fuula 15, 35, fifth edition
Tafsiira garagaraa
30
Marsaa Alaqah
Marsaa 2ffaa Uumama namaa: Alaqah
“Maqaa Rabbii keeti Kan [waan hunda] uumen dubbisi. Ilma namaa dhiiga
ititaa irraa uume. Dubbisi! Gooftaan kee arjaadha. Kan qalamaan [barreessu]
barsiise. Nama waan inni hin beekne barsiise.” (Suuratu Al-Alaq 96:1-5)
Kutaa darbe keessatti haala uumama namaa ilaalaa turreerra. Yaadannoof, cophni
dhangala’oo saalaa dhiiraa fi dubartii yommuu walitti makaman zaaygoti ta’u.
zaaygotin kunis seelota baay’etti qoqqoodamun morula ta’a. Morulan kunis
miciqamun blaastasist ta’a. Blaastasist kunis guyyoota 6-10 gadaameessa haadha
keessatti lafa qabata. Ergasii nuxfaan (cophni) kuni gara alaqatti jijjiramu eegala.
Kanaafu, marsaan alaqaa guyyaa 14ffaa ykn 15ffaa irraa jalqabuun hanga guyyaa
25ffaa itti fufa.
Hubachiisa: Miciree (Embryo) jechuun sadarka guddinna uumama namaa jalqaba
irraa kaase hanga xumura ji’a 2ffaa kan itti fufuudha. Ji’a sadii irraa kaase micireen
gara “Ulfaa (Fetus)”itti jijjirama[1]. Kanaafu, micireen marsaa nuxfaa, alaqah fi
mudgha of keessatti qabataa jechuudha.
Hiika Alaqah
Jechi Arabiffaa “Alaqah” jedhu hiika sadii qaba. Isaanis: (1) wanta rarra’ee, (2)
dhiiga ititaa, (3) ulaan’ula.
Hiikni tokkoffaan alaqah “wanta rarra’eedha“. Gara guyyaa 14 ffaatti micireen
namaa baqana lama horachun gadaamessa haadhaa keessatti rarra’a. Akkuma fakkii
31
armaan gadii irratti mul’atu micireen “Connecting Stalk” wanta jedhamuun
gadaamessa haadha keessatti akka rarra’u taasifama. Qur’aanni rarra’insa kana
Alaqah jechuun ibsa. Kanaafu, kuni hiika alaqah “wanta rarra’e” jedhuun kan
walitti galuudha.
Fakkii 1: suuraa maaykiroskooppin kaafame irraa yeroo marsaa alaqah
gadaamessa haadhaa keessatti rarra’insa miciree ni argina. Fakkii armaan olii irratti
micireen “bilaminar Embryonic disc” jedhuun bakka buufame. Micireen sadarka
kanatti boca wanta akka geengoo (disc) horata. Umriin miciree armaan olitti
mul’atuu gara guyyaa 14ti.
Micireen guyyoota itti aanan keessatti boca geengoo irraa gara boca loxee ykn
ulaan’ulaatti jijjiramu eegala. Fakkii micireen boca geengoo irraa gara boca
ulaan’ulaatti itti jijjiramu agarsiisu[2]
Hiikni 2ffaan alaqah dhiiga ititeedha. Marsaa alaqaa irratti bifni alaa miciree fi
qaraxiixiin isaa dhiiga ititeen wal fakkaata. Sababni isaa, marsaa kana irratti dhiigni
baay’een miciree keessatti ni argama. (Ilaali fakki armaan gadii) Akkasumas, yeroo
marsaa kanaa, hanga dhuma torbaan sadaffaatti dhiigni miciree keessa hin
naanna’u. Kanaaf, marsaa kana irratti micireen dhiigaa ititaa fakkaata.
32
Embryo in the fourth week (about 22-24 days) shows the clear rudiments of brain and
backbone. Its heart pumps blood to the liver and into the aorta. (A Child is Born, Lennart
Nilsson, 1990, p. 79)
33
Fakkii 2: Miciree torbaan 4ffaa (gara guyyaa 22-24) gahe. Micireen kuni torbaan
afraffatti waan seenef bifti isaa kana fakkaata. Torbaan 2ffaa fi 3ffaa keessa kan
jiru kana caalaa dhiiga ititaa akka fakkaatu itti yaadun ni danda’ama.
Hiikni sadaffaan Alaqah “ulaan’ula” ta’a. Ulaan’ula jechuun raammoo bishaan
keessa jiraattu fi yommuu horiin bishaan dhugan afaaniin itti seenun dhiiga isaanii
soorattudha.
Marsaa alaqah irratti ulaan’ula miciree namaa waliin yommuu wali bira qabnu,
akkuma fakkii armaan gadii irraa mul’atutti isaan lamaan jidduu wal fakkeenya ni
argina. Micireen dhuma torbaan sadaffaatti boca geengoo irraa gara boca
ulaan’ulaatti jijjirama. Kanaafu, bocni isaanii wal fakkaata. Akkuma micireen
dhiiga haadhaa sooratu, ulaan’ullis dhiiga beelladootaa sooratti.
34
Fakkii 3: Marsa alaqatti fakkii wal-fakkeenya ulaan’ula (leech) fi miciree ilma
namaa (human embryo) jidduu jiru agarsiisu.
Kanaafu, micireen marsaa Alaqaatti guyyaa 14ffaa irraa jalqabee boca geengoo
qabaachun gadaamessa haadhaa keessatti rarra’a. Ergasii bocni kuni guyyoota itti
35
aanan keessatti gara boca ulaan’ulaatti jijjirama. Hanga xumura torbaan sadaffaatti
micireen dhiiga itite fakkaata. Sababni isaas, dhiigni baay’een miciree keessatti ni
argama. Akkasumas, hanga xumura torbaan 3ffaatti dhiigni isa keessa hin
naanna’u. Haala kanaan, hiikni alaqah sadan miciree umriin isaa guyyoota 14-25
ta’een wal simata.
Xinxallii
Akkuma yeroo darbee xinxallii keenya bakka lamatti qoodun itti fufna.
1ffaa- Marsaan alaqah kuni Tokkichummaa (Wahdaniyyah), Dandeetti
(Qudrah) fi Haqaan gabbaramuu (Uluuhiyyah) Rabbii agarsiisa.
Dhugumatti, namni qalbii qulqulluun uumama ofii irratti xinxalle, wantoota
baay’ee hubata. Copha dhangala’oo saalaa irraa gara wanta akka dhiiga ititee,
ergasi gara boca ulaan’ulaatti kan jijjiruu fi qajeelchu Uumaan Ogeessaa fi Beekaa
ta’e jiraachu qaba. Sibiilli namni hojjatu mataa ofiitiin boca mataa ofii qabachuu
danda’aa? Fakkeenyaf, qottoon mataa ofiitiin boca baxxee qabachuu dandeessi?
Kanaafu, ilma namaa kanas copha irraa gara boca ulaan’ula fakkaatu Kan jijjiru
Khaaliqni Olta'aan jiraachu qaba. Rabbiin olta’aan ni jedha:
“Inni (Rabbiin) Kan biyyee irraa, ergasii copha bishaan saalaa irraa, ergasii
dhiiga ititaa (alaqah) irraa isin uumee ergasii daa’ima godhee isin baasudha.
36
Ergasii akka jabinna keessan geessan [isin jiraachisa]. Ergasii akka jaarsa
taatan isin godha. Isin irraa nama san dura du’utu jira. Akka beellama
beekkamaa geessanii fi akka hubattaniif [isin jiraachisa]. Inni Kan jiraachisuu
fi ajjeesudha. Yeroo dhimma tokko murteesse, “Ta’i” isaan jechuu qofa,
[wanti sunis] yoosu ta’a.” Suuratu Ghaafir 40:67-68
Aaya tana keessatti, marsaalee namni uumama irraa jalqabee hanga du'aatti keessa
darbu dubbata.
Marsaa 1ffaa- biyyee irraa namoota uumuu- kuni hiika lama qaba. Tokkoffaa
abbaa ilma namaa kan ta’e Aadam (AS) biyyee irraa uumame. Kanaafu, hundeen
nama hundaatu biyyeedha jechuudha. Hiikni lamaffaan, nyaanni namni nyaatu
hundeen isaa biyyee irraayyi. Nyaanni qaama keessa erga seene booda gara
dhiigaatti jijjirama. Dhiigni kunis gara copha bishaan saalaatti jijjirama. Kanaafu,
hundeen copha bishaan saalaa (nuxfaa) biyyeedha. Kanaafi, “biyyee irraa isin
uume, ergasi nuxfaa irraa” jechuun dubbata.[4]
Marsaa 2ffaa-Nuxfaa (copha saalaa) irraa nama uumuu
Marsaa 3ffaa-Alaqah irraa uumuu- makaan copha saalaa erga bilchaate booda
gara dhiiga garmalee ititee fi wal qabateetti jijjirama. Fakkiwwaan armaan olii
ilaalun ni danda’ama.
Marsaa 4ffaa- Alaqah booda micireen gara mudghaa jijjiramuun yeroo murtaa'an
booda daa’ima guutuu ta’ee gara alaa bahuudha.
Marsaa 5ffaa-Namni jabinna isaa gahuudha. Jabinni kunis jabinna qaamaa,
bilchinna sammuu fi humnoota nama keessa jiran biroo hammata.
Marsaa 6ffaa- namni marsaa dullummaa (jaarsummaa) gahuudha. Marsaan
dullummaa waggaa shantama irraa jalqaba.
Umriin namootaa murtii Rabbii irratti waan hundaa’ef garagara. Gariin yeroo
gabaabaaf jiraatu, gariin immoo yeroo dheeraaf jiraatu. Kanaafi itti aanse akkana
jedhe, “Isin irraa nama san dura du’utu jira. Akka beellama beekkamaa
geessanii fi akka hubattaniif [isin jiraachisa]”
Kana jechuun, isin keessaa erga dhalatee booda fi osoo umrii jaarsummaa hin gahin
nama du’utu jira. Nama ajalli (yeroon) isaa hin xumuramne immoo Rabbiin ni
tursiisa. Isin keessaa namni lubbuun turus hanga beellama beekkamaa fi murtaa’a
37
ta’etti ni tura. Ergasii Rabbiin ni ajjeesa.[3] Rabbiin Subhaanahu wa ta’aalaa kan
hunda kan godheef, dandeetti Isaa akka hubattanii fi Inni Tokkicha hiriyyaa hin
qabne akka ta’e akka amantaniif .[4]
Yommuu marsaalee kanniin ilaallu, Rabbiin Tokkicha, wanta hundaa irratti
Danda’aa akka ta’ee fi haqaan gabbaramu Kan qabu Isa qofa akka ta’e ni hubanna.
Rabbiin ala eenyutu wanta raammoo fakkaatu irraa luka, ija, gurra, sammuu fi
qaamolee biroo baasu danda’aa? wanti raammoo fakkaatu kuni mataa ofiitiin
kutaalee qaamaa baafachu danda’aa? Gonkumaa hin danda’u. Mataa ofiitiin harki
kiyya lama ta’uu qaba, lukni kiyya lama ta’uu qaba, ijji kiyya lama ta’u qaba,
funyaan kiyya tokko ta’uu qaba, qubbiin harkaa shan ta'uu qabu jechuun murteessu
danda’aa? Kuni hundi Dandeetti Rabbii olta’aa agarsiisa. Ammas, Nabii Aadamii
fi Hawwaa booda namoonni hunduu hanga ammaatti marsaalee wal fakkaatu
keessa darbuun Tokkichummaa Rabbii olta’aa agarsiisa. Namoonni hunduu
yommuu uumaman nuxfaa irraa eegalee hanga garaa haadhaa keessaa bahanitti
marsaa wal fakkaatu qabu. Kanaafu, Kan kana hunda hojjatu Al-Waahidul Ahad
(Rabbii Tokkicha fakkaataa fi hiriyyaa hin qabneedha.) Uumamtoonni lakkoofsi
isaanii Rabbiin malee eenyullee hin beekne kuni hundi sirna tokko hordofuun
Uumaan Tokkicha akka ta'e agarsiisa. Kanaafu, Tokkichummaa fi haqaan
gabbaramu kan qabu Rabbii Guddaadha.
Namni marsa uumama isaa jalqabaa yommuu ilaalu fi itti xinxallu, Khaaliqa isa
uumeef akka gadi jedhu fi harka kennu isa taasisa. “Wanta raammoo fakkaatu irraa
Kan na uumee dhiisee wanta homaa na hin fayyanne maaliif gabbaraa
(waaqefadhaa)?” jechuun ofitti hasaasa.
Jedhi, “Ani ragaawwan ifa ta’an Gooftaa kiyya irraa erga natti dhufanii
booda wantoota isin Rabbii gaditti kadhattan (gabbartan) gabbaruu irraa
38
dhoorgame jira. Gooftaa aalamaa hundaatiif harka akka kennu ajajamee
jira.” Suuratu Ghaafir 40:66
Gooftaa aalamaa hundaa- Uumamtoota hunda Kan uume, jiraachisu, obaasu,
guddisuu fi tiiksudha. Rabbiif harka kennuu jechuun qalbii guutuun Isatti amanuu
fi gadi jechuufi. Wanta Inni itti ajaju hojjachuu fi wanta Inni irraa nama dhoowwe
dhiisudha. Kanaafu, namni Rabbii isa uumee fi qananii garagaraan isa qananiisef
harka kennuun itti ulfaataa? Yoo itti ulfaate, wanta irraa uumame fakkiiwwan
armaan oli irraa irra deddeebi’e haa ilaalu.
Xinxallii 2ffaa- Qur’aanni Rabbii olta’aa irraa akka ta’e amanu- saayinsin
marsaalee uumama namaa irra gahuu kan danda’e jaarraa tokko ykn lama hin caalu.
Garuu Qur’aanni jaarraa kudha afur dura marsaa uumama namaa ifa gochuun
dubbate. Saayinsin marsaalee kana beeku kan danda’ee meeshaa hammayya
maaykiroskoppii fayyadamuuni. Jaarraa kudha afur dura maaykiroskoppii wanti
jedhamu hin jiru. Kanaafu, marsaalee uumama namaa akkamitti beekun danda’ama
ree? Uumaan nama uumee yoo namatti hin himin eenyullee beeku hin danda’u.
Kanaafu, Rabbiin dandeetti Isaa namoonni akka beekanii fi Isatti amananiif
marsaalee uumama namaa Qur’aana buusun hime. Kanaafu, Qur’aanni shakkii
tokko malee Rabbii wantoota hundaa uumuu irraa kan bu’eedha.
Jaarraan tokko waggaa dhibba (100) of keessaa qaba.
Kitaabban Wabii: Embryology in the Qur’an: Description of the ‘Alaqah stage, By Elias Kareem
[1] Tafsiirul Aayaatal Kawniyata Fiil Qur'aanil Kariim jiildi 2faa fuula-228, By
Zaghluul Najjaar,
[2] THE DEVELOPING HUMAN CLINICALLY ORIENTED EMBRYOLOGY
KEITH L. MOORE, PERSAUD fuula 55, 10th Edition
[3] Ma’aariju at-tafkuri wa daqaa’iqu at-tadabburi 12/413-415, Abdurahman
Hanbak
[4] Tafsiirul Qur’aanil Kariim wa i’iraabihi wa bayaanih 8/387, Muhammad
Aliyy Xaahaa
https://www.sammubani.com/2018/05/19/shakkii-quraanaa-qulqullessuuf-2/
39
Marsa Mudgah
Marsaa Uumama Ilma Namaa 3ffaa- Mudghah Alhamdulillahi wa salaamun alaa ibaadihillaziina-sxafaa (Faaruun hundi kan
Rabbiiti. Gabroottan Isaa kanneen Inni filate irratti nageenyi haa
jiraatu). Uumama namaa biyyee irraa kan jalqabee, ergasii sanyii Aadam copha
bishaanii irraa Kan uumee galanni fi faarun hundi Isaaf haa ta’u. Copha irraa
dhiiga ititaa kan taasisuu, dhiiga ititaa gara wanta alanfamu ykn muraa foonitti
kan jijjiruu Rabbii olta’aa malee ni jiraa? Foon kanarraa lafee kan uumuu Isa
malee jiraa? Lafee kanas foon kan itti uwwisu isaa malee jiraa?
Hiika Mudghah Arabiffaan mudghah jechuun “wanta alanfame” jechuudha. Mufasiroonni
(hayyoonni Qur’aana ibsan) jecha Mudghah jedhu “muraa fooni afaan keessatti
alanfamu danda’u” jechuun hiiku. Muraan foonii wantoota alanfamu danda’an
irraa waan ta’eef “wanta alanfamuudha” jechuudha. Dhugumatti yommuu muraa
fooni alanshan, bocni isaatii fi bocni miciree wal fakkaata.
Osoo namni tokko muraa foonii ykn maastikaa afaan keessa kaa’ate alanshee,
ergasii marsaa mudghah irratti muraa foonii ykn maastikaa alanshe san miciree
namaatin wal bira qabee, micireen wanta alanfame saniin wal fakkaata jenne
goloobu (guduunfu) dandeenya. Sababni kanaa, somaayitiin dugda miciree irratti
argamu “wanta alanfame san bakka ilkaan cinineen” wal fakkaata. (Ilaali fakkii 1)
Dabalataan, wanti alanfamu akkuma afaan keessatti boca jijjiratu, micireenis
marsaa mudghaatti boca jijjirata. Gara tokkoon dhoqa, gara biraatin dhiita qaba.
Wanti alanfamus dhoqaa fi dhiita kan qabuudha.
40
Fakkii 1 :Marsaa mudghah irratti gubbaan ijaarsa miciree maastikaa alanfameen
yommuu wal-bira qabamu, isaan lamaan jidduu wal fakkeenya argina. A) Fakkii
miciree (Embryo) kaafame agarsiisa. B) Suuraa maastikaa (gum) alanfamee
agarsiisa.
Iddoo gadi baqaqaa dugda miciree A irratti argamu mee ilaalaa. Akka waan ilkaan
cininee fakkaata. Haala kanaan maastikaa alanfame bakka ilkaan cinineen wal
fakkaata. Ammas guutuu miciree kanaa yommuu ilaallu muraa foonitiin kan wal-
fakkaatudha. Sababni isaas, harka, luka fi qaamole biroo guutuu hin baafanne. Akka
hubatamuuf maaykiroskoppiin akkanatti guddisee malee hammi isaa baay’ee
xiqqaadha. Dheerinni isaa seentimeetira tokko (1cm) hin caalu. Kanaafu, asitti
mudghah jechuun “muraa foonii alanfamu danda’uudha”[1] jechuudha. Marsaa
kanatti micireen foon malee lafee hin qabu. Mudghah irraa lafeen ni uumama.
Alaqah irraa gara Mudghah Ce’u
Torbaan darbe waa’ee alaqah ilaalle turre. Alaqaan hiika sadii akka qabuu fi hiikni
sadanuu guddinna miciree ilma namaatiin akka walitti galu hubanne jirra. Hiikni
alaqah sadan: wanta rarra’e, dhiiga ititaa fi ul’aanula. Micireen marsaa copha
(nuxfaa) irraa jalqabee gadaamessaa haadha keessatti lafa qabachuu eegala. Ergasii
akkuma yeroon darbuun dhiiga ititaa ta’uun gadaamessa irraa ni rarra’a. Guddinni
isaa itti fufuun boca ul’aanula qabachuun soorata isaa dhiiga haadhaa irraa argata.
Dhuma marsaa alaqah keessatti wanti akka callee fakkaatu dugda miciree irratti
41
bahuu jalqaba. Wanti callee fakkaatu kunis somaayit (Somite) jedhama.
Somaayitin kuni marsaan alaqah gara mudghatti jijjiramu kan agarsiisudha.
Somaayiti kanarraa lafee fi maashaaleen dugdaa ni uumamu [2]. Fakkii armaan
gadii irraa ‘somites’ ilaalun ni danda’ama.
Fakkii 2: Suuraa miciree Maaykiroskoppin kaafame kan marsaa dhuma alaqah
(guyyaa 24-25) agarsiisu. Bitaa mirgaa somaayiti 13, 13 qaba[2].
42
Guyyaa 24-26 Alaqaan kuni gara Mudghah jijjiramu jalqaba. Micireen armaan
olitti qajeelaa fakkaatu kuni gubbaa jalaan jallachuu fi dacha’u eegala. Fakkii
armaan gadii irraa ilaalun ni danda’ama
Fakkii 3: A.Miciree dhuma marsaa alaqah, B fi C jalqaba marsaa mudghah
agarsiisuu[3]
Fakkiiwwan armaan olii maaykiroskoppiin waan guddifamaniif guddaa fakkaatu.
Garuu hammi jalqabaa (orijinaali) isaanii baay’ee xiqqaadha. Barattoonni Baayloji
baratan waa’ee maaykiroskoppii ilaalchisee, jechoota “Magnification fi
Resolution” jedhan osoo hin baratin bira hin darban. Magnification
(Maagnifikeshin) wanti tokko dachaa meeqan guddifamu akka qabu agarsiisa.
Resolution (risolushin) immoo fakkii san ifa godhu fi kutaalee isaa tokko tokkoon
mul’isuudha.
43
Kunoo marsaa mudghatti ilmi namaa kana fakkaata. Kuni fakkii dhugaa
maaykiroskoppin hin guddifamneedha (Actual image)*
Xinxallii
Namni marsaa mudghaatti maal akka ture yommuu ilaaluu fi itti xinxallu, iimaanni
isaa ni dabala. Wanta xiqqoo muraa fooni kanarraa kan isa uumee nama guutuu isa
taasise eenyuu? Muraa foonii kanarraa luka, gurra, harka, kutaalee qaamaa keessaa
fi alaa kan akkanatti isaaf tolche eenyu? Deebiin isaa Rabbii olta’aa, Ogeessaa fi
Beekaa ta’eedha. Rabbiin olta’aan ni jedha:
44
ها ﴿ يأ ن نلاس ٱي نت م ف ريب م ن ت راب ث م من لعث ٱإن ك م م فإنا خلقنك
م ون قر ف لك بي لقة نل قة وغي م ل ضغة م نطفة ث م من علقة ث م من م
رحام ٱم ما نشاء إل ل ك د ش
أ وا م طفلى ث م لبل غ ك رج سم ى ث م ن جل م
أ
رذل ن ي رد إل أ م م ومنك توف ن ي م م ر ٱومنك م ع
لكيل يعلم من بعد ل وتر علم شي رض ٱا
نزنلا ع هام ل
أ وربت هتت ٱ لماء ٱ ليهادةى فإذا
زوج بهيج نبتت من ك
﴾٥وأ
“Yaa ilmaan namaa! Yoo kaafamuu irraa shakkii keessa jiraattan,
dhugumatti Nuti biyyee irraa isin uumne; ergasii copha bishaan saalaa irraa,
ergasii dhiiga ititaa irraa, ergasii muraa foonii alanfatamu kan uumama
guuttatee fi hin guuttatin irraa isin uumne; [humnaa fi dandeetti Keenya]
isiniif ibsuuf [kana goone]. Hanga yeroo murtaa’etti wanta feene gadaamessa
keessa teessifna. Ergasii daa’ima goonee isin baafna. Ergasii akka umrii
jabinnaa keessan irra geessaniif [isin jiraachifna]. Isin irraas nama du’utu
jira. Erga duraan waa beekee akka homaa hin beekneef isin irraas nama gara
umrii gadi aanaa deebi’utu jira. Dachiis gogduu taatee agarta. Yeroo Nuti
bishaan [bokkaa] ishii irratti buufne, ni sochooti, ni iitoftis, akaaku biqiltootaa
bareedinna qaban hunda irraas ni biqilchiti.” Suuratu Al-Hajj 22:5
Yaa ilmaan namaa erga duutanii booda qorannoo fi jazaaf lamuu kaafamu yoo
shakkitan, kunoo ragaalee lama isin ilaaltantu jira. Ragaalee lamaan wanta
shakkitan kan agarsiisanii fi qalbii keessan irraa shakkii kanneen oofaniidha.
1ffaan- ragaa uumama keessanii. Kan nama uumuu jalqabe yeroo lammataas ni
deebisa. Akkana jedha, “Dhugumatti, Nuti biyyee irraa isin uumne” kuni hiika
lama qaba. 1ffaa-Nabii Aadamiin (aleyh salaam) biyyee irraa uumudha. Ilmi abbaa
irraa karaa kiroomozomitiin wanta dhaalu qaba. Kanaafu, hundeen wanti inni
dhaalu kuni biyyeedha. Hiikni lamaffaan, nyaanni nuti nyaannu hundeen isaa
biyyee irraa dhufe. Osoo biyyeen jiraachu baate midhaan biqiluu danda’aa?
45
Midhaan biyyee irraa dhufe kana yommuu alanshinee qaama keenya keessa seenu
gara dhiigaatti jijjirama. Dhiiga kanarraas dhangala’oon saalaa (maniyyiin) ni
uumama. Ergasii copha (nuxfaa) kanarraa dhiiga ititaa uumee. Ergasii dhiiga ititaa
kanarraa muraa foonii alanfamu danda’u uume. Aayah (keeyyata) Qur’aana armaan
olii keessatti “ergasii muraa foonii alanfatamu kan uumama guuttatee fi hin
guuttatin” jedhu hiika kana qaba: Muraa foonii alanfamuu (mudghah) kanarraa
kutaalee qaamaa uumuun boca namaa qabsiisa. Kuni kan “uumama guuttate” ta’a.
Garuu yeroo garii boca namaa osoo hin qabatin gadaameessi haadhaa ulfa of keessa
darba. Kuni kan “uumama hin guuttanne” ta’a. Kana malee hayyoonni hiika
biraas itti kennani jiru.
“Isiniif ibsuuf kana goonee” Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa takkaan ilma namaa
hunda uumuu ni danda’a. Garuu Ogummaa (hikmaa) Isaa, guddinnaa dandeetti
Isaatii fi bal’inna rahmata Isaa nuuf ibsuuf marsaa marsaan nu uumee. Yeroo
jalqabaatiif nama biyyee irraa uumuu Kan danda’e, ergasii copha maniyyii dhiiga
ititaa taasise, ergasii dhiiga ititaa muraa foonii taasise, muraa foonii irraa lafee
uumuu Kan danda’e, wanta jalqaba uume deebisu irratti danda’aadha. Biyyee irraa
kan uume, biyyee erga ta'anii booda isaan deebisuun Isatti ni ulfaataa? Namni
yommuu marsaalee uumama ofii itti xinxalluu lamuu akka kaafamu jala muree ni
amana.
“Hanga yeroo murtaa’etti wanta feene gadaamessa keessa teessifna.” Kana
jechuun ulfa gadaamessi of keessaa hin darbine hanga yeroo murtaa’etti ni tursiifna.
Yeroon murtaa’e kunis dheerinna yeroo ulfaati. Ergasii garaa haadhaa keessaa
‘daa’ima goonee isin baafna.’ Daa’ima dadhabaa homaa hin beekne, sammuun
isaa, ijji fi gurraa isaa dadhabaa kan ta’eedha. Ergasii Rabbiin suutuma suutan
humna fi jabeenya kennaaf. Halkanii guyyaa abbaa fi haati hanga sadarkaa jabinnaa
gahuu ni mararfatuufi, ni kunuunsu. San booda umrii jabinnaa gaha. Umriin kunis
umrii qaamni itti jabaatu fi sammuun itti bilchaatudha.
Isin keessaa umrii jabinnaa erga gahe ykn san dura kan du’utu jira. Isin keessaa
nama umrii jabinnaa darbuun umrii gadi aanatti kan deebi’utu jira. Umriin kunis
umrii dullummaa qaamni fi sammuun itti dadhabuudha. Wanta duraan beekaa ture
ni wallaala. Kanaafi namni dadhabinna lamaan marfame. Isaaniis: Dadhabinna
daa’imumma fi dadhabinnaa dullumaati.
46
Ragaan lamaffaa qorannoo fi jazaaf ilmi namaa lamuu kaafamu agarsiisu, dachii
erga duute ykn godgee jiraachisuudha. Rabbiin olta’aan ni jedha: “Dachiis gogduu
taatee agarta.” Kana jechuun biqiltoota homaatu kan ofirraa hin qabnee fi
awwaara taate argita. Yommuu rooba itti roobsu, biqiltootaan ni sochooti. Ni iitofti.
Erga gogdee walitti sunturtee booda yommuu roobni itti roobu fi biqiltoonni biqilan
olkaati. Dachiin tuni gosoota garagaraa irraa biqiltoota babbeeradanii fi nama
hawwatan biqilchiti. Kan kana hunda hojjatu fi sirna qabsiisuu eenyuu?
“Suni Rabbiin Haqa waan ta’eefi, Inni kanneen du’aan waan jiraachisuufi,
Inni wanta hundaa irratti Danda’aa waan ta’eefi.” Suuratu Al-Hajj 22:6
“Suni” marsaalee uumama namaa isiniif ibsee fi dachii gogdee bishaan itti roobsun
jiraachifamte. “Rabbiin Haqa waan ta’eefi” Haqa jechuun jiraataa fi yeroo
hundaa turaa, gonkumaa kan hin jijjiramne fi hin banneedha[4]. Kanaafu,
hiikni “Suni Rabbiin Haqa waan ta’eefi” jedhu kana ta’a: uumamni keessanii fi
dachii gogde jiraachisuun kan raawwatame sababa Rabbiin jiraataa fi yeroo hundaa
turaa gonkumaa hin jijjiramne fi hin banne ta’eefi. Wantoonni Rabbiin ala jiran
hundi ni jijjiramu, ni badu. Rabbiin Guddaan Olta’aan gonkumaa hin jijjiramu.
Kanaafu, yeroo hundaa wanta fedhe hojjata, wanta fedhe uuma. “Inni kanneen
du’aan waan jiraachisuufi” akkuma uumama keessan jalqabee fi dachii duute ykn
gogde jiraachise namoota du’anis ni jiraachisa. “Inni wanta hundaa irratti
Danda’aa waan ta’eefi.”
“Dhugumatti Qiyaaman dhuftuudha; ishee keessa shakkiin wayitu hin jiru.
Dhugumatti Rabbiin namoota awwaalcha (qabrii) keessa jiran hundaa ni
kaasa.” Suuraa Al-hajj (22):7
47
Ragaaleen armaan olii isiniif kan ibsameef Qiyaamaan akka dhuftu beekumsa
dhugaa akka beektaniifi. Qiyaaman dhugaa shakkii wayitu hin qabneedha.
Warroonni du’an qabrii keessaa yaa’un wanta gara fuunduraatti raawwatamuudha.
Sababni isaas, Rabbiin kana waadaa galee jira. Rabbiin waadaa Isaa hin diigu.[5]
Guduunfaa
➦Marsaan alaqah guyyoota 24-26 keessatti gara mudghaatti jijjiramu eegala.
Marsaan mudghah kan itti beekkamu wanti callee fakkaatu "somaayit" jedhamu
dugda miciree irratti bahuu jalqaba.
➦Mudghah jechuun muraa foonii alanfamu danda’uudha.
➦ Namni marsaa mudghaatti uumama ofii yommuu ilaalu waa baay'ee hubata.
Isaan keessaa:
✏Dhiiga ititaa muraa foonitti kan jijjiruu Rabbii olta'aa malee hin jiru. Ergasii
muraa foonii kanarraa harka, luka, gurra fi qaamolee biroo kan uume Rabbiin
malee jiraa? Kanaafu, Tokkichummaa Rabbitti amanuun Isa qofa gabbaruu akka
qabu ni hubata.
✏Namni hanga fedhe "ani of danda'aadha, humna qaba" haa jedhu. Inni
dadhabinna lamaan kan marfameedha. 1ffaa- uumama isaa irraa jalqabee hanga
ijoollummaatti. 2ffaa-Yeroo dullummaa. Kanaafu, akkamitti Rabbii isa uumee fi
kunuunsu irraa dheessaa?
✏Rabbiin Guddaan Olta'e wanta xiqqaa kanarraa isa uume Guyyaa Murtii lamu
isa deebisuun waan hojjateef akka isa qoratu fi jazaa isaaf kafalu ni hubata.
Sababni isaas, Rabbiin haqa, namoota du'an ni kaasa, wantoota hundaa irratti
danda'aadha.
Haqa jechuun jiraataa fi yeroo hundaa turaa, gonkumaa kan hin jijjiramne fi
hin banneedha.
Kitaabbilee Wabii [1] Tafsiir ibn kasiir 5/384, Daaru ibn Jawzi, Tafsiir Sa’diy 623, Daaru salaam,
Ma’aariju at-tafkuri wa daqaa’iqu at-tadabburi 14/427, Abdurahman Hanbak
Tafsiirul Qur’aanil Kariim wa i’iraabuhi wa bayaanih 6/122, Muhammad Aliyy
Xaahaa
[2] THE DEVELOPING HUMAN CLINICALLY ORIENTED EMBRYOLOGY
48
KEITH L. MOORE, PERSAUD fuula 78, 10th Edition
[3] https://islampapers.com/2013/06/12/the-mudghah-stage/
THE DEVELOPING HUMAN CLINICALLY ORIENTED EMBRYOLOGY
KEITH L. MOORE, PERSAUD fuula 78-79, 10th Edition
[4] Tafsiir Qurxubii 13/326
[5] Tafsiir ibn kasiir 5/384, Daaru ibn Jawzi, Tafsiir Sa’diy 623, Daaru salaam,
Tafsiirul Qur’aanil Kariim wa i’iraabuhi wa bayaanih 6/122-126, Muhammad
Aliyy Xaahaa
https://www.sammubani.com/2018/05/19/shakkii-quraanaa-qulqullessuuf-2/
*Tafsiirul Aayaatal Kawniyata Fiil Qur’aanil Kariim jiildi 2faa fuula-166, By
Zaghluul Najjaar,
49
Marsaa 4ffaa Uumama Namaa: Lafee fi foon Uwwisuu
Alhamdulillahi wa salaamun alaa ibaadihillaziina-sxafaa (Faaruun hundi kan
Rabbiiti. Gabroottan Isaa kanneen Inni filate irratti nageenyi haa jiraatu). Kutaa
darbee keessatti marsaa uumama namaa 3ffaa ilaalle turre. Marsaan kunis
mudghah jedhama. Mudghah jechuun muraa foon alanfamuu danda’udha.
Mudghaan kuni wanta akka callee fakkaatu somaayit jedhamu dugda irratti
baafata. Fakkii armaan gadii irraa ilaalun ni danda'ama.
Fakkii 1: Miciree umriin isaa wal duraa duubaan gara guyyaa 24, 26, 28 ta’e[1]
Soomayitin kuni uumama lafee fi maashaatiif hundee (base) dha.[2]
Soomayitiin kuni bakka lamatti hirama. Isaaniis: Iskilerotom (Sclerotome) fi
dermomyotome. Iskilerotome gara lafeetti guddata. Dermomyotome immoo gara
gogaa fi maashaa (foon lafee uffisuutti) guddata.
50
Fakkii 2: Cinaadhaan yommuu ilaallamu miciree umriin isaa wal duraa duuban
gara guyyaa 32, 42 fi 48 ta’e[3
Umrii kanatti miciree namaa miciree beelladoota biroo irraa addaan baasun ni
ulfaata. Sababni isaas, kutaalee qaamaa guutuu hin baafanne.
(Jecha ijoo: Kaartilej (Cartilage)-jechuun wanta akka foon adii fakkaatu garuu
akka fooni salphatti kan hin alanfamne fi akka lafees kan hin jabaannedha.
Jabinnaan foonii fi lafee jidduudha. Fakkeenyaf, gurri keenya kaartilejidha.)
Uumama Lafee
Adeemsi uumama lafee “Ossification” (suuta suutan jabaachu) jedhama. Dhuma
torbaan afraffaatti iskelerotom irraa tishuun Mesenkaayim (Mesenchyme) jedhamu
ni uumama. Ergasii lafeen, "mesenkaayim" kanarraa karaalee lamaan uumama.
1ffaa-“intramembranous ossification” Adeemsa kana keessatti mesenkaayimin
osoo kaartileejitti hin jijjiramiin qajeelumaan lafeen mesenkaayim irraa uumama.
Lafeen haala kanaan uumaman lafee fuulaa, buqqee mataa fi golgaadha.
51
2ffaa- “endochondral ossification” Adeemsa kana keessatti jalqaba mesenkaayimin
gara Kondroblaast ni jijjirama. Kondroblaast kanarraa kaartileejin moodeli
(fakkeenya) lafee qabachun ni uumama. Ergasii adeemsa adda addaa keessa
darbuun kaartileejin kuni lafee haarawaan bakka buufama. Lafeewwan haala
kanaan uumaman lafee dhedheeroo qaamatii fi lafee hundee bukkee mataa jalaati
argamaniidha[4]. Uumamni lafee haala wal fakkaatun qaamaa keessatti hin jalqabu.
Garuu tartiibaan kutaalee qaamaa keessatti torbaan 6ffaa irraa jalqabee uumamuu
fi guddachuu itti fufa.
52
Lafee Foon Uwwisuu
Lafeen erga uumamee marsaan foon uwwisuu ni dhufa. Qur’aana keessatti akkana
jechuun dubbata:
“Ergasii mudghah [irraa] lafee taasifne;Ergasii lafees foon itti uwwisne.”
Suuratu Al-Mu’minuun 23:14
Torbaan 8ffaatti lafee foon uwwisuun ni jalqabama. Ergasii adeemsa jabaachu fi
wal qixxaa’u itti fufa. Yeroo foon lafee irratti uumamu micireen boca namaa
qabata. Kutaaleen qaama bakka isaaniif maluu ni qabatu. Marsaan kuni marsaa
micireen itti socho’uudha[5].
Xinxallii
Marsaa uumama keenyaa kanatti yommuu itti xinxallinu, ijaarsi qaamoleetii fi lafee
safaraa fi yeroo ofii eeggatee kan deemudha. Wanta callee fakkaatu kanarraa lafee
kan uumu, lafee kanas foon kan itti uwwise, ergasii boca namaa qabsiise kan baasu
Rabbii olta’aa malee ni jiraa?
53
“Sila isaan osoo wanti isaan uumu hin jirre uumaman moo isaanumatu
uumtotaa? Moo samii fi dachii uumanii? Lakki! Isaan hin dhugoomsan.”
Suuratu ax-xuur 52:35-36
Namoonni Jiraachu Khaaliqa mormanii fi Isa gabbaruu irraa of tuulan, uumamun
dura isaan kan hin jirre ta’uu itti hin xinxallanii? Akkamitti uumamanii???
Wantoonni dhimmoota sadii keessaa kan hin baane ta’uu sammuu keessatti
mirkanaa’e jira:
1ffaa- Osoo uumaan isaan hin uumin argamanii? Kuni gonkumaa wanta hin
danda’amneedha. Fakkeenyaf, ampuulin ibsannu kuni yeroo jalqabaatiif yommuu
argamu, osoo homtu isa hin hojjatin akkanumatti argamee? Kanaafu, wanti tokko
kan isa uumuu ykn hojjatu osoo hin jiraatin akkanumatti gonkumaa argamuu hin
danda’u.
2ffaa- Ofumaan of uumanii? Kunis wanta hin yaaddamneedha. Wanti duraan hin
jirre gonkumaa ofiin of argamsiisuu ykn uumuu hin danda’u. Kaafironni kunniin
duraan kan hin jirre turan; sila ofumaan jijjiramanii ilma namaa ta’anii? Osoo mataa
ofiitiin gara namaa kan jijjiraman ta’anii maaliif boca namaatin ala boca wanta
biraatti hin jijjiramnee? Yookiin Maaliif qaamolee dabalataa hin horannee?
Fakkeenyaf, harka tokko irratti maaliif qubbiin jaha ykn torba ykn kudha shan
maaliif hin godhannee? Yookiin duubaa fuunduraan funyaanii fi ija maaliif hin
uummannee? Kanaafu, gonkumaa ofiin of uumuu hin danda’an.
Dhimmoonni armaan olii lamaan erga fashalaa’e, dhimmi sadaffaan ifa ta’a. Innis,
Rabbitu isaan uume. Kunis erga ifa bahee, haqaan kan gabbaramuu fi kadhatamuu
qabu, Rabbii olta’aa qofaadha. Ibaadan ykn gabbarriin Isa qofaaf ta’a. Wantoonni
Isaan ala gabbaraman (waaqefataman) hundi baaxila (kijiba).
54
Warroonni Rabbitti kafaran kunniin samii fi dachii uumanii? Samii fi dachiin isaan
dura uumaman. Wanti boodarra dhufe wanta isa dura ture uumuu danda’aa?
Kanaafu, mataa ofiiti of hin uumne, samii fi dachiis hin uumne. Rabbii olta’aatu
isaanii fi samii dachii uumee. Garuu isaan shakkii tokko malee haqatti dhugaan hin
amanan.
Erga Kan isaan uume Rabbii Olta’aa ta’e, Isaaf ajajamuu, wanta Inni dhoowwe
dhiisu fi Guyyaa Murtiitti amanuun isaan irra jira. Rabbiin subhaanahu wa ta’aala
akkanumatti taphaaf isaan hin uumne. Guyyaa Qiyaamaa lamuu isaan deebisuun
wanta hojjataa turaniif isaan gaafata. Warroonni Qiyaamaatti hin amanne, uumama
ofii dagatanii lafee erga bututtee eenyutu deebisa jedhu. Akkuma armaan olitti
ilaalle, jalqaba miciree irratti lafee wanta jedhamu qaama miciree keessa hin jiru.
Qaama miciree keessatti lafee kana kan uumee Rabbii olta’aadha. Kanaafu, lafee
kana jalqaba kan uumee lamuu erga bututtee deebisuun itti ulfaataa?
“Sila namni lafee isaa walitti hin qabnuu yaadaa? Eeyyen [walitti ni qabna].
Fiixee qubbiin isaatu akka turanitti deebifnee sirreessu irratti Danda’oodha.
Dhugumatti, namni fuundura isaa (Qiyaamaa) sobsiisu fedha. “Guyyaan
Qiyaamaa yoomi?” jedhee gaafata. [Guyyaan suni] yeroo ijji dhamaatudha.
Yeroo jiiyni ifa dhabuudha. Aduu fi jiiynis walitti qabamaniidha. Guyyaa san
namni “Bakki itti baqatan eessa?” jedha. Lakki! Iddoon baqaa hin jiru.
55
Guyyaa san bakki qubannaa gara Gooftaa keetiiti. Namni Guyyaa san wanti
inni hojjatee fi dhiise itti himama. Dhugumatti namni of irratti ragaa
bahaadha. Odoma rakkoo adda addaa dhiyeefateyyuu.” Suuratu Al-Qiyaamah
75:3-15
Aayan shanaffaan hiika kanas ni qabdi, “Namni badii hojjachuu itti fufu barbaada.”
Badii fi fedhii lubbuu isaa hordofuu itti fufuuf Qiyaamaa kijibsiisa. Badii isaa irraa
buqqa’uu hin barbaadu. Guyyaan Qiyaamaa yoomi jedhee gaafata. …. “Namni
Guyyaa san wanti inni hojjatee fi dhiise itti himama.” Kana jechuun Guyyaa
Qiyaamaa wanti gaarii fi badaan, xiqqaa fi guddaan inni hojjate hundi itti himama.
Wanta isarratti dirqama ta’e osoo hin hojjatin dhiise itti himama. Fakkeenyaf, kan
akka salaata, zakaa fi kkf.
“Dhugumatti namni of irratti ragaa bahaadha.” Namni ofirratti ragaa bahaa fi
wanta hojjataa ture kan beekudha. Galmeen hojii isaa akkana jedhamuun isaaf
kennama:
“Kitaaba kee dubbisi. Har’a ati mataan kee of irratti herregaa ta’uuf
gahaadha.” Suuratu Al-Israa 17:14
Kitaabni kuni kitaabaa hojiin inni hojjataa ture itti galmaa’edha. Gonkumaa wanta
achi keessa jiru mormu hin danda’u.
Kitaabban Wabii
[1] THE DEVELOPING HUMAN CLINICALLY ORIENTED EMBRYOLOGY
KEITH L. MOORE, PERSAUD fuula 78-79, 10th Edition
[2] Larsen’s Human Embryology
[3] THE DEVELOPING HUMAN CLINICALLY ORIENTED EMBRYOLOGY
KEITH L. MOORE, PERSAUD fuula 82-83, 10th Edition
56
[4] https://opentextbc.ca/anatomyandphysiology/chapter/6-4-bone-formation-and-
development/
[5] Human development as described in the Qur’an and sunnaah
http://droualb.faculty.mjc.edu/Lecture%20Notes/Unit%202/bone_development_w
ith%20figures.htm
Tafsiir Sa’diyy-fuula 963 fi kitaabban tafsiira biroo
57
Marsaa Uumama Namaa 5ffaa: Nasha’ah-The
Fetal Period (Marsaa Ulfaa)
Alhamdulillahi wa salaamun alaa ibaadihillaziina-sxafaa (Faaruun hundi kan
Rabbiiti. Gabroottan Isaa kanneen Inni filate irratti nageenyi haa jiraatu). Haala
uumama keenya osoo ilaallu kunoo marsaa dhumaa irra geenye jirra. Uumamni
namaa uumama nama ajaa’ibsiisuu fi mallatooleen baay’een keessa jiraniidha.
Namni uumama ofii sirriitti yoo itti xinxalle, sababni inni Khaaliqa isa uumee itti
faallessuu fi ajajamuufi didu hin qabu. Marsaa kana hunda keessa darbuun nama
guutuu kan ta’e mataa ofiitiini miti.
Marsaan miciree torbaan 8 haguuga. Torbaan saddeet booda marsaan jiru marsaa
ulfaa (fetus) ta’a. marsaa kana keessatti qaamoleen marsaa miciree keessatti biqiluu
jalqaban uumama isaanii guuttachuun ulfi boca nama qabata. Garuu torbaan
saddeet dura miciree namaatii fi miciree beelladota biro addaan baasun ni ulfaata.
Bocaan waan wal fakkaataniif. Torbaan 9ffaa irraa eegalee marsaan jiru marsaa
nasha’ah ti. Nasha'ah jechuun guddachuu, dagaaguu. Ansha'a jechuun immoo
argamsiisu, uumuu, guddisuu ykn wanta tokko godhuu/hojjachuudha. Nasha'ah fi
ansha'a jechoota hundee tokkorraa horsifamaniidha. Marsaan Nasha'ah Qur’aana
keessatti akkana jechuun dubbatame,
Sana booda uumama biraa isa goone (ansha'anaahu). Rabbii uumtota hunda
caale tolti Isaa baay’atte.” Suuratu Al-Mu’iminuun 23:12-14
Warroonni Qur’aana ibsan keeyyata armaan olii irraa kana hubatan:
a-Ulfi uumama dubbachuu, dhagahuu fi arguu danda’utti guddachuu
b- Ulfatti ruuhii afuufu[1].
Kanaafu, marsaa nasha’atti ulfatti ruuhiin ni afuufama. Kutaaleen qaamaa ni
dagaagu;hojii isaaniif maluu hojjachuu ni jalqabu, bakka isaanii qabachuun ni
sirreefamu (ta'adiil). Mataan guddaa ture ni xiqqaata, gurri bakka isaa qabata,
qaamni ni diriira.
58
Wanti marsaa kanarraa hubannu, micireen namaa kuni ruuhin itti afuufamuun dura
akka biqiltuu ruuhii kan hin qabne ture. Fakkii armaan gadii irraa marsaa
mudghaatti yommuu ilaallu wanta akka muraa foonii malee homaa hin arginu.
Kutaalee qaamaa guddisuun ruuhii itti afufuun mallattoo guddaa Dandeettii fi
Tokkichummaa Rabbii olta’aa agarsiisuudha. Waa’ee ruuhi Rabbiin malee namni
kamiyyuu hin beeku:
“Waa’ee ruuhi si gaafatu; jedhi, “Ruuhin dhimma (amrii) Gooftaa kiyyaati.
Beekumsa irraa waan xiqqoo malee isiniif hin kennamne.” Suuratu Al-Israa
17:85
Mee amma marsaalee uumama keenyaa nuxfaa (copha) irraa jalqabuun hanga
nasha’ah fakkiin haa ilaallu, ergasii itti haa xinxallinu:
59
Marsaa 3ffaa:Mudghah
Marsaa 4ffaa: Lafee uumuu fi foon uwwisuu
60
Marsaa 5ffaa: gara uumama namaatti guddisuu fi sirreessun daa’ima godhee baasu
(Nasha'ah)
Rabbii uumtota hunda caale tolti Isaa baay’atte
Rabbiin Keenya akkana jechuun warroota Isarraa garagalan dubbisa:
61
“Yaa ilma namaa! Gooftaa kee Kan Arjaa ta’e ilaalchisee maaltu si
gowwoomse? Kan si uumee, ergasii si guutee si sirreesse. Boca fedhe keessatti
walitti si qabe [sanarraa maaltu si gowwoomse]? Dhorgamaa! Dhugumatti
Guyyaa Murtii ni sobsiiftu. Dhugumatti, isin irra eegdotatu jira. Kabajamoo
barreessitoota ta’an. Wanta isin hojjattan hunda ni beeku. Dhugumatti warri
toltu hojjatan qananii keessa jiraatu. Warrii hamtuu hojjatan immoo Ibidda
Jahannam keessa jiraatu. Guyyaa murtii ishii ni seenu. Isaan ishii irraa hin
fagaatan.” Suuratu Al-Infixaar 82:6-16
“Yaa ilma namaa! Gooftaa kee Kan Arjaa ta’e ilaalchisee maaltu si
gowwoomse?” Kana jechuun yaa ilma namaa hanga Gooftaa kee Arjaa ta’etti
kafartu geessutti maaltu si gowwoomsee?[2] Maaltu si gowwoomsee haqa dhiiftee
baaxila akka dharraatu si taasisee? Baaxilli kunis, Gooftaa keetitti kafaruu, karaa
Ergamtootaatin wanta Isa biraa dhufeetti kafaruu fi Guyyaa Murtii
kijibsiisuudha[3]. Wanta dirqama sirratti taasise akka dhiistu fi Gooftaa arjaa kee
faallessun maaltu badii akka hojjattu si gowwoomsee?
Yommuu namni tokko sitti arjoomu, isa galateefatta moo amala badaa isatti
agarsiistaa? Yaa ilma namaa Gooftaan kee kennaa lakkaawame hin dhumne siif
kenne. Kanaafu, kennaan kuni hundi akka isaaf ajajamtuu fi Isa faallessu irraa akka
qaanoftu kan si taasisuu ta'uu hin qabuu?. “Kan si uumee, ergasii si guutee si
sirreesse.” Yaa nama! Gooftaa si uumee fi dhabama irraa si argamsiseetti akka
kafartuu fi Isa faallessitu kan si gowwoomse maaliidhaa? Kutaalee qaamaa kee
62
Kan siif guutee fi sirreesse Gooftaa keeti. “Boca fedhe keessatti walitti si qabe”
Gooftaan kee osoo fedhe boca beelladaa ykn bineensaa irratti si uumuu danda’a.
Garuu rahmata Isaatin boca bareedaa namaa kanarratti si uumee. Rabbiin olta’aan
ni jedha:
“Dhugumatti nama dhaabbi irra gaarii ta’ee keessatti isa uumnee jirra.”
Suuratu At-Tiin 95:4
Dhaabbanni fi bocni qaama nama dhaabbataa fi boca beelladootaa fi bineensota
biro irraa adda kan ta’eedha. Kanaafu, Gooftaa bocaa fi dhaabbata kee akkanatti
miidhagsee irraa akka garagaltu kan si taasise maaliidhaa?
“Dhorgamaa! Dhugumatti Guyyaa Murtii ni sobsiiftu” Wanta hojjataa turaniif
Guyyaa Qiyaamaa qoratamuu fi gaafatamuu soba akka ta’etti yaaddu. Kuni sababa
guddaa badii akka hojjattanii fi dirqama keessan akka dagattan kan isin taasisedha.
Guyyaa Murtii gara fuunduraatti kan qunnamtan ta’ee osoo jiru soba akka ta’etti
yaaddu. Wanti jireenya tana keessatti isin hojjattan hundi ni galmaa’a. Wanti baduu
fi dagatamu tokkollee hin jiru: "Dhugumatti, isin irra eegdotatu jira.
Kabajamoo barreessitoota kan ta’an. Wanta isin hojjattan hunda ni beeku.” Barreessitoonni ykn galmeessitoonni kunniin Malaykoota namoota waliin deemun
isaan ilaalan, wanta isaan hojjatanii fi jedhan hunda kanneen galmeessaniidha[4].
Akkamitti akka barreessan, maal fayyadamanii hojii fi dubbii keenya akka
galmeessanii fi galmeen isaan fayyadaman maal akka ta’e beekuuf hin qorannu.
Sababni isaas, kuni dhimma geeybi (miiran bira hin gahamne) waan ta’eef akkaataa
malaykoonni kana hojjatan nuti beeku hin dandeenyu.
Asitti Malaykoota kanniin Kabajamoo jechuun ibse. Kuni kan agarsiisuu
Malaykonni kabajamoon waan nu waliin jiraniif wanta badaa hojjachuu irraa akka
qaanofnuu fi naamusa qabaannufi. Namni yommuu nama kabajamaa waliin ta’u of
eeggannoo ni taasisa, wanta badaa hojjachuu irraa ni saalfata.
“Dhugumatti warri toltu hojjatan qananii keessa jiraatu.” Warri toltu hojjatan
(abraar) warra dhugaan amanan, hojii dirqamaa erga hojjatanii booda hojii
63
gaggaarii dabalataa kanneen hojjatanii fi hojii badaa irraa dhoowwaman erga irraa
fagaatanii booda wanta jibbama (makruuh) kanneen dhiisaniidha. Fakkeenyaf,
salaata dirqamaa (waajibaa) ni salaatu. Ergasii salaata sunnaah itti aansu. Zakaa ni
kennu, ergasii sadaqaa dabalataa ni kennu. Sooma ji’a Ramadaanaa ni soomu.
Ergasii sooma dabalataa ni soomu. Haqa haadha abbaa, firaa fi namoota biroo ni
eegu. Kanarratti dabalatee, tola dabalataa isaaniif oolu. Warroonni kunniin
addunyaa tana keessatti qalbiin isaanii tasgabbaa’un qananii keessa jiraatu.
Aakhiratti Jannata qananiin guuttamte keessa seenun qananiin marfamu.
“Warrii hamtuu hojjatan immoo ibidda Jahannam keessa jiraatu.” Warri
hamtuu hojjatan (fujjaar) warra badii gurguddaa akka kufrii, shirkii fi kan biro
keessatti taraniidha. Akkasumas, warra Khaaliqa isaan uumeef hin ajajamneedha.
Warri kuni adabbiin isaanii addunyaa tana keessatti qalbiin isaanii adabbii cimaa
keessa jiraachudha. Guyyaa Murtii immoo ibidda Jahannam keessatti gubatu.
Gonkuma Jahannam keessaa bahuu fi irraa fagaachu hin danda’an.
Aaya lamaan armaan ilaalchise imaamu ibn Al-Qayyim wanta jedhu qaba: aayan
lamaan kunniin qananii fi adabbii cimaa Aakhirah qofarratti waan daangeefaman
sitti hin fakkaatin. Kana irra, ganda addunyaa, qabrii keessatti fi ganda yeroo
hundaa keessa turan (Aakhirah) kan ofi keessatti qabataniidha. Warri kunniin
qananii keessa, warrii biroo immoo adabbii cimaa keessa jiraatu. Qananiin qananii
qalbii caalu ni jiraa? Azaabni azaaba qalbii caalu ni jiraa? Azaaba (adabbii) kamtu
sodaa, yaaddo, gadda, qomni dhiphachuu, Rabbii fi ganda Aakhirah irraa
garagaluu, Rabbiin ala wanta biraatti rarra’u caalu jiraa?[5]
Qananii jechuun wanta nama gammachiisu, mirqaansu fi mi’aa irraa argataniidha.
Adabbii (azaaba) jechuun immoo wanta nama dararu, gaddisisuu, miidhaa
namarraan gahuu fi nama gubuudha. Kanaafu, namni qananii argachuu fi adabbii
irraa baraaramu barbaadu, dhugaan amanuun toltu haa hojjatu, wanta badaa irraa
haa fagaatu. wa billahi tawfiiq
Guduunfaa
➥Uumama ofii irratti xinxalluun Guddinna Rabbii Olta'aa akka beekanii fi Isaaf
akka ajajaman nama taasisa. Maaliif addunyaa tana keessa akka jiraatan namatti
akeeka.
➥Ilma namaatiif sammuun ittiin yaadu, ijji ittiin argu, arraba ittiin dubbatu, gurri
64
ittiin waa dhagahuu fi fedhiin waa itti filatu isa keessatti uumamuun, wanta
hojjatuuf akka itti gaafatamu kan agarsiisuudha.
➥Kanaafu, Guyyaa Murtii wanta hojjataa tureef ni gaafatama.
Kitaabban wabii: [1] Human development as described in the Qur’an and sunnaah fuula 94-95
THE DEVELOPING HUMAN CLINICALLY ORIENTED
EMBRYOLOGY KEITH L. MOORE, PERSAUD
Tafsiirul Aayaatil Kawniyati Fiil Qur'aanil Kariim jiildi 2ffaa fuula-231, By
Zaghluul Najjaar,
[2] Tafsiir Qurxubii 22/122
[3] Ma’aariju at-tafkuri wa daqaa’iqu at-tadabburi 15/79, Abdurahman Hanbak
[4] Sayyid Quxb, Fii Zilaalil Qur'aan, English Translation 18/82
[5] Bidaa’u Tafsiir 3/267, Ibn Al-Qayyiim fi Kitaabban Tafsiira biroo
65
Boqonnaa 2 UUMAMA NAMAATTI XINXALLUU-KUTAA 1
Akkamitti gara Rabbii (Subhaanahu wa ta’aalaa) Dhiyaatan?
Marsaalee uumama namaa Aayata Qur’aanaati fi dhugaa sayiinsin irra gahe
fayyadamuun hanga kutaa torbaa ilaala turreerra. Fakkiiwwan sanniin ilaalun nama
uumama ofiitti xinxalluuf barnootaa fi gorsa ta’a. Ammas, itti fufuun uumama
keenyatti ni xinxallina. Garuu uumama keenyatti xinxalluun bu’aan nuti argannu
maalii? Namni jireenya isaa keessatti Gooftaa isa uumee beekuf karaa adda addaa
barbaada. Erga Gooftaa isaa beekee booda Isa qofa gabbaruu fi jaallachuun jireenya
keessatti tasgabbii fi milkaa’inna barbaada. Kanaafu, karaan Gooftaa ofii itti
beekan keessaa tokko uumama ofiitti xinxalluudha. Aarifoonni (warroonni Rabbiin
sirritti beekan) gariin akkana jedhu, “Jiraattonni addunyaa tanaa wanta garmalee
mi’aayaa (gaarii) ta’ee osoo hin dhandhamin addunyaa tana gadi dhiisanii
deeman.” Wanti garmalee gaariin (mi’aawan) suni maali? jedhamanii yommuu
gaafataman, isaaniis akkana jechuun deebisan, “Rabbiin beekuu fi
jaallachuudha.”
Imaamu ibn Al-Qayyiim (rahimahullahu) karaalee Rabbii ofii itti beekanii fi itti
dhiyaatan bakka afuritti qooda[1]:
1-Sifaata Rabbii beeku- asitti sifaata jechuun amaloota gaggaarii waa’ee Rabbii
ibsaniidha. Kan akka waan hundaa beeku, dhagahuu, arguu, waan hundaa irratti
danda’aa ta’uu,
2-Hojiiwwan, tola, mararfanna Rabbii gara sifaanni Isaa guutuu ta’uu
agarsiisanitti xinxalluu
3-Namni amalootaa fi hojiiwwan Rabbiin jibbuu fi itti dallanuu itti yaadun irraa
fagaachu.
4-Amalootaa fi hojiwwan Rabbiin jaallatu fi gara Isaatti nama dhiyeessan itti
yaadun amaloota saniin of faayu fi hojjachuu.
Tuqaan 1ffaa fi 2ffaan Tawhiida fi sifaata Rabbiitii fi hojiwwan Isaatiin kan wal
qabataniidha. 3ffaa fi 4ffaan immoo karaa Isatti nama geessu fi wanta karaa
kanarraa nama deebisaniin kan wal qabataniidha. Amaloota nafsee ofiitti
xinxalluun wanta Rabbiin jaallatuu fi jibbuu akka addaan baasu isa taasisa.
66
Sifaata Rabbii beeku fi hojiiwwanii fi murtiwwan Isaatti yaadun, iimaanaa fi kufrii,
tawhiidaa fi shirkii, mirkaneessu fi diigu, wanta Rabbiif hin mallee irraa Isa
qulqulleessu fi wanta Isaaf maluun ibsuu akka addaan baasu isa taasisa.
Karaalee kanniin armaan oli galmaan ittiin gahan
Namni sifaata (amaloota) Rabbii guddaa beeku kan danda’u qajeelcha yoo
qabaatedha. Karaa Ergamtootaatin Rabbiin irraa qajeelchi yoo isa hin gahin,
dhama’iinsa fi jallinna keessatti kufa. Addunyaa tana keessatti namoonni Rabbiin
arguu hin danda’an. Kanaafu, qajeelcha Isa ittiin beekan barbaachisa. Qajeelchi
kunis kitaabban gara Nabiyyootatti bu’aniidha. Kanaafu, karaan sifaata Rabbii
Olta'aa itti beekan Kitaaba Qulqulluu Isarraa bu’e qo’achuudha. Kitaabni
qulqulluun xumuraa Qur’aana. Qur’aana keessatti sifaata Isaaf maluu fi hin malle
ni dubbata. Kanaafu, Qur’aana xinxalliin qo’achuun sifaata Rabbii akka beekan
nama taasisa. Kanaafi, akkana jechuun gara Qur’aana xinxallutti nama kakaasa:
“[Yaa Muhammad] [Kuni] Kitaaba barakaa, akka isaan keeyyattoota isaa itti
xinxallanii fi akka warri sammuu qaban ittiin gorfamaniif jecha gara keetti
buufnedha.” Suuratu Saad 38:29
Barakaa jechuun tola baay’ee jechuudha. Dhugumatti Qur’aanni tola baay’een kan
guuttameedha. Waa’ee Rabbii olta’aa haala ifa ta’een namaaf ibsuun dukkana kufrii
fi shirkii keessaa gara ifa iimaanatti nama baasa.
Karaan biraa Rabbii ofii itti beekanii fi jaallatan mallatoolee samii fi dachii keessa
faca’anitti xinxalluudha. Wantoonni uumaman samii fi dachii keessa jiran hundi
sifaanni Rabbii guutuu ta’uu agarsiisu. Kanaafu, namni akkuma mallattoolee ijaan
mul’atanitti xinxalluun Rabbii ofii beekaa fi jaallataa adeema. Rabbiin olta’aan ni
jedha:
67
“Dhugumatti, uumama samii fi dachii, wal bakka bu’uu halkanii fi guyyaa
keessa warra sammuu qabaniif mallatooleetu jira. Isaan warra dhaabbannaa,
taa’umsa fi cinaacha isaanii irratti ta’uun Rabbiin faarsanii fi uumama sami
fi dachiitti xinxalluun “Yaa Gooftaa keenya! Ati kana taphaaf hin uumne,
Qulqulloofte! Adabbii ibiddaa irraas nu baraari.” [jedhaniidha].” Suuratu
Aali-Imraan 3:190-191
Mee amma wanta yeroo hundaa irra deddeebinee ilaallu sammuu banuun haala
haarawaan haa ilaallu. Samii fi dachii, halkanii fi guyyaa namni kamiyyuu ni arga.
Garuu namoonni itti xinxallanii gara haqaatti qajeelan baay’ee xiqqoodha.
Namoonni kunis namoota sammuu isaaniitti fayyadamanii fi haala kamiyyuu
keessatti Rabbiin subhaanaha wa ta’aala kan yaadatanii fi faarsaniidha. Yommuu
dhaabbatan, deeman, taa’an fi cinaacha irratti hirkatan qalbiin Rabbiin ni yaadatu,
arrabaan ni faarsu. Warri kuni warra uumama samii fi dachiitti xinxallaniidha.
Xinxalli booda wanti hubatan: samii fi dachiin hangana gurguddatan kunniin
taphaaf akka hin uumamne ni hubatu. “Yaa Gooftaa keenya! Ati kana taphaaf
hin uumne…” Kana jechuun yaa Gooftaa keenya wantoota kanniin kaayyoo fi
ogummaa malee akkanumatti taphaaf hin uumne. Kana irra, hikma ykn kaayyoo
guddaa tokkoof uumte. Namootaaf iddoo jireenyaa taasisu, Si beekuf ragaalee akka
ta’aniif, Siif ajajamuun jireenyaa zalaalamii akka gahaniif uumte[2]. Kanaafu,
uumamni samii fi dachii ajajuu fi dhoowwu, badhaasu fi adabuu kan
barbaachisuudha.
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa namootaaf dachii akka firaashaa diriirseef. Samii
immoo akka gonbisaa gochuun rooba irraa buuse. Rooba kanaanis biqiltoota
biqilchuun namootaaf soorata taasise. Namni xinxallu akkana jechuun of gaafata,
“Rabbiin kana hunda kan godheef taphaafi?” Gonkumaa taphni wanta isaaf hin
68
malleedha. Kanaafu, wanta namoota barbaachisu jireenya tana keessatti erga
dhiyeessefi, dhumarratti wanta hojjataniif isaan gaafachuun mindaa isaaniif kenna.
Kunis kan ta’u Guyyaa Qiyaamati. (Dhugaa kana hubachuuf suuratu baqarah 2:21-
25 itti xinxalluun ni danda’ama) Aayaata kanniin keessatti, jalqaba Gooftaa isaan
uume akka gabbaran namoota ni ajaja. Ergasii, uumama samii dachii fi qananii
isaaniif oole ni dubbata. Uumamni fi qananiin kuni Rabbiin qofa gabbaruutti waan
nama kakaasuf “Isa waliin waan biraa hin gabbarinaa” jechuun dhoowwa. San
booda, waa’ee Qur’aana ni dubbata. Kuni kan agarsiisu Qur’aanni Isarra akka bu’e
fi namootaaf qajeelcha akka ta’e agarsiisa. Dhumarratti, xumura namoota kafaranii
fi amananii dubbata.
Kanaafu, uumamni samii fi dachii jireenya tanaan ala jireenyi biraa akka jirtu kan
agarsiisuudha. Jireenyi lammataa namni hunduu mindaa itti argatu yoo hin jiraatin,
uumamni samii fi dachii tapha ta’aa jechuudha. Rabbiin subhaanahu tapha irraa kan
qulqullaa’edha. Kanaafi, warroonni xinxallan, “Subhaanaka (Qulqulloofte)!”
jechuun Rabbiin hanqinnaa fi tapha irraa qulqulleessu. Itti aansanii, Guyyaa
Qiyaamaa ibidda irraa akka isaan baraaru kadhatan.
Kanaafu, uumamtootatti xinxalluun Rabbii ofii akka beekanii fi itti amanan, yeroo
hundaa akka Isa yaadatanii fi faarsan nama taasisa. Akkasumas, kaayyoo
wantoonni kunniin itti uumamaniif ni hubatu.
“Yommuu xinxallan ni gorfaman; yommuu gorfaman ni amanan; yommuu
amanan Rabbiin ni gabbaran. Xinxalliin ibaadaa guddaa gabrichi hojjatuudha.[3]”
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa gara uumama samii fi dachii qofa osoo hin ta’in
uumama keenyattis akka xinxallinu nu kakaasa.
“Sila namni akka Nuti copha bishaan saalaa irraa isa uumne hin arginee?
Yeroma san inni mormaa ifa bahaa ta’ee argama.” Suuratu Yaasin 36:77
Qur’aana keessatti iddoo adda addaatti ilma namaa jalqaba, guddinnaa fi xumura
uumama isaatti akka xinxalluu ni waama. Nafseen isaatii fi uumamni isaa ragaalee
69
gurguddaa gara Uumaa isaa akeekan irraayyi. Wanti hundarra dhiyoon gara namaa
ta’e nafsee isaati. Wantoota ajaa’ibaa Guddinnaa Rabbii agarsiisantu keessa jira.
Garuu namni nafsee ofiitti xinxalluu irraa kan garagalee fi dagateedha. Osoo itti
xinxallee silaa ajaa’ibni inni uumama ofii keessatti arguu kufrii isaatirraa ni
dhoowwaa ture[4]. Rabbiin ni jedha:
“Namni abaarrame! Sila maaltu isa kafarsiisee?
[Rabbiin] waan akkamii irraa isa uumee?[hin xinxalluu?]
Copha bishaan saalaa irraa isa uumee ergasii isa sirreesse.
Ergasii karaa [inni ittiin dhalatu] isaaf laaffise.
Ergasii isa ajjeesee isa awwaalchise. Ergasii yeroo fedhe isa kaasa.” Suuratu
Abasa 80:17-22
70
Mee amma gara nuxfah ija xinxallitiin ilaali. Copha bishaan dadhabaa nama
jibbisiisuudha. Osoo sa’aatin muraasni irra darbe cophni tuni ni baddi, fooliin ishii
ni ajaaya. Gooftaan gooftotaa wanta hundaa beeku fi danda’aa ta’e akkamitti akka
dugdaa fi qoma jidduudhaa baase itti xinxalli. Cophni tuni dandeetti Isaatiif
masakamuu fi fedhii Isaatiif ajajamuun hanga iddoo gahuumsa geessu ajaja Isaatiif
buluun deemti. Cophni dhiiraa fi dubartii keessaa bahan gara gadaamessa deemun
akkamitti akka qubatan mee ilaali. Karaa irra deemanii gadaamessa itti gahan Kan
mijeesseef eenyu? Karaa kana keessa deemun gadaamessa hanga gahanii kan
qajeelchu Rabbiin malee jiraa? Cophni kunniin nafsee fi sammuu hin qaban.
Kanaafu kan isaan qajeelchu barbaachisa.
Cophni wal makaan gadaamessa keessa erga gahee booda wanta adeemsifamu mee
itti xinxalli. Copha akka duumessaa kanarraa dhiiga iititaa taasise. Dhiiga itiita kana
gara muraa foonitti jijjire. Muraa foonii kanarraayis lafee uumuun foon uwwise.
“Kanaafu, tola Rabbii keessanii keessaa kamiin kijibsiiftuu?” Suuratu Ar-
Rahmaan 55:13
Guduunfaa
☛Rabbii ofii beekanii fi itti amananii Isa qofa gabbaruun dhugumatti jireenya
keessatti tasgabbii addaan hin cinne argachuudha.
“Isaan warra amananii qalbiin isaani zikrii Rabbiitin tasgabbooftudha.
Dhaga’aa! Zikrii Rabbiitin qalbiin ni tasgabboofti.” (Suuratu Ar-Ra’ad 13:28)
☛ Karaaleen Rabbii ofii itti beekan, itti amananii fi jaallatan Qur'aanaa fi
wantoota uumamanitti xinxalluudha.
☛ Qur'aanatti xinxalluun sifaata (amaloota) Rabbii olta'aaf maluu fi hin malle,
iimaanaa fi kufrii, tawhiidaa fi shirkii akka addaan baasan nama gargaara.
71
☛ Uumama samii fi dachiitti xinxalluun Guddinnaa fi Dandeetti Khaaliqa akka
hubatan nama gargaara.
☛ Uumama ofiitti xinxalluun maaliif akka uumaman, jireenya tanaan ala jireenyi
biraa akka jirtu fi Dandeetti Khaaliqa akka hubatan nama taasisa.
☛ Rabbiin subhaanahu wa ta'aalaa wantoota samii fi dachii keessa jiran ilmaan
namaatiif erga uumee, akkanumatti osoo isaan hin ajajinii fi hin dhoowwin,
dhumarratti osoo hin qoratin ni dhiisaa? Qorannoo fi jazaan yoo hin jiraatin
bu'aan uumama samii, dachii fi ilma namaa maali ree? Kanaafu, Guyyaan
Qiyaamaa namni wanta hojjateef itti qoratamuu fi mindaa itti argatu jiraachu
qaba.
☛ Namni haala kanaan jireenya yoo ilaale, akkanumatti kan uumame osoo hin
ta'in kaayyoo guddaaf akka uumame ni hubata. Kanaafu, waan gaarii hojjachuu fi
waan badaa irraa fagaachun Guyyaa Qorannootiif of qopheessa.
☛ “Qoratamuun dura of qoradhaa, madaallamuun dura of madaalaa!” Umar ibn
Al-Khaxxaab (radiyallahu anhu).
Kitaabban wabii: [1] Miftaahu Daaru sa’aadah-fuula 530-533, Imaamu ibn Al-Qayyiim
[2] Tafsiirul Qur’aanil Kariim wa i’iraabuhi wa bayaanuh 2/346 Muhammad
Aliyy Xaahaa
[3] Madda olii-345
[4] Miftaahu Daaru Sa’aadah-fuula 539
72
UUMAMA NAMAATTI XINXALLUU-KUTAA 2 FI 3
Dhugumatti Rabbii ofii beekanii itti amanuu fi Isaaf ajajamuun mi’aa guddaa
jireenya tana keessatti namni dhandhamuudha. Hanga fedhe, nyaata mi’aawa haa
nyaatu, qabeenya fedhe haa qabaatu, dubartii fedhe haa fuudhu, mi’aan inni
wantoota kanniin irraa argatu, mi’aa Rabbiitti dhiyaachu irraa argatuun gonkumaa
wal hin qixxaatu. Rabbiin beekuu fi Isaaf ajajamuu irraa gammachuu fi tasgabbiin
argamuu itti fufaa fi yeroo hundaa kan turuudha. Gammachuu fi mi’aan fedhii
lubbuu fi foonii guuttachuun argamuu yeroo gabaabaaf kan turuu fi tarii gara
hadhaatti jijjiramu kan danda’uudha. Kanaafu, namni jireenya keessatti
gammachuu addaan cinne hawwuu, Rabbii isaa beekuu fi Isaaf ajajamuuf
tattaafachu qaba. Akkuma yeroo darbe jennee Rabbii ofii beekuuf sifaata Isaa
beeku fi uumamtoota gara sifaata Isaatti akeekanitti xinxalluudha. Uumamtoota
ajaa’ibaa gara sifaata Rabbii akeekan keessaa tokko ilma namaati. Kutaa darbe irraa
itti fufuun uumama mataa keenyatti ni xinxallina:
Cophni wal makaan gadaamessa keessa erga gahee booda wanta adeemsifamu mee
itti xinxalli. Copha akka duumessaa kanarraa dhiiga ititaa taasise. Dhiiga itiita kana
gara muraa foonitti jijjire. Muraa foonii kanarraayis lafee uumuun foon uwwise.
73
Amma mee akkamitti kutaa qaamaa wal-qixxaa’aa fi wal fakkaatu kana gara narvii,
lafee, ujumoo dhiigaa fi kan birootti akka qoqqoode ilaali. Ergasii, tokko tokkootti
hidhaa cimaan akkamitti akka walitti hidhee fi hiikamu irraa fagoo akka ta’e mee
ilaali. Akkamitti lafee foon uwwisee fi itti maxxansee. Foon lafeef uffataa fi
eeggumsa taasisee. Lafees foon kan baadhattuu fi kan dhaabdu taasise. Foon lafeen
dhaabbata, lafeenis fooniin eeggamti. Kana hunda kan akkanitti ijaaree Rabbii
Olta’aa malee jiraa?
Ilma namaa kana akkamitti akka boce fi boca isaa akkamitti akka miidhagse mee
ilaali. Gurra, ija, afaan, funyaanii fi qaawa biro ni baasef. Harka lamaanii fi luka
lamaan ni dheeresseef. Fiixee harkaa fi lukaa akkamitti qubbiinitti akka qoqqoode
mee ilaali. Ergasi qubbiniis fiixee kottee ofirraa qaban godheef. Keessa qaamaa
onnee, garaacha, kale, tiruu, sonba, gadaamessa, qaraxixii fincaanii fi mar’imaa
irraa akkamitti akka ijaaree fi hundi isaaniitu hojii mataa isaanii akka qaban mee
itti xinxalli.
Lafee qaamaaf jabeenyaa fi utubaa taatee keessatti ogummaa daangaa darbe mee
ilaali. Khaaliqni hammaa fi boca garagaraa irratti safara lafee murteesse; lafeen
gariin xiqqaa, gariin guddaa, gariin dheeraa, gariin gabaabaa, gariin jallataa, gariin
geengoo, gariin haphii, gariin furdaa, gariin jajjaboo, gariin golbo. Tokko tokko
keessa akkamitti akka seensisee ilaali. Gariin wal keessa seenun walitti maxxanu,
gariin immoo walitti hidhaa qofa. Faaydaa ishii irratti hundaa’e bocni lafee
akkamitti akka gargara ta’e mee ilaali. Fakkeenyaf, kutaa ilkaanii keessaa a’oon
nyaata bulleessuf waan itti fayyadamaniif bal'oo taasifamte. Ilkaan fuunduraa
(qaarriffaan) immoo meeshaa ittiin muran waan ta’eef fiixeen isaa qara.
Namni qaama isaa guutuu sochoosu fi kutaalee qaamaa muraasa naanneessuun
haajaa isaa bahuu waan barbaaduf, lafee isaa lafee tokko hin goone. Kana irra, lafee
baay’ee isaaf godhe. Lafeewwan jidduu wal-qunnamtii taasisuun salphatti akka
socho’uu haala mijeessef. Lafeewwan walitti galanii fi hidhaman kunniin hangaa fi
bocni isaanii sochii barbaadame irratti kan hundaa’edha.
Lafee walitti galan kanniini fi kutaalee qaamaa akkamitti akka jabeesse fi hidhaa
cimaan walitti hidhee mee ilaali. Fiixee lafeewwanii kana irratti dabalata taasisuun
tokko tokko keessa akka seenu fi walitti galoo godhe. Namni yommuu sochii
barbaadu, lafeen walitti galan (gaxaaxamaman) kunniin isa hin didan. Osoo walitti
galuumsi (joint) lafeewwan jidduu jiraachu baate silaa socho’u hin danda’u.
74
Uumama mataatii fi lafee baay’ee inni qabu mee itti xinxalli. Lafeewwan isa keessa
jiran boca, dheerinnaa fi hojii garagaraa kan qaban yoo ta’u baay’inni isaanii hanga
55 gaha jedhama. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa akkamitti akka ijaare fi akkuma
namni geejjiba isaa yommuu yaabbatu gubbaa taa’u, mataas qaama gubbaa taasise.
Mataan qaama gubbaa irra waan taa’eef, qaamolee miiraa shananii fi meeshaalee
hubannoo biroo isa keessa kaa’e. Dhageettin, argituun, funfachuun, dhandhamuun
mataa irra jiru. Gogaan qaama miiraa tuqaatii waan ta’eef isaa fi qaamoolee biro
haguuga. (Asitti "mataa" yommuu jennuu kutaa mormaa ol jiruudha.)
Qaama miiraa argituu qaamaaf akka waardiyaa, eegdu fi qorataa taatuuf fuundura
mataa godhe. Ija lamaanu baqana torba irraa ijaare. Baqanni hunduu amala, hamma
fi hojii mataa isaa danda’e qabu. Baqannawaan kanniin keessaa baqanni tokko osoo
keessaa bade ykn haalaa fi bakka isaa gadi lakkisee, silaa ijji arguu hin dandeessu.
Ergasii Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa baqana torban kana keessatti uumama
ajaa’ibaa kaa’e. Innis qaroo ijaa gurraatti hanga firii misiraa geessudha. Qaroo ijaa
tanaan wanta bahaa fi dhiya, samii fi dachii jidduu jiru ilaala. Baqanni torban
kunniin, nyaarri fi qoolli ijaa qaroo ijaatiif tajaajiltootaa fi eegdota ta’u. Rabbiin
uumamtoota hunda caale tolti Isaa baay’atte.
Boca fi hanga ijaa akkamitti akka tolche, ergasii haguuggi, eeggumsaa fi
miidhaginna akka ta’uuf nyaaraa fi qoolaan akkamitti akka miidhagsee mee ilaali.
Qoolli ijaa ija irraa miidhaa, awwaara fi xurii eega. Akkasumas, hoo’a fi qorra
baay’ee ija irratti miidhaa fiduu danda’u ittisa. Ergasii fiixee qoola ijaa irratti
miidhaginnaa fi faaydaa birootiif akka tolu rifeensa magarse. Rabbiin subhaanahu
wa ta’aalaa ija xiqqoo tanaaf wantoota samii fi dachii keessa jaran akka argitu
dandeetti kenneef.
75
Rabbiin namaaf qaamaa miiraa dhageetti ni baaseef. Uumama gaarii irratti gurra
uume. Hojii isaa sirnaan hojjata. Sagalee waraabun keessoo gurraatti akka geessuf
ala gurraa golboo taasise. Akkasumas, alli gurraa sochii ilbisootaa namni
hubachuun akka dafee ofirraa oofuuf ni barbaachisa. Qilleensaa fi sagalee erga
sassaabe hamma isaanii hir’isuu fi laaffisuun gara keessotti akka dabarsuuf dhoqa,
boollaa fi gingilchaa godheef. Akkasumas, ogummaan biraa ilbisni yommuu gurra
seenu akka gara keessatti hin dabarree karaa itti dheeresa. Kuni immoo dafee namni
ilbisa san akka of keessaa baasu isa taasisa.
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ogummaa Isaatiin dhangala'aa gurraa garmalee
kan hadhaawu taasise. Yommuu ilbiisni gurra seentu hadhaan kuni duubatti
deebisa. Dhangala'aa ijaa immoo kuraawaa taasise. Kunis badiinsaa fi faallama
irraa ija eega. Ijji moora waan taateef dhangalaa’an ishii kuraawaa ta’uun ishii eega.
76
Dhandhama wantoota akka addaan baasuuf dhangala’aa afaanii immoo mi’aawaa
taasise.
Mee haa gaafannu, warroota Rabbiit amanu didan, “Eenyutu akkanatti lafee ijaaree
walitti galchee? Namaaf harkaa luka gochuun fiixee isaanii irratti qubbiin shan
taasisee? Eenyutu ija, gurra fi afaan boca, haala fi amala garagaraa irratti uumee?
Dhangala’oo gurraa hadhaawaa, dhangala’oo ijaa kuraawaa, dhangala’oo afaanii
immoo mi’aawaa hin hadhoofnee fi kuraawaa hin taanee kan godhe eenyuu? Kuni
hundi mataa ofiitiin boca, hamma fi amala ofii murteeffachuu danda’uu? Mataa
ofiitiin kana hunda gochuu waan hin dandeenyeef Rabbii waa hundaa beeku fi
ogeessa ta’etu uumee.
Rabbiin Olta’aan ni jedha:
“Homaa kan hin beekne taatanii garaa haadha keessanii keessaa Rabbiin isin
baase. Akka galateefattaniif dhageetti, argituu fi qalbii isiniif taasise.” Suuratu
An-Nahl 16:78
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ilma namaa erga uumee garaa haadhaa keessaa
gara addunyaatti baase. Yeroo kanatti beekumsa wanta jedhamu hin qabu.
Meeshaalee beekumsa ittiin argatuu fi baratuu uumeef. Meeshaaleen kunniinis:
dhageetti, argituu fi qalbiidha. Dhageettin wantoota naannoo jiru dhagahuun gara
handhuura hubannaatti dabarsa. Argituunis wantoota naannoo jiru arguun gara
handhuura hubannaatti dabarsa. Qalbiinis wantoota ijaan mul’atanii fi gurraan
dhagahaman addaan baasti, ni hubatti. Qalbii yommuu jennu foon onnee qaama
keessatti argamuu qofa osoo hin ta’in hiika bal’aa kan qabuudha. Fakkeenyaf,
namni tokko namoonni haala salphaan kan isa gowwoomsan yoo ta’e, “Inni qalbii
hin qabu” jedhama. Asitti qalbii hin qabu yommuu jedhamu onnee qaama keessaa
77
hin qabu jechu miti. Kana irra handhuurri ykn wiirtuun hubannaa isaa dadhabaadha
jechuudha.
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa dhageetti, argituu fi qalbii kan namaaf uumeef,
akka Isa galateefatanii ganda qananii (Jannata) gahaniifi. Isa galatefachuun kan
ta’u, qaamolee kanniinitti fayyadamuun Isatti amanuu, Isaaf gadi of qabuu fi hojii
gaggaarii hojjachuudha. Fakkeenyaf, namni Rabbiin galateefatu, dhageetti isaatiin
Qur’aana fi dubbii gaarii ni dhageefata. Argituu isaatiin uumamtoota dachii fi samii
keessa jiran itti xinxalluuf ni ilaala, kitaabbanii fi barruulee gaggaarii ni dubbisa.
Ergasii wantoota dhageefatee fi argee kanniin irraa qalbii isaatiin haqa ni hubata.
San booda, Rabbitti amanuu fi Isaaf ajajamuun galata galcha. Yoo akkana godhe,
ganda lamaanitti ni milkaa’a.
Funyaan
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa funyaan fuula jidduu godhe. Boca, haalaa fi bakka
isaa ni tolche. Qaawwa lama isa keessaan baasee jidduu isaanii addaan baasaa
(barrier) taasise. Qaawwa lamaan kana keessa qaama miiraa fuunfachuu godhe.
Qaama miiraa fuunfachuutiin urgaa’a fi ajaa’a, gaarii fi badaa addaan baasan.
Akkasumas, qaawwi lamaan kunniin qileensa harkisuun onnee geessa. Onneenis
qilleensa kanaan ni haarofti, boqonnaa fudhatti.
Fooli akka hin qabne, hin laaffisnee fi yaa’insa isaa akka hin kunneef keesso
funyaanii akka keessoo gurraa jajallaa fi gingilchaa hin taasisne. Rabbiin olta’aan
funyaan xuriin sammuu keessaa yaa’u iddoo itti walitti qabamu taasise. Xuriin
sammuu keessaa yaa’u funyaan keessatti walitti qabamuun ergasii gara alaatti baha.
Ajaa’ib!!!!
Ogummaa Isaatiin jala caalaa gubbaa funyaanii dhiphaa godhe. Jalli funyaanii
bal’aa ta’uun, xuriin sammuu irraa dhufu isa keessatti walitti qabamuun haala
salphaan gara alaatti akka bahuu gargaara. Akkasumas, qilleensa baay’ee
fudhachuun ergasii hanga onnee gahuu xiqqoo xiqqoon gara olii ol fudhata.
Ogummaa fi rahmata Isaatiin qaawwa funyaanii lamaan cufaan (barrier) addaan
baase. Funyaan ujumoo wanti sammuu irraa dhufe keessa yaa’u fi qilleensa alaa
fudhachuun gara onnee dabarsuu waan ta’eef cufaan kuni qaawwa lamaan jidduu
jiraachuun faayda guddaa qaba. Funyaan keessatti cufaan (addaan baasaan)
78
qaawwa lamaan jidduutti argamu, qilleensi qulqulluun gara funyaanii seenu xurii
sammuu irraa dhufuun akka hin faalamne eega. Yeroo baay’ee dhangala’aan surrii
(mataa) keessaa bahuu qaawwa funyaani tokkoon dhangala’a. Qaawwi biraa
immoo qilleensaaf duwwaa ta’a. Garuu dhangala’aan qaawwa lamaan keessaan kan
dhangala’u yoo ta’e, dhangala’aan gara tokkotti ta’uun qilleensaaf bakka dhiisa.
Funyaan akka ijaa ykn gurraa lama waan hin taaneef qaawwa funyaani bakka
lamatti qoodun barbaachisaa ta’e. Qaawwi tokko osoo miidhamee ykn dhukkubni
tuqe, qaawwi biraa hojii ofii hojjachuun wanta nama barbaachisu galmaan gaha.
Fuula tokko irratti funyaan lama qabaachun wanta nama fokkisuu waan ta’eef
Khaaliqni Beekaa fi Ogeessa ta’e fuunyaan tokko qofa godhe. Garuu qaawwa
lamaan isa keessatti gochuun cufaan addaan baase. Rabbii Gooftaa aalamaa ta’ee
fi uumamtota hunda caalee tolti Isaa baay’atte.
Afaan
Rabbiin subhaanahu wa ta’aala namaaf iddoo isaaf maluu fi gaarii ta’etti afaan
baaseef. Afaan kana keessa faaydaa baay’ee, meeshaalee dhandhamaa, dubbachuu
fi meeshaalee ciniinu, muruu fi bulleessu godhe. Mallattoolee gara Rabbii akeekan
keessaa tokko arraba afaan keessa godhe. Mootii kutaalee qaamaa kan ta’ee qalbiif
arraba tarjumaan (hiikaa) taasisee. Akkuma gurri wantoota alaa walitti qabuun gara
qalbii geessu arrabnis wanta qalbiin feetu fi labsuu barbaaddu irraa fuudhe gara
alaatti baasa. Gurri ergamaa oduu alaa walitti guurun gara qalbii geessudha. Arrabni
immoo ergamaa wanta qalbiin barbaaddu gara alaatti geessudha. Gurri ala irraa
gara qalbii, arrabni immoo qalbii irraa gara alaatti oduu geessa. Subhaanallah!!!
Rabbiin ogummaa Isaatiin ergamaa kana (arraba) eeggamaa fi haguuggamaa
godhe. Akka funyaani, ijaa fi gurraa ifatti kan bahee miti. Kutaaleen qaamaa
kunniin ala irraa gara keessatti odeefannoo waan geessaniif ifatti kan bahanii fi kan
mul’atan taasise. Arrabni immoo qalbii irraa gara alaatti odeefannoo waan baasuf
kan haguuggamuu fi eeggamu taasifame. Gara alatti bahuun homaa hin fayyadu
waan ta’eef.
Akkasumas, arrabni qalbiin booda kutaa qaamaa kabajamaa waan ta’eef isa irratti
daasin ykn waxxeen godhame. Akkuma qalbiin qoma keessatti godhamte, arrabnis
daasi keessa godhame. (Arraba afaan keessatti yommuu ilaallu daasi ykn waxxee
jala waan jiru fakkaata.) Akkasumas, arrabni kutaalee qaama hunda caalaa qaama
79
laafaa fi jiidhaa ta’eedha. Jiidhinna isa marseen malee hojjachuu hin danda’u. Osoo
ifatti kan bahuu ta’ee, silaa hoo’insaa fi gogiinsa hojii isaatirraa dhoowwuf
saaxilamaa ture. Kanaan alatti faaydaalee birootif arrabni afaan keessatti eeggame.
Ergasii Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ilkaan namaaf faaya, meeshaa jireenyaa fi
soorannaa gochuun afaan miidhagse. Ilkaan gariin meeshaa itti bulleessaniidha,
gariin immoo meeshaa itti cininanii fi muraniidha. Hundee isaa ni jabeesse, fiixee
isaa ni qare, bifa isaa ni addeesse, hiriira isaa tartiiba qabsiisee walitti galoo taasise.
Kana hundarratti immoo gidaara (girgiddaa) lamaaniin ni marsee. Faaydaalee fi
iccitii isaan keessa gochuu qabu ni godhe. Gidaarri lamaan kunniinis hidhii
lamaani. Bifa, boca, haalaa fi bakka isaanii ni tolche. Afaaniif haguuggii taasise.
Akkuma laagaan fagoon iddoo jalqabaa sagaleen qubeewwanii irraa ka’uu taasisee,
hidhii lamaaniis iddoo xumuraa sagaleen itti dhumatu taasisee. Arrabni immoo
jidduu lamaanii ta’uun uumama qubeewwaniitiif gahee ol’aanaa taphata.
Dhugaatiif akka mijaa’uu fi cufanii banuuf akka salphatuuf Rabbiin subhaanahu
ogummaa Isaatiin hidhii foon qofa lafee kan hin qabne taasise.
Kutaa afaanii isa gadii aanu sochiif ni murteesse; sababni isaas, salphaa fi sochiif
waan ta’uuf. Kutaa afaanii gara olii immoo kutaalee qaamaa garmalee barbaachisoo
ta’an waan of keessaa qabuuf socho’uun akka hin miidhamne taasise. Kan socho’uu
fi nyaata afaan keessa oli gadi oofu kutaa afaanii gara gadiiti. Kutaan olii immoo
bakkuma ofii qabatee tura. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
“Sila Nuti ija lama isaaf hin goonee? Arrabaa fi hidhii lamas [isaaf hin
goonee]? Karaa lama isaaf ibsine.” Suuratu Al-Balad 90:8-10
Kana jechuun sila ilma namaatiif ija lamaa ittiin ilaalu isaaf hin goonee? Arrabaa fi
hidhi lama ittiin haasawu isaaf hin goonee? Kanarratti dabalatee karaa gaarii, haqaa,
qajeelaa fi karaa badaa, sobaa fi jallataa isaaf hin ibsinee? Kitaabban buusu fi
Ergamtoota erguun karaalee lamaan kanniin ifa goone.
80
Amma mee gara kokkee ilaali! Dhiphinnaa fi bal’innaan, jabinnaa fi laafinnaan,
dheerinnaa fi gabaabbinnaan kokkee boca garagaraa akka qabaattu taasisee uume.
Sababa kanaan, sagaleen namootaa garaagarummaa guddaan garagara ta’an. Darbe
darbee yoo ta’e malee sagaleen lama wal hin fakkaatan. Kanaafi, namni ballaan
ragaan isaa ni fudhatama jenne amanna. Akkuma namni ijaan arguu namoota
suuraa isaanii addaan baasu namni ballaanis namoota sagaleedhaan addaan baasa.
Rifeensa Rabbiin subhaanahu wa ta’aala mataa rifeensan ni miidhagse. Waan isa
barbaachisuuf rifeensa uffata isaaf godhe. Rifeensa bocaa fi hamma garagaraa
qabuun fuulas ni faaye. Nyaaranis ni miidhagse. Nyaarri wantoota gogaa mataa
irraa gara ijaatti bu’u ni eega. Akkasumas, boca nyaaraa marfataa (jallaa) godhe.
Qola ijaas rifeensaan miidhagse. Fuula dhiiraas areeda kabajaa fi dhaabbannaa isaaf
kennuun bareechise. Hidhii lamaanis gubbaan afkarroo, jalaan immoo areeda
magarsuun miidhagse.
Harka, Qubbiini fi Qeensa (Kottee)
Haaluma kanaan harka lamaan meeshaa garmalee barbaachisaa, soorata ittiin
argatuu fi hojii adda addaa ittiin hojjatu uumeef. Qaama isaatirra bakka fedhe akka
gahuuf harka lamaan ni dheeresse. Dachaasu fi diriirsuuf akka isatti tolu ganaa ni
bal’iseef. Qubbiin shan ni godheef. Quba guddaa malee qubbiin hundaa bakka sadii
saditti qoode. Quba guddaa immoo bakka lamatti qoode. Qubni guddaan qubbiin
hundarra akka naannaa’uuf qubbiin afran cinaa tokko, quba guddaas cinaa tokko
kaa’e. Iddoon kaa’umsa iddoo hundarra gaarii dachaasuuf, diriirsuu fi hojii
hojjachuuf toluudha. Namoonni jalqaba irraa kaasee hanga dhumaa walitti
sassaabamuun bakka kanaan alatti bakka irra gaarii qubbiin kaa’uuf osoo yaadanii
81
gonkumaa gochuu hin danda’an. Rabbii akkanatti qubbiin godheef tolti Isaa
baay’atte! Osoo fedhee silaa qubbiin shanan akka saanii dundumaa gochaa ture.
Silaa namnis hojii isaa garagaraa kanneen akka barreessu, bocu, qotuu fi kkf
gochuu hin danda’u ture. Qubbiin ofii yoo diriirse akka saanii ykn tirii ta’uun wanta
fedhe irraa kaa’a. yoo dachaase immoo meeshaa ittiin dhayuu ta’aaf. Diriirsuu fi
dachaasu jidduu yoo godhee immoo akka fal’aana waa itti nyaatu fi waan fedhe
ittiin guutuu ta’aaf.
Miidhaginna, jabeenyaa fi eeggumsa akka ta’uuf fiixee qubbiinii irratti kottee
(qeensa) godhe. Wantoota xixiqoo fi haphii qubbiin dhaqqabuu hin dandeenye
dhaqqabuuf qeensi barbaachisaadha. Namaan ala bineensotaa fi allaattiwwaniif
kottee meeshaa waraanaa fi soorataa godhe. Namni yeroo barbaadu akka qaama
isaa ittiin hooquf qeensa godheef. Kotteen kutaalee qaamaa keessa isa xiqqaa fi
tufatamaa ta’e kuni osoo dhabamee fi ergasii namni qaama ofii hooqu yoo
barbaade, silaa haajaan inni kotteef qabuu garmalee itti cima. Qaama hooquf bakka
kottee wanti bakka bu’uu osoo jiraachu baatee ergasii harka isaa bakka san hooquf
dheeresse, hanga kottee homaa isa hin fayyadu.
Dabalata waa’ee qubaa ilaalchisee Qur’aanaa fi Saayinsii irraa:
“Sila namni lafee isaa walitti hin qabnuu yaadaa? Eeyyen [walitti ni qabna].
Fiixee qubbiin isaatu akka turanitti deebifnee sirreessu irratti Danda’oodha.”
Akkuma irranatti jenne uumamni qubbiinii uumama ajaa’ibaa Dandeetti fi
Tokkichummaa Rabbii olta’aa agarsiisaniidha. Ashaaraa qubbiinii namoota lamaa
addunyaa keessatti yookiin inuma seenaa keessatti wal hin fakkaatan. Namoonni
biliyoonatti lakkaawaman dachii irra jiran ashaaran quba isaanii wal hin fakkaatu.
Inuma namoonni lakkuu dhalatan ashaaraa wal fakkaatu hin qaban. Kanaafi,
biyyoonni addunyaa hundi eenyummaa namaa beekuuf ashaaraa qubaatti
fayyadamu. Biyyoota garii keessatti yuniversitii, hospitaala, buufata xiyyaaraa fi
iddoo adda addaatti ashaara fayyadamu.
82
Ashaaraa (Fingerprint)
Fiixee qubaatin meeshaa ashaaraa yoo tuqan, eenyummaa nama ni baasa.
Namoonni kumaatamatti lakkaawaman meeshaa kana tuqan ashaaraan isaanii
gonkumaa wal hin fakkaatu. Eenyutu akkanatti qubbiin namoota biliyoonatti
lakkaawaman ashaaraa isaanii garagara godhee? Dhugumatti, Rabbii waan hundaa
beeku, ogeessa ta’e malee eenyullee gochuu hin danda’u. Inni waan hundaa irratti
Danda’aa, Beekaadha.
"Mootummaan samii fi dachii kan Rabbiiti. Rabbiin waan hundaa irratti
Danda'aadha." Suuratu Aali-Imraan 3:189
Kitaabban wabii: Miftaahu Daaru sa’aadah-fuula 541-550, Imaamu ibn Al-Qayyiim
Men and The Universe-hiika boqonnaa muraasaa kitaaba armaan olii-fuula 11-26
83
UUMAMA NAMAATTI XINXALLUU-KUTAA 4
Jireenya tana keessatti wanti guddaan ilmi namaa dheebotuuf gammachuu fi
tasgabbii argachuudha. Mi’aa tasgabbii dhandhamuuf hojii adda addaa hojjata.
Garuu hojiin inni hojjatu hundi mi’aa inni barbaade isaaf hin fidu. Dhugumatti,
karaan guddaa fi tokkichi mi’aa tasgabbii dhugaa ta’e jireenya keessatti itti
dhandhaman, Rabbii nama uumee beekuu fi Isaaf buluudha. Kanaan ala, Rabbiin
irraa fagaachun mi’aa tasgabbii nan dhandhama jedhee namni karaa biraa barbaadu,
abadan mi’aa tasgabbii barbaadu san hin argatu. Tarii yeroo muraasaaf argachuu
danda’a, garuu yeroo murtaa’a booda mi’aan suni ni bada. Mi’aa tasgabbii itti fufaa
kan argatan Mawlaa (Rabbii)tti dhiyaachuuni. Mawlaatti dhiyaachuun gadda,
yaaddoo, dhiphinna fi yaada sobaa namarraa oofun tasgabbii qalbii irratti
dhangalaasa. Yaa nama mi’aa kana argate, Mawlaa keetiif ajajamuun mi’aa
tasgabbii irratti mi’aa san caalu dabaladhu. Yaa nama mi’aa kana hin arganne,
Mawlaa kee beekuu fi Isaaf ajajamuuf tattaafadhu. Guyyaa tokko atis mi’aa kana
ni dhandhamtaa abdii hin kutin. Kutaa darbe keessatti uumama keenyatti
xinxalluun Rabbii keenya beekuuf tattaafachaa turree jirra. Har’as itti fufna;
Ijaarrama Lafee
Mee ilaali lafeen qaama keetii akkamitti akka ijaarrame. Lafeewwan hidhaa gadi
jiran fufurdaa fi jajjabaatadha. Sababni isaas qaama baadhachuun bu’uura ta’u.
Lafeewwan hidhaa olii immoo waan baadhatamaniif hammaan salphaadha. Morma
akkamitti mataaf geejjiba irra taa’u akka godhee mee ilaali. Mataan namaa morma
irra yommuu taa’u akka waan wanta yaabbatamu irra taa’eti. Morma dugugguruu
torba golboo fi naannawaa ta’an irraa ni ijaare. Ergasii tokko tokkorratti ni
maxxanse. Dugugguruu tokko dugugguruu biraa irra gochuun akka dugugguruu
tokko taatetti akkamitti ijaarsa ajaa’ibaa akka ijaaree mee ilaali. Ergasii morma,
dugdaa fi laphee irra godhe.
84
San booda morma, gateetti irraa kaasee hanga taa’aa gahuutti lafeewwan
dugugguruu wal keessa seenan digdami afur irratti ijaare. Lafeewwan dugugguruu,
lafee cinaachaa qabuu fi bakkaa akka hin sochoone fi hin bittinoofneef gahee
ol'aanaa taphatu. Lafeewwan kanniin tokko tokkotti akkamitti akka hidhee fi wal
qabsiisee mee itti xinxalli. Lafee dugdaa lafee lapheetti, lafee ceequ lafee irreetti,
lafee irree lafee ciqileetti, lafee ciqilees lafee harkaa fi qubbiinitti hidhe (qabsiise).
Lafee babala’oo akka lafee dugdaa fi mataa foon isaaniin wal gituun akkamitti akka
uwwisee mee itti xinxalli. Akkasumas, lafee haphii kan akka qubbiinii foon isaaniif
ta’uun uwwise. Haaluma kanaan lafee giddu galeessaa kan akka irree fi ciqilees
foon isaaniif maluun uwwise. Ogeessi fayyaa lafeen yoo miidhamte suphuuf,
85
lafeewwan kunniin akkamitti akka ijaarraman ni ilaala. Namni xinxallu immoo
Guddinna Hojjataa fi Uumaa lafee, Ogummaa, beekumsaa fi rahmata Isaa ittiin
beekuu fi dinqisiifachuuf ilaala. Garaagarummaan ilaalcha lamaan jidduu jiru
hangam guddaadhaa!
Walitti Hidhaa-Ligament Ergasi Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kutaalee qaamaa kanniin hidhaa cimaan
walitti hidhee jabeesse. Akka funyoo waa hiitu, qabduu fi eegdu godhe.
Hidhaawwan kanniin hanga lakkofsi isaanii 529 gahuutti ni baay’ise. Bakka irratti
hundaa’e furdinnaa fi haphinnaan, dheerinnaa fi gabaabbinnaan, qajeelinnaa fi
jallinnaan gargar taasise.
Hidhaawwan kanniin keessaa digdamii afur ija sochoosuu, banuu, cufuu fi arguuf
meeshaa taasiseef. Isaan keessaa hidhaan tokkichi osoo bade silaa dhimmi ijaa
hojiin ala ta’a. Kutaalee qaamolee birootiifis haaluma kanaan hidhaa kanniin
meeshaa ittiin socho’u fi wanta fedhee ittiin hojjatu godheef. Copha bishaan
86
dadhaba irraa kuni hojii Rabbii Ogeessaa ta’eeti, safara Rabbii Injifataa fi beekaa
ta’eti. Warroota kijibsiisaniif fi hin amanneef ee badii isaanii![1]
(Namni mee uumama ofiitti haa xinxallu. Lafee kanniin eenyutu akkanatti walitti
galchee qaama guutuu taasisee? Lafeen takka osoo badde qaamni hojii isaa sirnaan
gaggeessu hin danda’u. Wantummaan xiqqoon takka qaama keessaa baduun
dhiibbaa guddaa fida. Kanaafu, eenyutu akkanatti lafee kanniin hidhaa cimaan
walitti hidhe? Sheyxaanni sitti hasaasun "pirootinii fi kaalshiyeemi" akka hin
jennee! Pirootinii fi kaalshiyeemin hammaa fi lakkoofsa lafee murteessuun bakka
isaaniif maluutti galchuu ni danda’uu? Lafee hundaafu boca isaaniif maluu kennuu
danda’uu? Dhugaa kana hubachuuf mee ijaarsa manaa ilaali. Manni bilooketti,
mismaari, qorqoorroo fi wantoota garagaraa irraa ijaarrama. Kanniin keessaa
manaaf humna cimaa kan ta’uu bilookeettidha. Bilookeettin kuni immoo bishaan,
ashawaa fi simintoo irraa hojjatama. Yoo namni wantoota kanniin walitti makuun
bilookeetti hin hojjatin, bilookeettin ofiin of hojjatuu danda’aa?
Amma qaama namaa ilaali. Qaamni namaa lafee, foon, moora, kottee fi kan biro
irraa kan ijaarrameedha. Kanniin keessaa qaamaaf humna cimaa kan ta’u lafeedha.
Lafeen pirootini fi kaalshiyeemi irraa akka ijaarramu saayinsin nutti hima.
Pirootinii fi kaalshiyeemiin nyaata nyaannu irraa kan argamaniidha. Amma of haa
gaafannu, akkuma bilookettin mataa ofiitiin bishaan, ashawaa fi simintoo irraa
hojjatamu hin dandeenye, lafeen namaa kunis ofiin pirootinii fi kaalshiyeemi irraa
hojjatamuu danda’a?
Ammas itti haa fufnu, bilookeettin, mismaari fi qorqoorron ofumaan walitti
dhufanii mana guddaa kana ijaaru danda’uu? Foddaa, balbala, halluu dibuu fi
kutaalee manaa biroo ofiin gochuu fi murteessu danda’uu? Kanaafu, kan duubaa
ijaaru fi bareechisu jiraachu qabaa miti ree? Haaluma kanaan, qaama namaa kana
keessatti lafeewwan ofumaan walitti dhufanii bakka isaanif maluu qabachuu
danda’uu? Akkuma bilookettin walitti dhufuun mana bifti isaa bareedaa, balbalaa
fi maskooti qabuu ijaaru hin dandeenye, lafeenis walitti dhufuun nama bareeda ija,
gurra, funyaanii fi afaan qabuu uumuu danda’u?
Kanaafu, kuni hundi ofiin of uumuu fi of sirreessu waan hin dandeenyeef kan
duubaa isaan sirreessu fi uumutu jira. Innis Rabbii ogeessa, beekaa ta’eedha.
Ogummaa fi beekumsa Isaatiin boca, hammaa fi lakkoofsa lafee ni murteessa.
87
Bakka isaaniif malutti walitti galcha. Hidhaa cimaan walitti hidha. Mee ilaali
qubbiin kee, mee ilaali lukaa fi harka kee! Mee daaw’itiin ija, gurraa fi funyaan
kee ilaali! Hammi fi bocni isaanii wal fakkaataa? Eenyutu akkanatti bakka isaaniif
maluu gochuun si miidhagsee? Rabbii Tokkicha malee kan biraa jechuu
dandeessaa? Osoo karaa irra deemtu mana garmalee bareedaa yoo agartee, abbaa
mana san ijaare ni dinqisiifatta moo ni dhiistaa? Namni mana kana ijaare ogeessa
cimaadha jechuun ni dinqisiifatta. Mee ilaali qaama kee Rabbiin Guddaan,
ogeessaa fi beekaa ta’e akkamitti akka si ijaare! Ijaarsi qaama namaa Guddinna,
Ogummaa fi Beekumsa Rabbii Olta’aa kan agarsiisuudha. Rabbiin qulqullaa’e,
Inni Tokkicha fakkaataa hin qabneedha.)
Rabbiin olta’aan ni jedha:
“Dhugumatti nama dhaabbi irra gaarii ta’ee keessatti isa uumnee jirra.”
Suuratu At-Tiin 95:4
Kana jechuun nama suuraa gaarii fi boca bareedaa irratti, uumama guutuu kutaalee
qaamaa walitti galoo qabu fi dhaabbata qajeelaa irratti isa uumne. Rabbiin
subhaanahu wa ta’aalaa uumamtoota ilma namaatin ala jiran kanneen akka
beelladotaa fi bineensotaa mataan kan gadi jedhan godhee uume. Nama immoo ol
qajeelaa sirnaan dhaabbatee kan deemu godhee uume. Arraba ittiin dubbatu, harkaa
fi qubbiin ittiin waa qabu uumeef. Sammuu wanta fedhee ittiin hojjatuun isa
miidhagse. Beekumsa, fedhii, ogummaa fi kkf ni kenneef. Keessaa fi alaan isa
bareechise. Qananii guddaa kana hundaaf galata galchuun hin barbaachisuu ree?
Garuu namoonni baay’een qananii kanaaf Rabbiif galata galchuu irraa maqanii
taphaa fi wanta faaydi hin qabneen of ko’oomsanii jiru[2].
Kitaabban Wabii: [1] Miftaahu Daaru sa’aadah-fuula 550-551, Imaamu ibn Al-Qayyiim
Men and The Universe-hiika boqonnaa muraasaa kitaaba armaan olii-fuula 26-28
[2] Tafsiir Sa’diyyi 1097 , Tafsiirul Qur’aanil Kariim wa i’iraabuhi wa
bayaanuh 10/651 Muhammad Aliyy Xaahaa
88
UUMAMA NAMAATTI XINXALLUU-KUTAA 5
Namni ija, qalbii fi sammuu ofii banuun uumama ofiitti yoo xinxalle haqa tokkorra
ni gaha. Garuu haqa kanarra gahuuf wantoota meeshaalee xinxallii irratti dhiibbaa
fidan irraa of qulqulleessuf tattaafachu qaba. Meeshaaleen xinxalliif gargaaran, ija,
gurra, qalbii fi sammuudha. Wantoonni meeshaalee xinxallii irratti dhiibbaa fidan
gurguddaan, badii fi fedhii qullaa hordofuudha. Fedhiin qullaan: of tuuluu, wanta
sobaa abbootii fi namoonni naannoo irra jiran irratti goguu, hinaafu (waanyu),
jibbaa, faaya addunyaatiin sobamu fi kkf. Dhugumatti, namni qalbii fi sammuu
qulqulluun uumama ofiitti yoo xinxalle, haqni isaaf banama, jireenya gammachuu
gaggeessa. Garuu sammuu fi qalbii isaa haqaaf yoo hin baniin balballi haqaa fi
milkaa'innaa akkamitti banamaaf? Kutaa darbe irraa itti fufuun uumama keenyatti
ni xinxallina.
Onnee (Qalbii)
Mee amma gara onnee ilaali. Ajaa’iba meeqa agartaa! Rabbiin ogummaa fi
beekumsa Isaatiin onnee tana bakka lamatti hire. Tokko gara mirgaa, tokko immoo
gara bitaa. Ammas gubbaa jalaan goloota dhiiga itti fudhattuu fi baastu godheef.
Bitaa mirgaan golli lamaan gubbaan dhiiga fudhatu. Maqaan isaanii atriya bitaa fi
mirgaa jedhamu. Atriyan bitaa dhiiga sonba irraa fudhata. Atriyan mirgaa immoo
qaamolee hafan irraa dhiiga fudhata. Ammas, bitaa mirgaan golli lamaan jalaan
dhiiga onnee keessaa baasun gara qaamatti raabsu. Maqaan isaaniis ventiriklis
bitaa fi mirgaa jedhamu. Ventiriklin mirgaa dhiiga onnee irraa gara sonbaatti
raabsa. Vertikliin bitaa immoo dhiiga onnee irraa gara qaamolee hafanitti raabsa.
89
Fakkii 1: Goloota onnee fi ujumoowwan dhiigaa
Rabbiin guddaan goloota afur onneef erga godhee ujumoowwan dhiiga itti
fudhattuu fi baastu godheef. Mee ilaali ajaa’iba hojii Rabbii olta’aa. Ujumoowwan
dhiigaa qaama irraa gara onnee geessan veens (veins) jedhamu. Ujumoowwan
onnee irraa gara qaamaa dhiiga raabsan immoo artarii (arteries) jedhamu[1]. Mee
amma of haa gafaannu eenyutu akkatti onnee daqiiqa takka keessatti si’a 70-80
dhikkistuu jalaa gubbaan golootaa fi ujumoolee godheef? Mee sirriitti itti xinxalli
ujumoowwan hundaa ol qajeelchee gubbaan wal keessa galche. Ujumoo homaatu
jalaan itti hin maxxanse.
90
91
Fakkii 2: Onneen cinaa fi gubbaan yommuu mul'attu
Mee ilaali ogummaa Khaaliqaa! Ilmi namaa onnee guutuu uumuu dhiisii osoo
ujumoon takka buqqaate itti deebisuu danda’aa? Onneen namaa tuni motora guddaa
ilma namaati. Guyyaatti si’a 100,000 dhikkisti, waggaatti immoo si’a miliyoona 40
dhikkisti. Qaamaaf dhiiga qulqulluu oksijinii fi dhangaalee nyaatatiin badhaadhe
dhiyeessuunii fi xurii keessaa qulqulleessuun fayyummaa qaamaa eegdi. Maashinii
kamtu hojii onneen xiqqoon tuni hojjatu hojjataa? Kuni ogummaa, beekumsaa fi
Dandeetti Rabbii olta’aa kan agarsiisudha.
Mee gaafadhu nama Rabbitti hin amanne, kuni ofiin of tolche moo kan duubaa isa
tolchutu jiraa? Mee haa ilaallu motora konkolaataa. Motorri konkolaataa ujumoo
aaraa fi beenzila itti seensisuu fi baasu qaba. Beenzilli yommuu motora seenu
sababa sochiitiin gubachuun haala aaraatiin baha. Bakka beenzilli itti gubatuu fi
ujumoo kanniin kan godheef eenyu? Motorri fi ujumoowwan kunniin ofumaan of
hojjachuu danda'u? Namni kuni, "Hin danda'an, namatu hojjate" jedhee ni deebisa.
Haaluma kanaan onnee fi ujumoowwan kunniin ofumaan of uumuu danda'uu?
Namni onnee uumuu hin danda'u. Kanaafu, Kan duubaa onnee tana uumuu fi
too'atu jiraachu qaba. Innis Rabbii Ogeessaa Beekaa ta'eedha. Ogummaa fi
beekumsa Isaatiin onnee namaa tanaa haala fi boca ajaa’ibaatiin uume. Kana booda,
Rabbii akkanitti nama uumeef harka kennuu fi ajajamuu malee of-tuuluu fi
finciluun namarraa bareedaa?
Sammuu
Ajaa’ibni sammuus himamee hin dhumu. Iccitii isa keessa jiru guutuu qorattoonni
qoratanii waliin gahuu hin dandeenye. Rabbiin subhaanahu wa ta'aalaa sammuus
kutaa gurguddaa sadiitti qoode. Isaaniis: serebrami, serebelami fi hundee sammuu
(brainstem). Serebramiin kutaa sammuu isa guddaa ta’ee fi walakkaa bitaa fi
mirgaatti kan qoodameedha. Walakkaaleen bitaa fi mirgaa kunis kutaalee xixxiiqoo
adda addaatti kan qoqqoodamaniidha.
92
Fakkii 3: Fakkii sammuu ilma namaa
Ammas mee itti xinxalli! Bocni sammuu wal keessa kan galee fi bareededha.
Eenyutu akkanatti boca isaa sirreesse fi bareechisee? Kana yommuu ilaallu
ogummaa fi beekumsi Rabbii daangaa akka hin qabne ni beekna. Wantoota hundaa
irratti Danda'aa fi Beekaa akka ta'e ni hubanna. Ogummaa jechuun wanta tokko
bakka isaaf maluu kaa'udha. Wanta tokko bakka isaaf malu kaa'uuf beekumsaa fi
dandeetti barbaachisa. Kutaalee sammuu kana bakka isaaf maluu kaa'un, hojii isaaf
malu akka hojjatu taasisuun, bocaa fi hamma isaa sirreessuu fi murteessun
Ogummaa, Dandeetti fi Beekumsa Rabbii olta'aa agarsiisa.
Hariiroo Onnee (qalbii) fi Sammuu Onnee fi sammuun dhiigaa fi odeefannoo wal jijjiruun gahee ol’aanaa taphatu.
Afaan oromootiin jechi onnee jedhu erga gabaaba dabarsa. Garuu jechi qalbii
jedhu ergaa bal’aa dabarsa. Onnee jenne yommuu dubbannu, yaanni jalqabaa nutti
dhufu foon xiqqoo qaama keessatti dhiiga raabsituudha. Garuu qalbii yommuu
93
jennu yaadonni baay’een nutti dhufu. Kanaafu, yaad-rimee bal’aa akka dabarsuuf
hiika Qur’aanaas ta’i hog-barruwwan Islaamaa keessatti jecha qalbii jedhu osoo
fayyadamne irra gaariidha. Eeti, qalbiin hiika “onnee” jedhus kan qabduudha.
Garuu kana caalaa yaada bal’aa of keessatti qabatti.
Qalbii fi sammuu jidduu hariiroon guddaan akka jiru hayyoonni Islaamaa fi
saayinsin ammayyaa ni akeeku. Miironni akka jibbuu, jaallachuu, dallansuu,
hinaafu, sodaachuu fi kkf qalbii keessatti uumamu. Wanta tokko hubachuu fi itti
yaadun qalbii keessatti jalqabuun sammuu keessatti bilchaata. Ergasii namni yaada
sammuu keessatti bilcheesse kana hojii irra oolcha ykn ni dhiisa. Kanaafu, qalbii fi
sammuun yeroo hundaa wal-qunnamti addaan hin cinne adeemsisu. Odeefannoo
wali dabarsuun yaada, amala fi adeemsa namaa keessatti gahee ol’aanaa taphatu.
Islaamaa keessatti qalbiif iddoon guddaan kennameefi jira. Sababni isaas, qalbiin
wiirtuu amantiin, niyyaan, jaallachuun, jibbuun, dallansuu fi miironni biroo irraa
ka’aniidha. Hojiin namaa amantii (iimaana) fi niyyaa qalbii keessa jiruun
madaallama. Amantii fi niyyaan isaa gaarii yoo ta’e, hojiin isaa Rabbiin biratti
fudhatama argata. Amantii fi niyyaan isaa gaarii yoo hin ta’in immoo fudhatama
hin argatu. Kanaafu, milkaa’inni guddaan kan argamu wanta qalbii keessa jiru yoo
too’atanii fi karaa qabsiisaniidha. Nabii Ibraahim (aleyh salaam) akkana jechuun
du’aayi akka godhe Qur’aanni nuuf hima:
“Guyyaa isaan kaafaman na hin salphisin. Guyyaa qabeenyi fi ilmaanis homaa
hin fayyanne. Nama qalbii qulqulluun Rabbitti dhufe malee.” Suuratu Ash-
shu’uraa’i 26:87-89
Lugaa keessatti salphinni hiika adda addaa qaba:
Hiikni 1ffaan-Sharrii, balaa, adabbii fi musiibaa keessatti kufuu
Hiikni 2ffaan- wantoota fokkuu, badii fi yakkaan ifatti saaxilamuu
94
Hiikni 3ffaan: sababa xiqqeenyaa fi salphinni namatti bu’eef garmalee qaana’u
ykn saalfachuu [2].
“Guyyaa isaan kaafaman na hin salphisin.” Kana jechuun Yaa Rabbii! Guyyaa
Qiyaamaa uumamtoonni Murtiif kaafaman san na hin adabin, na hin salphisin.
Guyyaa Qiyaamaa qabeenyis ta’ee ilmaan nama hin fayyadan, nama qalbii
qulqulluun dhufe malee. Qalbu saliim (qalbiin qulqulluun) qalbii wantoota badoo
lama irraa qulqulluu taatee fi wantoota gaggaarii lamaan ibsamteedha[3].
Wantoonni badoon lama:
1ffaa- wantoota iimaana faallessan kanneen akka kufrii, shirkii, shakkii fi nifaaqa
irraa qulqulluu ta’uu.
2ffaa- Shahwaata irraa qulqulluu ta’uu- kana jechuun fedhii lubbuu badaa fi
qullaa hordofuu irraa qulqulluu ta’uudha. Kanneen akka badii gurguddaa.
Fakkeenyaf, bid’aa (wanta haarawa amanti keessatti uumuu), zinaa, hanna,
lubbuu haqa malee ajjeesu, qabeenya namaa haqa malee nyaachu fi badiwwan
biroo. Ammas, amaloota badaa akka riyaa (na argaa), of tuulu fi kkf irraa
qulqulluu ta’uudha.
Wantoota gaggaarii qalbiin qulqulluun ittiin ibsamu qabdu
1ffaa- Iimaana-kuni dhugaan amanuu, iklaasa, sodaa Rabbii, Isa jaallachuu fi
hojiiwwan qalbii biroo kan hammatuudha.
2ffaa- Shari’aa hordofuun hojii gaggaarii hojjachuu- wanta dirqamaa fi
jaallatamoo shari’aan Islaamaa itti nama ajaje hojjachu. Fedhii fi yaada ofitiin
osoo hin ta'in akkaataa shari'aan itti nama ajajeen hojjachu. Jecha biraatiin,
Ergamaa Rabbii (SAW) hordofuu.
Kanaafu, namni qalbii isaa kufrii, shirkii, nifaaqa, shakkii fi badiiwwan gurguddoo
biroo irraa qulqulleessee fi iimaanaan of faayee Guyyaa Qiyaamaa dhufe, qabeenya
karaa Rabbiin hayyameen argachuun karaa kheeyri irratti baasetti ni fayyadama.
Qabeenya kana karaa halaalaatiin argatee karaa kheeyrii irratti yoo baase, Guyyaa
Qiyaamaa mindaa (ajriitti) ni fayyadama. Haaluma kanaan, ilmaan isaa Islaama
irratti yoo guddise, mindaa ifaajee isaa galmee isaa keessatti ni argata. Du'aayi
ilmaan isaa isaaf godhan irraayyis ni fayyadama[2]. Kanaan alatti, namni kufrii,
shirkii, nifaaqa irraa of hin qulqulleessin, qabeenyaa fi ilmaan isaatirraa homaa hin
fayyadamu.
95
Maddoota Wabii:
[1] https://www.myvmc.com/anatomy/cardiovascular-system-heart/
https://mayfieldclinic.com/pe-anatbrain.htm
[2] Ma’aariju at-tafkuri wa daqaa’iqu at-tadabburi 8/634, Abdurahman Habanka
[3] Bidaa’u tafsiir 2/275-276, Imaamu ibn Al-Qayyim
Men and The Universe- fuula 36
https://www.academia.edu/35252218/The_Concept_of_Heart_in_Islam_and_its_
Relevance_to_Islamic_Psychology
https://www.heartmath.org/articles-of-the-heart/the-math-of-heartmath/heart-
intelligence/
https://quantumlifesource.com/heart-brain-connection/
96
UUMAMA NAMAATTI XINXALLU-KUTAA 6
Akkuma gabrichi Gooftaa Isaa beekuuf tarkaanfi fudhatuu fi Isaaf ajajamuun mi’aa
iimaanaa dhandhamaa adeema. Akkuma iimaanaa dhandhamuun gammachuu fi
tasgabbiin gara hundaan isa marsu. Gammachuu fi tasgabbiin iimaana irraa
argamuu garmalee guddaa ta’uu irraa kan ka’e jecha ittiin ibsu hin qabu. Abbuma
iimaana dhandhametu kana beeka. Akkuma gabrichi hiyyeessi fi dadhabaan gara
Rabbii Dureessaa fi Jabaatti dhiyaatuun ulfaatinni, dhiphinni fi gadadoon jireenyaa
hir’ataafi adeema. Garuu kana jechuun maallaqa fi qabeenya baay’ee ni argata
jechuudhaa? Tarii argachuu danda’a. Haa ta’uu malee, wanta qabeenya caalu
argata. Innis, tasgabbii fi gammachuu qalbiiti. Qabeenya addunyaa guutuu osoo
walitti qabanii tasgabbii fi gammachuu kana bituuf tattaafatanii, gonkumaa bitu hin
danda’an. Kanaafu, gabrichi akkuma Mawlaatti dhiyaatun wanta maallaqaan
gonkumaa hin bitamne argata. Innis tasgabbii fi gammachuu namni hunduu
dharra’uudha. Maal qaba Rabbii ofiitiif ajajamanii tasgabbii fi gammachuu tana
osoo bitatanii. Gabayaan banaadha. Garuu gatii ishii kafaluu didan malee. Gatiin
tasgabbii fi gammachuu, Rabbitti, Aakhiraatti fi hundeewwan iimaana hafanitti
amanuu fi Isaaf ajajamuudha. Har’as uumama keenyatti xinxalluu itti haa fufnu.
Kuni iimaana keenya dabaluun wanta guddaa jireenya keessatti dharraanu akka
argannuu nu taasisa.
Mee ilaali ajaa’iba sirna nyaata daakuu keessa jiru! Nyaanni nuti nyaannu akkamitti
daakamuun gara dhiigaa fi anniisaatti jijjiramaa? Nyaata booda xuriin hafee
akkamitti gara alaa bahaa? Wantoota kana galmaan akka gahuuf Rabbiin Guddaan
akkamitti meeshaa nyaata daaku fi bulleessu nama keessatti akka uumee ilaali.
Namni sirriitti itti xinxalluu Ogummaa fi Beekumsaa Rabbii Guddaa ni arga.
Nyaata afaan keessa erga kaayannee, ilkaan ni bulleessa, xannachoonni anchufaa
anchufa burqisiisuun nyaata jiisu. Arrabni nyaata afaan keessa oli gadi oofun gara
kokkeetti dhiiba. Mee ilaali afaan akka garaachaa garmalee bal’aa hin goone, akka
ujumoos garmalee dhiphaa hin goone. Bal’inna afaanii jidduu galeessa gochuun
akka nyaata fudhatuu fi gara keessaatti dabarsu taasise. Nyaanni erga afaan
keessatti daakkamee gara ujumoo nyaatatti darba. Ujumoon nyaataa nyaata
baadhachuun gara garaachaatti dabarsa. Dhuma ujumoo nyaataa irratti wanti akka
geengoo isfiniktar (sphincter) jedhamu ni argama. Isfiniktariin kuni dhuma ujumoo
nyaataa cufuun nyaanni garaacha keessatti akka qabamu taasisa. Eenyutu akkanatti
tolchee?
97
Garaachi wanta akka qubee J fakkaatuu fi nyaata kuusuuf kan ooludha. Akkuma
rootton bishaanii yeroof bishaan kuusu, garaachis yeroo muraasaf nyaata ni kuusa.
Garaachi nyaata kuusu qofa osoo hin ta’in, nyaata walitti makuu fi sochoosun,
asiidi fi inzaayimii burqisiisuun nyaata daran ni bulleessa. Mee itti haa xinxallinu,
nuti mataa keenyaan hamma fi boca garaachaa murteessu dandeenyaa? Namni biraa
nuuf murteessu danda’aa? Kanaafu, eenyutu akkanatti hammaa fi boca isaa
murteessaa? Eenyutu gubbaan ujumoo qal’aa, jalaanis ujumaa qal’aa itti galchuun
sirna daakkaa nyaataa akka adeemsisuu taasisaa? Kuni ofiin walitti galuu danda’aa?
Deebiin keenya, Rabbii olta’aa Ogeessaa fi beekaa ta’e malee kan biraa ta’uu
danda’aa? Ogummaa fi Beekumsa Isaatiin ujumoowwanii fi garaacha akkamitti
akka walitti galchee mee ilaali.
98
Ammas itti fufuun ajaa’iba tiruu fi afuuffeen hadhooftuu qaban ilaali. Tiruun
hojiiwwan baay’ee qabdi. Garuu hojiin ishii guddaan dhiiga dhinbiibu fi hadhooftu
maddisiisuudha. Hadhooftun maddite tuni qaraxiixii ykn afuuffee naannawa tiruu
irratti argamu keessatti ni kuufamti. Ergasii qaraxixii keessaa gara mar’imaa qal’aa
yaa’un nyaata akka fooni bulleessiti. Nyaanni inzaayimi Pankiriisii keessaa burquu
fi hodhooftu tiruu keessa burquun mari’aama qala’aa keessatti garmalee erga
bullaa’e booda qaamni ni xuuxa.
Xuuxamuun nyaataa garaacha keessatti jalqaba. Garuu xuuxamni baay’een
mari’amaa qal’aa keessatti adeemsifama. Mar’imaan qal’aan rukkinnaan kan
walitti dacha’eedha. Kuni haala salphaan nyaata akka xuuxu gargaara. Ujumooleen
dhiigaa xixiqoon mar’imaa keessatti argaman nyaata xuuxamee fuudhun gara
qaamatti baadhatu. Ergasii nyaanni xuuxamee gara dhiigaatti jijjiramuun qaamaaf
bu’aa buusa. Nyaanni bullaa’ee hojii irra hin oolle immoo mar’imaa furdaa
keessatti hafa. Kuni haala sagaraatiin yeroo muraasaf ni kuufama. Ergasii namni
yommuu fedhutti of keessaa baasa. Mari’amaan furdaan nyaata hin xuuxamiin
kuusu qofa osoo hin ta’in bishaan, ashaboo, sukkaara fi vitaaminoota lamuu ni
xuuxa. Akkasumas, baakteriyaa xurii xuuxan of keessaa qaba.
Eenyutu akkanatti tiruu, mari’aamaa, hadhooftu fi inzaayimoota nyaata bulleessan
bakka isaanii qabsiisee? Eenyutu hojii isaaniif malu akka hojjatan taasisee? Rabbii
Guddaa malee eenyullee ta’uu hin danda’u. Mee itti xinxalli karaan xuriin
dhangala’oo fi jajjaboon qaama keessaa itti bahuu tokko miti. Jajjaboof karaa isaaf
malu, dhangala’aafis karaa isaaf maluu taasise. Mee ilaali meeshaa midhan daaku
kamtu nyaata gara dhiigaatti jijjiraa? Gonkumaa meeshaan ykn maashiniin
midhaan daakuun gara dhiigaatti jijjiruu hin jiru. Garuu meeshaaleen nyaata daakan
qaama namaa keessatti argaman nyaata bulleessun gara dhiigaatti jijjiru. Kuni
Ogummaa, Beekumsaa fi Dandeetti Rabbii olta’aa kan agarsiisuudha.
Ilma namaa hundaafu sirna nyaata daaku wal fakkaataa gochuun Tokkichummaa fi
Dandeetti Rabbii kan agarsiisuudha. Namoota lakkoofsi isaanii biliyoona fi
biliyoonatti lakkaawaman haala wal-fakkaatun meeshaa nyaata daaku isaan
keessatti uumuun Tokkichummaa Isaa agarsiisa. Osoo Uumaan biraa Isa waliin
kan jiru ta’e silaa meeshaan nyaata daaku namoota gariif adda haa ta’u jechuun
mormaa ture. Garuu sirni nyaata daaku namoota hundaa kan wal fakkaatudha. Dur
irraa kaasee hanga ammaa fi gara fuunduraatti namoota lakkoofsan hangana hin
99
jedhamne meeshaa nyaata daaku akkanatti wal xaxe uumuu fi too’achuun Rabbiin
wantoota hundaa irratti Danda’aa akka ta’e agarsiisa. Namni maashini midhaan
daaku hojjachuu fi too’achu danda’a. Garuu maashinii miliyoonatti lakkaawamu
yeroo tokkotti hojjachuu fi too’achuu danda’aa? Gonkumaa hin danda’u. Garuu
Rabbiin Guddaan Olta’e, Tokkichi fakkaataa hin qabne namoota biiliyoona
keessatti maashinii ajaa’ibaa nyaata daaku kana uumuun ni too’ata. Rabbiin hin
nyaatu, hin dhugu, fakkaataa fi ilmoo hin qabu. Ee badii isaanii warroota Rabbiif
ilmoo taasisuun Isarratti kijiba odeessan. Rabbiin ni jedha:
“Odoo Inni isaan uumee jiruu Jinnoota Rabbiif shariika taasisan; isaan
beekumsa malee ilmaan dhiiraa fi dubaraa Isaaf godhan. Inni wantoota isaan
kijibaan Isatti maxxansan irraa qulqulluu fi olta’aadha. Jalqabaa samii fi
dachiiti. Inni waan hundaa kan uumee fi niiti kan hin qabne ta’ee osoo jiruu
akkamitti ilmoon Isaaf ta’aa? Inni waan hundaa beekaadha. Suni Allah,
Gooftaa keessani. Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jiru. Inni Uumaa waan
hundaati, kanaafu Isa qofa gabbaraa. Inni waan hundaa irratti Wakiila.
Agartuun guutumaan guututti Isa hin agartu, Inni immoo guutumaan
guututti agartuu hunda arga. Inni Mararfataa keessa Beekaadha.” Suuratu Al-
An’aam 6:100-103
Mushrikoonni (Warroonni Rabbiitti waa qindeessan) Jinnii Rabbiif shariika
taasisan. Kana jechuun akkuma Rabbiif ajajaman Jinnifiis ajajaman. Akkuma
Rabbiin kadhatan Jinniis kadhatu. Sheyxaanni Jinnii irraa waan ta’eef wanta badaa
100
inni itti ajaju hojjachuun isa gabbaru. Rabbiin dhiisanii taabotaa, dhagaa fi
uumamtoota biroo akka gabbaran kan itti nama ajaju sheyxaana. Kanaafu,
namoonni isaaf tole jechuun yommuu wantoota kanniin gabbaran dhugumatti
sheyxaana gabbaraa jiru. Gabbaru jechuun gabbaramaaf of gadi qabuu, ajajamuu,
wanta Inni jaallatu hojjachuu fi wanta Inni dhoowwe dhiisudha. Gabbarriin
guddaan du’aayi (kadhannaa)dha.
Jallinni lammataa Mushrikoonni Arabaa fi kan biro hojjatan, Rabbiin Qulqullaa'an
ilmoo dhiiraa fi dubaraa qaba jechuun kijiba Isarratti uumudha. Beekumsa malee
kijiba garmalee guddatu kana uuman. Beekumsaa fi ragaa wayiitu hin qaban. Kijiba
ofii uuman malee. Namoonni Iyyasuus ilma Gooftaati jedhanii kijiba uuman
beekumsa sirrii Rabbiin irraa dhufe hin qaban. Kuni kijiba isaan uumun kitaaba
keessatti barreessan malee ragaa Rabbiin irraa dhufee miti. Mee itti xinxallii
“Rabbiin Jalqabaa samii fi dachiiti.” Kana jechuun osoo homaa Isa hin dursin
samii fi dachii dhabama irraa kan argamsiiseedha. “Niiti kan hin qabne ta’ee osoo
jiruu akkamitti ilmoon Isaaf ta’aa?” Eessaa fi akkamitti osoo niiti hin qabaatin
ilmoo godhataa? Samii fi dachii dhabama irraa kan argamsiiseedha. Sammii fi
dachii uumuu duraa fi booda niiti hin qabu. Inni wanta hundaa irraa dureessa waan
ta’eef niititti hin hajamu. Kanaafu, ilmi eessaa dhufaaf? Akkasumas, ilmi sanyii
abbaa irraa ta’uu qaba. Ilmi abbaa fakkaata. Rabbiin Olta'aan ilma qaba jedhanii
dubbachuun 'Rabbiin fakkaataa qaba' jedhanii dubbachuudha. Kuni kijiba
guddaadha. Rabbiin subhaanahu wa ta'aalaa Tokkicha fakkaataa wayiitu hin
qabneedha. “Inni waan hundaa uume”- Rabbiin samii fi dachii fi wantoota isaan
keessa jiran hunda kan uumee fi argamsiiseedha. Akkamitti wanti Inni uume ilma
Isarraa bahuu ta’uu danda’aa? Namni rooboti (meeshaa socho’aa) yoo hojjate,
"roobotin ilma isaati" jechuu dandeenyaa? Dhugumatti, Rabbiin ilma qabaachu
irraa qulqullaa’adha. Wantoonni Inni uume uumamtoota Isaa ta’uu malee ilmaan
ta’uu hin danda’an. Sababni isaas, ilmi wanta tokko irraa kan baheedha. Rabbiin
kanarraa qulqulluudha. Kanaafu, “Rabbiin ilma qaba” jedhanii dubbachuun kijiba
guddaa akka ta’e haala kanaan ifa ta’a.
“Inni waan hundaa beekaadha.” Kana jechuun Rabbiin wanta guddaa fi xiqqaa,
dhokataa fi ifa hunda kan beekudha. Isa waliin shariikni homaatu akka hin jirre ni
beeka. Ilmoo akka hin qabne ni beeka. Inni Guddate Olta’e, haqa beeku ni
beeksiisa. Osoo shariika (qindaa’aa) yookiin ilmoo wayii kan qabaatu ta'ee silaa ni
101
beeksiisa. Hin dhoksu. Kijiba warroota Isarratti kijibanii hin haaqu ture. Garuu
shariikaa fi ilmoo waan hin qabneef, "Rabbiin shariikaa fi ilmoo qaba" jedhanii
dubbachuun kijiba guddaa akka ta’e ni beeksiisa.
“Suni Allah, Gooftaa keessani.” Kana jechuun wantoota uumu hundaa kan uume,
shariikaa fi ilma irraa qulqulluu kan ta’e Allah Gooftaa keessanii. Gooftaa jechuun
kan uumuu, guddisu, kunuunsu, bulchuu fi too’atuudha. Kan isin uume, rooba
isiniif roobsun isin nyaachisuu fi obaasu, qananii adda addaatin isin kunuunsu fi
guddisuu Allah dha. Kanaafu, Inni Gooftaa keessani. Allah (Rabbiin) Gooftaa
keessan erga ta’e isin gabroota Isaati. Haqni Gooftaan gabricha irraa qabu Isa qofa
gabbaruudha. Kanaafu, Isa qofa gabbaraa.
“Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jiru.” Kana jechuun haqaan kan
gabbaramuu Rabbiin malee hin jiru. Isaan ala wantoonni gabbaraman
(waaqefataman) hundi baaxila (soba). “Inni Uumaa waan hundaati..” Kana
jechuun akkuma wanta darbe hunda uume wanta gara fuunduraatti dhufu hundaa
Kan Uumuudha. Wanti yeroo darbe ta’e, ammatti ta’uu ykn gara fuunduraatti ta’u
hin jiru Inni Kan uumuu yoo ta’e malee. Wanta darban, ammatti jiranii fi gara
fuunduraatti dhufan hundi uumamtoota Isaati. “kanaafu, Isa qofa gabbaraa.”
Erga haqaan gabbaramaan Rabbiin malee akka hin jirre mirkanaa’e, gabbarrii
(ibaadaa) gosa kamiyyuu Isaaf godhaa, Rabbiif qulqulleessaa, Jaalala Isaa
argachuuf niyyadhaa. Ibsa biraatiin “Gabbarrii (ibaadaa)” jechuun jaalala Rabbii
argachuuf seera Inni kaa’e hordofuun hojii fi dubbii irraa wanta Inni jaallatu
hojjachuudha. Fakkeenyaf, salaata, du’aayi, zakaa, qalma, sooma fi kkf.
“Inni waan hundaa irratti Wakiila.” Kana jechuun Rabbiin subhaanahu wa
ta’aalaa wantoota jiran hunda kan tiiksu fi eegudha. Lubbu-qabeenyi fi lubbu-
dhabeenyi jiraachuuf wantoota isaan barbaachisan isaaniif kennuun ykn laaffisuun
isaan tiiksa. Akkasumas, wanta isaan hojjatan hunda ni ilaala, ni too’ata.
“Agartuun guutumaan guututti Isa hin agartu..” Guddinnaa fi Guutummaa
Isaatirraa kan ka’e ijji ilma namaa Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa guutumaan
guututti arguu hin dandeessu. Addunyaa tana keessatti Isa arguu hin danda’an.
Garuu Aakhiratti warroonni amanan ni argu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa
immoo guutumaan guututti wanta hundaa ni arga. Wanti Isarraa dhokatu tokkollee
hin jiru. Kanaafi, itti aansee, “Inni Mararfataa keessa Beekaadha” jedhe. Rabbiin
102
Olta’aan keesso wanta hundaa kan beekudha. Wanta samii fi dachii keessa jiruu fi
adeemsifamuu, wanta biyyee jala jiru, wanta sammuu fi qalbii namaa keessa jiru
hunda kan beekuudha. Wanti Isarraa dhokatu tokkollee hin jiru. Yaanni fi miironni
namni sammuu fi qalbii keessatti kuufatu hundii Isaaf ifa. Gonkuma namni yaadaa
fi miira isaa Rabbiin irraa dhoksuu hin danda’u.
Kitaabban Wabii https://www.innerbody.com/image/digeov.html
https://www.webmd.com/heartburn-gerd/your-digestive-system#3
https://www.myvmc.com/anatomy/gastrointestinal-system/
Tafsiroota: Ma’aariju at-tafakkuri wa daqaa’iqu at-tadabburi 11/359-366,
Abdurahman Habanka
Tafsiir Sa’diyy-fuula 298-299
103
UUMAMA NAMAATTI XINXALLU-KUTAA 7
Namni jireenya keessatti sodaa fi gaddi akka isarraa deemu barbaada. Hanga fedhe
qabeenyaa haa qabaatu, sadarka guddaa irraa haa jiraatu, imaanni qalbii keessa yoo
hin jiraatin, gara hundaan sodaa fi gaddi isa haguuga. Qabeenyi isa jalaa yoo bade,
garmalee gadda. Qabeenya yommuu argatu immoo na jalaa fudhatama ykn bada
jechuun garmalee sodaata. Tasgabbii qalbii hin qabu. Kanaafu, namni akkamitti
sodaa fi gadda kana ofirraa oofuun tasgabbii qalbii argachuu danda’a? Qabeenya
yommuu dhabuu ni gadda, yoo argatuu immoo ni sodaata. Kanaafu, qabeenyi sodaa
fi gadda isarraa oofu danda’aa? Dhugumatti qabeenyi qofti gaddaa fi sodaa oofuu
hin danda’u. Furtuun sodaa fi gadda ofirraa ittiin oofan Rabbii olta’aatti amanuu fi
Isaaf ajajamuudha. Kanaan alatti gonkumaa furmaanni biraa hin argamu. Qur’aana
keessatti, “Isaannan amananii, iimaana isaanii zulmiin walitti hin makin
isaaniif tasgabbiitu jira. Isaanis qajeelfamoodha.” Suuraa Al-An’aam, Ayah 82
Kanaafu, namni sodaa fi gaddi isarraa akka deemu barbaadu, iimaana isaa
dabalachuu fi zulmii irraa of eeguuf carraaqu qaba. Zulmiin (miidhaan) guddaan
kufrii fi shirkii (Rabbiin waliin waan biraa gabbaruudha). Itti aanse badiiwwan
gurguddoon haqa Rabbii fi haqa namootatiin wal qabatan zulmii (miidhaa)dha.
Namni yommuu wanta Rabbiin isarratti dirqama godhe dhiisu ykn wanta Inni
dhoowwe hojjatu, nafsee ofii miidha (zolloma). Sababni isaas, adabbii guddaaf of
saaxila. Ammas namoota irratti yommu daangaa darbuu isaanii fi nafsee ofii
miidha. Kanaafu, tasgabbii fi qajeelfamni namaa hamma iimaana inni qabuu fi
hangam zulmii irraa akka fagaate irratti hundaa’a. Namni iimaanni isaa guutuu
ta’ee fi zulmii irraa guutumaan guututti fagaate, tasgabbii fi qajeelfamni isaa guutu
ta’a. Namni iimaanni isaa hanquu ta’ee fi zulmii irraa guutumaan guututti hin
fagaanne immoo tasgabbii fi qajeelfamni isaa akkasuma hanquu ta’a. Karaan
iimaana ofii itti dabalatan uumama ofii irratti xinxalluudha. Kutaa darbe irraa itti
fufuun uumama keenyatti haa xinxallinuu:
Mee amma gara keetti deebi’i. Irra deddeebi’uu uumama keetitti xinxalli, akkana
gochuun kee si gahaatii. Kutaalee qaama keetii fi kaayyoo fi hojii kamiif akka oolan
hubadhu. Harki lamaan qabuuf, fudhachuuf, kennuuf, loluu fi ofirraa ittiisuuf oola.
Lukni lamaan qaama baadhachuuf, fiiguf, yaabbachuu fi gadi dhaabbachuuf oolan.
Ijji lamaan itti qajeeluuf, bareedinnaaf, wantoota samii fi dachii keessa jiran ittiin
ilaaluuf oolti. Afaanis nyaachuu fi dubbiif oola. Funyaanis hargansuu fi xurii
104
sammuu irraa dhufu baasuf fayyada. Arrabnis waa ibsuu fi sirraa hiikuf
(tarjumaanaaf) oola. Gurri abbaa oduu gara kee sitti fiduudha. Arrabni ergamaa
odefanno sirraa fuudhun gara alaa dabarsuu yommuu ta’u, gurri immoo ergamaa
odeefannoo alaa fuudhee gara keetti dabarsuudha.
Garaachi kuusaa nyaanni keessa turuudha. Garaachi fi mar'imaan nyaata kana daran
ni bilcheessu, ni daaku. Nyaata ati bilcheessitee fi fooyyessitee itti galchite caalaa
bilcheessanii fi fooyyessanii gara qaamatti raabsu. Hoo’insi isaan keessa jiru
hoo’insa akka ibiddaati. Garuu kuni hundi sitti hin dhagahamu, bakka dhokataa fi
si hin miine Rabbiin kee waan kaa’ef.
Tiruu dhinbiibduu fi nyaata hundarra qulqulluu fi laafaa ta’e akka xuuxxu godhe.
Ergasii ishii irraa karaalee fi bo’oowwan nyaata kana gara kutaalee qaamaa
hundaatti ittiin dhiibu taasise. Foddaa fi balbala wanta si fayyadu ittiin fudhattuu fi
wanta si miidhu ittiin baastu siif godhe. Ujumoowwan garagaraa kuusaaf oolan siif
godhe. Gariin isaanii kuusaa nyaatati, gariin isaanii kuusaa dhiigaati. Wanti isaan
kuusan kuni hundi akka walitti hin makamne tartiiba isaan qabsiise. Qaraxiixiin
hadhooftu qaraxixii fincaani irraa adda. Hundi isaanitu walitti hin makaman.
Yommuu nyaanni garaacha gahuun achi keessa qubatu mee wanta adeemsifamu
ilaali. Nyaanni yeroo muraasaaf garaacha keessa ni tura. Garaachi daran bulleessun
gara mar'imaa qal’aatti dabarsa. Mar'imaan qal’aniis karaa ujumoolee
xixxiqooleetiin gara tiruu dabarsa. tiruunis wanta gara ishiitti gahe dhinbibuun gara
kutaalee qaamatti raabsiti.
Kana hunda kan akkana godhe, sirreessuu fi too’atu eenyuu? Namni miskiinni
akkana jechuu danda’a, “Kuni hundi hojii uumamaati (nature). Uumama keessa
ajaa’ibaa fi iccitii baay’etu jira.” Nama mormaa akkanaati akkana jenna, “Osoo
Rabbiin si qajeelche silaa ofiin of gaafachuun akkana jetta: “Waa’ee uumama kanaa
mee natti himi? Uumamni kuni beekumsaa fi dandeetti qabaachuun ofiin
dhaabbachuu fi wantoota ajaa’ibaa kana hojjachuu danda’aa? Yookiin kana yoo hin
ta'in, uumamni wanta hin mul’annee fi amala mataa isaa qabaachuun wanta
uumame kan hordofuu fi isa keessatti baadhatamuudhaa?
Yoo nafseen tee, “Zaata ofiin dhaabbatu, beekumsa, dandeetti, fedhii fi ogummaa
guutuu kan qabuudha.” yoo jette, akkana jedhiin “Zaatni sifaata (amaloota) kanniin
105
qabu Khaaliqa wanta hundaa uumee fi suuraa wantoota kanniinii tolcheedha.
Kanaafu maliif uumama jettaan? "Kuni uumamaan akkana ta’e" warra jedhan
dagadhu. Gara Rabbii deebi’uun wanta Inni ittiin of waame fi ibseen waami. Yoo
akkana goote warroota gamnaa fi gammachuu argatan keessaa taata. Sifaata
(amaloota) Rabbii maaliif uumamaaf gootaa?”
Nafseen tee, “Uumamni wanta hin mul’annee fi baadhatamaa wanta isa baadhatu
barbaaduudha. Beekumsa, dandeetti fi fedhii isarraa ta’e osoo hin jiraatin kuni
hundi hojii uumamaati. Bu’aa isatirraa wanti mul’ate mul’ate.” Yoo jette, atis
akkana jedhiin, “Kuni wanta namni sammuu qabuu hin mirkaneessineedha. Wanta
beekumsa, fedhii fi dandeetti hin qabne irraa akkamitti hojiiwwanii fi ogummaan
ajaa’ibaa sammuun namaa guutumatti beeku dadhabe kuni argamuu danda’aa?
Nama maraataa ykn horii malee namni sammuu qabu kana ni mirkaneessaa?”
(Wanta beekumsa, dandeetti fi fedhii hin qabne irraa wantoonni ajaa'iba kunniin ni
argamuu?)
Ammas itti dabaliif, “Wanti jettee osoo dhugaa ta’ee, wanti ofiin hin dhaabbannee
fi wanta biraatiin baadhatamu kuni ofiin of uumuu fi jalqabuu hin danda’u.
Kanaafu, Gooftaan isaa, Uumaa fi Argamsiisaan eenyu? Kana hunda akka hojjatu
eenyutu taasisee?”
Ragaan kuni ragaa cimaa Uumaan uumamtoota hunda uume jiraachuu, dandeettiin,
beekumsi fi ogummaan Isaa guutu ta’uu agarsiisuudha. Gareen "kuni uumama"
jechuun Rabbitti amanuu didan, wanta sammuu fi uumamni akeeku diiguu fi
faallessuu malee Rabbitti, sifaata fi hojii Isaatti amanuu diduun wanti argatan hin
jiru. Inuma yommuu isaan sammuu ofii faallessuun Rabbitti amanuu didan jireenya
dararaa fi gammachuu hin qabne jiraatu.
Osoo gara sammuu deebitee akkana jettee, “Ogummaan uumamtoota keessatti
mul’atu gonkumaa argamuu hin danda’u, ogeessa, danda’aa fi beekaa kan ta’e irraa
malee. Too’annaan sirna qabatee kuni hojjataa, danda’aa, filataa fi wanta barbaadu
kan beeku irraa malee gonkumaa ofiin argamuu hin danda’u. Aduu fi jiiyni sirna
isaanii qabatanii orbiiti isaanii irra deemu. Hanga Guyyaa Qiyaamatti gonkumaa
hin daban. Eenyutu akkanatti isaan too’ataa?
106
Wantoota hunda akkanatti kan uume, too’atuu fi jiraachisuu Uumaa Tokkicha Isa
malee haqaan kan gabbaramu akka hin jirre erga siif mirkanaa’e, "kuni uumamaan
akkana ta’e" jechuu dhiisiti, kan kana hunda uumu “Allah, Uumaa waan hundaa
uume” jedhi. Maaltu siif jiraayyi sifaata (amaloota) Rabbiitti amanuu diddaa, hojii
Isaa wanta biraatti maxxansitaa? Wanta Inni uumee fi hojjate "kanatu akkana
godhe" ykn "ofiin akkana ta’ee" jettaa?
Hiika uumama
Osoo jecha “uumama” jedhu irratti xinxallite, hiikni isaa gara Khaaliqaatti si
qajeelcha. Jechi uumama jedhu, jecha wanti tokko wanta biraatin uumame ykn
hojjatame agarsiisa. Uumama jechuun kan wanti biraa isa uume jechuudha.
Jechoota akkanaatin "Maqaa irratti raawwatamaa (passive participle)- " إسم المفعول
jennaan. Jecha kanaan kan wal fakkaatan, “Hojjatamaa, ajjeefamaa, hatamaa,
oomishamaa fi kkf.” Jechoonni akkana wanti biraa isaan hojjachuu fi raawwachu
agarsiisu. Fakkeenyaf, “Nuti nama ajjeefamaa karaa irratti argine” yommuu jennu,
“namni kuni ofiin hin duune, namatu isa ajjeese” jechuu keenya. Haaluma kanaan
“kuni uumama” yommuu jennu, “Ofiin of hin uumne, Kan isa uumetu jira.” Jechuu
keenya. Samii fi dachiin, ilmi namaa, beelladoonni, bineensonni, biqiloonni fi
uumamtoonni biroo uumamtoota yommuu jennu, Kan isaan uumetu jira jechuu
keenya. Jechi uumama jedhu wanta biraatiin hojjatamu waan agarsiisuuf ofiin of
uumuu gonkumaa hin danda’an. Kanaafu, Kan isaan uume eenyuu? Deebiin
keenya,“Rabbii” Guddaadha jechuu malee kan biraa ta’uu danda’aa? Namni
uumamaa waan ta’eef ofiin of uumuu danda’aa? Namni tokko nama biraa uumuu
danda’aa? Ilmi namaa nama guutuu uumuu dhiisitii, seeli xiqqoo lubbuu qabdu
uumuu hin dandeenye. Kanaafu, Khaaliqa Guddaa, Ogeessa, Beekaa fi Danda’aa
ta’eetu wantoota kanniin hundaa uume. Rabbiin subhaanahu wa ta'aalaa ni jedha:
107
“Dhugumatti, Gooftaan keessan Rabbiidha, Kan samii fi dachii guyyoota jaha
keessatti uumee ergasii Arshii irratti [olta’iinsa Isaaf maluu] ol ta’eedha.
Ariitiin kan isa barbaadu ta’ee guyyaa halkaniin haguuga. Aduu, ji’a fi
urjiilees kan ajaja Isaatiin laafiffaman ta’anii [isaan uume]. Dhagayaa!
Uumuunii fi ajajni kan Isaati. Rabbiin Gooftaa aalamaa ta’e toltuun Isaa
baay’atte.” Suuratu Al-A’araaf 7:54
Samii fi dachii Guyyaa jaha keessatti kan uumee Gooftaa keessan Rabbiidha.
Ergasii Arshii irratti olta’iinsa Isaaf malu olta’e. Arshiin uumama guddaa samii
torbanii ol jiruu fi guddinnaa fi bal’innaan samii fi dachii kan caaludha. “Ariitiin
kan isa barbaadu ta’ee” Kana jechuun akkuma halkan dhufuun guyyaan darba,
akkuma guyyaan dhufuun halkan darba. “Guyyaa halkaniin haguuga” Guyyaan
darbuun halkan dhufee dukkana isaatiin wanta dachii irra jiru haguuga. Ilmi
namaatii fi lubbu-qabeenyin biroo gara mana isaanii dacha’uun ifaaje fi sochii irraa
tasgabbaa’u.
“Aduu, ji’a fi urjiilees kan ajaja Isaatiin laafiffaman ta’anii [isaan uume].”
Kana jechuun aduu, ji’aa fi urjiilee ajaja Isaatiin kan laaffifaman ta’anii hojii fi
dirqama isaanii akka bahaniif uume. Taskhiir (laafiffamuu) jechuun wanta tokko
ajajamaa fi masakamaa gochuudha. Tarii ajajamuun (masakamuun) humnaan ta’uu
danda’a. fakkeenyaf beelladoonni namaaf ajajamuu fi masakamu. Ajajamuun
humnatti osoo hin fayyadaminis fedhiin ta’uu danda’a. Fkn, namni tokko nama
biraatiif ajajamu.
Akkuma beekkamu aduun sochii ishiitii fi dachiif ifa tamsaasu keessatti ajajamtuu
fi masakamtu taatee hojjatti. Aduun too’anna tokko malee kan akkanumatti deemtu
osoo hin ta’in kan ishii ajajuu fi qajeelchutu jira. Haaluma kanaan jiiynis ajajamaa
fi masakamaadha. Urjiileenis halkan ifuun guyyaa samii irraa baduun ajajamoo fi
too’atamoo akka ta’an mul'isa. Kunniin sifaanni (amaloonni) Rabbii guutuu akka
ta’an agarsiisu. Uumamtoota gurguddaa kanniin uumuun Rabbiin waan hundaa
irratti Danda’aa akka ta’e agarsiisa. Aduun guddinnaan dachii akka caaltu kan
beekkameedha. Garuu garmalee waan fagaatteef xiqqoo fakkaatti. Uumamtoota
kanniin keessa tartiibni fi sirni jiraachuun Ogummaan Isaa guutuu akka ta’e
agarsiisa. Faaydaan baay’een namootaf isaan keessa jiraachuun bal’inna rahmata
Isaa agarsiisa.
108
“Dhagayaa! Uumuunii fi ajajni kan Isaati.” Uumamtoota hundaa kan uumee fi
argamsiise Isa. Wantoota hundaa kan uume Rabbiin erga ta’ee, ajajnis kan Isaa
ta’uu qaba. Samii fi dachii, namoota fi jinni kan uumee, jiraachisu fi too’atu Isa.
Kanaafu, Inni Mootii isaaniiti. Mootii jechuun immoo wanta tokkotti kan ajaju, kan
dhoowwu, nama gaarii hojjateef mindaa kan kennuu fi nama badii hojjate kan
adabuudha. “Dhagayaa!” yommuu jedhu dhimmi cimaa fi sodaachisaan duubaan
akka jiru fi namoonni xiyyeefannoo itti kennuu akka qaban agarsiisa[1] Kanaafu,
wanti badaan isaanitti dhufuun dura Rabbii Gooftaa fi Mootii isaanii ta'eef ajajamu
qabu. Sababni isaas, Rabbiin Gooftaa isaanii waan ta'eef kan Isaan uume,
nyaachisu, obaasu fi qananii adda addaa isaaniif kennuudha. Inni Mootii waan
ta'eef isaan ni ajaja, ni dhoowwa, nama waan gaarii hojjate ni badhaasa, nama badii
hojjate immoo ni adaba.
Guduunfaa
➦ Wanti duraan hin jirre tokko ofiin of uumuu hin danda'u. Sababni isaas,
beekumsa, dandeetti fi fedhii hin qabu. Wanti beekumsa, fedhii fi dandeetti hin
qabne akkamitti ofiin of uumuu danda'aa?
➦ Jechi uumama jedhu wanti tokko isa uumu waan agarsiisuuf, uumamtoota
kanniin hunda Kan Uume Rabbii Ogeessa, Beekaa fi waan hundaa irratti
Danda'aa ta'eedha.
➦ Uumamtoonni akka samii, dachii fi wantoonni isaan keessa jiran garmalee
guddachuun, tartiibaa fi sirna qabachuun, ajajamuu fi masakamuun,
Tokkichummaa Rabbii fi Ogummaan, beekumsi fi dandeettin Isaa guutuu ta'uu
agarsiisu.
Wa aakhiru daaw’aanaa anilhamdulillahi Rabbil aalamiin
Kitaabban wabii Miftaahu Daaru sa’aadah-fuula 741-746, Imaamu ibn Al-Qayyiim
Men and The Universe-hiika boqonnaa muraasaa kitaaba armaan olii-fuula 61-64
[1] Ma’aariju at-tafakkuri wa daqaa’iqu at-tadabburi 4/284-293, Abdurahman
Habanka
Tafsiir Sa’diyy-fuula 327-328
109
Qunnamtiif:
Website: www.sammubani.com
Wordpress: https://sammubani.wordpress.com/
Facebook: https://www.facebook.com/jireenyabadhaatu/ Email: [email protected]