1 kaayyoo jireenyi tuni fi ilmi namaa itti uumamaniif...rabbii olta’aadha. rabbiin subhaanahu wa...
TRANSCRIPT
| 1
Qophii : Jibril Abdalla
Kaayyoo
Jireenyi Tuni fi Ilmi Namaa
itti Uumamaniif
| 2
Qabiyyee Jireenyi Maaliif Uumamtee? .............................................................. 3
Hiika Qormaataa ............................................................................... 7
Qormaata fedhii (Ibtilaa’ul iraadati) ........................................... 8
Balaa fi Qananiin nama tuqu wanta sadii sadii keessaa hin bahu .... 8
Wantoota ittiin qoramanii fi Qormaata keessatti wanta
barbaadamu ..................................................................................... 12
Qur’aana irraa keeyyattoota (Aayaataa) waa’ee Qormaataa fi
wanta nama Qoramu irraa barbaadamu Agarsiisan-Kutaa 1
........................................................................................................... 15
Qur’aana irraa keeyyattoota (Aayaataa) waa’ee Qormaataa fi wanta nama Qoramu irraa barbaadamu agarsiisan-kutaa 2 20
Qur’aana irraa keeyyattoota (Aayaataa) waa’ee Qormaataa fi
wanta nama Qoramu irraa barbaadamu Agarsiisan-kutaa 3
........................................................................................................... 27
Qur’aana irraa keeyyattoota (Aayaataa) waa’ee Qormaataa fi
wanta nama Qoramu irraa barbaadamu Agarsiisan-kutaa 4 ........................................................................................................... 34
Jireenyi Maaliif Uumamtee?-Guduunfaa ....................................... 41
Namni Maaliif Uumamee? ................................................................ 52
Ikhlaasa ................................................................................................ 60
| 3
Jireenyi Maaliif Uumamtee? Bismillahi Rahmaani rahiim
د ٱ﴿ مح لح يٱلله هدىناله نحلأ تديلوح نهالهح هٱهدىنالهذاوماك لله ل ر س جاءتح لقدح
ٱرب ناب ق ﴾لح
“Faaruun hundi Kan Rabbii kanatti nu qajeelcheti. Osoo Rabbiin nu
qajeelchu baatee silaa nuti gonkumaa hin qajeellu turre. Ergamtoonni
Gooftaa keenyaa dhugaadhaan dhufanii jiru.” Suuratu Al-A’araaf 7:43
Jechoota Ijoo-Jazaa jechuun nama waan gaarii hojjateef mindaa isaaf kennuu
ykn nama waan badaa hojjate adabbii isaaf malu adabuudha.
Gaafiwwan gurguddaan mataa namaa keessa naanna’anii fi namni hundii
deebii argachuuf tattaafatu sadii akka ta’an barruu “Isin keessa mallattotu jira-
kutaa 2” jedhu keessatti ilaalle turre. Yaadachisaaf gaafiwwan sunniin kanniin
turan:
1ffaa-Ani duraan dachii tanarra hin turre. Kanaafu, eenyutu dhabamarraa na
argamsiisee ykn na uumee?
2ffaa- Kaayyoon itti uumameef maalii? (Maaliif uumamee?)
3ffaa- Erga du’ee gahuumsi kiyya eessaa?
Dhugumatti gaafileen kunniin gaafilee bu’uura jireenyaa fi milkaa’innaatti.
Namni gaafilee kanniin deebii sirrii fi gahaa yoo argate, jireenya keessatti
tasgabbiin jiraata. Sababni isaas, eessarraa ka’ee garam deemaa akka jiru sirritti
ni hubata. Kaayyoo fi ergamni yeroo muraasaaf addunyaa tana keessa turuu maal
akka ta’e yoo beeke jireenya keessatti hin dhama’u. Aslimaa (hundemaa) namni
dhama’u nama kaayyoo hin qabnee fi eessa deemaa akka jiru nama hin
beeknedha. Gaafileen armaan oli sadan keessaa gaafi tokkoffaa deebisuuf ji’oota
darban mata-dureewwan “Isin keessa mallattoo jiraa” fi “Uumama namaatti
xinxalluu1” jedhan jalatti ilaalle turre. Dabalataan, mata-duree “Rabbitti amane”
1 Barruulee kanniin haala kitaabatin argachuuf linki kana tuqaa:
https://sammubani.files.wordpress.com/2019/04/isin-keessa-mallato-jira-2.pdf yookin https://www.sammubani.com/kitaabban/ Ergasii kitaaba “Isin keessa mallattoo jira…” kan jedhu buusaa
| 4
jedhu jalattis wanta yaqiina (mirkaneefannaa) keenya dabalu ilaalle jirra.
Kanaafu, Alhamdulillah gaafi tokkoffaaf deebii gaha arganne jirraa jechuudha.
Amma itti aansinee gaafi lammaffaaf deebii gahaa fi quubsaa gargaarsa
Mawlaatiin argachuuf carraaqna. “Kaayyoon ani itti uumameef maalii?” jette of
gaafatte beektaa? Jireenya tana keessatti qormaanni adda addaa maaliif nama
muudataa? Namoonni gariin rakkoo dhandhamu, gariin immoo qananii keessa
daaku. Gariin ni gubatu, gariin ni gammadu. Iccitiin kana duuba jiru maaliidha
jechuun of gaafatte beektaa? In sha Allaah gaafiwwan kanniin hundaaf deebii
gahaa argachuuf ni carraaqna. Kaayyoo namni itti uumameef beekun dura
kaayyoo jireenyi addunyaa tanaa itti uumamteef beekun nurra jira.
Deebii kana argachuuf maal gochuu qabnaa? Eenyuun gaafachuu qabnaa? Mana
addaa garmalee bareedu tokko yoo arginee fi kaayyoo itti ijaarrameef beeku yoo
barbaanne, eenyun gaafannaa? Takkaa abbaa mana kana ijaare takka immoo
namoota abbaa manaa kanatti dhiyoo ta’an gaafannaa mitii ree? Abbaa manaa
ykn nama isatti dhiyoo ta’e dhiisnee nama alagaa (badhee) waa’ee mana kanaa
sirritti hin beekne yoo gaafanne, kaayyoo manni kuni itti ijaarrameef nutti himuu
danda’aa? Tarii alaa ilaalun kuni keessa jiraachuuf ykn daldalaaf jechuu
danda’a. Garuu dhugaan odeefannoo guutuu kan nu kennu danda’u abbaa mana
kana ijaaredha.
Jireenya tanas yommuu ilaallu kan ishii uumee fi ijaaretu jira. Samii fi dachii,
wantoota isaan keessa jiran hundaa Kan uumee, ijaaree fi tartiiba qabsiise
Rabbii Olta’aadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kana hunda taphaaf hin
hojjanne. Kaayyoo itti uumeef qaba. Kanaafu, jireenyi tuni maaliif akka
uumamte deebii gahaa fi quubsa argachuu kan dandeenyu Rabbiin irraayyi.
Sababni isaas, Rabbiin jireenya tana kan uumee fi kaayyoo itti uumeef Kan
beekudha. Dubbiin erga akkana ta’ee, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa
kaayyoo jireenya tana itti uumeef akkana jechuun dubbata:
﴿ يٱتبرك له لحك ٱبيده حم قدير ل ء شح ك عل و يٱ١وه له حموحتٱخلق ل
يوةٱو ولح وه عملا سن ححأ مح يك
أ مح ور ٱلحعزيز ٱلبحل وك ﴾٢لحغف
| 5
“[Rabbii] Mootummaan waan hundaa harka Isaa jiru tolli Isaa baay’ate.
Inni waan hundaa irratti Danda’aadha. [Rabbiin] eenyu keessantu irra
gaarii akka hojjatu isin qoruuf Kan du’aa fi jireenya uumedha. Inni
Injifataa, Araaramaadha.” Suuratu Al-Mulk 67:1-2
Mulk (mootummaa) jechuun wanta tokko qabaachu fi too’annaa guutuu irratti
argachuudha. Akkasumas, wanta lubbuu qabu ajajuun, dhoowwun, adabuu fi
badhaasun aangoo guutuu irratti qabaachudha. Motummaan wanta hundaa harka
Rabbii jira. Jecha mootummaa jedhu hiika wanta tokko qabaachu fi too’anna
guutuu irratti argachuun yoo ilaalle, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Dhuunfataa
waan hundaati. Sababni isaas, Rabbiin wantoota Isaan ala jiran hundaa kan
uumee fi Gooftaa isaaniiti. Kanaafu, wanta hunda kan uumee erga ta’e, too’anna
guutuu wantoota uume kanniin irratti qaba. Akka fedhetti wantoota kanniin
jijjiruu danda’a.
Jecha mootummaa jedhu hiika aangootiin yoo ilaalle immoo Rabbiin aangoo fi
taaytaa guutuu wantoota jiran irratti qaba2. Murtiin hundi kan Isaati, nama fedhe
ol’aansa, nama fedhe gadi buusa. Gabroota Isaa ni ajaja, ni dhoowwa. Nama
Isaaf ajajamee ni badhaasa, kan Isa dide immoo ni adaba. Gonkuma Isa jalaa
miliquu fi dheessun hin jiru. Sababni isaas, “Inni waan hundaa irratti
Danda’aadha.” Rabbiin dandeetti fi humna guutuu qaba. Samii fi dachiin
too’anna Isaa jala jiru. Kanaafu, eessatti jalaa dheessan?
“[Rabbiin] eenyu keessantu irra gaarii akka hojjatu isin qoruuf Kan du’aa
fi jireenya uumedha.” Kana jechuun Rabbiin isin qoruu fi qormaata kanaan
eenyutu hojii irra gaarii ta'e akka hojjatu ifa baasuf ergasii hojii isaa irratti
hundaa’e nama hundaafu mindaa kennuuf ykn adabuuf du’aa fi jireenya uume3.
Ibn al-Jawzin (Rabbiin rahmata Isaaf haa godhu) akkana jechuun keeyyata
(aayah) tana ibsa: Jireenya tana keessatti isin qoruuf jireenya uume, du’a immoo
isin kaasu fi jazaa isiniif kafaluuf uume4. Hayyoonni biroos ibsa kana kennani
jiru. Sababni isaas, aayah Arabiffaa keessatti “…wal-hayaata liyabluwakum…”
2 Ma’aarij Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabbur- Abdurahmaan Hasan
Habankaa 14/614 3 Madda olii-14/fuula 615 4 Zaadul Masiir 1456, Ibn Al-Jawzi akkasumas ilaali Tafsiir Qurxubii 21/112
| 6
jechuun “jireenyi fi qoruun” wal duraa duuban dhufan. Jireenyaa fi qoruun kan
wal qabataniidha. Aayan (keeyyani) armaan gadi ibsa armaan olii kana ni
jabeessiti.
و﴿ يٱوه موتٱخلقله رضٱولسه ه لح وكنعرحش يهام
أ ۥفستهة حماءٱعل ل مح لبحل وك
د بعح من وث ون بحع مه م إنهك ق لحت ولئن عملا سن ححأ مح يك
حموحتٱأ ولنهل ينٱلق له
هذاإ واإنح كفر بيله رم ﴾٧سحح
“Inni Kan samiiwwanii fi dachii guyyaa jaha keessatti uumedha. Arshiin
Isaas bishaan gubbaa ture. Eenyu keessantu irra gaarii akka hojjatu isin
qoruuf, [isaan uume]. Yoo ati, “Dhugumatti, isin du’a booda ni kaafamtu.”
jetteen, warri kafaran, “kuni sihrii (falfala) ifa ta’e malee waan biraati
miti.” jedhu.” Suuratu Huud 11:7
Rabbiin subhaanahu wa ta’aala samiiwwanii fi dachii guyyaa jaha keessatti akka
uume ni beeksisa. Yeroo samiiwwanii fi dachii uumu, samii torbaffaa ol Arshiin
Isaa bishaan irra ture. Erga samii fi dachii uumee booda olta’iinsa Isaaf malu
Arshii ol olta'uun dhimmoota ni qindeessa, murtiiwwan qadaraa fi murtiiwwan
shari’aa irraa wanta fedhe ni jijjira. Gabrootaaf seera itti bulmaata ni baasaf,
wanta badaa irraa ni dhoowwa, wanta gaariitti ni ajaja. Kuni murti shari’aati.
Akkasumas, ogummaa (hikmaa) guutuu Isaatiin wanta fedhe ni uuma, nama
fedhe gadi buusa, kan fedhe olkaasa, kan fedhe dureessa godha, kan fedhe
hiyyeessa godha, kan fedhe ni ajjeesa, yeroo fedhetti immoo ni kaasa. Kunniin
murtii qadaraatti. Kanaafi, itti aanse, “Eenyu keessantu irra gaarii akka
hojjatu isin qoruuf, [isaan uume].” jedhe. Kana jechuun isin qoruuf wanta
samii fi dachii keessa jiran isiniif uume. Ergasii isin keessaa kamtu dalagaa irra
gaarii ta’e akka hojjatu ni ilaala ykn ifa baasa. Hojiin tokko “hojii irra gaarii”
jedhamuuf haala shari’aan ajajuun ikhlaasan kan hojjatame yoo ta’ee qofaadha.
Kana jechuun namni hojii gaarii hojjatu Rabbiif qofa jedhee hojjachu fi akkaataa
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ajajeen hojjachu qaba.5
Ibn al-Jawziin ni jedha, “Isin qoruuf” kana jechuun qormaata jazaan itti
kafalamu isin qoruuf. Namni xinxallu mallattoolee samii fi dachii ilaalun [yoo
5 Tafsiir Sa’diyy 433-434
| 7
amanee fi hojii gaarii hojjate] mindaa argata. Warroonni didanii fi of tuulan
immoo ni adabamu6.” Kanaafi itti aanse Rabbiin ni jedhu, “Yoo ati,
“Dhugumatti, isin du’a booda ni kaafamtu.” jetteen, warri kafaran, “kuni
sihrii (falfala) ifa ta’e malee waan biraati miti.” jedhu.” Kana jechuun yaa
Muhammad (SAW) warroota Rabbiin waliin waan biraa gabbaran
(waaqefataniif) du’aan booda kaafamuun ni jira jechuun yoo ibsiteef, warri
kafaran “Kuni sihrii (falfala) ifa ta’e malee waan biraati miti.” jedhu. Isaan
biratti, “Sihrii (falfala)” jechuun wanta sobaa nama gowwoomsudha7.
Warroonni kafaran du’aan booda murtiif kaafamuun soba jechuun yaadu. Garuu
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa samii fi dachii garmalee gurguddatan kanniin
uumuu kan danda’e, isaan kaasu irratti Danda’aa akka ta’e isaanitti beeksisa.
Kanaafu jireenyi tuni tan uumamteef qormaataafi. Addunyaan tuni iddoo
qormaatati. Jireenyi tuni maaliif akka uumamte erga beekne, “hiika qormaataa,
qormaata fedhii, wantoota ittiin qoraman, wanta nama qoramu irraa barbaadamu
fi bu’aa qormaataa” ilaalun nurraa bareeda.
Hiika Qormaataa
Qormaata jechuun amala dhoksaa nama keessa jiru ifa baasuuf qoruu
(mokkoruu)dha. Jecha biraatin, jabinnaa fi dadhabinna isaa, obsa qabaachu
yookiin dhiisu isaa, galata galchuu yookiin dhiisu isaa ilaaluu fi ifa baasuf
wanta inni jaallatu ykn jibbu isa fuundura gochuudha. Akkasumas, qormaanni
hiika wanta ittiin qoramanii ni qaba. Fakkeenyaf, barataan yommuu qoramu,
gaafileen isaaf dhiyaatan qormaata ta’uuf.
Jechi biraa jecha ibtilaa’a (qormaata) jedhutti dhiyaatu jecha “fitnaa” jedhuudha.
Akka lugaatti fitnaa jechuun ibiddaan sibiila baqsuudha. Kan akka warqii oori
(xurii) irraa qulqulleessuf ibiddaan baqsuu. Ni jedhama: namni sibiila hojjatu
warqii fattane. Kana jechuun [qulqullinna] isaa qorachuuf ibiddaan baqse. Ergasi
jechi "fitnaa" jedhamu kuni qormaata cimaa agarsiisuuf itti fayyadaman. Sibiilli
yommuu ibiddaan baqfamu mallattoon irratti hafa ykn bocni isaa ni jijjirama.
6 Zaadul Masiir- 643, Ibn Al-Jawzi 7 Tafsiir Qurxubii 11/76-77
| 8
Haaluma wal fakkaatun namnis wanta nafseen isa jibbituun ykn fedhii isaa
faallessuun yoo qorame, mallattoon ykn jijjiramni wayii irratti ni mul’ata.
Qormaata fedhii (Ibtilaa’ul iraadati) Qormaata fedhii jechuun adeemsa addunyaa tana keessatti hojii ifaa ykn
dhoksaa irraa wanta nafseen filattu ifa baasuuf fedhii namaa qoruudha. Rabbiin
subhaanahu wa ta’aalaa ilmaan namaa addunyaa tana keessatti qoruuf fedhii
kana kenneefi jira. Namni qoramuuf wantoonni isa barbaachisan waan isaaf
guuttamaniif addunyaa tana keessatti iddoo qormaataa kaa’ame. Qormaata
booda qorannoo fi jazaan ni dhufa. Kana jechuun namoonni addunyaa tana
keessatti erga qoramanii booda gara Aakhiratti dabarfamuun Guyyaa
Qiyaamaa akkamitti qormaata akka dabarsan ni qoratamu. Ergasii jazaan
isaaniif kafalama. Ta’uu baannan yoo kuni hin jiraatin, qormaanni tapha ta’a.
Rabbiin subhaanahu wa ta’aala tapha irraa qulqulluudha.
Balaa fi Qananiin nama tuqu wanta sadii sadii keessaa hin bahu
ICCITII BALAA (MUSIIBAA) Balaan ykn rakkoon namatti bu'u bifa sadiin ilaalun ni danda'ama. 1ffaa-
Adabbiif, 2ffaa- qormaataf, 3ffaa- barsiisuu fi qulqullessuuf Tarii jireenya keenya keessatti balaan (musiiban) adda addaa nu qunnamu
danda'u. Musiiban nu qunnaman gosoota armaan olii sadan keessaa hin bahan.
1ffaa-Adabbiif yommuu jennu namni badii osoo hojjatu daangaa Gooftaa isaa
darbuun of miidha. Yeroo kana Rabbiin (subhaanahu wa ta'aalaa) akka gara
Isaatti deebi'uuf namticha ykn garee namootaa kanatti balaa (musiibaa) erga.
Qur'aana keessatti ni jedha:
ن﴿ مم نٱلحعذابٱول ذيقنهه دح بٱلحعذابٱد ونلح كح
يرحجع ونلح مح ﴾٢١لعلهه
“Dhugumatti, akka isaan deebi’aniif adabbii guddaa dura adabbii xiqqaa
isaan dhandhamsiifna.” Suuratu As-Sajdah 32:21 (Adabbiin xiqqaan
rakkoolee, musiibaa, dhibee fi balaa adda addaa addunya tana keessatti nama
| 9
muudataniidha. Adabbiin guddaan immoo adabbii Aakhiraati. Akka namoonni
badii irraa buqqa’uun gara Rabbii deebi’anii amananii fi hojii gaggaarii
hojjataniif, adabbii Aakhirah guddaa dura adabbii xiqqaa isaanitti buusa.)
Kanaafu, namni kanniin keessaa ta'uu of beeke, gara Rabbii olta'aatti
deebi'uun, araarama kadhachuu fi hojii gaggaarii hojjachuun of dhaqqabuu
danda'a.
2ffaa- Qormaataaf yommuu jennu immoo wanta keessa namoota jiru ifatti
baasuuf wanta hin jaallannee isaanitti buusudha. Qormaanni kuni wanta isaan
keessa jiru ifatti baasa. Obsa, dhugummaa iimaanaa isaaniitii fi amaloota
dhokatoo biroo ifatti baasa. Qur'aana keessatti Rabbiin subhaanahu wa ta'aalaa
ni jedha:
“Dhugumatti sodaa fi beela irraa wanta tokkoon, akkasumas qabeenya,
lubbuu fi fuduraale irraa hir’isuun isin qorra (mokkorra). Warra obsan
gammachiisi. Isaan yeroo balaan isaan tuqe, “Dhugumatti nuti kan
Rabbiiti, nuti gara Isaatti deebi’oodha.” Jedhaniidha. Isaan warra faaruu
fi rahmanni Gooftaa isaanii irraa ta’e isaan irra jiruudha. Warri suni
isaanumatu qajeelfamoodha. ” Suuratu Al-Baqarah 2:155-157
Yeroo kanatti wanti namarraa eeggamu: obsuu, abdii qabaachu, iimaana irratti
gadi dhaabbachuu fi wantoota badaa hojjachuu irraa of qusachuudha.
3ffaa- barsiisuu fi qulqulleessuuf- namni osoo hojii gaarii hojjatu dogongoruu
danda'a ykn hanqinna baay'ee qabaachu danda'a. Balaan yommuu itti bu'u, of
beeke of sirreessa. Hanqinna isaa ni sirreessa. Kuni isaaf barnoota. Akkasumas,
hanqinna, ma'asiyaa fi dogongora irraa isa qulqulleessa. (Ragaa kanaa ilaali
Suuratu Aali-Imraan 3:141,154) Kanaafu, musiiban (balaan) yommu sitti bu'u,
| 10
Ar-Rahmaanin hin komatin. Ar-Rahmaan musiibaa kan sitti erguuf siif rahmata
gochuufi malee si miidhufi miti. Akkuma warqiin ibiddaan waddamee
qulqulleefamu, namnis balaa adda addaatin qulqullaa'e nama gaarii fi sadarkaa
guddaa irra gahu ta'a.
ICCITII QANANII Qananii akka qabeenyaa, beekumsaa, fayyaa, aangoo fi kkf namni tokko
argatus bifa sadiin ilaalun ni danda'ama. Isaaniis: 1) Mindaa 2) Qormaata 3)
Istidraaj (suuta suutaan qabuuf)
Qananiin namni tokko argatu kanniin sadiin keessaa hin bahu.
1) Namtichi mu'mina (nama dhugaan amane) ta'ee fi qananii dabalataa yoo
argate, kuni mindaa wanta hojii gaarii hojjatee isaaf ta'uu danda'a. Fakkeenyaf,
namni dhugaan Rabbitti amanee yommuu sadaqaa kennu qabeenyi isaaf ni
dabalama. Kuni isaaf mindaadha. Aakhiratti immoo mindaa kana caalu argata.
2. Qormaataf yommuu jennu "namni kuni Na galateefata moo hin galateefatu?"
jedhe qoruu fi ifatti baasuf Rabbiin qananii kennaaf. Namtichi mu'mina ta'ee
qabeenyi, beekumsi fi sadarkaan kan isaaf dabalamu yoo ta'e, kuni qormaata
ta'uu akka danda'u dagachuu hin qabu. Kanaafu, Rabbiin galateefachu qaba.
Fakkeenyaaf Nabii Suleymaaniif Rabbiin beekumsa,qabeenya, aangoo fi
mootummaa guddaa kenneef. Garuu Suleymaan maal akka jedhe beektu?
Akkana jedhe, "Kuni tola Gooftaa kiyya irraa ta'eedha. Akka ani Isa
galateefadhuu moo hin galateefanne na qoruuf [qananii kana naaf
kenne].Namni Isa (Rabbiin) galateefate, kan inni galateefatu lubbuma
ofiitiif. Namni kafares [lubbuma ofii miidha]. Dhugumatti Gooftaan kiyya
Dureessa Arjaadha." (Suuratu Al-Naml 27:40) Kanaafu, namni tokko qananii
kamiyyuu yoo argatu, Rabbiin galateefachu qabaa malee kafaruun of miidhu hin
qabu.Galateefachu yommuu jennu qananiin kuni humna keenyan osoo hin ta'in
Rabbiin irraa akka dhufe beeku, Rabbiin jaallachu, oftuulu dhiisu, qananii
kanaan waan gaarii hojjachuu fi waan badaa ittiin hojjachuu dhiisudha.
3) Istidraaj (suuta suutaan qabuu)- namni tokko osoo badii hojjatuu qananiin
isaaf yoo dabalamee,kuni istidraaj jedhama. Kana jechuun nama badaa kana
Rabbiin dhumarratti adabbi hamaan isa qabuuf qananii dabalaaf. Fakkeenyaf
kaafirota yeroo darbanii fi kan ammaa haa ilaallu. Rabbiin kaafirotaf qananiin
kan dabaluuf isaan jaallate osoo hin ta'in, suutan suutan adabbii hamaan isaan
qabuufi. Rabbiin namoota Isatti kafaranii fi dachii keessa badii babal'isan
| 11
akkamitti jaallataa? Kanaafu, namni tokko qananii kaafirootaa ilaalun of
gowwoomsu hin qabu. Yoo hin tawbatin dhumti nama kafaree ibidda waan
ta'eef. Qur'aana keessatti:
﴿ ينٱوليحسبه له مح لله مان مح إنه سهمح نف ل خيح مح لله مان مح نه
واأ كفر هي عذابم مح وله ه ا واإثحما ﴾١٧٨ليحداد
“Warri kafaran [adabbii] isaaniif tursiisuun gaarii isaaniif ta’uu akka hin
yaanne. Kan Nuti isaaniif tursiisnuuf akka badii dabalataniif qofa. Isaaniif
adaba xiqqeessatu jira.” Suuratu Aali-Imraan 3:178
Kitaaba wabii: Ibtilaa’u iraadati- 80-84, Abdurahmaan Habanka
| 12
Wantoota ittiin qoramanii fi Qormaata keessatti wanta
barbaadamu
Wantoonni ittiin namoonni qoraman wantoota addunya keessa jiran hojjachuun,
dhiisun, argachuun nama gammachisaniidha. Akkasumas, wantoota nama
gaddisisan, wanta hojjachuun ykn dhiisun namarratti ulfaatu, rakkoo nama tuqu
ykn waan jaallatan dhabuu fi kkf dha. Fakkeenyaf maallaqa baay’ee argachuun
wanta nama gammachiisudha. Maallaqni kuni wanta ittiin qoramaniidha.
Ammas, rakkoon namatti bu’uun wanta nama gaddisisuu fi nafsee irratti
ulfaatudha. Kanaafu, rakkoon wanta ittiin qoramaniidha.
Wanti nama qormaata keessa jiru irraa barbaadamu immoo wanta isa
gammachiisu fi gaddisisuu keessatti Rabbiin faarsuu, wanta nafseen isaa jaallatu
fi hin jaallanne keessatti akkaata Rabbiin Olta’aan barbaadun Isaaf ajajamu fi
jaalala Isaa argachuuf hojjachuudha. Wantoonni nama dhukkubsanii fi ulfaatoon
namatti bu’an hamma obsaa inni qabu ifatti baasu. Wantoonni nama
gammachiisanii fi qananiin immoo hangam inni Rabbiin akka galateefatu ifatti
baasu.8
Asi gadiitti keeyyattoonni Qur’aanaa dhiyaatan wantoonni namoonni ittiin
qoramanii fi wanta qormaata irraa barbaadamu ifa nuuf godhu:
Suuratu Al-Kahf (18):7-8 keessatti Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa akkana
jechuun dubbata:
﴿ عل ما جعلحنا رضٱإنها لح عملا سن حح
أ مح ه ي
أ مح لبحل وه هها ل وإنها٧زينةا
زا ر اج ﴾٨لجعل ونماعليحهاصعيدا
“Dhugumatti, Nuti isaan irraa eenyutu hojii irra gaarii akka hojjatu isaan
qoruuf waan dachii irra jiru isheef miidhaginna taasifne. Dhugumatti
8 Ibtilaa’ul Iraadati bil Iimaani wal-Islaami wal-Ibaadati– Fuula 73-..., Abdurahman Habankah
| 13
wantoota ishii (dachii) irra jiran hunda dirree duwwaa biqilaa hin qabne ni
taasifna.”
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wantoota dachii irra jiran kanneen akka nyaataa
fi dhugaati mi’aawaa, manneen, konkolaataa, biqiltoota, warqii, meetii, horii fi
wantoota biroo nafseen namaa jaallattuu fi itti rarraatu hunda dachiif
miidhaginna godhe. Kaayyoon kana godheef ilma namaa qoruun eenyutu hojii
irra gaarii akka hojjatu ilaalu fi ifa baasufi. Ergamaan Rabbiin (SAW) akkana
jedhan:
“Dhugumatti addunyaan mi'ooftuu fi magariisadha. Akkamitti akka
hojjattan ilaaluuf Rabbiin addunyaa tana keessatti bakka isin buusa…”
Sahiih Muslim 2742
“hojii irra gaarii” jechuun [qabeenya] haqaan fudhachuu, Rabbii fi Guyyaa
Aakhiratti amanuun karaa haqaa keessatti baasu, hojiwwan Rabbiin namarratti
dirqama godhe hojjachuu, wantoota Inni dhoowwe dhiisuu fi hojiwwan itti
jajjabeefaman baay’isuudha.9
Rabbiin subhaanahu wantoota dachii tanaaf miidhaginna taasiseen gabroota ni
qora. Qoruun kunis kan ta’u wanta hojjachuu hawwan akka dhiisanii fi wanta
dhiisu hawwan akka hojjatan ajajuuni. Kuni hundi hikmaa (ogummaa) Rabbii
waliin kan deemudha. Ogummaan kunis akka haqa hordofanii fi soba gatan,
keeyri hojjatanii fi sharrii dhiisan, wanta irra gaarii ta’e filachuun gara oliitti
akka ol bahan namarraa barbaada. Namni filannoo isaatiin wanta itti ajajame ni
hojjata, wanta irraa dhoowwame ni dhiisa. Kanaafu, filannoo kanaan eenyutu
hojii irra gaarii akka hojjatu ifa baha.
Qormaanni kuni qorannoo fi jazaa waan barbaachisuuf Rabbiin olta’aan jireenya
tanaan ala jireenya biraa qopheesse. Jireenyi lammataa tuni jireenya Aakhiraa
ganda qananii fi ganda azaaba (adabbii) of keessaa qabdudha. Warra amananii
fi toltuu hojjataniif ganda qananii tan taate Jannata isaan seensisa. Warra
kafaranii fi badii hojjatan immoo ganda adabbii Jahanammiin isaaniif qopheesse.
9 Tafsiir Qurxubii-13/208-209
| 14
Garuu namoonni kaafamuun jireenyi lammataa dhufuun dura Rabbiin haala fi
sirna jireenya addunyaa tanaa ni xumura. “Dhugumatti wantoota ishii (dachii)
irra jiran hunda dirree duwwaa biqilaa hin qabne ni taasifna.” Kana
jechuun Dandeetti Guddaa keenyaan gara fuunduraatti fuulli dachii dirree
duwwaa biqilaa fi ijaarsa homaatu ofirraa kan hin qabne hanga ta’utti wantoota
dachiif miidhaginna goone hunda badiinsa guutuu kan badu taasisna10. Jecha
biraatiin dachii tana lafa diriiraa bu’aa bayii hin qabne, ijaarsa, gaaraa fi biqilaan
homaatu irra hin jirre ni taasifna. (Ilaali suuratu Xaahaa 20:105-107)
Addunyaa tana keessatti yeroon qormaataa erga xumuramee booda Rabbiin
wantoota dachii tana irra jiran ni balleessa. Qananiin, manneen ol dhedheeroo fi
qabeenyi namoonni ittiin of tuulanii fi sobaman addunyaa tana irraa ni badu.
Ergasii dachiin tuni dirree duwwaa homaa ofirraa hin qabne taati. Kuni haqiiqa
(dhugaa) addunyaa tanaati. Rabbiin subhaanahu wa ta’aala akka waan ijaan
arginutti nuuf ibse, addunyaan sobamuu fi gowwoomu irraa nu akeekachiise jira.
Wanti dachii irratti miidhagfame qormaataaf akka ta’e nutti beeksisuun ganda
Aakhirah qananiin isaa turaa ta’ee akka kajeellu itti nu kakaasa.
Namoonni keessa osoo hin ta’in gubbaa addunyaa ilaalan, faaya fi miidhaginna
ishiitiin ni gowwoomu. Akka beelladaatti addunyaa hordofu. Akka beellada
marga dheedutti addunyaatti fayyadaman. Haqa Rabbii isaanii hin ilaalan, Isa
beekuuf xiyyeefannoo itti hin kennan. Garuu kaayyoon isaanii guddaan gara
fedheen haa argamu nyaatu, dhuguu fi fedhii foonii guuttachuu malee wanta
biraati miti. Namoota kanniin keessaa nama tokkotti duuti yommuu dhuftu,
wanta dhiise fi badii hojjateef dhiphachuu osoo hin ta’in, qananii isaa jala darbee
fi addunyaa irraa baduu waan heduuf garmalee dhiphata.
Namni keessa addunyaa ilaale fi kaayyoo ishii fi isarraa barbaadamu beeke
immoo wanta uumameef irratti wanta isa gargaaru addunyaa irraa ni fudhata.
Umrii isaa kabajamaa keessatti carraa hunda saammata. Addunyaa ganda taphaa
osoo hin ta’in ganda keessa qaxxaamuran godhata. Addunyaan adeemsa (imala)
irraa kutaa tokko malee mana yeroo hundaa keessa jiraatanii miti. Rabbii isaa
beekuuf, ajaja Isaa hojii irra oolchuu fi hojii miidhagsee hojjachuuf ni carraaqa.
Namni kuni nama Rabbiin biratti sadarkaa qabuudha. Rabbiin qananii, kabajaa
10 Ma’aarij Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabbur- Abdurahmaan Hasan Habankaa 13/322
| 15
fi gammachuu guddaa isaaf kenna. Yommuu namni addunyaa tanaan
gowwoome gubbaa addunyaa ilaalun ishii qofaaf hojjatu, namni sadarka guddaa
Rabbiin biratti argatu kuni immoo keessa addunyaa ilaaluun Aakhirah isaatiif
hojjata. Ee fagaate garaagarummaan isaan lamaan jidduu jiru!11
Qur’aana irraa keeyyattoota (Aayaataa) waa’ee Qormaataa fi
wanta nama Qoramu irraa barbaadamu Agarsiisan-Kutaa 1
Yaadachisaaf jireenyi addunyaa tuni iddoo namoonni itti qoramaniidha.
Wantoonni namoonni ittiin qoraman wantoota nafseen isaanii jaallattu ykn
jibbituudha. Nama qormaata keessa jiru irraa wantoonni barbaadaman: obsa,
shukrii (Rabbiif galata galchuu), Isa faarsu, yeroo hundaa Isaaf ajajamuu fi wanta Inni dhoowwe dhiisudha. Akkasumas, qormaanni dadhabinna fi
jabeenya iimaana namaa ifatti baasa.
Namni qorame jazaa isa barbaachisa. Kana jechuun dhuma qormaata irratti
qoratamuun mindaan isaaf kennama ykn ni adabama. Kuni qormaata mana
barnootatti fudhannu irraayyu wanta beeknudha. Namni qormaata keessatti
qabxii gaarii yoo galmeesse mindaa gaarii argata. Kan qabxii gaarii hin
galmeessine immoo mindaa gaarii hin argatu. Karaa adda addaatiin rakkoo
jireenyaatin adabama. Kuni haala salphaan waa’ee qormaata akka hubannuuf
malee guutumaan guututti qormaata Rabbiin ilmaan namaa qoruun wal fakkaata
jechuu miti. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa namoota karaa adda addaatin erga
qoree booda Guyyaa Murtii jazaa isaaniif kafala. Ta’uu baannan, qormaanni
bu’aan isaa hin beekkamnee fi jazaa hin qabne tapha ta’a. Rabbiin subhaanahu
tapha irraa qulqulluudha. Qur’aana keessatti yommuu ilaallu qormaata fi jazaa
wal bira fida.
Nama Qoramu irraa wanta barbaadamu keessaa: OBSA (SABRII)
11 Tafsiir Sa’diyyi-fuula 547
| 16
Nama qormaata keessa jiru irraa “Obsi” ni barbaadama. Mindaan isaaf
kennamus obsa isaa irratti hundaa’a. Mee kana ilaalchise Qur’aana irraa wanta
namni ittiin qoramu, wanta isarraa barbaadamu fi mindaa isaa haa ilaallu:
“Dhugumatti Nuti sodaa fi beela irraa wanta tokkoon, akkasumas
qabeenya, lubbuu fi fuduraale irraa hir’isuun isin qorra (mokkorra).
Warra obsan gammachiisi. Isaan yeroo balaan isaan tuqe, “Dhugumatti
nuti kan Rabbiiti, nuti gara Isaatti deebi’oodha.” Jedhaniidha. Isaan warra
faaruu fi rahmanni Gooftaa isaanii irraa ta’e isaan irra jiruudha. Warri
suni isaanumatu qajeelfamoodha. ” Suuratu Al-Baqarah 2:155-157
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa aayah tana keessatti wantoota shaniin gabroota
Isaa akka qoru dubbata. 1ffaa- Sodaa irraa wanta tokkoon isaan qora. Kana
jechuun diinotaa fi yeroo waraanaa sodaachu fi rifachuu. 2ffaa-beelaan isaan
qoru. Kuni yeroo hoongee fi midhaan dhabamu ta’uu danda’a. 3ffaa-qabeenya
irraa hir’isuun- kunis balaa uumamaa kanneen akka roobaa, lolaa fi kkf
qabeenyatti bu’uun qabeenyi hir’achuu danda’a. Ammas, nama jalaa baduun,
zaalimni (cunqursaan) nama jalaa fudhachuun, hannaa fi karaalee adda addaatin
qabeenyi hir’achuu danda’a. 4ffaa- lubbuu irraa hir’isuun- kana jechuun
namoonni jaallatan kanneen akka ijoollee, firoota fi hiriyyootaa du’uudha. 5ffaa-
fuduraalee irraa hir’isuun- akka duraanitti firaafireen akka temiraa, muuzi,
burtukaanaa fi midhaan nyaata kanneen akka qamadii, garbuu fi kkf oomisha
isaanii kennuu dhiisu. Wantoonni kunniin sababa adda addaatin oomisha isaanii
ni hir’isu.
Obsa irratti akka of leenjisaniif wantoota kanniinin akka isaan qoru Rabbiin
namootatti beeksise. Yeroo wantoota kanniin keessaa muraasni isaanii bu’an
namni obse, Rabbiin mindaa isaaf kenna. Namni dallanee fi abdi kute immoo
| 17
adabbiin isatti bu’a. Sababni isaas, wanta qormaata kanarraa barbaadamu waan
hin hojjanneef. Wanti qormaata kana irraa barbaadamu obsa. Kanaafi, Rabbiin
ni jedha, “Warra obsan gammachiisi” kana jechuun mindaa isaanii lakkoofsa
ykn hisaaba malee akka argatan isaan gammachiisi. Warroonni obsan warroota
gammachiisa guddaa fi kennaa dilbiin milkaa’aniidha. Sababa obsaniin
Aakhiratti Jannata qananii seenu. Addunyaa keessatti warra qajeelfamanii fi
faarfaman ta’u. Warroonni kunniin warra yeroo balaan isaan tuqe, “Innaa
Lillaahi wa innaa ileyh raaji’uun (Dhugumatti nuti kan Rabbiiti, nuti gara
Isaatti deebi’oodha).” jedhaniidha. “Dhugumatti nuti kan Rabbiiti” kana
jechuun nuti gabroota Isaati, wanta fedhe nutti hojjachuu danda’a. “nuti gara
Isaatti deebi’oodha” kana jechuun du’aan booda kaafamuu, hojiiwwan keenya
irratti jazaa argachuu fi obsa keenyaaf mindeefamu ni mirkaneessina.
Warroonni obsan kunniin “warra faaruu fi rahmanni Gooftaa isaanii irraa
ta’e isaan irra jiruudha.” Kana jechuun maqaa gaariin isaan faarsu, isaaniif
araaramu fi rahmanni Rabbiin irraa ta’e isaan irra jiraachudha. Rahmata Isaa
keessaa tokko obsa mindaa guddaa ittiin argatan akka qabaatan gochuudha.
“Warri suni isaanumatu qajeelfamoodha.” Kana jechuun warra haqa beekanii
fi irratti hojjataniidha. Bakka kanatti haqa beekun isaanii, “isaan gabroota Rabbii
fi gara Isaatti kan deebi’an ta’uu” beekudha. Haqa kana hojii irra oolchun immoo
Rabbiif jedhanii obsuudha.12
Kanaafu keeyyattoota kanniin keessatti wantoonni ittiin qoraman: sodaa,
beela, qabeenyi nama jalaa hir'achuu, namoonni jaallatan du'uu, oomishni
midhaanii fi firaafiree hir'achuudha. Wanti nama qorame irraa barbaadamu
immoo obsa. Obsi kuni Rabbiif ajajamuu, wanta Inni dhoowwe dhiisu, dallansu
fi abdii kutuu irraa of qusachuu of keessatti qabata. Mindaan namoota obsanii
immoo Jannata, faaruu fi rahmanni Rabbii isaan irratti jiraachudha.
Mee ammas aayah biraa keessatti wanta namni ittiin qoramuu fi wanta qormaata
irraa barbaadamu haa ilaallu.
12 Tafsiir Sa’diyy- 71-72, Zaadul Masiir-95-96,
| 18
رحسلحناقبحلكمن﴿رحسليٱوماأ حم ل ونل ك
حلأ مح إنهه عامٱإله ونفلطه ش ويمح
واق ٱ سح الح ونوكنربكبصيا ب تصح
ضفتحنةأ لعح مح ﴾٢٠وجعلحنابعحضك
“[Yaa Muhammad] siin duratti ergamtoota irraa [ergamaa] hin ergine
dhugumatti isaan nyaata kan nyaatanii fi gabayaa keessa kan deeman yoo
ta’an malee. Garii keessan gariidhaaf fitnaa (qormaata) taasifne jirra. Ni
obsituu? Gooftaan keetis [waan hundaa] Argaa ta’ee jira.” Suuratu Al-
Furqaan 25:20
Aayan tuni mushrikoota Makkah Ergamaa Rabbiitiin (SAW) akkana jedhaniif
deebii kennuuf buute, “Sila kan nyaata nyaatu fi gabayaa keessa deemu kuni
ergamaa akkamii?” Mushrikoonni kunniin 'ergamaan Rabbiin ergu nama osoo
hin ta’in malaayka maaliif hin taane?' jechuun mormu. Garuu Rabbiin
subhaanahu wa ta’aala Nabii Muhammadin (SAW) dura ergamtoota nyaata
nyaatanii fi soorata (rizqii) isaanii argachuuf gabayaa keessa kan deeman malee
namoota hin nyaanne fi hin dhugne godhee hin ergine. Akkuma Nabii
Muhammad (SAW) nyaata nyaatu fi gabaaya keessa deemu, ergamtoonni isa
dura darbaniis nyaata nyaatu fi daldalaaf gabayaa keessa deemu turan. Kuni
sadarkaa fi guutummaa amala isaanii kan hir’isuu miti. Ergamtoonni hunduu
gaarummaan amala isaanii fiixe kan tuqeedha. Jechoonni fi hojiin isaanii
namoota hundarra kan caalu fi bareedudha. Eenyufillee fakkeenya gaarii ta’u.
“Garii keessan gariidhaaf fitnaa (qormaata) taasifne jirra.” Walitti
dhufeenya namootaa keessatti gariin gariif wanta ittiin qoramaniidha. Tokko kan
biraatiif qormaata ta’a. Ergamaan ummata itti ergameef qormaata ta’a. Kana
jechuun warroonni Rabbiif ajajamanii fi hin ajajamne ifatti akka beekkaman
sababa ta’a. Akkasumas, ummattoonnis ergamtootaaf qormaata ta’u. Rakkoo fi
gufuu adda addaa isaan fuundura kaa’u. Ammas, kaafirri mu'minaaf (nama
amaneef) qormaata, namni dureessi hiyyeessaf qormaata; hiyyeessis dureessaaf
qormaata, dubartiin dhiiraaf qormaata, dhiirris dubartiif qormaata ta’u. Haala
kanaan namoonni biroos addunyaa qormaataa tana keessatti waliif qormaata
ta’u.
| 19
Kaayyoon qormaata kanaa obsa. Kanaafu, “Ni obsituu?” Kana jechuun itti
gaafatamummaa fi dirqamoota isin irra jiran obsaan bahuun mindaa obsaa
argattan moo kan hin obsine ta’uun adabbiif of saaxiltan?13
Dureessi yommuu hiyyeessa argu gargaaru qaba, isa tuffachuu fi gadi xiqqeessu
hin qabu. Obsuu jechuun wanta tokko irraa of qabuu waan ta’eef, dureessi
hiyyeessa tuffachuu fi gadi xiqqeessu irraa of qabuu (obsuu) qaba. Hiyyeesis
dureessa hinaafu fi haqa malee qabeenya isaa jalaa fudhachuu hin qabu14.
Kanaafu, hiyyeessi hinaafu fi hatuu irraa of qabuu (obsuu) qaba. Dubartiniis
dhiiraaf qormaata. Dhiirri karaa haraamaatiin dubartiiti deemu irraa of qabuu
(obsuu) qaba. Akkasumas, dubartiinis karaa haraamatin dhiiratti deemu irraa of
qabuu (obsuu) qabdi. Ammas kaafirri nama amaneef qormaata ta'a. Takkaa
yaada sobaa itti darbuun isa qora takkaa immoo sababa Islaama qabateen itti
qoosun, baacun, tuffachuun, rakkisuun qormaata ta'aaf. Kanaafu, namni amane
(mu'minni) wanta kaafirri itti waamu irraa of qabuu ykn of qusachuu qaba.
Akkasumas, Islaama irratti obsu qaba. Haala kanaan namoonni addunyaa
qormaata tana keessatti haqa irratti yoo obsan mindaa guddaa argatu. Yoo
dhiisan immoo adabbiif of saaxilu.
“Gooftaan keetis [waan hundaa] Argaa ta’ee jira.” Kana jechuun nama
hundaa ni arga, nama obsuu ykn hin obsine, nama amanuu fi hin amanne, nama
haqa isarra jiru bakkaan gahee fi hin geenye hundaa Inni ni arga15. Haala fi
hojii keessan hunda ni beeka. Ergasii hojii keessan irratti hundaa’e jazaa isiniif
kafala. Nama gaarii hojjate mindaa gaarii kennaaf, nama badii hojjate immoo
ni adaba16.
13 Tafsiir Sa’diyy-679 14 Tafsiir Qurxubii 15/390 15 Madda olii 392 16 Tafsiir Sa’diyy-679
| 20
Qur’aana irraa keeyyattoota (Aayaataa) waa’ee Qormaataa fi
wanta nama Qoramu irraa barbaadamu agarsiisan-kutaa 2
Yommuu gara jireenyaa mil’annu wantoonni nama ajaa’ibsisanii fi gaddisisaan
baay’een keessatti mul’atu. Namni jireenyi maaliif akka uumamte beeku
jireenya keessatti hin dhama'u.
Wal-bira Qabiinsa (Analogy)
Jireenyi tuni maaliif akka uumamte caalatti hubachuu fi hojii irra oolchuf mee
fakkeenyaan haa ilaallu.
1-Jireenya Addunyaa (Dachii tana) akka Daree Qormaataa
2-Namoota dachii irra jiraatan akka Barattoota daree keessa jiranii
3-Wantoota namoonni ittiin qoraman akka Gaafilee waraqaa qormaata irra
jiranii
Jireenya addunyaa ykn dachii tana akka daree qormaatatti (examination room)
haa ilaallu. Yommuu qormaanni gahu barattoonni dareetti walitti qabamuun
waraqaan qormaataa isaaniif raabsama. Ergasii hundi isaaniitu gaafilee
hojjachuu jalqabu. Gaafileen kunniin wanta isaan ittiin qoramaniidha. Jireenyi
addunyaa tunis namoota fi wantoota isaan ittiin qoraman of keessaa qabdi.
Kanneen akka qabeenya, rakkoo adda addaa fi kkf.
Barattoonni qormaata seenan wanti isaanirraa eeggamu: gaafilee qormaataa
hanga danda’an hojjachu, korrochu irraa of qusachu fi naamusa qormaata
kabajuudha. Haaluma kanaan, namoonni addunyaa tana keessatti qoraman wanti
isaan irraa eeggamu: obsuu, shukrii (Rabbiif galata galchuu), wantoota itti
ajajaman hojjachu fi wantoota irraa dhoowwaman dhiisudha. Qormaanni
dhumarratti bu’aan isaa ni beekkama. Barataan qormaata seenee wanta isarraa
eeggamu yoo hin hojjatin, bu’aa gaarii argachuu danda’aa? Haaluma kanaan,
namoonni addunyaa tana keessatti qoraman, wanta isaan irraa eeggamu yoo
hin hojjatin mindaa gaarii Rabbiin waadaa galee argachuu danda’uu? Ammas,
barataan qormaata seene seera qormaataa cabsuun yoo korrojee fi jeequmsa
uume, amala badaa isaa kanaaf ni adabama. Haaluma kanaan, namni addunyaa
| 21
qormaata tana keessatti wanta Rabbiin dhoowwe hojjate ykn wanta Inni itti ajaje
dhiise, ni adabama.
Kanaafu, jireenyi addunyaa tuni iddoo qormaata namni itti qoramuudha. Ergasii
hojii isaanii irratti hundaa’e mindaan isaaniif kennama. Akkuma barataan yeroo
qormaataa cimee yoo hojjate qabxii gaarii galmeessu fi dhumarratti mindaa
gaarii argatu, namni addunyaa qormaata tana keessatti cimee hojjates mindaa
gaarii argata. Kutaa darbe irraa itti fufuun wantoota namoonni ittiin qoramanii
fi wanta nama qorame kanarraa barbaadamu haa ilaallu.
Qur’aana keessatti Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
و﴿ يٱوه ئفله خل مح رضٱجعلك ضلح قبعح فوح مح ورفعبعحضك
سيع ربهك إنه مح ءاتىك ما ف مح بحل وك ل ۥوإنهه لحعقابٱدرجت وررهحيم ﴾١٦٥لغف
“Rabbiin Kan dachii keessatti bakka buutota isin godhee fi waan isiniif
kenne keessatti isin qoruuf jecha garii keessan garii irra sadarkaan ol
fuudhedha. Dhugumatti, Gooftaan kee adabni Isaa saffisaadha, ammas
dhugumatti Inni Araaramaa Rahmata godhaadha.” Suuratu Al-An’aam
6:165
“Rabbiin Kan dachii keessatti bakka buutota isin godhee” kana jechuun
dhaloota darbe bakka kan buutan isin taasise. Dhaloonni darban du’aan yommuu
addunyaa tana irraa deeman, Rabbiin dhaloota itti aanu fiduun dachii tana akka
ijaaran taasise, isaan qoruuf wanta ishii keessa jiru isaaniif laaffise. “garii
keessan garii irra sadarkaan ol fuudhe” Qabeenyaan, suuraan, bareedinnaan,
humnaan, beekumsaan, amalaan, bifaan gargara isin godhe, tokko tokko irra
caalchise. Wantoota kanniinin wal caalchisuun qormaata. “Wantoota isiniif
kenne keessatti isin qoruuf garii keessan garii irra sadarkaan caalchise.” Qoruu
| 22
jechuun wanti mindaa fi adabbiin irratti ta’u isin irraa mul’achuudha17. Fkn, kan
akka obsaa, galata galchuu fi Isaaf ajajamuun isin irraa mul'achu.
Namni hundi kennaa Rabbiin isaaf kenneen ni qorama. Dureessi qabeenya
isaatiin ni qorama. Wanti dureessa irraa barbaadamu shukrii (galata galchuu) fi
akkaata Rabbiin ajajeen qabeenya isaa baasudha. Wanti nama beekumsa qabu
irraa barbaadamu, shukrii fi beekumsa isaatiin namoota fayyaduudha. Wanti
hiyyeessa irraa barbaadamu obsa.
“Dhugumatti, Gooftaan kee adabni Isaa saffisaadha” Nama Isa faallessee fi
keeyyattoota (aayaata) Isa kijibsiisef hatamtamaan isa adabuu danda’a. Tarii
Rabbiin nama badii hojjatuu fi hin amanne yeroo muraasaf dhiisu danda’a.
Garuu achii yoo qabe, gadi hin furu. Wanti ni dhufa jedhame hundi dhiyoodha.
Duuti fi Aakhiraan namoonni akka fagootti ilaalan dhiyootti ni dhufu. “ammas
dhugumatti Inni Araaramaa Rahmata godhaadha.” Nama Isatti amane, hojii
gaarii hojjate fi hojii badaa irraa tawbateef Rabbiin ni araarama, rahmata
godhaaf18
Kanaafu, qabeenyaan, bifaan, miidhaginnan, beekumsaa fi kan kana
fakkaataniin namoonni wal caalun qormaata. Namoonni gariin qabeenya
argachuun yommuu sadarkaan isaanii xiqqoo ol ka’u, “Rabbiin na kabaje ykn na
jaallate” jedhu. Yommuu qabeenya dhaban immoo Rabbiin na salphise jedhu.
Haala nama kanaa Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Qur’aana keessatti ni
dubbata, deebiis itti kenna:
﴿ ا مهنسن ٱفأ
لح ما رمه ۥربه بحتلىه ٱإذا كحۥمه ونعهۥفأ رب
ول فيق رمن كح
اإذاما١٥أ مه
هنۥفقدرعليحهرزحقه بحتلىه ٱوأ
أ رب
ول ١٦فيق ون رم ت كح بلله ه تيمٱكله ﴾١٧لح
17 Zaadul Masiir 482, Tafsiira Qurxubii 9/146-147 18 Tafsiiru Sa’diyy 317 fi maddoota olii
| 23
“Namni yeroo Gooftaan isaa isatti arjoomuu fi isa qananiisuun isa qore,
“Gooftaan kiyya na kabaje” jedha. Yeroo Inni hiree isaa itti xiqqeessuun
isa qore immoo, “Gooftaan kiyya na xiqqeesse” jedha. Haa dhoorgamu!
Dhugumatti isin yaatima hin kabajjan.” Suuratu Al-Fajr 89:15-17
Rabbiin as keessatti haala namaa yeroo qabeenyi isaa bal’atu fi dhiphatu
dubbata. Yommuu Rabbiin isa qoruuf qabeenya isaaf bal’isuu fi isa qananiisu,
namni beekumsa hin qabnee fi Aakhiratti hin amanne, “Rabbiin na kabaje jira.
Osoo na kabajuu baate silaa kana hunda naaf hin kennu” jechuun yaada. Ammas,
yommuu qabeenya itti dhiphisuu fi xiqqeessu, Rabbiin na xiqqeesse jechuun
yaada. Rabbiin “Kallaa (haa dhoorgamu” jechuun itti deebisa. Kana jechuun
yaada akkanaa irraa haa dhoorgamu. Namni Ani qananiise hundi nama Ana
biratti kabajamaa ta'ee miti. Ammas, namni Ani qabeenya itti xiqqeesse hundi
nama na biratti xiqqaataa ta’ee miti. Rabbiin nama jaallatu fi hin jaallanneef
qabeenya ni kenna. Ammas, nama jaallatu fi hin jaallannetti qabeenya ni
xiqqeessa19. Garuu Rabbiin biratti safartuun kabajaa qabeenya osoo hin ta’in Isa
sodaachu fi Isaaf ajajamuudha.
عند﴿ مح رمك كحأ ٱإنه محلله تحقىك
﴾أ
“Dhugumatti, Rabbin biratti namni hunda keessan irra kabajamaa ta’e,
nama hunda keessan irra Rabbiin sodaatudha.” Suuratu Al-Hujuraat 49:13
Imaamu al-Qurxubiin ni jedha: [Yommuu qabeenyi bal’atuuf Rabbiin na kabaje,
yommuu itti dhiphisu immoo Rabbiin na xiqqeesse] jechuun amala kaafirootaa
Qiyaamaatti hin amanneeti. Kaafira biratti kabajaa fi salphinni qabeenyi
baay’achuu fi xiqqaachuni. Mu’minni (namni dhugaan amane) immoo kabajaan
isa biratti Isaaf ajajamuu fi milkii qooda Aakhiratti isa geessuun Rabbiin isa
kabajuudha. Yoo addunyaa irratti qabeenyi isaaf bal’ate Rabbiin ni faarsa, galata
galchaaf20
Muslimoonni baay’een iimaanni isaanii dadhabaa ta’ee fi kaayyoo jireenyaa hin
beeknes, yommuu qabeenyi bal’atuuf ‘Rabbiin na kabaje’, yommuu itti dhiphisu
19 Tafsiiru Sa’diyy-1090, Tafsiir ibn Kasiir 7/563 20 Tafsiiru Qurxubii 22/276
| 24
immoo ‘Rabbiin na xiqqeesse’ jechuun akka kaafiratti yaadu. Kanaafu yaada
dogongoraa kana sirreessu qabu. Qabeenyi bal’achuu fi dhiphachuun wanta ittiin
qoramaniidha. Nama qabeenyi bal’ateef irraa wanti barbaadamu shukrii (Rabbiif
galata galchuudha). Nama qabeenyi itti dhiphate (hiyyeessa) irraa immoo wanti
barbaadamu obsa.
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
ٱو﴿ وا لم عح نهوأ فتحنة مح ك لد وح
وأ مح ول ك مح
أ ما نه
ٱأ ۥعنده لله ر جح
أ
﴾٢٨عظيم“Qabeenyi fi ilmaan keessan fitnaa (qormaata) qofa akka ta’anii fi Rabbiin
bira mindaan guddaan akka jiru beekaa.” Suuratu Al-Anfaal 8:28
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa aayah tana keessatti qabeenyi fi ilmaan fitnaa
(qormaata) akka ta’an gabroota Isaatti beeksiisa. Qormaata kanaan wanti nafsee
keessa jiru ifa baha. Yoo qabeenyaa fi ilmaan isaaniif kenne, Isaaf galata galchu
moo Isarraa garagaluun qabeenyaa fi ilmaanin ko’oomuu (biizi ta’uu)?
“Rabbiin bira mindaan guddaan akka jiru beekaa.” Qabeenyaa fi ilmaan irra
mindaan, kennaa fi Jannata Isaatu isiniif caala. Tarii isaan (ilmaan) keessa diinni
jiraachu danda’a. Qabeenyaa fi ilmaan irraa baay’een isaanii adabbii Rabbii
sirraa hin deebisan. Rabbiin Mootii addunyaa fi Aakhirah waan fedhe
hojjatuudha. Guyyaa Qiyaamaa mindaa bareedaatu Isa bira jira.21 Garuu mindaa
bareedaa fi guddaa san kan argatu nama har’a addunyaa qormaataa tana keessatti
wanta itti ajajame hojjate fi irraa dhoowwame dhiisedha.
Kanaafu, qabeenyi fi ilmaan wantoota namni ittiin qoramuudha. Ammas
Qur’aanni haala nama yeroo qabeenya dhabuu fi argatuu akkana jechuun ifa
godha:
21 Tafsiiru ibn Kasiir 4/186
| 25
﴿ مسه نسنٱفإذا مالح إنه قال نها م مةا نعح لحنه خوه إذا ث مه دعنا ض
وتيت ه ونۥأ لم ليعح مح ثه كح
أ فتحنةولكنه ه بلح علحم ﴾٤٩عل
“Namni yeroo rakkoon isa tuqe Nu kadhata. Ergasii yeroo Nuti qananii nu
biraa ta’ee isaaf kennine, “kan inni naaf kenname beekumsa [kiyyaani]”
jedha. Lakkisaa! Ishiin fitnaadha. Garuu irra hedduun isaanii hin beekan.” Suuratu Az-Zumar 39:49
Namni yommuu rakkoon akka hiyyummaa, dhibee, dhiphinnaa fi kan biroo isa
tuqu, wanta isatti bu’e kana akka isarraa oofuuf garmalee Rabbiin kadhata.
Garuu yommuu Rabbiin qananii Isa biraa ta’e isaaf kennee fi rakkoo isaa isarraa
oofe, Gooftaa isaatti ni kafara. Tola Rabbiin isaaf oole ni waakkata. “Ani kana
kan argadhe beekumsa kiyyaani” jedha. Qabeenya fi qananii Rabbiin isaaf kenne
'Beekumsa, dandeetti fi ifaaje kiyyaan argadhe' jechuun odeessa. Garuu oduu
isaa kana, “Lakkisaa! Ishiin fitnaadha.” Jechuun itti deebisa. Kana jechuun
qananiin siif kennine qormaata ittiin qoramtuudha. Galata ni galchita moo hin
galchitu jennee ifa baasuuf siif kennine. “Garuu irra hedduun isaanii hin
beekan.” Kana jechuun qabeenya isaaniif kennuun qormaata akka ta’e hin
beekan.22
Garuu namoonni beekumsa qabanii fi kaayyoo jireenya tanaa beekan
qabeenyaan, aangoon, ilmaaninii fi wanta addunyaa tana keessatti nama qoraniin
hin gowwooman. Akka fakkeenyatti Nabii Suleymaaniif Rabbiin beekumsa,
qabeenya, aangoo fi mootummaa guddaa kenneef. Garuu Suleymaan wantoota
kanniinin hin gowwoomne. Wanta Nabii Suleymaan (aleyh salaam) jedhe
Qur’aanni akkana jechuun nuuf hima: “…Kuni tola Gooftaa kiyya irraa
ta’eedha. Akka ani Isa galateefadhu moo hin galateefanne na qoruuf
[qananii kana naaf kenne]. Namni [Rabbiin] galateefate, kan inni
galateefatu lubbuma ofiitiif. Namni kafares [lubbuma ofii miidha].
Dhugumatti Gooftaan kiyya Dureessa Arjaadha.” (Suuratu Al-Naml 27:40)
22 Tafsiiru Sa’diyy 854, Tafsiiru Qurxubii 18/292-293, Ibtilaa’a 108
| 26
Akka mootota wallaaltootaa Nabii Suleymaan (Aleyh salaam) mootummaa,
aangoo fi dandeetti isaatiin hin goowwomne. Garuu inni wantoonni kunniin
Gooftaa isaa irraa qormaata akka ta’an ni bare. Qananii argate kana irratti “galata
ni galcha moo hin galchu” jechuun sodaate. Ergasii Rabbiin galata namaatti kan
itti hin fayyadamne ta’u ifa godhe. Faaydan galata galchuu namuma galata
galche irratti deebi’a. “Namni [Rabbiin] galateefate, kan inni galateefatu
lubbuma ofiitiif. Namni kafares [lubbuma ofii miidha]. Dhugumatti
Gooftaan kiyya Dureessa Arjaadha.” Rabbiin hojii namni hojjatu fi galata inni
galchu irraa dureessa. “Arjaadha” keeyri (gaarii) baay’ee kan qabuu fi keeyri
kanaan nama galata galchu fi hin galchine haguuga. Garuu shukriin (galata
galchuun) qananiin amma jiruu akka itti fufuu fi qananii bade akka argataniif
sababa ta’a. Qananii irratti galata galchuu dhiisun (kafaruun) immoo qananiin
suni akka badu taasisa23. Qur’aana keessatti: “Yeroo Gooftaan keessan
[akkana jechuun] labse [yaadadhu], “Yoo Na galateefattan [qananii Kiyya
irraa] isiniifin dabala. Yoo Natti kafartan dhugumatti adabbiin Kiyya
akkaan hamaadha.” Suuratu Ibraahim 14:7
Guduunfaa
➦ Jireenyi tuni iddoo qormaataa namoonni itti qoramaniidha.
➦ Wantoota namoonni ittiin qoraman keessaa gurguddaan qabeenyaa fi
ilmaani.
➦ Rabbiin subhaanahu nama fedhetti qabeenya itti dhangalaasa, nama fedhetti
immoo ni dhiphisa. Kan akkana godhuuf isaan qoruufi. Kana jechuun galata ni
galchan moo hin galchan, ni obsan moo hin obsan? jedhe ifa baasufi. Ergasii,
hojii isaanii irratti hundaa'e mindaa isaaniif kafala.
➦ Kanaafu, namni qabeenyaan gowwoomu hin qabu.
23 Tafsiiru Sa’diyy 709
| 27
Qur’aana irraa keeyyattoota (Aayaataa) waa’ee Qormaataa fi
wanta nama Qoramu irraa barbaadamu Agarsiisan-kutaa 3
Jireenya tana keessatti wantoonni namni jaallatu fi jibbu baay’een nama
qunnamu. Namoonni gariin wanta jaallatan yommuu argatan, garmalee
gammaduun of tuulu fi amalli fafeen biroo isaan irraa mul’ata. Faallaa kanaa,
namoonni gariin yommuu wanti jibban isaan qunnamu garmalee gadduun hanga
lubbuu ofii galaafatu gahu. Sababni kanaa inni guddaan maali jennee yoo
qoranne, kaayyoo jireenyaa wallaaludha. Jireenyi tuni namoota qoruuf akka
uumamtee fi qormaata irraa wanti barbaadamu: obsa, galata galchu, Rabbiif
ajajamuu fi wanta Inni dhoowwe irraa fagaachu akka ta’e namni beeku, yeroo
rakkoo fi toltuu madaala ofii eeggata. Garmalee dhama’uun dukkana keessatti
hin taru.
Fakkeenyaf, yeroo rakkoo obsa isarraa barbaadamu ni qabaata, wanta Rabbiin
isaa itti ajaje ni hojjata, wanta Inni dhoowwe irraa ni fagaata. Wanti Rabbiin
subhaanahu wa ta’aala itti ajajee keessaa inni guddaan, Isatti amanuu fi arkaana
iimaana hafanitti amanuu, salaata, Isa kadhachuu (du’aayi), Isaaf of gadi qabuu
fi hojii gaggaarii biroodha. Wanti guddaan Inni dhoowwe keessaa, kufrii, yeroo
rakkoos ta’e yeroo toltu wanta nama hin fayyannee fi hin miine kadhachuu
dhiisu. Fkn, nama du’e kadhachuu irraa ni dhoowwa. Ammas, rahmata Isaatirraa
abdi kutu ni dhoowwa. Kanaafu, namni yeroo rakkoo, obsa isarraa barbaadamu
yoo qabaate, wanta itti ajajame yoo hojjate fi wanta irraa dhoowwame yoo
dhiise, ulfaatinni rakkoo isaaf hir’ata.
Kutaa darbe irraa itti fufuun waa’ee qormaataa haa ilaallu. Qormaanni jabeenyaa
fi dadhabbinna iimaana namaa ifa baasa. Namoonni yommuu qoraman, namni
dhugaa fi namni sobaa ni beekkama. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
| 28
١الم﴿ حسبٱأ تن ونلهاس فح ي ل مح وه ءامنها ول وا نيق
أ وا ك ني تح
٢أ
ينٱفتنهاولقدح له لمنه هفليعح ٱمنقبحلهمح ينٱلله له لمنه ولعح صدق وا ﴾٣لحكذبيٱ
“Aliif Laam Miim. Sila namoonni ‘Amanne’ jechuudhaan odoo hin
qoramiin dhiifamu yaadu? Dhugumatti,Nuti warra isaanin duraas qorree
jirra. Dhugumatti Rabbiin isaan dhugaan [amanne] jedhan beekuf jira,
sobdootas beekuf jira.” Suuratu Al-Ankabuut 29:1-3
Wanta haqiiqaa (dhugaa) iimaana isaanii ifatti baasun osoo hin qoramiin sila
namoonni, “Nuti amanne ykn mu’mintoota” jechuun qofti isaan gahaa? Amanne
erga jedhanii booda osoo fitnaa (qormaata) irraa nagaha kan bahan ta’anii silaa
namni dhugaa nama sobaa irraa adda hin bahu ture. Garuu ummata darbanii fi
kan ammaa keessatti seerri Rabbii, badhaadhinnaa fi gadadoon, rakkoo fi
laafinnaan, wanta jaallatanii fi jibbaniin, durummaa fi hiyyummaan, yeroo tokko
tokko diinota isaan irratti moosisun, dubbii fi hojiin diinotatti duuluni fi kan kana
fakkaataniin isaan qoruudha. Qormaata kanniin fitnaa lama jalatti ramaduun ni
danda’ama. 1ffaa- Fitnaa shubahaata- kana jechuun dhugaan soba fakkaachu,
sobni dhugaa fakkaachu. Kuni iimaana qalbii keessa jiru faallessa. 2ffaa- fitnaa
shahwaa- kuni fedhii lubbuu ijjannoo namaa faallessuudha.
Namni yeroo shubahaanni isatti bu’u, gadi dhaabbatu fi hin sochoone,
shubahaata kana haqa isa bira jiruun yoo ofirraa ittise, kuni iimaanni isaa dhugaa
fi sirrii ta’uu agarsiisa. Ammas, yommuu fedhiin lubbuu gara badiitti nama
waamtu ykn ajaja Rabbii fi Ergamaa Isaatirraa nama garagalchu isatti bu’u,
fedhii lubbuu isaatti qabsaa’uun badii hojjachuu yoo dhiise ykn wanta Rabbiin
itti ajaje hojjate, kuni iimaanni isaa dhugaa fi sirrii ta’uu agarsiisa.
Faallaa kanaa, namni yeroo shubahaanni isatti bu’u qalbii isaa keessatti shakkiin
yoo uumamee fi yeroo fedhiin lubbuu isatti bu’u badii hojjatu ykn dirqamoota
| 29
itti ajajame kan dhiisu yoo ta’e, kuni imaanni isaa dhugaa fi sirrii akka hin taane
agarsiisa24
Mee kana fakkeenyaan haa ilaallu. Yeroo waraanaa fi rakkooleen cimaan
Muslimoota muudatu, shubahaanni (dhugaan soba fakkaachun, sobni dhugaa
fakkaachun) namatti bu’a. Namni iimaanni isaa dhugaa fi sirrii ta’e, kuni
qormaata Rabbiin irraa ta’e jechuun obsa. Wanta iimaana faallessu hin hojjatu.
Waa’ee amanti isaa ilaalchisee hin shakku. Faallaa kanaa, namni iimaanni isaa
qalbii keessatti hidda hin qabanne immoo shakkiin itti bu’a. Waa’ee amanti
Islaamaa ilaalchise shakkuu jalqaba. Haala kanaan, namni iimaanan dhugaa ta’e
fi hin taane ifa baha.
Ammas, yeroo qabeenyi baay’atuu fi wantoonni fokkuun babal'atan, namni
iimaanni isaa cimaa ta’e gadi dhaabbata. Akka fakkeenyaatti biyyoota
Awrooppaa fi Ameerikaa ilaalu dandeenya. Ammas, telefoona, tv, interneeti
harka qabnu ilaalu dandeenya. Fiilmin wal-qunnamtii interneeti irratti
baay'innaan gadi lakkifama. Wantoonni fokkuu fedhii ofii haala salphaa fi
haraama ta’een akka guutatan nama waaman gara hundaan jiru. Namni iimaanni
isaa dhugaa fi sirrii ta’e, fedhii qullaa kanaaf hin bitamu. Wanta sheyxaanni
namaati fi jinni itti waaman kana hin hojjatu. Namni iimaanni isaa qalbii
keessatti hidda hin qabanne immoo wantoota kanniin haala salphaan hojjata.
Kanaafu, yommuu wantoota kanniin hojjatu, hanqinna iimaana isaa agarsiisa.
Haala kanaan, namni iimaanan cimaa ta’ee fi hin taane ifa baha. Namni iimaanan
cimaa ta’e yeroo adda jiruu interneeti banuun fiilmi wal-qunnamti hin ilaalu.
Namni iimaanan cimaa hin taane immoo ni ilaala. Ergasii hojii hojjatan irratti
hundaa’e takkaa mindaa argatu takkaa immoo ni adabamu. Namni badii hojjatu
gonkumaa Rabbiin jalaa hin miliqu. Kanaafi, itti aanse Rabbiin subhaanahu wa
ta’aala ni jedha:
حسب﴿ محينٱأ مل ونله ٱيعح ي ونات لسه م وناساءمايحك بق نيسح
﴾٤أ
24 Tafsiir Sa’diyy-734-735
| 30
“Sila isaan hojii gadhee dalagan Nu jalaa bahuu yaaduu? Wanti isaan
murteessan waa fokkate!” Suuratu Al-Ankabuut 29:4
Namoonni hojii gadhee akka shirkii fi kan biroo hojjatan, hojii isaanitiif osoo
isaan hin qabinii fi hin adabiin waan Nu jalaa miliqan isaanitti fakkaataa?
“Wanti isaan murteessan waa fokkate!” murtiin isaanii murtii haqa irraa
jallate waan ta’eef murtii fokkatee fi badaa ta’eedha. Sababni isaas, murtiin kuni
Dandeetti Rabbii fi ogummaa Isaatti amanuu diduu, adabbii Isaa ofirraa
deebisuuf dandeetti akka qaban godhanii yaadu of keessaa qaba.25Warroonni
badii gurguddaa hojjatan, Rabbiin nu hin qabu, nu hin adabu, Aakhiraan itti
adabaman hin jirtu jechuun yaadu. Garuu kuni murtii fi yaada fokkataadha.
Kanaafu, namni jireenya tana keessatti karaa adda addaatin akka qoramu beekun,
yeroo rakkoo obsu fi shakkii qalbii isaatti dhufu ofirraa deebisuuf carraaqu qaba.
Ammas, yeroo toltu galata galchuu, wanta fokkuu hojjachuu irraa of qabuu fi
wanta itti ajajame hojjachuu qaba. Ta’uu baannan qormaata kan kufu ta’a.
Qormaata yoo kufe immoo mindaa guddaa dhabuun adabbiif of saaxila.
Wanta dhugummaa iimaana namaa ifa baasan aayah takka dabaluun kutaa kana
haa xumurru.
﴿ حاطبربهكأ ق لحنالكإنه لهتٱلرءحياٱوماجعلحنالهاس ٱوإذح ريحنكإله
أ
ل لنهاسو جرةٱفتحنةا ونةٱلشه حملحع رحءان ٱفل الحق ينا غح ط محإله ه يزيد محفما ه و ف ون ا ﴾٦٠كبيا
“Yeroo, “Dhugumatti Gooftaan kee namoota marseera.” siin jennes
[yaadadhu]. Argiinsa kee kan [halkan Israa’a] si agarsiifne, namoota ittiin
mokkoruuf malee waan biraatiif hin goone. Mukatti Qur’aana keessatti
abaarramtes [mokkorrif malee hin goone]. Nuti isaan sodaachifna; garuu
25 Tafsiir Qurxubii-16/338, Tafsiir Sa’diyy-735
| 31
inni daangaa darbiinsa guddaa malee waan biraa isaaniif hin dabalu.” Suuratu Al-Israa 17:60
“Dhugumatti Gooftaan kee namoota marseera.” Kana jechuun Gooftaan kee
beekumsaa fi dandeettin namoota marsee jira. Hundi isaanitu qabaa Isaa keessaa
fi injifannoo Isaa jala jiru.26 Rabbiin wanta namoonni hojjatan hunda kan beeku
fi gonkuma Isa jala bahuun gara biraatti dheessun hin danda’amu. Kanaafu,
namni kana yoo beeke wanta Rabbiin dallansu irraa of qusata.
“Argiinsa kee kan [halkan Israa’a] si agarsiifne, namoota ittiin mokkoruuf
malee waan biraatiif hin goone.” Halkan Israa’a halkan Ergamaan Rabbii
(SAW) Makkaan irraa gara Al-Quds geeffamaniidha. Halkan kana keessatti
Rabbiin wantoota ajaa’iba Nabiyyii Isaatti agarsiise. Nabiyyiin wanta arge kana
namootatti yommuu beeksisu, wanta kanaan namoonni ni qoraman.
Qureeshonni dandeetti Rabbii hin hubanne, Muhammad halkan tokkoon
akkamitti biyya tokko irraa gara biyya biraa geefama jechuun mormii fi kufrii
guddaa agarsiisan. Warroonni iimaanni isaanii dadhabaa ta’es amanti keessatti
shakkuun duubatti deebi’an. Haa ta’u malee osoo dandeetti Rabbiitti xinxallanii
kuni wanta nama shakkisiisu miti. Yeroo ammaa namni halkan tokkoon biyya
tokko irraa biyya biraatti xiyaaran balali’a hin jiruu?
“Mukatti Qur’aana keessatti abaarramtes [mokkorrif malee hin goone].”
Mukni tuni muka Zaqquum jedhamtuudha. Hundee Jahannama keessatti
biqiluun warroota achi keessa seenaniif nyaata taati. Arabni nyaata jibbamaa fi
nama miidhu tokkoon, “kuni nyaata abaarrame” jedhu. Zaqquum warroota
Jahannam seenaniif nyaata garmalee hadhaawa fi jibbamaa ta’eedha. Rabbiin
kanarraa nu haa tiiksu. Mukni tuni namootaf fitnaa (Qormaata) dha. Warroonni
amanan Rabbiin hundee ibiddaa keessatti muka biqilchuu akka danda’u waan
amananiif dhugoomsun (iimaanni) isaanii ni dabalamaaf. Kaafironni immoo,
“Akkamitti mukni ibidda keessatti biqila” jechuun kijibsiisan27 Wanta addunyaa
tana keessatti hin taane Aakhirattis ta’uu hin danda’u jechuun yaadu. Wanta
beekumsa irratti hin qabne kijibsiisan.
26 Tafsiir ibn Kasiir 5/91, Tafsiir Sa’diyy-536 27 Ibtilaa’a- 105-106, Abdurahmaan Habanka
| 32
Wanti guddaan asirraa barannu, odeefannoo Qur’aana keessatti dhufe itti
amanne fudhachuudha. “Akkamitti akkana ta’a? Kuni ta’uu hin danda’u”
jechuun namni haqa yoo kijibsiise of miidha. Guyyaa Qiyaamaa namoonni
haqa Rabbiin irraa dhufe kijibsisan bakka tokkotti walitti qabamuun komatamu
(waqqafamu). Qur’aana keessatti waa’ee isaanii ilaalchisee ni jedha:
بحت مبا﴿ كذهإذاجاء وقالأ حته نت مح اذاك مه
وابهاعلحماأ يط ت يتولمح
مل ون ﴾٨٤تعح“Yeroma isaan dhufanu, “Sila isin beekumsaan osoo ishii hin marsin
keeyyattoota Kiyya sobsiiftuu? Mee maaluma hojjachaa turtanii?”
jedhaan.” Suuratu An-Naml 27:84
Yeroma warroonni aayaata (keeyyattootaa fi mallatoolee) Rabbii kijibsiisaa
turan iddoo wal-gahii (dirree mahashar) dhufan, Rabbiin (Azza wa jalla) akkana
isaaniin jedha: “Sila isin beekumsaan osoo ishii hin marsin keeyyattoota
Kiyya sobsiiftu?” Kana jechuun aayaata (keeyyattoota) Kiyya guutumaan
guututti osoo hin beekinii fi sirrii ta’uu isaanii osoo itti hin xinxallin soba akka
ta’etti yaaduun irraa garagaltan. Beekumsa malee kijibsiiftan. Hanga haqni ifa
isiniif ta’uu dirqamni isin irra jiru dhaabbachu ykn eegu ture. Beekumsa malee
dubbachuun isin irra hin jiru ture. Dhimma guutumaan guututti beekumsa itti hin
qabne akkamitti soba jettuuni? “Mee maaluma hojjachaa turtanii?”
Addunyaa keessatti wanta itti isin ajajee fi wanta irraa isin dhoowwe keessatti
maal hojjachaa turtanii? Beekumsa isaaniiti fi hojii isaanii ilaalchisee ni gaafata.
Beekumsi isaanii haqa kijibsiisu, hojiin isaanii immoo Rabbiif ala ykn sunnah
Ergamaa Isaatin ala akka ta’e ni arga28
Kanaafu, namni Qur’aanatti osoo itti hin xinxallinii fi hiika isaa sirritti osoo hin
hubatin, kijibsiisuuf yoo ka’e dhumti isaa badaadha. Wanta isaaf hin galle yoo
jiraate beektota gaafachu. Hanga ifa isaaf ta’uu eegu ykn qorachuu qaba.
28 Zaadul Masiir- 1054, Tafsiir Sa’diyy-715
| 33
Guduunfaa
➹ Jireenya tana keessatti namoonni hunduu karaa adda addaatin ni qoramu.
"Ani iimaana qaba. Rabbiin waan na jaallatuuf na hin qoru." jedhee namni
yaadu yoo jiraate, yaanni isaa kuni dogongora akka ta'e haa beeku. Osoo hin
qoramiin bakka guddaa gahuun ni danda'amaa? Jannani iddoo guddaa qananiin
guuttamteedha. Garuu iddoo tana gahuuf addunyaa tana keessatti qormaata
barbaachisa.
➹ Namni qoramu wantoota isarraa eeggaman yoo hojjate iddoo guddaa kana
ni gaha.
➹ Wantoota gurguddaa namni ittiin qoramu keessaa tokko odeefannoo
gheeybi (ijaan hin mul'anne) itti beeksiisudha. Yeroo kanatti wanta namarraa
barbaadamu “iimaana (dhugaan amanuudha)”
➹ Qormaanni nama dhugaa ta'ee fi nama sobaa addaan fooya (baasa).
➹ Namni addunyaa tana keessatti yeroo hundaa qormaata keessa waan jiruuf
kan isa gargaaru fi qajeelchu barbaachisa. Guutumaan guututti nama gargaaru
fi qajeelchu kan danda'u Rabbii olta'aadha. Kanaafu, namni qormaata kana
darbuuf, yeroo hundaa gargaarsa fi qajeelchaaf Rabbii olta'aa kadhachuun
isarra jira. Ta'uu baannan dukkana jireenyaa keessatti bada.
| 34
Qur’aana irraa keeyyattoota (Aayaataa) waa’ee Qormaataa fi
wanta nama Qoramu irraa barbaadamu Agarsiisan-kutaa 4
Jireenyi tuni iddoo qormaata yommuu taatu, jireenyi Aakhirah immoo iddoo
jazaati. Jazaan kuni mindaa fi adabbii of keessaa qaba. Namni jireenya qormaata
tana keessatti wanta isarraa barbaadamu ulaagalee guutuun hojjate, Guyyaa
Murtii mindaa guddaa argata. Namni wanta isarraa barbaadamu hin hojjatin ykn
ulaagaalee hojiin fudhatama itti argatu hanqise mindaa guddaa dhaba.
Wantoota addunyaa qormaata tana keessatti namni ittiin qoramu keessaa inni
guddaan sheyxaana. Sheyxaanni wanta fokkuu nama keessatti miidhagsuu fi
wanta gaarii fokkisuun gara jallinnaatti nama waama. Rabbiin subhaanahu wa
ta’aalaa ni jedha:
﴿ م تننهك ليفح ءادم يحطن ٱيبن نلشه مم بويحك رجأ خح
أ نهةٱكما مالح عنحه ينزع
ءتهماإنهه ماسوح يه مالي ووقبيل ه ۥلاسه ه مح إنهاجعلحناۥيرىك مح نه لتروح حيحث منحمن ونيطيلشهٱ ينلي ؤح لاءلله وح
﴾٢٧أ
“Yaa ilmaan Aadam! Akka abbaa fi haadha keessan qaama saalaa isaanii
isaanitti mul’isuuf uffata isaanii isaan irraa mulquun Jannata keessaa isaan
baasetti sheyxaanni akka isin hin qorre (hin mokkorre). Dhugumatti inni fi
gosti isaa iddoo isin isaan hin argine irraa isin argu. Nuti, isaan hin
amanneef sheyxaanota jaalalle goonee jirra.” Suuratu Al-A’araaf 7:27
“Yaa ilmaan Aadam!... sheyxaanni akka isin hin qorre” Kana jechuun
sheyxaanni sossoba isaatiin isin hin gowwoomsin, isin hin jallisin. Qaama saalaa
keessan ifatti mul’isu isiniif miidhagsa29. Akkuma haadhaa fi abbaa keessan
sossoba isaatiin Jannata keessaa baasetti, isinis sossobuun, badii isiniif
miidhagsuun, itti isin waamuu fi itti kakaasun baditti isin hin darbin.
29 Zaadul Masiir-fuula 490, Ibn Al-Jawzi
| 35
“akka isin hin qorre” kana jechuun sheyxaanni sossobuu, gowwoomsu, hasaasa
(waswasaa) fi hawwisisuu isaatin hanga karaa Gooftaa keessanii irraa isin
jallisuun warroota ibidda keessatti adabaman keessaa isin godhu gahuutti isaaf
haala hin mijeessinaa. Sheyxaanni nama sossobuun, namatti hasaasun, badii
hawwisiisuu, itti kakaasu fi miidhagsuun baditti nama geessa. Namni sheyxaanaf
nafsee isaa keessatti bakka kennuun wanta inni itti hasaasu, dhugaa se’ee yoo
hordofe qilee badiitti isa dabarsa. Wanta fokkuu inni itti miidhagsuu fi
hawwisisu akka gaariitti ilaale yoo hordofe jallinnatti isa dabarsa. Kanaafi,
Rabbiin subhaanahu wa ta’aala sheyxaana irraa nama akeekachiisa.
Yaa ilmaan Aadam! Sheyxaanni isin sossobuu fi gowwoomsuun akka isin
harkisu, sadarka gadi aanaatti akka gadi isin buusu, qilee badii fi cubbuutti akka
isin dabarsu nafsee teessan keessatti bakka isaaf hin kenninaa. Akkuma abbaa fi
haadha keessan Jannata keessaa baasetti isinis karaa Jannataa irraa isin
deebisuun adabbii Gooftaa keessaniitti akka isin hin geessine30.
“Dhugumatti inni fi gosti isaa iddoo isin isaan hin argine irraa isin argu.”
Yaa ilmaan Aadam! Sheyxaanni fi gosti isaa isin waliin ta'uun bakka wayii irraa
isin argu. Garuu isin isaan arguu hin dandeessan. Sababni kanaa, Rabbii
dandeettiin Isaa guddate, argituu ilma namaa tana daangaa tan qabdu taasise.
Fakkeenyaf, ijji namaa qilleensa arguu hin dandeessu. Malaaykota ifa irraa
ta’anis arguu hin dandeessu. Akkasumas, qaama jinnis arguu hin dandeessu.
Ammas jarmoota, vaayrasoota, baakteriyaa fi kkf maaykiroskoppi malee arguu
hin dandeessu. Kuni sirna Rabbiin uumama ilma namaa, malaykoota fi Jinni
keessatti kaa’e irraayyi31. Kanaafu, namni sheyxaana ijaan waan hin agarreef hin
jiru yoo jedhe diina isaatiif bakka kennaa jira. Fakkeenyaf, yaa’insa elektrikii
(current) ijaan arguu dandeenyaa? Hin dandeenyu. Elektrikiin maddaan yoo wal
qabsiifame fi namni yoo isa tuqe, isa qaba. Asitti yaa’insa elektrikii ijaan hin
agarru. Garuu mallattoo isaatirraa beekna. Nama qabuun ykn ifa kennuun
yaa’insi elektrikii akka jiru nutti akeeka. Haaluma kanaan sheyxaanni nama
keessa naanna’uun baditti nama kakaasun sheyxaanni akka jiru nutti akeeka.
30 Ma’aarij Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabbur- Abdurahmaan Hasan Habankaa 4/159-160 31 Madda olii
| 36
Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:“Akkuma dhiigni naanna’u
sheyxaannis qaama ilma Aadam keessa naanna’a” (Sahih Al-Bukhaari 7171)
“Nuti, isaan hin amanneef sheyxaanota jaalalle goonee jirra.” Rabbiin maq-
dhaala guddinna Isaa agarsiisutti fayyadamuun warroota Isatti, Guyyaa
Qiyaamaatt, Ergamtoota Isaa fi hundee amanti hafanitti hin amanneef
sheyxaanota jaalalle akka godhe beeksisa. Namoonni kunniin osoo amananii
silaa sheyxaana irraa of eegu turan. Garuu kafaruun eeggumsa keessaa bahan.
Sheyxaanni baditti isaan kakaasa, itti hasaasa. Akka gabrichi gooftaaf ajajamu fi
masakamu, isaaniis sheyxaanaf ni ajajamu, ni masakamu. Ergasii dukkanaa fi
jallinnatti isaan dabarsa.
Namni sheyxaanan ni qorama. Garuu Rabbiin subhaanahu karaa sheyxaana irraa
ittiin of eegan ibse jira. Karaan sheyxaana irraa ittiin of eegan guddaan Rabbiitti,
Malaykotatti, Kitaabban Isaatti, Ergamtoota Isaatti, Guyyaa Aakhiraatti fi
Qadaratti amanuudha. Ergasii yommuu sheyxaanni wanta badaa namatti hasaasu
gara Rabbii dheessudha. Qormaata sheyxaanaa jala bahuuf kunniin lamaan
wanta namarraa barbaadamaniidha. Iimaanaa fi Rabbiin irraa eeggumsa
barbaadu. Mee kanniin Qur’aana irraa haa ilaallu.
ۥليحسل ۥإنهه ﴿ عل لحطن ينٱس يتوكه ونله رب همح ﴾٩٩ءامن واوعل
“Dhugumatti, inni (sheyxaanni) warroota amananii fi Gooftaa isaanii irratti
hirkatan irratti aangoo hin qabu.” Suuratu An-Nahl 16:99
Kana jechuun sheyxaanni warroota dhugaan amananii fi Rabbiin irratti hirkatan,
badii hin araaramamne kan akka kufrii fi shirkii akka hojjatan isaan gochuu hin
danda’u. Hiikni biraa aayah tanaa: sheyxaanni badii itti isaan waamu irratti ragaa
hin qabu32. (Sheyxaanni badii gurguddaa akka shirkiitti yommuu nama waamu
ragaa wayitu hin qabu. Namoonni nama du’e ykn taabota akka gabbaran itti
waama. Sammuunis ta’e odeefannoo samii irraa dhufeen ragaan wantoota
kanniin gabbaruun sirrii akka ta’e agarsiisu gonkumaa hin jiru. Akkasumas,
32 Tafsiira Qurxubii-12/426
| 37
yommuu Rabbii fi Guyyaa Qiyaamatti akka hin amanne nama waamu, ragaa
wayitu hin qabu. Namoonni amanan sheyxaanaaf hin awwaatan.)
Yommuu sheyxaanni wanta badaa akka raawwatan namatti hasaasu, Rabbii
olta’aa irraa eeggumsa barbaadudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
اينزغنهكمن﴿ يحطنٱوإمه غفلشه تعذحٱنزح سح ٱب عليم ۥإنهه لله ﴾٢٠٠سميع
“Yoo garagalchaan (hasaasni badaan) sheyxaana irraa sitti dhufe, Rabbitti
maganfadhu. Dhugumatti Inni Dhagahaa, Argaadha.” Suuratu Al-A’araaf
7:200
Kana jechuun yommuu sheyxaanni wanta badaa sitti wasawasuu (hasaasu), hojii
gaarii irraa duubatti si harkisuu ykn hojii badaatti si kakaasu, gara Rabbii
dheessuun akka si eegu kadhadhu. Inni wanta jettu dhagahaadha. Niyyaa fi
dadhabinna kee, hangam gara Isaatti akka dheessutu ni beeka. Yoo dhugaan gara
Rabbii dheessun sheyxaana irraa akka si eegu kadhatte, Inni qormaataa fi
waswasaa isaatirraa si eega33.
Sheyxaana irraa tiikfamuuf akkaata Rabbiin irraa eeggumsa itti barbaadan
Qur’aanaa fi hadiisa keessatti dhufe jira. Qur’aana keessatti suuratu An-naas
(114) qara’uu. Yookiin (Rabbi a’uuzu bika min hamazaati shayaaxiin wa
a’uuzu bika rabbi a’yahduruun) “ jechuu. Hiikni kanaa:
Gooftaa kiyya, ani hasaasa sheyxaanotaa irraa Sittiin maganfadha.Gooftaa
kiyya isaan natti dhufuu irraa sitti maganfadha. ” (ilaali Suuratu
Mu’iminuun:97-98)
Sitti maganfadha=Siin tiikfama
Yookiin a’uuzu billaahi mina sheyxaani rajiim (sheyxaana abaarrame irraa
Rabbiin tiikfama) jechuu.
Namoonni hin amanne fi eeggumsa Rabbiin irraa hin barbaanne, qormaata
sheyxaana keessatti kufu. Ergasii jallinna, dukkanaa fi adabbii guddaa keessatti
33 Tafsiir sa’diyyi-356
| 38
taru. Kanaafi, sababni guddaan namni itti jallatuuf sheyxaana hordofuudha.
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
﴿ عليحهم حقه هدىوفريقا لٱفريقا للة ضه م ٱإنهه وا ذ يطيٱته لاءلشه وحأ
ٱمند ون ونلله تد هح مم نهه سب ونأ ﴾٣٠ويحح
“[Rabbiin] garee tokko ni qajeelche, gareen biraa immoo jallinni isaan
irratti mirkanaa’e. Dhugumatti, isaan Rabbii gaditti sheyxaanota jaalallee
taasifatan. Isaan akka qajeelfamanitti yaadu.” Suuratu Al-A’araaf 7:30
“[Rabbiin] garee tokko ni qajeelche” kana jechuun yommuu isaan jireenya
addunyaa keessatti karaa qajeelinnaa filatan, Gooftaa fi Tokkichummaan
gabbaramu kan qabu Rabbiin qofa akka ta’e yommuu amananii fi Islaama isaanii
labsan, Rabbiin qajeelinna isaaniif murteesse34. Qajeelinna akka argatan isaan
taasise, sababoota qajeelinnatti nama geessu ni laaffiseef. Wantoota qajeelinna
irraa nama dhoowwan isaan irraa deebise35
“gareen biraa immoo jallinni isaan irratti mirkanaa’e.” kana jechuun
jireenya addunyaa keessatti karaa jallinnaa ofiif waan filatanii fi iimaanaa fi
Islaama Rabbiin isaan irraa barbaadu waan hin guunneef jallinni isaan irratti
mirkanaa’e. Sababni kana hundatti isaan geesse sheyxaana jaalalle ykn hiriyyaa
dhiyoo godhachuudha. “Dhugumatti, isaan Rabbii gaditti sheyxaanota
jaalallee taasifatan.” Yommuu isaan Isaaf ajajamuun Rabbitti dhiyaachu
dhiisan, sheyxaanaaf ajajamuu fi hordofuun jaalallee fi hiriyyaa dhiyoo isa
godhatan. Sheyxaanni fedhii lubbuu hordofuu, faaya addunyaa tanaa fi wantoota
dhoowwaman isaaniif bareechise. Yaada fi hojii fokkuun isaan gowwoomse.
Hanga qilee jallinnaatti taranii adeemsa isaanii keessatti faana sheyxaanaa duuka
bu’an. Jallinna isaanii kana walinu “Nuti warra qajeelfaman” jechuun yaadu.
34 Ma’aarij Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabbur- Abdurahmaan Hasan Habankaa 4/177 35 Tafsiir Sa’diyy- 322
| 39
Sababni isaas, dhugaan dhimmootaa fuggisoo isaanitti ta’e. Baaxila (soba)
dhugaa akka ta’etti yaadan. Dhugaa immoo soba akka ta’etti yaadan36
Sheyxaana jaalalle fi hiriyyaa godhachuun jallinna guddaa akka jallatan nama
taasisa. Rabbiin subhaanahu wa ta’aala ni jedha:
نهه ﴿تبعليحهأ نهه ۥك
ه فأ عذابۥي ضله ۥمنتوله ديهإل عيٱويهح ﴾٤لسه
“Isa (sheyxaana) irratti ‘Inni nama jaalalle isa godhate kamillee ni jallisa,
gara ibidda boba’aatti isa qajeelcha’ jechuun barreefame jira.” Suuratu Al-
Hajj 22:4
Kana jechuun namni sheyxaana hordofe, sheyxaanni haqa irraa akka isa jallisuu
fi Aakhiratti gara ibidda bobaa’atti akka isa geessu murteefame jira.
Sheyxaanni ijaan hin mul'atu. Garuu akkamitti namoonni baay'een isa hordofuun
jiruu dararaa fi gaddaa jiraatu, ergasii ibidda Jahannamiif of saaxiluu? Deebii
kana Qur'aana irraa arganna. Namoonni karaa lamaan sheyxaana hordofu.
1ffaa- wanta sheyxaanni qoma (laphee) isaanii keessatti hasaasu (waswaasu)
dhugaa se'anii fudhatu. Nama keessatti yaada sobaa namatti miidhagsa, ni
hawwisiisa. Ergasii namoonni yaada sobaa inni namatti hasaasu kana duuka
bu'u. Hojii irra oolchuf ni tattaafatu. San booda adabbii badaatti kufu. Haala
kanaan sheyxaana hordofu. Qur'aana keessatti,
﴿ م ه ومايعد ه وي من يهمح مح ه يحطن ٱيعد ورالشه ر غ ﴾١٢٠إله"[Sheyxaanni] isaaniif waadaa seena, isaan hawwisiisa. Garuu sheyxaanni
gowwomsaa malee isaaniif waadaa hin seenu.” (suuratu An-Nisaa 4:120)
2ffaa- Hojii fokkuu namatti miidhagsuu fi hojii gaarii namatti fokkisuu-
namoonni yommuu hojii fokkuu hojjatan, sheyxaanni hojii fokkuu kana qoma
keessatti namatti miidhagsa. Hojii fokkuu kana keessa faaydan guddaan akka
36 Maddoota olii
| 40
jiru godhee namatti mul'isa. Fakkeenyaf, sheyxaanni filmiin, TV'n, internetiini
fi kan kana fakkaataniin wantoota fokkuu namatti miidhagsa. Ergasii namni
dhuma hojii fokkuu kanaa sirritti itti hin yaanne, hojii kana hojjachuutti fiiga.
San booda dararaa fi gaddatti kufa. Haala kanaan sheyxaana hordofa.
Garaagarummaan sheyxaana hordofuu 1ffaa fi 2ffaa jidduu jiru: kan tokkoffaa
keessatti sheyxaanni yaada fi amanti kijibaa, hawwii fi waadaa sobaa namatti
hasaasa (wasawasa). Kan lamaffaa keessatti immoo hojii fokkuu namoonni biroo
hojjatan nama dharraasisa, akkuma isaanii akka hojjatan itti nama kakaasa.
Yookiin hojii fokkuu ofumaa hojjatan namatti miidhagsun hojii san irra akka
turan nama taasisa. Kanaafu, sheyxaana irraa of eeguf yeroo hundaa gara Rabbii
dheessun eeggumsaa fi gargaarsa Isarraa kadhachuun garmalee barbaachisadha.
Guduunfaa ✂Sheyxaanni namootaaf qormaata cimaadha. Karaan qormaata isaa kana jalaa
ittiin bahan, dhugaan amanuu, Rabbiin irratti hirkachuu, hojii Isaaf
qulqulleessu (iklaasa qabaachu) fi eeggumsa Rabbiin irraa barbaadudha.
✂Namni wantoota isarraa barbaadamu kanniin hin hojjanne, sheyxaanni isa
jallisa.
✂Sheyxaanni nama jallisuu jechuun dhugaa soba fakkeessu, soba immoo
dhugaa fakkeessuun haqa irraa akka fagaatanii fi soba hordofan taasisudha.
Akkasumas, wantoota fokkuu fi dhoowwamanitti akka lixan nama taasisudha.
Ergasii dhumarratti adabbii (azaaba) guddaatti geessa.
✂ Sheyxaana hordofuu jechuun wanta badaa inni namatti hasaasu hojii irra
oolchuf tattaafachu, dhugaa jibbuun soba hordofuu fi hawwii sobaa duuka
bu'uudha.
✂ Namni sheyxaanan gowwoomuun yoo baditti kufe, wanti isarraa eeggamu
tawbaa fi istighfaara. Kana jechuun badii irraa buqqa'uun gara Rabbii deebi'uu
fi araarama Isa kadhachuudha. Fakkeenyaaf nabii Aadam (aleyh salaam)
yommuu sheyxaanni isa dogongorsu, yoosu tawbachuun Rabbiin araarama
kadhate. Rabbiinis tawbaa isaa irraa qeebalun dogongora isaa ni araarameef.
| 41
Jireenyi Maaliif Uumamtee?-Guduunfaa
Dhugumatti jireenyi maaliif akka uumamte beekuu fi wanta namarraa
barbaadamu hojjachuun ba’aa hangana hin jedhamne namarraa buusa. Kutaalee
darban keessatti maaliif jireenyi akka uumamte ilaalle jirra. Wantoota hanga
ammaa ilaalaa turre ni guduunfina.
Jireenyi tuni iddoo qormaataa namoonni itti qoramaniidha. Jireenya tana akka
daree qormaatatti ilaalu dandeenya. Namoota immoo akka baratootatti.
Wantoota namoonni addunyaa tana keessatti ittiin qoraman immoo akka
gaafilee qormaataa barattoonni ittiin qoramaniitti ilaalu dandeenya. Akkuma
barattoonni daree seenun gaafilee adda addaatin qoraman, ilmaan namaas
jireenya addunyaa tana keessatti dhufuun qormaata adda addaatiin ni qoramu.
Wantoonni namoonni ittiin qoraman baay’eedha. Wantoota kanniin qormaata
keessaa fi qormaata alaa jechuun bakka lamatti qoodu dandeenya. Lamaan
isaanitu kan wal qabataniidha. Qormaanni keessaa qormaata qalbii fi sammuu
namaatin wal qabataniidha. Kanneen akka: Sheyxaana, miirota akka sodaa,
beelaa, dhibee, jibbaa, jaalalaa fi kkf dha. Qormaanni alaa immoo qormaata ala
irraa gara namaa dhufuudha. Isaan keessaa gurguddoon: Qabeenyi baay’achuu,
hiyyummaa, namni jaallatan du’uu, oomishni midhaanii hir’achuu, waraana,
diina, dubartiin dhiiraaf qormaata ta’uu, dhiirris dubartiif qormaata ta’uu,
kaafirri mu’minaaf qormaata ta’uu, haaluma kanaan namoonni biros waliif
qormaata ta’uu fi kkf.
Barataan daree qormaata keessa erga seenee, wanti isarraa barbaadamu ni jira.
Innis, hanga danda’ee gaafilee qormaata hojjachuu fi naamusa badaa agarsiisu
irraa of qusachuudha. Haaluma kanaan, ilmaan namaa jireenya tana keessatti
iddoo qormaata erga kaa’amanii, wantoonni isaan irraa barbaadaman ni
jiru. Wantoonni kunniinis: obsa, shukrii (Rabbiif galata galchuu), Isaaf
ajajamuu, wanta Inni dhoowwe irraa of qusachuu fi kan kana fakkaataniidha.
Jireenya tana kan uume Rabbii olta’aadha. Ilmaan namas uumuun jireenya tana
keessa kan godhe Isa. Kanaafu, kaayyoo jireenya tana uumeef sirritti beeka.
Qur'aana keessatti:
| 42
“[Rabbii] Mootummaan waan hundaa harka Isaa jiru tolli Isaa baay’ate.
Inni waan hundaa irratti Danda’aadha. [Rabbiin] eenyu keessantu irra
gaarii akka hojjatu isin qoruuf Kan du’aa fi jireenya uumedha. Inni
Injifataa, Araaramaadha.” Suuratu Al-Mulk 67:1-2
“[Rabbiin] eenyu keessantu irra gaarii akka hojjatu isin qoruuf Kan du’aa
fi jireenya uumedha.” Kana jechuun Rabbiin isin qoruu fi qormaata kanaan
eenyutu hojii irra gaarii akka hojjatu ifa baasuf ergasii hojii isaa irratti hundaa’e
nama hundaafu mindaa kennuuf ykn adabuuf du’aa fi jireenya uume37. Ibn al-
Jawzin (Rabbiin rahmata Isaaf haa godhu) akkana jechuun keeyyata (aayah)
tana ibsa: Jireenya tana keessatti isin qoruuf jireenya uume, du’a immoo isin
kaasu fi jazaa isiniif kafaluuf uume38.
Qormaata booda qorannoo fi jazaan ni barbaachisa. Rabbiin subhaanahu wa
ta’aalaa namoota kan qoruuf faayda isaan irraa argachuuf osoo hin ta’in
gammachuu fi milkaa’inna guddaa fi zalaalami akka gahaniifi. Mee addunyama
tana keessatti haa ilaallu. Namni osoo rakkoolee fi qormaata adda addaa hin
argin iddoo guddaa gahuu danda’aa? Hin danda’u. Jannani qananiin guuttamte
suni hoo, akkanumatti rakkoo fi qormaata tokko malee seenun ni danda’amaa?
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
ل وا﴿ خ نتدحأ حسبحت مح مح
نهةٱأ لملح ايعح ٱولمه ينٱلله له مح وامنك جهد
لم بينٱويعح ﴾١٤٢لصه
“Sila osoo Rabbiin isin irraa warra qabsaa’anii fi warra obsan hin mul’ifne
Jannata seenu yaadduu?” Suuratu Aali-Imraan 3:142
Kanaafu, iddoo ol’aana gahuuf qormaanni rakkoolee fi wantoota nafseen
jibbituun guuttame ni barbaachisa. Namni qormaata kanniin yoo darbe iddoo
guddaa isaaf waadaa galame gaha. Qormaata kanniin darbu jechuun wanta
37 Ma’aarij Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabbur– Abdurahmaan Hasan Habankaa 14/615 38 Zaadul Masiir 1456, Ibn Al-Jawzi
| 43
Rabbiin namarraa barbaadu hojjachuudha. Akkuma duratti jenne namoota
Jannata qananiin guuttamte san seensiisuuf wantoonni Rabbiin Guddaan
namarraa barbaadu: wantoota Inni ajaje hojjachuu, wantoota Inni irraa
dhoowwe dhiisu, obsaa fi shukriidha. Wanti Rabbiin subhaanahu wa ta’aala itti
ajajee keessaa inni guddaan, Isatti amanuu fi arkaana iimaana hafanitti amanuu,
ikhlaasa, salaata, Isa kadhachuu (du’aayi), Isaaf of gadi qabuu fi hojii gaggaarii
biroodha. Wantoonni gurguddaan Inni dhoowwe keessaa, kufrii, shirkii fi
badiiwwan birooti.
Namni jireenya tana keessatti wantoota kanniin yoo beeke hin dhama’u. 1ffaa-
jireenyi tuni maaliif akka uumamte beeku. (Namoota qoruuf). 2ffaa- Namoota
iddoo qormaataa jiran irraa wantoota barbaadaman beeku. (Wantoota Rabbiin
itti ajaje hojjachuu, wantoota Inni irraa dhoowwe dhiisu, obsaa fi shukriidha.)
3ffaa- Qormaata booda jazaan akka jiru beeku. Jazaan mindaa fi adabbii of
keessaa qaba. (Namni iddoo qormaata kana keessatti wanta isarraa barbaadamu
ulaagaalee guutuun yoo hojjate, mindaan isaa Jannata ta’a. Namni wanta isarraa
eeggamu hin hojjanne immoo adabbii isaaf malu adabama.) Kuni kan
adeemsifamu Guyyaa Qiyaamaati. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
﴿ سذائقة نفح حموحت ٱك ل يوحم مح ورك ج نأ مات وفهوح زحلحقيمة ٱوإنه فمنز حح
دحخللهارٱعن نهةٱوأ فازومالح يوة ٱفقدح ٱلح يا نح لد متع ورٱإله ر غ
﴾١٨٥لح
“Lubbuun hundi du’a ni dhandhamti. Mindaawwan keessanis
guutumaatti kan argattan Guyyaa Qiyaamati. Namni ibidda irraa
fageeffamee Jannata seensifame, dhugumatti milkaa’eera. Jireenyi
addunyaas meeshaa gowwoomsaa qofa.” (Suuratu Aali-Imraan 3:185)
Namni jireenya tana keessa zalaalami turuun qormaata addaan hin cinne hin
qoramu. Akkuma qormaanni daree yeroo itti dhumatu qabu, qormaanni
namoonni qoramanis yeroo itti dhumatu qaba. Yeroon kunis yeroo duuti
dhuftuudha. “Lubbuun hundi du’a ni dhandhamti.” Kuni kan agarsiisu
Rabbii gaditti wanti lubbuu qabu hundi ni dhuma. Yeroo hunda Jiraataan hin
duune Rabbii Tokkicha. Namoonni erga du’anii booda achumaan kan badanii
| 44
miti. Kana irra, Guyyaan firiin qormaata isaanii itti mul’atu ni dhufa. Ta’uu
baannan, qormaata firii fi dhumti isaa hin beekkamne qoruun maal faayda qaba
ree? Rabbiin wanta taphaa hojjachuu irraa qulqulluu fi olta’aadha. Kanaafu,
wanta addunyaa keessatti hojjataa turtaniif, “Mindaawwan keessan
guutumaatti kan argattan Guyyaa Qiyaamati.”
Namni addunyaa qormaataa tana keessatti wanta isarraa barbaadamu hojjatu,
Guyyaa Qiyaamaa warra milkaa’an irraa ta’a. “Namni ibidda irraa
fageeffamee Jannata seensifame, dhugumatti milkaa’eera.” Kana jechuun
namni ibidda Jahannam irraa baraaramu fi fageefamuun Jannata seene,
dhugumatti inni wanta jibbamaa irraa fagaachuun wanta jaallatu argate. Nama
badii irraa baraaramee fi nama wanta jaallatu argate, “Qad faaza (milkaa’e jira)”
jedhama. Guyyaa Qiyaamaa wanti garmaleen jibbamaan ibidda Jahannami.
Wanti garmaleen jaallatamaan Jannata. Namni Jahannam irraa baraaramuun
Jannata seensifame dhugumatti milkii garmalee guddaa ta’e milkaa’e jira.
Namni tarii addunyaa tana keessatti milkaa’u danda’a. Garuu milkaa’inni
addunyaa tanaa kan baduu fi yeroo gabaabaf kan turuudha. Kanaafi namoonni
addunyaa tanaan akka hin gowwoomne itti aanse akkana jedha, “Jireenyi
addunyaas meeshaa gowwoomsaa qofa.” Namni yommuu addunyaa tana
keessa jiraatu hawwiin umrii dheeraaf turu isa gowwoomsa. Umriin kiyya
dheeraadha jechuun addunyaa tana keessatti waa baay’ee hojjachuuf hawwa.
Garuu duuti tasa itti dhufuun isa mura. Kanaafu namni addunyaa tanaan
gowwoomun Aakhira itti deemaa jiru dagachuu akka hin qabne akeekachiisa.
Sa’iid bin Jubeeyr ni jedha, “Nama Aakhirah barbaadachuu waliin hin
ko’oomneef addunyaan meeshaa gowwoomsati. Garuu nama Aakhirah
barbaadachu waliin ko’oomeef meeshaa wanta addunyaa tana caalu ittiin
gahuudha.”39 (Namni Aakhirah quba hin qabne, addunyaan isa gowwoomsiti.
Namni Aakhirah kaayyoo godhachuun carraaqu immoo kaayyoo isaa gahuuf
addunyatti fayyadama.)
Tolee, jireenyi addunyaa tanaa iddoo qormaataa erga taate namoonni maaliif
ittiin gowwoomu? Sababni guddaan Aakhiratti amanuu dhiisu fi kaayyoof
39 Madda olii-fuula 246
| 45
yaada isaanii guutuu addunyaa tana qofa keessatti gabaabsudha. Rabbiin
subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
ونظ﴿ لم نيعح ام ٱهرا يوة نحياٱلح عنلد مح غفل ونلأخرةٱوه مح ﴾٧ه
“Isaan jireenya addunyaa irraa gubbama (zaahira) beeku. Isaan Aakhiraa
irraa immoo daguu keessa jiru.” Suurat Ar-Ruum 30:7
Namoonni baay’een beekumsa waa’ee addunyaa malee beekumsa biraa hin
qaban. Dhimma addunyaa akkamitti akka sirreessan, akkamitti akka argatan ni
beeku. Ishii argachuu fi karaalee ittiin argatan irratti garmalee ciccimoodha.
Garuu wanta Aakhiratti isaan fayyadu irraa gaflaa keessa jiru40. Gaflaa (daguu)
jechuun xiyyeeffannoo itti kennuu dhiisu fi irraa garagaluudha.
Mallatoolee fi ragaaleen Guyyaan Qiyaamaa (Aakhiraan) jiraachu agarsiisan
addunyaa keessa guutanii osoo jiranu Aakhiraa irraa daguu (gaflaa) keessa ta’u.
Namoonni baay’een wanta nafseen isaanii barbaaddu waliin ko’oomuun
mallatoolee fi ragaalee kanniin irraa sammuu isaanii garagalchanii jiru.
Aakhiratti qananii guddaa argachuu fi adabbii (azaaba) irraa baraaramuuf hin
carraaqan41.
Namni addunyaa tana keessa zalaalami erga hin jiraanne, jireenya isaa guutuu
addunyaa tana qofaaf hojjachuun maaliif fixaa? Addunyaa tanaan gowwoomun
maaliif kasaaraa? Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha,
40 Tafsiir ibn Kasiir 6/84 41 Ma’aarij Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabbur 15/130
| 46
“Yaa namoota! Dhugumatti waadaan Rabbii dhugaadha. Kanaafu,
jireenyi addunyaa akka isin hin gowwomsine. Gowwomsan (sheyxaanni)
waa’ee Rabbii akka isin hin gowwomsine. Dhugumatti sheyxaanni isiniif
diina. Isinis diina isa godhadhaa. Garee isaas warra ibidda boba’aa
keessaa akka ta’aniif qofa isaan waama. Isaan kafaran, adabbii cimaatu
isaaniif jira. Isaan amananii fi hojii gaggaarii hojjatan immoo araaramaa
fi mindaa guddaatu isaaniif jira.” Suuratu Faaxir 35:5-7
Aayah tana keessatti, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa addunyaa fi sheyxaana
irraa nama akeekachiisa. Waadaa jechuun dhimma gara fuunduraatti hojjatamu
isaa irratti ijjannoon guuttame beeksisuudha. Yookiin namni waa’ee dhimma
kana beeksisu “gara fuunduraatti wanti kuni ni argama” jedhee
dubbachuudha. “Dhugumatti waadaan Rabbii dhugaadha.” Rabbiin
namoota erga du’anii akka kaasu waadaa galee jira. Rabbiin waan hundaa irratti
danda’aa fi wanta beeksisu keessatti dhugaa waan dubbatuuf waadaan Isaa
dhugaa fi kan hin diigamneedha. Namni waadaa kan diiguf takkaa gufuun isa
muudachuun waadaa san akka hin guunne isa taasisa, takkaa immoo namni suni
kijibaa ta’uu danda’a. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa waan hundaa irratti
danda’aadha. Wanti Isa dadhabsiisuu tokkollee hin jiru. Ammas Inni wanta
beeksisu hunda keessatti dhugaa kan dubbatuudha. Kanaafu, waadaan Rabbiin
namoota du’an kaasu dhibbaan dhibbatti dhugaadha. Shakkii wayitu hin qabu.
Namoonni kaafamanii wanta addunyaa irratti hojjataa turaniif kan qoratamanii
fi mindaa itti argatan ykn itti adabaman erga ta’ee, namni akkamitti Guyyaa
Murtii kanaaf hojjachuu dhiisaa? “jireenyi addunyaa akka isin hin
gowwomsine.” Sa’iid bin Jubeeyr ni jedha, “jireenyi addunyaa nama
| 47
gowwoomsu jechuun namni “osoo jireenya kiyyaaf hojii gaarii dabarfadhe
maal qabaa!42” hanga jedhu gahutti hojii Aakhirah [dhiisun] qananii fi mi’aa
ishiitiin ko’oomudha (biizi ta’uudha).” 43
Gowwoomsu jechuun baaxila (soba) dharraasisuu, wanta miidhaa fi badii qabu
keessa faaydan akka jiru itti fakkeessudha44
“Gowwomsan (sheyxaanni) waa’ee Rabbii akka isin hin gowwomsine.”
Shexyxaanni waa’ee Rabbii guddaa ilaalchisee karaa adda addaatin nama
gowwoomsa. Sheyxaanni karaa yaadatiin namatti dhufuun dhimma amanti
tokkoon tokkoon shakkisisuun nama gowwoomsa. Namni shakkisisuu kanaaf
deebii deebisee fi hordofe, sheyxaanni hanga namni kuni Rabbiitti kafaruu
gahutti isa oofa. Kuni gowwoomsa suuta suutaa namni kanaaf deebii deebisee
fi hordofe warra ibidda boba’aa seenan keessaa itti ta’uudha.
Ammas, sheyxaanni miira namaa kakaasun badii gurguddaa hanga hojjatan
gahanatti nama gowwoomsa. Badii irra deddeebi’anii hojjachuun sammuu
namaa keessatti dhimma miidhagfamuu fi fuudhatama kan qabu ta’a. Namni
hojii badaa kanniin yoo akka miidhagaatti ilaale, murtiwwan shari’aa Rabbiin
kaa’e shakkuu jalqaba. Ergasii shakkiin kuni itti fufuun hanga Rabbitti kafaruu
gaha. Haala kanaan sheyxaanni nama gowwoomsun warra ibiddaa keessaa
nama taasisa.
Ammas sheyxaanni araaramaa fi rahmata Rabbiitiin nama gowwoomsa. Namni
badii hojjachuuf yommuu yaadu, “Rahmanni Rabbii bal’aadha. Inni badii
hundaa ni araarama” jechuun badii hojjachuutti seena. Kuni hasaasa sheyxaanni
ittiin nama gowwoomsudha45. Kanaafu, sheyxaanni amanti Islaamaa keessatti
nama shakkisiisuun, baditti kakaasun nama gowwoomsa.
Sheyxaanni kana hunda kan hojjatuuf ilmaan namaa adabbii ibidda
Jahannamitti isaan geessufi. “Dhugumatti sheyxaanni isiniif diina. Isinis
42 Suuratu Al-Fajr 89:24 43 Tafsiir Qurxubii 17/346 44 Ma’aarij Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabbur 7/50 45 Madda olii
| 48
diina isa godhadhaa.” Hundemaa diinni nama miidhuu fi adabbii cimaatti
geessuf karaa kamittu kan fayyadamudha. Sheyxaanni diina ilma namaa waan
ta’eef adabbii cimaatti isaan geessuf karaa hundatti fayyadama.
“Garee isaas warra ibidda boba’aa keessaa akka ta’aniif qofa isaan
waama.” Kuni kaayyoo dhumaa sheyxaanaati. Namoota isa hordofan ibidda
boba’aa keessatti akka gubataniif kufrii fi badiitti isaan waama. Rabbiin
subhaanahu sheyxaanaaf ajajamuu fi ajajamuu dhiisu irratti hundaa’e namoota
gosa lamaa dubbate. Jazaa isaaniis ni dubbate. “Isaan kafaran,” kana jechuun
warroonni wanta Ergamtoonni fidanii fi kitaabban himan itti amanuu didan,
ibidda Jahannam keessatti “adabbii cimaatu isaaniif jira.” Isaan achi keessatti
yeroo hundaa kan turaniidha. “Isaan amananii fi hojii gaggaarii hojjatan”
kana jechuun warroonni qalbii isaanitiin Rabbitti, Malaaykota, Ergamtoota,
Kitaabban Isaatti, Guyyaa Qiyaamatti fi qadaratti amananii fi qaama isaanitiin
hojii isaan irraa barbaadamu hojjatan, “araaramaa fi mindaa guddaatu
isaaniif jira.” Yoo Rabbiin isaaniif araarame sharriin jibbamaan (adabbiin)
isaan irraa deema46. San booda mindaan guddaan hamma isaa Rabbiin malee
eenyullee hin beeknetu isaaniif kennama.
Kanaafu, namni sheyxaana fi addunyaan gowwoomun kasaaraa fi adabbii
guddaatti kufu hin qabu. Yommuu akkana jennu qabeenya argachuuf hin
hojjatin, Aakhirah qofa irratti xiyyeefadhu jechuu keenya miti. Kana irra,
“karaa Rabbiin hayyameen qabeenya argachuuf carraaqi. Ergasii Aakhiratti
mindaa guddaa kajeelun qabeenya kana karaa haqaa keessatti baasi. Ammas,
addunyaa tanaan ko’oomun Aakhirah hin dagatin.” jechuu keenya. Rabbiin
subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha,
ٱفيماءاتىكبحتغٱو﴿ ارٱلله هٱلده هٱولتنسنصيبكمنلأخرة يا نح لدسن حح
سنكماأ حح
ٱوأ ولتبحغلله رض ٱفلحفسادٱإلحكه
لح ٱإنه لله ب سدينٱلي فح حم ﴾٧٧ل
46 Tafsiiru Sa’diyy- fuula 804
| 49
“Waan Rabbiin siif kenne keessatti ganda Aakhirah ittiin barbaadadhu.
Addunyaa irraayis qooda kee hin dagatin. Akkuma Rabbiin tola sitti oole,
atis tola ooli. Dachii keessattis badii [facaasuu] hin fedhin. Dhugumatti
Rabbiin balleessitoota hin jaallatu.” Suuratu Al-Qasas 28:77
Qabeenya Rabbiin siif kenne sadaqachuun ganda Aakhirah (Jannata) kajeeli.
Qabeenya kana fedhii kee guuttachuu qofarratti hin fixin. “Addunyaa irraayis
qooda kee hin dagatin.” Kana jechuun qabeenya kee guutuu sadaqachuun
harka qullaa akka haftu si hin ajajnu. Garuu, Aakhirah keetiif sadaqadhu, haala
amanti kee hin dugulchinee fi Aakhirah kee hin miinen addunyaatti fayyadami.
Akkuma Rabbiin qabeenya siif kennuun tola sitti oole, atis gabroota Isaatiif tola
ooli. Of tuuluun, wanta Rabbiin dhoowwe hojjachuun “Dachii keessattis badii
[facaasuu] hin fedhin.” “Dhugumatti Rabbiin balleessitoota hin jaallatu.”
Adabbii cimaa fi guddaa isaan adaba47.
Cuunfaa
1. Iddoo Qormaataa
Addunyaa tana
2. Wantoota Namoonni Ittiin qoraman
Qabeenya
Ijoollee
Sheyxaana
Dubartoota
Dhiirota
Hiyyummaa
Sodaa
Beela
Namni jaallatan du’uu
47 Madda olii-fuula 731-732
| 50
Oomishni midhaani hir’achuu
Qabeenya dhabuu fi baduu
Sadarkaan wal caalu
Wanta gheeybi itti beeksisuu
Waraana
Beekumsa
Miidhaginna fi fokkinna
Rakkoo addaa addaa fi wanta lubbuun jaallatu
fi jibbitu biroo
3. Yeroo Qormaataa
Haala dhuunfaatiin yoo ilaallame, dhaloota irraa kaasee
hanga du’aatti
Haala walii-galaatiin yoo ilaallame, namni dachii tana
irratti erga dhufe irraa jalqabee hanga Guyyaa Qiyaamaatti
4. Wanta nama Qoramu irraa barbaadamu
Iimaana (Rabbii fi wantoota Inni beeksiseetti amanuu)
Obsa
Shukrii (Rabbiif galata galchuu)
Ikhlaasa
Tawbaa
Istighfaara
Gara Rabbii fiigun eeggumsa barbaadu fi Isa
kadhachuu
Rabbiin faarsu
(Gabaabumatti wanta Rabbiin itti ajajee hojjachu fi
wanta Inni dhoowwe dhiisudha).
| 51
5. Bu’aa Qormaataa
Namni yeroo qormaataa keessatti wantoota isarraa
barbaadamu yoo hojjate, mindaa guddaan (Jannataan)
badhaafama.
Namni wantoota isarraa barbaadamu hin hojjanne immoo
adabbiitu isaaf ta’a.
6. Guyyaa Bu’aan Qormaataa Itti Mul’atu
o Guyyaa Qiyaamaati- Guyyaa namoonni du’an hundi
kaafamanii dirree tokko irratti walitti qabamaniidha.
| 52
Namni Maaliif Uumamee?
Gaafin guddaan sammuu namaa keessa naanna’an keessaa tokko, “Ani maaliif
uumame?” kan jedhuudha. Namni gaafi kanaaf deebii gahaa deebise, jireenya
keessatti tasgabbi fi boqonnaan jiraata. Kaayyoo itti uumameef waan beekuf
wanta isarraa barbaadamu ni hojjata. Namni kaayyoo itti uumamee fi wanta
isarraa barbaadamu hin beekne immoo jireenya keessatti ni dhama’a. Eessarraa
ka’ee garam deemaa akka jiru hin hubatu. Kanaafu, namni dukkana’a jireenyaa
keessaa bahuuf kaayyoo itti uumameef qorachuu fi wanta isarraa barbaadamu
hojjachuuf tattaafachu qaba. Ta’uu baannan, yeroo hundaa jireenya
gammachuu hin qabnee fi nuffiin guuttamte jiraata.
Kutaalee darban keessatti jireenyi maaliif akka uumamte ifa Qur’aanaatiin
ilaalaa turreera. Jireenyi tuni iddoo qormaata akka taate hubanne jirra. Jireenyi
tuni iddoo qormaata erga taate namoonni immoo warroota ishii keessatti
qoramaniidha.
Namoonni jireenya tana keessatti qoramuuf ulaagaaleen qormaataa isaaniif
guuttame jira. Ulaagaaleen kunniinis, fedhii bilisaa fi dandeettidha. Rabbiin
subhaanahu wa ta’aalaa addunyaa tana keessatti ilmaan namaa qoruuf fedhii
waa ittiin filatan, sammuu ittiin yaadan, ija ittiin argan, gurra ittiin dhagahanii
fi dandeetti waan fedhan ittiin hojjatan isaaniif kennee jira. Namni fedhii ofiitiin
Rabbitti amanuu danda’a, dhiisus danda’a. Amanti irratti hin dirqisifamu. (Laa
ikraah fi-ddiini-Amanti keessatti dirqisisuun hin jiru) (Ilaali suuratu Al-Baqarah
2:256). Garuu dhuma irratti namni hundu jazaa waan hojjataa turee ni argata.
Yoo kafare, adabbii kufrii Guyyaa Murtii ni baadhata. Kana jechuun namni
kafare (Rabbitti amanuu didee fi Isa qofa gabbaruu didee) ibidda Jahannam
seena. Yoo amane immoo mindaa guddaa argata. Innis Jannata seenudha.
Kanaafu, namoonni addunyaa tana keessatti fedhii amanuu ykn kafaruu qabuu.
Dhumarratti immoo hojii isaanitiif qoratamuun mindaa ykn adabbii ni argatu.
Asirraa ka’uun, gaafi maaliif amantiin namootaa gargar ta’e jedhuufis deebii ni
arganna. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
| 53
﴿ شاء ٱولوح مالله ف مح بحل وك ل ولكن وحدةا ةا مه أ مح لعلك
ف ه مح ٱءاتىك وا تبق يحرت ٱسح ٱلإلح ملله افي نب ئ ك جيعا مح مرحجع ك ون فيهتحتلف نت مح ﴾٤٨بماك
“Rabbiin osoo fedhee silaa ummata tokko isin godhaa ture. Garuu wanta
isiniif kenne keessatti isin qoruuf, [gargar isin godhe]. Hojii gaarii keessatti
wal-dorgomaa. Hunda taatanii deebiin keessan gara Rabbiiti. Waan isin
keessatti wal dhabaa turtaniis isinitti hima.” Suuratu Al-Maa’ida 5:48
Kana jechuun Rabbiin osoo fedhe haqa irratti walitti isin qaba, hunda keessanu
amantii tokko qofa akka qabaattan isin godhaa ture. Garuu kitaabban isiniif
buusun amanti ibse, haqaa fi soba addaan baase. Kana booda kitaabban buuse
kanaan namoota qora. Kana jechuun nama kitaaba kanatti buluun Isaaf
ajajamuu fi nama kitaaba kanatti buluu diduun Isa faallessu adda baasa. Ergasii
hunda isaanitiif wanta hojjataa turaniif jazaa isaaniif kafala.
“Hojii gaarii keessatti wal-dorgomaa.” Kana jechuun gara hojii gaarii
hojjachuutti fiigaa. Kuni kan agarsiisuu hojii namarratti dirqama ta’an (waajiba)
yeroo jalqabaa isaatti hojjachuun irra gaarii akka ta’eedha. Fakkeenyaaf salaata
yeroon akkuma gaheen salaatun irra gaarii fi jaallatamaadha. Namni hojii gaarii
keessatti namoota dursuuf waa lama yoo hojjateedha. 1ffaa- hojii san yeroo isaa
keessatti hojjachu. Yeroon suni akkuma gaheen gara hojii sanii fiigu fi carraa
argame hundatti fayyadamuun hojii jaallatamoo ta’an hojjachuudha. 2ffaa-hojii
san haala namarraa barbaadamuun guutanii hojjachu48. Fakkeenyaf, namni
salaata yeroo isaa eege salaatu fi sharxiiwwanii fi arkaanaa isaa guute salaatu
namoota ni dursa.
“Hunda taatanii deebiin keessan gara Rabbiiti. Waan isin keessatti wal
dhabaa turtaniis isinitti hima.” Kana jechuun Aakhiratti hundi keessanu gara
48 Tafsiiru Sa’diyy-fuula 258
| 54
Rabbii deebitu. Addunyaa tana keessatti wanta keessatti wal dhabaa turtan
Guyyaa Qiyaamaa isinitti beeksisa. San booda shakkiin ni deema. Hayyuun
beekkaman Ibn Jariir ni jedha, “Rabbiin addunyaa keessatti wanta namoonni
keessatti wal dhaban ragaaleen ibsee jira. Boru (Guyyaa Qiyaamaa) immoo
jazaa kafaluun ifa godha.49” (Rabbiin subhaanahu amantii dhugaa kitaaba
buusun ifa godhe jira. Namoonni fedhii qullaa hordofuu fi kitaaba Inni buuse
irraa jallachuun amanti keessatti wal dhaban. Rabbiin guyyaa Qiyaama nama
kitaaba Isaatii fi amanti dhugaa hordofe, mindaa Guddaa kennaaf. Nama
kitaaba Isaati fi amanti dhugaa irraa garagalee immoo adabbii cimaa adaba.
Haala kanaan, shakkiin ni deema, dhugaa fi sobni adda baha.)
Kanaafu, namoonni amantiin gargar kan ta’aniif kitaaba Rabbiin buuse
keessatti waan wal dhabanii fi qajeelcha Isaa irraa waan jallataniifi. Gariin
isaanii kitaabatti amanuun ni hordofan, gariin isaanii immoo kitaabatti kafaruun
daandii haqaa irraa bahan. (Ilaali suuratu Al-Baqarah 2:213 fi 253)
Namoonni yaadan, amantiin, qabeenyaan, dandeettiin, beekumsaa fi kan kana
fakkaataniin gargar ta’uun qormaata. Akkuma yeroo darbe jenne namoonni
addunyaa tana keessatti karaa adda addaatin ni qoramu. Namoota qoraman irraa
wantoonni barbaadaman: obsa, shukrii, Rabbiif ajajamu, wanta Inni dhoowwe
irraa fagaachu fi kkf. Garuu wantoonni kunniin jecha wali galaa tokko jalatti
walitti qabamu danda’u. Jechi suni maal akka ta’e beektuu? Jechi suni jecha,
“Ibaada” jettuudha. Ibaadan yaad-rimee bal’aa kan qabuudha. Kanaafi, Rabbiin
subhaanahu wa ta’aalaa Qur’aana keessatti bakka adda addaatti namoota akka
qoruu fi wanta isaan irraa barbaadamu ni dubbata. Ergasii jecha tokkoon wanta
isaan irraa barbaadamu suuratu az-Zaariyaat keessatti walitti qaba. Ni jedha:
“Jinnii fi ilma namaa akka Ana qofa gabbaraniif malee hin uumne.” Suurat
Az-Zaariyaat 51:56
49 Zaadul Masiir 389, Ibn Al-Jawzi
| 55
Aayah tanaaf mufassiroonni (hayyoonni Qur'aana ibsan) ibsa adda addaa
kennanii jiru. Isaan keessaa mee muraasa haa eerru. Aliyy bin Abi Xaalib
(radiyallahu anhu) ni jedha, “Jinnii fi ilma namaa akka Ana qofa gabbaraniif
malee hin uumne.” Jechuun Jinnii fi ilma namaa hin uumne ibaadatti ajajuuf
malee. Jechi Rabbii olta’aan kana ni agarsiisa, “Isaan (namoonni) Gooftaa
Tokkicha gabbaruutti malee hin ajajamne” (suuratu At-Tawbaa 9:31,
akkasumas suuratu al-bayyinnah 98:5 ilaali). Abdullah bin Abbaas
(Radiyallahu anhu) ni jedha, “Jaallatanis jibbanis ibaada akka mirkaneessaniif
malee hin uumne.” Ammas akkana jedhamee jira, “Akka Anaaf gadi jedhaniif
malee hin uumne.” 50
Dubbin akkana erga ta'e mee hiika ibaada haa ilaallu. Al-Azhariyyi ni jedha:
akka lugaatti ibaada jechuun of gadi qabuun ajajamuudha. Karaan yeroo
baay’ee irra deddeemun yoo qaacca’e “Xariiqu mu’abbadu” jedhama.
Ammas hayyuun lugaa Arabiffaa Al-Jawhariyy ni jedha, “Hundeen ibaadaa al-
Khuduu’u (gadi of qabuu) fi az-zillatu (xiqqeenya)dha.”
Akka shari’aatti ibaadan hundee gadi of qabuu fi of gadi xiqqeessu irraa kan
fudhatamee fi yaada bal’aa kan of keessatti qabuudha. Hayyoonni Ibaadaf hiika
garagaraa kennanii jiru. Garaagarummaan hiikaa kuni gara wanta lamaatti
deebi’a:
1ffaa jechi ibaada jedhu akka masdaraatti yoo itti fayyadaman “at-ta’abbud
(gabbaruu)” ta’a. At-ta’abbud (gabbaruun) hojii gabrichaati. (Masdara
jechuun jecha xumura irraa ijaarramun yeroo itti hojjatamu hin agarsiisnedha.
Fkn, deeme, adeemsa. “Deeme” xumura ta’a. “Adeemsi” immoo masdara ta’a.
Xumurri“deeme” jedhu gochi yeroo darbe akka raawwatame agarsiisa. Garuu
jechi “adeemsa” jedhu gochi yeroo kamiin akka raawwatame hin agarsiisu.)
2ffaa jechi ibaadah jedhu akka maqaatti yoo itti fayyadaman, “al-
Muta’abbad bihi (wanta ittiin gabbaran)” ta’a.
Kanaafu, ibaada jecha “at-ta’abbud (gabbaruu)” jedhutti yoo fayyadamne,
hiikni isaa, “Akkaata shari’aan Rabbii itti dhufeen hojiiwwan Inni itti ajajee
hojjachuu fi hojiwwan Inni dhoowwe dhiisun Jaalalaa fi ol guddisuun Rabbiif
50 Tafsiiru Qurxubii 19/507, Zaadul Masiir 1352
| 56
of gadi xiqqeessudha.” Jechi Sheykhul Islaam Ibn Taymiyah, “Ibaadan jaalala
guutuu fi gadi of xiqqeessu guutuu of keessatti qabata.” Jedhu, hiika ta’abbud
jedhu jalatti ramadama. Haaluma wal fakkaatun jecha Imaamu Ibn Al-
Qayyimis as jalatti ramaduun ni danda’ama. Imaamu ibn Al-Qayyim ni jedha,
“At-Ta’abbud (gabbaruu) jechuun jaalala daangaa ol’aanaa irra gahee fi
of gadi xiqqeessu daangaa ol’aana irra gaheedha. (Ibaadan bu’uura lama irra
kan naanna’uudha. Isaan lamaan kunniin hundee ibaadati: Jaalala guutuu fi of
gadi xiqqeessu guutuu)". Ammas ibn Kasiir ni jedha, “Ibaadan jecha jaalala, of
gadi qabuu fi sodaa guutuu of keessaa qabuudha.)
Gabaabumatti ibaadan hiika “at-ta’abbud (gabbaruutiin)” yoo ta’e, hiikni isaa
"ajajamuu (xaa'a) gadi of qabuu fi jaalala daangaa ol’aanaa irra gahe of keessaa
kan qabuudha". Maal keessatti ajajamuun (xaa’an) kuni ta’aa? Kuni gara hiika
lamaffaa akka deemnu nu taasisa51.
Ibaadan akka maqaatti itti fayyadamuun “al-Muta’abbad bihi (wanta ittiin
gabbaran)” yoo ta’e, hiikni isaa, “maqaa waligalaa dubbii irraa, hojii keessaa
fi alaa irraa wanta Rabbiin jaallatu fi itti gammaduudha. Salaanni, zakaan,
soomni, hajjiin, dubbiin dhugaan, amaanaa eegun, haadha abbaa toola oolun,
firummaa sufuun, waadaa guutun, wanta gaaritti ajajuun, wanta badaa irraa
dhowwuun, kaafirota fi munaafiqootatti qabsaa’uun, ollaatti, yatimootatti,
harka qalleeyyitti, karaa deemaa fi tajaajilaatti tola oolu fi beeladoota
kunuunsun, du’aayi (Rabbiin kadhachuun), zikriin, Qur’aana qara’uun fi kkf
ibaadaa (gabbarrii) irraayyi. Haaluma kanaan, Rabbii fi Ergamaa isaa
jaallachuun, Rabbiin sodaachun, amantii isaaf qulqulleessun (iklaasa
qabaachun), murtii Isaatif obsuun (balaa nama qunnameef obsuun), qananii
Isaatiif galata galchuun (shukriin), murtii Isaatti gammaduun, Isarratti
hirkachuun, rahmataa Isaa kajeelun, adabbii isaa sodaachunii fi kan kana
fakkaatan ibaada (gabbarri) Rabbii irraayyi.52”
Hiika jalqabaati fi kan lammataa akkamitti gargar baasu dandeenya jechuun
namni gaafachu danda’a. Hiika jalqabaa irratti ibaadaa jechuun jaalalaa fi of
gadi qabuu guutuudha. Namni wanta tokko garmalee yoo jaallatee fi of gadi
51 Ash-Shirku fiil qadiimi wal hadiisi-fuula 149-152, Abu Bakr Muhammad Zakariya 52 al-ubudiyata fuula 6, Ibn Taymiyah
| 57
qabeef wanta san gabbaraa jiraa jechuudha. Akka hiika lamaffaatti immoo
ibaada jechuun wantoota Rabbiin itti ajajeedha. Fkn, kan akka salaata, zakaa,
sooma, hajjii fi kkf. Namni wantoota kanaan Rabbiin gabbara. Kanaafu, hiikni
ibaada lamaan kunniin wal keessa kan seenaniidha. Namni Rabbiin gabbaru
jaalala fi of gadi qabuu guutuun wanta Inni itti ajaje nama hojjatuudha.
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa namoota karaa adda addaatin qora. Wantoonni
namoota qoraman irraa barbaadaman: Obsa, shukrii, wantoota Rabbiin itti ajaje
hojjachu, wanta Inni dhoowwe dhiisu, iklaasa, Isaaf of gadi qabuudha…” Hiika
ibaada armaan olii yoo ilaalle, ibaadan wantoota armaan olii kanniin of keessatti
hammata. Kana jechuun obsi, shukriin, wantoota Rabbiin itti ajaje hojjachuun,
wanta Inni dhoowwe dhiisun, iklaasni, Isaaf of gadi qabuu fi kkf “ibaada” jalatti
walitti qabamu. Kanaafu, namoonni jireenya addunyaa tana keessatti yommuu
qoraman wanti isaan irraa barbaadamu “Ibaadadha” jechuudha.
Kanarraa ka’uun namoonni maaliif uumaman jenne yoo of gaafanne, deebiin
isaa kana ta’a: namoonni kan uumamaniif qoramuun ibaadah isaan irraa
barbaadamu akka mirkaneessaniifi ykn galmaan gahaniifi. Ergasii jazaa
hojii isaanii akka argataniif
Osoo qormaanni adda addaa jiraatu baate, silaa ibaadan barbaadamu kuni galma
hin gahu. Fakkeenyaaf, osoo rakkooleen adda addaa nama qunnamu baatanii,
silaa namni akkamitti gara Rabbii deebi’uun Isa kadhata, akkasumas obsaa?
Rakkooleen qormaata. Du’aayi fi obsi immoo ibaadadha.
Ammas, osoo badiin adda addaa addunyaa tana keessa jiraachu baate silaa
namni akkamitti tawbataa? Badiin (diliin) adda addaa qormaata, tawbaan
immoo ibaadadha.53
Namoonni jaallataniis jibbanis ibaadah ni mirkaneessu. Namni Rabbiin gabbaru
didee fi ibaadaa irraa of tuulu, yeroo rakkoo ibaada ni mirkaneessa. Kana
jechuun yeroo rakkoon garmalee itti cimu gara Rabbii deebi’un Isa ni kadhata,
of gadi qabaaf. Warroonni amanan immoo filannoo isaaniitiin yeroo rakkoo fi
53 Dabalataaf Rawdatul Muhibbiin fuula 96,99-100 ilaali, Ibn Al-Qayyim, Daaru aalamul Fawaa’id
| 58
tolaa Rabbiin ni gabbaru, ibaada isaan irraa barbaadamu ni hojjatu. Kanaafu,
namoonni jaallatanis jibbanis ibaada ni mirkaneessu. Garuu ibaada kana irraa
eenyutu fayyadamaa?
Rabbiin subhaanahu wa ta’aala ilmaan namaa irraa ibaada kan barbaaduf
mindaa gaarii isaaniif kennuufi. Ibaada isaanii irraa gonkumaa hin fayyadamu.
Sababni isaas, Inni Dureessa, Of Danda’aa fi Of Gahaadha. Namoonni Isa
gabbaranii dhiisanii wanti Isarraa hir’atu ykn dabaluuf hin jiru. Kanaafu, ibaada
irraa kan fayyadamu namuma ibaada hojjatuudha. Rabbiin ni jedha:
“Namni qabsaa’e kan inni qabsaa’u lubbuma isaatiifi. Rabbiin dhugumatti
aalama hundarraa Dureessa. Isaan amananii fi hojii gaggaarii hojjatan,
badii isaanii isaan irraa ni haaqna. Dhugumatti gaarii waan isaan dalagaa
turanii isaan mindeessina.” Suuratu Al-Ankabuut 29:6-7
Namni nafsee isaatti, sheyxaanaa fi diinotatti qabsaa’un wanta itti ajajame
hojjate, kan inni qabsaa’u fi hojjatu lubbuma isaatiifi. Kana jechuun bu’aa fi
mindaan qabsoo fi hojii isaa gara isaatti kan deebi’uudha. Rabbiin hojii isaanitti
hin fayyadamu, Inni wantoota uumaman hundarraa Dureessa waan ta’eef. Hojii
badaa irraa isaan dhoowwun hojii gaaritti kan ajajeef mindaa gaarii isaaniif
kennuufi. Kanaafi, itti aanse ni jedha, Isaan amananii fi hojii gaggaarii
hojjatan, badii isaanii isaan irraa ni haaqna. Dhugumatti gaarii waan isaan
dalagaa turanii isaan mindeessina.”
Rabbiin warroota amananii fi hojii gaggaarii hojjatan badii isaan irraa ni haaqa.
Kana jechuun badiin suni hanga akka hin hojjatamne ta’utti isaan irraa
| 59
haaxawa. Akkasumas, hojii gaarii isaan hojjataniin isaan mindeessa. Kana
jechuun Isaaf ajajamuun hojii gaarii hojjataniif mindaa guddaa kennaaf54.
Garuu ibaadan kuni nama fayyaduuf ulaagaalee sadii guutuu qaba. 1ffaa-
Iimaana qabaachu. Kana jechuun Rabbitti amanuu, Malaykota Isaatti,
Kitaabban Isaatti, Ergamtoota Isaatti, Guyyaa Aakhiraatti fi qadaratti
amanuudha. 2ffaa-Rabbiif jedhanii hojjachuu (iklaasa). 3ffaa-Akkaata
shari’aan ajajeen hojjachuu- kana jechuun Nabiyyii (SAW) hordofu.
54 Tafsiiru Sa’diyy-fuula 735, Zaadul Masiir 1077
| 60
Ikhlaasa Namni iimaana fi tawhiida qulqulluu qalbii keessaa yoo qabaate hojiin isaa isa
fayyada. Ta’uu baannan tokko qabaatani kan biraa dhabuun ykn lamaanu
dhabuun homaa nama hin fayyadu. Fakkeenyaf namni kaafira ta’ee hojii
gaggaarii baay’ee hojjachuu danda’a. Bu’uura hojii kan ta’e iimaana waan hin
qabneef hojii gaggaariin kuni homaa isa hin fayyadu. Ammas namni iimaana
qalbii keessaa qabaatee garuu yoo hojii isaa keessatti ikhlaasa hin qabaatin,
hojiin isaa suni jalaa bada. Ammas namni iimaana fi ikhlaasa qabaatee garuu
hojii san akkaataa shari’aan ajajuun yoo hin hojjatin, hojiin isaa suni isa hin
fayyadu. Kanaafu, hojiin tokko Rabbi olta’aa biratti fudhatama argachuuf
iimaana bu’uura kan godhate, ikhlaasan kan hojjatamee fi akkaata shari’aan
ajajuun kan raawwatame ta’uu qaba.
Sammubani.com irratti waa’ee iimaana fi hundeewwan isaa jahan ilaalle turre.
Kanaafu, ulaagaa kana irra hin deebinu. Amma ulaagaa lamaffaa hojiin ibaada
fudhatama ittiin argatu ilaalla. In sha Allaah ulaagaa sadaffaa gara
fuunduraatti fiqh jalatti ni ilaalla.
Hiika ikhlaasa Jechi Iklaasa (إخلاص) jedhu, jecha "Akhlasa(أخلص)" jedhu irraa kan
fudhatameedha. Akhlasa jechuun qulqulleesse jechuudha. “Akhlasa shey’an”
yommuu jedhu “wanta tokko makaa irraa qulqullesse, dhinbiibe” jechuu isaati.
Akhlasa lillahi diinahu-Amanti isaa Rabbiif qulqulleesse yommuu jedhu,
“Shirkii, na argaa fi na dhagahaa dhiise”55 jechuu isaati. Kanaafu, Ikhlaasa
jechuun Rabbitti dhiyaachuf qofa hojii gaggaarii hojjachuu fi Isatti wanta biraa
qindeessu dhiisudha. Fakkeenyaf namni yommuu du’aayi godhu Rabbiin waliin
waan biraa kadhachuu yoo dhiisee fi niyyaa isaa na argaa fi na dhagaha irraa
yoo qulqulleesse, inni ikhlaasa qabaa jechuudha. Ammas, yommuu salaatu,
sadaqaa kennu, soomu, hajjii hajju fi hojii gaggaarii biroo hojjatu, Rabbiif qofa
jedhee yoo hojjatee fi hojiiwwan isaa kana keessatti na argaa, na dhagahaa, na
jajaa,beekkamti, maallaqaa fi faayda addunyaa biroo yoo hin barbaadin, inni
ikhlaasa qabaa jedhuudha. Gabaabumatti, ikhlaasa jechuun Rabbiif hojii
55 https://www.almaany.com
| 61
qulqulleessudha (Khaalisan lillah). Kana jechuun hojicha qulqulluu gochuu fi
Rabbii olta’aa waliin shariika (hirmaataa) gochuu dhiisudha. Sababni isaas, akka
lugaatti Khaalis jechuun wanta qulqulluu ta’ee fi makaa isa balleessu of keessaa kan
hin qabneedha.
Hiika kana jechi Rabbii olta’aan ifa godha:
ف﴿ مح لك نحعمٱوإنه ونهلح افب ط مه مم قيك سح ن ه ةا ناۦلعبح فرحثودمله منبيح
بي ال لشه اسائغا ﴾٦٦خالصا
“Dhugumatti beellada keessas barnootatu isiniif jira. Waan garaa isaanii
keessa jiru irraa cumaa fi dhiiga jidduu aannan qulqulluu dhugdotaaf
gadi liqimfamaa ta’ee isin obaafna.” Suuratu An-Nahl 16:66
Jechi, “aannan qulqulluu (labanan khaalisan)” jedhu aannan qulqulluu akka
ta’e kan ibsuudha. Namni yommuu sa’a ykn gaala elmu aannan qulqulluu
makaa akka dhiigaa, fincaanii fi xurii biroo hin qabne elma. Aannan makaa
kanniin irraa qulqulluu waan ta’eef aannaan qulqulluu (Khaalis) jedhame.
Haaluma kanaan hojiin gaariin tokko qulqulluu (khaalis) kan jedhamu makaa
akka shirkii, na argaa (ar-riyaa), na dhagahaa, na jajaa, of dinqisiifachuu fi kkf
irraa yoo qulqullaa’edha. Namni makaa kanniin irraa hojii isaa yoo qulqulleesse
ikhlaasa qabaa jechuudha.
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa hojii akka Isaaf qulqulleessan ajaja. Sababni
isaas, hojii Isaaf qulqulleessuun (ikhlaasni) hundee amantiitii fi bu’aa baay’ee
kan qabuudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
وا﴿ ب د لعح واإله مر ٱوماأ حلصيل لله ينٱم والد نفاءوي قيم لوةٱح ت والصه وي ؤح
ٱ كوة لزه ﴾٥لحقي مةٱوذلكدين
“Rabbiin qofa gabbaruu, qajeelanii amantii Isa qofaaf qulqulleessu,
salaata sirreessanii salaatu fi zakaa kennuu malee homaa hin ajajamne.
Kuni amanti qajeeladha.” Suuratu Al-Bayyinah 98:5
| 62
﴿ لللهين ٱأ ٱلد الص ﴾لح
“Dhagayaa! Amantiin qulqulluun Rabbi qofaafi.” Suuratu az-Zumar 39:3
Amanti jechuun ajajamuu fi masakamuudha. Amantiin Rabbiif yommuu
jedhamu Guddinna Rabbitiif gadi of qabuu fi of xiqqeessuun Isaaf ajajamuu fi
masakamuudha. Jecha “Dhagayaa” jedhu labsii cimaa labsuu fi namoonni
xiyyeefannoo cimaa akka itti kennaniif itti fayyadaman. Hiikni Aayah kana
ta’a: yaa namoota xiyyeeffannoo itti kennaa, amantiin makaa irraa qulqulluu
ta’ee Rabbii Tokkichaaf malee eenyufillee hin ta’u. Wanti shirkii of keessaa
qabu gonkumaa Isa bira hin gahu.56 (Isa biratti fudhatama hin argatu).
Amanti qulqulluu jechuun amanti Rabbitti dhiyaachuf malee wanta biraatti
dhiyaachuf hin yaaddamneedha. Niyya gabrichaa keessa Rabbiin ala wanti
biraa yoo seene, namni kuni ikhlaasa keessaa baha. Sababni isaas, hojiin isaa
qulqulluu hin taane. Kanaafi, shirkiin wanta biraa Rabbiin waliin wal
qixxeessudha. Namni Rabbitti waa qindeesse (mushrikni) ikhlaasa keessaa
bahee jira. Sababni isaas, haqa Rabbiif malee eenyufillee hin mallee wanta
biraatiif kennuun wanta Rabbiin ala jiran Isaan wal qixxeesse jira. Kuni immoo
faallaa ikhlaasati.
Kanaafu, iklhaasa akkana jennees hiiku dandeenya: Ikhlaasa jechuun amanti
qulqulluu Rabbiin malee wanti biraa ittiin hin barbaadamnedha. (Jecha biraatin,
Ikhlaasa-jechuun hojii ibaada hojjatan keessatti Rabbiin malee wanta biraa kan
itti hin barbaannedha.)
Ammas, faallaa isaatiin ikhlaasa hiiku dandeenya: Ikhlaasa jechuun shirkii kan
of keessaa hin qabneedha. (Shirkii jechuun Rabbitti waa qindeessudha.
Fakkeenyaf namni akkuma Rabbiin kadhatu, sodaatu, kajeelu, wanta biraas yoo
kadhate, sodaate fi kajeele, shirkii hojjate jedhama.) shirkiin gosa lamatu jira.
56 Ma’aarij Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabbur– Abdurahmaan Hasan
Habankaa 12/152
| 63
Tokkoffaa kan Islaama keessaa nama baasu shirkii guddaa yommuu jedhamu
lamaffaan immoo shirkii xiqqaa amanti keessaa nama hin baasnedha. Shirkiin
guddaan wanta biraa Rabbi olta’aan wal-qixxeessudha. (Fakkeenyaaf, Akkuma
Rabbiin rooba samii buusu ebalus rooba ni buusa jedhani amanuu fi nama san
kadhachu. Sifaata (amaloota) fi hojii Rabbii kan uumamtootin wal fakkeessu.)
Shirkiin xiqqaan immoo hojii san kan nama jalaa balleessudha. Fakkeenyaf, kan
akka na argaa (riyaa). Ikhlaasni shirkii kanniin lamaan irraayyu qulqulluu kan
ta’eedha.
Kanaafu, ikhlaasni roga (rukni) lama qaba. 1ffaa-Isbaat (raggaasisuu ykn
mirkaneessu), 2ffaa-Nafiyy (dhabamsiisu). Namni tokko yoo raggaasisee fi
dhabamsiisee malee mukhlisa (nama ikhlaasa qabu) ta’uu hin danda’u. Kunniin
lamaan rukni tawhiidaati. Raggaasisuu jechuun ibaada hunda Rabbiif qofa
gochuudha. Dhabamsiisu jechuun immoo wantoota Rabbiin ala jiraniif ibaada
(gabbarrii) homaatu gochuu dhiisudha. Jechi Laa ilaah illa Allah (Rabbiin
malee dhugaan gabbaramaan hin jiru) jedhu kana ifa godha. (Laa ilaah-dhugaan
gabbaramaan hin jiru)-kuni wanta Rabbiin ala jiran hundarraa ibaadaa
dhabamsiisudha (nafiyy). (Illa Allah-Rabbiin malee) Rabbi tokkichaaf ibaada
raggaasisudha (isbaat).
Namni dhabamsiisee (nafiyy) godhee yoo hin raggaasisin, inni warra tawhiidaa
keessaa hin ta’u. namni Laa ilaah jedhee jechuma tana irratti dhaabbate eetisti
ta’a. (eetisti jechuun nama Gooftaan wantoota kanniin uume hin jiru, wantoonni
ofumaan argaman jechuun lallabuudha.) Ammas namni raggaasisee garuu hin
dhabamsisin warra Rabbiin Tokkichomsan keessaa hin ta’u. Namni “Rabbiin
Gooftaa gabbaramu akka ta’e nan amana, garuu wantoota Isaan ala jiran irraa
gabbarrii (ibaada) hin dhabamsiisu” yoo jedhe, namni kuni nama Rabbiin
Tokkichoomsu hin ta’u. Kana irra, mushrika ta’a57.
Guduunfaa
➦ Ibaada jechuun akkaataa shari’aan Rabbii itti dhufeen hojiiwwan Inni itti
ajajee hojjachuu fi hojiwwan Inni dhoowwe dhiisun Jaalalaa fi ol guddisuun
57 Sharih Usuulul Sitatti- Abdurazzaaq bin AbdulMuhsin al-Badri
| 64
Rabbiif of gadi xiqqeessudha. Namni dhugaan Rabbiin gabbaru nama Isaaf
gadi of xiqqeessu, Isa jaallatuu fi Ol-guddisuu (garmalee kabajuu)dha.
➦ Rabbiin subhaanahu wa ta’aala Ol-Guddisuun (ta’aziim), garmalee
jaallachuun, Isaaf of gadi qabuu fi of xiqqeessun dhuka yookiin hundee
ibaadati.
➦Hojiin ibaada hojii gaggaarii kamiyyuu Rabbiin subhaanahu wa ta’aala
jaallatudha. Hojiiwwan gaggaariin Rabbiin biratti fudhatama argachuu fi
namni hojii kanaan badhaafamuuf, ulaagaalee sadii guutuu qaba.
1ffaa- iimaanni qalbii isaa keessa jiraachu. Kana jechuun Rabbitti amanu,
Malaaykota Isaatti, Kitaabban Isaatt, Ergamtoota Isaatti, Guyyaa Aakhiraatti
fi Qadaratti amanuudha58.
2ffaa- Yommuu hojii hojjatan ikhlaasa qabaachu.
3ffaa- Akkaataa shari’aan ajajeen hojicha hojjachuu. Namni kanniin sadan
guutuun hojii gaarii yoo hojjate hojiin isaa hojii fudhatamu argatu ta’a. Hojii
isaatiif mindaa guddaa argata
➦ Ikhlaasa jechuun Jaalala Rabbii barbaadun hojii gaarii tokko hojjachuudha.
Jecha biraatin ikhlaasa jechuun hojii gaarii shirkii guddaa fi xiqqaa irraa
qulqulleessudha.
➦ Namni hojii ibaadaa hojjatu keessatti niyyaa ofii Rabbiitti dhiyaachu
qofaaf yoo qulqulleesse inni mukhlis (nama ikhlaasa qabu) jedhama. Namni
kuni hojii ibaada hojjatu keessatti na argaa (riyaa), na dhagahaa, na jajaa,
maallaqa, dubartii fi kkf hin barbaadu. Kaayyoon isaa jaalala Rabbii argachuu
fi Aakhiratti mindaa guddaan milkaa’ufi.
➦ Akkuma aannan yommuu gur’uu keessaa bahu makaa akka dhiigaa fi
wanta xuraawa irraa waan qulqullaa’ef aannan qulqulluu (labanun khaalis)
jedhamu hojiin gaariinis makaa akka shirkii, na argaa, na dhagayaa, na jajaa,
of-dinqisifachuu fi kkf irraa yoo qulqullaa’e hojii qulqullu (Khaalis) jedhama.
Kanaafu, namni Guyyaa Murtii mindaa Guddaan milkaa’uf hojii isaa akka
aannanii makaa irraa qulqulluu gochuuf tattaafachu qaba.
➦ Kanaafi, namoonni hojii isaanii makaa irraa qulqulleessan Aakhiratti
dhugaatin isaanii aannan qulqulluu, damma qulqulluu, bishaan qulqulluu fi
farshoo adii nama hin macheessine qulqulluu ta’aaf. Al jazaa’u min jiinsil
58 Guduunfaa iimaana barruu tana irraa ilaalun ni danda’ama: https://www.sammubani.com/2019/01/20/guduunfaa-iimaanaa/
| 65
amali (Mindaan gosa hojiitin). Namni hojii isaa qulqulleesse mindaa guddaa fi
qulqulluu ta’e argata.
Wa aakhiru da’awaanaa anilhamdulillahi Rabbiil aalamiin
Jibriil Abdallaa -itti gaafatamaa fi barreessaa websaayitoota fi fuula fesbuuki
66
Qunnamtiif:
Website: www.sammubani.com
Wordpress: https://sammubani.wordpress.com/ Facebook: https://www.facebook.com/jireenyabadhaatu/
Email: [email protected]